0

Gaggeessaa Gooltuu Hunda Salphisee

Mallas Taklee barataa caccistuu Universitii Hayila Sillaasee kan ture harka Dargitti bara dagaagoon Oromoo Taaddasaa Birruu fi Haayilu Raggaasaa ajjeefaman raawwate. Baratooti seenaa bara sanaa qoratan sabaa, sabummaa fi sabgiddummaa kami irraayyuu hata’anii galmee yeroo jara sanaan tokko ta’e keessatt arguun. Boombi uuman saa kan gooltu ta’e Finfinnee keessatt dhoofamaniif Mallas bara 1975 du’aan adabame. Laggasaa Zeenaawwii maqaa saa akka maqaa dirreett dhimma itt bahe. Barreessaan kun waajjira hojii saatt bomboti Galma Magaalaa Finfinnee fi Hoteela Waabe Shebelle erga dhohanii bulti hanga tokko duuba, utuu hin qabamin guyyaa tokko yk laman tokko dura argeenii ture. Gaafa sana nammi tokko naannaa Universitiiti akka polisiin dalasaa  universitii mummicha sente bilbillaan Mallas dhagahee ni birdhate. Yeros sababi hin beekamne. Guyyaa hanga tokko duuba qabamuun saa himame. Tarii nammi inni quunnamtii waliin qabu dhukaa sana keessaa harka qaba ta’a. Naannaa ajjeefama saa konkolaataa mana hidhaa darbaa jirtu keessaa ani qulqulluu dhaa jedhee isaa iyyu nammooti dhagahan turani. Sana jedhus qajeeltuu qoqqobamee qalamee. Laggasaan maqaa saa boollaa olitt hambisee ummata Finfinnee fi isaa achii haaloo fi si’aayinaan gocha goolii Mallasaan itt haddheeffame itt fufee.  Waaninni Finfinnee utuu hin qabatin dirree dilii Tigray keessatt tolche hin hedin isaa as ganna digdamaaf harka saa dhiigaan dhiqatee.

Laggasaan gocha goolii sanaa keessaa harka hin qabu jedhanii guutummatt dubbachuuf nama dhiba. Mallas kan ajjeefame waan sana tolcheef osoo hin ta’in kan tolchan dhose jedhamee ta’uun ni mala. Erga jara Mallas ajjeese irra angoo butatee Laggasaan jaala maqaa saa ayyaan qabeessa sana irra ergifate faarseenii hin beeku. Maaf yeroo nagaa irra qollifate laata? Maaf yaadannoon hin tolfamneef? Kun gaafii Laggasaan kan sadan keessaa tahuu hin danda’uu laata jedhu kaasaa? Kana irratt dabalee gaggabi erga angoo qabatee gooliif qabu keessisaa hamaa maaliifuu hin hille ta’uu agarsiisa. Hanga humni hin beekamne lafaan dhahutt ajjeessuu hin dhaabne. Tarreen qoomaa ture. Oromo Oromiyaa keessaa utuu hin haaxaa’ee hin fixin obbaafate. Ekeraan saa Oromiyaa keessatt hafee lubbuu inni gocha gooltummaan fixe itti iyyaa jiraatti.

“Atse” Mallas sabota cunqurfamoo akka Oromo, Sidamaa, Somali, Mazhangir, Gambeela kkf. irra namoota lakkoofsa hin qabne ajjeesuu saa irrayyuu ummatota saanii haaloon goolaa bahe. Duula gooltuu addunyaa irratt tolfama jedhameef goolii balleessuuf utuu hin ta’in dharraa gooliif qabu bahachuuf fedhaa ta’ee. Du’a duuballee dharraa saa sanaaf golee fi abba tokkeen hin yaadamne irra faarsa argate. Anaa hamaru kan jedhanis jiru. Akka harga mirgaa saanii fi keettoo saanii qaroo ta’uusaaf farsanii.  Eeyyee akka sana ture;ummatooti Itiyoopiyaa hundi sana ta’uu saa ni amanu.  Namoota alaa fi golfofoota itt gooji’an yoo hin taane akka kan ofiiti kan fudhatan hin turre. 

Firooti Mallas du’e awwaala finnaa argachuu saatiif ayyaan qabeessota. Kan isaan dura turan ja’an keessaa dubartii nagaa tokko qofatu kan akka saa argate. Isa caalaa hamaa kan ta’anis hin turre. Mallas amma du’eera. Ofirraa hamaa ittisuu hin danda’u. Sanaaf malee daba reeffa saa irratt tolfamuuf callisee hin laalu ture. Hundu beekuun, ildiima saatiinis goolamaa jiraatan. Amma akka gumaa daldalaatt dhimma itt bahuuf ayyaana argatani. Sanaan abbaa hirrummaa saa itt fufuuf seera’ummaa kan argatan itt fakkaata. Garuu maqii hin furamne itt tolchee kan inni dhiise jiru. Du’a duuballee isaanii ol tahuu agarsiisuuf waan mararfannoon qabaataa ture itt hin dhiisuu.

Jara bolola aango qabu of duubatt dhiiseef Malas hedduu itt guddata. Jija saa ol kaasanii afarsun akka dandeettii saanii mamsiisaa taasisu hin huubanne. Yadaa durumaa jiru kan isaan “robot” akka inni fedhett tajaajilan jedhu mirkaneessani. Du’uun saa hafee utu jiraateellee sana caalaa biyyattii itt fufee akka turett mo’uun rakkisaa ta’a ture. Akka kobbachi hin buruqne gochuuf mala qabu hunda fixate akkuma abbaa hirroota hundaa irraangadee konkolaachuu eegalaa ture. Ummatooti abbaa hirrummaa fi jireenya gadadoo innii fi EPRDF/TPLF saa irratt fe’an nuffee jira. Yoo yeroo gabaababduuf illee haa ta’u ummatoota gowwoomsaa jiraachuu fedhan waan haaraa baasuu qabu.

Mallas kanneen darban irra tolaan hojjete jira ta’aa. Garuu ummatooti Ityoophiyaa Mallasiin daga, gana, beela, dhukkuba, ajjeechaa, guraara, hidhaa, bitteen dhibamuu, biyyaa baafamuu fi buqqa’uun caalaa yaadatu. Mallas lafa irra fudhate dhiitee ari’uun kubbaniyyaa sooreyyii gabra gamaaf  maqaa misoomaan (misoma gooftolii golaa) kenne.  Magaalaa baballisee lafa Oromo kan caalaa basuutt gurgurate. Kan du’an ulfina dhabsiisuun awwaala garagalchee “investor” jedhamaniif laficha hire. Motummaan saa motummaa wabutootaa, waa butoota hangameessa miira safuu fi hoodaa hin beekne ture.  Callaatt geeddaruu danda’u taanaan kan itt dhufan hunda butatu.

Deggertooti saa erga inni aangoo qabate guddinni diinagdee jira jedhu. Guddinni akkasi moor diinagdeqorota (ekkonoomistoota) qofa irratt hafa. Guddina dhugaa kan ummatoota Itiyoophiyaa gargaaru osoo hin tahin guddina carraa dantaan alaa gabaa Afrikaa hulluuqe akka itt seenuu dandeessisu. Sanaaf kan Mallasiin akka arjaa, “sammuu qaroo gita addunyaa” fi dhibantaa Lixaa dhaalmaan akkeessamuu qabu dhiisee darbeett  gurgurachuu barbaadani. Akka inni Baha caalaa kaffaluufitt mucucaataa jiru ilaaluu didu.  Loltuu saa goolii waranuuf bobbaase. Tima sana keessatt dargaggoo Oromoo achibuuteen saanii hin baramne hedduutu argama. Reffa saanii raqa raamtuu barbaddaatu soorate. Gumaa baasuun hafee warratt eessa akka gahan illee hin himamne. Dudhaan alati hirmii nyaachisaniin. Du’i firaa kan nammi beeku utuu hirmii hin tufin nyaachuun Oromoof waan safuuti. Waanti mallasiif galfame hundi ummatoota empayera Itiyophiyaa birmadummaa jaallataniif kasaaraa ture. Dhimma empayeraatii keessatt FAT gar tokko irra goruuf sababi amansiisaan hin jiru ture. Booyicha Mallas irratt malbeektuun saa faarsa hammaa bahaa dhageessisuun see rorroo ummatoota cunqurfamoo fi goloota mormituu bulcha abbaa hirrummaa saa gadi qabutt lakkaawama. Sun safuu, farra demokratummaa fi namummaa bahaa ture. Bara Kilinton malbeektuumti kun “demokraatota dhaloota haaraa” jettee namoota demokraasiitt qoosan faarsuu fi jara biraa lola afarsoo jechuun sees ni yaadatama.  

Muyyooti, jalala Mallasiif qabanii ragaa ta’a jechuun ummata giddisiisanii akka fotografii ka’u gochaa turani. Ala bulootii fi dhukuffatooti wallaanoo jirani illee sana irra hin hafne. “Abba saanii” arjichaa bahanii gadoodan. Hundu akka bakka tokkoo saganteeffameett gadoodaa turan. Ummatoota empayerichaaf sun waan haaraa hin turre. Gadda intala, ilmoota fi nitii Haayila Sillaasee irratt dur dur arganiiru. Qotee bulaan maqaa saaniillee dhagahee hin beekne akka bahee bo’uu fi yeroo dheeraaf gadduu tolfame. Garagarummaan saa jarri amma akki itt bo’anii fi xexxebi dhimma itt bahan golee empayeraa hundatt tokkuma, inni durii garuu akka fedhanitt bo’uu turani. 

Eenyuu kan isa guraareef maliif bo’a? Waan hin fedhne akka godhan kan dirqisiisan kanneen bilisummaa kan barbaadan foo’achuu fi of ifsuutt hin amanne qofa. Kanneen Mallasiif gadduu saaniif galateeffataman keessa “ulfaato alabuloota” kan jedhu addanjiroo akka “ulfaatoo ummatoota Itiyoophiyaa”n walqixee dhahame.  Alabulummaan diinaggee dagaage jedhame afarsame keessatt kan karoorfame turee laata? Hangammeessa eenyuutiin kan alabulummaan “ulfataa” jedhame? Deegaa polisiin golee adda addaa yaasee gadda hooggana saaniif hiriirsett qoosuu itt fufuu saatii laata? Kan hiyyeeyyiin alabulummaa saaniif hayyamuu saaf Mallasiin iyyaafata “pressii” irratt akka galateeffatan godhan itt hanqateetuu laata? Qaaqa du’a Mallas caalaa maaltu namummaa bahaa, qaanessaa fi roorrisaa taha laata? Itiyoophiyaa keessatt dilaan alabulaa ta’uun bulcha badiisa irraa maddaa. Imaammata qabeenya harka gurguddoo mootummaa fi jalee saanii keessatt cunqeessuun gumii dafqee jiratu qullaatt hambisuu irra dhufa.  

Dirree lolaatt akka tokko tokko jedhan Mallas jagna hin ta’u ta’a. Garuu dhaha hunda irra qaarsisee murna saa injifannoon ga’ee jira. Akkuma Finfinnee qabataniin kaasaan meeqa itt wareegaman ni irraanfatame. Kan ittiin morman salphinaan yoo tufaman ayyaanlaalattoota Mallasiif eegee raasan qofatu hafe. Jara sana kan amma akka fuuloo ta’uuf reeffa saa kan maganan. Sabaa fi sabummooti, kitillayyooti kun qorquu itt fufuuf aggammataa jiran haalicha fuggisiisuuf qophii gahaa hin qabani. Kanaaf bakka Mallas itt dhiisee ka’anii haleellaa haaraa itt fufuuf tuuti torbaa yeroo ga’aa argate. Hanga roorroon raawwatutt kan nagaa dhabsiisuuf bobba’aa jiru nagaa hin argatu.

EPRDF kan uuman dhaabota maqaa sabootaa fi sabumoota adda addaa dhahatani. Abba tokkooti dhaabota sana keessa jiran du’a Mallasiin sodaan saanii akka irra sokku ni hedama. Falfalli Mallas diigameera. Akka durii jarri amma jiran hedduun kan boojuun walitt qabaman miti. Kanaaf isaan keessaa enyummaa fi ulfina ofii kan eeggatan hin dhibamaniiti herregama. Jarri sun lakkoofsaan wayyaba waan ta’aniif walii tumsanii TPLFn kan biraan bakka buufachuu dandadahu xinxaltooti jedhan jiru. Gocha kana irratt doo’ii dinqisiisaan kan eegamu. TPLF utuu hin lolatin akka angoo gad hin dhiifnes ni hedamaa. Walii gallisaa kufaatii EPRDF fiduu waan dandahuuf sunimmoo kanneen dhiiga nama boorrataniif akka of ajjeesuutt ilaalamu danda’aa. Kanaaf akka inni itt saaqamu sirinyaan caqasuu dha.  

Waa’ee kan du’ee fi surraan saa akka itt rigatu barbaadanii dubbachuun nigaha. Haalli malbulchaa Gaanfa keessa jiru kan dhoohuu gahe fakkaata. Kan empayerittiis sana irra tolaa hin fakkaatu. Burjaajiif sochii dingataawaan kanneen dhimma itti bahuf qophii qaban qofa gargaara. Kanaaf kanneen hanga yoonaa mirga saanii jedhanii haleellaa fi qabamuun mormaa turan maal gochuu danda’uu? Yoo tole kan isaan gochuu qaban mana ofii qulqulleeffatani cunqurfamtoota fi kanneen namummaa baafaman irra hamaa ittisuuf qophaawuudha. Yoo hin tolle hanga tokko dhufee isaan oolchutt gadoodaa jiraachuu dha. Fakmishoon sun Winiston Churchilii fi Haayila Sillaasee waliin kan yeroon itt darbe. Oromoon akkuma barsiisaa angafti tokko jedhe “Oromiyaa akka bulchamuu hin dandeenye gochuu dha”.  Hanga diinni diriira dhoofsisaatti gad dhufutt yk bittinfamutt qabsaawoti itt aggammachuu kan qaban sana.

Hunda dura qabsaawoti Oromo akka Oromoott of ilaaluu eegaluu qabu. Warroomsa fi barumsi kolonummaa jalatt argatan kan aadaa fi nafii halagaa sammuu keessa gad dhaabani. Sammu dhiqaan akkasii dhalootaa dhaloota keessa n hidda diriirfata dhufe. Kanaaf buqqisanii gatuun akka itt Oromoon addunyaa ilaaluun bakka buufsuu qabu.  Malraagi (philosophy) jireenyaa fi caasaa hawaasaa fi malbulchaa Oromoo qarooma Bahaa fi Dhihaa irra adda. Gadaan xumura walitti qabaa ilaalcha addunyaa saati. Afrikaawaa fi Kushaawaa dha. Qabsaawoti qabsoo saaniif irraa ka’a waloo ilaaluu qabuu. Hariiroo wal gidduu fi halagaa waliin ta’uuf  timjii irra hin qaxamuramne sararuu gafata. Bara akaakilee saanii safuu fi laguun sanaaf tajaajilaniiru. Ammas kanneen yoo haromfaman akeeka hawaasa Oromoo ammayyaa maskuu danda’u. Yoos qofa kan Oromoon akka Oromoott of ilaaluu jalqaban.  Amma ilaalcha waldhuunfata hin qabani. Kan sirni hawaasomsaa adda addaa keessa kaa’een walis ofis addunyaas ilaaluu waan yaalaniif bocii bordee jalaaa ta’a.

Hangammeessi hariiroon walkeessaa caasaa hawaasaa fi malbulchaa Oromoo akkasumas kan safuu fi mishoomaa, akkaataan garagarummaa walii dandahaa dhimma itt bahan, hariiroo akki itt qabanii fi jaalallii nagaa, araaraa, qajeeltuu fi jagnummaa kan darbe irra baratamuu qabu. Garagarummaan hubatamanii bakki saanii akkaa beekamu gochuu dha. Sana malee madda qoccolloo hin taanee fi gadabbummaa ta’uu dandahu. Akaakileen saanii hawaasaaf manii misha, kaayyoo saa, diriirsanii waldhabdee uumamuu dandahuuf furmaata lafa kaa’aniiru. Isaanitt deebi’uun Oromummaa haala ammayyaa keessatt deebisee si’eessuu danda’a.  Birmaduu fi walaba ta’uuf jaalalli biyyaa fi ummataa of qusannaa tokko malee muldhifamuu qaba.

