0

Fuula Kolonoomaa Haara

Duubbee
Bara Walharkati qaba Afrikaa dhuma jaarraa 19ffaa n lafa keenya dhabne, gidiraa fi salphina kana hin jedhamneen mankaraarfamne. Sun tahus osoo ofirraa hin faccisin akka hawwa diina keenyaa himannaa konkaa mirkanii hin qabne “lafa saa harkaa baasnaan jireenyi Oromo ni dhumataaf” jedhuu hin taane. Sun hundi tahe Oromummaan seenaa barasii irra baraaramuun, eenyummaan Oromoon hin tuqamin gilgila bahe. Akkuma yeroo amma kana anjaa yoo hin qabaannellee haalicha fuggisiisuuf jara hedhannoo nurra olhaanaa qaban waliin qabsoo hin irraanfatamne goone. Sun jalqaba kolonummaa kan bowwuu jaarraa tokkoo duuba rimsama sobaa “baaqulessaa” kan jedhamu waliin dhufuu jiru farrisa ture. Wanti tokkoo garuu kan darbeen walfakaata.

Yoomiyyuu kan keenya waan tahe deeffachuuf ni lolanna. Kun ifsa ijoo Kaayyoo keenyaa, impriyalism hatahuu imperiyaalism haaraa jalatis kennamu.  
Oromoon saba walaba seera jalati sirna bulcha gadaa demokratawaan of gaggeessu akka ture ifsuu hin barbaachisu. Seerri kan dhimma baasu nannaa hawasomaa bakka hoogganooti filataman hojii saani guyyuu tartiiba galfataniin raawwatan, caalaattimoo bakka hoggani itt hogganuti.  Waliti qabaan ijaarsa dhaabota hawaasaa sun kan hundaawan roga fudhatamaa fi akeeka irrati, caalaattimmoo haala ol haanaa hayyamaa fi fedhaa ummata irrat ture. Fedhi bilisi kun aadaa, seeraa fi dudhaa sabichaa waggoolii kumoota dura bu’uurfamaniin eegamaa dhufe. Akka sanati bara baraan sirni ulfaataa dhufee kun weerara ofirroo galmee seenaan “Walharkati qaba Afrikaa” jedhamee beekamuun raawwate. Sana kan gaggeessan Britaniyaa, Beljig, Franse, Jarman, Xaaliyaa, Portugal fi Spanyaan akkasumas kittillayyoo akka fedha saaniiti owwaatanii hojii jibbisiisaa gooftolii adii hojjetaniifin ture.

Kana akka duubbeeti yoo fudhannee Oromoon yeroo jalqabaatf sanyii gabbaarii kan mirgi saanii dhiitame, aadaan saanii akka qaanessaa fi salphisaati hundee buqqaafame tahuu agarra. Hangammeessi seeraa fi bulcha demokratawaa cala’ee, aaboon dangaa hin qabne seermaleen humna irrati hundaawe gad itt fe’ame. Oromoon dachee kana irrat lubbuu gadgaloo taasifame. Fulleeti haa dubbanu yoo jenne, hawaasota seenaan faallaa fi garagarummaa ifaa qaban kana gidduu baqaqaa guddaatu mullata.

Saamich TPLF fi qaba kolonummaa Oromiyaa dheerate

Buqifama qoteebula Oromoo
Kolonummaa haaraa jalati kan Oromoo irra gahe safuu beekamaa hunda kan macalaqse ture. Osoo inni dullachi hin xumuramin akuma isa duraa haleellaan haala haaraa kana jalati danaa fi unkaa daldala qonnaan as bahe. Duraanis haa tahu ergasii takkaa waan akkasii hin agarre. Gaggaba gaaffii lafaa qonnaatu jira. Ekeraa raajii, buttuu lafaa kan akka uuma durdurii kan itt dhufe hunda haxaawaa deema jedhani, namaaf gara laafina hin qabne kana, damaqanii ofirrat eeguu dha. Warraa fi maatiin Oromoo lafa saanii dudhaa xaa’oo irra buqqaafamani gulummaa gurguddaati hiramaa jira. Gurguddoon bulcha irrati bobba’an ofii fi qubsa fulduraaf lafa ballaa jabeeffataa jiru. Akka akaakilee saani imaammata sanyii irratt hundaaween Oromo qeeyee saanii keessati gadgalummaan fanfanaa jiru. Kun Oromoo abba tokkeen fi waloof hobbaatii jeequmsa irrati fidu qaba. Waa’een lafaa, maaljecha tarree fedha guyyuu  qaari’u, kan akka dhugeeffannoo hooqubaan galuufi. Kan utubaan Gadaa dagaagee fi hariiroon abboolii keenya waliin qabnu bu’urfamu lafa irrati. 

Mirgi ilmoo nama kan dhagaa golee sirna Oromoo ture akka hin jirreti barbadeeffame. Kara hunda Oromoon seera malee osoo hin dhaggeeffaamin hidhamu dandahe. Haalli itt jiraatamu kan mootummaan irrat fe’ame, jireenya deegaa xaxaa fixa sanyii diinagdaawaa fi waan isaan ilaalu irrati sagalee kennachuu hin dandeenye keessa galche. Oromoon guyyaa guyyaati yeroo gad adeemu hireen lammii isa kaanii baasii Oromoon foyya’aa deeme. Sadarka hawaasaa nama walirraa jala hansutu uumame, tokkoo kan dabsataa inni kaan kan dabsatamanii. Dabsatootii mirga qabeenyaa fi humna kan dabsataman akka barbaadanitt dhimma itt bahu. Kan dabsataman dirqama kan dabsatanii ajajamuu qofatu itt hafa. Gabbaaummaati jijjiraman jechuu dha.

Murtii isaan ilaalu kam irratuu qooda fudhachuun hin hayyamamuuf. Oromoo qabaa hin guunne, maqaaf falfalfaltuu guddicha duukaa sussukan, oguma malbulcha ofii guddisuuf malee hawwa sabicha hin iddoosani. Isaan akka namich yihudaa farroo, bara Naaziin bantii aangoo irra qubate Awuswitzti  Kaapoo mana hidhaa ture sanaati. Seenaan hundaaf qooda ummata ofii mancaasuu irrat fudhatanii fi daba biyya saanii jaallatamtuu irraan gahaniif qajeeltuu isaanii tahu hin dhowwatuun.   

Dullachaa fi Haaraa
Yeroo koloneeffataan Awuroopaa Afrikaa keessaa miilla baafatu bakki saa mootii keettoon saanii tahe bifaa fi dhiheenya biyya haadhaa jala dhokatee duubati hafe.  Erga yerosiiti Oromoon gabbaarummaa keessaa of baasanii walabummaa badde deeffachuuf qabsaawaa jiraatan. Mootummooti lama quurrama nama dhaggeeffachuu dhabun akkuma British Keeniyaa keessati, Iyan Smith Zimbabweeti, Boyeroti Afrikaa kibbaati fi Arabooti Oman Zanzibaariti haleellaa du’a walfakaata argatan.  Inni lammafaan balleessaa isa duraa sirreessuuf bookkisaa irbuu seene. Dhugaamati jalqaba lafti kan ummataa tahuu mirkaneesse. Booda garuu ofirra deebi’uun lafti kan finnaa empayerittiit jedhe, kun jechuun kan koloneeffataa jechuu dha. Ilaalchi akkasii fi tuffiin hoogganootaa, du’a salphinaa heddoota keessaa kan akka Idii Amiinii Ugandaa fi Siyaad Barree Somaaliyaa irra hin oolchine. Akkuma kanneen isa dura turanii muxannoo nama biraa irra barachuu hin dandeenye. Dargiin tuffii ummataaf qabu fi ta’iisi adda addaa waliti dabalamanii kurnan lama gaditi salphinaan xaxatee akka bahu tahe.

Osoo Oromoon birdhuu godaanisa duraa jalaa hin dandamatin inni itt haanee dhufe isaa duraa caalaa dira’inaa xiraawaa, sobaa fi haxxummaan as bahe. Gargaarsa anga’ootaa fi dhaabota finaansii garba gaamaa hamma funyaan gahuti waan argateef hanga yoonaa mamaa angooti rarra’aa jira. Akkuma gooftolii kolonummaa durii TPLFs too’annaa wayyabaaf jedhee bucoota kota’uu leellisa. Garuu bulee bulee gargaarsi alaa kamuu, diddaa keesaa laf jala bulluqaa jiru, kan dhufuuf taa’u jijjiruu akka hin dandeenye irraanfatamuu hin qabu. Gooftoliin hariiroo tolaan walqixxee hin taanee jiraannaan mallotoo rakkinaa tokkoo dursee itt muldhannaan kan tumsaniif aarsaa galchuuf ija hin sukkuummatani. Amma ta’iisi haaraan, sochii Afrikaa keessa seenuu fi  ummata biyya akka hubuu dandahuti lafa saa laqam guchuun  misaa jira,. Jarri kun murnoota imperiyaalistootaa haaraa seenaa darbe hammeenya isa dura caalaan irra deebi’uuf mala kan qopheeffataa jiran.

Itti bahi buta lafaa maal ta’inna 
Yooma kaasaan Walharkati qaba jalqabaa diinagdaawaa tahellee kan waldayyicha hube samicha diinagdee qofa osoo hin tahin, yeroo qabsoon sammuu kolonummaa keessaa baasuu o’aa dhufeti, aadaa Awuropaa wirtuu godhate kan profeesaroota Lixaa tokkoo tokkoon hogganama tures qooda qaba. Kanneenis uumaa, dhiibbaa malbulchaa, hawaasomaa, dhugeeffannoo, ilaalcha addunyaa fi aadaa qabu turan. Qarqabooti kun badii dhaabbataa nameenya, mo’umsaa fi tokkummaa saboota Afrikaati fidaniiru. Qarqabi dambalii itt haanu waliin dhufan mancaasuuti isa duraa gadi hin tahan. Taatota keessaa bulcha demokratawaa, Oromoof dhaalmaa seenaa fi aadaan dhufhafe hafee, mirga ilmoo nama ulfeessuun kan beekamu hin jiru.

Dhugaa barbaachisa yoo tahe lafti akka itt raabsamu, qabaatamu, ittiin dhimma bahamu fi kennamu murteessuu dandahu ummata Oromoo suduudaan yk karaa iddoosota saa qofa.  Garuu danqaa seenaa tahee murni seerawaa hin taane yartuun banti angooti ol bahee lafti Oromoo akka waan kan saa tahee godhachuuti kahe. Caalaattimmoo hariiroon himamu isaan gidduu hin jiru. Akka qaama Oromiyaati of hin laalani. Imaammataa fi gochi  baafatan kan qurxummi jala hara gossu, rimsamaan hamaa fi hoji irra olchuuti halallumaa agarsiisu. Oromoon osoo hin fooyya’in itt hammaata akka jiru dhagahamuu mitii ilaalamuu qaba. Ummata Oromoo qabiyyee saanii irra ari’uuf osoo hin taane rooba hafuu fi dhufuun saa mamii tahe irrati hirkachuu irra qottooti filmaata  adda addaa akka qabaatan gorsa ture. Buqqa’uun Oromoo gara magaalaati dhiibuuf deema. Qubsa haaraa dabalatee dhoofsisa fulduraa irrati  Oromoon biyyuma saa keessati malan bucaawuuf deema. Laqam gochi lafaa fi qubsi haaraan Oromoomitootaa kan xiyyeeffate dantaa malbulchaa ofii fi dilormaa Oromiyaa jijjiiruu irrati. Hobbaatiin kanaa dursee mullachuu hin dandeenye, waan hedduu keessa kanneen akka wal garreffata sanyiin gargala Sudan, Yugoslavia fi Rwanda irra gahe fiduu dandaha.

Laga, dololloo fi bishaan lafa jaalaati akka dhimma bahan seeraan abbootii biyyaa kan tahaniif gorsii fi gargaarsi  kennamee hin beeku. Garuu halagaa saamtuun lafa hanga fedhan akka bitan qabeenyota kanatu dhaadheffamaa jiru. Kan gaddisiisaa tahe, akka waan Oromoon ergamsa of ajjeechaa kana keessati qooda fudhataa jiru, kan gurgurtaa lafaa dhaadhessan galtoota. Tigrayii horii ambaatiin haroo nammi uumee fi meeshaa jallisiin yoo wal barsiisan qottoonni Oromoo akka bishaan uumaan kenneefiti dhimma bahanillee gargaarsi fi jajjabeessi hin yaadamneef. Oromoon ummata homishaawota; akka dandeettii saanii riphaati gutummaati dhimma hin baane kan godhe bulcha fokkuu dha. Osoo abbootii lafaa hin hayyamsiisin mootummaa koloneeffataan namoota biyya saa fidee lafa Oromoo irra qubachiisaa jira. Yeroo sun hawwa Oromoo doomsaa jiruti halagooti saamtuun lafaa Oromiyaa keessa hulluuqanii Oromoo araddaa akaakilee saaniirra akka buqqisan hayyamaa jira. Saamtuu lafaa akka haawaannisaati; qubannaa tokkoon hojii uumaa fi hidda hawaasaa barbadeessuu dandahu.

Bu’aa irraa’olii dursanii osoo hin mirkaneeffatin saamtuun lafaa horii saanii hin balleessani. Gatii addunyaa keessaa busaawaa taheen lafa qaata argatani. Bu’aa saanii caalaati irraa’olii gochuuf akka makiinaa biyyicha keessumsiisuu uleen haa tahuu afaan kaa’an too’achuu yk dhibbaa irrati gochuu akka dandahan dursanii mirkanee mirkaneeffachuu qabu. Bulchooti Itiyoophiyaa lafaa qonnaaf tahu hunda gurguranii akka biyyoota banaanaa republic jedhamanii dhiibbaa saamtuun kanaa jala ooluuf qopheedha; duraanuu hamattuun akkasumati beekuun. Qabsoo fulduree Oromoo imperiyaalistoota daldala qonnaa fi mootota Itiyoophiyaa nyaapha hixatuutti of geeddaran waliin taha jechuu dha. Barri “mootiin mootummaa saatiif hinaafaa dha” jedhamu egaa ni darbe jechuu dha.

Bu’aa irraa’olii argamsiisuuf tattaaffiin jiru, biyyoo taadhomaatti gadjabeessanii dhimma bahuu fi haddhatoota adda addaa waggoolii yartuu booddee biyyicha hojii ala taasisaniin tajaajiluu gaafata. Qonnaan homishaa too’annoo malee gad dhiifamu naannicha balleessuuf taa’a. Namootii waan kanniisaa fi binoo taadhoma margoo gargaara irra gahaa jiru qaata guungumuti kahan.  Haddhatooti qonnaa fi jiruu hoomishaa tajaajilan lafaa ol kan jiran qofa osoo hin tahin lafati gad seenuun doloollotaa fi bishaan lafa jala akka hubaa jiran beekamee jira. Namooti hedduu fi beelladi bishaan kana dhuguun akka faaffataa fi du’aa jiran iccitii finnummaa irra darbeera. Bobbaan imperiyalistoota haaraa badii sanyii dhokataa waliin dhufaa jiraachuu saa addunyaan irrat xiyyeeffachuun barbaachisaa dha. Sabi Oromoo fi naannaan saa badiisaa itt bahi saa hin beekamneen dorsifamaa jira. Naannaan manca’uun, waliti hidhata akka funcaa waan qabuuf yeroo booda idila addunyaa  gaagahuu dandaha.

Waatataa dheedhiin warshaa warraqsa homishaa duuba uumamaniif hanqachuun, Walharkati qaba Afrikaa isa jalqabaa futtaasuu irrati qooda qaba. Dorgommeen dhiheessii waatattaan kun gufuu malee akka argamu burqaa saati too’achuun barbaachisaa ture. Karaa biraammoo walharkati qaba ammaa gaagaa hanqina nyaataa addunyaan akka furgaafame himama. Kun naannaa daldala bu’aa qabuu uumuun gabaa kanaan dura biyyoota yartuun dhuufatameti kan karaa bane fakkaata. Saamtuun lafaa akeeki saanii ummata saanii nyaachisuu qofa akka tahe himatu taha. Garuu dira’ina haaraa gabaa addunyaati fiduun jara kaan jala muruu fi adeema. Gatii lafaa hamman jirree fi gatii hojii bushaawaa hundaa gadiitiin kanneen gatii dafqaa guddaa baasaniif dorgomuun rakkisaa tahuu hin oolu. Waliti yoo ilaalame $0.50 guyyuu fi $7.25 innaati kaffaluu tahuu saati. Imperiyaalistooti haaraan biyyoota midhaan qotaniif gabaa guddaa turani. Dira’inni isaan fudhatanii as bahan mamii malee aarii uumuun akeeka daldala addunyaa doorsisuun ni mala.

Jireenyi wayyaba Oromoo ifattii fi qoomniiti fanfanamaan laaqamuun itt fufaa jira.  Fakkeenyi kennamuu dandahu tokkoo lafi isaan dhaloota dhalootati irra jiraataa turan iddoo buusa malee fudhatame. Kanneen  meeshaa hoomishaa ofii irrati to’annoo dhabaniif gaaffiin saanii akka sabaa fi abba tokkeeti gaaffii badii irraa baraaramuuti. Yooma kan buqqa’an hundi ni qaxaramu jenne, gabaa hoomisha jara saamtuu lafaa kanaan guute keessaa buddeensi (mindaan) santima 10-50 maal bituu dandaha? Gatii soogiddaa kan nyaata qotee bulaa keessaa hedduu barbaachisaa tahee meeqa? Oo’yiruun tola irra samame qottoota xixiqqoo michuu nageenya naannaa uumaa tahaniif addunyaan eegumsa maalii godhaaf? Ilmoon nama badiisa naannaa isa qaata manca’e caalaa ni dandaha? Muldhati haaraan gaaffi shaffisaan deebi’uu qaban hedduu kaasa. Goleeti dhiibamee hadha isa dhumaa osoo hin tolchin mirga jirachuuf qabu eenyuu gad dhiisa jedhamee hin eegamu.  

Gabaa addunyaa keessati ta’iisichi dorgommee finiinsaa kan mo’ummaa biyyoota Afrikaa caalaa hubu uumuuf deema. Dorgommooti imperiyaalistoota gidduu bara “Afrikaa walharkati qabaa” akka “Kiruger Telegram” fi  “Fashodaa incident”jedhaman tahan ammallee hin irraanfatamne. Qabeenya saanii waan hin taanerrat morma waliiti gamaa turani. Afrikaan kan qabdu hunda dhabde; qabeenya, bilisummaa fi ulfina ilmoo nama.  Walabummaan maqaa illee rakkina yeros dhalatan hin furre. Ta’iisichi haaraan rakkinicha caalaa gadi fageessuuf deema. Hireen finnaa Oromiyaa kanaa, maqa tibba baaquleessaa hedduu rakkistuu tate keessati argamu.

Waan Oromoo ilaaluti, irrati dabalammi haaraan caalaa si’eessuun qabsoo bilisummaa akka itt fufu giidoo kennaaf. Oromiyaan kan Oromiyotaati. Waldhaqiisi koloneeffataa waliin tahan waan seerawaa hin taaneef qabsoon Oromoo akka raggaasisu hin eegamu. Mirkaniin jiru dantaan TPLF fi Oromoo kan hin araaramne tahuu dha. Kan Oromoo bilisa tahuu fi dhimma ofii ofiin gaggeeffachuu dha. Karaa biraammoo fedhi TPLF garboomfatee qabeenya fi humna Oromoo akka barbaadeti dhimma itt bahuu dha. Yeroo amma finnaa Oromiyaa jedhamee kan beekamu bulchi Bantustaan Afrikaa Kibbaa Apartayid kan Tigrootaan hoogganamu fakkaata. Gowwoomsaan akkasi kan dhaabbatu hin fakkaatu. 

Oromiyaa lafa qotiisaaf tahu ballaa qaba. Ummanni akka itt dhimma bahu beeka. Kaan dhaloota dhufuuf ol kaa’aman. Kaan midhaan itt geegeddaruuf irra darbamu. Kaan kaloof ol kaa’amu. Lafti fedha sabichaa ol tahe hin jiru. Eegumsi naannoo qaama aadaa Gadaa fi seera abboolii Gadaa kan ammallee sabichaan ulfoo tahaniiti. Amma lafti taadhiin qoottota xixinnoon qabamanii fi kanneen oliti dhoofne gurgurtaaf dhihaatanii jiru. Taraf baalloti aburtuun daldaltoota qonnaa, bakka taadhii tahan gargar baafachuuf guyyuu wal jala darbaa oolu jedhama. Albudooti kililchoo fi dhagoota  mi’aa tahanii, badin naannaa irrat fiduu dandahan osoo hin hedamin qaata dureeyyii alaa kennaman. naannoti akkasii duraanuu biqiltuu yartuu qabu kanaaf lafa dheebochaa tahuuf karaarra jiru. Keessaammoo Sawudooti karaa keessa beekessa saanii Al Amuddiin jedhamuun itt timaa jiru. Al Amuddiin murna mootummaa Habashaa waliin erga dhufanii kaasee waliin jira. Hawaasoma, aadaa, dhugeeffannoo, dinagdee fi malbulcha empayerittii irrati dhiibaa guddaa qaba. Kutaan jireenyaa diinagdaawaa biyyatii guutuu keessati bakki abbaa biliyoonaa tattaafata kanaan hin sakatta’amin hin jiru. Dhaadhessaa imperiyaalistoota daldala qonnaa isa angafa.   

Chayinooti, Hindooti, Indonezianoti, Kooriyaanoti, fi motimotii fi korporeeshionoti baha dhihoo fi fagoo Oromoo buqqisuu fi mirga saa seerawaa tahe soqoluu irrati qooda fudhatan qabu. Kanneen Oromo qeyee saati mirga dhabsiisuu irrati  qooda fudhatan hundi badii gochi saanii Afrikaa irrati, keessaayyuu Oromiyaa irrati fiduuf abbaawummaa fudhachuu qabu. Kan lafa dabarsee kennuu, kireessuu, yk qabeenya saanii lafa qonnaa haatahu boolla albudda kennuu dandahan ummata Oromoo qofa. Kun orma biyyoota Afrikaa hundaaf dhugaa dha. Mootummaan Itiyoophiyaa fi saamtuun lafaa Oromiyaa humna buusuu barbaadu taha. Garuu yoo qabsaawoti seellee irra dheessan diinoti gocha saanii haman of xaxanii kufuu iraa hin oolani. Dabi dheekkamsa seenaa irra baraaramee hin beeku.

Xumura
Oromoon lafa saanii, fedha saanii bilisa fi ulfina saanii dhabanii jiraachuuf kana caalaa hin obsa hin qabani, ulfina jalaa hin tuqamne barbaadu. Kan itt tahaa jiru balfaniiru.  Akkaakilee saanii eeboo fi xiyya mirmirsan jaarra 19ffaa irra, haala hinaafsisaa irra jiru. Yeros illee ofirraa si’aayinaan osoo hin faccisin qubaa tokkoo dabarsanii hin kenning. Amma addunyaan madheetii baaquleessati geedaramteeti.  Osoo giddeessota addunyaan hin hubatamin kan nama miidhuu dandahu hin jiru. Kan barbaachisu humna qawwee qofa osoo hin tahin kutannoo isa dhumaan sagalee tokkoon weerartuu halagaan “matumaa” jechuu fi dudhama Kaayyoo Bilisummaa ol kaasanii dhaabbachuu dha. Jecha “Angoon gaafatan malee homaa gadi hin dhiisu” jedhu irraanfachuu hin qabnu. Seenaan keenya goototaa fi ta’iisa nama jajjabeessaniin owwaata jira. Filmaati jiru akka ilmoo nama boonaa tokkooti jiraachuu yk sadarkaa gita ilmoo nama sadaffati gadi bu’anii, murtii du’aa mallatteeffataa qasa’aa ibidda hin dhaamneti of darbachuu dha. Callisuun keenya du’aan walqixxee dha; kanneen bulgu waliin bifa adda addan wal tahuu barbaadan balleessaa saaniif baraan gaabbaa hafu. Baasa haaraa fi sadoo addaa, Oromoo abbaa dhuunfaa Oromiyaa, kan saamtuun lafaa kessati qooda hin qabne tahuu hin jijjiiru. Diinota keenyaan buqqa’uu, ajjeefamuu, deeguu fi haddhata, lafa, homishaa fi qabeenya uumaa keenya irra shaffisaan deebii argachuuf dhimma itt bahaniin  fafachuu fi sangoomuu ni dandeenya taha.  Haa tahu male nuti orma hiddi keenya biyyoo keenya keessa gadi fagoo ta’e waan taaneef kumkumaan latnee waan keenya tahe deeffachuun hin hafu.  Hunda irra saamtuu lafa Afrikaa irraa eeggadha! Fulli kolonoma haaraa isaani  Qabsoon ittuma fufa.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri sabichaa fi Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Mudde 2009

Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *