EMPAYERA ITOPHIYAA EENYUTU BULCHAA JIRAA?

Empayericha eenyutu bulchaa jira yoo jennu, diina Oromiyaa addaan baafachuufii. Diinni Oromiyaa kan isa bulchuu, tumsitoota saa fi jaleewwan saatii. Emapaayera kan bulchu yoo jennu, qaama suduudaan mullatu malee, alaa kan imaammata saa irratt dhiibbaa qaban jechuu mitii. Ijaaramaa ka’ee hanga yoonaatt deggersa garba gamaa malee dhaabbatee waan hin beekneef sana akka jirutt fudhanne, isa of walaba fakkeessaa jiru qofa ilaallaa. Biyyooti Afriikaa teknoolojiin dubaaaatt waan hafaniif, qabeenya saanii lafaa, lafa irraa fi lafa jalaatt gahaatt dhimma bahuu hin dandeenye. Kanaaf, kan misan afeera. Bu’aan sana irra argatan hanga yoonaa of dandeessisee hin beeku. Kanaaf bajeta biyya ofii bulchuufillee dureeyyii addunyaa irratt hirkatu. Waa’ee bulcha empayeritt yoo dubbannu kana heda keessa galchuunii. Waa’ee saanii yoo dubbanu waantaphee eenyu akka ta’anis baruun falaaf jaruma suduudaan quunnamuu dandeenya. Bilxiginnaan jaarmaa empaayera Itophiyaa hogganu tokko. Maqaa finnoota hundaan dame qaba; akka Bilxiginnaa Oromiyaa jechuu. Presidantiin saa Abiy Ahmad Aliitii. Imaammata wiirtuu ittiin masakamu qaba. Hooggansi saa kan waalta’ee waan ta’eef dameeleen qajeelfama saan gaggeeffamu. OPDOtu dame Bilxiginnaa Oromiyaatt jijjiirame. Oromoon maqaa OPDO keessaa, akeeka Bilxiginnaan sabummaa qabu waan fallessuuf jijjiirame. Amma Oromoo irra homaa hin qabu, keettoo Itophiyaa Oromiyaa keessa jiru. Kanaaf Caffeen Oromiyaa fakkeessaaf malee Itophiyaan suduudan Oromiyaa bulchaa jirtii. Amma utuu hin ta’in, dur maqaa Oromoon yoo jiraateyyuu OPDOn halagaa tajajiluuf uumamee.

Ijoollummaan “Mangist” waan jedhamu, hundi isaa gadi ta’e, bishaan yaa’ullee maqaa saa itt dhoofnaan dhaabbatu, Shaggar akka jiru dhaga’aa guddannee. Akki ummati Oromoo itt sodaatu irraa, wanti “Mangistii” jedhamu kun diina saa akka ta’e sammuu ijoolleett gaalchumaan ni beekama. Garaattillee yoo hamatan beekuu danda’aa akka amananitt surrii dhiqee jiraachise. Utuu afaan qabanii afaan halagaan hojjechuu fi barachuun, aadaa ofii shaakaluu dhowwamanii kan halagaa fudhachuun, amantii ofiin waaqeffannaa halagaati yoo jedhan diduu dadhabuun, mallattoo gad haantummaa ta’uun ifaa dha. Akkaa Oromoon itt walbulchaa ture amba keessatt nammi xiixu hin jiru. Beekumsi waan ofii irratt argatan hammatti halkan abidda bira taa’anii, gurra diinaa irraa fagoo, nyaati abidda irraa bahutt malaan waliif hodeessanii fi manguddoon itt hodeeffamu. Bulchi qeeyee calaqqisa sirna durii waan ta’eef, garagarummaan hariiroo warra keessaa kanneen nafxanyaan adda ta’uun ijoollee Oromoo hin dhibin hin hafnee. “Mangistiin” sun ammayyuu hidda saa caalaa hawaasa keessa diriirfatee jira. Labsi lafaa 1974 hundee buqqis jedhamellee, jaarraa tokko dura lafa saanii Itophiyaan kan ofii taasise hin deebisneefii. Abba tokkee irraa fuudhee mootummaa koloneeffataa “Mangistii” jedhamu sanaan akka dhuunfatamu tolche. Oromoon hanga lafa ofii deebisanii too’annoo ofii jala galchanitt namummaan hin jiru. Oromiyaa irratt mo’ummaan Oromoo beekame “Mangistiin wiirtuu” Oromiyaa irraa harka dachaafachuu qabaa. Kun, eenyummaa ofii, bilisummaa, mirga malbulchaa fi namoomaa, lafa, barumsa, diingaddee, naannaa uumaa saanii hanga harka galfatanitt qabsoon hin dhaabatu jechuu dha. Kan of maaljechisiisan isaanuma malee halagaa ta’u hin qabu.

Si’ana empayeritiin finnaatt (state) hiramtee fakkeessaaf caasaan of bulchaa tolfameefii jira. Heerri finnoota walqixxee taasisu tumameeraa. Kun jijjiiraa wldhaansoon dhufe. Garuu Oromiyaa ajaja wiirtuu, “Mangistii” wiirtuu irra kenamuunii bultii. Kanaaf “ofbulcha Oromiyaa” kan jedhamu fakkeessaa dha. Saboota, sabaawota fi ummatoota waldhaansoo ofiin jijjiirama sana fidaniif akka ganamantu itt dhaga’ama. Tokko tokkoof garuu mangisttiin beekaniif jala fiigan sanumaa. Itophiaanota caalaa Itophiyaaf kan falman jara akkasiitii. Jara akkasiiti Bilxiginnaan walitt qabee ofiis dhumanii, ummata ofii akka fixan gochaa jiru. Oromoon humna qaban gamas, gamanas ha jiraatanii farra saa akka ta’anitt fudhata. Mangistiin Shaggar jiru kun, biyyoota humnaan qabate gaddhiissee haala akka dur turett deebisuuf qophii mitii. Kanaaf federeeshina uumame gara cinaatt godhee madda aango tokkeen bulchuu kan murteeffate. Waajjirbulchi empayerichaa aadaa, dudhaa fi afaan Amaaraa irratt hundaawee. Kanaaf, qormaata bolola aangoo irra haananii, walabummaa fi bilisummaa saba saanii kan

caalchifatantu hundeen buqqisanii jijjiirama fiduu danda’u. Oromiyaan kan nafii kennitu, nama durfannoon saa hawaasa sabgudduuf waa hojjechuu barbaadu utuu hin ta’in, kan durfannoon saa hawaasa sabgidduu keessatt Oromiyaan bakka gituun akka argattu mijjeessuu gargaaruu.

Sirna Nugusaa caalaa wiirtawaa kan ta’e, Dargii garagalchee kan dhufe ADWUInis, bara qabsoo irbuu meeqa seenullee, waajjirbulchicha waan hin jijjiirreef, heerri labse fromsatt demokraatawaa ta’e hojiirra hin oolee. Ofangessi dhiiga hogganoota saa keessa waan jiruuf caasaa ture jijjiiruu beekaa irra ilaalee. Kanaan kan ka’e waan irra ga’es agarree jirra. Waajjirbulchi empayera diigamu malee abbaan fedhe itt jijjiiramu akeekaa jalqabaa ijaarameefiin adda kan ta’e homaa fiduu hin danda’uu. Wacii ganda Bilxiginnaa Abiy Ahmadiin gaggeeffamuu fi gurguddoon Amaaraa, gurra nama duuchaa jiru, qabsaawota bilisummaa dagachiisuuf malee isaan gidduu addummaan jiraateef mitii. Qabsoon aangoo keessaa jiraachuu danda’a, garuu sun akeeka saanii bu’uuraa hin faallessuu. Akeeki saanii banti olhaantummaa Amaarri bara Atseewota irra turett deebi’uu dha. Jiraatanis, badanis waliin ta’uu waan beekaniif, walitt bu’i saanii wal tasgabbeessuu irra hin darbu. “Harreen wal dhiitt malee ilkaan walirraa hin fixxu” isa jedhanii. Amma “Mangistiin” wiirtuu, Isaayyaas Afawarqiin duubaan dhiibamaa, Bilxiginnaa fi humnoota Amaaraan gaggeeffamaa jira. Kanaaf ammas akkuma durii, diinni Oromoo Mangistii wiirtuuti jechuu dha.

Isaayyaas gumaa empayera Itophiyaa tokko of harkaa qaba. Shiftaa Amaaraa Faannoo jedhamuu leenjisuu fi tarsiimoo bobbaa kennaafii akka jirus ni himamaa. Farmaajoon Gaanfa Afrikaa jeequuf Abiy fi Isaayyaas waliin wal ta’ee akka jiru ifaa dha. Garuu haalli biyya saa keessa jiru akka yaadett deemuu hin dandeessifnee. Haata’u malee finxaaleyyii Ugadenitt ida’ee keettoo Oromiyaa jeeqxu erguu hin hafne hameen jedhu jiraa. Ummati, Amaara ofiin jedhu, holola nafxanyaan hadoodee duukaa deemaa jira malee sochiin jiru waan badiisa saa jarjarsu malee waan tolchuf hin qabu. Anga’ooti addunyaa caasaan finnaa ture, uumamuu saa isaan gargaaran akka jijjiiramu hin fedhanii. Sochii bilisummaa ummatootaa danta saanii kan ta’e hin fakkaatu. Akkuma durii wirtuu jabeessinaan andaarri waan duukaa bu’u itt fakkaata. Empayerri waan durii ta’uu dagatanii jiru laataa? Hanga fedhi saanii suduudaan tuqamutt hin dammaqanii. Empayerri Itophiyaa wiirtuu bitamu diduu see argaa jiru. Itophiyaan saanii fedha ummatootaa malee kan hin bulfamne taateettii. Ummatoota jalatt hidhaman bilisoomsuuf empayerrii digamuun waan hin ollee fi barbaachisaa dha. Garuu burjaajii olchuuf, sansakkaan akka jiraatu tolaa gumaachuu qabu. Dhimma Oromiyaa fi Itophiyaa adda addatt ilaaluu malee kan Oromiyaa Itophiyaa keessatt ilaalu yaallaan yoomuu furmaati hin argamu. Adda addatt qoratanii furmaata nagaa waloo ta’e argamsiisuun ni salphataa.

Itophiyaan akka duriiti maqaaniyyuu hafuun hin beekamu. Maqaan biyyaa kan gubbaa bu’e utuu hin ta’in seenaa keessatt bar tokko ummata biyyicha keessa jiraatan yk humna moo’aa tureen moggaafama. Biyyooti Dahomey, Rhodesia, Nyasaland, Gold Cost, Belgian Congo, Upper Volta, USSR, Yugoslavia, Rio Muni jedhamaa turan amma eessa jiruu? Yoo ummatooti amma jiran badaniyyuu biyyi Itophiyaa jedhamtu barabaraan jiraatti jechuun wallaalummaa dha. Nammi ammayyaan tokko holola nugusooti amma hin jirre, waa’ee waggoota 3000 ummatoota gowwoomsuuf tolfatan itt fufuu yaaluun qaanii dha. Kanaaf jijjiirama bokokee jiru afuura fudhachiisuu ummatichaa dhiisanii, kan wayyabi fedhu utuu gargaaranii nagaa addunyaaf dansa. Oromoon dhugaa sirna abboolii saanii Gadaa demokrasiitti hin boonne hin jiranii. Sun waan aanga’oota hubu waan hin qabneef jajjabeesuun anjaa qaba. Kana malee ummati guddaan kun shiraan yoo gargar faca’e lafti itt qaban hin dhibaa. Walabummaa fi bilisummaa gonfachuuf kan itt mullate hunda gochuu irraa hin deebi’uu. Kanaaf fedha saa utuu hin hedin, nagaan Gaanfa Afrikaa keessa jiraataa jedhanii yaaduun hedduu baasisuu danda’aa. Oromoon uumamaa kaasee hamaa fi tolaa keessa darbee eenyummaa ofii eege harra kan ga’eef sirna cimaa qabateefii. Kanaaf balleessuunii kan fedhan ofumaa ijibbatu malee hin danda’anii; akka ofii hin barbadoofne eeggachuu dha.

Ummata Walloo, Warra Iluu, Warrahmannoo, Warra Baabboo, Warra Ejjuu, Warra Qaalluu, Raayyaa fi Boorana harkaa, millaa fi arraba irraa ciranii shororkeessuun naalchanii afaan saa irraanfachiisan malee Amaaraa akka hin taane, utuu galmee gara hin gaggalchin, maqaan saaniiyyuu ragaa dha. Ummati Jilee hambaa weerara nugusoota Habashaatii. Goojjam, Gondar qacceen saa yoo qorame Akaakayyuu dabarraan Oromoo fi Agawu. Kana beekuuf

nafxanyooti akka saree maraatu hunda ciniinaa jiru. Garuu kan dhimma baasu dhalooti amma jiru eenyuu, maal fedhaa malee, isa darbe halala guuruun gatii hin qabu. Dhaloti tokko dabi darbe akka siraaffamuuf seeraan gaafachuu danda’aa. Wal madeessuu hin barbaachisu. Aksum, Lalibela fi Gondariin eenyutu ijaaree, moo’aa ture jechuun haala keessa jirruuf gatii hin qabu. Hardha eenyutu isaan eegaa, kunuunsaa jiraatu dhimma baasaa. Kanaaf, furmaati enyummaa ofii murteeffachuuf “eeyyee lakkiin” (referendum) gaggeeffachuun mirga. Mamii hundaas ni taliilessaa. Kun utuu jiruu, jarri amma bu’aa ofiif ummatoota walitt naqan dhaabbatanii nagaaf carraa kennu qabu.

Ofumaa dhama’uu taati malee sirni nafxanyaa Taklahymaanotiin foo’amtee, Yikunomlakiin dhahamuun, Minilkin gabbate hin deebtuu. “Marfama, “Laaqii Kirstinnaa garba Moslimaa fi Waaqeffataa “ jedhu keessaa Miniliki kan baaseen fakkaatu. Garuu sammuu saanii keessaa marfammi hin badne. Kanatu amantee addaa fi halagaa isaan jibbisiisaa. Biyya ofiitt quufanii isa misoomssuu dhiisanii, ollaa walba qabaachuu akka marfamuutt waan ilaalaniif marsaa caffatanii ba’anii biyyoota ollaa to’achuutu nageenya kan kennuuf itt fakkaata. Sana asitt, hardha ummatootaa fi amantoota bucuu bulcha saanii jala jiranitt garagaluun lubbuu fi qabeenya hedduu barbadeessaa jiru. Oromoon waan namaa irratt duula hin bananii; kan isaanii irraa jannummaan facisuu. Danuun seenaa altokko kufseenii ture. Lamuu ittin deebi’a jennaan wal fixuu taatii. Waldhabdee jiru seeraa fi nagaan xumuruun aadaa saaniitii. Namooti duubbeen saanii Oromoo hin ta’in Oromiyaa keessa jiraatan Oromiyootaa. Gooftaa ofii ta’uu utuu danda’anii gooftaa hamaa Abbayya gamaa waanti waamsisuun hin jiru. Hanga ummatichaaf amanamoo ta’anii seeraa fi safuu saa kabajuun obbolummaa fi birmadummaan jiraatanitt rakkoo hin qabanii. Kanaaf abdatuun sirna kolonummaa nafxanyaa utuu tuttuquun balaa irra hin buusnee dansa.

Empayerittii erga uumamtee kan walitt suphee jiru “Mangistii” wiirtu raayyaa fi iyyaatii irratt aangoo dhuunfaa qabaachuu dha. Kanaaf hamma yoonaa ummatoota ukkaamsee jiraachuu danda’ee. Haalli sun hardha hin jiru. Fedhaan yoo ta’e malee ambi moo’amuu diddaa jira. Akka olitt kaasne “Mangistiin”wiirtuu akeeka Amaaraan gaggeeffamaa jira. Amaarri humna Abiy irratt amantee dhabuun kan ofii shiftooti utuu hin hafin ijaaraa jira. Kanaafis deggersa Isaayyaas Eertra argatee. Ammaaf raayyaan Bilxiginnaas, humnooti Amaaraas ajaja Abiy jala kan jiran fakkaatu. Jara kanaan faallaa kan ta’an Humni ittisa Tigrayii (TDF) fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) jiru. Waraanni humnoota kanaa fi humnoota Bilxiginnaa gidduu jiru lubuu fi qabeenya ummataa lakkoofsa hin qabne haxaawaa jira. TDF, ummati Tigrayi marsaa keessaa ba’ee waan jireenyaaf barbaachisan akka argatuuf dhukaasa dhaabuu walii galee jedhe. TDF loltuu fi waatattaa waraanaa baasii guddaa barbaadan of jalaa qaba. Loltuu loolaaf leenjifame lolli hin jiru taanaan callisee harka maratee ta’uu hin danda’u. Yoo sosso’e malees of jiraachisuu hin danda’uu. Ummati Tigray ofiifiyyuu beela fi dhukkuba Bilxiginnaa fi Isaayyaas uumaniin dhumaa jira. Loltuu ofii jiraachisuu hin danda’u. Abiy fi Isaayyaa haleellaa isa dhumaa gochuuf sun nita’aa waan eeggatan fakkaataa. Kanaaf, furmaati yeroo hamileen ol ka’ee jiruu fi dandeettii qaban marsaa Bilxiginnaa fi Eertra cabsanii ba’uu qofa.

Bilxiginnaan naamusa hunoota isa jalaa, eegsisuu kan danda’u hin fakkaatu. Kanaaf dhukaasa dhaabe jedhuyyuu hojii irra oolchuun waaqbeekii dha. Kan barsiifata sobaa qabu hin amanamuu. Kanaaf TDF cabsatee ba’u malee jireenyi ummataa Tigraay haa ta’u, kan saa itt fufuu hin danda’u. Gidduu seena alaa utuu eeguu, Tigaaruun marsaa biraaf qacceefixisa jala akka hin galle sodaachisaa. Hamma danda’an ofirraa faccisaa baduun ulfinaa. Bilxiginnaan WBO balleessuuf kakatee tuqii Fannoo of jala buusuun humna danda’u hundaan Oromoo irratt duulaa jira. WBOn ofirraa dachaasuun walabummaa fi bilisummaa gonfatu malee Oromoon akka sabaatt raawwachuuf adeema. Egaa, empayerittiin waraana of baraarsa ummataan burjaajii keessa galte jirti. Bilxiginnaaa fi waajjirbulchi empayera buqqa’u malee furmaati hin argamu. Bilxiginnaan buqqaanaan waci Amaaraas gaabii argata. Sabooti, sabaawotii fi ummatootis hiree sabummaa ofii, ofiin muteeffachuuf karaan ni saaqamaafii.

Aanga’ooti addunyaa Abiy akka tasa hin kufneef harka jala qabaa jiru. Abiyii hiluun Isaayyaasiif hiluu dha. Kun hammam isaan ummatoota wayyaba gidiraa keessaa baasuu irra dantaa ofiif eeggannoo godhan agarsiisa. Kana irraa baramu kan danda’amu, hariiroo alaa keessa sobaa fi dhugaan jiraatanii bu’aa anga’ootaa irra ulfina hin qabaatanii. Dhugaa caalaa sobatu isaan baasa taanaan isa fudhatu. Qajeeltuun isaan biratt furaa biraa qaba. Kanaaf

cunqurfamooti isaan eeguu dhiisanii ofii fala soquu qabu. Wajjirbulcha empayeraa guutummaatt diigaamee akka haaraatt kan fedha qaban waliin ijaaramu gaafata.

Empayerri dhaalaa mootota nafxanyaa koloneeffataa duriin bitama jira. Diinni Oromoo “Mangisti wiirtuu” Shaggarii sana hogganu. Innis too’anno Bilxiginnaa fi too’annoo fagoo Isaayyaas jala jira. Kanaaf, akka himamaa jirutt weerarri Faannoo fi humnoota Amaaraan Oromiyaa irratt tolfamu hundi Isaayyaasiin leenjifamee fi karoorfame Bilxiginnaan masakamaa kan jiru jechuu dha. Eertraan biyya xiqqoo dha. Isaayyaasiin guddinni ollootaa doorsaanii jiraataa. Kanaaf, hunda saanii hamma ofiitt gadi cabsuu barbaada. Kurnan sadan darban keessa biyyi inni hin jeeqin hin jiru. Itophiyaan TPLFiin hogganamtu barumsa kennitee gaggeesitee turtee. Haaloo sanaan Tigrayii fi empayera Itophiyaa ofii gadi taasisee too’achuuf kan danda’u hunda tolchaa jira. Fedhi Abiy kan ittiin morman hunda of jala galchuu fi fedhi Isaayyaas yeroof kan wal deggeru ta’ee argamee jira. Qarqara Garba Diimaa irratt aanga’oota gurguddaa gidduutt dhoofsisuun Isaayyaas balaa isa dhumaa Eertiratt kan fiduu ta’uu ni danda’aa. Abiy humna Amaaraa bakka barbaadett erguu akka danda’u himatee ture. Amaarri ofiinuu bakka hallett argamuu barbaada. Bakka Faannoo weeraru hunda humnooti Bilxiginnaa, akka humna addaa Oromiyaa faa, dura fixeensa yoo buusaniif argamu. Fakkeenyaaf, ajjeechaa Abbooti Gadaa Karrayyuu booda, weerara lafaa fi ajjeechaa Oromoo irratt ta’an haa yaadannu. Akkasumas ummata Oromo Wallaga Bahaa daarii Amaraa jiru erga hiikkachiisanii booda humnoota Amaaraa itt gaddhiisuun ragaa of danda’ee. Oromoon diina qofaa utuu hin ta’in firootas qabuu. Saboota, sabaawotaa fi ummatoota heeraa tokko jalatt federeeshiniin waliin hanga tokko jiraataa turanii fi Amaarri itt roorrisaa jiraate, firoota saaniitii. Isaan keessaa murnooti Bilxiginnaan faalaman jiraachuun ummatoota walii diina hin tolchu. Oromiyaa keessa kan akkasii OPDOn Bilxiginnaa jira. Bilxiginnaan Oromoo fi dhaaba saanii ABO/OLA balleessuuf humnoota addaa Afar, Somali, Sidaamuu hiriirsuun obbolummaa fi miltummaa qabsoo mirga hiree ofii ofiin murteeffachu qabanii fi barabaraan olaa tanii jiraachuu hin jijjiiru. Humnooti sun, utuu kana caalaa dhiiga obbolaa hin dhangalaasin Bilxiginnaa tumsuu akka dhaaban gorfama. Diinni eenyu akka ta’e erga barree wanti hilamuu hin jiru. Firootaan wal qindeessanii buqqisuuf itt bobba’uu dha. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu.

Ibsaa Guutama

Eebla 2022