Bilisummaan wareegama malee hoduu hin fedhu. Nammi tokko yoo sana mirkaneessuuf karaa wayyaa qabate yaada qabatamaa waliin gadi bahuu malee kanneen dirree qabsooti rakkataa jiraatan komachuun homaa hin baasuu. Kan danda’amu biraa, ofii itt darbanii bakkaan gahuu dha. Akka raagii tokko jedhett “Isa kaawwatu malee kan tolche bakka kopheen quuqxu hin beekuu”. Kanneen qaata dirree qabsoo keessa turan dhibeen guddina isaaniitt gufuu tahan maal akka tahan beeku.  Kanaaf qeeqi iyyaatii isa hin qabne, irra haanuuf hin gargaaruun ta’a. Sochiin bilisummaa bakka hallee hanqina qabeenya, humna nama, waatattaa, oguma fi luxxee galtuu fi keessaan jeeqamatu  rakkina itt fida. Kan yaada tolaa qaban naannaa itt utubuu dandeenya jedhanitt dhaqanii rakoo qaban akka furatan tumsuufii dha.

Waliigalatt sochiin bilisummaa jarmota fedhaan itt seenamani. Qabiyyeen saanii sabboonota wareegama isa dhumaa baasuuf galmeeffamani. Yoo fedhaa kan qaban itt dhaquu baatan jaarmichi kan manguddoo qofa tahee hafa. Tokko tokkoon dhalotaa manguddoon maaf aangoo dabarsuu didan jedhanii komachuu irra dhaqanii itt seenuun haaromsuu dhabuu saaniif of komachuu qabu. Hoggansa kan filatan miseensota. Kan jaallewwaniin filaman kanneen itt seenuun dudhamaa fi kutannoo olhaanaa agarsiisani. Si’ana dardarri maaliif hedduminaan akka itt hin seenne waan qoratamuu qabu. Kan galfati itt fufiisa jaarmotaa harka jiru hadheessuu baayyisuun akka isaan qabsoo kaayyoo ulfataa kana dhiisanii dacha’an akka gaafachuuti.  Kanaaf nammuu suukannii ofii dabarsanii ilaaluun kaasaaa ummata kanaa karaa fi akkaataa fulduratt furga’u danda’u soquu qaba. Gamnoommii fi dhugummaan irra haa haanuu. Oromoon akka waan dhaaba hin qabneett ilaaluun itti bahi saa sabboona mogolee buusuu fi diinatt of saaxiluu akka tahe hubachuun barbaachisaa dha. Rakkinni guddaa fi xinnoo qaba. Beccoo keessa ooluurra guddichatt bobba’uu dha. Gudaan furamnaan xinnoon ofiin of fura.

Mallas Taklee rorroo yeroo saa tureen mormee dhaabbachuu saaf dabaan kufaatt ilaalamaa hafaa. Namichi maqa isaa fudhate boombii dhukaasuun isa barbaadamu fakkaata. Hanga duuti isa dhaabutt Oromoo fi kan ittiin morman hunda ajjeechaa fi dorsisaan goolaa jiraate. Reffi saallee hunda tuffiif saaxile. Namaa boo’uun kan garaadhaa ka’u qabu ta’uutt beekama. Barana garuu ummatooti akka nama hin beeknee yk waggoolii digdamaaf jireenya saanii akka hamaatt hubaa kan tureef bo’uu dirqisiifamani. Simbirattii “baqaqan” jedhamtu kan nammi ittiin jedhe hunda irra deebitutt jijjiiramani. Kan barabaraan jiratu hin jiru. Yoo yeroon saa gahu kanneen kabajama ilmoo nama ulfoo ta’ett roorrisan waan tolchan hundaaf gaafatamuun hin ooltu. Kittillayyooti “Atsichaa” fi Dargii kanaaf ragaa dha. Abbaa hirree jireenya saa guutuu namoota nagaa fi birmadummaa jaallatan goolaa fi dhiiga saanii lolaasaa bahe ulfinaan gaggeessuun ilmaan namaaf salphisaa dha. Qabsoon bilisummaa sabaa hanga ummatooti hundi mirga saanii deeffatanitt itt fufa. Kan du’e nama hubuu hin danda’u; garuu hacuuccaa, guraara fi samichii inni dhaalchise raawwachuutu eegama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *