0

Dhamsa Warrqsa Libya

Dumbbulshoo hundi gara lama qaba. “Warraqsi Warsha” akka itt salphaatt waa homishan uumuun akkaata jireenyaa jijjiire. Warraaqsa sanaan kan ka’e daldalli caalaatt baballachuun addunyaa hunda waliin gahe. Sun barbaachaa fi gabaa waan homishamanii caalaa argamsiise. Barbaachisummaan waan homishamanii fi gabaa ballaa biyyoota warshaawoo keessa jiru qufsuuf fedhi jiru biyyoota biraati duuluu dirqisiise. 

Diinagdeena Awuropaa misha tahuf maddi waatattaa dheedhii fi humni namaa bushwaan  too’atamu qabu turan. Sun akki “Afriikaa wal harkatt qabuun” itt dhufe keessaa tokko. Si’ana waa’een jeeqama diinagdee addunyaa hedduutu dubatamaa fi mullataa jira. Diinagdeen akkuma jaarraa 19ffaa biyyoota misan rifachiisuu eegaleera. Duula NATOn Libyaa irratt gaggeessaa jiru hedduun akka rifaatii kana irra ka’ett ilaalu. Kanaafi kan Lixii ummati cunqurfame karaa danda’u hundaan abbaa hirrootaa roorrisoo ofirraa fonqolchuuf mirga akka qabu ifati hubannoo saaniitt galfatan. Sun hidhanoo fi barbaachisaas taanaan tumsa kanneen “fedha qabaniis” dabalachuu akka dandahu dubbatu.

Bartuu kerkertuu yoo too’atan qabeenya fedha saanii qufsu irra harka buufachuun  akka salphatuutu itt mullata. Bu’an argamu kan waloo ta’uu dandaha. Waliigalati hobbaatiin dhumaa qabeenya mirgisaa Liibiyaa, Ghadaafiin dhunfatamee jirutt fulaa baasuu kan argamsiisuu tahu qaba.  

Warraqsi Liibiyaa abba abbaan akka adda addaatt ilaalamuu dandaha. Dargaggoota hedduu utuu leenjisa hin qabatin garaa qulqulluun qabsichatt makamaniif bilisummaa fi ulfina ilmoo nama kurnan afuriif abbaa hirrootan dhidhiitamuf aarsaa godhamuun irra jiru. Kanneen hoogansa qabsichaa fudhataniif, daba irraan geessiseef yeroo itt hoggana saanii durii irratt carraa haaloo bahatan tahuu dandaha. Isaan keessaa hangi tokkoo kan lafa jala halagaa waliin hidhata uummatan ta’uu dandahu. Kanneen nokkorroo gitaa fi gosaa ariifachiisuu keessaa qooda qabaniif, diinagdee saanii bososaa jiruuf qabeenya Libiyaa dhuma hin qabne argachuu tahuu dandaha. Kaan kaaniif yaada walaba fi ofirrummaa Ghadaafiin qabu irratt haaloo bahachuu carraa argamsiisaaf taha. Motota Arabaaf Ghadafiin hoolaa wareegaa kan “Ayyaana jara Lixaa” qabaneesee  sirna saanii dullacha “Birraa Arabaa irra baraaruuf ciincessani. Afrikaanota gurraalee Liibiyaa jiraataa turaniif dhumiisa kanaan dura argame hin beekne, namoota kooluu gala barbaacha yk humna saanii gurguratanii jiraachuu barbaadan irra gahe.

Maltummaan NATO dhimma Afrikaa keessa seenuuf godhe farrisa hamaa fulduratt dhufuu dandahuuti. Yaadanmalli moo’ummaa kan Awuropaa keessatt mise rakkina yeros saboota gidduu jiru furuufi. Waan uumameef hamma yoonaati maa’ii baasee jira. Ammaa booda garuu  kan naannaa tokkoott qotaa naannessanii eenyuu akka hin qaxamurre dalla itt ijaaruuf  falchoo (formula) ulfoo tahuu dandahu miti.  Akka gabaan hin jeeqamneef baquleessaa yk sirn addunyaa haaraa kan jedhamu hin uggamnee fakkatu kun, rakkina hunda kan mirga ilmoo nama fi ummataa dabalatu baaquleessee furmaata argamsiisuu qaba. Maalifaan duula mootummaa Ghadaafii irratt tolfamee kanuma jedhama.

Akkasitt yoo laalame baaquleessaan bulgu sagalee nama callisiisuuf utuu hin tahin caalaatt ol kaasuuf kan dhufee. Kan jedhamu hundi kan hojii irra olchamu akka hin taane beekna. Garuu giddeessota (media) Lixaa kan bubbisa olaanaa waliin deemuun dubbatoota ango qabootaa tahuu saanii calaqisaniif  haa toluu, si’ana haasaa fi gochi akka hanga tokkoo waliin deemaa jiran gabaasa saanii irra hubachuun ni dandahama.  
Afriikaan hardhallee duudaa waan taatef qabeenya kennitu qabdii. Kanneen bilisoman jedhaman hogganoota see nama nyaatota addunyaa waliin hidhata qabantu naafessee. Qunnamtii keettolee akkasii waliin qaban ture bara imperiyalism kan Awuroopa Afrikaa qabachuu gargaare. Amma Korporationoti saba qari’an bara baaquleessaa kana keetolee akka fedha saaniiti dhandhoonaman sana caalaa qabu. Gargaarsa saaniitiin biyyoota Afriikaa walabummaa hanga tokkoo agarsiisuu yaalan irratt timaa jiru.  Sun sadarkaa batattisaati; barrisuun sichi dhufa. Hogganooti Afriikaa hedduun miira farra demokrasii tahe kan ummata irra gargar isaan baasu baayyee qabu. Kanaaf  kan isaan balalefachiisuu danda’u sababa hedduutu jiraa.  

Warraqsi homisha toluun empayera Awuropaa jaarraa 18 hanga 20tt jiru keessatt gumaacha guddaa qaba. Garba, dhagaa fi kililcho minyaa, ilka, agala, koko, bunaa fi  kkf. qabaachuun kolonummaa yerosiin  humnoota keessaa fi alaan Afriikaan akka gaaga’amtu tolche. Yero amma guddinni dilormaa, balaan uumaa fi namaan gaha jiru fi bololli luugama hin qabne hanqina waan sorataa qabeenyi ofii qofti hin qufsine uume. Sun qaata dureeyyii addunyaa sakattaa lafaa fi qabeenyaa saamuutt bobbaase. Karoorri ijoollee warraa dhalatu dangahu bakka hin gargaarrett, hanga tokkoo waan ittiin jiraatan qoqqobuu fi guddina dilormaa gadi qabuun ni jajjabeeffama. Fakkeenyaa fi busaa balleessuu irra to’achuutu gad jabeeffama. Akkasumas jeejee hundee balleessuun yaalamuu dhabuun maalifaan saa sana tahuu agarsiisa. Qormaati dhukuba gammoojii fi sombaa akka barbaachisummaa saati hin utubamne, kkf.

Furmaati biraa kaasaa barbaadanii lola oofuu dha. Lolli adunyaa keessaa hundi meeshaa abbaa warshaatiin tolfamu. Sun warshaa ittisaaf galii dha. Waraanni hin barbaachifne addunyaa keessatt akka itt kaafamanis agarreerra. Hedduun maalifaa hin qabnee dha jedhanii haa iyyan malee hundi sababa malee hin taane. Lolli hundi kumkumoota mancaasanii caasjalee hedduu barbadeessu. Kaaniif sun badii yoo tahu kaaniif immoo  kan hojii fi carraa indoo (investment) argamsiisu. Duulli Awuropaan Liibiyaatt bobbaase eegumsa nooleef jedhameera. Xiyitii yk bombii kamtu ji’a torban darban keessa nooleef hilee, kan Ghadaafii, finciltootaa moo kan NATO? Utuu dubbiin hin caamin kan ragaa bahuu dandahu jiraa? Dubbiin caamuun dhihoo hin tahu. Yeroo dheeraa dhufaniif kan walii bahan hedduu tahu. Baasii NATO hunda eenyutu baasa? Abbaan tokkoo dandahu qaba; kan isa amma ilaalutt Libiyaa yk gabbaraa baaftuu Lixaatu eegama. Kan qabeenya Libiyaa guddaa sana hiratan yarsuuf kumootatu ajjeefamee. Kuusaan sabichaa biyyoota alaa bira ture hanga biyyooti sun eenyutu hangam akka argatu murteessaniti ni hadoochame.  

Akka tokkeessoo Afrikaa dhugaatt Ghadaafiin Libiyaa tokkummaa Afrikaa gidduu kaa’e. Kan iseen lafquwiin haa tahuu seenaan keessa taate achi. Jibbi NATOn isaaf qabu hariiroo sana gara haqamuutt geessaa jira. Finciltootii gurra Awuropaatt qeensaa jiran furmaata Afriikaa dhaggeeffachuu ni didan. Hooganooti Afrikaa yaada furmaataa dhiheessuu dhaqan ciiga’amun salphisamanii. ST (UN) illee dhimmama saaniif ulfina hin kennine. Liibiyaa keessa kutaa diinagdee adda addaan Afrikaanoti gurrachi qaxaramanii hojjetan turani. Kan abbaa hirrootaa Saharaa gadii baqachuun garba gamaa kooluu gaafachuu karaa sana darbaa jiranis turani. Sanneen keessa Oromoon hedduu dha. Finciltooti Afriikaanota gurraalee kana bitamtoota Ghadaafiif lolan jechuun gara jabeenyaan hiraarsuu, guraaruu fi ajjeesuuti jiru. Noolee (sivilian) NATOn hamaa irra eeguuf abbaawummaa fudhatett lakkaa’amuuf bifa gogaa saanii malee kan hafaniin wanti adda godhu hin jiru. Ilaalchi sanyeessituu Araboota Liibiyaa tokkoo tokkoo Ghadaafiin damboofamee ture amma gaddhiisaa tahe.  Haalichi NATOn kan ija babaasaa jiru bu’a biyyoota wakkaluuf argamsiisu malee nageenya ilmaan namaa akka hin taane hubachiise.

Liibyaan biyya gosoolii tayitaa jabaa gidduun walitti qabame. Baroota darban diina alaa dhufu irratt waliin haa dhaabbatan malee akkuma hawaasa gosa hundaa morma keessaa qabu. General Abdul Fattah Younis maaliif akka du’e eenyutu beekaa? Sadoo sabgidduu (international) moo waldhabdee gosootaati? Kan fedhe haa tahu jibbi waloon warra mootiif qaban dhibdee jiru yeroo Ghadaafii duubatt dabarsuu hin oolu. Roga kanaan yoo laalamu fincilaan fincilaa irratt, gosi gosa irratt haaloo bahachuu fi hirmannaa boojuuf, akkasumas Liibiyooti fedha saba saanii waan ilaalu irratt biyyoota NATO irratt ka’uun ni hafa jedhanii yaaduun rakkisaa dha.

Geengoon warraqsa Arabaa naanna’uutt ka’eera. Bakka tokkoo tokkott giiddu seena humnoota alaan gufachuun mudachuu dandaha. Bakka biraatt giddu seenni akkasii jijjirama jararsiisuu ni dandaha taha.  Waliigalatt humnaan bulchi Arabaa hundee sosso’ee jira; danbooba gabbaarota Arabaa eenyullee sii achi akka turett eeguu hin qabu. Sun kan fedhe tahus addunyaan bara kana keessa yoomiyyuu caalaa, ummatooti abbaa hirrootaa qabsoo humnaan ofirraa buusuuf mirga akka qaban beekeeraafi. Yoomallee ifaan deggersa hin agarsiisin, warraqtota Yemen, Sawudii, Bahiren fi biyyoota Lixaaf michuu tahan biro balaaleffachuun saanii hin mullatu. Kanaan dura hangammeessa tokkoo akka isaan hin qabaanne beekamaa dha. Kaka’i saanii si’anaa maaliyyuu haa tahu mootummooti Lixaa sagalee saanii ol kaasanii mootummoota tokkoo tokko kan mirga ilmoo namaatt roorrisan fi ummata saanii hin dhaggeefanne irratt adaba yoo buusanii fi balaleffatan dhagahama. Kun qaama nafii fi akeeka demokraasii himataniiti. Kan deggersa sabgidduu hawwachuun dadhabame laafina qabsaawota malee lolli qabanaawaan dhaabbachuu miti. Geengoon ummatoota Afriikaa ofumaa naanna’uu itt fufee funcaa kolonummaa baroota darbanii, kolonummaa haaraa fi  duula haaraa irra of bilisoomsuu qaba.

Biyyoota amma mararfannoo addunyaa argatan keessaa kan akka Oromoo, saba Baha Afrikaa, kumkumkuma 30 ol tahu himatu, hacuucame, itt roorrifame yk salphisame hin jiru. Kunis gartokkoon kan tahe afanfajjii gurguddoo sooressoota utuu karaan bahaa fi bu’ii saa hin geedaratin maarshii jijjiratanin faca’eeni. Kanneen akka sanaa itt gaafatamma nambiyyoota fi jallewwan saanii caalaa, kan hacuucota ummata saaniitu itt dhagahama. Wareegama gootota ummataa, ragaa itt tahan illee akka waan hinjirrett rakoo malee irra darbu.  Kanatti dabalanii waan muxannoo itt qaban hankaaksa luuxxee galtuun tolfamu illee saaxiluuf qophee miti. 

Ummatooti badiisa irraa ooluuf mana saanii soneeffatan dhihaachuun yeroo addunyaan rakkina saanii callisee irra darbuuf maalifaa hin qabne kana. Gara warraqxota sabaan kan eegamu ilaacha yaada ofii ballifachuu fi kaayyoo ummataaf dudhama daddaaqinni keessa hin jirre agarsiisuu dha. Kan sirrii tahe hundi kutannoo murnaa fi hojiirra oolchuuf gocha walirraa hin citne qabaachuu gaafata.  Xiyyeeffanoo hin feesifne dogoggorsituu keessaaf kennuun akka nammi tokkoo dantuu guddaa bilisummaa sabaa fi nagaa naannaa hin laalle gochuu dandaha. Oromoon biyya jiru goleett galfamee karisuu malee filmaata biraa dhabaa jira. Al tokkoo goleett galfamnaan filmaati jiru raquu yk hanga du’ati ofirraa lolachuu qofa. Hundu jecha waraqxicha Ameriikaa, Patrick Henry dubbatame jedhamu, “Bilisummaa naa kennaa yk Du’a naa kennaa” hordofuu dirqisiifamu.

Kolonummaan itt haanu akka isa darbee gardhabaa hin tahu. Akka tarsiimoo warraaqsa Liibyaa isa ifatt hin mullane, kan hacuucamoota wayyabaan hammatamu taha.  Dhiheessuun saa Afriikanota jaarraa lamaaf tajaajila suduudaa imperiylistotaa akka kennan gargar qabamanii fi xaxamanii turan fura taha. Kanneen abbaa hirrootaa naannaan cunqurfamaniif haalli si’an sabgidduu jiruu utuu hin gaabbamin yeroon rorrisootatt qabsoo oo’isan amma. Surraa fi ulfina ofii deeffachuuf akka namaa fi ummataatt mirga ofii gad jabeeffachuu dha.  Hammatiima biyyooti Afriikaa biraa argatanillee yoo tahe bilisummaan Oromiyaa yeroon itt darbeera. Utuu wanjoo kolonummaa eegalaa ofirraa hin darbin sadaffaan qaata seene. Lafi saa fi bilisummaan saa jawwisoota albaadhessaan butamaa jiru.

Ummatooti beelaa fi dhukkubaan faalamaa, hiraarfamaa, hidhamaa, guraarfamaa, biyyaa ari’amaa, fi qeeyee saaniitt rorroo hundi Oromoo tahuu saaniif irratt raawataa jira. Saba Oromoof jireenyi nagaa fi demokrasii hanga dhiibbaa alaan jeeqamutti dudhaa saanii ture. Angoo malee, murni seerummaa hin qabne, fedha saa hanga dugdi citutt humnaan irratt fe’ee jiraate. Qabiyyeen Oromoo jara lafa saa irra qotanii homisha argamu Oromoo beela’aa jiru biyya ofiitt erganiin dhuunfatamee. Empayerri Itiyoophiyaa suuta “banaanaa republikitt” jijjiramaa jira. Banaanaa Republik kan jedhaman biyyoota Kaaribiyaan indoosoti  alaa dhufanii muuzii qochiisiifatan akka fedhan mootummaa jijjiruun haatawu qabiyyee baballifachuun dhimma itt bahani.  

Warraaqsi Liibiyaa dhamsa lama qaba. Tokko dhimma Afriikaa keessa seenuuf anga’oota gamtaan tokkummaa Afrikaa akka isaan hin barbaachifne; kan isaan masaku fedha lammoota saanii qofa tahu agarsiisa. Kanaaf keessa deebi’anii Afriikaa qabachuu kan isaan dhowwu hin jiru. Lammafaan ummati cunqurfame bulcha abbaa hirrootaa diduun waan dandahe hundaan lolatee ofirraa finqilchuu akka dandahu fudhachuu anga’ootaa hima. Qaamaa fi aadaan baduu dura ofirraa lolachuu caalaa wanti ariifachiisaan hin jiru. Lixi fi Oromoon nafii fi akeeka demokraasii irratt fedha walfakkaataa qabu. Sana caalaayyuu addunyaan dubbii Oromoo irra ilaale akka hidabarre itt gaafatama safuu fi seeraa qaba. Kan namoota biraa irra gargaarsa argachuu dandahan kanneen of gargaaran qofa tahun beekamaa dha. Mee hundi walii galee yaacii dhuma hin qabne ummata birdhachiisaa jiraate kana haa raawwwachiisu. Yoo hundi walabummaa fi walqixummaan ka’e, bilisummaan Oromiyaa, bilisummaa fi tasgabii cunqurfamoota Gaanfa Afrikaa hundaa kan Habashaas dabalatu argamsiisuu dandaha. Gochi akkeefamu qabu qaata tolfame, “Birraan Arabaa” keessaayyuu Liibyaan hangameessa lafa kaa’eera. Abbaan hirrootaa ofittoo fi hamooti, deebi’ee koloneeffamuu Afriikaa mijjeessaa jiru. Sanaan ofii fi waldayyicha (continent) dhadhaqii keessaa of baasuun abjuu badde tahuu dandahutt dhiibaa jiru. Ofii dhidhimu malee qabsoo qajeeltuuf godhamu hambisuu hin dandahanii.  

Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Fulbaana  2011 
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *