0

GAAFFIIN OROMOO DEEBII AKKAA MALEE HIN DACHA’UU

Sochiin bilisummaa Oromoo ijaarame 60oota keessa kan eegale bulchooti Habashaa sirna kolonummaa Nafxanyaa ijaaran, gaaffolii Oromoo nagaan dhihaateef xiyyeeffannoo kennuu dhabuu saaniitiifii. Biyyooti Afrikaa waliin kufan naannama sana waggoota 75 booda bilisoomuu eegalan. Qabsoon Oromo hanga isaan 1991 dhaggeeffachuu eegalaniti itt fufee. Ammas hanga deebii akkaa argatanitt itt fufuu qaba. Bulchooti haaraan isa dullacha bakka bu’an, gaaffii Oromoof beekamtii kennuun sirna federaalaa kan keessatt hireen mirgi sabummaa ofii ofiin murteeffachuu tokko tokkoon sabootaa fi sabaawotaa mirkaneeffamuu fudhatanii. Akaakileen Habashootaa danuu seenaan lafa ummatoota biraa qabachuu dandahanii turani. Lafa saanii qofa utuu hin tahin aadaa, afaan fi waliigala eenyummaa saanii balleessanii kan ofiitt sutuuf yaalanii turanii. Hunda surrii dhiquun hanga tokko tokko nuti Habashaa dha ofiin jedhaniin gahaniillee turanii. Dhalooti Habashaa si’anaa haala akkasii keessatt waan dhalataniif yeroo jarri abbaa biyyaa isaan irraa adda tahuu himatan ni rifatuu.

Kanaaf, gaaffiin dhaloota si’anaatt maltu dhufaa jiraa kan “humnoota tokkummaa” ofiin jedhan gaafatamu kana irraa ka’aa? Gaaga’amtoota qayyabachuun balleessaa abboolii saanii sirreessuu manna isaanuma deebisanii komatuu. Ammayyuu lafti Oromoo fi aangoon saanii akka Waaq horee Nafxanyaaf eebbisee kenneett fudhatu. Sirna kolonummaa Nafxanyaaf it fufiinsa akka kennaniif haa tahu malee isaanis surrii dhiqamanii jiru. Si’ana heerri sirna federaal sabootaa fi sabaawota hundaa waloo tahe seeru jiraa. Murnooti Oromoo sana sirinyaan fudhatanii akka itt dansatt akkatt ummata hundaaf walqixxummaa fi qajeelttuun hojjechuu dandahu irratt tattaafataa jiru. Karaa biraammoo, “humni tokkummaa” sana haqanii sirna cimaa waaltaa kan gunaawaa tahe ijaaruuf jabaatanii hojjetaa jiru. Sun jechuun yaada malbulchaan fuula tokko irra hin jiran jechuu dha. Kanaaf malbulcheesitooti Oromoo bakka toko ijaajjaa kan jiran itt fakkaatee yeroo balleessuu hin qabanii. Gaafii saanii taliila tolchanii fudhattan fuddhaa, dhiistan dhiisaa jechuu dha. Sanatu dhugaa akka argan dammaqsaa. Taatota Oromoo akka bishaan jallisii yeroo barbaadan gara fedhanitt masakuu kan dandahan godhanii inni fudhatan dhaabbachuu qaba. Efaajjeen tuqaa seenaa kanatt tolfamuu qabu sabootaa fi sabaawota godinicha keessa jiran gidduutt walamantee jabeessuu malee madaa bulett soogidda dabaluu tahuu hin qabu ture.

Koloneeffatamootii qabsoo saaniin nameenyaa saanii bade deebifataa jiru. Horeen koloneeffataas ifaajjee hin baafne tolchaa akka jiran baranii hariiroo fi qayyabannoo haaraa isaan waliin uumuu yoo yaalan wayyaafii. Qabsaawoti bilisummaa Oromoo mirga hiree sabaa, sabummaa ofii ofiin murteeffachuu hanga ofiinbulaa fi ofiinbula dabalatutt malee waan hallee dhoofsisaaf diriira irra kaa’anii jiru. Sun yoo tokkeessicha keessaa tokko malaa fi humnaan kanneen kaan irratt olhantummaa gumja’ef waabii akka tahuufi. Sirnni Nafxanyaa Itophiyaa dullattii tokkeessoo demokraatawaa walqixxootaaf karaa gadhiisuu qaba. Hangasitt gaaffiin Oromoo dadhabbii malee si’aayinaan itt fufaa. Dheessi yoo jiraate sabicha abdii hin kutachiisuu, yoo barri hayyamu fulduratt murxuxifama. Bu’uurri gaaffii Oromoo dinagdee Oromiyaa kan lafaa fi qabeenya lafa jalaa fi irraa jiru dabalatuu. Diinagdee too’achuu mirkaneeffachuun angoo malbulchaa ittiin gureessan gaafata. Kanaaf Oromiyaa irrratt abbaa biyyummaa qabachuun miciree gaaffii Oromoo ta’aa. Sana alatt mootummaa federalaa keessatt iddoosammi dilormaa fi gumaacha saaniin gitu qabaachuun mirgootaa dirqq tahan keessaa tokko.

Qaaqii fi taateen yabboo Itophiyaa irratt tolfamaa jiru hundi dhummi saa sabboonummaa Oromo too’achuun hariiroo aangoo akka waggoota dhibba dura turanitt eeguu dha. Yabbooti sun garri caalan horee koloneeffatoo jedhamaniin dhuunfatame. Afaan jara kaaniif halagaa taheen mari’achaa ooluu. Jeequmsi, wacii fi aariin fakkeessaa waan homaa hin baafneef laboobu hundaaf kaasaan jala jiru iyyaatii dogoggoraa seenaaf qabani. Ummatooti Habashaa takkaa bulchoota saanii filatanii hin beekanii. Hunduu erga humnaan angoo irra bahanii booda Waaqaa akka maddan himatu. Bulchoota sana kan timjii darbee lafoota ummatoota biraa qabatan. Horee bulchoota sanati kanneen amma godinichatt jeequmsaa fi waldhabdee kan uumaa jiran. Yoomallee jija namoota biyya ofiitt boona hanga tokko qabaachuu dandahanillee ummatoota keessaa bahan wanti ilaalu hammas hin jiru. Yabboo hunda irratt horeen sun akka itt Oromiyaa fi kanneen kolonii saanii turan itt diigan malee akka biyya ofii itt ijaaran hin mari’atanii. Diigama Oromiyaa keessatt ijaarammi Abisiinia kan itt mullatu fakkaata. Keessa deebi’anii yaaduu isaan feesisaa. Kanamalee, “Sareen ni duttii, gaalli numa deemaa” jedhamaa.

Bartokko eenyu akka turaniin boona konkaa horataniif nama biraa hadheessuu malee, badii ofii ilaaluu hin dandahani. Fakkeenyaaf, intalli Bilisummaa jedhamtu gaafa Guyyaan Dubaroo ayyaaneffame dargaggon biyya abbaa see Nafxanyaa dhiisanii dubaroo Oromo qofa akka fuudhan magante. Fuudhi fi eerummi hawaasota adda addaa gidduu bara hin qaabatamnee kaasee mormamus, waan dhuunfaa tahuu irraan kan ka’e hawaasi hanga fedhe hawwullee too’achuu hin dandeenye. Dabtarooti namoota saanii moor kadhataa saanii tokko (Taamira Maram Zabhere Bulgaan maxxamfame?) sabootaa fi sabaawota empayera Itophiyaa keessa jiran tokko tokko waliin yoo ciisan akka binoo waliin cisanitt lakkaahamuu akeekkachiisuun kanumaaf taha. Jechi sana gadjabeessu jedhamuun maaf nama aarsaa?

Sini Gadaa akka siirna Gadaam kanaa gadi hin buune; kanneen itt galan irraa seera saa fi hooda saa akka fudhatan qofa gaafata. Intalloon utuu ulfina ilmoo namaa kan binoott gad hin buusin waan sammuu see keessa jiru ifsattee; burquqi jaraa sun hundi waan hin taane of fakkeessuu mitii? Intaleen, seera tumtuu mitii, mirga see of ifsuutt dhimma bate waan taheef, fudhachuu fi dhiisuun murtoo dhuunfaa dubaroo biraa ta’a. Kanaaf si’achi durba Oromo hin argannu jedhanii abdii kutachuu irra, darbanii carraa saanii yaaluu dha. Waanti intalli jette akkas salphaa dha. Garuu dubbichi kan jedhame keessa hin turree. Sabboonummaa Oromoo haleeluuf kan xiyyeeffate ture. Dhaaboti malbulchaa Oromoo Finfinnee keessa jiran haala duree malee Itophiyaa tahuu saanii kakatanii, kennata dhufuuf tarree qabatanii jiru. Garuu Itophiyooti sabboonumaan Oromoo lafee keessa fagoo lixee jira jedhanii waan hedaniif meeqa kakatanuu miltoo amanamoo tahu jedhanii hin fudhataniinii. Gar lachanii dhabuuf deemu. Sabboonummaan Oromoo farra kolonummaa, farra ofaangesaa, farra “Zaranyaa”, naga jaallataa, birmadummaa jaallataa fi iilaalcha demokraatawaa qaba. Hanga sirni koloneeffataa Nafxanyaa moo’amutt eessayyuu hin dhaqu.

Dhaabota Oromoo OLF, OMN, Mana Lubummaa Kirstinnaa Orthodox Oromo irrattis murnuma kanaan duula walirraa hin citnetu gaggeeffamaa jira. Tokko tokkoon qooqota kanaa dhagahamuun moora saanii keessatt jeequmsa kaasaa, rifataa (allergic) tahaniiruu. Isaaniif haa galatu malee, Bilisummaan amma, sammuu demokraatummaan yaadu hundaaf miira sabboonummaaf qabdu ambatt baatee ifsachuu seef goota taatee jirtii. OMN fi KFOn nama Oromoo Kirrii Kiristinnaa Ortodoksii akka saanii hidhate maaf hiriira keessan irratt dubbateen komatamanii. OMN haa tahu KFOn mirga of ifsuu saa dura dhaabbachuu hin dandahanii, waan jedheef isa qofatu abbaawummaa qaba. Kan miseensumti saanii jedhe jedhameef

OFC fi OMN komachuun waan kolfaatii. Yoo waan cubbamsiisu tolche ta’e isuma gaaddisatt dhiheessuu dha. Dhumachuun empayera Itophiyaa, murna fedhaa Afaan Amaaraa dubbatu, sirna Nafxanyaa durii yaadu uumaa jira. Jarri kun boona konkaa fi bolola yoomu hin quufneen jaamanii jiru. Gabbaarota akaakilee saanii waliin, qayyabannoo uumanii waldhabdee furuu irra isaanumti waldhabdee uumuuf wuxxifataa jiru.

Hedduun afaanii fi aadaa saanii waliin fudhachuu didan malee, dhugeeffannoo saanii fudhatanii ”kirrii” hidhatanii iru. Miira namoota biraa ulfina kennuun obbolummaan Kirtinnummaa saanii meerree? Obbolaan hoomaa saanii mishooma ayyaanawaaf moo durooma biyya lafaaf qopheessaa jiruu? Maaliif Ortodoksiin saba tokko yk mootummaa gonfoo tokkoon akka tokko ta’ett ilaaluu? Namooti isaaniin adda tahan hedduun “kirrii” saanii kutanii maaliif timjii akka qaari’an beekuu laata? Kirstinnaa malee isaan tahuu waan hin barbaadneefii. Haa tahu malee, “Aramaneen” isaan jedhaniin tokko toko irraa baqachuu manna Kiristinnummaa Ortodoksii akka kan ofiitt fudhatanii, kan afaan furuuf utuu hin feesisuunii, Waaqa saanii afaan ofiin suduudaan quunnamuu murteeffatanii jiru. Bilisummaa dhugeeffannoo fi yaadaa jechuun sana. Sabaa fi sabaawota empayerittii keessa jiran akka humnoota barsiifataa keessaa of baasanii, godinaa haaraa hacuuccaan Itophiyaa dullattii keessa hin jirre yaaduu akka eegalan haa gorfannuu. Kan darbe akka gonka hin deebinett sokkee jira; egaa maaliif inni haaraan bu’aa waloof akka dhimma baasu hin tattaafannu?

Humni ummatootaa erga Nugusa Nagastii finqilchee boqotee hin beeku. Tibbuma tibbaan butamaa fi aangoo ummatatt deebsina irbuun jedhu galama jiraatee. Garuu yeroo akkumaa kanneen isaan duraa tottolfachuu yaalan humni sun ammas ofirraa ari’aa. Mootummaa amma jiru kan aangoott fide qabsoo ummataati. Innis qaata waan halle anatu akka tahu tolche jechuutt ka’ee jira. Kan achi jiru, homishaa saa kan salphinaan gaddhiifame irra wayyaa taheef utuu hin tahin, heda akka tasaa taheenii. Itt gafatammi kennameef aangoo ummatatt deebisuu malee innumti akka Dargii Gola Hojjetaa saa erga ijaarratee anumatu ummata akka jedhuuf miti. Murnooti walii tumsanii PP ijaaranii fi kalchooti saanii sirna dullacha Nafxanyaa keesaa babahan, haaloo ummata irraa akka qaban hunduu beeka. Kun kan taaheef waraana malamaltuu ADWUIn ummata irratt gaggeefamee fi kanneen harcaatuu sirna kolonummaa fudaal Nafxanyaaf Abbaa butaa waan turaniifii. Ummataaf kabajii xiqqoon isaan keessatt haftee yoo jiraatte, akka heera amma jiruutt aangoon sabootaa fi sabaawota federawanitt darbu mijjeessanii ulfinaan qoomma’anii bahuu qabu. Kana malee, akkaasaa ABUT/ADWUI ofirratt dagaagsuuf isaan hin deggerree. PPn ADWUI TPLF malee dha. Caasaa isaan keessa hin jirre keessatt qofa gaaffiin Oromoo deebii akkaa kan argatu. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Bitootessa 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *