0

Qayyabata tokkummaa Oromoo: caasama dhaalmaa

Walbarsiisa:
Oromoon, gabbaarummaatt gad buufamee utuu humnisaa akka kanaan dura dhagahamee hin beekneett bolqamuu hin eegalin homishaa orma naannaa saatii hunda caalu ture. Sun kan tahe jaarraa tokkoon dura, erga bulcha halagaa sillimii waaggaa dheeraatt isaan darbe, jala seenaniiti. Biyyattii bakka hedduutt waan ciraniif gosi tokkoo inni biraa akka itt jiratu hin beeku ture. Oromiyaan sillimii dheeraa jaarraa tokkoo olii, kana keessaa daammaquun dhukkubaan faalamtee, jeejoftee, hiyyoomtee, qubbekmitii taatee fi garboomtee of agarte. Sun sonaan waliin kahanii falachuuf didhchiisaa ture. Akkasitt kaayyoon sonaawe, Oromiyaa tokkoomtuun yeroo jalqabaaf dhiicha waloo bilisummaa, kallacha qabsoo see ABOn durfame sochoofte. Ofbarri see fi gaaffiin bilisoomu diinota seett aarii qabsiiseen fixanamaa argamee hin beenne golee biyyatti bakka hallett furgaasee gaddhiise.  ABOn sanaaf gara caaluu dhooftuu ture. Garuu roorroo tolfameef sababa tahuuf gahaa haa tahu malee sana jala dhaabbachuuf sadarkaa caccistummaa barbaachisuun ofi hin geenye ture. Dhaaba ititee fi hooggansa cimaa tokkoome dhaba ture. Oromoon baraarammi saanii tokkummaa irratt akka hundaawu amanu. Isaaniif hogganni waan yeroon dhalu. Oromoon, jaalala bilisummaa saa malee, orma kamiifuu jibba hin qabu. Oromoon ofiinjiro wayyaba naannichaati. Kanaaf bilisummaan Oromoo farrisaa bilisummaa fi tokkummaa saboota fi sabummaa naannaa sanaa taha.

Qooda Kaayyoo:
ABOn, Oromoo godinaa hundaa alaabaa tokkoo fi adda gurmaawee jalatt bilisummaa saaniif akka qabsawan kan fide dhaaba malbulchaa Oromoo isa jalqabaati. Innis kan jaallatame jija dirree dilii saa caalaa akeeka labseeni. Hedduu sanatu galuufii dadhaba. Dhaaba caasamee fi sagantaa malbulchaa caalaa ballinaa fi gadi fageenya qaba. Kanneen bu’ursan itti fufee jiraachuuf barbaachisummaa hin qabani. Hojii ofii saatiin qabeenya ormichaa tahee jira. Kaayyoo qabatee kahee fi jireenya nagaa, gammachuu, fi walabummaa abdachiiseen osoo bakka akeekkateti hin dhihaatin qaata sammuu fi garaa ormaa raase. Aarsaa goototi saa baasaniin akka dhaaba malbulchaa tokkoo qofatt ilaalamuu irra qari’eera. Ayyaana orma du’anii fi jiraniitt jijjiramee jira. Jija maqaa saatt rarra’u dhaabi tokkoo yk murni tokkoo akka dhuunfaatt ilaaluun wallaalina yk ofirrummaa taha. Sabichaa kan itt dhiige. Qeyeen yk dhaabi Oromoo qabsoo ABOn tolche yk irratt tolfameen kan hin tuqamin hin jiru. Kanaaf maqaa sanaan waliigalteen dantaa sabichaa tuqu kan qaama alaa kamiinuu waliin tolfamu qayyabannoof offalcha Oromoo wayyabaa feesisa. Kana malee tokkummaa sabaawaaf dhimma hin baafnee taha.

Bislisummaa Oromiyaaf tokkummaan see waan halle dursa. Gochi sabboonotaa yk dhaaba sabaawaa kan madaalamu bu’aa tokkummaa saatt dabaluuni. Tokkummaa jabaa caalaa bilisummaa fi ofiin bulummaa Oromoof kan iggitii tahu hin jiru. Kanaaf hardhas akkuma durii dhugoomuu saa hankaaksuuf kan ittiin mormaan tuutaan bobbahuun waan eegamu. Oromiyaan biyya daangaa beekamaa qabdu. Oromoon afaan  tokkoo, qaccee dhahatu tokkoo fi firummaa ballaa orma Afrikaa naannaa saa jiru waliin qabu. Akaakilee saa Kuusaa keessaa hiddi saa fi somaan saa namicha Oromo jedhamu maqaa irraa argateett lakaawama. Achirra kan latan dameelee hedduutu jira. Sun Booranaa fi Barintuma irra kahee, dame Sabbo fi Goona Sikkoo fi Mando, Ituu fi Hunbanna, Maccaa fi Tuulama kkf. itt lata. Sanneen gosa, gosjalee, qomoo, warra fi balbala faatti gadi bu’u. Inni jala kan olii osoo hin dhahatin sabummaa himachuu hin dandahu. Kan olhaanu isa gadjallaa malee guutuu hin tahu. Oromoon akka sanatt garagarummaa keessaa tokkummaa uummate. Tokkummaan saanii kan olii itt gonfame osoo hin tahin keesumaa walitt baqee.

Oromoon dhaaba shaniin mootummaa cehumsaa keessatt akka iddosamu yoo dhagahan yaadda’uu hin hafne. Sun Baallii shanan akka hin taanes beeku. Ta’iisichi abdii bilisummaa garaa saanii keessatt deebi’ee qabsiifame kan dhaamsuu fi dhiicha fulduratt jalqaban kan karaa irra maqsu tahee it muldhate. Kanaaf quunnamanii yaaddoo qaban itt himuu barbaadan. Isaanis gidduu saaniitt waliigaltee uumuu fi waliin hojjechuu akka dandahan gochuu yaaluuf jaaroleen filamanii turan. Garuu maganni saanii gurra dhagahu hin arganne. Shanan saanii keessaa tokkoo tolcha Oromoo waan hin taaneef sun kan dandahamu hin turre. Jarri biraa seenaa danqaa duubbee waan qabaniif sana keessa deebi’anii ilaaluun yeroo gaafata ture. Hunduu ammallee gaagura saanii xixiqoo keessatta waan of kafananii turaniif adduunyaa naannoo saaniiti dhodhoohaa jiru hin argine.

Garaa qulqulluun itt dhihaachuun jaarsolii hedduu hin gargaare. Jaaroleen bakka garagaraatii babahani; tokkummaan giroo waloof qabatan ititaa ture. Kan namoota isaan duuba jiranis akkasuma itiitaa dha. Rakkinni kan ture dhaabota malbulchaa bira. Tokkoon jedhame malee hundi saanii wal amantee dhabuu malee, ofiin bulummaa Oromiyaatt kan amanan fakkaatu. Ergasii walamantee ijaaruun kan eegame caalaa yeroo fudhate. Kan faara agarsiisuutt kahe erga Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromoo (THBO) bu’uurfameeti. Sun milla fuudha jalqabaa kallattii qajeelaa ture. Haa tahu malee ammas hedduutu ijaaramuu hafaa.

Oromiyaan cimtuu fi tokkoomte bilisummaa Oromiyaa qofaaf osoo hin tahin giidoo nama ukaamsamaa hoomishaa olhaanaaf akka furga’u gochuufisii. Jajjabeesaa walabummaa argannaan Oromiyaan hafaa hoomishuun addunyaa irra ba’aa naannaa sooruu salphisuu dandeessi. Oromiyaan bilisoomte ogeeyyiif dafqaan bulaa naannaa sanaaf kan tahu hojii baayyee uumuuf carraa wayyaa qabdi. Oromiyaan tokkomtee fi bilisa taate dilormaa naanna walakkaa gad hin taane jireenya tasgabii fi demokraasii nagaa tahe jala galchuu dandeessi. Demokraasiin, karaa haleellaa abbaa hirrootaa biratt barameen osoo hin tahin mariin naannaa tasgabii akka argatu gochuu ni dandaha. Dilormaan hammana gahu faca’ee fi walitt fufaan salphina jala galfamee burjaajii eenyumaa itt dhufe, taasisa jeequmsa guddaa tahuu dandaha.  Kanaaf gaaffiin Oromoo yeroon furmata hin argatu taanaan hobbaatiin saa maal akka tahu baruuf raagaa tahu hin barbaachisu. Kaayyoo guddichi sabichi ittiin gaggeeffamu Oromiyaa tokkomsuuf dangaa godinaa fi dhugeeffannoo kamiinuu ni qaari’aa. Oromiyaan gargar bankaate haala riphaa godineessitoo fi karisooti amantee, murna ofii malee isaanii olii kan safuu jedhaniif hin jirre, golee keessaa biqilan qabachuu dandeessi. Kanaaf haala dhufuun saa hin oolle yeroon qayyabachuun waldiyyichaa fi addunyaa qaanii biraa irra olchuu dandaha.

Oromiyaan bakka dhaloota demokrasii keessaa tokkoo. Nambiyyooti see yoo walbira jiran demokraatawoo malee waan biraa tahuu hin dandahani. /sun jireenya guyyuu keessatt hubatamee jira. Oromooti yeroo kan akka garbichaatt isaan ofu sarma olhaanaa agarsiisan yeroo waliin tahan waan fedhetu itt dhufa malee ajaja akka maleef hin sarmani. Ilaa fi ilaameen akka shakalamu gaafatu. Demokrasota halaalaa irra Oromiyaan demokratofte carraa demokraatawuu naannaa irratt dhiibbaa tolchuu qabdi. Yoo Oromiyaan walabaa fi demokraatoftu taate galtuun qaxaramtee nagaa naannaa fi Oromiyaa booressitu hin jiraattu. Oromiyaan qabeenya uumaa fi humna nama riphaa guddaa yoo biyyattiin bilisa taate qofa kan gad dhiifamuu dandahu qabdi. Oromiyaan yoo tokkoomte bilisa bahuu dandeessi, Oromiyaan tokkoomte quufaa, ofirratt hirkachuu, of dandahuu, nagaa fi tasgabiif iggitii tahuu dandeessi. Kaayyoo bilisummaan maskamtee wanti Oromiyaan achi hin geenyeef hin jiru.

Ofbara Oromoo:
Oromoon Ashangee kahee hanga Mooyaaleett, Jaarsoo kahee hanga Begiitt Oromummaa saatt orma boonu. Jaarraa tokkoo oliif gad qabamee maqaa Gosaa yk godinaa, maqaa dhugeeffannoo akkasumas maqaa waliigalan Gaallaa jedhamee waamuu dirqamee yoo tureyyuu, maddi saa Oromoo tahuu hin irraanfanne. Amma qabsoo saatiin garri caalu biyya tokkoo jalatt wal dhuunfatee jira. Qomooti yartuun afaan saanii haa irraanfatan malee ammas wayyabi afaan tokkoo kan hunduu Afaan Oromoo ittiin jedhan dubbata. Hundu seenaa saa bara Abbaa Gadaa boonaan qaabata. Seena walqixxoomaa fi walabooma sana amma hin shaakalin malee hundu surraa saa badde deeffachuuf bara birmadummaa abdii fi dharraan eeggataa jira.

Hallooti abboolii Gadaa, adii, diimaa fi gurrachii yeroo hin beekamnee kahee mallatoo seenaa, jannummaa fi abdii turani. Sanneen bakka kufanii kahanii hardha murna Oromoo hedduun guddifatamuun akeekuma dur qaban danaa adda addaatiin tajaajilaa jiru. Abbooliin Oromoo gocha saanii abba tokkeen fi hawaasa ilaalu hedduu gaaddisa muka jalatt raawwatu turani. Mukooti waa sanaaf dhimma itt bahamu hundii Odaa tahuu baatanillee maquma waliigalaa kanaan Odaa jedhamanii waamamu turani. Akka mallattoo nagaa, tokkummaa, birmadummaa fi walqixxummaati ulfinni kennamaaf ture. Korri sadarkaa gara garaa Odaa jalatt gaggeeffamu turani. Lola labsuu fi araara buusuun achi jalatt taha ture. Nammi yoo karaa deemu yk dadhabu jalatt aara galfata ture. Jaarsummaan araaraa achi jalatt taa’ama ture.

Odaan akka Irreessaatis muka dhibaayyuu tahe tajaajila. Irreessi ayyaana, Waaqa ganna dukkana jala isaan baasee, ifa birraa, midhaan basalgaa itt tuttufataniin isaan gaheef hooqubaa galchan. Birraan ji’a bokkeenyi qaqallataa dhufu, burqituun bakka bakkaa finiintu, lafti daraaraa Hadaa, keelloo fi kanfakkaataniin faayamtu, basalgaan midhaanii (asheeti) nyaatamuu itt qophaawe. Sana hundaaf Waaqa galateeffachuuf jiidhaa, muka fi malkaatt kan irreeffatan. Irreefachuu jechuun ya’a jiidhaa itt gatan sana. Guyyaan saa guyyaa bashannan guddaati. Oromoon yeroo malkaa cehanii fi Odaa bira darban Waaqa yaadachuun ni irreeffatu. Odaa jalli nama hundaaf bakka Waaqa itt kadhatanis ture.

Halagaan yeroo biyya qabate namoota birraa ari’uuf bakka odaa gurguddaaf galmoota qaallutt Bataskaana ijaarrate. Isaan dura jilli Gadaa gurguddaanis Odaa jalatt tahu turan. Yerosiif galma yaa’ii waan halle tajaajilu ture. Sabi Oromoo ammas Odaa akka mallattoo saatti guddifatee jira. ABOn alaabaa Odaan akka asxaa qabsoo Oromoott gidduu saatt goodame qaba. Isa jalatt wareegama guddaatu baafame. Qabsoo kanneen du’anii fi jiranii tokkoomsa. Eenyu egaa orma biyya tokkoo Afaan tokkoo, qaccee tokkoo, seenaa tokkoo, kaayyoo tokkoo, mallottoo walabummaa fi tokkummaa walfakaataa, madda cunqursaa tokkichaa fi jaalala birmadummaa walfakkaataa qabu caalaa tokkummaa dhahachuu kan dandahu?

Fakmishoo Gadaa
Sirni Gadaa malbulcha, diinagdee, hawasomaa fi dhimma dhugeeffannoof kutaa adda addaa qaba ture. Dhugeeffannoo Qaalluun gaggeeffama. Abbaan Muudaa qaallicha Guddaa galma saatt Oromoon jiyaa hundaa itt godaanu ture. Sun tahullee malbulcha keessa qubaa isaa hin galchu ture. Haa tahu malee haalli itt kennata lubaa gargaaranis ni mullata. Tarii akka shanacha (boordii) kennataa si’anaa jechuu dha.  Kolonaawuu duuba Gadaan akka dhaaba malbulchaatt ni diigame. Dhaabi Qaalluu hololaa diigaa fi luuxxee galtuu falfaltuu Habashaan faalamuu, irra eegalee sirna gadaa tokkoo tokkoo qayyabannoo keenya ammaaf oolchee jira.  Qaallicha jechuun malummaan saa jijjiramee barsiifata Gadaa jalatt qabaataa tureen alatt akka waan falfaltuu tahett dhiheeffamaa bahe.

Sirna Gadaa keessatt Baalliin shan. Shananuu sirna Gadaa eeguun dirqama akka tahe fudhataniiru. Finnaa Gadaa jalatt addansummaatu (prularism) shaakalama. Kanaaf murni akka sagalee saa hin dhageessifanne ukaamfamu hin turre. Baalli shanan sagalee dhaalota saanii wayyabaa fi yaroo qindeessanii dhiheessu. Ilaalchaanis hundi tokkoo akka tahan hin eegaman. Bara bulcha tokko tokkoon saanii jireenyi akka adda adda tahu eegamaa dha. Barri abaluu bara beelaa, roobaa, waraanaa, nagaa, quufaa kkf taha jedhani waa’ee tokkoo tokkoon saanii kan dursee himamus ture. Sun ilaalcha adda qabachuun fudhatamaa akka tahe agarsiisa.

Gumii yk Caffeen tibba tibbaa taa’a.  Irratt qooda kan fudhatan kan kennataman qofa osoo hin tahin kan dhaquu dandahu hundaa. Hundu qabattee dhihate irratt yaada saa ifsachuu dandaha. Gumichi akka demokrasota si’anaa miseensota kennataman yoo qabaatu, akka kanneen Greekiis kan suduudaan irratt hirmatanis qaba. Caasaan saba Oromoo akka maaddhee qaama namaatii. Tokkoo tokkoon see kophaa waan barbaachisu qabdi garuu wal geessee erbii taatii. Erbiin walgeessee dhanna taatii. Dhanni walgeessee dhannooma taati. Hundu walitt hirkata, addas tokkos. Adda adda tahuun tokkummaa isa olhaanuu ni jabeessa malee hin laaffisu. Yoo tokkoo fafate hundatu fafata. Haalli Oromoos akka sana.

Hawaasi Oromoo addansummaatt (prularism) amanaa ture jennee jira. Hawaasi warraa kahee qomoo, gosa fi kan jara walitt qabu lamooyyee adda addaatt guduunfamuun sadarkaa finnaatt olguddatee Oromoo taha. Oromoo hunduu seeraa fi aadaa qaama marraaga (philosophy) sirna Gadaa ta’aniin masakama. Kanaaf gargarummaa damee xixiqqoott hiramuu akka jabina finnaatt malee laafinaatt ilaalame hin beeku. Warri jabaa tahuuf qomoon jabaachuu qaba. Qomoon jabaa tahuuf gosti jabaachuu qaba. Gosti jabaachuuf lamooyyeen jabaachuu qabu, lamooyyeen jabaachuuf Oromummaan walitt baquu qabu. Isaan sadarkaa finnaa gahu. Finnaa jabaan hamaa dhufu hunda walirraa ittisuuf kutoota isaa gadii caalaa anjaa qaba. Qaamooti olii fi gadii walii safuu dha. Kan olhanu isa gadiif angafa. Walirraa jalummaan aboos akkasumatt deema. Sadarkooti finnaa hundii inni gadii isa olii osoo hin eegin kophaa jirraachuu akka dandahanitt keessaan jaaramani. Sadarkooti biraa akaakuu fi misa sadarkaa tokkoo tokkoof barbaachisoo dha. Hariiroon qaama olhaanoof kan gadi jiranii demokratawoo seera marii ifaan tumamaniin bulfamu. Kan seeraa olii hin jiru.

Caasaan hawaasaa waan hin jijjiiramne miti. Akki itt ijaaramu fi hariiroon wal gidduu akaataa hoomishaa calaqisaa. Caasaan yeroo hundi godaantuu turee fi erga qubatee qonna lafaan jiraachuu eegalee tokkoo miti. Akki itt walii birmatus ni jijjiirama. Kaan hariiroo gosaa cimaa yoo qabaatu isa kaaniif hariiroon sun seena tahee warra gidduu qofatt hafee argama. Guddinni teknolojii kochonchola hedduu fudhatee dhufa. Garri hawaasa tokkoo walfanaa teknoolojiitt dhimma bahuu hin jalqabu. Sanaf sadarkaan jijjirama dhalatuu adda tahuu dandaha. Maalifaa kanaafi Oromoon ofbare hundi, yeroo waa’ee qabsoo Oromoo hedu uumaa qabsoo Oromoon gaggeessaa jiru qayyabachuuf sana hubachuu qaba. Sana qayyabachuu dhabuun tokkummaa saa qofa osoo hin tahin sabummaa saa dabalee gaafii jala oolchuu dandaha. Kan sabummaa saa dhabe namaan bulaa tahe eenyummaa ofii waldhaaluun, barbaran birrataa, jireenya sodaan keessa guute jiraataa hafa. Kanneen olii irratt ida’ee, yoomallee yaroo tahan jiraato magaalaas herraga keessa galchuun barbaachisaa dha. Jireenyi saanii lachaniinuu addaa.

Gadaa jalatt nammi tokkoo yk murni tokkoo fedha ormaa malee angoo qabachuu hin dandahu. Qacceen sanaa amma dhiiga Oromoo si’anaa keessas jira. Kanaaf falli akka halagaatt dhimma Oromoo gaggeessuu yaaluu hin milkoofne. Furmaata sirna Gadaa keessaa yoo soqan ni argama. Sirna halagaa kan aaboo harka nama tokkoo keessatt cunqeessu, Oromoon, akka mooraa korma sooressa tokkoon dhuunfatamett ilaala. Sun beelladaaf malee kan hawaasa namaf tahu miti. Oromoon jireenya saa akeeka Gadaan wal gichisiisuu qaba. Kan ilmoo nama hundaaf walabummaa fi walqixxummaan argamu achi keessaa taha.  Sanaa alatt ofirrummaa fi ofittumaa halagaa akkeessina jechuun tokkummaa sabboonotaa jeequu qofa taha.

Dhugeeffannoo Hawaasa Oromoo keessatt:
Seenaa fi afoola irra Oromoo hawaasa amantalaa (secular) tahuu saatii fi jireenya saa lafaa fi ayyaanawaa addatt qabaa akka ture baranna. Yero sana dhugeeffanno amma hordoftooti saa “Waaqeffannaa” jedhan qofatu ture. Oromoon sanatt amma Islaamaa fi Kiristinnaa dabalatee jira. Yoomallee daawitii adda addaatiin laalu tahe hundi saanii Waaqni tokkicha jedhu. Inni Oromoon hooqubaa galchuuf maqaan saa “Waaq” jedhama. Yeroo Afaan Oromoon dubbatan hunduu kan saaniis maqaa kanaan waamu. Kanaaf karaa sanaan waldhabdeen hin jiru.

Qabsoo Oromoo keessatt hanga yoonaa sochiin amantee fi godinaa irra hundaawan hin milkoofne. Sabboonoti  akkuma akaakilee saanii dhugeeffannoo bakka dhugeeffannooti, malbulcha bakka malbulchaatti qabu dandahanii turan. Sun kan dhaalmaan argatan malee kan halagaa irra baratan miti. Oromoo dhugeeffannoon gargar baasuuf hedduu yaalamee ture garuu hin milkoofne. Oromoon hiramee bakkayyuu akka hin geenye muuxannoo ofii irra baratee jira.  Garu san jechuun murnooti of jaallattuun halleef gaggaban walii kalchanii maqaa sanaan tokkummaa Oromoo jeequu hin yaalan jechuu miti. Murnooti akkasii namoota amantee saanii hiriisanii miseensota amantee biraa irratt anjaa malbulchaa argachuu itt dandahan abjootu. Waaqeffannaa malee amanteen biro addunyaa bakka hallerra diriiranii jiru. Yeroo gaaffiin walmorkutt dhuftu tokkoo kan birraa haalli itt dagu hin jiratu. Beekaan shaakala osoo hin dhalatin salleessu kana hin yaaluu. Karaan injifannoo sabaawaa dhugaa karaa kaayyoo tokkummaa qofa.

Sana karaa abboolii Maccaa fi Tuulamaa kan Genralli surra qabeessi, Taaddasaa Birruu Arsii Dheeraatti 1966 labse. Akka dudhaa Habashaatt nyaati Moslemanii fi Kiristanootaaf addatt qophaawa ture garuu Taaddasaan kan ofii Kirstinnaa Koptik shaakalu dudhaa cabsee hundi akka waliin nyaatu magane. Beelladi qalaman kan keenya nuu oolchuuf du’anis, kanaaf lagachuun maalifaa hin qabu jedhe. Oromoo waan taaneef gabataa addaa nu hin barbaachisu jedhe. Yaadi saa gammachuu guddaan simatamee Moslemaanii fi Kiristinnaan walgahichaaf dhufan waliin nyaatan. Dhalooti si’anaa dhaalmaa kana jabeessanii jija caalaaf tattaafachuun waan roga qabu. Bakka angafooti keenya irra qari’an keessa deebi’uun gaddeebitummaa taha.  Akka geerarsa Oromoo tokkott, “Kan abbaa caale jannaa; kan abbaa hankaake farra” jedhama. Bulchi kolonaawaa akka namooti amantee adda addaa walitti hin makamneef mala adda addaa dhahee jira. Madaqsi sun sammuu Oromoo walaba keessaa haqamuu qaba. Wal keessa deemuu fi waliin basha’uu lagachuuf maalifaa tahuu hin qabu. Sana barsiisuun qooda dhaabota dhugeeffannoo taha.

Garuu abba tokkooti ofiffoon sun soba facaasanii abdii hin taane kennuun daallicha gowwoomsuu dandahu. Kanaaf sabboonoti Oromoo dammaqanii eeguun yeroo kanneen akkasii o’ina malbulchaa si’ana jiruun dahatanii, anjaa argachuuf saba Oromoo amantee irratt hundaawanii gargar qooduu yaalan iyya dabarsuu qabu. Oromiyaan bilisomtee mirga hooqubaa hundaaf eeguun dirqii dha. Sabboonoti si’a kanneen olhantummaa amantee tokkoof ifajja’anii gad hin taaneen ittiin mormuu qabu. Sabi Oromoo walitt qaba shaakala saati. Oromoon jiruu fi jireenya kamiiyyuu dhalootaan karisaa tahee hin beeku. Dinni taasisa sana jireenya Oromoo keessa ruuquu barbaadus hin ooffaluu. Garuu iggitiin eeggannoo tolchuu caale hin jiru. Hawaasi dhugeeffanoo kan amantalummaa jaalalan fudhate hin turree. Garuu nagaan malbulchaa fi haawasomaa eegamuu waan qabuuf filmaata dhabanii fudhatan. Oromiyaa, biyyi dhugeeffatoos akkuma sanaa fi dirqama dhalootaan sana fudhachuu malee filmaata birraa hin qabdu.

Rimsama Oromomummaa
Kan biraa waanti herrega feesisu gandummaa, godinummaa waan jedhani. Gandis godinnis bakka ilmaan sabaa hundi keessatt dhalatanii guddatanii. Garaa abba tokkootaa keessatt bakka qabu. Jaalala biyya yoo jedhamu jaalala bakkoota sanaa eegala. waan arganii fi dhagahanii waan yoo irra fagatanis qaabataniiti. Jaalalli saba ofii qaban warraa kaha. Jaalala biyya ofii qaabannoo naannaa keessatt dhalatan, marga saa, baala saa, laga saa, cooree saa, binoo saa, roba saa, cabbii saa, qilleensaa saa, bubbee saa, gabaa saa, ayyaana saafi kkf qabani. Bakki itt dhalatanii guddatan qabee nameenyaa ofiiti. Bakki roorroo koloneeffataa dhandhamuu eegalan achitt. Bakki itt gaddaa fi gammachuu baratan achi. Kanaaf maqaan gandaa fi godinaa hamaan kahuu hin qabu. Kan qabsoo bilisummaa saba saaf bobbahee ganda hin qabu jechuu miti.

Garuu akka faanfana Gandaa fi godina irratt bu’uurafame akka hin tolchine irbuu seeneera. Sana eeguuf seeraa fi heera sarmuuf kakatetu jira. Heraa fi seera yoo cabse akka itt gaafatamu qaba. Sanaa alatt abalu warra gandaati jedhee kan wacabbaru osoo ragaa hin dhiheessin callisanii bira darbamuu hin qabu. Ambi ballaan wacabbartoota qaxaraman akkasii irra eegamuu qabaa. Qabsaawoti dudhamaan fanfana kamuu, gandaan, amantee, saalan, bifaan, sanyiin, gosaan, warraan kkf tolfamu irra hin darbani. Kanaaf furmaati rakkina tokkummaa achiin dhufu olhaantummaa seeraa fudhachuu dha. Kan jaallota saa gidduuti waanuma fedheen garagarummaa uumu inni warraqsa Oromoo fiixaan baasuun hafee qeyee tokkoo bulchuuf illee amanamuu hin dandahu. Safuu hin beeknee, gaddeebii malummaan Oromummaa hin galleefii. Oromummaan kan gaddeebiin ofisi safuus hin beekne xixinnoon akkasii galuuf caalaa ol fagoo dha. Oromummaa keessa haalli raaga jechuun,  namoota beekoo, muuxannoo dheeraa, qorumsaa fi kenna uumaan raagan qofaan ifsamuu wanti dandahan jiru.

Oromoo jechuun Ilmoo Ormaa jechuu akka tahe seenaa adda addaarratt himamee jira. Sirna Gadaa jalatt Ilmaan ormaa hundi birmaduu fi wal qixxee dha. Boji’amaa illee akka nambiyyummaa itt argatu yk luba itt bahu seeraan beekamaa ture. Oromoon sirna Gadaa jalatt abba tokkoota qofa osoo hin tahin gosaan yk sabummaan ofitt fudhachuutt beekamaa ture. Mala keessaan uummateen kan fudhate dhalataa tolchaan ture. Kanaafi kan Oromummaan akaakuu dhiigaa (DNA) osoo hin tahin olahantummaa seeraa, nafii sabummaa, fi hooda saa fudhachuu dha kan jedhamuuf. Lubi seerri hojii irra ooluu toohata malee seeraa ol miti. Seera kan tuman iddosota ormaa waan tahaniif seerri fedha ormichati jechuu dha. Gumaan ormicha kamuu, fedha ormicha ol tahuu hin dandahu. Seera kan cabsu dantaa ormichaa tuqe jechuu dha. Kanaaf ormichi callisee hin laalu ture. Ammas sun kan tahu qabu. Sirnaa fi seerri kabajamuu qaba. Sun tahuu dhabuun qaata mooraa qabsaawotaa keessaa gaaga’amaa uummate.

Haalota ifaa tahan akka itt haanutt dhiheessuu dandeenya. Eegalee barbaachisoo Oromummaa keessaa tokkoo bulcha seeraati. Seerri iddoosota ormaatiin tumamanii hojii irra oolmaan saanii Luba, Abbaa Gadaa jala jiraniin too’atama. Qondaaloti olhaanoon sun yeroo yeroott ormaan gamaggamamu turani. Seeroti akka barbaachisaa tahett tartiiba beekamaa hordofuun jijjiramuu yk fooyyefamuu dandahu. Eegalee biran walitt qabaa aadaa Oromoo ulfeessuu dha.

Aadaan akkaataa jireenya shakala hawaasomaa keessaa dhalatu. Gosti garaagaraa, godinooti fi dhugeeffanooti aadaa walirraa bifa addaa qababaachuu dandahu, garuu shakala waloo kan dhaalmaan walitt qabaan jiru. Eegaleen birraa wajjiroota qondaalota kennatamaniin guutuu dha. Qondaaloti waliinjiroo saaniif itt gaafatama waan qabaniif akka dabi hin jiranne too’annoof ni tola. Eegaleen Oromummaa biroon murtii irra waliigalteen gahuu dha. Qabteen hundi hanga kan walgahan irratt waliigalanitt marihatamu. Sun waldhabdee yarsee tokkummaa dhimmaa jabeessa. Sagaleen murteessuun filmaata isa dhuaati. Eegaleen bira bulcha seeraa fudhachiisuuf naamusa cimaa qabachuu dha. Tissituu taraa irra kaasee hanga Abbaa gadaatt seera eeguuf itt gaafatama qabu. Yoo cabsan kan dheekkamsa seeraa jala bahuu dandahan hin jirani.

Eegaleen Oromummaa biraa of dandeetii fi of irratt hirkachuu ture. Waan jalqabee jireenyaaf barbaachisu irratt hunduu akka of dandahutu eegama. Dameen hawaasaa hundu rakkoo itt dhufu osoo naa birmadhaa hin jedhin akka jala dhaabbachuu dandahanitt caasaman. Oromoon addansummaa yaadaa fi caasaatt amana. Baalli shan kan biyya darabeen bulchan qabaachuun sanaaf tola ture. Soneessi keessaan madaalli akka eegamu Baallii bulchaaf qophaaweef isa bahu waliin tolfamu qaama addansummaa jennuu kana. Eegaleen barbaachisaan biraa ulfina mirga ilmoo nama fi uumaaf tolfamu. Mootummaan biyya bulchuu irra darbee walaboomaa noolaa keessa hin seenu. Ilmoo nama hundi osoo itt hin murteeffamin dhageeffatamuuf mirga qabu. Halagaan illee hanga maalummaan saanii beekamutt eegamuuf mirga qabu turani. Binoo hundi geergoo munyuuqxuu kahee hanga arba guddichaatt; margo, margaa kahee hanga muka dagaagaa hunda caalutt seeraan eegamoo dha. Sun hundu maalifaa akka qabaataniif nagaa fi araaraan ifsamuu qabu. Nagaan dhibamsa laalaa, shororkaa fi jeeqamaati. Araarrii nagaa, araaramaa fi aagii tufuun muldhatu. Tokkummaa miseensota hawaasaa, hawaasaa fi uumaa, hawaasaa fi Waaq gidduuf nagaa fi araarri barbaachisoo dha. Isaan tokkummaan sabaa ni argama. Tokkummaa sabaawaan argamsiisuuf hundu gara nagaa fi araaraatt hojjechuu qaba. Bilisummaa fi ofiin bulummaa sabaaf inni durfannoo dha.

Maree si’ana
Yeroo amma waa’een tokkummaa dhabuu Oromoo hedduutu dubbatama. Akka olitt kaafnett bilisa tahuuf tokkummaan Oromoof barbaacchisaa dha. Hanga yoonaa birmadummaa fi ofiin bulummaaf wareega daangaa hin qabne baase. Qabsoo kana keessas akkuma durii Oromoon diinaa kalchan jiru. Hangisi isaan kalchan wal caalus, akeeki hundaa tokkicha. Barruunqabi seenaan haatahu, shakala guyyuun, Habashaan waan saame nama biraaf hiruuf banaa miti. Garuu kalchitu hundi ayyaanlaallatoo waan tahaniif waa’een akeekaa isaan hin canqu. Waan bilisummaa saba saanii ilaalutt ejjennoon saanii koloneeffataa itt galanii adda hin tahu. Kanaaf faloo bahan malee qabsoo bilisummaa fi ofiin bulummaa keessatt garee tahuu hin dandahani.

Akaakuun tokkummaa feesisuu sabboonota kaayyoo sabichaa kan bilisummaa fi ofiin bulummaantt amanan gidduutt kan uumamu. Sun kan dandahamu warraaqxota naamusa fi muldhata ballaa qaban gidduutti. Jarrii mooraa kanaa baqatanii abbaa hirrootaa jala seenan bulcha yaaroo kan demokraasii irra akka filatan agarsiisan jechuu dha. Oromoon dudhaa demokraasii Gadaa Afriikichatt ni boona. Bulchitooti Itiyoophiyaa erga yeroon lakkaawamuutt kahee demokraasii waan fakkaatu shakalanii hin beekani. Akka isaan halkan tokkoon geddaramuu dandahan fakkeessanii dhiheessuun, namoota Oromoo tokkoo tokkoo, abbaltii ayyaan laallatummaa ofii dhossuuf karoorafame.  Oromoon demokraasiin akka koloneeffataa irra gad hin lolaane bareechee beeka. Kanaaf tokkummaan kanneen kaayyoof amanamoo tahanii fi demokraasii, bilisummaa fi ofiin bulummaaf dudhaman irra tumama.

Yeroo qabsoon bilisummaa eegale dargaggoo hundi gartokko hin turre. Kanneen biyyi keenya harka halagaa jalaa bahuu qabdi jedhanii fi kaneen finnaa empayerittii garaa laaffifanne, laalaa gahuu dandahun obsinee, atoomaan cuqursaa waliin jiraanna kan jedhanitt hiraman. Sun yaada Oromoo bakka lamatt bankaase. Galati kumoota lubbuu saanii biyya abbaatiif wareeganii hin badinii, jarri biyya halagaa harkaa baafachuu qabna jedhan akeeka saanitt cichanii karaa jalqaban irra turan. Kan nama gaddisiisu, akka gubbatt tuquu yaalle jaallewwan kanneen kufanii keessaa walii kakachuu irraanfatanii gara mooraa diinaatt kan mucucaatan jiraachuu dha.

Galtumman akkasii kaasaa hanga yoonaa sirritt hin beekamneef, hawaasa Oromoo keessatt ammas ammas deeddeebi’aa jira. Nammi tokkoo yeroo ofiin bulee ajaja halagaa malee lolachuu dandahu maaliif namaan bulee jiraachuu filata? Halagaa bira gorrun dirree dilii irraa isa hin hambisu, carraan du’aa akkuma yeroo ofiin bulee lolatu isaa eeggati. Seenaan galtoota durii akka raggaasutt halagaan erga dhimma itt bahee alanfatee tufuun beekamaa dha. Maaliif namooti akka battala saanii irra of halagoomsaan waan mataa nama nyaatu. Faarmullis naamaan bulaa akkasii dhalootaa dhaalootatti maaliif deddeebi’ee dhufa?  Gochi akkasii seenaa keessatt hedduu qabsoo sabaa hubee jira. Bara fudaalii namoota biyya walitt naqee dinni salphaatt injifannoo argatee ture. 

Barri kun bara teknoloojii iyyaatiiti. Injifannoon waraana guddaa fi meeshaa waraanaa gurguddaa qabaachuu irratt hin hudaawu. Kan waa’ee qabu iyyaatii fi dudhama  dhimma itt bahuuti. Si’ana, galtuu kumoota hiriirsaniif fedha ofii saba tokko irratt fe’uu hin dandahani. Kan fedha qabuuf maddi iyyaatii hundaaf banaa dha. Galtuunis sana beekti. Dinnii akka dagaagaa morgaa laafaa ( morgaa Achilles) qabu tahe beeku. Hatahu malee isaan raatessaa jala waan seenaniif, ajaja fokkuu isaan maskaa jiru fudhatanii ilaalaa gara badiisaatti dhiichaa jiru. Gipheen amma sammuu nama fi kochonchola inni uumee gidduudha. Namooti sodaa kochoncholota sanaa fi du’aa gad qabamanii jiraatan. Amma garu nammi kutannoon dudhamsa hangis (degree) olhaanaa agarsiisaa jira. Akka muuxannoo ammayyaatt yoo sodaan du’aa mo’ame kochoncholli kamuu eenyuunuu gad qabee jiraachisuu hin dandahu. Akkasit teknolojiin golgaa sibilaa koloneeffataa qaawwisiisee akka tokkoo kan biraa irra argee baratu tolchaa jira.  Akkasitt kolonummaa fi finnaan empayera bara warraaqsa iyyaatiif hin barbaachifnee tahuuf kan deeman.

Yeroo waa’ee diina Oromoo dubbannu isa alaa dhufu qofatt daangofnee miti. Seenaa keessatt isa beekamaa alaa dhufu irra inn keessaa caalaa akka hammaatu mirkanii dha. Ittisi Oromoo kan cabe gantoota sabaa, fulleen meeshaa itt naannefatanii fi kanneen iyyaatii keessaa diinaa kenaaniin ture. Erga halagichi kan fudhatu fudhatee booda hambaa harcaatuu funaannachuuf jedhanii yeroo sabi saanii itt barbaadutt gama weeraraa dhaabbachuu filatani.  Dhugaan jiru, halagaaf boojuu argamisiisuuf isaantu itt aarsaa tahee dugda ittisa saba saanii kute; hardhas kutaa kan jiru isanumaa.

Galtooti kun Oromoo qofaaf osoo hin tahin godinicha cabsuufis dhimma baasaniiruu ammas baasaa jiru. Qoodi saanii bakkayyuutt humna duubatt harrkiftuu fi roorrisaa tahanii tajaajiluu dha.  Isaaniif malee sabooti kibbaa bilisummaa saanii hin dhaban turani. Sababa saanii hedduutu Oromoon garaa walitti ciisuu dadhabe. Fuldurattis yoo tahe Oromoon bilisa bahee galtoota kana harka koloneeffataati baasu malee birmadummaa Oromoo qofa osoo hin tahin kan godinichaa abjuu badde taha. Lola kolonomaa keessatt Goobanaa Daaccee gootaa guddicha saba saa gane fi harka lammoota saa fuuncaan hidhee kan dabarse tahee bahee muldhata. Kanaaf ergasii Oromoon naaphatt galan goobanaa yk dhalaa taanaan goobanee jedhamanii kan moggaafamani. Goobanuun amma maaljechaa “goobana addeechaa”tt dabalatee “saba ganaa” tahee jira.  Kanaaf diinichi hundaa olii, halagaa koloneeffataa osoo hin tahin, galtuu Oromoo nyaaphaa kalchanii cunqursaa jalatt isa hambisaa jirani.

Of duba deebinee banka’uu ABO dura fi yero xinnoo isa boda ifsa malbeekotaa fi miseensoti ABO tokkoo tokkoo akkaataa godhatan yoo ilaaluu yaalle dhaamsa maaljechi saanii booddana ifaa dhufe qabu. ABOn goblaa lama qaba jedhame. Sun hedduu keenya waa’ee dhaaboti goblaa lama qabaachuu tibba Dargii himamaa bahe nu yaaddachiisa. Osoo inni hin beekin akka ABOn goblaa tokkoo kan lola jaallatuu fi goblaa birraa kan nagaan garaagarummaa fixchuu amanutu jira jedhee himame. Eenyufaa fi maaliif booqaan sun akka itt maxxanfame amma ifaa tahaa dhufaa jira. Garuu hoogganni ABO ulfina qabu kamuu murnooti akkasii jiraachuu “ dhugaa malee soba hin dubbadhu” jedhe yoo ni soba taha malee qubaa Waaqatt qabee hin kakatu. Dhuguma, amma kanneen akeeka sagantaa eegala kan 1998 foyya’e iraa hin mittiqnu jedhan jiru. Oromoon orma nagaa jaallatu. Ofiin buluu barbaaduuf lola jaallata jedhamuu hin qabu ture. Sana osoo hin tahin kan kolomsiisa halagaa duukaa bu’anii qajeelfamaa fi danbiilee dhaabaa micciiruun Oromoo akka saanii moggeessan safuu waan cabsaniif walitt dhufeenya kamiifi iyyuu amanamoo miti. Komeen dhihatellee dhugaa yoo tahe sun giroo goloota ABO alaa miti. Gochichii ABO qofa bankaase malee bu’aa sanaan walgitu nyaaphaaf malee tatotaa Oromoof hin galmeessine.

ABOn dhaaba Oromoo keessaa isa angafa fi guddicha. Balleessaan babbaqaquu saatiin dhufu of qofa osoo hin tahin sochii bilisummaa dimshaashaa irratt dhiibbaa haamtuu qaba.  Kanaaf of sirreessun saa sabichaaf bu’aa guddaa fidaa. Yeroo fi qabeenyi wal unkuruutt bade silaa sochicha miilla tokkoo fuusisa ture. Wal dhabdee akkasiin suukiin madaawe hangana hin jedhamu. Furmaati saa ofiffummaa irra ol tahanii kan hafe dandamachiisuu barbaada. Sochii ofii cimfachuun ulfinaa fi amanamummaa goloota kaan irraa argachuun kan dandahamu yoo amantee imaammata Oromiyaa irratt qaban cima tahe qofa. Kanneen ilaalchaan mooraa diinaatt galuu barbaadan karaa saani filatanii jiru. Akii, mooraama sana keessa kanneen beekaa osoo hin tahin akka tasaa mandhee sadoota qeyee fi sabgidduu keessatt of argan jiraachuun ni mala. Kanneeni yoo mandhicha keessaa futtaafatan mooraa qabsoo gabbisuu kan dandahan. 

“Halagaa waliin nyaadhuu, firatt garagalii liqimsi”, jedha Oromoon. Kanaaf fuula diinatt garagalee ture lammiitt yoo gargalchan qabsoo Oromoof dabalata. Gamasis gamanas kan jiran kanneen Jaala kiyya waliin jedha bahani. Bara hedduuf waliin diina irratt bobbahanii jiru. Dadhabbii fi jabina walii beekutu walirraa fageessaa jira malee telephona kaasaanii waanti kun orma keenya hubaa jiraa, haa mari’annu jechuullee ni dandahu. Halagaa dura walitt deemuutu qabsaawaa Oromoo nama tolcha. Kanaaf fuula fira irra garagale, gara firaatti deebisuutu tokkummaa qabsoo Oromoo eeguu dandaha.

ABOn dhaaba sirna demokraasiitiin ijarame. Miseensoti saa kan mindaan hojjetan osoo hin tahin kan fedhiin itt galan. Murteen kamuu kan bilisummaaf of wareegu dhufu hundi akka heera fi danbiilee dhaabatt kan irratt waliigale tahuu qaba. Murteen wayyabaan kennama. Korri kana murteessu sirna demokraasii keessaanlaalii  tahen kan filamu tahuu qaba. Innis akka dudhaa fi shakala demokraasii fi akka seera Kora akkasii ilaalutt waamamuu qaba. Korri akkasii heera haa tahuu seera dhaabichaa fooyyessuu fi jijjiruu ni dandaha. Karaan ABO dhaabi amantalaa sabboonaa tahee sanaa. Diinoti keessaa fi alaa qabee dhaabichaa lamaanuu, demokrasii fi amantalummaa hin jaallatani. Diinota beekamaniif Oromoo akkuma durii gadigaloo godhanii hambisuuf akeeki inni dhaabbatuu fi maqaan saas haqamuu qaba. Oromoo abba tokkeen fi murni tokkoo tokkoo maqaan saa haqamuun hayyama tola gara garaa fi sammuu ormaatt dabarsu waan argatan itt fakkaata. Garuu yaaliin lachuu eessayyuu hin gahanii ABOn ayyaamii ormichaan walfudhatee jira. Bu’uurri saa cirrachaa fi simintoo ayaanaa fi dhiiga loltoota bilisummaa dagaagoo garri caalan maqaan hin beekamneen makame. Oromoon ayyaana kanneen jalaa du’anii hin gatani. Alaabaa isaan qabatanii kufan yoo qilleensa keessa balaliisuu dadhaban garaa saanii keessa gadi fagooti balaliisu
Oromoon erga gargar bahee dhugeeffannoo adda addaa fudhatee jira. Haalli inni sana fudhate haala bilisummaan waliin jiraataa ture keessatt osoo hin tahin haala gargar facaa fi koloneeffamaa jalatt ture. Kanaaf aadaa saa akka qabiyyee walooti guutummaatti turfachuu hin dandeenye. Aadaa jarri dhugeeffannoo haaraa barsiisan biyya biyya saaniitii fudhatanii dhufan waliin fudhate. Kamtu aadaa dhaa kamtu dhugeeffannoo dhaa kan gargar baafatan yartuu turani. Sirna Gadaa jalatt dhugeeffannoo fi malbulchi caasaa addaa qabu turani. Tokkoo kan biraa keessa hin seenu. Bulchi Oromoo amantalaa (secular) ture jechuu dha.

Quba kaa’a kan hin se’amne irraa
ABOn kan Wayyaaneen heera saatt waa’ee mirga sabi hiree saa ofin murteeffachuut  galche qabsoo Oromootii fi kanneen dantaa walfakaataa qabaniin jedha. Mootiin Eertiraa fi Amaarri garuu Itiyoophiyaa facaasuuf sana tolche jedhu. Heera Wayyaanee angoo 39 akka hamaa tokkummaa Itiyoophiyaa irratt xiyyeefateett fudhatu ( iyya’a Isaayyaas Afewarqii Waxabajii 10/07 tolche laalaa). Barlabsiin guyyaa hin qabne sun akeeka iyya’ichaa qola saa irratt calaqqisa. Achi irratt Afaan Amaaraa, Tigree fi Englishiitiin halluu magariisaa, keelloon waliirraa jalaan “Itiyoophiyaa tokkummaan see eegamef qabsaawuun ejjennoo keenya hin geeddaramnes” jedha.  Yoomii as Eertraan kan mallatoo Itiyoophiyaa dhaadhessuutt kaate? Yaayyoti qola duraa fi duubaa keessaa fi alaa irra jiran kan abbalamaniif caalaa dubbatu. Sadoon 1991 warraaqsa Oromoo fi dandamata Amaaraa hankaaksuuf tolfame ifaa ture. Amma maltuu hanga tokkoo yaada jijjirrachuu fide? “kan galaanni nyaachuuf kahe kobbacha qabata” isa jedhanii laata.

Presidantichi “Kan nama maalalchiisu Itiyoophiyaa keessatt akka lammii fi dhaadhessa mararfannoo sabjaleett hiramuun, mullatee kan hin beekne tahuu dha” jedhee ofnyaata. Jechi kun akka Presidant Isaayyaas “Ityophiyaa tokkoo yk du’a” Wayyaane dura ture mararfatu agarsiisa. Sun “dhalota demokratawaa haaraa Afrika” kan jedhamee saadamuuf imperiyaalummaa hin tahuu laata? 1992 Wayyaanee tumsee Waranaa Bilisummaa Oromoo (WBO) mooraa galchuu fi barbadeessuuf suduudaan qooda fudhachuun saa yaada duruu Oromiyaa empayera Itiyophiyaa jalaa akka hin baane guduunfatee laata? Keessumoota  saa ABO keessa jiraniif tuffii qabaaf moo kanumaan walii galan? Kan nama dhibu Wayyaaneenis gidduma sana Eertiraatt yoo humni alaa itt bu’e kan dafee irra ittisuuf gahu nuwi jedha. Sun eejjennoo itt yaadamee labsamee moo akka Presidantiin Eertraa jedhutt hololaa bu’aa hin qabne? 

Akka jirutt lamaanu, “Harreen waldhiitt malee ilkaan walirraa hin fixxu” kan jedhan fakkaata. Sunis  tahee, empayera akeeki ABO diiguu tahe, Shaabiyaan faallaa saa akka jirutt tursuu deggera. Wayyaaneen Oromiyaa akka ofiin jiroo tokkooti mirga hiree sabumaa ofii ofiin murteeffachuu saa beekuus ni balaaleffata. Yooma erbaala qofarratt taheyyuu akka akeekaati isa kam wayya? kan mirga namaa beeke moo kan balaaleffatutu filatamaa? Wayyaaneen bala’amaa akka tahe beekna. Amma Shaabiyyaan kan isa irra hammaatu tahee as bahe. Hundu waan godhan kan godhaniif Oromoof osoo hin tahin dantaa saba saaniif. Kan Isaayyaas abbalaa jiru kanneen mirga keenya mararfannu, kan isinii beeke jeedhuuf akka tumsinuuf laataa? Wayyaanee irrattii fi Wayyaaneef kan akka fedhuti furgaasu cittuu ABO garlachuu banaa tahe tokkoo ofarkaa qaba. Gamaa fi gamasii akka WBO fi akka Adda Jaalbiyyoota Itiyyophiyaatt walitt nu diruufii laataa? Kun baasaa haaraa maalalchiisaa godinicha yaadchisuu dandahu .

Yero haala orma Tigray kan hafaniin walitt ilaalee xiinxalu Presidantichi, ABUT akka Tigraayiin hunda caalaa miidhe godhee quuqama. Waa’ee Oromiyaa kan nammi see kaasaa malee itt adamfamu fi ormi maqaa indoon (investiment) lafa saa irra buqifamuu hin dhahu. Oromoon Gullallee, Sulultaa, Meettaa Eekkaa kkf. naannaa Finfinnee weerartuuf gaddhiisisuuf mana saanii buqqifamanii ari’amaa jiru. Indosoti kan durfannoo hojii kennan kanneen buqqifamaniif osoo hin tahin kan finnaa biraa dhufaniif. Bosonni uumaa kan bara ABUT fi EPLF michuu turan gad ciramuu jalqabe ammas itt fufaa jira. Obbo Presidantiin sana beeku garuu homaa irratt hin jenne. Kolonii jechuun kanuma jechuu dha jedhee amanuunii laata? Tigraway isa waliin Afaan tokkoo waan dubbatanii fi dhugeeffanno tokkoo waan qabaniif moo, ollummaamaa fi tirummaafi laata? Caasjaleen Tigraayif Oromoo dhabisiisanii ballinaan misoomsaafii jiru; Presidantiin staatistikii sabaawaa fi sabgidduu hin agarre tahinnaa? Caasjaleen sun dhaloota orma Tigraayiif ABUT duba hin hafanii laata?

Isaayyaas, Oromoon mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga ofiibulummatt gaafachuun wareegama guddaa baasuu saa beeka. Ammas Wayyaaneen akka lafa irra haxawaanii jiru beeka. Orommon haala duree tokkoo malee qabsoo bilisummaa Eertiraaf deggersa kennee ture. Iyya’a jedhame keessatt deggersa Oromoon kenneef beekuun saa kan galateeffachiisu. Oromoonis qulqulluma garaan deggersa haala duree hin qabne irra argachuu barbaade. Iyyaatii kenne irra Presidentichii duubatt deebi’ee gaabbaan waan ilaalu kan qabu fakkaata. Kan fedhe haa tahuu koloneeffamuu kibbaatt akka Eertrot Baddaa hedduu baasaanii bu’a argames hirmatanii turani beekna. Kanaaf roorrisaa kamuu dabaa dhaalmaan argate eeggachuun akka itt fakkaata. Garuu nuti wallaalummaan hidda handhuuraa erga awwaalamee barri meeqa darbe sana kan irraanfate seene. Nuwis akka gabbarummaa Habashaaf dhalanne osoo hin tahin saba bilisoomuuf mirga qabnu godhee nu ilaala seene turre.

Akka sarettiin jetti, “beekaa huuba waliin nyaanna”. Obbo Presidant madaa duriiti soogidda riguu haa dhiifnu. Oromoon gara laafessa malee daallicha miti.  Daa’immi saaniillee haala gaalchaan beekti. Habashaa fi fakkaattiin saanii tokkummaa fi bilisummaa Oromiyaa waan hedduuf jibbu. Guddina saaf, yoo walabummaan gaddhiifame qabeenya jala jiru ofii fixee hambaanillee hin haftu se’uu. Kanaaf isa beelessanii gara caalu ofii fudhachuun qoonqoo saanii albaadhessa sana guutuu fedhu. Ormi guddaan akka saanii yoo tokkoome gad qabamuu hin dandahu, fedha saa abbaa barbaade fudhachiisuu dandaha jedhanii sodaatu. Akka Oromoon nagaa jaallatuu fi taasisa tasgabii godinaa tahuu dandahu beeku. Hanga yoonaa shororkaa godinaa keessaa bu’aa argataa bahan malee tasgabii olhantummaan saanii itt hin mirkanoofneef muuxannoo hin qabani. Qabeenya Oromoo akka garaa seenanii boxxoboxuu dhowwamna jedhani sodatu. Jaarraa tokkoo oliif Oromiyaan akka madda waatattaa dheedhii, humna tolaa fi bushaa, homisha saaniif gabaa guddaa fi carraa hiyyeessa saaniif Oromiyaa keessatt hojii argamsiisuutt tajaajilaa bahe. Hunda caalaammoo raayyaa nama nyaataa biyya ittiin qabataniif burqaa galtuu dhuma hin qanee hanga yoonaa Qarooraa kaasee hanga manyaa Hindiitt waan itt dhufe barbadeessaa jiratuuti. 

Ammas Presidantichi, Oromiyaan Habashaa jalaa bahuu hin qabdu jechaa jira. Kun sadarkaa Oromiyaan Habashaa jala itti jirtu wallaaluun hin fakkaatu. Qunnamtii dheeraa ABO waliin qabun sagantaa saa hafee akka hogganooti saa garri tokkoo afura itt baafatan illee beeka. Presidantichii malbulcheessaa Afrikaa, waan heedduu beeku akka tahe kan mamu hin jiru. Nut ormii, empayera Itiyoophiyaa keessatt hidhamnee jirru, abbaa hirree keessaa haatahuu halagaa, ceekuu ittiin baanu si’achii hin qabnu. Oromoon, gadgaloo tahee, halagaa kam jalayyuu jiraachuuf danddeettiin saa akka dhumateef hundaan beekamuu qaba. Oromiyaan kan Oromiyootaat. “Biyya tokko Waaq jalaatt kan hin biinxamne”.  Akka Oromoon duubatt deebe’ee qaabarreessa saa ilaallu waan qaabachiiseef Obbo Presidentii galateeffamuu qaba. Kun kan amma kahuu barbaachiseef kaayyoo qabsoo Oromoo kan uugu golee hin eegamnee ifaan gadi bahuu saati.  

Waldhabdee furuu
Rakkina qabsoo Oromoo keessatt dhalate furuuf murni hunduu dhiibbaa halagaa jala walaba tahuu saanii mirkaneessuu qabu. Dhaabi qaama Oromoo irra dantaa qabutt hirkatu kan biyyaa hafee ofiifuu mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu qabaachuun saa mamsiisaa dha. Akkasumas yaadanii waa hojjechuuf boqonnaan barbaachisaa dhaa. Sammuun yeroo hunda ibda dhaamsutt of qabe ni ababbara malee waan dhimma baasu irratt xiyyeeffachuu hin dandahu. Jaarmaa cimfachuu haa tahu yaada haaromfachuun yeroo ofii kennu barbaada. Osoo jaarmaa cimaan jiraate suun waan ofiin dhufu ture. Ofti hirkachuu fi yaadanii hojjechuun jalqabamnaan Oromoon waldhabe walitt deebi’uun hin dhibu. Garaa qulqulluun dhibdee Oromoo furuu fi fedha qabaachuu qofa barbaada. Qulqullummii fi fedhi jira yoo jennee fudhanne murnooti wal dhaban gad taahanii rakoo qaban waliin fala itt barbaaduu qabu. Isa duuba gufuu rakkina itt fidan of duraa kaasuu dha. Akka sirna demokraasiitt Kora Sabaa dhaabuu dha. Tokkoo yaada kee jijjiradhu jedhee kan biraa gaafachuun barbaachisaa hin tahu. Yaadi waldhabsiisan murtee Kora akka jedhamett waamameen murteeffama. Kan Korri murteessu, hunduu kan hojiitt furamu taha, Waaq hin jedhiin malee, yoo harka kennachuullee tahe.

Sana duuba yaa’iin araaraa fi walii galtee nagaa buusuuf ni waamama. Nagaa fi araarri eegalee cimoo Oromummaati. Achirraa hunduu amba fulduratt kakatanii akka kakichaatt hojiin jalqabama. Yaa’iin araaraa fi waliigala tokkoo qophaawee hunduu saba baldhaa duratt irbu seenee hojiitt kaha. Yaadi salphaan kun gowwumma irra kan madde miti. Hunduu qabsoo ilaalchisee ulfinaan waan tolchuu dandahanii fi hin dandeenye hubatanii jiru. Yoo sun irra deebi’anii ilaaluu isaan hin dandeessifne gargar cabichi sababa isa mullatuun adda tahe qaba jechuu dha. Kanaaf kan kaayyoo ganama gad hin dhiisu jedhutu karaa dhihate kanarra itt fufa jechuu dha. 

Haddhaa waldoota baqattootaa akka, hawaasaa, dhugeeffannoo, ogeeyyii kkf. keessatt biifamaa bahee agarree jirra. Isaan waldooti baqaqanii jiru. Kaan laashaa’anii sosso’uu dhadhabaniiru. Hundinu Oromoon akka waliin tokkummaan gara kaayyoo saatti hin deemne dadhabsiisuuf ture. Kan sana tolchu humna keessaa qofa osoo hin tahin sadoon alaas kan dhimma itt bahu akka jiru ciicachiisa.

Dhuma Adoolessaa 2007,  namooti Shanee Gumii, Gumaa ABO Asmaraa buufatee wakkalla jedhan, Ilmaan Oromoo isaaniin morman haddheessanii gaaddisa faranjiitt geessanii turan. Garuu hedduu osoo hin jedhamin dubbichi cufame. Ayyaanni dabaan kufootaa akka inni itt fufu hin hayyamne. Kanaaf malee manooti waldhaansaa fi seeraa biyya faranjii akka marrumaanii walkeessaa yaa’uun beekamoo dha. Kan asitt kana dhiheessinuuf jette jetteen faallaa tokkummaa Oromoo irratt xiyyeeffataman dhugaan osoo hin beekamin akka irra hin darbamneefi. Kun kan jalqabaa tahuu dandaha; akka qabsichi qaramaa dhufuun caalaan gadbahuu ni mala. Tarreessoo dhihate irratt haddheesichi abba tokkooti haddheeffaman “ABO of fakkeessanii dhihaachuun miseensota ABO fi  ‘bu’ura baalchota’ kiyya hatuuf anjaa dinagdee kiyya keessa galanii” jedha. Akkasumas “fedha misha” (goodwill) kiyyati dhimma bahuu barbaadan yoo jedhu “Since 1974 OLF has devoted substencial resources to developing goodwill with respect to its efforts to liberate Oromo.” jedha. Sana jechuun “ Erga 1974 ABOn ifaajee saa Oromoo bilisa baasuuf tolchu waan ilaalu irratt fedha misha horachuuf qabeenya hangas hin jedhamnen itt baase”, jechuu dha.

Oromoon dubbiin kun qabsoo irratt dhiibaa maalii qabachuu dandaha jedhee gad fageessee ilaaluu qaba. ABOn akka dhaaba bilisummaatt jaalala kan horate qabsoo fi wareegama miseensoti, deggertootii fi ormi Oromoo itt baasaniin malee qabeenya gara gaggalchuun miti. Akki ifsi itt kenname ABOf qabsoon malbulchaa barbaachisaa akka hin taane fi wareegammi sun hunddi bu’aa akka waan dhimma hin baafneett bishaan itt naquu taha. Qabsaawota Oromoo keessa maqaa goototaan malee maqaa baalchaan kan dhaadatu dhagahamee hin beeku . Kanneen amma haddheeffaman ABO leelloo argamsiisuu keessaa gumaacha hin qabnii laata? Gumaachi maaliin madaalama? Yoo xiqqaate tokkoon saanii kan ABO keessaa, eenyuu miseensummaan angafummaa himachuu hin dandeenye taha. Oromoo gaaddisatt harkifaman waa’eema Oromoo irratt kan beekanii fi itt dhagahamu dubbachuuf malee, ergama biraa hin qaban turani. Orma Oromoof sun gargarummaa murnootaa hedduu afarsamu irratt carraa iyyaatii barbaachisu argatu ture. Kanaaf dantaa Oromoo irratt hamaa uumu hin qabu ture. Garuu haalicha duuba yaadi bartuu tokkoon kenname darii kan darbee fi hagam akka gadi buune kan agarsiisu ture.

Akkuma waan hedduu dubbiin kunis sirritt hin qabamne. Mana seeraa dhaqanii tarreessoo (faayila) banuun duubiin saa maalitt akka geessu sabichaaf bu’aa fi kisaaraan saa maal akka tahuu dandahu hin ilaalamne. Gara lachanuu “bu’uura baalchotaa” ballisuun horii kumoota hedduutu seerbeekota halagaaf gumaachame. Hoogganooti rakkinna guddaa fuldura keenya jiru nu ceesisu jennee abdannu akkam waan xinnoo kanaan hedamu? Sochiin bilisummaa waan tolchu hunda dantaa sabichaan walitt ilaaluu qaba. Dantaan abba tokkootaa fi murnaa, sana dursuu hin qabani. Dubbii sun tuqateen hololli walirratt deemsifamuuf deemu heera, seeraa fi safuu Oromoo macalaqsuuf deema. Nammi sana ajaje tolaa inni fiduuf qofaa osoo hin tahin badii inni tokkummaa qabsaawotaa fi maqaa gaarii sabichaa irratt fiduufis itt gaafatamu qaba. Yaa’ii malbulchaa sabboonotaa akka “bu’uura baalchaa”tt fudhachuunii fi “fedhi mishi” dhiiga fi dafqa Oromoo hundaan argame, akka waan horii baasuun argameett dhiheessuun qaanessaa fi duubatt harkisaa dha.

Kun ta’isa addaa kan waan taheef abba tokkeen itt gaafataman jiran jennee abdanna. Yeroo haamtuu kanaa kanneen bilisummaa jaallataniif filmaata tokkoo qofatu jira; innis waliin dhaabbatanii diina seenawaa keenya jala dhaabbachuu dha. Irra keessaan yoo laalin dubbiin gaaddisatt dhihaate yaaloo fakkaata. Garuu akeeki inni tuttuqe duubbee balleesu qabachuu dandaha. Nafii Gadaa ayyallaatt gad haree. Ammaaf dhumatee sabicha waan kolfaa tahuu irra oolchee jira. Durattis dharraa birmadummaa fi tokkummaa saaf qabu sammuu saa keessaa haquu aangoon kamuu hin dandeenye, hin dandahus.  Halgaan dubbii keenya keessa seenee akka nuti itt wal ilaaluu qabnu nuu faluu yaaluun arrabsoo dha. Arrabsoo dandahee kan callisu seexaa kan hin qabne qofa.

ABOn waan dandahamu of keessaa ergii xumuratee duuba marii ballaa qabsaawota Oromoo biro waliin gaggeeffachuutu irra eegama. Sunis akeeki THBO akkam yoo tolchan oofkaluu dandaha kan jedhu taha. Ammas dubbiin Oromoo daawitii dhaaba xixiqqoon utuu hin tahin ballisanii fagoo laalaan hubachuu barbaachisa. Sun waan hin taaneef hin qabu. Tokko tokkoon dhaabota Oromoo bu’uura dhokataa qabu taha. Garuu qoodi keenya waan hin muldhanne osoo hin tahin kan nutt muldhifame irratt dubbachuu dha. Akka sanaatt hundi saanii ammaaf maniin saanii inni qaraa biyya saanii amma harkaa hin qabne bilisa baasuu akka tahe ni qayyabatu. Garuu tokkoo tokkoo akka waan gola malbulchaa (political party) kan aangoo biyyaaf dorgomuu of godhu. Sanaaf karaa fagoon akka isaan hafu hubachuu dadhabu. Hanga yoonaa isaan keessaa akeeka ABOn fudhatee gad bahee ala kan dhiheesse hin jiru. Kan kanaa dura irra buusa dhugeeffannoo maqaa saatt dabale illee amma maqaa amantalaa fudhatee jira. Kanaaf hunduu si’aawina agarsiisan yoo hin taane akkaasaa ABO fakkaatu. Sun satoo irratt of ijaaran tahuu dandaha.

Erga hundi akeeka takka qabu jennee fudhana tahe rakkinichi isa muldhataa osoo hin tahin ofiffooma namoota dhabota kan hoogganan bira jira jechuu dha. Kanaaf furmaati akkaataa amala abba abbaa irra hanamu irratt xiyyeeffachuu qaba. Of hubachuun milla fuudha isa jalqabaati jechuu dha. Yoo sun furame bu’uurri dhokataan yaa’a keessa gad bahuu dandaha. Eeggannoon tolfamuu qabu waanti kan Oromiyaa bilisootu tahe qabsoo bilisummaatt as fidamee akka hin danqinee. Asi irratt kan dhimma itt bahamu kaayyoo bilisummaa qofa tahuu qaba. Addunyaa gunnuuffate keessa jiraanna. Nakkarooti keenya oogdii keenya keessa jiru. Haleellaa fi qophaawuuf waan halleen sadarkaa saanii yk kan isaanii oliitt of qopheessuu qabna. Osoo walirraa hin citin of gamaggamuunis barbaachisaa taha. Dhuma irratt yoo sabboonoti Oromoo tokkoo tahan jenne, rakkinni isaaniif yk isaaniin uumame furamee hawaasi akka deebi’ee jireenya nagaa fi atoomaan guute jirraachuuf  abdachuu jalqabu hedama.Yoo rakkinni ture kan hawaasa Oromoo alaa dhufe tahe waliin jala dhaabbachuuf carraa gaarii taha.

Osoo xumuratt hin dhufin eenyu faan akka tokkummaa fi walabummaa Oromoon morman yoo ilaalle tarkaanfii waldhabdee furuuf fudhanu irratt nu gargaara.  Tokkoffaa fi dursaan humna abbaa qabiyyee fi gurguddoo saba koloneeffataa kan ammayyuu Oromiyaan “guultii” keenya tahuuf uumamte jedhani amanan. Isaan waliin Oromoo karaa fokkuun bu’aa sirnicha irra argatanii fi goobanoota orma saanii irratt basaasantu argama. Angoti gurgudaan jalqabaa kaasanii koloneeffataa waliin akka hidhata qaban himamuu dandaha.

Hedduun saanii abbaan hirrootaa angoo irra turuuf isaanitt hirkatan akka anjaa qabaniifitt fudhatu. Mootummooti demkratawoon kan abbaawummaan saanii orma saaniif tahe seeraan waan bulaniif akka garaa micciruu kan hin dandahamne tahuu amanu. Oromoon mootumma demokraatawaa sirna gadaa irratt hundaawe dhaabbachuuf gaafattii abdiin eeggataa jira. Diingaddee fi malbulcha baaqulaawe keessatt akkasumas ‘walitt bu’a aadota’ irratt hidhata amansiisaa tahu saa ni ciicatu. Kanneen biraa Oromoo dhiiga qulqulluu harka irra qabachuu saaniif dorsisa halagaatt saaxilamani. Kanneen waliin halagaaf gugguufuu malee filmati biraa kan itt hin mullannetu argama. Gardhabooti dudhama saaniitt jabina dhabuun abbaan fedhe salphaatt gara barbaadett oofu tokkummaa fi qabsoo ofiin bulummaa Oromoo hankaaksuu irratt waan gumaachan qabu. Toftaan jarri akkasii baasaan tarsimmoo hamajaajii gabbisee tokkummaa sabaawaa huba.

Kanneen biraammoo baasanii jechuu sodan garaa saanitt Oromoo mit jechuun of haalani. Jara akkasii keessa nuti koloneeffataa gadiidha kan jedhan sammuun saanii hin walaboomnetu argama. Ammayyuu sammuu garbummaa keessa jiratu. Kaan kaan saanii durdurii yeroo hin beekamne irra gaddhufe dhahachuun bakka biraa akka dhufan himachuu kajeelu. Yaroon Orommo salphisuu irratt koloneeffataa tumsanii Oromoo akka gadigaloott salphisaa bahan jiru. Oromiyaa bilisomte waliin hagam demokratoftu fi dandeessuu taatullee jiraachuun itt hin muldhatu. Jarri akkasii yaroo hacuucoo waliin jiraachutu caalaa itt tola. Dhuma irratt tarree kana gabaabsuuf warraaqxota Oromoo qabsoon nuffisiifnaan hankaaksitoota bira dhaabbachuun warraaqsi Oromoo akka dacha’u gargaaraa jiran dabaluu dandeenya. Abdiin keenya jecha “dantaa dhaabbataa malee diinni dhaabbataan hin jiru” jedhu. Of qayyabachiisuu fi injifannoon bahuuf kanneen dhugaa fi qajeeltuun gara saanii tahe, beekumsi, dudhammi, kutannoon, Oromummaaf amanamaa tahu fi kan qabanitt cichuu barbachisa. Yoos nagaa fi araarri bu’a.

Xumura
Akka kanaa olitt kaafne Oromoon orma biyya tokkoo, afaan tokkoo, kaayyoo tokkoo, madda tokkoo, seenaa tokkoo, ilaalcha jireenyaa tokkoo, wiirtuu hacuuccaa tokkoo fi jaalala birmadummaa walfakkaataa tokkoo, qaccee aadaa dhahatu tokkoo, saba qabu. Hunduu lafa fi qabeenya saamanii isaanis qabeenyummaatt geeddaramuun halagaan bulaa jiraatan. Tuffiin gad ilaalalanii salphina guddaa hunda irraan gaahaa kan bahan humnoota halagaa saba tokkoo fi michoota saaniiti. Ulfina argachuuf ofiin buluun dirqii dha. Halagaa dantaan saa kan Oromoon walficilu irratt hirkachuu fi tokkoon buluun jireenya salphina dheeressa. Oromoon kolonummaa bahuu qofaaf hin qabsaawu; dhukkuba, jeejee, deega, doofummaa fi garbooma isa faalef furmaata argachuu qaba. Kallachi qabsoo saa ABOn ammayyuu bakka yaadamu hin geenye. Haa tahu malee akka inni wareegama guddaa baasee ofbara sabichaaf gumaache haaluun hin dandhamu; akkasumas angoo cimaatt of jijjiiree akeeka dhaabbateef fiixaan baasuuf of jijjiruu kan dandeessisu gidoo ripha qabachuun saa ifaa dha.

Oromoon roga jireenya saa hundaatt addansummaatt amana. Hiroon hawaasa Oromoo akka godinaa fi dhugeeffannoo ijoo cimaa Oromummaa haa tahan malee diinni akka ijoo laafaatt deddeebisee qossa’uu barbaada. Kan akka hiroota sanaatt Oromoo gargar facaasuu yaalan galtuu sammuu diinaa qabanii fi diina isaan duuba jiru qofa. Godinicha keessa kan akka orma Kuusaa demokratawaa tahanii fi miseensota saaniif mirga walabummaa fi walqixxummaa eegsisaniif hin jirani. Seenaama dhiheenyaa keessatt illee kan akka Oromoo aadaa, dudhaa, fi gurmeessa malbulcha demokraatawaa qabu akka Oromoo hin turre. Kanaaf kan inni hoogganoota munaaqoo, seenaan, sirna cunqursaa malee hin beekne irra waan baratu hin qabu.

Bu’aa ba’iin qabsoo haa jiratu malee tokkummaan Oromiyaa ammayyuu cimaa dha. Odaa Nabe ciminaa fi tokkummaa Oromiyaaf yaadatama. Tokkummaan sun kan yaadatamu Oromummaa qabeen saa, bulcha seeraa, aadaa walitt qabaa, mootummaa iddoosotaa, murtii waliigaltee, seera hojii irra oolchuu fi dudhaa saabaa hordoofuuf  naamusa cimaa, ofirratt hirkachuu abba tokkee hamma finnaatt ulfeessuu, mirga ilmoo nama fi naannaa uumaa kabaju fi kan tarreeffaman kana hundaaf maalifaa akka kennu nagaa fi araara buusu. Odaa Nabee duuba illee kanneen akeeka Oromummaa kudhamatan bara lola kolonummaa sirnaa fi atooma keessaa eeggachuun ciminaan diina dura dhaabbachuu dandahanii turan. Garuu dadhabini saba isaanif jabina dabalee kufaatii irra hin oolchine.

Nagaan dhiba laalaa, shororkaa fi jeequmsaati. Araarri naga kan araaramuu fi aagii tufuun muldhatu. Nagaa fi araaraa tokkumaa miseensota hawaasa gidduu, hawaasaa fi uumaa fi hawaasaaf Waaqa gidduuf barbaachisoo dha. Yeros tokkummaa sabaawaan argama. Tokkumaa  sabaawaa kan bilisummaa fi ofiin bulummaaf haala duree tahan argamsiisuuf hundu gara nagaa fi araaraatt hojjechuu qabu. Oromiyaan qabeenya uumaan soorettii fi ormi see godinicha keessa hoomishaa olhaanaa dha. Halagaan qabeenya kana fi Oromoo walumatt dhuunfachuuf irratt walfixa. Jecha Habashaa, “ka mony dajjii mofar yiqqorraxal” (kosii gowwaa keessaa gindoon murama) jedhu Oromoo hundi waan hubachuu qabu. Kan tokkummaa fi ofiinbulummaa Oromoon morman murnoota hedduu jira. Kosii ofii irra fagooti eeguun kan dandahamu yoo tokkummaan jiraate qofaa. Ormichi tokkoomee jira garuu tokkummaa dhabuu kanneen si hogganna jedhaniitu adeemsa gara bilisummaa bacanccarsiisaa jira. Fallisaa isaanuma irra eegama. Oromoon jaalala bilisummaa saa malee, orma kamiifuu jibba hin qabu. Birmadummaa Oromoo jechuun birmadummaa fi tokkummaa sabootaa fi sabaawota godinichaa jechuu dha.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Adoolessa 2007
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *