0

Bilisummaa irra Faccisa

Yeroo qabsoon bilisummaa fi ofiinbulmaata keenyaa didhamu baanee balaa irra marsaa jiru faccisuun dirqama sabboonotatti Kanneen qara qabsoott ka’an yeroof mataa gad qabatan malee hin coollibne. Ammayyuu dhaloota haaraaf waa’ee ergamsa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hogganamuu iyya’uuf dirqama qabu. Waan hardha ta’aa jiruun ababbaruu irra kan darbanin walbira qabanii ilaaluu yaaluun barumsa taha. Rakkinni qabsaawota ganama manaa yaase hardha ittuu caalee muldhata. Fallisaa kan qaban gad dhiisanii kan yaalamee fashale irra deebi’uu utuu hin ta’in kan qabaniti cichanii eenyummaa ofii mirkaneessuu dha. Ilaalcha dhaaboti maqaa Oromo qaban akka filmaataataat tarreessuun daaraa fi daakuu walbira qabu akka hin taane eeggachuu dha. Dargaggoon keenya hidhamaa dhumaa kan jiran Oromummaa fi malee Itiyoophiyummaan miti. Goototi keenya ilaalcha jedhaman ciiga’uu dha kan eenyummaa Oromoo hunda hubachise. Qabsoon bocii bordee miti, hoomisha secca’amaa, nammu wajjiin kufee ka’uuf murteeffatu. Shira halagaa doomsanii abbaawummaa hiree ofii of harkatt galfachuu dha.

Nigus Minilikii biyyoota kibba saa jiran akka weeraru Atsee Yohaannis irra ooffalcha argate. Minilk erga du’a Yohanisiin bakka saa Atsee tahe duuba ergamsa saa xumuree, “Nugusa Itiyoophiyaa fi biyyoota Gaallaa” ofiin jedhe. Minilik bakka Yohaannis bu’uu Tigroti Amaaran akka salphifamaniti fudhatan. Bakka saaniitt debi’uu yaaliin ergasii godhan ganna dhibba booda milkaawe. Erga jarri Zaagu’ee kufanii, angoon Habashaa lolaan malee nagaan walitt darbee hin beeku. Aadaan kun, kan demokrasii akkeessuu yaalan Dargii fi Wayyaaneen illee demokrata’uu dadhabsiise. Oromoon akka irraa ka’an nagaan gaafatanii deebii tolaa hin arganne. Kanaaf addati of ijaaranii sosso’uun Nafxanyaa Dullacha hundee raasani. Amma sana kan irraanfatan qabatee deebi’ee dagaaguuf lataa jira.

Haaloon gonfoon Yohaanis butamuu fi qabeenya kibbaa qoqqobamu ciipha’amuu saanii irrati dabbalee durbii wal dhabsiise; sunis addoota bilisummaa Tigraayi dhalche. Tigray miiltoo ulfina hin kennineefitt mufatee bilisa bahuu murteeffate. Akkasiti Wayyaanee lammafaan kutannoon kan lolatt bobba’e Tigrayiin bilisaa baase. Barcuma Yohaannis irraa saamame duwwatt yoo argu yaada jijjiirratee irra bahun empayera Itiyoophiyaa haaloon mo’uu eegale.

Gaaffiin sabootaa deebi’u malee nagaan bulchuun akka hin dandahamne Wayyaaneen muuxannoo irra kan barate fakkaata.  Sanaaf aango 39, mirga sabootaa hiree sabaawaa ofii ofiin murteeffachu kan inni heera saati galche. Sun ejjennoo Habashaan, tokkummaa Itiyoophiaa kan hin tuqamne, “And Itiyoophiyaa wayin mooti”jedhu busheesse. Dhaabi Habashaa Oromiyaatt akka hiree saa ofiin murteeffatu dhiisu hin jiru. Dhaabota Oromoo mormituu jedhaman irra marsanii mirga ilmoo namaa bu’uuraa kana balaaleffachuun akka isaanitt galan godhanii jiru.

Habashaaf kolonoti haada jireenya saanii waan ta’aniif tolaan gad dhiisuuf fedha hin qaban. Tigray empayerii irra gargar of baasuuf duubbee qopheeffateera. Abo tasa argate hanga irra turuti, kan dandahu saammachuuf ilkaanii fi qeensa baafatee itt bobba’ee jria. Bultiin saa qubaan lakkaawamuu beeka.  Al tokkoo gad dhiitamnaan qawween haa tahu demokrasiin itt deebi’uun abjuu badde taati. Taraan saanii illee Itiyoophiyaa Oromiyaa dabalatu yoo hin taane Habashaa qofa keessati si’achi itt hin tolu. Darabee itt haanus empayera kufaatii irra oolchuuf  cunqurfamoota of fuldura hiriirsuun saanii birmachuun hin hafu. Jaarmiyaan Madrak jedhamu garee birmannaa keessaa tokkoo.

Nammi Habasha biyya saatii bahee hin beekne maqaa saatiin badiisa orma kibba irrati tolfama jiru hin beekuu. Olhaantummaa hololaan itt afuufamuun kooruu malee qabeenya saamamu keessaa hangas kan hin buufanne jiru. Mootummaa amma dhufe qofatu kibbaa kan samu biyya isaa ittiin misomsu irrati bobbahe. Waggaa digdama keessati warshootaa fi dhaabota barumsaa hedduu, ittisa elektrika, qabeenya bishaanii fi jalcaasa lakkofsa hin qabne kanaan dura hin beekne Tigrayif argamsiisee jira. Kaana irratt dabalanii abba tokkeen bulcha irra jiran akkuma nafxanyoota durii qabeenya saamichaan walirra tulaa jiru. Kanaaf aangoti Habashaa hundi empayera akka jiruti yoo eegan malee jireenyi bacarraa itti hafa.

Empayerri jiguun orma kibbaaf bilisummaa dhalcha. Empayerri diigamnaan biyyi hundi abbaatt gala. Giti bulchituu fedha saaniitin demokratummaa fudhachuu jechuun du’a ofitt muruu taha. Diduun miira ilmoo namaati. Empayeri wal caalmaa sabootaa irrati waan ijarameef demokrata’uu hin dandahu. Hanga yoonaa gurguddoon Habasha ijaaraman keessa deebi’anii sirreessuu hin feene. Kanaaf sabooti empayera jalati hidhaman hiree saanii murteeffachuun durfannoo kan tahu. Sanaafis kan wal fakkaataniin walii tumsuun malee qabsoon cuqurfamootaa kan dudda cabse angoti deebi’uu gargaaruun miti. Demokratik Itiyoophiyaa haa tahu Republik Oromiyaa bilisii jiga empayera malee mirkanaawuu hin dandahani.

Oromiyaan erga halagaa jalati kufte bakka hedduuti kukkutanii Xaqlaayi Gizaati” moggaasanii turan. Bara Hayila Sillaasee gara dhumaa gurguddoon Habasha maqichi akka kolonummaa hin calaqisne gochuuf “Astadaadar” (Bulcha) jedhamu qaba jedhani yaada darbachuu eegalan. Dargiin yaadicha fudhatee ergasii sanaan waamamu. “Qabeen  geeddarameef dhammi itittuu hin tahu” akkuma jedhame, maqaa geedaruun hariiroo malbulcha, diinagdee fi howaasomaa kolonota fi koloneeffataa gidduu hin jijjiirre. Kukkutammi Oromiyaa eenyummaa waloo saanii irrati dhiibbaa qabaachuu hin hafne. Garuu qabsaawoti Oromoo wareegama guddaa itt baasuun osoo inni waliigalati hin haqamin bira gahani.

Ergasii Oromoon 1991 kaasanii daangaa Oromiyaa tokkoo keessati dhaalmaa badii irra hafe waliin gabbifataa jiru. Haala dhiigi goototaa warraaqxotaa jijjirsise kana kan hin qayyabanne tola argame se’uu dandahu. Kan hafe argamsiisufis haa tahu kan argatan eeggachuuf karaa gabaabaan hin jiru. Ilmaan Oromoo irraa wareegama caalaa gaafata sanaaf firaa fi diina walii maqfachuu qabu.

Sirna koloniii jalatt Oromoon jireenya gadadoo, salphinaa, carraa dhabeenyaa fi hawwa walabummaaf qaban walfakkaataa jala turani. Kanaaf dhimmi sadarkaa sabaawaati isaan wal dhabsiisuu hin turre. Kanaaf qabsoon qindaawee maqaa saaniitiin ka’e “biyya takkitti, saba tokkicha fi hiree tokkicha” irrati hundaawe malee Xaqlayi Gizatii yk empayera cimsuuf hin turre. Bara 1991 gosti jalqabaaf walitt dhufe akki inni gadoodaa jaalalaa fi ulfinaan wal yooyyefate sanaaf ragaa dha. Sana yoo argan qabsaawoti bilisummaan morman yaada saanii ni dhoffatanii.

Mirkaniin jiran hundi yoo walitt ilaalaman tokkummaa Oromoo wanti gaaffii jala galchu hin muldhanne. Qabsoon Oromo hanga yoonaa Xaqilayi Gizaatiitt gadi hin buune. Kanneen yaalanis hin milkofne; fulduratis maalifaan milkiin baasu hin muldhatu. Dhiigii gootota Oromo bahaa dhihaa, kibbaa kaaba fi gidduu qabsoo bilisummaa keessati qooda fudhatan jiyaa hundati faca’ee Oromummaa magarsaa jira malee bakka dhalataniti hin hafne. Hamajaajii Oromummaa guddaan malbulchesitota fakkeessitu dhaabota Oromoo keessa jirani. Ofittummaan kaka’anii hoduu sobaa facaasuun orma kana dhugeeffannoo fi Xaqilayi Gizatiin hawwachuu yaalani.

Haalli qabsoon Oromoo hardha keessa jiru kanuma jalqaba torbaatamootaa fakkaata. Baras Oromoo garri tokkoo “qabsoo gitaa” maqaa dhahachuun xurree ABO gad dhiisanii dhaabota Habashaa komunist ofiin jedhani tumsani. Isaan jalatis maqaa Oromoon jarmota qabu turan. Duubi saa gaarii hin turre. Akka hin taanett lubbuun bakka buusa hin qabnee qisaasame. Akeeki koloneeffataa kolonota saa hooggansa dhabsiisuu dha. It baqatanis irra baqatanis haxxeesaa hidhuufii hin dhiisu. Garri kaan sirna empayeraa cabsinee isa jalaaa Oromiyaa bilisa baafna jedhanii of ijaarani. Dhaabi saanii jalqabaa ABO ture. Hunduu mootiin Habashaan diina godhachuuf kan jiru ofumaa wal hiraarsaa bahani. Isa Oromoon “halagaa waliin nyaadhuu fira keett garagalii liqimsi” jedhu sana dagatani.

Ergasii ABO keessatis murnooti tuqaa bu’uuraa sagantichaan morman biqilaniiru. Ifaan gadi bahanii yaada jaallummaan heera haa fooyyeffanuu jedhanii Kora hunda haammatuti hin dhiheessine. Akka hoogganni tokkoo jedheti yaadi Itiophiyaa demokratessuu yaada yaraa waan tureef carraa ifa arguu hin qabu ture. Tahus akka seeraati beeksifamu malee lafa jala dhaaba jeequun sirrii hin ture. Yaadich heeraa alatt ifa ilaaluutt ka’ee. Heerarraa hamaa faccisuun mirga fi dirqama miseensaati. Eenyuu seeraa ol tahuu hin dandahu. Haalli suun shaffisa sochii bilisummaa irrati calaqisuun ifaa dha.  Sunis caccabina fide. Kaasaa caccaba fide irrati wal amanuun waan dhibeef yaaliin dhinsuuf tolfame hin milkoofne. Demokratessitooti Itiyoophiyaa kun bakka adda addati marii hedduu gaggeessanii ergama saanii fiixan baasuuf karaa hedduu yaalani. Biyyatis hidda diriirfacuuf abbalanii turani.

Amma tooftaa addaatiin Itiyoophiyaa demokratessuufi bifa haaran murni tokkoo gad baheera. Si’ana dargaggoo Oromoo wayyaban deggaramuu baatanuu hirkoo argataniin wal gitna jedhanii kan of amansiisan fakkata. Namoota golgaa ABOn deebi’anii halagaa waliin Oromiyaa fottuu dharra’an, afaanii fi aadaa halagaa leellisaniif kun misirachoo dha. Nyaattubeen, nammi waan jette haa jettuu ana garaan achi nattii haajettu jette jedham.Kanaaf waa’ee ofiin bula Oromiyaa dubbachuun waca kaasu heduun nama hin dhibu. Yaadi addaa kun tolaa dhas haamaadhas kan jedhan jiraachuu danda’u. Oromoon haasaa nama hin dhowwu, kan gamnaas kan gowwaas walqixee dhaggeeffatee deebii kenna. Sodaa fi doorsisaaf bakka hin kennu.

Ilaalchan adda ba’uun ABOn hin eegalle. Fakkeenyaaf sochiin Eertraa, Tigray, Sudaan Kibbaa, Somalia, Filisxeem ni argamu. ABOn murna hedduuti gargar bahuun dhossaa miti. Dhaaboti Filisxeemis garagarummaa walii fudhatanii PLO ummachuun ni beekama. Gara garumaa ilaalcha addunyaa haa qabatan malee Philisxeemiin bilisa baasuun manii hunda saaniiti.

Miirri Oromo hundarraa adda. Hanga hangammeessa dudhaa saanii keessat safuu eeganii socha’aniti akka yaada ofiiti ijaaramuun hamaa hin qabu. Akeekkati saanii fira irrati utuu hin ta’in isa biyya abbaa saanii qabate irrati xiyyeeffamuu qaaba. Waan hundaafuu ilaalchan of takaalee laasha’uu manna obsaa fi wal danda’uun akka yaada saati of ijaaruu wayya. Sun halagaaf malee lammiif bu’aa hin qabu. Bilisummaa Oromo hankaaksuuf keetoliin ergamsa qaban jiraachuu dandahu. Hammasitt utuu imaammata Oromummaa calaqisu hariiroo nama sadafaa waliin qabataniif tolfatanii hundaafuu anjaa qaba.

ABOn Waggaa kana hunda waan gochuu dadhabe tooftaa jijjirree fiixan baafna kan jedhan maaf nammuu qeeqa kan jedhan jiru? ABO kan danqan keessaa tokko kanneen gargar bahuu amma jiru duuba jirani. Jechi Oromoo tokkoo “kanan sangaa koo bade argachuu dadhabe isa qalatee nyaatetu faana dhahuu na gargaaraa jiraa” jedha. Sanatt dabalee duubbeen kolonummaa, bilisummaaf dudhama dhabu, dabballooti ol haanoon caccisummaa dhabuu, ajjeefama yero malee hoogganoota hedduu fi karaa alatt baasu rakkachuun shaffisa dhabuuf kaasaa tahaniiru. Sunis tahe murna orma wayyabi hawaasaa dammaqina malbulchaa hin qabne keessaa bahee hamma kana gumaachuun seenaa kolonoma saba saa keessati hiriyaa hin qabu. 

ABOn qabeenya Oromiyaatt dhimma bahuuf ta’ee diinni dhimma akka itt hin baane gochuuf gahaatt hin tattaafanne. Dhaabicha fi akkaata inni itt hojjetu haaromsuu dhabuunis danqaraa guddinaa ture. Taasisa hedduu, luuxxee galtuu fi dhiibbaa alaa ofirraa eeguu dhabuun si’aawummaa silaa keessaa maddee jijjiirama fiduu qanccarse.  Furmaati, keessa deebi’anii mudaa jiru qorachuun sirreessuu male eegee qeensanii gara baaseti baqachuu miti. Kaayyoo jijjiiruun geedarama tolaa fiduu irra hamilee sabichaa fi jija hanga yoonaa galmeeffaman irrati miiddhaa fiduu dandaha. Kaayyoon bilisummaa mudaa hin qabu ture. Osoo dhaabichi dambooba, kutannoo fi dudhamaan dandeetii qabu hojiirra oolche tahee want halle adda tahuu mala ture. Dhoofsisi qabsoo keessati barbaachisuu hin oolu, dhoofsisis kennanii fudhachuu gaafata, garuu bu’uura kaayyoo kan tuqu tahuun irra hinjiru. Akeeka irrat daddaaquu fi wayti dhihaachuutt roga dhabuun ayyaan laallatummaa dha. Ayyaan laallatummaan miira jaamaa waan taatoon yeroof kan argatu itt fakkaate malee hamaa duubaan dhufu hin laalle.

ABOn kan dhalate Oromiyaa xaxaa kolonummaa jalaaa baasuuf ture. Boona sabaaf ergamsa saanii bakkaan gahuuf lubbuu gootaa meeqaatu bade. Abba tokkeen karaaa jijjiirrachuu ni dandaha. ABOn garuu kan dabaankufootaa waan taheef xurree saanii irra jerachuu itt fufa; yoo dadhabes maqaa saatiin du’uun ujuu sabichi dhahatu ta’ee hafa. Inni kaayyoo saatiin jiraateef dhaaboti Oromoo hundi jiraatani. Daddhabini hardha jira jedhamu jijoota dhiiga fi dafqa goototaan galmeeffaman irraanfachiisuu hin dandahu. Kanneen lubbiin jiran sana keessaa qooda qabanis ejjennoo saanii hardhaaf kan waliin hin duulleen salphifamuun safuu dha. Jannooti Oromo gaagaa hunda danda’anii ABO jala hiriiraniif sadarkaa hardha Oromummaan boonnee mataa ol qabannee deemnuu kan geenye. Nuti kan lubbuun jiru bakka isaan itt dhaabanii kaafnee bokkaa haa tahu hongee fiixan baasuun dirqama keenya.   

Akka “nammi tokkoo irba tokkoo” jedhanitt Oromoon demokraasii irra anjaa qaba kan jedhan jiru. Demokrasiin “nammi tokkoo irba tokkoo” haa jedhu malee dorgommeen malbulchaa  sabummaan osoo hin ta’in kennata yabboo golootaa irrati hundaawa. Waliinjiroon kennataas kan danga’amu lakkofsa dilormaa Oromoon wayyaba ta’uu dhiisuun malu irrati. Kan moototi biyya keessaa Oromoo facaasaa jiran qophii gara kanati godhamu tahuu dandaha. Kanaaf mirga Oromoo kabachiisuuf guddinni dilormaa saa gahaa miti. Kan dhimma baasuu akkaaata to’annaati. Furmaati Oromoon qabu mirgoota saa sabummaa gara hundaan mirkaneeffachuu qofa.

Kanneen bilisummaa Oromiyaaf qabsaawan Wayyaaneen mootota Habashaa kanaan dura turan caalaa yoo hammaate malee isaanii gadi miti jedhanii amanu. Dinni Oromoo waligalati sirna kolonii empayera Itiyoophiaa malee Wayyaanee qofa akka taheti hin fudhatani. Sana didhuuf jalqaba ijaarsa jabaa, hogganoota amanamoo fi daaya kaayyoo sabicha taliila qaban feesisa. Yoos qofa kan waa’een tooftaa, dhoofsisaa fi tumsaa dubbatamu. Ammaaf filmaati ifaa dha, bilisummaa Oromiyaaf qabsaawuu yk Itiyooophiyaa demokratessuu. Duulli bilisummaa Oromoo bira darbee empayraa mootii jijjiruufi Wayyaanee qofatt xiyyeefatu manii ABO miti. 
Oromiyaan haala sodaa fi dorsisi hin jirre jalati, referendum gaggeeffamuun hiree see murteeffachuu qabdi. Qoodi kanneen bilisummaaf dhaabbatanii akka Oromoon ofiin buluu filatu kakaasu dha. Yoo saboota biraa waliin jiraachuu filate murtii saa mamii malee kabaju. Tumsi dhaabota Oromoo mitii waliin godhamu dura referandumii irrati kan hundaawe tahu malee kaayyoo sabichaa ganuu ta’a. Hanga sabi Oromo hiree saa murteeffachuun kan garaa saa filatutt qabsoon karaa hundaa itt fufa.  

Oromoon walabummaan haa jiratu olloota saa waliin haa jiratu filmati dhumaa kan sati. Mirga hiree sabummaa murteeffachuu saa deggeruu garri hund ni himu. Sanati kan amanan hariiroon qaama sadaffaa waliin godhamu gufuu akka hin taane eegganoo barbaachisa. Sanaan wal taaanaan dhaaboti malbulchaa Oromoo dhugaatt walaba tahan gaaddisa tokkoo jalatt walitt qabamuu dandahu. Yaaliin THBO (Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromoo) tolchuuf godhames sana. Yeroo malee waan ta’eef keessa hulluuquu hanqate taha. Ammas kan walii miiltoo ta’uu danda’an sagantaa tuqaalee irratt waliigalan haammatu baafatanii waliin hiriiruu dandahu. Sabboonaa dhugaa kaayyoo qabu tokkummaan hin dhibu.                     

Dhuma irrati, nafxanyootaa moofaa ha tahan qacceen saanii Oromiyaa akka gulummaa saaniti ilaalu. Sirni empayra demokrata’uu akka hin dandeenye mootummaan Wayyaanee fakkeenya guddaa dha. Qabsaawoti Oromoo yoo guddinni orma saanii akka dhimma baasuu barbaadan ijaarsa cimaa fi hoggansa kutataa fi dudhamaan gadi bahuu qabu. Yoo dilormaan guddaan akka Oromoo jaarmaa cimaa duuba jirate humni jala dhaabbachuu dandahu hin jiru. Qaammi sirnaan ijaaramee duubbee cimaa qabu nagaa fI araaraaf miltoo  ta’uuf ulfinaa fi amanamummaa argata. Wal danda’uu fi obsaan of qabuun dudhaa Oromooti; kanaaf wanti hojjetu hundi kan safuuf bakka kennu tahutu eegama. ABOn ulfoo sabaa, bilisummaan gargar hin baafamne wan ta’eef dhimma biraaf hin butamu, hin liqeeffamu, hin gurguramu. Hamma nammi tokkoo kan kaayyoo ABOn qabatee ka’ef qabsaawu jiraatett kakkabeebsee maqaa saa dhimma itt bahuuf eenyuu mirga hin qabu. Sabboonoti yeroo afanffajii kana gad bahanii ruumicha marsaanii jiru irraa faccisuun jaalbiyyummaa dha. Kan dhofsifamu karaa kaayyoott geessu malee kaayyoo miti. Osoo kaayyoon bilisummaa hin mucucaatin sabboonoti hundi eeguu dhaabbatanii faajjii saa ol kaasuun mullatee, qilleensaa, onnee fi sammuu sabaawaa keessa akka balali’u gochuu dha.  

Qabsoon bilisummaa itt fufa ofiin buluun ni dhufa!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Caamsaa  2011 
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *