Waggooti digdamman darban tibba qabsaawoti sochii bilisummaa Oromooo qusannaa tokko male dhaaba saanii gad ciruutt taa’an ture. Sun tibba,warana humnaa fi sammuquwa barbadeessaa walirratt gaggeessan ture. Yero isaan hanga gandaatti gad bu’anii of xiqeessuun lola fokkuu guddis badii walirratt gaggesaniin diinni basha’u firri garaa gubataa bahe. Qabsoon diina alaa waliin tolfamu yoo irraanfatamu inni keessaa jette jettee malee sirritt quba itt hin qabamne. Kan tolchuu danda’an murna murnatt gumaawu yoo tahu sunis darbee akka ameebaa wal heddummeessuutt ka’e. Tibba maraatummaa kan safuun xifa itt irraanfatames ture. Sun akka fakkeenya barnoota mucucaatt yoo yaadatame iyyuu gonka lamuu akka hin deebine abdatama. Kana tolchuuf ogeeyyiin bobba’an yoo ta’e, galata warraaqxota Oromoo kutatoo ta’anii, sochii walabummaa balleesuuf hin milkoofne; qabsoon deebi’ee xurree sirrii qabataa jira. Amma kan darbe darbee qabsoo keessatt qabaa haaraan egeree wayyaaf abdii kennuu fi goomattuu daaffisu eegalameera. Oromoon waan fe’eefuu qabso irraa lamu akka hin mucucaanne abdatamma.
Waluma faana ummati Oromoo qabsoo sabaawaa jarjarsuun rogaa fi shaffisa haraa kennaafii jira. Hifachiisi abdii fiixaaan hin baanee fi salphinni diinaan irra gahu sadarkaa gadi qabuu hindanda’amnett finiinsaanii jira. Kun hunda keessaa, hobbaatii sochii barattoota Itophiyaa fi Waldaa Maccaa fi Tuulamaa (MT) 1960otaa nama qaabachiisuu dandaha. Barattootii cunqurfamaa sagalee hin qabneef sagalee tahanii turani. Mootii abbaa gonfoo didhuun balleessaa saa saxilan. Hundee raasuun tasgabii dhabsiisanii, garuu hooggansi malbulchaa ijaarame waan hin turreef hobbaatii qaabsoo saanii tuuta loltuu waa’ee ummata afarsuun jalaa butame. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa sochii hoggansa malbulchaa ijaarame hin qabne waan tureef koloneeffataan salphaatt diiguu dandahe. Garuu ABOn achi keessaa duuba marguu danda’eera. Ammas yoo hoggansi malbulchaa murteessaan biratt argamee gaggeessuu baate sochiin si’anaas carraan qabu jara fakeenyaaf dhahaman irraa adda hin ta’uu. ABOn mana saa walqixxeessuu eegaluun abdii kan kennu yoo ta’u kanneen ilaalcha malbulchaa walfakkaataa qaban kaayyoo ganamaa fulduratt dhiibuuf harka walqabatanii akka ka’an abdatama.
Utuu qabattee waliigalaa qabsoo Oromoo si’anaatt hin seenin barreessaan kun miseensota Gumii Sabaa ABO (GSA) baga caba dhaaba keessanii dhinsitanii masaka ittiin jabatu kennuun milkiin baatan jechuu fedha. GSA Kora Sabaa gaditt abba tahitaa Olaanaa dhaabichaa waan ta’eef qabaa haaraa dhabichatti, lubbuu haaraa fi karaa yaadaa haaraa itt horuuf dirqamaa fi abbaawummaa qaba. Jarmoti ilmoo namaa, hunda yoo ta’uu baatan garri caalaan jiruu saaniif fala ammayyaa ta’ett dhimma bahu. Jarmoti hundi baraaramuuf waliin dorgomaai jiru. ABOn isaan keessaa tokko akka ta’uu saatt, Qabsoon sabicha badiisa irraa oolchuuf tolfamu haala qabatamaa jireenyaa hamaa muldhatu irraa baraaramuu qaba. Eegumsaa ofii jalatt balleessaa dhaqabuuf miseensa GSA itt gaafatama qabu. Kanaaf sadarkkaan halle sirriitt hojjechuu saa gamaaggama walirraa hin cinne barbaachisuu hin oolu. Hojii fuldura jiru akka milkiin bahu, miseensi jiruu dhaabichaa keessatt carraa qooda fudhannaa walqixxee qabu fi hubataa ta’e barbaachisaa dha.
ABOn MT sochii hawaasaa waltasifamaa, of bara Oromoof hedduu gumaache; sochii darggaggoo of kennanii mootii empayeraa dabaanbulummaa saa qullaa dhaaban; akkasumas sochii warraaqsa addunyaa cunqurfamootaa fi murnoota yaroof abdii kenne keessaa dhalate. Hundi kun walitt ofbara cunqurfamoota wayyaba tahanii olkaaseera. Dhaabii kanneen akkasii keessaa bahe jagnaa fi gamna ta’uu gadi kan irraa eegamu hin jiru. Baroota hedduuf ABOn sana ta’uu saa raggaasisee ture. Dhaaboti akkasii kan dhimma baasan yoo namoota ittisaa fi nageenya sabaa fi dhaabasaani mirkaneessuu danda’aniin hogganamani. Sanaaf jagnummaa, dudhamaa fi kutattummaa, s’aayina warraaqxummaa waliin qabu kan feesisu. Of haaromsuu fi of eeggannoon yeroo hallee dubatt haftummaa, iccitii dhaabaa fi balaa hoggana irra gahu oolchuu danda’aa.
ABOn seenaa qabsoo Oromoo keessatt yeroo jalqabaaf sagantaa malbulchaa kallattii qabsichaa fi manii dhumaa yayyabe dhaaba gadi bahee. Dilormaan itt yaadee haa tahu dhagna keessaa danfee kana irratt akka qooda fudhatu dursee ni beekama. Wanti kun wareegama guddaa akka gaafatu enyuu waan heduu danda’u. Kanneen jalqaba geengicha naannesssan irraa qoollifachuu dandahu garuu kan geengichi macalaqsee deebisuun hin danda’amu. Kanaaf sabboonoti dhugaa kan geengicha darbatan waan ta’e hundaaf abbaawummaa fudhachuu irraa of oolchuu hin danda’anii. Seenaa ummatichaa fi sochii malbulchaa saa, yaada jijjiirrachuu ofii ittiin sirreessuuf irra deebi’anii barreessuu yaaluun of xiqqeessuu fi abbawummaa dhabuu dha.
Oromoon lolota barbadeessoo hedduu lolaniiru haa tahu malee namoota boji’an irratt hamaa tolchuun saanii dhagahamee hin beeku. Garuu Oromoo boojuun gooftolii tajaajilan waan goftoliin ajajan bareechanii tolchaniiru ta’aa. Oromiyaa sanaaf komachuun daallummaa dha. Ummati koloneefaman akka Hindii fi Sudaaniifaa waraana British kanneen biraa fi ummata saanii irratt goddhe keessatt kumatamootaan hiriirfamaniiruu. Qooda fudhannaa sanaaf beekoti Hindii haa tahanii Sudaanii biyya saanii haddheessanii hin beekani. Oromoo irraa jecha fokkuu akkasii dhagahuun akka Oromoott safuu dha. Qabatteen kana fakkatan hirooyoota gidduutti yoo bu’aa barnootaa qabatan ka’anii haasawa’amuu ta’a malee ummata mirga ofii gaafatu yakkuun fudhatama ittiin argachuu yaaluun farraa.
Dhumiisa ijoollee Oromo gidduu darbe ta’een boqonnaa haaraa qabsoo Oromo jalqabaa jirraa. Dhumisichi seeraa kabajchiisuu fi nagaa buusuuf hin turre, dingataawaas mitii, itt gala tokkoof waan karoorfamee hojii irra oole ture. Bulchooti empayerittii hundi saba Oromoo hoggansa walabummaaf feesisuun dhabsiisuuf namoota qabsoo diddaa gaggeessuuf dandeettii riphaa qabatinuu jedhan hunda ajjeesaa dhaloota ol adeemaa Oromoo gadi quwaa as gahani. Amma garuu gochi diinaa Oromoo addunyaa keessa jiran hundaa ofitt dammaqsee walduukaa altokkoon tasa akka ka’an tolchee jira. Haleellaa sababa hin qabne diinni biyyaa fi daa’mman saa irratt raawatu hedduu isaan finiinseera. Sochiin tasaa akkasii sochii diddaa qaata deemaa jiruuf deggersa guddatt akka jijjiiramu mamiin hin jiru.
Kaayyoo Oromoon jala hiriiraa dhufe jabaa fii kan hin dabsatamne. Kanaafi kallachi qabsoo sabaa, ABOn, laaffatus jabaatus kaayyichatt cichuu saatiif haala duree malee kan jallatamuu fi deggeramu. Miseensoti saa baruu kan qaban nameenyaa saanii utuu hin ta’in kaayyichaaf kan jaallatan jaallatu. Jaallali fi deggersi kun kan itt fufuu dandahu hanga miseensoti saa kaayyicha kabajaanii fi utuu irraaa hin ququnxurin tiksuu dandahanittii. Tooftaan jijjiramuu dandaha taha garuu maqaan ABO jedhamu jiraachuuf maniin yk kaayyoo kaa’atame yoo hin faalamne qofaa. Waan qabsaawoti Oromoo tokko tokko hin hubanne maqicha keessa kan jiru diinni bareechee hubateera. Kanaafi kan inni irrabuusa “gooltuu” jedhu itt maxansee balleessuuf gatii saa hanga sabgidduuttkan ol kaasaa jiru. ABO jechuun Oromoo, Oromo jechuun ABO ta’ee jira. Hagam keessaa bahanii ABO fi kaayyoo laganne jedhanii kakatanis kan sababa adda addaan ABO jibbanis gaagaa maqichaan dhufu jala hin bahani.
Akka maqaa saa irraa mullatutt Addi bilisummaa Oromoo addaa murnoota yk namoota ilaalcha addunyaa adda addaa qabanirraa tolfame. Hundu kaasaa qabsichaa fi itgala akeekame, Republika Oromiyaa Demookraatoftuu gaddhaabuu irratt waliigalaniiru. Garaa garummaan ilaalchaa kan shaakalamu walabummaa duuba malee tibba qabsoo diddaa akka hin ture fudhatamaa dha. Akka Oromiyaa biyyoota qabsoon itt gaggeeffamaa turan keessaa tuquuf, Eeritra, Tigray, Sudan, Ginii Bissawu, Zimbabwe, Africa Kibbaa, Indiyaa, Chayina, Vetnam fi Kuuba faatu argama. Dhaaboti hundaa biyya bilisa baasna jedhan keessatt kan hundeeffaman turan. Yeroo dhiibbaa guddaan nyaaphi isan irratt xiyyeeffachuun sochii saanii jarjarsu illee tahitaatt bakka bu’aa ramadanii haleellaa jalaa hogganooti yeroo gabaabduuf biyya alaatt yk lafa jalatt miliqaa turani. Battalli dhaaba tokkoo yeroo murtawaa hin taaneef qeyee fagatee turuuf sababa kennuun rak kisaa dha. Battalli biyya ofii keessaa qabaachuu dhabuunis fafaa.
Hoggansi akka jiruun waggaa dheeraaf biyyaa ala turuu fakkeenya bira arguu hin dandeenye. Yoo jiratanis achumaan hafani. Warri mooti Itophiyaa biyya baqatee deebiin waggaa shan itt fixe baduu dura Battala saa Goreett dabarsuun nama bakka saa hojjetu buusee ture. Battalichi kan moo’een buqqifame. Utu British hin jirree deebi’ee jaalbiyyootaa fi biyya baqatee deeme irratt hin fe’amu ture. Yeroo want akka burjaajii wayi uumame hanga dhaabichi deebi’ee wal gurmeessutt milqanii dhaabicha badiisa irraa oolchuun sirrii ture. Garuu sun yeroo dhuma hin qabneef waan eegamu miti. Kan tursu yoo jiraate miseensotaa fi deggertooti shaffisa dandahamuun furmaata soquu irratt qooda akka fudhatan ifaa yoo ta’eef haddheessa sobaa fi jette jettee xobbeett kutuuun ni dandahama.
Kan bilisummaa eeggatu Oromiyaa dha. Humni namaa fi waan halleef maddi barbaachisuu garri caalu achuma jira. Kan hoogganooti egree itt kota’amanii fi abbaawumaa fudhachuuf fulduratt fidamaniis achumatti. Qabsoo fuula tokkott dachaasuun kan dandahamus biyyattii.Sabboonoti miiddhaa kolonummaa inna dabartu hunda muuxataa jiranis kanneen qeyeett argamanii. Kanaaf waa’ee kanaa irra deddeebi’anii gamnumman yaaduu feesisa. Badiin (diasporan) waliigalatt qooda qabsoo sabaa keessatt taphatu qaba. Akka jiraataa fi nambiyyaatt biyya itt argamaniif dirqama qabu. Akka miseensota lammii tokkoottis nageenyaa dhaaloota duubaa qacee walirraa qabaniif wanti gumaachan ni jiraata. Tokko tokko erga qananii hawaasa bacarraqaa barani duuba addunyaa sadaffaatt deebi’aa jechuun ni rakkisa ta’aa. Kanaaf dubbii roga halleen ilaalanii qooda ofii tolu fudhachuun akka ta’aa. Kanneen warra Oromoo irraa dhalatan sabi warra saanii namoota lakkoofsaan isaanitt hin akeekamneen injifatamuu fi hanga yoonaa qaba jala turuun isaan tuffachisuu irrayyuu iyyaatii dhabuun akka froota saaniitt qaana’an tolchuu dandaha.
Gaaffiin kun nama hedduuf malalchiisaa dhaa. “Haleellaan duraa walakaa diliiti” jedhama.Haleellaa duraa fi ba’aa ergasii itt fe’ametu sabicha hadoochee. Injifatamuu fi qabaa jala akka turuu taasisuuf kaasaa ta’innu kan jedhaman dhahamuu dandahu. Odaa Nabee duuba gosooliin finnaa xixinnoo ummatanii turan. Sun humna Oromoo hire. Sun tahuyyuu tokko tokkoon saanii Habashaa gadi hin turre. Moo’amuuf taasis tokko eegala irratt guddina dilormaa utuu hin ta’in murni yartuun kun humna abiddaatt saaqaa argachuu dhaa. Diinni yeroo meeshaa walfakkaataa qaban daangaa cehee hafuuf hin uggu ture. Taasis biraa gargaarsa waatattaa, ogummaa fi malbeeki anga’oota addunyaa irraa tajaajila keettumaa kenneef utuu walirraa hin citin argataa turee fi jiru. Taasisooti sadaffaan Oromoo boojuu, bitamtuu, mamtuu fi galtuu gantuu diinni ummata biraa fi kan ofii saanii irratt hiriirsuu danda’e ture. Utuu Oromoon akkasii diina hin tajaajillee karaa Oromiyaatt baasuu fi iccitii sabaatt saaqaa hin argatu ture. Halagaan Oromoo akkasii qabatu malee takkaa Oromoo injifatee hin beeku. Jaalbiyyooti yeroo dheeraaf kan fala hin argatiniif jiran kanaa. Haala garbummaa gadi hin taane keessaa ofbara malbulchaa argatanii bahuun sochii diddaa ijaaruun gara qabsoo keessaa isa rakkisaa ture. Waan halleefuu Oromoon alatt dhalatan duubbee seenaa akaakilee saanii baruun gaarii dha. Akka firaatt malee akka koloneeffataati biyyattt akka hin deebinee carraaquu dha.
Oromoon ammaa boqonnaa qabsoo saanii haaraa moxobaa jiru. Sabboonoti walabummaa Oromiyaaf dhaabbatan jaalbiyyoota kaayyooti cichanii jiraachisaniif galata guddaa qabu. Daddaffii fi gaaffiin qabaa haaraa kanneen kanaan duraa hunda caalaa guddaa dha. Guddina jiruun walgituuf dandeettii teknoloojii haaran argamsiisett dhimma bahuu dha. Dargaggoon Oromoo abbaawummaa akkaa fudhachuu dandahaniif hiriirfamuun dansa. Barri tokko namoota waggaa dhalootaan gargar tahan qaba. Hunduu kan gumaachan qabu. Raagummaan muuxannoo waliin dhufaa, fedha dhalootaaf jedhamee hin wareegamu. Oromoon akka hawaasi itt caasamuuf sirna dhalooti hundi guddifachuu dandahu qaba ture. Murna kamiifuu luugama dhaabaa harkatt galfachuun qooda fudhachuu fi wareegama dhufuu dandahu beekuu feesisa. Nammi tokko taahitaatt olbahuu hiriyoota qooda fudhatantu murteessaa. Qeeeqi fi sookkoon kamuu filmaata wayyaaf leeyuu maluu fudhatanii gad bahuu malee, ciigoo ofi sana waliin hin deemne afarsuun mayyii hin baasuu. Utuu mana hin ijaariniif foonxee saa diiguun ummataaf bu’aa hin qabu. Sochiin ummataa tasa ka’e jiraachuuf hooggansi murteessaa dha. Kan itt ida’aman qophee dhaa, dudhama, murteessummaa fi kutannoon itt dabalamnaan bakki hin gahamin hin jiru. Oromiyaan haa jiraattu! Qabsoon walabummaa haa jiraatu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu
Ibsaa Guutama
Adolessa 2014