1

Egereen Keenya Ifaa akka ta’u Durii Keenya Deebinee Ilaaluu

Hiree keenya of harka galfachuuf oobdii bilisummaa irratt argaman. Qabsoo jalqabne fiixaan utuu hin baasin dacha’uuf jiila qabna. “Jiilee ba’ee udaan hudduutt hin deebi’u” jedhamaa. Goobanooti kanuma ofiifis sabaafis hin taane daandi injifannoo irraa nu maqsanii diina harka nubuusaa jiru. Empayerri galte galte harka nafxanyaatt galuuf foolataa jirti. Garuu ni gatattii. Harras nurratt Goobanaa fi Aluulan walfundura dhaabbataa jiru. Akka Goojjamee beekaan tokko dur jedhe, yoo lamaan (Aluulaa ka Tigree, Goobana ka Gaallaa) waliigaluu baatan empayerittiin tuullaa hiddii taatinaa? Minilikii “zaranyichaa”f kolonooti saa Gaallaa fi Shaanqillaatt hirama (gurraacha ifaa fi gurraacha limixii). Maqaa lachanuu arrabsoo dha. Tigrootii fi isaan yoo wal ta’an federeeshinicha facaa irraa oolchuu danda’u jechuu ta’innaa? Waan halleefuu Oromoon kan namaa hin barbaadani; kan ofiimmoo utuu hin deebifatanin hin dacha’anii. Sadoon goobanootaa dhibbootaa fi abdattuu sirna nafxanyaa kana irraa isaan hankaaksuu hin danda’u. Waan namaa kan hin barbaadneen, nagaa, walqixxummaa fi birmadummaatt amanuun yoomuu walii ta’uu. Walabummaan muramaadha. Amma kan hafe attamitt of ijaarraa dha. Kanaaf kan halagaa guddifachuu manna raaga abboolii keenya fi shakala addunyaa qorachuuf carraa qabna. Kan abbootii keenya, sirna Gadaa keessaa waan tokko toko haa ilaalluu.

Sirni Gadaa akka yeroo fi guddina ilmaan namaatt misaa deema malee kantaraa yk yaadcichiisaa hin turre. Sirnoota demokraasii addunyaa keessa jiraniin walqixa guddate malee irraa waraabbachuun mitii. Kanaaf eegalummaa qaba. Jabeeffamee waan ijaarameef hamtuu bara ammayyaa kanaa akka mirgaatt roorrisuu, aantiif looguu, malaammaltummaa fi kiraayi soqxuummaa hambisuu danda’aa. Nagaa, walqixximmaa ilmoo namaa fi birmadummaa eeguun Oromoof aadaa dha. Lubi aangott dhufu feenaan seera inni dura tume akka jirutt oolfachuu yk haqee kan ofiin bakka buufachuu ni danda’aa. Garu dhiibbaa yaadota halagaa fi koloneeffamun sirnichi gargar cite akka uumaa saatt misuu hankaake. Kanaaf bakka itt dhaabbatee kaasanii silaa amma maalfakkatina jechuun tilmamamuu qaba. Hedduun haala hawasomaa fi malbulcha saa irratt barreessanii jiru. Garuu, waa’een diriira bulcha saa hagas mara hin tuqamne.

Akka maddaatt afoola keenya, muuxannoo Manguddoo keenya fi barruu imaltoota alaa qabna. Mee, Alexander Bulatovich kan dhuma jaarraa 19faa Oromoo gidduu ture fuddhaa. Jaalalli sabi Oromoofi abbitokkeen Oromo bilisummaa fi walabummaaf qabu gad jabeessee hima (Bulatovich fl. 65-68). Nuufis abbooti keenya irraa dhugaa kun darba dhufuu saa beekna; miira manaa fi waliggidduutt agarsiifnu dabalatee kanuma mirkaneessaa. Gaaffiin jiru mirgi abba tokkee fi kan murnaa akkamitt walitt atoomani kan jedhu? Kan duratt bu’uurse jedhamu Horo yk Orma irraa kaasee sabi Oromo lamoyyee, gosa, qomoo, balbala, warra kkf. caasame. Tokko tokkoon saanii akka maandhee walkeessa jiru abba abbaan ofiitt hirkataa fi fufa walitt hirkanaa qabu fakkaata.

Lamooyee angafooti lamaan Boranaa fi Baarentuma. Jarri kunis lamooyyee madhaatt hirama deemuu danda’uu. Hirmaati lamooyyotaa gadii, lamooyyee caalaatt hiramuu danda’u. Lamooyyee maadhaa booda kan nu barbaadunu gosoolii dha. Gosa jala qomoo hanga qeeeyett hiramu agarra. Hundi dhaabota of danda’an, kan xuubii sabichii irraa ijaarame ta’an qabu. Shakaloti lama sabaawota hundaan kabajaman jiru, “Safuu” fi Laguu. Safuun hariiroo hoodia fi shakala dhowwaman. Adabi saa akeekkachiisa yk of keessaa baasuu fa’ii. Laguun waa gochuu irraa of qoqqobuu dha, cabsuun saa, adaba daanyaa namaa yk dheekamsa Waaqaa dhaqabsiisa. Inni kun seera eenyu caalaayyuu olhaanaa ta’een eegsifama. Abbaan seera tume ergamaa dha malee seerri kan sabichaa fi Waaqaa ta’uutt waan fudhatamuuf ilmaan sabichaan kabaji guutuun kennamuufii qaba. Kora sabaa kan danda’e hundatt irratt argamee of dhageessuu danda’a. Eegaloti tahitaa kabachiisan jara kana lamaan Safuu fi laguu nati fakkaatu. Sanaaf malee Oromiyaa bilisa keessatt akka haala Bulatovich qabama booda hubateett “Oromoon birmadummaa jaallatu collummaa farda saa, jabina harka saa, fi sirrummaa waraana saa malee kan aaboo kamiyyuu beekamtii hin kennin, amma waabarii sarmaa jala seene”. Egaa mal godhuree? Qaroommi Gadaa hin farfamneef qaromdhabii Kaabaa yaateen balleeffame.

Sadarkaan tokkoo ol jiru, isa gad jiru irratt aaboo beekame kan of danda’ina isa kaanii hin jeeqne qaba. Gabaabaatt tahitaan wirtuu irraa tamsa’a fiinxefama qaba jechuu dha. Walhubanne yoo ta’e, tokko tokkoon hiroo caasaa ejjaa inni gadi of keessaa caasaa inni kaan qabu qaba. Fakeenyaa fi warraa fi balbalaa. Arsii haa fudhannu, Lamooyyeen saa Sikkoof mando of jalaa hiroo baayee qabu. Walfo’aa dhufanii Bokkuu Arsiitti galu. Bokkuu Arsiitu isaan bakka bu’ee Caffee Oromiyaa irratt argama jechuu dha. Guddinni saanii wal haa caalu malee Arsii gadi kan Sikkoo fi Mandoo malee Caffee gosaa jiraachuu danda’u jechuu dha. Caasaa kanaan Oromoon raayyaa jabaa ijaaree empayera lama, Habashaa fi Adaal jaarraa 16faa kan injifate.

Caaasan kana irraa adda ture kan Abbaa Muudaatii. Oromoo hunda waliin hiriirsuuf tajaajileeraa. Dameeleen saa akka “Boordi Kennataatt” tajajilaa akka turanis ni himama. Qulqulluu fi ayyaanawaa waan ta’eef aaboo saa qofa ture kan hin nakkaramne. Haala ammayyaatt qoodi sun akkamitt tajaajilamuu danda’aa. Karaa durii irra deebinee yoo tokkummaa keenya jaarraa kanaa ni gargaara ta’e, wanti keessa deebinee akeeka saa hin ilaalleef hin jiru. Sana jechuun, federeshina alaa waliin qofa utuu hin ta’in, kan keessaas itt daballee ilaaluu jechuu dha. Tarii, tartibi hawaasomaa qomoo hedduu keessati akkaata hoomishaa irraa kan ka’e jijjiirame ta’aa. Gosoti hundi amma kan qubatan fakkaatu. Kanaaf hirmati bulchaa lafqu’I irratt hundaawuu barbaachisa jechuu dha. Hojitt furuuf iddoosammis xurreema san hordofuu wayyaa. Jimmaan yoo fudhanne . Shanan Gibee, Arjo, Qellem keessas walirraa faffagoo jira. kanaaf xurree firoomaa hordofuun godaansaa fi akkaataa homishaan hojii ala taasifame. Kanaaf caasaan Ganda, Lag/Burqa, Qoroo, Konya, Godina ni tola. Maaliifuu, hirmati gadii sadarka ol haanu keessatt ni iddoosamuu. Hariiroon abba abaa, warraa, gandaa, konyaa, godinaa fi sabaa, tokko tokkoon saaniif qoomni gahaa argamsiisuuf keessa deebi’amee ilaalamuun dansa. Sun waan gandaa sadarkaa sabaatt olfiduu hambisuu gargaaruu danda’a.

Caasaa kanaa olitt kaafne keessatt ijaarsi gadaawoo maal fakkaatu? Hawaasi hiryaatt shanitt hirameee jira. Kan lamooyyee yk gosa tokko keessa jiru isaan biraa keessa jira. Bakka jiranitt walfilanii qooda saanii bahata kan gola (gogeessa)isaanii sadarkaa bulchaa olii haanaa jirutt iddoosota ergatu. Waggaa saadeet saddeetiin hiriyaan ijaaramte bakka hundaa maqaama tokko qabaatti. Robaleen bakka hallett Roobalee dha jechuu dha. Warraa hamma sabaatt sun akkasitt shaakalama. Yaada malbulchaa halagaan surrii keenya waan dhiqamneef bilisummaa fi tamsa’inni bulchaa kun nu rifachiisuu danda’a. Garuu karaan keenya, kan Abbootii Gadaa isa ture. Mee hayyooti Oromoo oguma malbulchaa, hawaasomaa fi diinagdee walitt dhufanii itt haa yaadanii. Deebi’ee dhalachuun demokraasii Gadaa addunyaa baraara ta’aa. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Hagayya 2020

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *