0

Demokrasota Oromoo fi Greekii irratt bu’uurfaman

Barruun kun kanneen akkatt demokrasiin hawaasa ilmaan namaa keessatt misaa dufe baruufi carraa hin arganneef. Demookraasiin akaakuu mootummootaa keessa tokkicha fedha ummatoota irratt hundawe jedhama. Mootummooti akaakuu bira akka, “monarchy yk aristocracy, dictatorship yk autocracy fi totalitarian” jedhamanis jiru. Tokkoo kan biraa waliin miira walitt galu qabachuu ni danda’a. Waa’ee isa kamiiyyuu haa dubbannu tokkoo keessatt eegaleen kan bira argamuu dandaha. Nama hedduuf demokrasiin mootummaa fakmishoo tahe mullatu yeroo tahu demokrasii kan ofiin jedhan hundi garuu guutummaatt leellisoo ummataati jechuu miti. As irratt barreessaan kun akka salphaatt annisaa demokraasii lachanuu kan Lixaa fi Oromo dhiheessuu yaala. Kanneen yaadanmalaa fi shakalaan waa’ee demokraasiitti ogeessa taataniif darardarootaa akka tahutt gabbisuuf carraa isinii kenna. Keessaayyu dhalooti haaraan kan afoola irra ka’ee seenaa darbeen boona jiru mirkaniiin yoo hidhachiisaan caalaa itt boonee qorachuu eegaluu dandaha. Iyyaatiiin kana gadi jiru qopheessuuf afoola fi muxannoo barreessaan kun beeku irratt dabalatee moorota Gadaa fi Oromo Demokrasii Asmirom Laggasaa, The Oromo De Salviac akka Qannoon furett, Folk Litrature Ceruuli, Aadaa Booranaa Ton Leus, Ethiopia through Russian Eyes Bulatovich, Wikiipedia internet kkf  ilalamaniiru.

Deemookrasii Lixaa irratt qabattee Gabaabduu 
Demokraasiin jecha afaan hundaa walqixxummaa, qajeeltuu fi bilisummaa qooqa tokkoon ifsuuf darbatamu. Mootummooti bulcha saanii keessatt demokraasii hin himanne hin jirani. Finnooti halletoo’atoon ummata saanii akka fedhanitt itt taphatan illee “republika demokratawo” ofiin jedhu (tarii fashistoota malee). Akkuma demokraatota dhugaa isaanis waa’ee mirgi ilmoo nama akka hin uggamne gochuu, bulcha seeraa ulfeessuu, fi kennata sirrii fi bilsaa dubbatu. Tarkaanfii jarri kaan namummaa baha jedhan, isaan mirgoota kana ulfeessisuuf maqaa dilaan fudhanne jedhu. Galmeen ittiin bu’uurfaman kan xexxeba demkrasota adda addaa irra ergifataniin guutamaa dha. Casaan mootumma demokratawaas hojiin saa yoo hafu kan demokraasota beekamanirraa fudhatame.

Fakmishoon democrasii hundi akkeessuu fedhu caasaa mootummaa Amerikaa kan gargar hirama aangoo qaban sana. Madaala angoo eeguuf seera tumuu, hojii gaggeessuu fi seera muruun dame adda addaatt hirame jira. Hojii gaggeessaa yk Presidantii fi seera tumoon suduudaan ummataan kennatamu. Seera muroon gaaddisa olhaanaa Presidantiin eeramanii seera tumoon jireenyaaf muudamu. Fakmishoon biraa Parlamentarii demokrasii dha. Isa keessatt hojii gaggeessoon seera tumoon filamu. Seera muroon hojii seeraa malee heera keessa deebi’anii akka kan Amerikaa ilaaluuf mirga hin qabani. Sana seera tumootu tolcha. Britania fi Awuropan sanaan hojjetu. Garuu akki itti gaggeefatan gargari. Jarri kaan bulchoota dudhan dhufanii, jecha ammayyaaa tokkoo tokkoo ida’atani. Hundu fedha ummataa demokratawaa eegsifna jedhu. Jechi demokrasii jedhamu gumaacha finnaa magaala Greekii, Ateenaatt.  “Demokratia” Greekii kan mootummaa ummataa jechuu ta’erraa argame (“demos” ummata, “kratia” angoo). Ateenaaf ummata jechuun nambiyyaa dhiira ganna digdamaa olii qofaa haammata. Dubartii, ijoollee waggaa digdamaa gadii, namoota finnaa magaalichaa keessati hin dhalannee fi garboota hin dabalatu.  

Finnaa magalichaa keessati kanneen ulaagaa guutan walgahii irratti argamanii sagalee kennachuu fi marii irrati qooda fudhachuuf mirga qabu. Kanaaf kan amma demokraasii suduudaa jedhaman. Jijjiirama hedduu duuba sadarkaa amma demokraasiin Lixaa keessa jiru irra gahe. Asitt ummati akka isaa tahanii kan marii gaggeessan iddoosota kennate. Akkaataan kennata gaggeeffatan lamaan heddata fi walgichisiisa kan jedhaman. Akka isa jalqabaatt kan irba caalaa argate yoo kan isa filan yaroo tahanillee ni filama. Inni lammafaan irba golooti bakka hunda argatan ilaalame akka irra jalatti fudhatama. Kun waan demokrasiin ammayyaa fakkaatu. Lachanuu keessati kan iddoosaman kennatoota hunda miti.

Si’ana akka biyya biyyaati dubartiin fi dhiirri ganna hamma tokkoo ol ta’an mirga irbaa qabu. Dubartiin kan mirga irbaa argatte, fakkeeyaaf Swizerlandii 1971 sadarkaa federaalatt, 1990 sadarkaa Kantonitt (Kutaatt) ture. Irba hunda haammatu bira gahuun yeroo dheeraa fi qabsoo gixarsiisaa gaafate. Yoomalle hundi tuqaa bu’uuraa demokrasii fudhatan caasaa fi hojiin waajjiroota kennatamanii hin hangamssamne.

Akkaatan kennataasi sagalee kennatoota hundaa dabalchuu hanqatu. Fakkeenyaaf yoo nammi dhibbi nama sadiif sagalee kennani tokkoo afurtama, lamaan soddoma soddoma argatan kan afurtama argate hunda moo’a. San jechuun nammi jaatammi hin iddoosamne jechuu dha. Iddoosi akkahumnaan kana ni foyyessa ta’a malee hin sirreessu. Asitt barcummi akkahumnaa irba golootii waliigalatt argataniitt hiramaafi.  
Biyyoota Afrikaa, demokrasiin goftolii saani, kan yoo inni soba tahellee akka itt cichan hanga harraatti lubbuutt qabaa jiraniin irratt fe’ame.

Mootummaa aadaa fi dudhaa saanii gitu caasuuf qooda irratt hin fudhanne. Kanneen dubana fooyyessuu yaalanis seenaa fi dudhaa saanii keessa ilaalanii kan ayyaamii yk nameenyaa saanii calaqisu gochuu mannaa biyyoota addunyaaa irraa funaananii walitt makuu filatan. Horii alaan gargaaramuu saanii malee isaan maliif akka gargaaraniin hin hubatan. Akkaasaa fi funaansa waan taheef kan qayyabachuunii danda’an gurguddoota ofiis akkaasaa aadaa halagaa ta’ani. Akka fedhanitt bulchu, yoo heericha ta’e fakkeessaaf qophaawe. Karaa bira Lixi akka jarri Ateenaa yk kanneen demokraasiif dura deemoo tahan shakalaa turanitt osoo hin ta’in akka fedha saba saanitt foyyessanii dhimma itt bahaa jiru. Kanaa fi maxansaabuleen waloo tokkoo hin jiru.

Utuu dilormaa gar tokkoo alatt hin hambifne ta’ee demokrasiin Ateenaa akka dhimmi miseensa hundaa dhageetti itt argatuuf fakmishoo taha ture. Baayyeen itt gaalchanii turan garuu addunyaan demokrasii mudaa hin qabne hanga yoonaa hin argamsiifne. Dubbiin Abraham Linkolin “Gettysburg”tt godhe kan “Mootummaan ummataa, ummataan, ummataaf dachee kana irra hin cala’u” jedhe hawwa kana calaqisa taha. Gaaffiin deebi’uu qabu ummatooti murtii irratt dhiibbaa tolchan eenyu fa’i, dhuguma ummata moo bulchiyaroo (oliigaarkii) dha? Bakka barbaachisu hin ga’amin malee kanneen itt dhihataniif akkeeffamuu qaban jiru. Demokraasiin Oromoo (Gadaan) sana deebisuu dandahee ture? Of gaafadha.

Sanas tahe kana, kanneen  demokratawummaa himatanii bu’uurri bulchaa irrati ijaaraman walfakkatan jiru.  Akeeki akka walqixummaa, kennata bilisaa fi sirrii, bulcha seeraa fi mirga abba tokkeen fi ummataa eegamuu hunda saanii keessatt argama. Abbaan hirrootaallee akka itt fakkaatutt akeekota kanatt akka dhimma bahan himatu. Kanaaf jarri kun yoomallee shakalli dabaa bakka bakka jiraate akeekota gumeessawaan fudhataman jechuu dha. Bulchooti Itiyoophiyaa dhiibbaa irratt tolfameen heeraan bula faallaa dudhaa saanii tahe guddifachuu yaalanii turan. Mootichi parlamenti Westminister fakkaatu golli malbulcha hin jiraatin malee dhaabee ture. Kan isatt haanee dhufe (Dargiin) finnaa gola tokkoo dhaabe. Inni itti haanu (Wayyaaneen) sirna golahedduu sobaa kan golli saa qofti itt injifatu dhaabe.

Mooticha haa tahu abbaa hirroti isa duuba dhufan nafii abbaa hirrumaa saanii golguufi xexeba demokratawaatt dhimma bahu turan. Abbaa hirrummaan dhaalmaan isaan dhaqabe gadi dhiisuunii hin dandeenye. Habashaan seenaa saanii gara caaluu keessatt shiftoota yk kanneen mooti jiru humnaan fiqilchaniin moo’amaa jiraatan. Utuu empayera hin ijaarratin akkas ture, ergasiis itt fufe. Lama kan isaan duraa finqilchuun sadaffaan shiftaatu aangoo qabate.

Kan mootummaa baddaa sana gonfoo tokkoo jalatt walitt qabe jiraachise waliigaltee utuu hin ta’in humna hamaa dha. Sirnni tokkoo demokrasii kan jedhamu sirni nammi tokkoo irba tokkoo jedhu, kennata sirrii fi bilisa tibba tibbaan godhamu jirachuun hedameetu.  Demokrasiin bulcha wayyabaati. Irba caalaa kan argatetu angoott dhufa. Empayera keessatt lakoofsaan yaroo wantahaniif sanduqa irbaatt jarri kaan nurra garagalu jedhanii bidhatu. Jabina hojii fi yabboo dhiheessaniin irra haanuu dandeenya jedhanii ofitt amantee hin qabani.

Akeeka demokraasii fudhatanii karaa barsiifata saanii yoo gad dhiisan ayyanni hedduun akka jalaaa bahutt fudhatu. Haallisaa bulchooti akka gomgomaa, ofittoo, oftuuloo fi bibirratoo waan tahaniif,  karaa ofii fi beekumsa ofii malee waan haaraa tahu dandahu akka hin guddifanne isaan danqa.  Kennata demokratawaan yoo gaggeeffame nu fila jedhanii ummata saaniillee hin amanan. Kanaaf kan roorroon mirga ilmaan nama irratt tolfamu mallatoo jiruu saanii kan ta’e.

Demokraasii Gadaa irratt qabattee yartu 
Yeroo waa’ee gadaa dubbanu gadi fageenyaa fi ballina saa beekneetu jechuun ofirrumaa taha. Sirna hawaasaa hedduu wal xaxaa fi qaramaa waan tureef kan dhaloota yartuu qofa jechuun hin dandahamu. Akka duubbee qarooma durii qabu ijaarsa hawaasaa fi roga barumsaa inni agarsiisu irra herreguun ni dandahama. Kanaaf kan barruun kun dhiheessu yaalu haala salphaa fi ol dhihoo tahen gumacha demokrasiif inni godhee agarsiisuu qofa. Kan nuti amma barbaadnuu tartiiba, hoodaa fi faayota yk jifaara aangoo osoo hin tuqin, akeekota seeraa fi demokrasii isa keessati haammatmani. Sabboonota hanga yoonaa sirna jija hiriyaa hawaasa hedduu keessatt muldhatan keessaa tokkuma jedhani fudhatan irraa isa dhugaa qayyabachuun ifaajee guddaa gafata. Waan hamma yoonaa waabarii koloneeffatoo baratan hunda of keessaa haqanii waa’ee Oromoo, saba guddaa Aftikaa hanga yoonaa tuffatamee ture kana ifa baasuu qabu. 

Gadaan sirna sabummaa dhiirri waggaa hallee walqixummaan akka gayee hiriyaa saanii ramadameett  biyya saanii gaggeessuuf qooda keessaa fudhatan hunda kan ilaalu. Dhaaboti hawaasaa hundi qaamota kennataman kan hojii saanii mariin gaggeessaniin gurmaawa ture.

Gochi waliigala hundi sirna Gadaa jala haa ta’u malee gara caalu Gadaan hala malbulchaa biyyichaa  agarsiisa. Hiroo kotammi hubatamu qaban dhaabota lafaa fi kan Ayyaanaa, kan lafaa keessatt immoo kan hawaasomaa fi kan malbulchaati. Gadaan kan biyya lafaati. Qaalluun kan ayyaanaati. Wajjirri qaalluu Gadaa waan akka kennataa faa gargaara ture jedhama. Garuu mo’ummaan kan Caffee Gadaati. Kanaaf Qalluun dhimma malbulchaa biyyichaa keessa qubaa hin kaa’u ture jechuu dha. Sana jechuun Gadaan amantalaa ture jechuu dha. Asitt kan nuti dhimma irra qabnu demokrasii Gadaa amantalicha. Haalli hawaasomaa fi malbulcha dhaaba Ayyaanaa kun nafii seenawaa fi barumsaa saa jedhani faana dhahuun bu’aa qabata. Hardhallee Oromoon dhugeeffannoo dudhaa kan hordofan hedduu dhaa.

Gadaan yeroo hin yaadatamnee kaasee ummata Oromoon shakalamaa ture. Gara hawaasomaatiin dhiirri miseensa tahan hundi sirna seera dhalootaan hiriyaatt murneeffamu turan. Salphamatt jarri kun Dabbalee ganna 1-8, Foollee yk Gaammee 9-24 fi Qondaala yk Kuusaa 25-33, Raaba didiqqaa 30-38, Raaba Doorii, 38-46, Luba 46-54 fiYuba 55-78 fi gadamoojjii yk jaarsa 78 ol turan (akkuma dubbii tolutt shakala godinaa godinaa irra fudhatame). Miseensi hawaasaa hundi jija jala darbu qaba. Seera seeratt qodi raawwatamu fi leejisi fudhatamu ture.

Hojiin murna hiriyaa cuqi ka’ee hamma jabbii tissuu, ba’aa bu’a jabina qaamaa kan leejjisa loltummaa dabalatu hamma biyya bulchuu fi marii gaggeessutt ga’a. Murna hiriyaa kan keessaati kan miseensoti hoggansa sabaa tahanii walirra jala guddatanii Luba, jechuun miseensota murna bulcha Gadaa, kan tahan. Hogganooti kun gara caaluu, jalqabumaa hoogganoota hiriyaa sadarkaa adda addaa tahaa dhufani. Dubartii, halagaan Luba hin bahin, akkasumas kanneen hojii harkaatt bobba’an yaa’a angoo hirmachuu Gadaa keessatt hin dabalamne.

Tibbi gadaa tokkoo bara saddeeti. Dhuma tibba sanaa xumuruuf sirna dhangaa guddaatu qophaawa ture. Ayyaaneffanaan kun “Buttaa” jedhama ture. Buttaan yeroo heduufis ni gargaara ture. Waggaa nama tokkoo baruuf “Buttaa meeqa nyaatte jedhama?” Kanneen waggaa saddeettan keessa dhalatan hundi bara tokkoo himatu, “buttaa tokkoo, lama kkf” jedhu. Sanarraa beekaan namichi miseensa gadaa kamii akka tahe hubachuu dandaha. Marsaa gadaa tokkoo, waggaa afurtama keessatt Buttaa shantu qalama. Kanneen gadaa tokkoo keessa dhalatan gargarummaan gannaa hanga bara saddeetiitt jiraachuu dandahuyyuu hiriyaa jedhamu. Gurbaan jalqaba ganna saddeettanii dhalatee fi kan gaafa Buttaa dhuma waggaa sadeeti dhalates buttaa tokkoo nyaanne jedhu.

Gara malbulchaatiin hawaasi gola shanitt hirama. Miseensoti gola malbulchaa seera dhaloota saanii keessaa hawwataman. Akka walirraa jalummaa saatt Gadaa hundi qooda jireenya biyya saa keessati fudhatu qaba. Gadaa inni dullachi Yuba. Miseensoti isaa kanneen kanaan dura aangoo irra turani. Itt haanse kan angoo irra jiru, Luba. Sanaa gaditt jara maadha kanneen ittisaa fi saba ijaaruuf qooda qaban Ittmakoo yk Raaba Doorii dha.. Kanneen isaanii gadii angafoota saani gula bu’uun qooda hiriyaa saaniif kenname gaggeessu. Tokko tokkoon murna hiriyaa walitt riqachuun abbaawummaa sadarkaa itt haanuu hoggansa golaa of qopheessu.  Hundi saanii hoggana saanii kennatu turan. Haawaasi kan hedduu irrati xiyyeeffatu jara jala riqaa jirani, Dabbalee dha. Achi bakki itti bu’uurri Oromummaa buufamuuf hoggana kan tahuu dandahan adamfaman.

Al tokkoon hojii Gadaa sirinyaatti kan bobba’anii fi yaa’aa ofii qaban sadii. Inni jala Raaba Doorii, murna tibba itt haanu isa gidduu irra angoo fudhachuuf qophaawu. Inni gidduu Luba aangoo irra jiru. Inni dhumaa isa waajjira gad dhiise Yuba. Gadaan tokkoo marsaa bara afurtamaatt deebi’ee angoo qabata. Golli angoo fudhachuuf qophaawe waan jiruf kan aangoo irra jiru sana caalaa turu hindandahu. Hoggansi qopheen waan jiruuf Baallii walirraa fuudhuuf jeeqammi kamu gufuu taha jedhamee hin yaadamu. Baallii walirraa fuudhuu jechuun aangoo walitt dabarsuu jechuu dha. Gadaa dullachi isa haaraatt akka fakii aangootti Baalli guchii isa bira ture itt dabarsa. Gadaan dhufu hundi heera fi seera saa tuma.

Kanaaf heera foyyessuuf kantarri bakka biraatt muldhatu hin jiratu. Yoo wanti jijjiramu hinjirre illee heerri ture buufamee deebi’ee akka haaratti ba’uu yk labsamuu qaba. Gadaa shanan maqaa qophaawe qabu yk maqaa hooggana Gadaa saaniin waamamu.  

Korrii sabichaa guddan Caffee yk Gumii jedhama. Teessummi Caffee gaaddisa Odaa jala. Korri idilee misoonsota gola bulchitu fi sabboonota irratt argamuu barbaadan hunda. Karaa kana demokraasii iddoosotaa tahee makaa demokrasii suduudaas kan qabu fakkaata. Abbooliin Gadaa durii kan lubbuun jiranii fi Yubootis irratt argamuu dandahu. Abbaa Gadaa yk Abbaan Bokkuu mataa Caffichaa fi kan Hojii Gaggeesituutis.  Bakki Caffeen mataa lama qabaates jira jedhu. Tokko Abbaa Gadaa filame. Inni biraa Abbaa Bokkuu jedhame hoodaaf kan tajaajilu.Waa’ee egereef murtiin tokkoo tokkoo gara itti baasu Abbaan Gadaa alii al Raaga ni gaafata ture. Haatahu malee Raagi murtii jijjirsisuuf angoo hin qabu.

Dhaabota dhahaman irrati dabalamani kan irra darbamuu hin qabne jiru. Fakkeenyaaf dhaaba angafota qomoo kan dhaalaan dhufu caasaa Gadaa keessa hin jirani, garuu Qomoo ijaaranii masakuuf qooda qabu. Miseensoti Gadaa qomoo isaan hogganan keessa eeramu. Abaaruu fi ebbisuuf ulfoo mallatoo hoodaa fi qoodas qabu. Yeroo Gadaan hoogana sabaa tahu isaan kan qomooti. Jara kana keessaatu kan koloneeffataan gochii ganda keessaaf akka keettooti kan madaqfate. Yeroo gosti walgeesu dura kan waamaman yk taa’an angafoota qomooti. Erga caasaan angafootaa kun diigamee hojii ala tahee, bara ammayyaa kana sadarkaa sabaati dhimmi baasu hin muldhatu.  Dhaabi Siiqqee kan dubartiif hanga tokkoo angoo hawaasomaa fi malbulcha kennus jira. Akka akeekaati kun walfudhata ammayyaa keessati makamuu dandaha.

Oromoof walqixummaa, bilisummaa, kennata sirrii fi bilisa, seeraan bulmaata fi mirga abba tokee fi ummataa kabajuu, eegumsa naannaa fi binoo kabajuun akaakuu waliinjaaramaa democrasii Gadaati.  Ilmoon nama hundi walqixxee dha; kan seeraa olii hin jiru. Madda ofiif, halluuf, yk qabeenyaa kkf nama faanfanuun daba.  Kabaja mirga ilmoo nama birmadummaa of ifsuu kan safuu yk waan hoodaa hin taane, birmadummaa sochiif waldaa dhaabbachuu seeran eegamaadha. Qondaaloti filaman kan jaallatamanii fi kabajaman  yoo garaa saani ummata tajaajilanii fi dambooba guddaa agarsiisani. Qondaalli dandeetii hin qabnee fi dabaanbulaan utuu yeroon saa hin gahin Kora ummataan buqifamuu ni dandaha. Walgahii irratt yoo murtiin waliigalteen darbe ni leellifama. Miseensi Koraa tokkoo dubbii itt hin tolle taanaan marii naa qabdhu jedhee dhaabu dandaha. murtiin al tokkoo dabarraan hundi eebisanii murtichi ulfoo ta’a.

Korri Gadaa aangoo hojii aggeessituu, seera tumtuu fi gaaddisaa walitt qaba. Asitt Gadaa jechuun jara biyya bulchuu fi yeroo bara sadeetii isaan bulchanis tahuu ni dandaha. Hogganooti Gadaa si’anaa Luba jedhamu. Lubi angoo gaddhiisee gorsaa fi muraa tahuuf deemu Yuba. Murni Yubaa miseensota gadaa lamaan darbanii dabalata. Angoo fi abbaawummaa hundi kan Lubaa yoo taheyyuu Yubaa fi Abbootiin Gadaa darban waa’ee seera irrati qooda guddaa qabu. badii luba to’achuu fi dhimma malbulchaa hedduu irrati dhiibbaa gochuufis qooda qabu.  Guutummaati manatt oldacha’uu erga waajjiraa bahanii ganna sadii duba dhufa. Achii kaasanii gadamoojjii yk jaarsa jedhamu. Murni gadaa gochee tahan keessaa kan bira Rabaa Doorii iji saanii bokkuu irra jiru ammaaf eegumsi biyyaa itt kenname.

Hawaasa Oromoo keessa haalli dadhaboon isa jabaa irrati walii tumsan ni muldhata. Fakeenyaa fi akaakayyuun abbaa fi Haadha (hoboo fi hobo coora irratt)irrati walii tumsu. Akkasumatt Raabaa Dorrii fi Yubi yoo Luba abbaa angoo irrati walii tumsan akkuma. Akkasitt angoon Lubaa osoo hammaa bahee dabaanbulummaa fi roorroo hin agarsiisin sirreeffama 
Lubi kootaan Abbaa Bokkuu yk Abbaa Gadaa (Hayyuu Fiixee)tti. Bakka bakkaa ittaanota lama tokko kaan caalaa humna qabutu jira.  Angoon hojii gageessituu kan Salgee yk bakka bakkaa Luba ja’atii. Jarri kun gurguddoo waggaa saddeetiif ummataan kennataman Abbaa Bokkuun hoggana saanii tahe. Hojii adda addaatiif shanooti ni dhaabbatu turan. Akki murtiin sadarkaa sadarkaatt itt darbu beekamaa ture. Seera baasuuf yero yeroon walgahi tolchantu qooqa ”seeraa” jedhu seera Amaaraaf gumaache jedhama. Akka saaniitt “sadoo” jechuu dha.  
Abbaan bokkuu waan salgeen murteeffame hojiirra oolcha. Qoodi Abbaa bokkuu akka kootama hojiirra oolchituutt seeraan murteeffame. Kanaaf danqaa keessaa hiriyoota irra, alaa kan Yubaa, Raabaa Doorii fi kan Caffee  Abbaa Gadaa darban keessaa caalaa ulfaataa tahee Abbaa barcumaa tahuutu isa irra jira. Waggaan golli angoo irra turu bar saddeetitt dangahamuun yoo daba tolchan bu’a irrati salphisaa tahuunu akka amala hin badneef danqa tokkoo. Kanaaf sirnii Gadaa demokraasii sirna madaala qabu kan luugammii fi madaalli waliinjaaramaa tahe.  Abbaa Gadaa fi Lubi gargaartuu makala jedhaman qabu turani. Makalummaan waajiroota Gadaaf tajaajila dirqii tahuu ni dandaha. 

Jiruun loltummaa Raaba Doorii seeraa fi dudhaan ramadame. Garuu Ajajaa kootammi Abbaa Gadaa yoo tahu kan waraana labsuu dandahu Caffee qofa. Abbaan Duulotaa duula tokkoo tokkoof Abbaa Gadaan muudamu. Erga duulli raawwatee duuba abbichi hojii saa dhaabbataatt deebi’a. Garuu quunnamtii shafisaa fi akkaataan seera itt kabachiisan dhibuun Abbaan Dullotaa Jaarraa 16th keessa  dudhaa cabsuuti ka’ani.   

Tuqaalee ijoo sirna Gadaa tokkoo tokko

  1. Gadaan qixxee: sirna Gadaa keessa darbuu, yoo taraan ofii gahu kennachuu fi kennatamuu eenyuu hin dhowwamu. Tajaajilaa fi eegumsa Gadaan kennu irratt loogi yk faanfanamuun hin jiratu. Dhimma jireenya ummataa ilaalu irratt miseensi hundi karaa iddosotaatiin yk suduudaan mirga dhagahamu qaba; bulcha qajeeltuu keessatt walqixxummaan ilaalamuun mirga; eenyuu seeraa ol miti; Marii gadaa irratt argamuu eenyy dhowwamuu hin qabu.
  2. Odaan qixxee: Odaan mallatoo mootummaa ummataa, demokratiyaati. Birmadummaa walgahuu, dubbachuu of ifsuu; walqixximaa kanneen walgahan; birmadummaa hoo qubaa galchuu, nagaa fi araara buusuu; yaaddoo malee birrmadummaa gaaddisa saa jalatt aara galfii namaa fi ciibsaa beelladaa.
  3. Malkaan qixxee: Malkaan laga cehuuf, irreeffachuuf, bishaan dhugaatii fi dhiqannaa nama fi beelladaa dhorkaa hin qabu. eenyuu sababa kamiifuu malkaa irra nama dhowwuu hin dandahu. Malkaan mallattoo waan jiruu irra haaraatt cehuuti.
  4. Gabaan qixxee: waan homishe gabaa baasee meeshaa fi tajaajilaan geeddarachuu hunduu mirga walqixxee qaba. Geeddaraa akkasii keessati fi daldala barbaadu kan gabaan hayyamu keessati qooda fudhachuuf hundu bilisa.
  5. Karaan qixxee: Hunduu karaa darbaa argachuuf mirga qaba. Eenyuu mana saatii addunyaati gadi bahuu yk akka hundaa karaa jirutt dhimma bahuu dhowwamuu hin dandahu. Mirga imala eenyuu nama hin dhowwu. Eenyuu bu’aa ofiif jedhee karaa jiru cufuu hin dandahu. Kanneen keessaa tuqaan hawaasi ammayyaan gatu jiraa lata? Hanga yoonaa shakala Gadaa dullachaa salphaati ilaaluu yaalleerra. Gadaan demokraasii Girikii caalaa miseensota hedduu  dabalata. Miseensi hawaasaa hundi tiruu hawaasaa hunda keessatt akka dhaloota saaniitt qodaa fudhatan tolcha. Dhiirri hundi hiriyaa dhalootaatt murnaawanii akka qooda hawaasi kennuuf bahatan godhama. Kana jechuun sirni Gadaa hundi gurmeessa hawaasaa keessatt qooda fudhachiisa jechuu dha. Murni tokkoo oso sadarkaa haanutt hin darbin bara saddeet tura. Tarii daa’imman ganna sagalii gadii malee hundi hogganoota saanii yaa’a kennataan ummatu. Gadaan democraasii iddoosaa kan eegalee demokraasii suduudaa hanga tokkoo qabu ture. Kan Kora Caffee irrati argamuu dandahe hundi marii irratt argamee yaada ofii ifsachuu ni dandaha. sanatu fakkeenya demokraasii suduudaa kennaaf. Gadaan kan shakalamaa ture yeroo dhaabi Qaalluu hawaasa Oromoo keessatti qooda gahaa fudhataa ture fi yeroo sabichi sadarkkaa diinagdee fi guddina teknoolojii kan amma irra adda tahe keessa ture. Garagarummaa kana hedaa demokratik Oromiyaaf akeeki keessaa jabeeffannu yoo jiraate haa laallu. .
  1. Hawaasi bakka shaniti hiramee maqaan gola kennamaaf. Golooti darabee darabeen bara sadeetitt ballii (aangoo) wal jijjiiru. Golli tokkoo aangoott deebi’uuf hanga Gadaan abbaa saa naanna’ee dhufutt ganna afurtamaa eeguu qaba. Golooti shananuu qooda adda addaa bahataa waluma faana jiratu. 
  2. Sirna Gadaa keessatt aboo olhaanaa kan qaban Bokkuu fi Caffee (Gumii) dha. Moo’ummaan ummataa isaanitt galfame. Caffeen jiruu hojii gaggeessuu fi seera tumu walitt qaba. Garaa garummaa hardha jiru utuu furmaata itt hin laatin kan biraatt hin utaalan turan. Murtiin hanga fedhe haa fudhatuu waliigalteen darbaa. Sana jechuun akka yaadi bucuu hin tuffatamne agarsiisa. Abbaan Bokkuu ajajaa humna waraanaa olhaanaa dha. Lola labsuu kan dandahu Gumii qofa.
  3. Yubi qama gorsaa kootama, qooda qajeeltuu tiksuus qaba.
  4. Raaba Dooriin humna Luba bakka bu’uuf eeggataa jiru. Abbaawummaan humna waraanaa madaqsee leengisuuf haa tahu lolatt bobbaasuun qooda saati.
  5. Dhaaba siiqeen dubartooti akka haadha mirgaa tahan ni beekamaaf. Hoodi isaan malee hin raawwannes jira. Garuu walqixummaa guutuun ni hanqata ture.
  6. Lubi gadaa olhaanoon sagal (Salgee) yk ja’a turan
  7. Wajjirooti adda addaa akka Abbaa Duulaa, Abbaa Horoo, Abbaa Alangaa, Abbaa Biyyaa, Makala kkf turan.
  8. Caffeen tokkoo tokkoon Gadaa innaa jalqaba angooti dhufaniif walakka bara saatt walgaha. Inni duraa heera labsa, inni itt haanu gabaasa ganna afurii galcha. Nambiyyoota argamuuf dandahaniif Korri Cafee banaa dha.
  9. Raagi beekaa biyyaa kan waan egeree dhufu irratt gorsuu dandahu
  10. Hayyuun walii galatt namoota gurguddoo qabattee adda addaa irrati murtii fi gorsa kennuu dandahan. Miseensota hawaasa keessaa beekamoo fi kan mudaa hin qabne turan.

Xumuruuf, Ummati moo’aa dha; sirni iddoosaa demokrasii suduudaan makame  shakalamaa ture; bulchooti yeroon angoo irra turan danga’amaa, ganna saddeet qofa; nambiyyooti akka bara dhalootaatt mirga kennachuu fi kennatamu qabu; eenyuu seeraa ol miti; ummati iddoosaa saa deebi’i jedhee waamuu dandaha; mirgi namaa, binoo fi uumaa naannaa seeraan eegamaa dha; nageenyi daa’immaanii hawaasa hundaaf dhimma; Wayyabatu olhaana, garuu mirga yaroo eeguuf murtiin waliigalteen waan taheef ilaalchi yaroos kabajamaa dha; ilmoon nama hundi walqixxee dha, dabi fokkuu ture; mirgi walgahii fi birmadummaan of ifsuu eegamaa ture; mirgi daldala barbaadan keessatt qooda fudhachuu eegamaa ture; mirgi imalaa kennamaa dha; mirgi hooqubaa galchuu eegamaa dha; faanfanni sanyii, bara dhalootaa, saala fi qabeenya irratt hundaawe dhowwaa dha. Ya’a malbulchaa keessa, ba’ee hin himamin malee sirni to’aa fi madaala walinjaaramaa ture. 

Amma erga sirna demokraasii Lixaa fi demokrasii Gadaa gabaabaatt walbarsiisne waan Oromiyaa ammayyaa ofiin bultuuf tahu argachuu yoo dandeenye haa yaallu. Sirni dhalootaan hawasa hiranii gurmeessuu waan waabarooti Addunyaa si’an tolchaniin adda miti. Ijoolleen akka hiryaatt barumsa ramadamuuf barati, “preschool, kindergarten, primary, secondary, college” kan jedhan, dabbalee, follee, gaammee raaba kan jedhan irra hin fagaatu. Golli malbulchaa jiran kan miseensota madaqfatan sirnuma waabarii kana keessaati. Garuu Oromoon akka addummaa saatt waan itt ida’uu akkaataan itti ilaalu ni jiraata. Oromoon sirnicha sochii hawaasaa hundaan walkeessa ilaala. Sadarkaa tokkoo bahanii kan biraatt darbuun mirga nambiyyaa hundaati malee kan gitoota adda addaa qofa hin turre. 

Tarii Waan tokkoo tokkoo keessa deebi’ani bara ammayyaa kanaa akkamiti caalaa dhimma baasa jedhanii qorachuu ni barbaachisa. Walitt qabanii waldaa dargaggoo Oromoo jechuu irra, waldaa Foollee, Gaammee, Raabaa kkf yoo jedhame dhaloota hiriyaa caalaatt wal hubatu walduukaa hiriirsuun ni gargaara. Hoggana egeree sabaaf baasuufis carraa wayyaa kan kennu fakkaata. Dur gulantaan gadaa abboolii irra ka’ee ilaalama. Kanaaf yeroo nammi tokkoo ilmoo itt argachu dandahu murtaawaa ture. Isaan dura kan dhalate farra.

Amma ijoollee hundi walqixummaan ilaalamuu qabu, barri dhalootaa ijoollee irra ka’ee ilaalamu qaba. Kanaaf waggaan dhalootaas buttaan fi sadarkaa Gadaa abboolii utuu hin tahin gaafa ilmoon tokkoo dhalattee/dhalatee ka’ee ilaalamuu qaba. Yaa’a gadaa fi kennate keessatt qooda fudhachuu kan qoqqobaman hundi walqixxummaan ilmoo nama dhugoomsuuf mirga qooda fudhachuu argachuu qabu. Kun golfofuma saa agarsiisuuf malee jiruun hawaasaa qormaata of dandahe gaafata. Bara abbaa Gadaa Qaalluu tokkoo qofatu ture, amma kitilaa (kan dhugeeffannoo adda addaa dabalate). Dur Abbaa Muudaa qofatt godaannaa, amma garba ceenee Makkaa fi Yarusaalem kkf. dabalanneerra.

Waanuma halleefuu maal yaaddu? Beekota Oromoof  kun didhaa guddaa dha. Waan qabaachaa turre mararfachuuf, sammuu keenya dhiibbaa alaan xaxame bilisomsuun barbaachisa taha. Gadaan kabuu barbaada malee, gonka waan yeroon itt darbe miti. Dhaqaa, osoo deebii hin kenning qormaata irratt gaggeessaa!

Of ta’uuf qophoofnee addunyaatt Gadaan ammallee akka sammuu fi qaama keenya keessa jiru haa agarsiifnu. Kan Oromummaatt boonuuf kun guddaa hin ta’u.   

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Adoolessa  2011

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *