0

MIRGOOTA HEERA FEDERALAA IRRA GADII OROMOON HIN FUUNFATU

Oromoon roorroo fi sadoo jara qabatanii fi kanneen tumsaniif danda’anii hanga yoonaa kan dhufan, sammuu saanii keessaa Oromummaa haqanii, qaamaa fi sammuun addaan baasuun ekeraa sabaa lubbuu hin qabne, durdurrii bara fagoo hin beekamnee qotamee bahe tokkoo gochuun yaalamaadha. Garuu sirni malbulchaa fi hawaasummaa Oromo, kan diinni gurmeefatu caalaa cimaa waan tureef gidiraa hunda dandahanii turuun akka humna isaan qubaa qabaachuun irra jiru tokkott ofirra deebisuuf faccisuu dandehanii jiru. Garuu bara baraan holola Oromummaa xiqqeessuutt bobahuu hin dhaabne. Barabaraanis humna Oromo muuxatetuu isaan dura dhaabbatee argu. Qabsaawoti Oromo Kaayyoo fiixaan baasuun irra jiru qabu. Maniin (itt galli) saaanii mirga sabootaa, sabummaa ofii ofiin murteeffachu hanga walabummaa fi walabummaa dabalatuuttii. Qabsaawota bilisummaa dhugaaf Kaayyoo irratt dhoofsisi hin jiru; garuu akkaata achi itti gahan, tooftaa irratt dubachuun ni dandahama. Gara sanatt kan geessu yaayyoo karaa sararanii jiru. Qabsaawoti Oromo, Oromummaan saba guddaa gandatti gad deebisuu taha kan jedhaniif, gandi hafee Manatt deebi’ullee ta’a malee Oromummaa gatnee eenyumaa halagaa hin fudhannu jedhanii jiru.

Kanneen annisaa saanii ganeen Kaayyoo irratt dhoofsisuu yaaluutu injifannoo hin ollee akka duubatt harkifatu gochaa jira. Yero kan moora nyaaphaa hogganu Oromoo tahu, caalaa didhchiisaa ta’a. Abbaltii ofii isa dhugaa dhossee dadhabbii sabummaatt iyyachuu fi kan halagaan baruu hin dandeenye gad baasuu dandaha. Akka sanatt kan sabboonoti hedduun kiyyoo nyaaphi kaa’ett namm’an. Haa tahu malee Goobana guddichillee ibida bilisummaa onnee Oromoo keessatt dhaamsuu hin dandeenye; cubbuun gantummaa saa garuu isumatt deebi’uun barbadeessee. Ammas Oromoon falfala dabtaraas, kan badaa hammaa bahaa keessaa gara bayeessa bucuree qofa akka ilaalan tolchu irraa of eeguu dha. Jarri aangoo irra jiran, fira haa tahanii hamajaajii, murna haa tahu abba tokkeen, ummatootaa, Oromo dabalatee, ofiif murteeffatu malee, murteessuufii akka hin dandeenye beekuu qabu. Mootummaan cehumsaa yoo guddate kan inni gochuu dandahu mirga kana akka isaan shaakaluu dandahan mijjeessuu dha. Mootummaan cehumsaa ergamsa ofii ganuuf abbale yoo hin taane akka mootummaa dhaabbataatt of fudhachu hin qabu.

Qabsoo waggoota dhibbaa oliin horeen angoo koloneeffataa Itophiyaan ummata tokko yaadanmal jedhu dhiisanii, biya saboota, sabaawotaa fi ummatoota tahuu fudhate. Sirna federalaa fudhachuun waggoota kudha torba fudhachuun, heera Labsa Lk. 1/1995 tumeefii jira. Kan hafu, gana dabballoota TPLF/EPRDFn kan duubatt dhiibamee ture, sana hojii irra oolchu dha. Juujuun tokko tokko yaa’aa fi wareegama as gahuuf gaafatame kan irranfachuu fedhan fakkaatu. Jija ummatootaa kana haqanii gara sirna kolonummaa Nafxanyaa yeroo itt darbeett, nu deebisuuf humnooti booddesituun tattaafatan jiru. Garuu geengoo seenaa shaffisaan sosso’aa jiru fuggisiisuuf jabina kanneen isaan duraa caalu hin qabanii; jara sanayyuu irra haannee jirraa. Garuu gidiraa ummatootaa dheeressuu akka dandahan irra ilaaluu hin qabnu. Qabsaawoti bilisummaa mirgoota heera keessatt tarreefamee gadi hin fudhatanii, hanga isaan hojii irra oolfamanitt qabsoon saanii itt fufu. Duulli

arabsoo fi saliphisaa kan Afaan Amaaraa dubbatan tokko tokkoon qubqabsiista hawasomaa irratt gaggeeffamaa jiru gurra ilmoo namaa nagaaqabeessaa kamiifuu jeeqaa fi qaanessaa dha.

Bakka turanitt deebi’uuf fakkaata, meeshaan waraanaa tuullatan saxilamee jira. Qawweeen tarii cunqursoota diriira dhoofsisaatt fiduuf dhimma baasee taha malee bilisummaa cunqursamootaa dhaabuuf miti. Qawween haa tahu, qawwee malee nagaa buusuuf haa tahu aangawaa mirga saanii tuquu fedhu kaminu dura dhaabbachuuf kutannoo qaban agarsiisanii jiru. Oromoon, “Qaban qabaa hin guuttuu gaddhiisan bakkee guuttii” jedhu. Yero Oromoon nagaa fi araara soquu fagoo deemu akka dabeessummaatt ilaaluun dogoggora guddaa dha. Sibilli waggoota shantamman duuba lafa kaa’an sabummaan saanii dorsifamnaan yoomuu kaa’uu ni dandahu. Wacci konkaa fi arrabsoon sana dhaabuu hin dandahu.

Uumaan, ummatoota godinichaa olloota eenyuu jijjiiruu hin dandeenye taasisee jira. Aadaa, dudhaa fi afaan adda addaas kenneeraaf. Faallaa uumaa deemuu irra, hanga dandahan bu’aa walloof dhimma itt bahuu yaaluu wayya. Hariiroo haaraan heerichi agarsiisu kan madaala uumaaa kana hanga tokko eeguu. Kanneen timjii cehanii olloota saanii too’achuu yaalaniif dacha’uun, malbulcha, diinagdee fi hawaasomaan rakkina itt uumuu ni dandaha. Ollooti dansi yeroo hunda hadhaadhiyooma irratt walgargaaruun rakkina jiraachuu dandahu wal dandamachiisu. Sun walqixxummaa, hariiroo haaraa waliin uumuuf fedha qabaachu, akeeka demokraasii irratt hundaawanii fedha walii, walii qayyabachuu gaafata. Garuu haala duraan ture jiraachisuu yaaluun, gidiraa ummatoota qofa baballisa. Seenaa, aadaa, mallattoolee fi goototi Itophiyaa kan Oromoo mitii. Yeroo dhaalmaan waloo ka’u, waa’ee lafqui, bonqabban, naannaa uumaa fi seenaa ummata gurraachaa fi addunyaa yoo hin taane nama mufachiisuu dandaha. Dhugaa kana liqimsuun hunda gidduutt walqayyabannoo uuma.

Waanta hanga yoonaa isaan gidduutt tahe irraanfachuun yoo dadhabameyyuu aagii tufuufiin dirqiidha. Horeen loltoota Nafxanyaa fi kanneen isaan waliin godaananii hedduutu kolonoota dullacha keessa hojii garga garaa irra jira. Rakkina addaa isaan qaban furuuf durta’a akkeefamuu dandaha hedduutu addunyaa kana keessa jira. Jara kana, kan abdattuun sirna Nafxanyaa deebi’anii dhufa ofiif akka mijjatuuf jara abbaa biyyaa waliin, akka hin makamnee diinummaatt akka fudhatan akeektii kan godhatan. Filmaati kan saaniitii, hawaasa keessatt dhalatanii guddachuun bu’aa irraa argatan waliin ta’uu yk biyya garri caalaan saanii arganii hin beekneef loluu dha. Ethiopia dullattiin gonka deebitee hin dhuftu; kanaaf tokkeessoo demokratawaa haaraa kan walqixxummaan ummatootaa, bilisummaa fi qajeeltuun keessatt shaakalamtu ijaaruuf kanneen biran harka walqabachuu qabu.

Dargaggoon Oromoo “Oromiyaan kan Oromooti jedhanii jiru. Sana jechuun, jireenyi, qabeenyi fi lafti akka seera Oromiyaatt bulfamu jechuu dha. Akkasuma, dargaggoon Habashaas “Abyssinian kan Habashaati “ jechuu dandahu qabu; sabooti fi sabaawoti biraas kan saanii kan tahen dhaadachuun akka. Jecha, “Kan qooxiin buusaa jettee kan ukaa harcaaftee” jedhamu yaadachuu dha. Yeros qofa, Konfedereeshina haa tahu Federeeshina waliin ijaaruu yk olla dansa ta’anii jiraachuu kan dandahan. Yoos qofa kan godina saanii misoomsuu fi mirgoota ummatoota gurraacha waliin kabachiisuu dandahan. Mootummaa federalaa waliin ijaaranii aangoo barbaadan kennuufii. Isaan finnoota

moo’oo ta’anii kan jiraaratan malee inni fedheef hin tahu. Kana qayyabachuun olhaantummaa ummatootaa amanuu dhaa. Qawwee kaasuun yk Afrikaanota akka walii arrabsuun qaammi sadaffaan karaa halaga tumsootaa luuxee akka galu qofaaf anjaa laataa. Hundaafuu, heericha hojiirra akka oolchu qaama dubbiin laaltu dirqisiisuu dha.

Ummatooti empayericha keessaa takaa dhimma ofii akka murteeffatan carraa argatanii hin beekan; garuu micciramoo isaan keessatu anja itt fudhataa jiraatanii. Isaan turan, kan jagnummaa, tokkeessoo, jalbiyyummaa, abboota hiyyeessaa, kan Waaq erge kkf jedhamuun farsamaa bahan. Tibbi sun amma raawwachuu qaba. Abba tokkee fi ummatooti si’ana ofbara malbulchaa sadarka wayyaa olhaanaa irra gahanii jiru. Moo’ummaan ummatootaa mirkaneeffamee kanneen isaan filan duwwaan akka dhimma finnaa gageessan tolfama. Kan farfaman yoo jiraatan tajaajila kennanii fi jabduu maqaa ummataan tolchan qofaan taha. Micciramoo isaan keessaaf malee garagarummaa isaan gidduu furuuf ummatoota bira rakkoon hin jiru. Furmaati jiru kanneen humnaan isaan irratt of fe’an gidduu baasanii ummatooti suduudan yk karaa iddoosota saanii dhugaa, akka heericha hojii irra oolchan mari’achuu dha. Sun tahuu baannaan godinicha kanneen fedha taahitaa qaban, seenaa roga dhabsiisuun bolola aangoof qaban bahachuu barbaadanitt dhiisuu ta’aa.

Shakakala Oromoo keessatt, malbulchi ajaan safuu dha. Sun yeroo diinota saaniin irra gahu duddaa deebisuf utuu hin tahin caalaatti qabsoo saanii shaffisaan fiixaan baasuuf giidoo dabalaaf. Ummata arrabaan tuquun hangammeessa kamiinuu kashalabbummaa dha. Bara ammayyaa kana mootummooti kennata wayiin aangoott dhufu. Motummaan abbaa hirree ADWUInuu kennata dharaa, golli saa irba 100%n moo’adhe jedheen aangott dufe. Mootummooti akkasii kennatatt kan dhimma bahan qaama sadaffaatt seerawaa fakkaatanii dhihaachuufii. Heera, akka faaya gidduutt malee, akka tarree nyaataa isa dhugaatt hin fudhatanii. Mootummaan amma aangoo irra jiru hambaa kennata dharaa sana waan taheef, uumaadhumaan ummatootaaf abbaawummaa hin qabu. Eegalatt abbawummaan saa ABUTf ture. Inni ammaa, funaasa, Monster (Bulgu) Frankenstein kan uumeefillee hin hillee.

Humni Oromoo tokko humna Habashaa waliin 1991 Adolessa keessa kakuun seene heera amma jirutt geese. Heera kanaan moo’ummaan ummatoota, sabaa fi sabaawotaatu beekame. Yeroo MM olhantummaan seera ani kabajama, nama utuu hin qorqoratin hin hiiknu, hiinee hin qorqorannu jedhe muudama isaa buusee, hundi kan jedhe fiixaan baasa jedhanii amananii. Inni akka wirtuu angootti fudhatamee qooqni saa, isaan haa tahu kan isa jalaan akka hin cabnett fudhatame. Garuu akka fedhan gochuun mallattoo mootummaa saa tahaa jira. Fakkeenyaaf torbanuma kana hiraarsi polisii, dhaanichi, ibida kaasuu fi buqqisuun, Shawa kaabaa, Harargee Baha, Gindhir, Naqamte fi Buunnoo tibbuma tokko ajaja Dhaddachaa malee akka gageeffaman gabaafamee. Mootummamalee wayiitimoo, sochii abdi kutannaa Gola Bilxiginnaa saa ta’innaa? Qaamaa fi sammuu Oromo bayeessa akka Golfaa 19 haleeluuf mijjeessuu dhaa laata? Kan sammuu hammeenyaa qaban malee yeroo Koronaan balbala hundaa rukutaa jiru kana eenyuu jireenya namaa keessa seenuu hin qaban turan.

Yeroo dheeraaf lafti Oromoo Karrayyuu, Walloo, Finfinnee fi garri biraas weeraramaa jira. Sun heera, nagaa fi tasgabbiitt godinichaatt darbanii booreessuu dha. Akka dhagahamaa jirutt yeroo mootummaan finnaa callisee ilaalu ummaticha qofatu ofirraa ittisaa jira. Kun ifatt, inni mootummaa eenyuuti gaaffii jedhu kaasaa? Kan Oromoo moo, kan nyaapha saanii? Akka mootummaa amma jiru irra dhiibbaan halagaa yk dudhaa halaga hin jirre Oromoo kan amansiisu dandahu hin jiraatuu. Heerri, seera olhaanaa biyyatiti jedhamee amanama. Garuu aangoo sun mootummaa namoota irratt dhimma bahu malee fuggisoon saa hin mullatu. Fakkeenyi salphan referendum Sidaamaatii. Wayyabi guutuun “eyyee” irba jedhu haa kennatu malee ammayyuu hojii irra hin oolle. Heera keessa eenyuu sana of harkatt hambisuu dandaha kan jedhu hin jiru. Mootummaan kun akkuma kanneen isa dura fagoo, seraa ol kan tahett of fudhata jira. Kun mootummaa wirtuu qofatu moo’aa dha jedhu, amantee abdattu sirna Nafxanyaa walitt ta’aa. Moo’aanimmoo waan lafa irra jiru hundaa olii.

Egaa, Oromiyaan harka dhossaa weerartuu dur ofirraa finqilchaniin moo’amaa waan jirtuuf ummatichi beekaa eegumsa malee hafa kan jiru fakkaata. Empayericha keessa dhabammi mootummaa seerawaa fi wiirtuun aangoo malbulchaa dhahatamu akka hin jirre agarsiisaa. Seerri kan jiruuf nambiyyoota, nambiyyoota irraa eeguuf qofa utuu hin tahin mootummaa nambiyyaa irraa eeguus ni dabalata. Oromoon sana Magnaa Kartaa dura shakalaa ture. Amma mootummaan halagaa humna hammaa bahaa fi guyyuu ummata hiraarsaa oolaa. Kanaa fi maalifaan ummati akka gibira baasu eeguu fi mootummichaaf amanamaa tahuu hin jiru. Akkuma shiftaa fedha ofii humna qawwen hojii irra oolfatuutii. Haaluma akkasiitu ummata kolonii Ameerikaa “Iddoosama malee gibirri roorroo dha” jedhu akka iyya lolaatti dhimma bahan tolchee. Qabeen diddaa Magna Kartaa fi warraaqsa Amerikatt geessan hundi, miira qabanaawaa Oromoof malee empayericha keessa jiruu. Sun dhoonaan hobbaatii saa eenyuu too’achuu hin dandahu.

Demokraasii dullacha, Oromiyaa jaarraa 21faa keessa haala kanatt gaddeebi’uun nama gaddisiisaa. Salphina akkasii shira iyyaatii dhorgachuun beekaa tolfamee yk mudaa fayyuu hin dandeenye obsanii yeroo ummati saanii mirga ofii gaafachuun gidirfamaa jiru curqursaaf amanamoo tahanii turun Oromoo tokko tokoo kan nama gaddisiisu. Gidiraan kun qabsoo ilmaan saanii gootota fi kadhaa amantootaan wayyaawaa dhufee jira. Qabsoon Oromoo diina qofa irratt utuu hin tahin kanneen bira dhaabbatanii aangoo saa ummata Oromoo irratt jabeessuu gargaaranis ni dabalata. Goobanni Daaccee dagaagdichi Oromoo, akkumaa guddicha Norway, Vidkun Quisling tumsoota hamajaajii Lixaaf fakkeenya tahe, jara kanaaf fakmishoo tahee tajaajila jira.

Kurnan torba dura maqaan saroota abbaa kooti “Taajjabaa fi Koondhabu”, dhaadannoo gandatt hafe ture. Hardha Oromoon coraan dubbachuu irra ifa baasanii dhaadannoo “Oromiyaan kan Oromoti” jedhu qabatanii bahanii jiru. Rakkinni empayera Itophiyaa amma jiru kan furamu dandahu ummatooti Habashaa fi kolonota saanii kan turanii akka itt impayerichi uumame irratt yoo walii galan qofa. Waggoota dhibba dura republikoota fi biyya moototaa, akka Sidaamaa, Oromoo kkf; Wala’ittaa, Habashaa fi Kafichoo kkf. akka turan yaadachuu qofti ni gaha. Sanneen ummatoota walaba, seenaa, aadaa, sirna malbulcha fi diinagddee fi dudhaa adda addaa qabaataa turan. Sun hundaan yoo fudhatame yeroon qoccolloo waan homishaawaa hin taane irratt darbuun hafe gara suduudaan mare

garagarummaa qaban dhiphisanitt deemuu dandahu. Kanneeeen malbulcheesitoota fi yaadaanmalchiisota darban caalaa collee of se’anii, jijoota kanaan dura gara gaaffota ummatoota bu’uuraa deebisuutt argaman diiguuf yaalan, sun qayyabachuufillee dandeettii saanii ala tahuu beekuu qabu. Utuu hin salphifaminii fi hin tuffatamin sararaa saanii keessa akka hin baane gorfamuun dansa. Kanneen galfata ummata nyaatan yoo seexaa of keesa deebi’ani sakatta’an misha.

Sabootii fi sabaawoti kanaan dura kolonii turan kan biraa irraa waan kiyya jedhan kan qabaatan hin fakkaatu. Ummatooti Habashaa, keessaayyu Amaarri diriira lafaa qofa utuu hin tahin sirni malbulchaa saaniis, isaan wiirtuu godhatee waliin kan uumame godhanii fudhatu. Nafxanyaan jalqabaa ijoollee saanii sanaan surrii waan dhiqaniif guddaa fi xinnaan, beekaa fi waldhaalaan saanii ofirra gara galanii ilaaluu dadhabaa jiru. Kun of gowwoomsuu dha. Utuma taheeyyuu, ummati hundi hiree sabummaa ofii ofiin muteeffachun bakkallett fudhatamaa tahuu beekuu qabu. Oromoof akka akeeka Gadaatt, ilmoon namaa hundi qabeenyaa, halluu fi amanteen adda haa tahu malee kennaa uumaan wal qixxeedha; kan walcaalchisu yakkamaa kan namaatt darbu. Isa malraagaan Inglizii Hobbes jedhamu “Homo homini lupus” (Nammi namaaf bineensa/wolf) jedhutt hin amananii. Kanaaf abdattuun sirna nafxachaa, afaan Amaaraa dubbatu tuqaa tokkorra yoo gahan. gara seenaa dogoggoraa irratt hafuuf akka deeman ni hubatu jechuun, Oromoon abdii hin kutanneef tahu.

Waci geengoo seenaa dhaabuu hin dandahu, garuu sana dhaabuu yaaluun badiisi guddaan dhaqabsiifamuu dandaha. Kanaaf hundu waca dhaabanii wal dhaggeeffachuutu isaan baasaa. Ni bubbula malee kan handhuuraa ofii tahe nammi dhabsiisuu daandahu hin jiru. Kanaaf kan ofiitt deebi’anii kunaanfachuun, waan walgargaaruu danda’an irratt ma’ri’achuu jalqabuutu nama baasaa. Hundi akka miseensota tokkeessoo demokratawa yk akka olla gaariitt, abbaa biyyummaa fi fedha walii, walii kabajanii, wan daangaa ofii keessaa yoo gurmeeffatan, waliin gabaa hojji dhuma hin qabne, madda nyaataa gonka hin hirdhanne, humna ittisaa hin uggamne, waliin qabaachuun dhaloota egereef nagaa, tasgabbii fi gammachuu dhiisanii darbuu dandahu.

Akka tuqaa irraa ka’aatt hundi heera Itophiyaa qabu. Hagam hawwan waan ofii kan hin taane too’achuu, inni kaan akka durii namatt hin dhiisu. Utuu Afrikaanoti akka saanii wal qayyabachu dadhabuun walgipha’anii, Abbaan qabeenyaa alaa dhufee gantuu abshaalee qabatee hunda dhabsiisuu dandaha. Golfaa 19 irraa hamma keenya hubanne yoo tahe, walkabajuu fi walqayyabachuu maaliinuu hin jijjiirru. Koronaan walitt yoo baane abdii kan kutachiisu ture; amantee gamtaa ollootaa fi ilmaan namaa qabnutu, abdii akaakuun keenya baraaramuuf hawwinu akka hin dhaamne godhe. Balaa egereefis amantee olla irratt qabnu kana jabeeffachuun, adda adda’ummaa keenya irra haanuuf mari’achuu kun nu si’eessuu qaba.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Ebla 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *