Taasisa Goobanaa

“Ormi waan jette haa jettuu, ana garaan nattii haa jettu”

Oromoo gurguddaa keessaa, guddaan hundaa olii kan kaasaa saba ofii gane Goobana Daacceetii. Goobana Daaccee Waadee nama beekamaa Oromoo Abbichuu ture. Hariiroo inni mootota Shawaan qabu akaakayyuu saa irraa ka’a jedhama. Horeen saas leelloo Masaraa ta’anii hafanuu, abaabayyuun saa Daani’el Abbabaa Aragaayi ofbara Oromummaa saan lubbuu ofii dhabe jedhamaa. Goobanaan Oromo akka gootaatt isa fudhatanii fi kanneen akka “Quisling” fudhatan gidduu dhimma walitt bu’iisaa ta’ee jiraate. “Quisling” Qondaala olhaanaa Norway keessaa tokko kan ture, tibba WAII Nazin akka Norway qabatu kan gargaaree. Maqaan saa booda gantuu jechuuf afaan Inglishii keessatt tarreeffame. Ittaansee waan Goobana quisling jechisiisu ilaallaa. Amma kurnan shan ni ta’a erga Oromoon fincila farra kolonummaa hoggansa kallacha qabsoo saanii ABOn lafa buufatanii. Jalqaba kan walitt ba’an goobanoota waliinii.

Weerarri jaarraa 19faa keessa afaan Kush-Nilotic-Omotic dubbatan irratt gaggeeffame, jalee Yohanis Tigirtichaa kan ture Nugusa Shawaa Sahilamariam (booda Minilik kan ta’e), Goobana Daacceen gargaarameen ture. Ergasii lolli kolonummaa Oromiyaa irraa haxaawuu jija gurguddaan oofamaa jira. Akkuma weerarichi jalqaba kan diinaaf loogan qabaataa ture, hardhas Oromoon diinaaf loogan bilisummaa saba Oromoott gufuu ta’aa jiru. Loogdoti akkasii garagarummaa tajaajiltummaa fi birmadummaa gidduu jiru waliin dha’uu. Gaaffiin Oromoo bilisummaa biyya ofii, seenaa, afaan, aadaa, dudhaa addaa, qabeenya ga’aa fi sirna ofiin bulmaataa wallaba yeroo hin yaadatamne qabaachuu saanii irratt hundaawa. Goobani afoo fi malbulchaan horee saa kan ta’an tuqaaleen himaman kun mirga hiree sabumaa ofii ofiin murteeffachuu dandeessisuu saanii gaafatu?

Qabsoon bilisummaa Oromoo ammallee gaggeeffamaa kan jiruuf Amaarri/Itophiyaan seerawummaa gaaffii saanii fudhachuu diduun, biyyi keessan keenya waan jedhaniifii. Oromo hedduun kun maal akka fiduu danda’u hubachuu dhabuun Itophiyummaaf afarsan jiru. Amaarri duula nafxanyaatt makaman dhiyaana fi tajaajila tolaa bakka dhaqan hndatt argachuu eegallaan biyya irraa maddan irraanfatanii jiru. Dhiyaannii fi tajaajilli tolaa sun jalaa fudhatamee, dhafqa ofiin jiraachuu yoo dirqaman burququutt ka’anii. Halagaan koloneeffamuun Oromiyaa namoota hedduu ofirratt hin amanne uumee jira. Maddi goobanummaa jara akkasii keessa ka’aa. Masaka halagaa dhabnaan, jiraachuu kan danda’an itt hin fakkaatu. Yoo arbsamanii fi tuffiin ilaalaman, biyyi keessan Madagaskaar jedhaniin dhugaa se’u ta’ee homtuu itt hin dhaga’amu. Utuma dhugaa ta’eeyyuu, miti malee, Madakaskaar Afrikaa keessaa; kan Yemenii dhufan yoo akkas namaan jedhan callisuun nama dhiba.

Bara qubqabsiis hawaasomaa madda beekumsaa ta’e kanatt iyyaatii dhugaa fi sobaa walmakeen ofbara malbulcha ofii ol kaasuun rakkisaa dha. Qayyabannoo ol dhihoo fi afanfajjii qofa uumaa. Hedduun robot ta’anii kan itti himame qofa irra deebi’uu danda’uu, qeeqaan yaaduu haa ta’u umsatummaan hin jiru. Abunaa fi Imaammi yoomallee sheexanooti maqaa sana qaban moor saanii qulqulluu keessa hin jirre Shanee, Juntaa jedhanii yoo abaran dhagahamu. Bara attamiitii bara sobi mana Waaqaatt, dhugaan mana ibddaatt geessa jedhamee lallabamuu? Bara ofittummaan arjummaa caalaa farfamuu? Kanneen hoomishan irra kan dubbatan caalanii? Sunis ta’ee, walabummaa kan fedhan wayyaba callisoota. Kanneen yaada saanii bakka bu’anii dubbatan lakkobsi saanii goobanootaan walqixxee fakkataa. Kanaaf ummatichi bakka lamaanitt kan banka’e fakkaataa. Hundi baasaa jireenyaa walfakkaataa jiratanii kan wal dhaban hariiroo diina waliin qabanii fi maaljecha diinaa irrattii. Hamaan Oromooma ta’uun hunda saanii irratt xiyyeeffate jira. Oromummaa jibbaniif

jalaa hin ba’anii. Baraaramuuf wal dhageeffatuun barbchisaa dhaa. Kanaaf akka sabaatt utuu hin badin itt yaaduu qabu. Ilaa fi ilaameen isaan hin hubuu, shakaluu dha. Ummatoota naannaa sanaa hunda caalaa haala ofirratt hirkachuuf mijjawu qabu. Kanafu Gaaddisa diinaa jala wallaba ta’uu uggu qofa.

Garagarummaa ummatooti qaban kana fudhachuu irratt kan kaayyoon bu’uuraa federeeshishini saboota, sabaawotaa fi ummatootaa bu’uurfame. Oromoon akka moggaasaa, garboota, gabbaarota fi bitamtootaatt dafqa, dhiigaafi lafee saanii empayera Itophiyaa dhaabuuf gumaachan jiru. Walfuudhanii, walirraa horanii jiru garuu taateen sun gonka roorroo dandeessisee hin beeku. Oromoon ummatoota addunyaa hundaan wal fuudhaa waan jiraataniif kan isaanii walii adda wanti tolchu hin jiru. Bakka jireenyaa filachuuf wal fuudhii gufuu ta’ee hin beeku. Mammi jala firummaa dhiigaa hin qabne waliinuu mirga guutuu waliin ni jiraataa. Gara Oromiyaatt yoo dhufnu, Kan haadha fi abbaa yk tokkoon saaniin Oromo ta’e hafee, dudhaan halagaanuu Oromoott moggaafamuu feenaan karaan banaadha. Oromoon Itophiyaa ta’uu fedhan jiru. Hanga hunda harkisanii, sana akka jajanii fi isaan fana bu’anii hala duree tokko malee Itophiyaatt akka harka kenatan hin gaafanett, Itophiyaa ta’uun saanii mirga abbaatii. Oromiyaan finnaa bilisa fi mo’aa, karaa ofii bilisummaan filattu, hima murna kamiiyyuu, halagaa haa ta’uu keettoliisa akka hin fudhanne murattee.

Hidhannoon caaluyyuu, Nugusi Shawaa Saahilasillaaseen gosa Tuulamaa moo’achuu hin dandeenye ture. Garuu sadarkaa tokkott walitt isaan diree irra haanuu danda’ee ture. Daacceen injifatamuu Galaan keessatt qooda guddaa akka qabutu himama. Ilmisaa Goobanaan Minilikii tumsee guutuu Tuulamaa Amaara Shawaa jala galchuutt guddaa gumaache jedhamaa. Dubbiin saa sana yoo ta’u, loogdoti tokko tokko qabattee, akka Goobanaan Tuulama ta’uu saaf moora sabboonotaan haleelamaa jira akka jechuu yoo kaasan dhagahamu. Kanammoo eenyutu jedhe laataa, “…. Sanyiin wal hin gurgurtuu kan ilma accee raajaa”. Abbaltiin goobanoota haaraa murna tokko addatt baasanii isaa fi Tuulama gidduutt waldhabdee uumuufii. Abba tokkee yartuu irratt ni milkaawu ta’aa, garuu ciminni hidhata Oromoo gidduu cimaa waan ta’eef jette jetteen sammu maddee, dhibbaa irratt hin qabaatu.

Goobanni gosoolii Oromo kamuu caalaa liillana malbulcha, diinagdee fi aadaa Tuulamaa irra ciree. Yerosi waan hedduun keessaa, kan isaan Hora Finfinnee kan beelladaa fi namaaf qoricha ta’e; Galma Abbaa Muudaa guddicha; Bakka Irreecha Finfinnee ulfoo ta’e fi bakka qonnaa Abbichuu, Galaan, Eekkaa fi Gullallee taadhii ta’e kan dhabanii. Inni abbaa duulaa Abbichuu kan ta’e lammiilee saa sana hunda iddoo halagaa weerartuu bu’ee gabbarsiisee. Tuulammi ittisa cimaa hin uggamne biyyoota Oromoo kibba ofii irraa waggoota dhibba hedduuf galaana halagaa Kaabbaa irraa eegaa ture. Goobanaan, akka looreet Tsagayyee Gabree Madhin jedhe Amaara’ee ture. Sana gootni goobanoota haaraa.

Goobanaa ture, ittisicha kan cabse, weerartuun Amaaraa akka galaana guddaa Oromiyaa irra galagalan kan godhe. Yeroo dheeraa hanga Tuulamaa kan mootummaa Shawaan lole, wareegama hamma saa kan baase jira? Gidiraa hammaa bahaa hanga saa gost Oromo hoomaa Amaarinyaa dubbattuu Shawaa fi bitamtuu saan irra ga’uu himatan jiruu laata? Dhufa goobanaa mitii kan gosa Tuulamaa dagee nama saanii kan tola waloof hoijetutt fudhatanii salphaatt kan gabbaran? Erga waa’ee Tuulamaa fixate, dhooftuun Maccaan mancaase isa mitii? Goobanaaf cubbuu Tuulama fi Oromoo guutuu irratt raawateef aagii tufsiisuun, cubbuu Itophistummaa ofii qajeelaa tolchuun hin danda’amuu; isaanis inna yeroon geessu shallaga ofiin murtoo argatu. Akeeki Goobanaa farsuu saani qaanii ofii golguufii. Miira goobanootaa ilaaluun, hisatooti Amaaraa Tuulammi Amaara afaan

Oromoo dubbatu hanga jechuu ga’anii jiru. Ilmi Booranaa boonaan kuni afaan kashalbeen arrabsamuuf sababa ta’uu caalaa qaanii maaliitu jira?

Hogganooti OPDO funaasota farra, kaayyoo hin qabnee carraa adamsitoota. Ayyaanlaallattooti horii, aangoo fi beekamtii dharra’an ariitiin argachuuf karaan sabboonota itt fagaannaan kan aangoo qabutt maxxananii argachuuf walguuranii alaa galan. Carraama Goobana guddichaatu isaan eegaa, kan qaata argatanii. Hedduun lubbuu jiraachisuuf horii argatan ta’aa, aangoo fi beekamtiif garuu amanamoo hin turree. Sun ta’ees abarsa Goobanaa waan ta’eef ajjeesaa obbolaa saaniif amanamoo ta’anii hafanii.

Yartuu saanii Tuulama keessaa maddanii jedhamee maqaan Tuulamaa guddichaa balleessaa saaniif faalamuu hin qabu. Jaalbiyyooti Oromoo Tuulamaa ba’an moototora dura boo’ota waldaa hawaasomaa Oromoo hunda haammatu, Maccaa fi Tuulamaa turanii. Qeeroo kumoota Tuulamaatu kaasaa sabichaaf lubbuu kennanii. Dirreen dilii bilisumma kan ijoolleen Tuulamaa qooda guddaa keessatt hin fudhanne jiraa laata? Goobanni lammi hundi amaneen, erga saba saa futrichoo hidhee diina jala galchee booda salphinaan gad lakkifamee. Garuu utuu hin ba’in dura goobanummaa golee Oromiyaa hundatt facaasee ture. Goobanummaan of jibba tuffii guddaa Oromummaaf qabaachuu kan Oromoo ta’ee dhalatee, kanneen biraa ta’uu barbaaduu fi gaalcha safuu cabsee, yoo ummatichatt yakka hamaa raawwachuu ta’ellee, diina saba ofii irra goree kan dhaabbatu; sun hundi kan tolfamuf tokko, bu’aa shaffisa waan maqaa, qabeenyaa fi aangoo yk hambaa saamicha qeyee ofii keessa harcaatellee yoo ta’e argaachuufii.

Duubatt harkistuun gosa oo’istu Tuulama Guddicha gad harkistee goobana gantuun walqixxeessuun isaa fi lammilee Oromoo biroo gidduutt wal mamii facaasuu barbaaddii. Goobana kan balaaleffannu madda warra saaf utuu hin ta’in ummata ofiitt dugda garagalchuun diina saanii haammachuun halagaaf isaan garboomsuu saatiifii. Nama jabaa Oromoo kaluu battala diinaa, dandeettii fi carraa isaan didhuu danda’u qabu ture. Maaliif namichi jagni, dandeetii qabu, dureessi, saba dilormaan fi qabeenyaan hundaa ol ta’e of boodaa qabu, kan waan halleen isaa gadiif akka qoomma’e nama dhibaa. Goobanooti ammayyaa akka isaa jagnaa fi jaboo hin ta’in malee qaccee saa halagaaf jilbeenfachuu dhaalanii jiru.

Mootummaan si’ana kan Amaarinyaa dubbatu, Oromo bakka argett ajjeesu, gara fedheen garagaggalchanii yoo ilaalan mootummaa Oromooti jedhamuu hin danda’uu. Kun hololaan utuu hin ta’in olmaa fi hojiin kan mullatuu. Hogganooti saa tokko tokko dhiiga Oromummaa qabaachuun waan raajii mitii; sana qabaachuun mootummoota nafxanyaa darban Oromoo taasisuu hin dandeenye. Jarri kun, kan dhiiga keessan qabu Oromoo ta’uu saa utuu hin dhossin barcumaa Minilik irra bahuu saa, yoo homaa isinii hin gooneyyuu galata galchuu qabdu nuun jedhaa jiruum. Quisilingooti kun fakkaattii saa dhugaa roga dhabsiisuun kanneen iyyaatii hin qabne daguu barbaadu. Tolfamaan goobanee fi goobano waan ta’aniif sana ta’uu saanii of himuuf caraanuu hin qabanii. Akka bulgoota “Frankenstein” ta’uu saaniitt, Oromiyaa qofa utuu hin ta’in kan isaan uumes

barbadeessaa jiru. Sabboonoti yartuun isaan keessa jiran akkuma “Saliixii talbaa keessatt argamee waliin tumamuu” iraa hin haanii.

Goobanooti haaraan kun akkuma kan isaan duraa Amaarinyaa afaan Oromo irra leellisu; Oromummaa yk sabboonummaa Oromo jibbu; Oromo dhiifama godhee ofiitt fudhatee gargaaree aangoott baase ganan; Oromummaa irra Itophiyummaaf durfannoo kennu; akka fakkeessan tajaajiltoota finnaa Oromiyaa utuu hin ta’in bulcha halagaa harka lafa jalaa akuma Goobanaa mijjeesitoota. Ammayyuu fixaqaccee fi yakkoota hin yaadamne raawwatu; karaa bilisummaa Oromoo irra danqaraa kaa’uuf jabinaan tattaafatu. Beekaas utuu hin beekinis mana ijaarre isaan gargarree of irratt diigaa as geenye. WBOn maqaa Oromootiin kan jiru, ijoollee diina dheesituuf duubbee kan ta’aa jiru, murna hidhate tokkichaa. Bilisummaa Oromiyaaf ammaaf abdiin jiru tokkichi isumaa. Mudaa qabaachuu danda’aa akkasumas mamii hedduun naannaa saatt rarra’e jiraachuu danda’aa. Kaayyoon ganama murna hin qorre hin qabu, innis yoo kolomsiifame irra darbu malee yero wal morman mitii. Waan halleefuu, filmaata biraa utuu hin dhiheessin balaaleffachuu yk jibbuun Bilxiginnaaf kan tumsan fakkaachuu danda’aa. Jaallatooti Oromummaa Bilxiginnaa malee, filmaata biraa hanga dhiheessanitt yoo xinnaate deggersaa qeeqaa kennuufii dhaaf dirqama qabu. Sabboonaan waan diinni jaallate utuu hin qoratin hin jaallatu. Waan diinni jibbe erga fudhatee booda qorata.

Goobanooti haaraan akkuma Amaaraa Oromiyaan addaan jiroo Itophyaan addaa ta’uu fudhachuu didu. Kaan kaan saanii Minilik caalaa Itophiyaa ta’anii of dhiheessuu fedhu, innillee addaanjiroon sun Itophiyaan adda ta’uu fudhata turee; Isa “Papa caalaa Kaatolikii” jedhan ta’ee. Sabboonoti Oromoo warraaqxotaa, waan ta’aniif amma amma iyyaatii saanii haaromfachuu qabu. Qooqoti, xexxebooti, irrabuusoti, maqooti fi rimsamooti bara eengaddaa dhimma itt bahaa turan amma akki itt dhimma bahamu jijjiramee yoo ta’e iyyaatii saanii haromfatan malee namoota bara dhagaa fakkeessuunii ni danda’aa. Sabboonoti dhiphina gandummaa yk miraa dubatt harkisoo fi ofiffummaa irraa bilisa ta’uu qabu. Yerro hunda tolaa ummata ofii fi mirga ilmaan namaaf ijaajuu, kaayyoon fiixaan hanga bahutt irraa hin dachaanuu jedhanii jaallewwan kufan waliin kakaa galan hin akka hin daganne dhugoomsuu qabu. Haa ta’u malee kan keessa harca’an jiru. Kanneen alaakaa jiraachuu malee hobbaatii tokko hin agarsiifnes jiru.

Kanneen Oromummaatt amanan hundaaf fedhi saanii iseen gadjallaa, bulcha halagaa jalaa bilisoomuu dha. Sirna bulmaataa filachuun itt haanee dhufaa. Mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu beekuun karaa gara sanatt geessu sirrii dha. Yaada ofii bilisummaan ifsachuuf namooti bilisa ta’uu qabu. Qoodi eegalaa loltoota bilisummaa, ummata sadarkaa hiree murteeffanaa sanaan ga’uu dha. Walabeessoo, federaalaawoti,yk tokkeessoti ummati Oromoo garamitt deemuu akka fedhu murteeffachuu akka danda’u aangessuuf gara kanatt waliin hojjechuu qabu. Hariiroon bulchi amma aangoo irra jiru Oromoo waliin qabu kanneen darbaniin adda mitii; koloneeffataa dha, Amaarinyaa dubbataa, faajjii magariisa, keelloo fi diimaa balaliisaa, nafxanyaa fi cunqursaa dha. Oromummaa, Amaarummaa yk Itophiyummaa himatus sirnich Oromoof halagaa fi roorrisaa ta’uu hin jijjiiru. Fedha ofii humnaan namatt fe’uu yaaluun burjaajii qofa uuma. Nammi tokko ashkarii, gabbaarii yk “rooboot” saa ajajachuu danda’aa. Oromoon Amaara/Itophiyaaf kanneen sana mitii. Kanaaf Oromiyaa qabatee turuuf mirga seeraa hin qabu.

Goobanooti qabamee turuu fi dhufi bilisummaa akka fagaatuuf dhooftuu ta’aa jiru. Ummata Itophiyaaf malee kan Oromoof yoo dhimmaman hin mullatanii. Lafa Oromoo weerartuu halagaatt dhiisanii kan Amaaraa Tigaaruun fudhatan jedhamu, deebisiifna jedhanii dargaggoo lolatt guuruun ficisiisaa jiru. Tuulama, Karrayyu, Ituu kkf. garuu hin birmatanii. Halagooti lakkoofsa Oromoo gad

cabsuu barbaadu waan ta’eef kun sababa ta’eefii. Amma Oromoon bilisummaa ofii fi faallaa saaf du’aa jiru; akkasumas bilisummaa ummatoota biraa kan isaan qabateef dhooftuu ta’uun ukkaamsuuf yaala du’aa jiru. Akkasitt dargaggoon Oromoo akka tisiisaa bakka hallett dhumaa yoo jiran agarraa. Kun namoota seexaa qaban, fedha ofittummaa irra qaarsanii ilaaluu danda’an qofaan hubatamuu malaa. Dhaabbachuu qabaa, garuu akkamitt? Akka Oromoott hundu miira ofiitt deebi’anii ofiif malee kanneen biraaf du’uu dhiisu qabu.

Diinni saba Oromo seenaa, ogummaa waraanaa saa fi toyeqor/laboratorii keessatt akka hantuuta yaaliitt dhimma itt bahaa akka jiru hoggana saan ambatt himamee jira. Sana jechuun kan ijoolleen sabaa, sabaawotaa fi ummatootaa waraanatt oofamanif seeraa fi sansakkaa eegsisuu yookan lafa fudhatame deebisuuf utuu hin ta’in warshaa lolataaf hantuuta yaalii ta’uufii. Kanaaf falachuu qabu. Waan gaaffii sabummaa ilaalutt garagarummaa gidduu saanii jirufii hundi yaayyoo karaa qaban, murteessaa olhaanu, ummati Oromoo akka keessaa filatuuf dhiheeffatanii murti saa kabajuun fala toko. Oromiyaan qaama Itophiyaati jedhanii dursanii murteessuun ilaalcha yeroon itt darbe waan ta’eef addaan lammii fageessa. Dura Oromummaa jabeeffatanii ofiitt amanummaa haa qabaatanii. Sana duuba waan barbaadan ta’uu danda’u. Utuu battala irraa kaa’an hin qabaatin halagaa waliin hidhata ummanna jechuun daannoo qilleensa irratt ijaarranna akka jechuutii. Karaan Goobanaa garbbummaa qofatt geessaa. Goobanaan akka nama Oromo tokkoott malee akka Tuulamaa Guddichaan tokko ta’ett fudhachuu haa dhaabnu.

Oromoon gamnas, jagnas ta’anii safuu waan qabaniif dandeettii saa qabanuu mirga ormaatt hin darbanii. Safuutu ilmoo namaa fi saba ofii nama kabachiisa, jaallachisas. Kan safuu cabsu farraa. Kan ummata ofiitt gargalu, halagaa tajaajiluuf qophii ta’e safu hin beekneedha. Mooraa diinaa keessa jiraatus jannummaa fi gamnummaan waa qacceetii, keesaa hin badu. Garuu jabduun agarsiisu halagicha inni tajaajilu malee waan firri himatu mitii. Haa tahu malee ragaa Oromummaa qeeyee diinatt bahamee. Akkasitt fudhanna malee goota halagaaan, goota keenya jennee faarsuu hin qabnu. Afaan Taddasaa birru farseen Jaagamaa keelloo hin farsinu. Afaan Abishee Garbaa faarseen Morodaa Bakaree hin farsinuu. Afaan Fatansaa Iluu faarseen Abbaa Jifaar hin farsinuu.

Oromo ta’anii gamnaa fi janna ta’uu qofti goota Oromoo nama hin taasisuu. Yeroo goota fi janna Oromoo lakkaawaa jedhan hunda lakkaawuu dandeenyaa; goota lakkaawaa jedhamnaan garuu kanneen mirga saba ofiif wareegaman qofa dhoofnaa. Kanaaf Goobanaa Daaccee goota Itophiyaa malee kan Oromoo hin ta’uu. Goobanummaan abaarsaa Oromootii. Nama waan ofii ormaa kennee akka keessaa waa darbataniif ija culcullessu maal jedhamaa? Lammiin saa, raayyaa guddaa hunda caalu kaafachuu danda’aa; jabina, mala lolaa, onnee, qabeenya fi lafa taadhii olloota saa caalu qaba, Kun abaarsa yoo hin taane mal jechunii danda’ama? Abaarsa akkamitti ofirraa haquu? Abaarsi kun Oromoo waliin waggootaaf turee jira. Isaaf falatan malee garbummaa fi hiyyeesuma keessaa ba’uun hin jiraattu. Goobanummaan waan dhaabbataa miti garuu dhugaa lafa jiru fala barbaaduu. Kan hardha goobanaawe bor saboonaa ta’uu ni danda’a. Tokko tokko Goobanaa Dullachi utuu tasa du’uu baatee miira gaabbii keessa ture jedhamaa jedhuu. Nafxanyaa inni ijaaretu firriseenii. Goobanummaan dhuunfaa murna, godinaa yk gosa tokko mitii. Akka itt hariiroo saba ofii fi Amaara gidduu ilaalantu nama goobaneessaa. Goobanummaan fonqol! Oromiyaan haa jiraattu!