Of Barii

Yoo Oromoon akka sabaatt haa turu jette, yoo Oromummaan eenyummaa fi boona kooti jette fedhi dhuunfaa, miirri fi xiiqiin adeemsa kee gara manii bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatt gootu keessa galuu hin qabanii. Oromiyaan kolonii kolonummaan dimshaashatt irraa haqamuu qabdu; akka abddatuun sirna nafxanyaa fi haammattooti saanii addunyaan akka amanu barbaadan maxxannee Itophiyaa mitii. Maaliifuu dura of ta’i.

Bilisummaan waan nama kadhatan utuu hin ta’in mirga waliin dhalatanii. Bilisummaa dhabuun kan ilmaan namaa ta’uutt amananiif, du’aan wal hin caalu. Kan sanatt hin amanne ormaaf gugguufanii jiraachuu kan hin dadhabne akka harree waan ta’aniif, ba’aaf dhalachuun saanii beekame itt dhiisuu dha. Tokko tokko haala jijjiiramaa jiruun afanfaja’anii akka Kaayyoo jireenya sanii hanga yoonaa gammachuun hojjetaafii turan irraa sigigaachuu saaniiyyuu hin hubanne fakkaatu. Xiiqii xixinnoo fi bututi qabsoo karaa irraa ceesisee jiraa. Walakkaan ummata Oromoo ammayyuu saammuu dhiqaa raatessaa gaafii malee gula yaasisu irraa hin qulquloofne. Waan itt himame qofa irra deebi’u malee sammuu ofiitt akka dhimma hin baane dhagni suukii kan jalaa miidhame fakkaata. Ummati Oromoo shaffisaan dandamachuuf jara kana falfalaa, araada Itophiyaa fi nama irratt irkachuu jalaa bilisoomsuun baraachisaa dha. Hirrina kanneenii ol, ofiitt amanuubaachuun waan jennutt cichuu dadhabuu fi daddaaquun shaffisummaa qabsoo Oromoo humna duubatt harkisaa irratt tolfamu hubee jira. Yoo of irratt hirkannatt garaa amannee dudhama qabaanneef qofa, amanamoo ta’uun tumsitoota amanamoo hawwannee, miltolee amanamoo argannaa.

Bilisaa fi wallaba ta’uuf saba tokkoof of irratt hirkachuun filmaata biraa hin qabu. Waan kanaaf gorsi Robert Frost akkumaa, “Dorsisaan gonka hin callisiifaminii. Gaga’amaa ta’uuf gonka of hin mijjeessinii. Jireenya keetiif maljecha nama biraa hin fudhatinii, ofin of maaljechisiisii.” Akka jedhame waanti dhootii haadhoof ta’u korma seefis ni ta’aa. Wanti abba tokkeef mishaa sabaafis misha ta’aa. Kana irraa ka’ee kan Oromoo qabatee dilormaa saanii walakkaatt gad cabse, lafa saanii walabummaan dhimma itt bahaa turan too’achuun gabbaarummattj jijjiiree fi aadaa fi afaan saanii ukkamsee, qabeenya saanii irraa mulqe fi dhaalaa saa kan geengoo seenaa bara Minilikittin duuba deebisa jedhu caalaan nyaaphi akka hin jirre hundi ni mirkaneeffata. Yeroo isaan nutt baqan yk qacceen badan jedhanii eegan lakkofsi dilormaa Oromo ofiitt amanuu ammayyuu kan saanii ol ta’uun waan raajiitii. Bilxiginnaa fi gurguddoo Amaaraa Minilikiin goota keenya jedhan diinota Oromotii. Abiy Ahmad waaqeffataa Minilikii fi ayyaana abbootii saa Amaaraatii.

Minilik hordoftoota saa meeshaa ammayyaa, maqaa saanii nafxanyaa jedhamu irraa argatan hidhachiisuun sirna nafxanyaa uumee. Sun itt fufa sirna shiftaa Yekunomlak bu’uurseetii. Sanaan Minilik Oromiyaa fi olloota see koloneeffachuun akka kanneen isa duraa saamee dacha’uu dhiisee achuma diriirfate ta’ee. Itophiyaa fiinxee geessee hin beeknett ol kaase jechuun, dafqa Oromo, gurgurtaa Oromoo garboomsee fi qabeenya Oromo dhuunfateen biyya saa fi ofii saa duromsee jechuu dha. Oromiyaan qilee fiixeen sun keessaa lolloqett gad darbamte jechuu dha. Abiy Ahmad, kan fedhu, Itophiyaa fiinxee sanatti deebisee olbaasuu dha. Namichi akkasii utuu garri bilixxiginnaa saa itt hin dabalamineyyuu “Ilma Abbaa Gadaa’ wanti jechisiisuu danda’u jira laata? Ajeechaa Hogganootaa Oromo fi egereef hoogansa kennuffi danda’an jehamanii abdatamanii, goota saa Minilik II jalqabame si’ayina caalaan itt fufee jira. Sun, akka booqaan “Ilma Abbaa Gadaa” jechisiisu kan kennisiisuuf? Yeroo silaa,

imaammata farra Oromoo Abiyiin, Abbootiin Gadaa Karrayyuu ajjeefamanii fi guraarfamanii, hidhamaniif gaddaa fi gadoo bahachuun irraa eegamu muuda jaalalaa “Abbichuu Abbaa biyyaa, Abbaa Malaa” jedhanii badhaasaniin.

Abbaa gadoota ukkamsaman keessa hangi tokko hidhaa Abiy keessatt argamamanii. Isaan keessaas reeffi nama dhaanichaan ajjeefamee raqe tokko akka waliin bubbule himamee jira. Kaanis utuu miseensotumti saanii ragaa hin baaneeyyuu, inni ajjeesuuf kun ragaa dha. Ba’ees gadda saa kan hin himatin du’i saanii isaaf gammachuu ture jechuu dha. Fashistiin Oromo ajjeesu akka saa, Gaammee Oromoo jaarraa 20faa farra faashisti jaalbiyyaa ture Abbichuu Warra Jaarsoott akeekamuu hin qabu ture. Abbaan Gadooti farsaniin, sabicha waan qaaneessaniif, dhaaba Gadaa waan faalaniif, shaffisaan faloo bahuu qabu. Kan isaa duuba tolchan of afaalla’uuf ga’aa mitii.

Abbootiin Gadaa dogogora darbe booddana sirreessuu yaalanii jiru. Karaa qajeelaa irra bu’aa jiru jechuu dha; garuu ga’aa mitii. Utuu naannaa ofii abuuranii Abiy eenyu akka ta’ee ni hubatu turanii. Bu’aan abiy irraa argatan galfata ummataa itt caalan ilaalanuu hin arganii. Abiy duruma Oromoo miti ta’aa yk Amaarri ofiitt baqsee jira. Yabboo inn irra jiru yk hin jirrett qabatteen Itophiyaa ilaalu yoo ka’u tibbuma dhaloota Qubee kana keessa, namoota Amaarinyaa dubbatan malee Oromoo akka hin laalle ni baru turani. Abiy Orommumaan Itophiyummaan walqixxeett ilaalamuu hin qabu jedha. Waraanni waa’ee saa hamaa fi tolaa kaasanis isa Itophiyaanota gidduu malee Oromoo waliin lola akka qabanuu hin kaasanii. Yoom akka ifa baafatan hin beeknu malee kan lafa jala walii galanis isaanumaanii. Jaarraa darbe Hambisaa Kumsaa (Habtee) rakko Busaasee fi Leeqaa Qellem giddu ture furuu dhaqee sanatt utuu hin bu’in sattawaa ajeefatee gara gale. Simannaa ajjeesaa irratt durbii Busaasee, “Dajjach Habtee egaa hin galte, sattee Boongaa galaafattee, dubbiin Busee karaatt haftee” jette jedhanii. Haalli dhalate sanaan walfakkaatinnaa? Ummatichi yerosii rakkoo saa ofii gad itt ta’ee furate.

Jarri Itophiyaa gaaffi Oromoo goleett ukkaamsanii hambisuu baraadu. Garuu waraanni Oromo guyyuu dhiigsaanii jira. Oromoo isaan jala fiiganiif kana caalaa arrabi, kana caalaa tuffii fi salphinni jiraa laata? Oromoo manni irratt yoo gubatu, hayyooti saanii yoo guraaramii fi hidhaman, dhaaboti ulfoo ta’an akka Gadaa fi Qaallu hogganooti saanii yoo butamanii ajjeefama, sabboonota manaa fi hidhaa baasanii yoo ajjeesani, reeffa Oromo bineeensa nychisan, duulchisanii duubaan yoo ajjeesisan, mootummaa kana tolchuun mootummaa Oromoo jedhanii farsaa ooluun maalummaa jedhamaa?

Si’ana Bilxiginnaan bakka gurguddoo baballattuu nafxanyaa Amaaraa bu’ee Oromoo fi jara kaan irratt warana kolonummaa fi qacceefixiisaa gaggeessaa jira. Kanaaf innii fi kan isa deggeru hundi diina Oromoo ta’uu mamii malee ifsamuu qaba. Amma bakka Oromoo bu’ee sana gochuu kan danda’u OLA qofa waan ta’eef birmachuufiin akkaa. Filmaata boonsaa tokko utuu hin dhiheessin, gurguddoon Oromoo jibba dhuunfaa fi xiiqii bishaan hin kaafneen jonja’uun OLAn morman, sammuutu dhibee qaba yk seexaa yakkamaa durii saanii isaan cinqutu jira. Isaan keessaa hangi tokkof eegumsa saanii jalatt, sirna nafxanyaa koloneeffataa Minik ijaare biyya abaa ofii keessaa buqisanii gatuuf kumootatu wareegama isa dhumaa baase. Seexaan saanii “Duula Minilik” ilma Abbaa Gadaa saaniin gaggeeffamuf harka rukutuu akkamitt fudhateefii? Kakaan jaallewwan sanii dabaankufoota waliiin kakatan maal ta’ee? Abiy Ahmad sobaa fi falfala daftaraatt ogeessummaa qaba. Hayyootaa fi namoota baratanii fi beekamoo hedduu

afanfajjeessee cabaaluqxuu gochuun qilee ofii deemaa jirutt of gula yaasaa jira. Karaa dhufan of duuba deebi’anii ilaaluuf onnee saa qabuu laata?

Sun akka fedhe ta’ee, Oromoon dhimma kamiifuu Afrikaa keessaa akka ummata tokkoott itt dubbatamuu qaba. Lafa kana irra, Oromiyaa ol Afrikaa, Afrikaa ol addunyaa qofti akka jiru fudhatamuu qaba. Tokkeessoo walqixxootaan yoo of hidhe of qixxee malee ofii ol hin kaa’uu. Gaaffiin Oromo hanga deebii argatutt Gaanfi Afriikaa, akkasumas Afriikaa keessa nagaa fi tasgabbiin hin jiraattu. Akeeeki hisatooti fi qubqabsiisoti Oromo fi Itophiyaa qabattee Mootummaa Itophiyaa fi keettolee saa itti kaasan rimsaman tokko ta’uu hin danda’u. Waan irraa ka’an walfakkaataa hin qabanii. Isaan koloneeffamoo fi koloneeffatootaa. Kana kan addunyaa hundi beeku, garuu Itophiyaa dullatii yaaduun tokko tokko seenaa Oromo micciiruu yaaluu. Oromoon ilaalcha kana jijjiiruuf waggoota shanttamman darban qabsoo ijaaramaa irra turanii. Hedduun jijjiiramuyyuu kanneen ammallee sirni nafxanyaa akka dandamatu barbaadan jiru.

Sabgidduu keessaa sagalee yeelaltuu taate qofatu, yoomallee qacceefixisa Tigray keessatt taa’aa jiruun golgamte, waa’ee qaccefixisa Oromiyaa keessaa dhagahamuutt kaateettii. Yakkichi madda tokko waan ta’eef yoomallee addummaa dhuunfaa qabaatan, furmaati Tigrayiif eerame Oromiyaafis waan toluuf kun eebba hin eegamin dhufee. ST (UN) hundaaf qorqoraa hin baabsine dhaabe jiraa; hojii mootummaa PP hunda ni golga jedhamee abdatama. Hanga akeeki cunqurfamoota Kaabaa cunqursaa bakka bu’uuf utuu hin ta’in, bilisummaa hundaaf argamsiisuu ta’ett hamaa irratt of eeggataa waliin dhiichuu kan dhorguun hin jiraattu.

Mootummooti darban hundi maqaa ABO akka maqaa soddaa lagataa fi bakka danda’amett ukkaamsaa jiraatanii. Fincilli Oromoo yoo milkaawe bifa isaan hanga yoonaa sobaan ofii kennaa bahan jalaa balleessaa. Kanaaf sagalee Oromoo roorroon mormu ukkaaamsuun bara qabamaa kaasee itt fufama jira. Dabdaabbeen waajjira mootummaa tokko dhiheenya ESATiif barreeffame hunda ibsaa. Amma jinniin qaruuraa cuqalame keessaa waan futtaafatteef deebisuun harma jigee. Gaaffi Oromoo deebisuu yk baduu dha. Gantooti baraaruunii hin danda’anii. “Iyyaatii fi hololaanin” injifannoo argadha jedhee Abiy dhaadatus sanaa hin hojjetuu. Laalaan madaan Oromoo kan sanaaf gurra qeensisu mitii. Oromiyaa akka addanjiroo isaaniin walqixxee ta’eett fudhachuu malee filmaata hin qabanii. Sichi, falfala saaniin garbicha amanamaa ta’uun eenyummaa saa dhugaa dhossee kan isaan gula yaa’u hin jiraattu. Yaadi gidduu kana waa’ee araaraa sabaawaa parlaamaa sanii keessa marsaa jiru Itophiyaa Bilxiginnaaf malee kolonoota akka Oromiyaa fi federalistoota kan ilaalu mitii. Ifaajeen tolfamu qabu silaa araarama sabootaa kan jedhamuu qabu malee, haalli empayera Itophiyaa sabaawaa jechisiisu amma hin jiru. Maaljechuma saaniinu jarri Itophiyaa utuu hin ta’in maxxannee addaanjiro wan itt himan fudhatan godhanii ilaaluu.

Oromoo dhugaaf, korri waligaltee fi araaramaa jedhame kun isaaniif utuu hin ta’in Itophistootaaf waan ta’eef, Oromoon yoo afeeramaniyyuu qooda irraa fudhachuu hin qabanii. Oromoon sammuu fayyaa qaban, waa’ee Oromiyaa deebisanii gargar kukkutuu yk sirna mootummaa Itophiyaa caasuufiif waan koloneeffata waliin dubbatan hin qabani. Finnaa Oromiyaa bu’uuraa wareegama guddaa itt baasanii qaata kan diriirfatan yoo ta’u, nageenya godinichaaf jedhanii hanga ummati Oromo referendumiin mirga hiree sabummaa ofiitt dhimma bahuun murteeffatanitt sirna federalaa fudhatanii turanii. Sira’ina waliin

tures beekaa irra dabanii. Garuu sun ni hankaakfamee. Jija kanaan dura galmeeffamanii gadi Oromoon biratt wanti fudhatama qababaatu hin jiraatu. Kanaaf utuu want halle gargar hin kukkufin sabooti, sabaawotii fi ummatooti godinichaa walga’anii hariiroo saanii fulduree irratt fedha ofiin murteessuu qabu. Bu’uurri/ajendaan dubbii, Mootummaa fi Parlaamaa Bilxiginnaan too’atamu fudhatama hin qabaatu.

Mootummaan Itophiyaa amma jiru too’annoo gurguddoo Nafxanyaa Amaaraa jala galee jira. Innimmoo qaruutee Eertran gaggeeffama waan ta’eef, kan beekamu caalaatt namanyaataa fi qacceefixaa ta’ee jira. Kana irratt tumsa teknikii Turkii, Arab Eemireet, Chayinaa kkf. irraa argataa jiru. Shaffisaan buqisanii gatuuf tumsa kan hubaman hunda gaafataa. Utuu uumama oftuulummaa gurguddoo nafxanyaaf hin taanee, mirgooti tokko tokkoon ummatootaa kan hin tuqamne, hin nokkoramnes turanii. Mootummaan abdattuu sirna nafxanyaa, Abiy Ahmad angoo yeroof harkatt kufett dhimma ba’uun ijoollee hiyyeessaa duula keessaa deebii hin qabnett oofaa jiru. Sanaan kan ka’ee ijoollee hiyyeessaa kumaatamotatu wareegamaa jiru. Obbolaa Afriikaa ta’uu saaniif hundi laalaan itt dhaga’amuutu irra ture. Garuu, tokko tokkof bololaa fi jibbii miira namummaa ol ta’ee argamee. Dhuma irratt hogganooti ni araaramu ta’aa, garuu Afriikaan sammootaa fi giidoo sana deebistee hin argattuu. Haadholiin jara du’ee baraan immimaa jiraatu; tarii kanneen ijoolleen saanii roorroo irraa faccisaa wareegaman hagam gaddi itt dhagahamuu boona garaa hin dhaban ta’aa. Kanneen ijoolleen saan olhantummaa murna tokkof jedhanii dhuman barbaran garaan hin fayyin hafaa.

Haa ta’u malee, eenyu jarri laalaa hawaasa keessa facaasan kun? Dhimmma maaliif? Burjaajii kana uumuun sababa maaliifii? Hawaasa burjaajii irraa hafeef wanti bade, bu’aa argamen wal madaalaa laata? Utu miseensota Kora Nageenyaa ST (UN) “fedha saba ofii” waanti jedhamu hin jaamsine ta’ee, jeequmsi kun xobbeett qanxasamuu danda’a ture. Garuu hin taane. “Ijoollee taphaa, billaachaa nafa” akkuma jedhamu, isaaniif akkataan gara fedha saanii eegsifatanitt qaxxisan ogumaa nuuf hin qayyabatamnee yoo ta’uu, isaaniif tapha malbulchaa, nuuf lubbuu kan guraaruu Kanaaf jarri hubaman waan fedhe haa baasisuu dhaabbachiisuun dirqama. Fedhi saba kamiiyyuu fedha keenya hin hedne eegamu akka hin dandeenye itt agarsiisuu danda’uu qabnaa.

Oromoon lammattaa abba tokkee haa ta’uu murna kamiinuu gadi ilaalamu, arrabsamuu fi salphisamuuf obsa akka qabaatan hin eegamu. Kutattuu yartuun Kaayyoo sabaaf dudhama qabdu jiraannaan diina ofirraa dachaasuun cimaa hin ta’uu. Kan rakkina wal fakkaataa qaban walii tumsinaan dhummi ni shaffisa. WBO, TDF fi humnooti bilisummaa sabaawota biraa gamtoomuun, Bilxiginnaa fi tumsitoota saa gurguddoo nafxanyaa buqqisanii, saboota, sabaawotaa fi ummatoota aangesssun hiree saanii akka murteefatan gochuuf wal qayyabannoo tokko irra gahanii jiru. Wal qayyabannich waarraan dhummichi dhihoo ta’aa. Yoo hin taanes yeroo dheeraa fixa malee hin dhaabbatu. Yakkamtoota Masaraa Minilik keessaa hanga Oromiyaa keessaa humna saaniin baasanitt gonkumaa dhoofsisi hin jiraattu. Ummatooti waliin jaarraa oliif hacuuccaa nafxanyaa Amaaraa jala turan warraqsi bilisummaaf gaggeessamaa jirru jeequmsaa akka itt uumaa jirru beekamaa dha. Haala sana tasgabbeessuuf Oromoo fi miltooleen walii tumsan abbaawummaa qabu. Hundu tasgabbawanii gara fedhanitt deemuuf carraa argachuu qabu. Oromoon obbolaa waliin kufan waliin ka’uu. Hundi eenyummaa qabnaa, eenyummaa keenyaan haa boonnu.

Itophiyaan si’anaa, addaanjiroo saba hedduu wallaba moo’ummaa qaban caccabsanii jala galchuun imperiyaalistootan humnaan ijaaramtee akka finnaa moo’aatt waldaa sabgiddutt galmeeffamte. Amma yeroo biyyooti moo’oon jalatt ukaamaman sosso’uutt kanaan moo’ummaa kootu humnoota alaan tuqame jechuutt kaate. Afrikaa keessa keettoon imperiyaalistoota isee caalu hin jiru. Imperiaalistoota haaraan deggeramtee firoota ammayyoo isee leellisan himachuun hamma dhugaa ta’ett galuu shee hin hanqisu. Ummatooti cunqurfaman ni moo’uu. Mirkanii kana beekaa yk wallaalinaan, heduu dhiisuun, empayera qabee saatti cacabuuf karaa irra jiruu oolchuun hin danda’amne waliin kan rakkatan jiru. Garuu ofumaa dhama’uu.

Empayerri Itophiyaa bututtuu lafa qabanii erban hin qabnee. Furmaati kolonummaa haquu qofaa. Itophiyaanoti kolonoota irraa biyya adaa tokkoo, afaan tokkoo, dhugeeffannoo tokkoo, fi alaabaa tokkoo uumuuf waggoota dhibbaa oliif yaalanii. Garuu of gidduuttuu tokkummaa uumuu hin dandeenye. Rakkinni inni guddaan uumaa murna Amaaraa hin amanamne, asi fi achii walitt funaaname ta’uu dha. Sabheddummaa empayera keessaa humnaan dhiibbatee mullachuutt ka’ee isaaniif bakka qaba jedhanii hin fudhatanii. Ummatooti hundis kolonummaan akka irraa haqamuu fi mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu akka hojii irra ooluuf gaafataa jiru. Godinni Amaaraa Wayyaaneen uumame walitt turuu kan danda’u hin fakkaatu. Gantuun sana fuggisiisuu dandeessu hin jirtuu. Rakkina furmaataaf gamnummaa guddaa gaafatu.

Wanti hallee waa’ee Itophiyaa dhalootaa dhalootatt darbaa dhufe hundi sobaa; seenaan waggoota kuma sadii finnaa Itophiyaa amma jiruu, ilmmi Mokonin guddataa qaccee Solomoon qabaachuun, Amaarri Tigaaruu caalaa Itophiyaa ta’uun kkf. Yoo uunkaa egeree keessatt galuu barbaadan hundi dubbiin ilaaltu soba dhaabanii seenaa ofii keessa deebi’uu dha. Amaarri ummata toko ta’ee gonka hin beeku, biyya addaas hin qabu. Garuu, seenaa moorota/macaafota Grikii fi Roman fi Moorota qulqulloota irraa hatame, biyyoota ummata adda addaa,humnaan qabatee, Itophiyaa jedhee moggaase qofa. Rakkina Gaanfa Afrikaa si’anaa haala federaalaa keessatt Amaarri biyya kiyya jedhu himachuu dadhabuu dha.Toko tokkoon sabootaa, sabaawotaa fi ummatootaa empayerichaa isa jala turan hiree murteeffanaa gaafataa jiru. Amaarrii yoo babanka’an Tigaaruu, Agawu, Qimaant, Argobbaa fi Oromoo ta’uu saanii fudhachuu qabu. Horeen nafxanyaa jireenyi sobaa bakka tokkott dhaabbachuu qaba. Sobii fi qacceen dhalootaa asosamaawaan Yekunoo Amlaakiin eegale Afrikaa ammayyaa keessatt bakka hin qabu. Sabi Oromo qaroma durii Kushaawaa Afriikaa keessaa dhufaa. Oromoon, Habashaa irraa seenaa, aadaa, dudhaa, afaanii fi dhaaba quwasammuu adda ta’e qabuu. Maxxannee eenyuuyyuu utuu ta’in addaanjiroo of danda’an tokko. Orma jala foqoquu dhiisii akkasitt of barii, of ta’i, egeree ifaa, milikii fi injifannoon guute argattaa. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Mudde 2021