0

Bilisummaan Amma hin Dhufne Yoomu hin Dhufu

Qaceefixxi mootummaa Itophiyaan Oromoo irratt si’ana raawwatamaa jiru Kaayyoon walabummaa Oromoo ganama kan yerosii caalaa amma barbaachisaa ta’ee jira. Hammam nagaa barbaaduun biyya keenya irratt qofa abbaa biyyaa ta’uu gaafannus, koloneeffataan tarkaafii gara bilisummaa fi walqixxummaatt tolchinu hankaaksuu yaaluu dhaabuu didee. Waraanni, kanneen sirna koloneeffata Nafxanyaa deebisanii gad dhaabu barbaadanii fi kolonoota cunqurfamoo gidduu irra deebi’amaa jira. Gargaarsa gantoota mootummaa federalaa keessa jiraniin “Qiny gizat” yk kolonootii duraanii hundi seera lolataa jalatt, Komand Postiin bulaa jiru. Malbulcheesitooti gama lachuu hariiroo dhugaa koloneeffataa fi kolonoota gidduu jiru maqaa bareeda itt kennuun golgaa dhufanu dhugaan fuula saaniitt dhoowe. Miltolii dhugaa akka hin turretu saxilame. Yoo akaafaan, akaafaa jechuu hin dandeenye godinicha dhadhaqii keessatt of arguu baasuu hin danda’anii. Akkaataan kashalabootii nama Oromoo mirkanbeekaa malbulchaa tokkeesaa ta’ett, yaadduu sirna Nafxanyaa “andinat haayil” ofiin jedhan Amaarinyaa dubbataniin gaddhiifaman, duubbee saanii fokkisaa kanneen saxilan hagam akka jibban agarsiisa. Dharraa waan ofii kan hin taanee, lafa, aangoo fi qabeenya Oromoo, argachuun liqimfamanii jiru. Yaadi kalafata saanii sanaa gad ta’e fudhatama hin qabu. Kana ta’eetu kan isaan yaada profeesarichaa kan silaa isaan baraaru gatii dhowwatanii. Qabattee fuldura jiru dhiisanii namicha haleelu. Isaan waliin waliigalteen hin jiraatuu, qabsoon walabummaa waggoota shantamman dura jalqabe hammam fiixaan bahutt itt oofuudhaa. Akaataa egeree itt jiraatan, walabummaan haa tahu kan fedha qabaniin tokkeessoo uumachuu, murteeffachuun Oromoof mirga saanii dhalootaatii.

Oromoon walabummaa barbaaduun dharraa tokkummaa cimaa Afrikaaf, kabajamaa, walqixxummaa fi birmadummaa saboota, sabaawotaa fi ummatootaa qaban hin dhowwu. Sun Afrikaanota empayera Itophiyaa keessa jiraniin eegaluu danda’a. Oromoon qaama sanaa ta’uu ni danda’u, haa tahu malee kan isaan walitt qabaaf dhimma baasuu danda’an akka Oromoott walaba yoo ta’an qofa. Warraaqxoti Oromoo abdii kan godhataa turan, ollaan isaan koloneeffataan gurraaleen, durii ofii irraa addaan of baasanii, akka Afrikichi olla jiru gurraachota keessaa tokkoott of ilaaluun kaasaa waloof akka hojjetu ture. Tumsooti saanii koloneeffato hundi bilisummaa kanneen biraa irraa butan abbootiif deebisanii kan sokkan yoo ta’u kan isaanii qofti akka duraanii yeroo dheeraaf dhimma itt bahuu yoo hin dandeenyeyyuu duubatt hafee jira. Ummatooti Afriikaa hundi seenaa durii ummatootaa argaadhageettiin Grikii akka Homer faa “Aethiopia” ni qooddatu. Habashooti maqaa kanatti yaadannoof of moggaasan taanaan rakkoo hin qabu; garuu yoo seenaa sana waliin jiru akka dhuunfaatt himatu ta’e dogoggora. Kiyya jecha sobaa irraa, seenaan ofii akkas ta’a jechuutu dhalata. Sun seenaa Afrikaanota olla jiranii qofa utuu hin ta’in seenaa Gurraacha hundaa roga dhabsiisa. Roga dhabiisa akkasiiti kan hedduu jaamsee Oromoo miseensota guddichaa Qarooma Kush baqqana Africkaa kana erga seenaan jalqabamee jiraachaa jiru arguu kan dadhabanii. Oromoon seenaan saanii durii fi ammayyaa akka jalaa roga hin dhabsiifamne diddaa jiru.

Beekoti Amaaraa Abbaa Bahiree hanga hardhatt Oromo akka alagaa, bakka fagoo gara caalu Afriikaa alaa waan dhufaniitt kaasuu. Sun jedhamus gurguddoon Oromoon jecha sana irra ilaaluun akka miltoolii walqixxeett nu fuddhaa jedhanii yeroo maganan agarraa. Yeroo “sirna Nafxanyaa” jedhan ummata Amaaraa jechuu akka hin taane mirkaneessuufii yaaluu. Karaa biran gurguddoon Amaaraa nafxanyaan dhumargaa biyya mootii saanii kan se’atanii ol waan balliseefii yoo faarsan mullata. Caalaayyuu, si’ana wan kan saanii ture deebisee nuu qabe jechuuf uggaa jiruu. Namootumti saanii tokko tokko yoo dubbatan Afaan malee ummati Amaara jedhamu hin jiru jedhu. Kaan ummata xinnoo Boorana gidduu qubatte “Saayintee” jedhamtutu Agawu, Qimant, Oromo kaabaa ofiitt dabaltee “Amaara “ ofiin jette jedhu. Ummatoota Amaaraan koloneeffamanii, sirni Nafxanyaa irra diriirfameef, Amaara jechuun kan Muslima yk Waaqefataa hin taane Kiristina (Ortodoksii) ta’e jechuu dha. Nafxanyaan egaa, boojuu Amaarri raayyaa ofiitt madaqfatee Kiristinnaa kaasise ni dabalata jechuu dha. Kanaaf Amaaraa fi Nafxanyaa gargar baasuun waan hin danda’amneef adda addatt ilaalun ofumaa dhama’uu fi dhugaa baqachuu dha. Amaarri godinaa ofii alatt fuula nafxanyaatiin caalaa yoo beekaman Godina ofii keessatt Amaarri eenyu akka ta’e himuun rakkisaa ta’uu hin ooluu. Nafxanyaa jedhamuu ni jaallatu, garuu arrabsoo maqicha waliin dhufu, saamtuu, namanyaata, harka muraa harma muraa, qacceefixaa fi roorrisaa mirga ilmaan naamaa kan jechisiisu jibbuu.

Sirni nafxanyaa bara gonfoon (Zawud) gad darbatame lamsha’ee. Biyyi mootichaa yoo burjaaja’eyyuu, ummatni inni keessaa madde ammayyuu biyyuma haadhoo keessa jiraataa. Kaan kan saanii, sirnicha laamsha’e dandamachiisuuf yaaluu hin dhabnee. Oromoon, dhimma biyya kee irratt cichii kan Oromoo Oromoof dhiisi jechaanii jiru. Horeen Nafxanyaa fi qubattuu Oromiyaa keessatt hafan Oromiyummaa yoo ciiga’an malee akka namaatt humni isaan dhowwachuu dandahu hin jiru. Akka “Projection” 2007-2016 (Ayele Galan OL) Oromiyaa keessa Finfinnee, DD fi Harar dabalate Oromoomitii kumkuma 8 gaditu jir; isaan keessaa naannaan kumkuma 5 Amaara, dilormaa kumkuma 42 keessaa. Oromoon nambiyyummaa (citizenship) moggaasaa kan ture Rome dura ta’uu hin oolu. Biyya akaakilee hin beekne dhiisanii, ummata keessatt dhalatanii guddatan, Oromoo waliin fedha Oromiyaaf qabsaawuutu irraa eegama. Kanneen alaa isaan tuttuqan , “Andinat hayil” ofii jedhan Amaarinyaa dubbatan bala itt fidu malee waan tolaniif hin qabanii. Amarri sirna Nafxanyaa diriirsuuf abbummaa fudhatee, hamaa dhaqabsiiseef dhiifama gaafate malee wal lolli ittuma fufa. Dharraan sirna Nafxanyaa dandamachiisuuf qabaniin, PPn waan Goolii Diimaa Dargii fakkaatu garuu hammeenyaan caalu akka bobbaasu gumaachanii jiru.

Hogganooti Oromoo hardha hidhaatt gidirfamaa jiran, dhugaa olitt kaafne lafa kaa’anii, hamaa ummata saanii irraan gahan hunda irra ilaaluun sirna federalaa ijaarree isin waliin jiranna jara jedhan keessatt argamu. Kun dudhaa Oromoon ofii miidhamanii nagaa buusuuf qaban calaqisa. Garuu sun safuu kan hin beekne waliin dogoggora. Diina dullacha waliin utuu hin dhoofsisin nagaa buusuun hin dandahamu. Utuu of hin ta’in kanneen biran dhoofsisuunis hin danda’amu. Walqixxee yk caalaa jaba ta’uu gaafata. Oromoon abdattuu sirna Nafxanyaa dirqiin diriiraa irraatt fidan malee nagaan hin jiru. Xiyyeeffannoon bu’uura sirna Nafxayaa, Oromoo nagaa, hoggansaa fi qabeenya dhabsiisuu dha. Kanaaf hayyooti akka Jawar darbee, darbee inna muldhatan mataa rukutee dhabsiisuu yaala. Jawaar qaroo Afrikaa keessaa ifaa tokko kan isaan dhaamsuu barbaadanii. Barri Qeerroo Oromoo suuta, sutaan qooda saa dudhaa akka bahatu bakka duriitt deebisee jira. Qeerroon quuqaan garaa kan daggalatt

dhiibu,“Faannoo” isaan beekan miti, ummata wayyaba yeroo hunda dirqamaaf qophaawee dha. Ofbarri Oromoo ol ka’uun, eenyummaan bade deebi’ee dhalachuu fidee. Sun waan ta’eef dhaaboti akka WMT fi ABO fi jaalbiyyooti walabummaa saba saaniif qabsaawuuf as bahuutt ka’ani. Sabboonoti si’aawoon akka Haacaaluu fi Jawarfaa hobbaatii qabsoo sanaatii. Hundi sirnicha utubanii jabeessuun fulduratt dhiiban malee deebi’ee akka dhalatu hin goone. Sii’achi halagaan hafee Oromoonuu fedha ofii sabicha irratt fe’uu hin danda’u. Ejennoon Oromoo hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu hanga walabummaatt qaban kan hin sochoonee.

Yeroon saa kan akka sabaatt qophii guddaan tolfamu qabu. Qabsoon keenya dhawataadha bara jennee itt kaane beekumsi keenya yaadanmalaa (tiyoorii) ture. Shakalatt erga seename bututaa fi walhifachuun qabsawota gidduutt dhalate kan hin yaadamne. Akaakuun wal hiroo nuu fi isaan jechisiisan baayyataa dhufan. Horcowii yartuun jirtu kan tokko kaan caalaa saaqaa itt qabus waan hubes ni fakkaata. Haala keessa ilaaluun ala ilaaluu dhuunfate kana jalatt, Kaayyoo ganama jiraachisuun qormaata guddaa ture. Kanaaf carraan Wayyaanee ari’uf nagaan biyyatt deebi’uu yoo argamu hedduun dhugaa hin seene. Waan ergame gadi fageenyaan keessa hin laalle. Kanaaf imaanaan “Garee Lammaa” amanteen fudhatame. ABO gargar faca’e tokkoomsuun waan qabsaawotis ummatis fedhu ture. Garuu barsiifati gaddhiisuu didee hin milkoofne. Caalaattu Itophiyummaa oo’isuutu dhufe. Dhaaboti maqaa walabummaan ijaaraman gola Itophiyaa ta’anii dhoofsisa malee galmeeffaman. Bulchi malbulchaa fi waraanaa walfaana yaaduu dadhabe. Warana irratt karaa adda addaa dhiibaan tolfamee hangi tokko akka galanii qawwee irkisan taasifaman. Amma kan gaaratt hafan jiru. Hin turree, waliigalteen gaaffii jala lixe. Mootummaan cehumsaaf dhaabbate turoo of gochuu qofa utuu hin ta’in, sirna Nafxanyaa faarsuu eegale. Ajjeechaa fi hidhaan qabsaawotaa nagaan qabsaawuuf irbuu seenani ni eegalame. Mootummaa kana waliin Oromoon jiraachuu akka hin dandeenyetu mirkanaawe.

Kanaaf Oromoon waan qaban hunda soneessanii qabsoof tokkummaan bobbaasuu malee filmaati hin jiru. Kanaanis Qeerroo Oromoo lagannaa gabaa fi uggura geejjebaa eegalee jira. Qabsoon nagaa fi hidhannoo akka bu’aa buusanitt qindaawuun barbaachisaa dha. Qindoominaa fi murannoon waliin kaanaan kan Oromoo jala dhaabbatu hin jiru. Mormiin Qeerroon amma eegalame labsa ofiitt cichee takka turuu dandeenyaan mootummattiin ulfina ofii baachuu dadhabdee daftee lafa dhoofti. Oromiyaa keessatt burjaajiin akka hin dhalanne Oromoon dursanii of qopheessuutu irra jira. Mootummaa Oromiyaa dur OPDO jala ture, amma Bilxiginnaan fudhatee jira. Bilxiginnaan jaarmaa empayera Itophiyaa jabeessuuf yakkamtoota kurnan sadii darban ummata empayerichaatt roorrisaa bahaniin ijaarame. Kanaaf qophiin duraa bulcha Oromiyaa fudhachuu irratt xiyyeeffachuu qaba. Salgeen yeroo tokko, godinoota hunda irraa uumamee utuu imaammataa fi kallatti qabsoo agarsiisuuf bobba’ee dansa.

Tarree ogeeyyi baqqaana hundaaf, diinagddee, hawaasomaa fi malbulchaa barbaachisan qopheessu fi leenjii barbaachisuuf qajeelfama kennuun qooda Salgee ta’a. Hariiroo ummatoota biraa waliin godhamuuf ogeeyyiin seeraa fi malbulcha addatt shaffisaan qophaawuun waamichaa fi ergamsa dhufuu danda’uuf barbaachisaa dha. Ummatoota rakkinni saanii walfakkaataa ta’een dursanii marii jalqabuun dagamuu irraa nama oolchuu danda’a. Qophiin tolfamu akeeka hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu kan walabummaa dabalatu jedhu irratt hundaawuun dirqii dha. Tokko tokkoon ummatoota, akka hundi sansakkaan hiree ofii, ofiin murteeffatu carraa kenuun hundaaf anja qaba. Haa ta’u malee duubbee ofii jabeeffachuun jijjirammi dhufu waaraa akka ta’u gargaaraa. Yaada kana irratt

mari’achuun dafee jalqabuun barbaachisaa dha. Yaadi sabichaa hanga bilisummaatt gar tokkott luucca’uun injifannoo ariifachiisaa. Dargaggoon warraaqsa kana fiixaan baasuuf abbaawummaa qabu. Yeroon kan saaniitii. Dursanii akeeka tokkoof ijaaramanii itt qophaawuun gaabbii nama oolchaa. Manguddoon Oromo kan Kolonel Abiy dudhaa ummata ofiiraa of halagoomsee yeroo hedduun du’a hawwu, qooda gorsaa taphatu. Oromoon Jaarsa saanii kan kabajanii fi eegumsa tolchaniif kuuraa yaadannoo sabaa waan ta’aniif yoo ta’u diinnimmoo sana haquuf gama.

Amma dhaloota Qubee soda hin qabne, sammuu garbummaa abboolii irraa bilisa ta’e abbaawummaa fudhatutu as bahee jira. Hogganooti hidhaa jiran jaalbiyyoota qaroo, qabsoo shafisiisanii fi of kennan malee Kaayyoon sabaa bakka ga’uu fi itti fufa qabsoof murteesoo miti. Kanaaf Jawarii fi hogganootii fi sabboonooti hidhaa jiran qabsoo saba saaniitt ibidda tuqachuu malee dhaamsuu hin danda’an. Sochiin Qeerroo amma jiru yeroo dhumaaf sirna Nafxanyaa haqee Oromo abaa biyaa gochuu fi roorroo ummata irra ga’u raawwachiisuufii. Jawariin dirqiin dubbachiiseen fincila Qeerroon dhaaba kan jedhu juujuu qofa. Kanaaf akka Mussolini gad gombifamanii rarra’uu yoo hin feene dafanii hiikuu qabu. Isaayyaas ofiiyyuu dhumarratt aarii ummataa saa irraa waan hin hafneef isaan hin baasuu. Oromoon beekota saanii ajjeesaa, haddhaan faalaa fi hidhaanii itt roorrisaa, kan dhalaniin ajjeesanii daa’imman yaatama tolchaa, dubartoota ulfaa, abbooti amantee ajjeesaa, dhiiraa fi dhalaa gudeedaa, manneetii gubaa Bilxiginnaa fi miiltolee saa waliin araarri hin jiru. Emperara of tolchuun Bokaasaafuu hin mallee. Presidant Mangistuunillee yeroo samuu nagaa qabu, “Garbummaa bara baraa irra, birmadummaa guyyaa tokko” jedha ture. Birmadummaa kana Oromoo caalaa kan fedhu hin jiru. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbool fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Hagayya 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *