0

Qaabannoo gootummaa

Ayyaana waggaa 45faa qabsoo Tigraaway bareedee ulfina guddaan yeroo kabajamu arguun jaallewwan bilisummaa Oromoof lubbuu ofii kennantu sammuutt nama dhufa. Kutannoo ilmaan jagnoota sanaa, taa’anii qaanii, salphinaa fi ganamuu kaayoo guddaa sanaa arguu manna, lubbuu ofii kaasaa sabaf dabarsanii kennuun waan hin dinqisiifatamin darbuun hin danda’amne. Karaa ulfinaa irra qajeelanii. Fokkuun mirga ummatoota biraa irra ejjechuu dha. Dhaabi saanii qabsicha injifannoon goolabullee, daaya saanii fiixaan hin baafne. Farra ummataa, malamaltuu fi farra demokrasii, safuu hin beeknee kan tahantu luuxee galuun dhuunfate. Yakki TPLF akka mataa ADWUItt Oromoo irratt raawwate, wareegama ijoollee gootota sanaa haalchisuu hin qabu. Akeeki saanii maal akka ture utuu hin ajjeefamin kanneen isaan keessaa Jirruutt qabaman Dargiif wanti jagnummaan iyya’an raga dha. Haalli malbulchaa hardha Itophiyaa keessa jiru kan ABUT/ADWUIn yayyabamee. Kanaaf yeroo gootota qabsichaa farsinuu balfa inni dhiisee deeme utuu hin kaasin hin dabarru. Kan onnee qabutu jara “habboo” qabuuf beekamtii kenna.

OPDOn bakka TPLF bu’uunis Oromoof biyyas, nagaas, bilisummaas ABUT irra wayyaa hin argamsiifnee. Uumammi, guddinni,fi madaqfammi miseensota ADWUI fi jaarmoti sutoota ta’aniif Itophisoo waan ta’aniif sabboonummaan ABUTn finqilche ta’isa yeroo gabaabaatii. Kanaafi gegeeddarammi hanga yoonaa ofii jala darban jijjiiramaa bu’uuraa hin agarsiifnee. Ammayyuu Itophiyummaa isaan waggoota shantama darban itt fincilan haala duree malee irratt fe’uu barbaadu. ABUT yeroo aangoo Itophiyaa qabate hunda gumaa baasisee. Murnoota waldhabdee irratt qooda fudhatan keessaa kan lola Itophiyaa fi ofiitii waan lubbuu namaa fi qabeenya ilaalu hunda caalaa dhabe Oromoo ta’uyyuu beenyaa haa tahu mararfannoon argatan hin jiru. Caalaattuu akka mataa ol hin qabanne gad quwamaa jiru. Kan moo’e gumaa baasisaa. Oromoon moo’anis dhigi saanii hoggansa harka kennachiisu malee gatii baasisuuf hin argannee. Yeroo Tigraway ayyaana saanii kabajatan qabsaawoti Oromoo yoo hinaafan dhugaa qabu. Isaan biyya qabataniif ulfeeffatanii. Biyya qabaataniif da’oos argatanii. Oromoonis utuu biyya bilisa qabaatanii, kumkumoota wareegaman qophii guddaan yaadatu turanii. Silaa, mootummaan halagaa, ADWUIn yk bakka isaa kan bu’e Bilxiginnaan hin dorsisamanis, hin sodachisifamanis turanii. Biyya ofiitt dhiichifnee, ragadchiifnee, akka feenett gellaanee, fenu mana feenu ala bullu waraabessi nun nyaatu ture. Oromiyaan amma, finnaa federoomtee ofbulchituu kan hin taane, mirkaniin suta mootummaa Itophiyaa, iseema durii qabannoo badaa qabaniif sana. Jeeqammii fi gurmeessi yabboo si’ana afaan Amaaraan gaggeeffamu hundi gaaffii Oromoo kan deebisu utuu hin tahin, kobbacha waan ta’eef waan itt ciccamu mitii, ofeeggannoo feesisaa.

Amma akka biyya tokkoott leeyuun Oromiyaayyuu gaafii jala jira. Daangaan Oromiyaa kan abbootiin Oromoo dhiga saaniin taraaran malee kan mootummaan Itophiyaa taraareef miti. Kanneen Oromiyaan biyya Oromoo ta’uu haaluu fedhantu akka biraatt yaadaa. Dr. Abiy rimsama sanaa sirreeffatan malee Itophiyattiin mararfatanuu hin jiraattu. Itophiyaa Itophiyaanotaa kennaatii, Oromiyaan akka hiree ofii ofiin murteeffatu dhiisaafii. Kaan kaan, mirgooti ummatootaa kabajamuun kan bilisummaa abba abbaa danga’uu fakkeessanii waliin dhahuun dhiheessu. Kan isaan fedhan akka bara Nafxanyaa hayyama abbaa biyyaa malee bakka fedhaniin lixanii, bakka fedhaniin bahu barbaadu. Amma biyyi maaf abbaatt deebi’aa, maaf seera saaniin bulla, maaf afaan saaniin hojjechuu dirqamna, gaaffii jedhu kaasuu saaniiti. Oromoon biyya ofii irratt moo’ummaa qaba. Kanaaf, kan achi jiraachuuf fedha qaban seera saaniin buluun dirqii dha. Kanneen qabattee akkasii kaasan haasaa beekumsa waa’ee mirgoota murnaa fi abba abbaa hawaasa waliigalaa keessa jiruuf dantaa qabaatanii mitii. Garuu kan isaan kaasaniif bilisummaa kolonoota Itophiyaatiin mormuu saaniitii. Kolonooti kun finnoota moo’oo dhaa. Angoo qabaachuu malu mootummaa federaalaaf kan ofii irraa kutanii kan kennan isaanii, inni waan mirga kenu hin qabneef gargalchaa saa tahuu hin dandahu. Mootummaan federaalaa kan jiraatuuf fedha waloo finnootaa federaawanii akka barsiifata jiruutt qindeessuufii.

Kanneen heericha tolchan waan barruun kaa’an hanga of tasgabbeessanitt yeroo bitachuuf malee jechuu saanii hin turree. Karaa biraammoo kanneen inni gowwoomsuuf tolfameef sirinyaan fudhatanii ittisa saaf lolatanii. Gad dhiisanii akka gadlakkisanii sirna imperiyaal duriitt hin deebine kakatanii jiru, Federallii, mootummaa aangoon heraan kennameef lama qaba. Mootummoota federaalaa fi kan finnootaa. Mootummaa tokko qofatu jira jechuun aadaa sirnoota gunaawoottii. Kanneen geengoo seenaa duubatt deebisuu fedhantu afarsaanii. Eenyummaa saboota fi sabaawotaa, itt himuuf koloneeffataa fi madaqoon saanii mirgas safuus hin qabanii.

Habashooti empayera Itophiyaa erga uumamte waggoota dhibbaa fi shantama qofa taate, qoolloo keessatt ijaaramtee nuuf buute jechuu aggaamu. Ummatooti humnaan qabaman, empayera isaan akka silmii itt cichan kana fincilanii hundee buqisuun saanii itt hin mullatu. Hiddi tokko tokko hafteef deebi’ee lalisa jadhanii abadatu ta’a. Jirmi jige harma jige, deebii hin qabu. Seenaa waggoota shantamman darbanii utuu qoratanii hedduu irraa baratu. Tokkummaa walitt qaba amma jiruuf Afaan Amaaraa qofaan wowwatamaa jira. Akeeki sana duuba jiru Olhaantummaa Oromoon biyya abbaa saanii irratt qaban haaluu dha. Kanaafii, Qeerroon Oromoo, beekoti, hogganootii, dhaaboti Oromoo ifatt kan afaan itt darbamu. Sun guddina, bilisummaa fi baraarama ummatoota Afrikaa fi sanyii gurraachaaf dhimma hin baasuu. Oromoon “Akka durii fi harka Xuriitt hin hafan” jedhu. Koloneeffatooti durii fi ammeen kolonummaa haaraan Afriikaatt deebi’aa jiru. Afrikaanoti harka walqabatanii fedha ofii kabajchiisan malee ammas qabeenyuma saanii irratt halagooti abbaa tahu barbaadu. Hardha baquleessaan (globalization) maqaa kolonummaa haaraa duriiti. Eenyuu isaan bira goreen sirna nafxanyummaa haaraa ummatoota kibbaa Itophiyaatt argaman irratt fe’uu yaada taanaan, inni millanaa ofii baduu ta’a.

Ummati Oromoo tokkummaa, bilisummaa fi ofiinbula waan barbaadaniif ABOn dhalate. ABO irraa kan eegamu republika Oromiyaa bilisaa fi ofiinbultu gad dhaabuu dha. Garuu, kanneen fedha walii, walii kabajan, walqixxummaan waliin jiraachuu fedhan yoo jiraatan, tokkeessoo haaraa bu’uurfachuu akka dandahanis saganteeffamee ture. Haa tahu malee, kanneen afaan Amaaraa dubbatan sanaaf deebii tolaa kennuuf qophii mitii. Akka waan Oromiyaa irraa mirga addaa qabanitt of dhiheessu. Bakka Tigree maaf hin buunetu isaan gubaa. Mootummaa Dr. Abiy Oromoof akka hin loogne garaan saanii utuu beeku “Taranyaa” jedhanii jibba Oromo qaban agarsiisu. Oromoon ummatoota Afrikaa hunda akka obbolaatt ilaalu. Ollummaan kan gaafatuu alatt, isaaniif leelloo addaa wanti qabaataniif hin jiru. Hariiroo walgidduu akkasitt yoo ilaallan qofa dhugaan walitt ba’uu. Kanaaf, godinaa irraa ka’anii gara Afrikaa tokko gochuutt waliin hojjetan wayyaa. Itophiyummaan waan giddiin namatt fe’amu miti. Maqaan hafee waliin jiraachuunuu fedha gara hundaa feesisaa. Oromummaa cimaatu Afrikaa cimsaa.

Itophiyaa Dullatiin Habashaa, gaarii hojjette yoo jedhame isaanumaaf qofa. Kanaaf faarsuunii dura laallibati keenya eenyu jedhanii of gaafachuu wayya. Tolaafis hamaafis wal sobuu irra dhugaa walitt himanii kan dabe sirreessuu wayyaa. Fakeenyaaf, lolota tahan keessatt akka waan Oromoon feedhaan duulaniitt dhiheessuu manaa dirqame akka jaleett b’aa aachuuf dura buuufamanii dua saaniin akka abidda dhaamsaniif hiriirfamuu himuun dansa. Keessaammoo dhugaa baruun jiru sobuun nama herregsiisaa. Si’ana waa’ee tokkumaa, finxalessummaa, gargarbaaftummaan afaan Amaaraan ballinaan qeeqamaa jira. Kanaaf gama tokko qofaan afaan tokkoon alaakaa ooluun gargar fageessa malee walitt hin dhiheessuu. Demokraatoti dhugaailaa fi ilaamee malee yaada isaanii dirqiin nama irra tuuluuf hin dhaadatanii. Yaada yoo qabaattan, arrobsoollee haa tahu afaan saaniin dabarsuufii dha. Itophiyaan faca’uuf jechuun Oromiyaan nu harkaa baate jechuu mitii lata? Oromiyaan bilisoomuun wayyabaaf ni tola malee kan itt badu hin jiruu. Kan hundatt badu ilmoon namaa akka garbaatt ilaalamuu dhaa. Kanneen afaan Amaaraa dubbatan qofti maaliif waa’een Oromoo akkas isaan gaggabsa laata? Oromiyaan garboomsaa jalaa yoo bilisoomte isaanis bilisa tahuwoo maalif jibbuu? Ofirrummaa

fi ofittumaatu isaan qirqida yoo hin taane, wanti dhaban hin jiraattu. Walii galuun qaawwaa hedduu namaa duucha. Kanaaf akka fedhaan, bilisummaa fi walqixxummaan waliin jiraatan faluu dha.

Oromiyaa fi Itophiyaan biyya walqixxee tahuun afaaniinis hojiinis mullachuu qaba. Sana malee rakkinni sirna nafxanyaan uumame furmaata argachuuf hin deemu. Gaaffii Oromoo gaaffii hiree murteeffannaa fi ofiibulummaatii. Sagantaa cehumsaa si’ana, qabsoo Oromoott xumura tolchee garaa sirna haaraa empayera bakka bu’utt cesisaatu abdatamee ture. Godinichatt nagaa buusuuf, hundi hacuuccaa Itophiyaa Dullatii jalaa bahuuf qabsawanii injifannoolee galmeefatanii jiru. Jijjiirammi amma keessa jiran hobbaatii sanaatii. Qabsoon waliigalaa ummatoota empayerichaa keessaa fi ala jiraniitu TPLFn buqqise. Jijjiirammis sababa sanaan dhufe. Gumaachi wal caalaa. Murna tokko addatt faarsuun yoo fedhame, Mormii Qeerroo Oromoo waggaa afuriif gaggeeffame fi aarsaan baasan hunda dura isaan buusaa. Sanatu mootummaa jijjiiramaa uume, sanatu alaa dhaabota malbulchaa galche, sanatu jaalbiyyoota hidhaa yaase. Gumaacha hundi godhaniif kaasaan isaanumaa.

Kanaaf, Heera Federeeshina caase fudhatanii kan ofii godhachuun, walqixummaa fi bilisummaa feha irratt hundaaween waliin jiraachuuf abbaltii qaban agarsiisanii jiru. Naannaa Gaanfa Afrikaa kana hafee biyya Afrikaa kam keessatt waanti ta’u dhiibbaa hunda keenya irratt qaba. Rakkina walgidduu hanga furannutt mamiin nu gidduu jiru nageenya keenya waloo hubuu dandaha. Kanaaf naannaa keenyaaf waliin akka yaadnuuf shaffisaan isa walgidduu fixachuu qabna. Tokko taanus gargar baanus naannichi kan waloo keenyaatii, waliin eeguu fi kunuunsuun hunda keenyaaf anjaa qaba. Kanaaf olla gaarii ta’uun barbaachisaa malee aananii mitii. Ofittumaa fi ofirrummaa keenya luugama itt tolchuu feesisaa.

Qoodi mootummaa jijjiiramaa heeraa fi seera kabajchiisuu malee mootummaa Itophiyaa Dullatii itt fufsiisuuf yk jijjiiramaa bu’uuraa fiduu miti. Caasaan finnaa fi mootummaa haaraan yayyabamuu qaba. Sanaaf, “Gumiin Heera Tumaa” sabootaa fi sabaawota hunda irraa dhufee taa’uu qaba. Gumiin kun, kennata dura caasaa fi jiruu federeeshinaa keessa deebi’ee ilaaluun yk heera haaraa wuxinuun eeyyeelakki (refrandum) ummatootaaf dhiheessa. Mootummaan cehumsaa hammasitt hojii guyyuu mootummaa itt fufuu malee imaammata haaraa baasuun irraa hin eegamu. Sun yoo hin taane jijjiiramaa utuu hin tahin deebisanii sirna Nafxanyaa ijaaruu taha. Dr. Abiyii fi mootummaa inni hogganu dharraa dargaggoon bilisummaa fi jireenya gammachuuf qaban mijjeessuu malee amantee ofii bakka buusuu yaalu taanaan, obonboleettii hamaatt fuulaan deemuu taha. Kan irraa hafu hin jiraattu. “Baraar jette barariin baaduu buutee”, jedhama. Ulfinaa fi faarsi gootota bilisummaa Tigrayif wareegamaniif, jajjabinni kodee saaniif haa tahu. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Guraandhala 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *