Sirni Barri itt Darbe Warraaqsan malee Kakkabseebsaa hin Furamu

Empyerrii Itophiyaa jaaqeema keessa waan jiruuf raafamaa jira. Jeeqama keessaa baasuu fi salphaatt gara sirna haaraa tokkott ceesisuuf falli soqamuutu irra jiraa. Kana malee, hobbaatiin dhummi saa wayyabaaf dhinsaa ta’us akkuma jalqaba saa bala’amaa ta’aa. Mootummaan Itophiyaa OPDOn hogganamu rakkina jiru baballisuu malee dhiphisuuf fedhas dandeetis hin qabu. Ali al Oromummaa himsiifatus, qabsoo Oromoo Oromiyaa irratt abbaa biyyaa ta’uuf gaggeeeffatan, ukkaamsuuf lubbuu fi qabeenya Oromoo gaga’aa jira. Hoggansa OPDO (PP) kana kan empayericha jeeqama bala’amaa irraan ga’aa jiru. Miseensota dargaggoo Oromoo madaqsee akka obbolaa saanii ajjeesan dirqaa jira. Si’ayinaan lafa Oromoo gurguraa, qabeenya saan saamaa jira. Amma, malbulcha keessaa fi malbeekii (diplomacy) alaa akka inni it gaggeesu irraa, Itophiyaan haala mootummaan keessa hin jirre fakkaattii. Kanaaf, kanneen bilisummaa saba saaniif qabsaawan, nagaa buusuuf qammii waliin dhoofsisan illee hin jirruu. Murnootii fi abbaa tokkooti Bilxiginnaa jalatt walitt qabaman yakkamtoota dhiiga ilmaan namaan laqaman waan ta’aniif nagaa hin barbaadan. Nagaan buu’uu badiisa saaniitti fudhatu. Haala nagaan jiru jalatt balleessaa darbeef itt gaafatama jalaa kan ba’an hin jiraatanii. Sanaaf nagaa jibbuun waraana itt fufaa jiru. Pretoriyaa fi Tanzaniyaan fakkeessa yeroo bitachuuf tolfame.

Waraana itt fufuun gara hundaaf yoo cunqurfamaan moo’ate malee yk waldhabdeen jiru nagaan furamu malee bala’amaa ta’aa. Kanaaf badii caalaan utuu hin dhufin rakkina godinicha mudate keessaa akka itt ba’umaa kanneen nagaa jaallataniin falamuu qaba. Ofittummaan dhibee, hundi walqixxummaa fi bilisummaa walii kabaja taanaan wanti wal dhabsiisu hin jiru. Nagaa fi araarri yoos hundaaf bu’uu danda’a. Sabi tokko of keessaa sirna walqixxummaa fi demokraasii hin qabu taanaan nagaa fi tasgabbi ollaa ofii hin ulfeessuu. Silaa utuu murni tokko demokraasii fi walqixummaatt amana ta’e waldhabdeen olloota gidduu hin jiraattu, yoo jiraates ilaa fi ilaameen furama. Seenaan injifannoo kanneen mirga saaniif lolataniin guutee jira. Qabsoo hidhannnoo amma Itophiyaa keessa jiru kan moo’amuu fi moo’u hin jiraattu jechuun, holola kurkudduutii. Injifachuun murteeffannoo fi dudhama Kaayyoo qajeeltuu gaafata. Kan dhugaa qaban, ijaaramnaan, ofbara malbulchaa qabaanii fi hidhannaan akka moo’an ragaa hedduutu jira. Fakkeenyaaf seenaa Tigray fi Dargii, Eertra, Vetinam, Rwanda, fi Kuubaa ilaaluun ni ga’aa. Biyyi addunyaa kan qasoo hidhannoo malee bilisummaa saa argate hin jiru.

Kan mirga saa irrratt dabi tolfamee, roorroon itt hammaate kutatee qabsofnaan roorrisaa irra haanu wanti dhowwu hin jiru. Oromoon afaan qawween weeratuu dabsatee bilisummaan ba’uu hin danda’u jechuun sodaachisa keettoo roorrisaatii. Dhugaa kan qabu, kan ijaarame, kan ofbare fi kan hidhate akka moo’atu ragaa hedduutu jira. Fakkeenyaaf, seenaa Tigray, Eertra, Veetnam fi Kuubaa kkf. Waggoota shantaman darban keessa ilaaluu dha.

Finnaan Itophiyaa erga uumamee abba hirrootaan bula. Kanaaf olloota saaf balaa ta’aa jiraate. Kanaaf ollooti hundi sirna walqixxummaa, demokraasii, tokkumma fi qajeeltuu of keessatt misuu qabu. Kanneen sirna akkasii qaban waliigaluun hin dhibuunii. Waliigallaan abbaa hirrummaa faggoott ittisuun ni danda’ama. Kanaaf kanneen nagaa fi bilisummaa jaallatan hundi sirni demokraasii akka baballatu tattaafachuu qabu. Utuu jeeqammi xifuma akka ummataatt jiraattota naannaa hin balleessin furmaata barbaachuu wayyaa. Ofbarri malbulchaa kolonootaa, keessaayyuu kan Oromoo golee koloneeffat hund keessaa hoomachaawuutt ka’ee jira. Hoomacha ta’eema hafaa. Ummata ummatatt naquu fi saba tokko isaan kaani irra tuuluunii giti bittuu godinichaa kan of Jabeessaa jirtuu. Ofittummaan hin jiru taanaa, hundi mirgaa fi bilisummaa walii kabaja taanaan wanti wal lolchiisu hin jiru. Yeros qwofa kan nagaa fi araarri hunda irra bu’uu. Sabi tokko of keessaa sirna walqixxxummaa fi demokraasii hin qabu taanaa nagaa fi tasgabbii olloota saa hin ulfeessuu. Utuu murni tokko demokraasii fi walqxummaatt amana ta’ee ollooti giddu waldhabdeen hin hin jiraatu. Afaan tokko kan mirkan beeekii fi malbulcha walfakkaataa waan dubbataniif walii gamtoomina saanii gidduu timjiin hin jiraatuu. Finnaan Itophiyaa erga uumamee abboota hirreen bulaa ture. Kanaaf ummatoota ollootaa fi ummata ofiitiif balaa ta’ee jiraatee. Kanaaf ummatootii sirna walqixxummaa, demokraasii, tokkummaa, fi qajeeltuu of keessatt misuun dura dhabbachuu qabu. Kanneen sirna akkasii qabaniif walqayyabachuun rakkoo hin ta’uu. QWalqayyabanoo fi tokkummaa saaniin abbaa hirrummaa hankaaksuu danda’uu. Uroomoon akka saatt deebi’anii jiraachuuf sirna gadaa keessa deebi’anii laalu qabu. Kanneen nagaa jaallatan hundi demokraasii baballisuuf tattaafachuu qabu.

Jaallannus jibbinus ummatooti naannaa kana jiranii barabaraan walbira jiraachuuf uumamanii. Wanti goonu hundi sana sammuu keessaa kan qabu ta’uutu irra jira. Dhaloota si’anaa gidduu baqaqaa uumuun misa namoomaa egeree hin gargaaruu. Tokko kan biraa balleesuuf yk ofiitt baqsuuf yaalus hanga yoonaa hin dandeenye. Oromoon mirga abbaa biyyummaa biyya ofii irratt dhaban deebifachuuf qabsaawu malee, biyya biraatt hin ceenee. Sanammoo qabsoon nagaa didnaan qabsoo hidhannoo eegalanii.. Haala

ummatootii godinichaa dhukkuba, beela nammi uumeen dararama irra ga’eettIn rakinna dabaluun namummaa dhabuu dha. Beelli fi dhukkubii sanyii, sabaa fi amantee hin beekuu; hunda barbadeessaa. Kanaaf hundi bararama waloof yoo hojjetan nagaa fi tasgabi waaraan, rakkina keeessaa ba’uuf mijjatu ni argamaa. ta’aa. Kunis, tokko hundan caala, kootis, kettis kooti jechuun yoo dhabbatee dha. Akka ummatoota ollaatt kooti kan jennu mirkaneefannee, keenya kan jennu yoo ijaarrachuu dandeenye naga fi araara buusnaa. Utuu ala ba’aniii nuwi hin taa’in, dursanii of ta’anii ba’uun eenyummaa ofiif iggitii kennaa. Oromoon akka sabaatt waggoota dhibbaa oliif kan”saani” waan jedhan malee keenya yk kooti kan jedhan hin qabani. Amma kan barbaachisu Empayera bososaa kabeebsuu utuu hin ta’in warraaqsa hundee buqqisii. Kakkabeesi yeroof jara duubatt harkistuu Itophummaa irra araada qabdu ni qobsa malee ummaticha jaarraa tokko oliif eenyummaa saanii fi waan qaban hunda sirni Empayera kolonummaa nafxanyaan dhabsiifaman mitii. Akka ummataatt kan koo kan jennuu irra kaanee kan keenya isa ta’u yoo waliin ijaarre nagaa fi tasgabbii hundaaf maa’ii baasu ni arganna ta’aa. Utuu gad baane “nuwi” hin ta’in dursanii of ta’uun eenyummaa keenyaaf iggitii kennuu danda’aa.

Eenyummaa jaarraa oliif haalame utuu hin deebifatin waa’ee Itophistummaa dubbachuun, rorron jiru akka ittifufee wayyabi eenyummaa roorrisaa fudhachuu sarmuu fi of tuffachuuti ilaalama. Dhalooti kun ofbarri hanqatee harka kennatus, ilmaan nama bilisummaa yoomuu fedhaan waan hin gaddhiifneef kun furmaata hin ta’u. Rakkinichi kulkulfatee sadarkaa turett deebi’uu danda’aa. Hariiroo egereefis nagaa waara hin fidu. Kanaaf, kan barbaachisu empayera bosose kolneeffataa, kakkabeessaanii wayyessuu utuu hin ta’in warraaqsa hundee buqqis gaggeessuu dha. Wayyessaan gaaffii duubatt harkistootaa araada Itophiyummaa qaban ni quubsa ta’a malee, ummatoota eenyummaa fi waan qaban hunda kolonummaan mulqeen mitii. Waca fedhaa sabgidduu, gobanootaa fi harcaatuu sirna nafxanyaan tarkaanfii dogoggoraan hardha fudhatamu, rakkina naannichaa hundee hin buqisuu. Maddi jeeqama nagaa fi tasgabbii Itophiyaa keessa jiruu, akka biyyi mootii fi empayerri Itophiyaa itt ijaaramanii. Jarri Amaarinyaa dubbatan erga akka gitaatti hogganuutt ka’anii walqixxummaa, seeraan bulmaata, fi qajeeltuu gaddhaabuuf carraa gaarii qabu turan. Utuu sana godhan ta’ee ummatoota finnicha tokkoomsanii saba cimaa dhaabuu danda’u turanii. Kan sana hin dandeenye biyyoota halaga walitt dabalee saba tokkicha uumna jechuun of wallaaluu dha. Seenaa waggoota 3000 qarooma Mormor (Nile) jala hatanii fi hooda Yihudaa ummatan himachuu qofaan seerawaa ta’uu saani himataa jiraatan. Soba saanii hundaaf kufaatii mootichaa maalummaan saa abjuu ta’e boodallee, sana bu’uura tolfatu. Amma empayerichi bososee qarqara kufaatii jira. Yaada namaa, kana irra maqsuuf tarsiimoo fi tooftaa hedduu yayyabatanii jiru. Kan bishaan fudhate hoomacha qabata isa jedhan sanaa. Kanaaf Kufaatiin saa kan hin oolleef, akka hin hubne ummatoooti of qopheessuu qabu. Hanga yoonaa hoggansi kufnaan murni waliin ture walumaan kufa. Abiy kufnaan PPf ni dhumata, OPDO fi ANDEM ummatoota jala lixanii akka kanaan dura hafuun hin jiru.

Murni Amaaraa, barri galfata itt kenne kan nyaatan, sobduu, hamoo, farra ummataa, fagoo ilaaluu kan hin dandeenye, fi of jaallatoo waan turaniif bakka eegamanitt hin argamne. Ummata saanii dur irraanfatan, amma itt deebi’anii ummatoota miidhama saanii qabsoon keessaa ba’aa jiran deebifne akka garboomfannu nuu tumsaa jedhaa jiru. Si’achi wal fixuu taati malee bakka duriitt deebi’uun hin jiru. Ummata mirga ofiif qabsaawuu qajeeltuun gara saa waan taateef kan hankaaksuu barbaadu tola dhiinga ofii dhangalaasuuf adeemaa. Kanneen tumsa gaafatan kun bu’aa gita saaniif jedhanii malee ummata baldhaaf akkuma kanaan duraa waan buusaniif hin qaban. Galmistanii Ortodoksii, murna tokkoof tumsuu fi “Gadaamota” fi dhaaboota see akka finciltuu Amaaraa akka daannoott dhimma itt ba’an hayyamuu hafee amantee hundaan ga’uu irratt yoo xiyyeeffatte wayyaa. Galmistaanni hunda faanfana malee tajaajiluu qabdii. Hiree Galmistaanaa kan murna Amaaraatt hidhuun, ergama bakka hallee galmistaanichi qabu laga tokkott daanga’uu ta’aa. Kan dhimma godhatan olhantummaa gita saanii isa qabeenya fi human saanii tola saamuu gargaareenii. Kanaafis deggersa fi jajjabeessa Galmistaana Ortodoksii qabu.. Galmistaanicha bakkallee ta’uu dhorganii, hireen saaniif kan Galmistaana Ortodoksii wal xaxaa taasisanii.

Duraan Amaarinyaa kan dubbachuu jalqaban kan argaman, ummatoota biyya mootii Habashaa jiraatan kanneen afaan, aadaa fi seenaa adda addaa qaban irra ture. Moototi saanii, ummatoota biyyichaa keessaa ba’an ciiga’anii, qacee adda ta’e garba gamaa himatu turanii. Namoota taraa of jala galchanii damboobsuu kan danda’an, shororkaa fi raatessaa amanteen ture. Ummatooti takkaa of bulchuuf sagaleen saaanii gaafatamee hin beeku. Kan roorroon harka harka itt jedhe fincilee aangoo qabataa. Haata’u malee, namooti akka Tedros Qimaantichaa erga aangoo irra ba’anii dhaaltuu mootota darbanii ta’uu saanii himatu. Yoo dudhaa Baallii nagaan walitt dabarsuu hin qabnees dhimma hin qabani, kan akkuma ta’ett butate gonfichi seerawaa tolchaanii. Ummati baldhaan moototi kan Waaqaa bu’anitt fudhatee hammenya saan guungumuu malee ifatt hin dubbatu. Erga biyyi mootii finnoota walabaa ta’an koloneeffatee booda, sirni kaabaa kun kanneen biraa kibba jiran irratt habaqalame. Jeeqammi amma jiru kan sanaan eegalame.

Ummatooti kaabbaa duula irra duubbeett hafan kanneen Amaara (Kiristinnaa Ortodoksii) ofiin jedhan ofjaja sammuuquwiin yoo ta’e malee saamicha kolonotaa weerartu nafxanyaa irraa hiroo hammana jedhamu hin argannee. Kan manatt hafan amma yeroo kanneen isaan miidhan itt fincilan akka abdattu sirna nafxanyaa gargaran kakaafamaa jiru. Hiyyeyyiin Amaaraa kaasaa faallaa mirga saanii Waaqni kenneef falmatan dhaabbataniif hin qabanii. Giti bittuu nafxanyaa bobbaase, akka isaan loltuu nafxanyaatt makamaniif jedhe beekaa kan manatt hafan hiyyoomsee. Amma waraana isaan yaaddesuu manaa qabu. Makiinaan jara kaaba addunyaa hin quufuu. Jarris fedha maleee ibanta hin qabnu jedhu. Nutis beekumsaa, human fi dandeettii keenya qindeeffannee sana jechuu qabna. Kopha kophaa hin dandeenyuu. Waan isaan jedhaniif sarmuun dirqii ta’aa. Akkka walii hin galee barsiifati ofittumaa gufuu nutt ta’aa jira. Gabaan sabgidduu kun utuu nuti hin beekin numa keessaa keettoolee madaqfachuu danda’ee jira. Maqaa “investment” lafa keenya samuun, laggeen keenya haddhaa itt naqa jira. Kan aangoo irra jira Keettolii saanii fi koloneeffatoo keenya jarreen “koprador” jedamanii. Imaammati “investment” yk waan biraairraatt isaaniin ba’uu hundi kolonoota saamuuf kan aango dabaluuf malee ummataa dhimma baasuuf mitii. Kanaaf “investment” madala qabuu fi qajeeltuu ta’e hawwachuuf dura bilisa ba’uu qabna, yoos ummata wiirtuu godhatee ka’aa.

Utuu Afrikaanoti wal ildiimnanii sooreyyiin addunyaa biyya irraa fudhachuuf deemu. Sabooti, sabaawotii fi ummatooti godinaa kanaa biyyaa fi qabeenya ofii golee golee saanii qabuu. Yoo isaan hanqate humna fi ogummaa saanii walitt gurguranii guuttachuu ni dandda’uu. Kanaaf walqixummaa fi fedhaa walii kabajuun, ofittummaa dhiisanii obbolummaan wal deggeraa mirga sanii Afrikaanumm fi kan tokkoon tokkoon saanii kabachiifatanii jiraachuu ni danda’u. Qulqullina garaan seenaa naannichaa yoo hordofan, adda adda ta’uu saanii ni qayyabatu. Sana yoo fudhatan waliigaluu dandda’uu. Waggoota dhibbaaf hamaas haa ta’u tolaa walii muuxatanii jira. Jara wal hin beekne caalaa walitt dhufuu danda’uu. Diinagdee tokkoo saamuuf utuu hin ta’in waliin miseensuuf yaaduun, barsiifata saanii haa jijjiirratanii. Itophiyaan amma beeknu humnaan walitt qabamte malee kan uumaa mitii. Kanaaf ummatoota heddu koloneeffataan ofiitt baqsuu hin dandeenye. Kiyyoo hamajaajumman tolfanne walgargaarree caccabsineee haabaanuu. obbolummaa keenya jabeessuun walamantee haa misannu. Biyyummaa Oromiyaa kan fudhatan hundaan tokkeessoo malbulchaa walqixxumaan bilisummaa irratt hundaawe ummachuun danda’amu kallachi qabsoo Oromoo, ABOn sagantaa eegalaa irra kaa’ee jira. .

Kanaaf furmaati saa, dogoggora yeros tolfame sirreessuu fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu tokko tokkoon ummatootaaf kan walabummaa dabalatu beekuufinii. Sana duuba qofa, kan isaan waa’ee tokkeessoo yk akka ollaa gaariitt walbira jiraachuu dubbachuu kan danda’anii. Horeen murna Amaaraa kanneen nafxanyaa jedhamanii beekaman, waggoota dhibbaa oliif kolonii bulchaa waan turaniif biyyoota koloneeffataman irra faca’anii jiraatu. Sun waan addaa empayera koloneeffataa Itophiyaatt dhufe qofa utuu hin ta’in, empayeri koloneeffatoon hundi muuxannoo kan irratt qabani. Karaa jarri furmaata arganiif, horee nafxanyaa koloneeffatoo ta’aniis tajaajiluu danda’aa. Kan barbaachisu akka akaakileen saanii humnaan seera malee irratt fe’aman beekuu qofaa. Kana malee tattaaffiin empayera bosose oolchuu yaaluun, jara kaan caalaa hamaa isaan irraan ga’uu danda. Nammi hundi garagarummaa horee nafxanyaa fi namoota fedhaa saaniin Oromiyaa keessa qubatan beekuu qaba. Jarri sun dubbii hin qabanii. Jarri Abbaa biyyaa hagas waanti dhaban hin jiru, walabumma argachuuf garu abdi qabu; weerartuun Amaarinyaa dubbatan carraan eenyummaa gitaa itt dhaban ni mullata. Giti waraanaan ijaaramee jiraate, kan Yakuno Amlaak fi Takle Haymaanotiin jalqabamee Minilikiin itt fufame xumuramuun saa waan hin olle ta’aa jira. “Manbara” Takele Hayimaanot Ortodokssii si’ana mootummaa saaniin walitt bu’uu calqabuun faaruma sana agarsiisa. Walmalee ni burkutaawuu. Hogganni mootummaa amma aangoo irra jirruu, kan Habashaa caalaa Habashaa ta’e, Galmistaana Ortodoksiif tajaajila dhaaba fi ummata kamuu caalaa gumaachee jira

Burjaajii amma jiru keessaa kan ba’uun danda’amu, tokko tokkoon ummataa, kan nafxanyaan diigaman deebi’anii akka ijaaraman carraa kennuu dha. Sana booda, ummatoota dubbiin ilaaltu hundaa fi koloneeffataa durii walii, akka miltoo walqixxeett isaan iddoosanii dhihaachuu danda’uu qabu. Hundi fedhaa qaban, waliin empayera kolonummaa diiganii hariiroo egeree olloota bilisaa fi koloneeffataa kan ture gidduu murteessuu danda’uu. Murtoon akkasii kan fedhaa bilisa irratt hundaawe yoo kabajame egeree ifaa hundaa, tokkeessoo ummachuuf haa ta’uu akka ollaa dansaatt waliin nagaan jiraachuuf ni gargaraa. Walitt bu’i empayerittii keessa jiru fedhoota walitt hin araaramne gidduutt ta’aa jira. Hacuucaa fi hacuucamaa gidduu waan ta’eef hacuucaan hacuuccaa saa dhaabu malee, gaaffiin cunqurfamaa deebi’uu hin danda’uu. Hacuucaan, qaabeenya fi bilisummaa waan ofiitt dhimma bahuu cunqurfamaa, irra harka saa kaasuu malee nagaan isaan gidduu hin jiraattu. Garbummaatt hafaa araaramuun waan hin jirre. Si’achi, ummati kamuu fedhaa malee abbooma biran buluu hin fudhatu. Hayyuunis fedhaa ummataa calaqisu malee fudhatama hin qabu. Kanaaf fedhii ofii akka fedhaa ummataa itt hin fakkanne eegachuu dha. Kan hundi irra eeu kan offii wareeguudha.

Nagaa fi araaraa kan bu’u, hacuuccaan yoo dhaabbate qofa. Sunimmoo harka hacuucamaa utuu hin ta’in hacuucaa harka jira. Hacuucammi haala nagaa fi nageenya hin qabne. Cunqwurfamaan utuu haalli kun hin dhumin, dhaabbachuu hin eegamu.; kana

jechuun garbummaan utuu jiranii araarri hin jiru jechuu dha. Hamajaajiin Oromo manatt itt dhufee golgoleesse malee Oromoon eenyuttuu daangaa hin dabarree. Nyaphi ummata utuu hin ta’in sirna Empayera koloneeffataatii. To resolve the problem the system must be dismantled. Sirnichi diigamu malee falli hin jiru. Kan sirna hacuuccaa bira dhabbate haadhoo ofii yoo ta’ellee, diinatt ramadama malee akka lola obbolaa gidduutt hin laalamu. Fedhaa fi ulfina ummata ofii dhiisee garaa saa filatee jira. Harka firaatt du’u gumaa hin qabu. Kanaaf, kan gama dhaabbatan ulfinaan du’uu feenaan yeroon qeyeett dacha’uu dha. Lolli Oromoo fi Empayera nafxanyaa gidduu jiru, lola koloneeffamaa fi koloneeffataa gidduu jiru malee kan ummata tokko gidduu jiru mitii. Lola walabummaa fi bilisummaaf godhamu malee, qabsoo angoo barcuma tokkoof gaggeeffamu miti. Lolli murnootaa Kaabbaa fi mootummaa wirtuu waliin tolfamu qabsoo aangoo barcuma tokkoof tolfamuutt hiramuu dandaa. Bulcha empayerichaatt harka waljijjiiraa waan turanii fi Kaayyoon adda waan hin taaneef rakkoo hin qabanii. Rakkinni saanii kanneen angoo irra jiran waliin yoo ta’u, utuu bu’uura saa hin jijjiirin bakka bu’uu yk masaraan kan saanii ta’uu beekamuu fedhuu. Sana taanaan rakkinni malbulchaa, diinagdee fi hawaasomaan qaban hundi furmaata argata jedhanii yaaduu.

Sirni Empayera kun, Nugusa Nugusotaa isa dhumaan dhaabbachuutu irra ture. Dargiin labsa lafatiin dugda gita abbaa lafootaa fi sirna nafxanyaa kutuyyuu, handhuura koloneefataa waliin qabu hin kutne. Kanaaf, gaaffii kolonummaa haquu nugusicha kuffise hin deebisnee. Wayyaaneen sanan deebisa jedhee heera saboota, sabaawota fi ummatootaa mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu beeku labse. Kun erbaala irratt sirna darbeen kan gargar kutuu fakkaatee ture. Garuu caasaan empayeraa hin diigamne. Angoon malbulcha inni dhugaa humna kaabbaa harkatt hafe. Mootummaa waalta’e irra federeshinatt jijjiire jedhus shakalaan kan jijjirame hin jiru. Oromoon Amaarinyaa dubbatu bakka bu’uus, caasaan Empayera waan hin jijjiiramneef caalaattuu hammaataa deemee. Kanaaf sirnicha kakkabeessanii wayyeessuun rakkina jiru hin furre jechuu dha. Seeera ala ajjeessuun, hidhuun ukkaamsanii balleessuun, beelaa fi dhukkubi fi biyyaa ari’amuun itt hammaataa dhufe. Kanaaf, furmaati rakkina ummatoota koloneeffatamanii turanii, warraqsa qofaan furamuu danda’a kan jedhamu. Waliigalteen gara sirna haaraa tokkott ce’uun hin danda’amu taanaan, sirnichi kana caalaa deemuu waan hin dandeenyeef ni burkutaawaa. Ona saa keessaas biyyooti walaba ta’anii fi ummatooti birmaduu ta’an yaada haaraa fi tarkaanfataa qaban ni ba’uu. Walittiqaban Itophiyaa jedhamu kun gaggeessaa malee baduuf deemaa.

Oromoon, qabsoo saaniin ofbara malbulchaa hin fuggifamne irra ga’anii jiru. ABOn akka jalqaba wareegett hanga republic Oromiyaa walabaa fi demokraatoftu bu’ursutt ni qabsaawaatu abdatama. Murtiin garuu kan ummata Oromooti. Sabboonummaan Oromoo, ilaalcha addunyaa bilisummaa, walqixxummaa ilmoo namaa fi hundaaf qajeeltuutii. Sun, qabee Oromummaa keessaa tokko. Hundi kennaa sirna Gadaa demokratummaan beekamutii. Seenaa keessatt Oromoon bilisummaa abba abaa, tokkummaa sabichaa, fi obbolummaa gosootaatt amanuun beekamuu. Sun yeroo ollaa hundaan sadarkaa teeknolojii tokko irra turan jabina saanii turee. Olhaantummaa seeraa waan fudhataniif hariiroon murnaa fi abba abbaa wal hin fallessuu. Tumsi human malbulchaa fi Galmistanni ollaa, yeroo jalqabaaf meeshaa abida tufuu fi ogeeyyii waraanaa alaa fideen isaan addaan baasee walitt rukutuun dabsachuu danda’e. Ofbara malbulchaa Oromoo si’ana jirruu, dandeettii humna jabaa ijaaruu agarsiisanii fi murannoo fi dudhama warraaqtummaa qeerroon saanii mullisaa jiraniiif sun gonka irra hin deebi’amuu. Oromoon, humna namaa fi qabeenya guddaa, muxannoo lolaa guddaa qabu; Kan xinnoo isaan hanqatu hidhannoo if ofbara turuyyuu amma sanaa kan guuttatan fakkaatu. Si’achi Oromoo keessa, kan halagaa fi keettoo saaniif qoommatu isee cunnuura qofa. Kanaaf, utuu abjuu hin dhugoomne, sirna yeroon itt darbe deebisanii kabeebsuuf, balleessaa caalaan lubuu fi qabeenya irra hin ga’in waliigaltee uumuun hundaaf anjaa qaba. Oromoon jiraattota Afriikaa jalqabaa keessaa tokkoo, seenaa, aadaa, jireenya diinagdee of danda’e fi afaan ofii kan qabanii dhaa. Danuu seenaan saba qarooman isa hin caalle, Itophiyaa jalattt kufuun dhugaa kana hin jijjiiruu. Haalli sobaan uumame dhugaatt deebi’uuf warraaqsa hundee buqqis malee kakkabeebsanii wayyeesuun qajeeltuun hin argamu. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Amajjii 2024