0

Dhimma Bilisummaa Oromoo

Oromoon walabummaa saanii gafachuun, kanneen fedhaa fi jibba Oromiyaa walabaa irraa qaban ququuquu eegalee jira. Kana irraa kan ka’e keessaa fi alaa sodaan kan itt bule ibidda birmadummaa kana dhaamsuuf hurrisaa jiru. Oromiyaa bilisoome jechuun carraa itt fufanii caalaa saamuu dhabuu; human saanii gatii bushaa fi homishaawaa dhabu; looltuu gita hin qabnes ni dhabu jechuu dha. Rakkina kanaa hunda jalatt warraaqsi Oromoo of bara cunqurfamoota koloneeffamoo sadarkaa lamuu deebi’ee gonka hin mugamnen gahee jira. Koloneeffataan bara dheeraaf sochiin akkasi akka hin ture haalaa bahe. Dargii, mootummaan Nugusicha bakka buhe maqaa ABO utuu hin dhahin raawwatee. Wayyaaneen gaaffii Oromoo beekee, gaafa empayeritt sirriitt harka galfachuu bare doomsuu malee filmata biraa in qabu turee. Sochiin dargaggoo Oromoo dhaloota warraaqaa sanaan jalqabame giidoo fi dudha guddaan itt fufee jira. Diinnis duula qaceefixa saa haaromsee, qaxaramtutt dhimma bahus dhabuunii hin dandeenye. Sodaa fi dorsisa malee nagan jiraachuuf Oromiyaan walaboomuu qabdi. Amma sossobii fi kalchi yk waci nyaaphaa, dhaloota haaraan bilisummatt dhiichu dowwuu hin dandahu.

Barri Nafxanyaa dullattii akka hin deebinettt sokkee jira. Diinni qawwee irratt dhuunfaa qabaachuunis waan yeroo gabaabduu taatii. Kanaaf addunyaan keessa jiraatan kan leellisu birmaduu fi homishaawoo ummata tahan, malee digaluu kan tahan miti. Sirna kute kan yaadanii fi kanneen of irratt amantee dhabuun yk ummatootaaf jibba qabachuu irraa kan kahe nyaaphaa kalchaa bahan, yeroon isaan waliin mitii. Iddoo sirnna bosose kan bu’u isa qabama raawwachiisu. Mirgi sabummaa ofii ofiin murteeffachuu Oromo, kan walabummaa dabalatu dhoofsisaaf waan dhihaatu miti. Golli, murna haa tahu abbatokkeen, fedha Oromoo diriira dhaadhessaa dhiheessuu dandahu hin juru. Kanneen miiltoo tahuu barabadan, dhoofsisa kamiifuu, akkamitt olloota Africa misha tahanii jiraachuu dabalatee, kan simachuu dandahuu Oromiyaa bilisa qofa. Barbaachisaan, mirgaa fi fedha walii walii ulfeessuu taha. Filmaata akkasii gochuu kan dandahan ummatoota bilisa qofaa. Kanaaf, garagarummaan yoo yeroon furmaata argachuu baate, lolli itt haanu kan tahuu, kanneen walabummaa fedhanii fi kan kolonumaa kabeebsame fedhanii fi koloneeffatoo isaanii kalchan gidduutt tahuuf adeemaa.

Kan beekamu qabu biraan, waan isaaniif tahu murteeffachuu kan dandahan Oromo qofa tahuu dha. Ofirroo fi karisooti dhimma nama biraa keessa lixanii borcuun callifameee hin darbamu. Oromiyaan kolonii waan taateef wareega fi filmaata hunda kan dursu, kolonummaan dhibamuu dha. Oromoo abba abbaan yoo hawwa ofii tahe koloneeffataa waliin tokkummaa ummachuun mirga saaniitii. Garu, altokkoon Oromiyaafis Itophiyaafis amanamoo tahuu hin dandahanii; gara filachuu qabu. Diina waliin tokkummaa ummachuun kan raajamu hin tahu. Fakkeenya Afrikaa tokko dhahuuf, Eertranoti yero jarri kaan walabummaa filatanii dhuma irrattis gaara seenan Itophiyaa waliin tokkummaa ummachuuf kan lolaa turan jiru. Finfinnee, Piyaassaa keessaallee hamma 1962tt waajjira qabu turan. Tokko mootummaa biratt kan galmaawe yoo tahu kaan garaa ummata saanii keessatt galmaawanii.

Himi tokko akka jedhutt, Eertranoti garii tokkummaa kan ummatan, kaan kan hin ummatin turan. Jarri tokkummaa dhaadannoo “Itophiyaa wayika’aa moot” jedhu bakkaan gahuuf Shaggar bahuuf xaxatan. Kanneen Tokkummaa hin taane yaada geeddarsiisuuf ofumaa dhama’anii turanii. Sana booda “Dhaqaa, Itophiyaas du’as ni argattuu” jedhan jedhama. Akkuma dhaqabameef haddheessaa sobaan hedduun salphifamanii yk guraarfamanii dhabamsiifaman. Saba ofii irraa Itophiyaatt kan baqatan hundi yaada ofii utuu hin jijjiirratin carraama jara kanaatu irra gahe. Hiree akkasii irraa kan dandamatu hin jiraatu; Goobana Daacee guddichillee!

Oromoon si’ana jara tokkummaa fi mooraa walabummaa irraa addaan baafachuu dadhabaa jiru. OPDOn illee Tokummaa fi kalchutuu tahee uumamus sabboonaa tahe yaalaa jira. Oromoon “Tokkummaa” fi kalchitooti, wacaa fi dira’ina guddatu. Gaaddisa hunda jala of dhossuu yk gaararraawuu dandahu. Qabsoon akka tiratu tolchanuu, ummata sagaleen hin dhagahamne dharraa walabummaa qabu wayyabicha gara ofiitt hawwachuu hin dandeenye. Nyaaphaa kalchituun ulfina hin qabdu; kanaaf yeroo eenyummaa fi ulfinni ummata Oromoo keettolii dhibantoota saaniin haleelamu calisanii yoo irra darban mullatu.

Malbulchesitooti Oromo tokko tokko ejjennoo saanii dhugaa argachuf ammalee obonboleett keessa seenanii gadi galuu dadhabaa jiru.Sana yaaluu mannaa qabsoo muummicha butanii karaa irraa maqsuuf yoo ifaja’an argamu. Kanaaf qabsoon farra kolonii hankaaksa luuxxee galtuu fi ayyaan laallattuuf saxilamaa jira. Dargaggoon Oromoo jaatamoota keessaa kaasanii ashkarummaa fi utu hin tahin walabummaaf wareegamaa hardha gahani. Bara kana qooqi walabummaa jedhamu dubbii taasifamu keessaa hambifamaa jira. Toko took hambisamuun saa tooftaaf jechuu fedhu. Garuu tooftaan tarsimoo beekamu of duubaa hin qabne qooqa duwwaa hundee hin qabne. Walabummaan yoo tarsimoo tahe tooftaabaafachuun kan dandahu, nammi tokko duubbee Oromoo dhimma baasuu dandahu yoo qabaate. Hedduu kan yaaddessu “sirrooma malbulchaa” dhabnaa laata jechuu dha; yaada gooftoliin saanii hin feenett bu’uu. Kaan kaaniif bilisa tahuu sodaachuu dha.

Kanneen walabummaaf hojjetan dhaaba naamusaawaa fi deggersa ummata ballaa qabu. Kaayyoo sabaa utuu hin faallessin tooftaa adda addaa baafachuu dandahu. Kanneen lafa jala koloneefataa waliin dalagan waa’ee tooftummaa saa dubachuu hin qabani. Sochooti iccitiin kafanamanii ummatichaaf keessaan laalii hin taane madda balaa malbulchaa tahuu dandahu. Dudhaa Oromoo keessatt ofittumaa fi of agarsiisuun akaakuu leellifaman miti. Kanneen akaakuu akkasii qaban hangameessa safuu sabaa achi gatanii surraa ofiif sababa itt barbaachuu dandahu. Sana argachuun saba ofii keessatt yoo dadhabme, qaanii waan hin qabneef kan diinni itt hiixatu fudhatanii fira gaarii tahuu saa afarsuu eegalu. Ummata ofii gowwoomsuu kan dandahan itt fakkaata; garuu wayyabi cal jedhu kun dandahaa dha malee gowwaa miti.

Qabsich amma itt gala lamaf taheera; Oromiyaa walabaa fi Itophiyaa demkraatofte. Nammi took isa tokkoffaa yk lamaffaa keessa tahuu malee bakki giddu galeessi hin jiru. Bakka lamaan gahuun yaa’a jalqabumaa dursee ifsamuun irra jiru qaba. Itophiyaa demokraatessuun Oromoo tahuu hin gaafatu. Kanneen afarsan qaata eenyummaa Itophiyaa fudhachuu saanii beeksifatanii. Sun waan dur yaalame kufe. Erga deebi’e qabsichi, Itopiphistoota fi Oromiyoota gidduu taha.Akkuma durii kan harcanis jiru. Qabsoon Oromiyootaa fi ganamuun jaarraa kana yk kurnoota kana keessa hin eegalle, waan dur irraa itt fufaa dhufe. Qabsichi guddataa fi qaramaa, eegalee, murannoo, dudhamaa fi beekumsa caalaa dabalataa dhufe; feedhi mishi argamsiise kan bibinxa’amu miti. Rakkina ofii qaban furuuf kanneen durii fi si’ana gargar kutuuf yaalan jiru. Sun tahus, dhalooti kun Kaayyoo fi alaabaa goototi kumkuma tahan waliin kufan qabatee dhiichuu itt fufa. Qoodi goobanooti Oromoo qabamaa fi hacuucama Oromiyaa keessatt qaban hin irraanfatamu. Mudichi yoo sirreessamuu baate Oromoo irra marsaa kan hafu taha.

Qabsoon malbulchaa Oromoo akka tokkee ofiijiroott eegalee. Akka addaan hin baaneef yeroo, giidoo, qabeenya fi lubbuu hedduutu itt qisaasame. Garuu deggersa humnoota alaa irraa argataniin, aangoti gargar baaftuun dadhabsiisuuf babankaasuutt milkii argataa kan jiran fakkaataa. Amma warraqxoti Oromoo keessa deebi’anii akka haaraatt itt dammaquu barbaachisa. Diina injifatanii daannoo saa diiguun, hooggansa malbulchaa dudhama qabu malee hin tahu. Tooftaan diinaa guyyuu ifa bahaa deema. Jabinnii fi dadhabbinni saanii keesaanlaalii dha. Daannoon saanii tabba irra ture diigamee lafa gabaa tahee waan jiruuf, bakka itt dhokatan hin qabani. Isaan jaallatanii dhiisanii jarri abbaa biyyaa isanirratt moo’aa ni tahu. Jiraattoti magaalaa akka nambiyyaa Oromiyaati mirgi fi iggitiinqabaatan, yero kolonii Habashaa turanii gad hin tahu. Demokrasii irra ofaangessummaa caalchifatuu laata?

Jabinni diinaa, yoo jabina jedhama tahe, namoota qaanii hin beekne, oldhihoo, ayyaan laallatu, wayitt hin galle, golee empayeraa hunda funaananii maqaa fi ejjennoo Oromoo ammba keessatt akka xureessan hiriirsuu dha. Hamilee saanii cabsanii namaa gaditt ilaalchisuuf duula jette jettee fi qooqota beekota shiraan guutaman, milla arraboo diinaa irraa argataniin duula ayyaamquwii banaa jiru. Akkuma jedhamu, “Qodaa duwwaatu sagalee guddaa baasa”. Yoo manyaa gamaa gargaarsa hin arganne, isaan gara halleen dadhaboo dha. Sanaaf malee akka Oromoo hin gitne isaanuu beeku. Sunu yeroof malee sii’ach dhuunfaa saanii tahee hin hafu. Oromoon waggoota dhibbaa oliif duula olhaanoo fi falfala dabtara beekamoo irraa baraaramee yoona gahee jira; haafa juujuu hardhaatiin hamileen saanii hin tuqamu.

Qabsoon bilisummaa sabichaa ifaajjee kanneen walabummaaf ijaajjaniin qindaawuun lafaa ol ka’uu qabaa. Isaan qofa kan mirgoota ilmoo namaa, moo’ummaa fi ulfina badan deebisanii sabicha baraaruu kan dandahan. Jaalbiyyoota hiriirsuu fi ofirra dabarsanii ilaaluun ofkenna hoggansaa gaafata. Karaa biraan “Tokkummooti” waraana farra kolonii dhiisanii jiru. Kan isaan jabeessanii hojjetaa jiran mootummaa cehumsaa Itophiyaa, kan isaan keessaa barcumaa qabanii fi aangoo koloneesaa fi saamicha argamu hirachuu itt dandahan argamsiisuu dha. Wacabbara Badii empayera Itophiyaa dhufanii hunda keessatt akeeki kun ifee mullata. Walgahooti maqaa Itophiyaa fi Oromoo fi wuwuxifati keettolii TPLF hundi akkamitt akka qabsoo sabaa doomsanii bulcha cehumsaa Empayera Itophiyaa itt dhaabuu dandahan ilaala. Hoogganooti saanii hogga’ootaa wareegama dargaggoo Oromoo godhan irratt anjaa fudhachuuf eeggataa jirani. Waci hundi Itophiyaanistootan tolfamaa bahan kanumaafi. Afaan malee dandeettii saa hin qaban.

Ummatooti cunqurfamoon akka Oromoo kan lolataa jiran mirga hiree sabummaa ofii hanga walabummatt ofiin murteeffachuu dandahuufii. Mirga seeraan kanneen biro qaban miidhuuf yaada hin qabanii. Warraaqxoti dhugaa namooti Oromoo tahan dhaaba addaa ummachuu hin mormanii; garuu waldandahuu fi wal qayyabannoon akka jiraatu gaafatu. Hundi dirqiitt dhaaba tokko jalatt walitt dhufuu in qabanii; garuu ifaajee saanii yoo qindeeffatan dansa. Bakka itt geessuun qabaannaan hunduu karaa karaa ofii haa deemanii. Waa’ee Oromoo yoo ka’u garaan hundaa Oromoo biyyatt hafe yaadaa. Garuu si’ana Oromoon lakkofsa guddaa Badii tahanii jiru. Hedduun biyya kooluu itt galaniif nambiyyaa tahanii jiru. Bultii dhaabbatanii daa’immanis hora jiru. Akka Oromiyaa fi gargarsa waatatt fi qaroomaa kennan qofatt utuu hin tahin, sabboonota ofis gargaaruuf gamtoomu qabaniitt ilaalamu barbaachisa.

Godaantota Afriikaa duraanii irraa waa’ee burjaajii eenyummaa barachuun ni dandahama. Hedduun saanii si’ana bu’aa ayyamquyii fi seenaa inni qabaachuu dandahuuf qaccee dhalootaa qorachuutt kahanii jiru. Haala hamaa jala akka jiraatan danuu seenaatuu biyya halagaatt fide. Biyya keessatt of argan ijaaruu irratt qooda fudhatanii dhiigaa, dafqa fi beekumsa gumaachanii jiru. Haa tahu malee ammayyuu kanneen dura achi gahaniin gad ilaalamaa jiru. Oromoo Badiin si’anaa qaccee saanii baruuf rakko hin qaban taha. Garuu dhalootaa dhalootatt dabarsuuf gocha qindaawe gaafata. Kanaaf tokkummaa hawaasa Oromoo addunyaa jabaa ijaaruun furmaatota jiran keessaa tokko. Uumamuun Tokkummaa Hawaasa Oromoo Ameerkaa tarkaanfii kallatii sirriitt fudatame jedhame hark rukutameefii. Sana utuu rogaan gad dhaabuun hin milkaawin, hojii jabaa caalaatt darbuun ni milkaawa jedhamee attamitt amanama?

Gochi Badii hundi akka seera biyya itt galmeefamaniitt gaggeeffama. Sun miseensotaa fi mootummoota halaga biratt, seerawummaa, abbaawummaa fi itt gafatamummaa kennaafii. Kanaaf dhaaboti hawaasomaa, hawaasa irratt ijaaraman, hunda caalaa amansiisoo dha. Keessattuu, dhaaba akksii keessatt dhaabota malbulchaa dabaluun qoccolloo golootaa qabsoo Oromoo hanga hardhaatt caccabsaa bahan afeeruu dha. Miseensummaan waldaalee hawaasaa abba tokkoota hariiroo hawaasomaaf dhihatan irratt hundaawa. Unkeffammi hawaasa irratt ijaarame biyyi abbaa ofii yeroo dararamu dhaqabuuf caalaa kennataa dha; akka ammaa, yeroo TPLF milishaa afaan Somaalee dubbattu hiriirsee Oromiyaa saamsisuu fi Oromoo irratt duula qacefixii gaggeessu kana jechuu dha. Jarmota hawaasaa hin baabsinee fi miseensummaa malbulchaa, godina yk amanteen utuu gargar hin baasin hundaaf kan waloo akka tahan gochuun ni salphata. Ergamsii fi daayi saa waan tahuu qabu uttuu hin tahin waan tahuu dandahu taha. Wal irra bu’i yoo jiraachuu dandaheyyuu, hirmaati hojii dhaabota malbulchaa fi hawaasa gidduu jiru taliila tahuu qaba. Korri idlee Oromoo yero gabaabaa kan dhaabotaa fi abba abbaa dabalatu, haala Oromummaa fi dhimma sabichaa biraa irratt mari’atu waamamee, murtoo inni dabarsu qooda fudhatoota ijaaramaniin hojii irra ooluu dandaha. Kun kan hayyooti irratt waliigalanii waaman malee kan seenaa irratt wal saaman tahuu hin qabu.

Oromoon sadarkaa fi lafquwii hundaa, ammayyuu gaaffii Oromoof deebii argamsiisuuf kara karaa bobba’aa jiru. Sochooti hawaasomaa akka kora yk gumii, walgahoota murnaa fi seminaaroti, hisatoota, hawaasa amantee fi noolaan gurmaawaa jiru. Mariin adda addaa deemaa jira. Yoo itt bahi saanii dursee kan qophefaman hin tane waan dansatt bahuu dandahu. Yoo abba tokkooti bolola saanii of duubatt dhiisuu hayaman karaa sirrii ni argatu taha. Hobbaatii argamanitt dhimmi bahuuf dhaaba malbulcha jabaa gaafata. Walgahooti hawaasomaa kaasaa laasha’ina sochoota bilisummaa Oromoo bira gahuu ni dandahu taha. Ayyaana kanaan argameen, hariiroo Oromoo gidduutt tahuuf hangameessa safuu kan hundaaf waloo tahe irratt yaada dhiheessuus ni dandahu. Gochooti diinagdee fi hawaasomaa hundi, sochoota malbulchaa qaata bitintiraa jiran caalaa muuyyesuuf utuu hin tahin sabicha angessuf gumaachuu qabu.

Dhalooti si’anaa dhaalaa maqii akeeka yk safuu Gadaatii. Keessa deebi’anii ilaaluu fi guddisanii ittiin jiraachuu qabu. Sochooti hawaasomaa obsaa fi walii dandahuun hobbaatii homishaawaa taheen as bahu jennee haa abdannu. Yoo milkaawan Oromoo Badii gidduutt walitt dhiheenya uumuu fi Oromummaa Oromiyaa alatt jabesuu fi sagalee saa alaa tahanii maa’ii baasuu dandahu. Qabsoo birmadummaaf godhamu irratt yoo kanneen amantee, leelloo malbulchaa, oguma adda addaa shaakalan waliin hiriiran bilisummaa Oromoo shaffisiisuu dadahu. Garuu akeekuma tokoof walgahii adda addaa waammachuun waan nama dhibuu. Sun hariiroon namoota gidduu mudaa akka qabuu fi qabeenya Oromoo ofiiyyuu hin jirree qisaasuu akkadandahu agarsiisaa. Kanneen dhugaatt rakkinni ummatichaa fi baraarama sabichaaf dantaa qaban gocha saanii qeeqaan madaaluu qabu; utuu addummaan murnootaa fi abba tokkoota gidduutt uumamuu caalaatt gadi fagaatee miseensota sabichaa Badii gargar hin facaasin waan sirrii fi ulfina qabu tolchuutu irraa eegama.

Walakkaa waggaa kana keessa walgahooti Oromoo lama UStt tahuuf saganteeffamanii jiru. Haddheessi qaata biyya guute; deggertooti isa tokkoo, jara kaaniin qaamota Oromoo biratt hin jaallatamneen deggeramaa jira jechuun maqaa wall dhahaa jiru. Haddheessi kun dhugaa tahuu ni dandaha yk itt galli keesaanlaalii tahuu dhabuun ni mala yk walgipha’a nameenyaas tahuun ni mala. Yoo hamilata saanii walitt baqsuu dadhaban, utuu hundi hojii harkaa qabanitt xiyyeeffatanii, dhugaa saaniif hobbaatiin raga akka bahuu godhanii ni filama ture. Qoccolloon murnoota gidduutt dhalatu atooma sabichaa akka booressuu dandahu huubachuu qabu. Hanga yoonaa dubbiin akkasii sochii walabummaa dadhabsiisuu irratt akka gumaache argamee jira. Badii, godinaatt, amantee fi hiriyaatt meelachiisee ture. Tokko tokko kanneen ergamsa diinaa hojii irra oolchaniin beekaa tolfame. Jara kana booqaan sun itt hin bahu jennee haa abdannu. Barreessaan kun kan yaada kana kennu murni lamaanuu bilisummaa Oromoof tattaafatu jedheetu; dogoggoruu ni mala. Yoo sun dhugaa hin taane, kanneen kaayyoo sabaaf ijaajjan, bissii funaasa Itophistootaa waaroo Oromummaa jala dhokataniif waanti dhimma godhataniif hin jiru. Nyaapha eegalaan wal hadhanii jiru, kan walabummaa Oromiyaa gaaffii jala galchuu kamiinuu walii bahuu hin seesanii. Yaadi saa akka dogoggora hin taane Waaq haa baraaruu!

Kan bilisummaa Oromiyaa ilaalu irratt, dhaaba malbulchaa yk tumsa naamusa qabu fi hoggansa ofkennee gaditt kan fiixaan baasuu dandahu hin jiru. Kanaaf malbulcheesitootii Oromoo dirqamaa fi abbawmaa irra jiru malee yaada biraa akka gidduu hin galchineef sammuu ofii akka itt afaalla’atan yaaduu qabu. Kanneen Oromoon ummatoota birmaduu keessa tokko akka tahan fudhatan, garagarummaa saanii rarraasuun, ofuffummaa saanii ciipha’anii fageenya waliin joga’uu dandahan murteessuun waaliin hiriiruu dandahu. Oromiyaa walabi unka’uu fi Itophiyaa demookraatoftu soquun, gaaffota gaafa Oromiyaan hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuun mirkanaawe qofa deebii argatani. Hangasitt hunduu hamma hobbaatiin argamutt humana saanii qindeeffatanii akka hin qabsoofne kan dhorgu hin jiru. Amma, dhimmi keessaa fi alaaf bu’uura waloo qabaachuu dandahu. Tokkummaan anja qabaatullee, dhaabota walitt baqsuun barbaachisaa hint ahu. Hundu hanga tarkaanfii ofiitt socho’uu dandaha. Dhaabi cimaan namoota hidda kutuu dandahan yartuu, kan hoomaa lakkoofsa hin qabne hiriirsaniin unkeffamu ni dandaha.

Qabsichi itt gala gabaaduu gahuuf diddaa hidhannoo yk qabsoo nagaa qofa yk lachanuu barbaaduu dandaha. Sana duuba hiree ofii ummatichatu murteessa. Waliigaltee akkasii irra hin gahamu taanaan jarri walii nakkarii malee miltoo waan hin taaneef maaliif walitt bu’uun eenyuu hin komatamu. Hardha humni kolonii akka kabeebsamuu hin dandeenyett fafatee jira. Nama Oromoof, humna du’aa jiru kanaa tumsuun, Oromoo tahuu ofii jibbuu yk qaxaramaa halagaa tahuutt hedama. Yeroo kana, galtuu hedduun wareega konkaa taheen as bahaa jiru. Kanaa ilaalchisee, dubbii namoota OPDO dhahuun ni dandahama. OPDOn eegalumaa sirnaan fafate. Meeshaa halagaa fedha ofii hin qabne.

OPDO keessa namooti utuu hin yaadin dubbatan jiru taha. Sunuu kan dubbatamu masaka gooftolii saanii halagaa qofaanii. Waa’ee sabboonummaa, gufuu misoomaa kan fakkatan irratt dubbachiisuun kanneen daddaqina ofii irraan kan kahe bu’aa ciicannoo kennuufii barbaadaniif waan irratt haasa’amu argamsiisuuf. Gowwaa fi kanneen Itophistummatt duufan yoo hin taane sabboonaan dhugaa sirinyaatt isaan hin fudhatu. OPDOn akka dhaabaatt kan Oromoo akka hin taane deddeebi’ee himamu qaba; uumaa Frankenstien Tigraawayi utuu hin tahin waantaphee “maariyooneet” jedhamtu saatii. Liillana hin mullanen namicha “puppeteer” jedhamuu, TPLFn olii gadi unkuramti. OPDOn mirga Oromoon heeraan qabu jabeessa jechuun “mariyooneet” puppeteer malee ofiin sosso’uu dandeessi akka jechuu taha. Kan beekamuu qabu waanti OPDOn afaanii baafatu, waan EPRDF/TPLF hayyamuuf qofa. Sun hin taane taanaan gola haadhatt waraana labsuu taha. Garuu sun hint ahu; maaliif yoo jedhame, ejjennoo walaba fudhachuuf surrii ofii waan hin qabneefii. Sanaaf malee Oromiyaan rukutamuu saaf EPRDF keessaa of baasee ulaa hidhaa hundaa bane hidhamtoota malbulchaa gad dhiisa ture. Utuu sana godhe seenaan cubbuu hanga yoonaa hojjete irraa OPDO faloo baasa ture. Sun yaacii dha.

Badiin, yoo xinnaate arfacha jaarraaf waldaa hawasaa, dhaabota amantee fi jarmota noolaa fi malbulchaa hedduu qabu.Garuu guddinni agarsiisan dandeettii Oromo ala jiraniin wal hin gitu. Hamma yoonaa hawaasota naannaa sirriitt hojjetan, dhaabota amantee atoma qabanii fi garee noolaa dhimma baasan uummachuu hin daddeenye. Kana fayyisuun waan olhaanu hojjechutt darbuuf qormaata taha.

Sabi Oromoo si’ana sadarkaa hamtuu kan fakkeessitooti, jaalbiyyoota shawwaduun gaaffii Oromoo joonjessan irra gahee jira. Akka waan yoo isaan tottolchaniif malee Oromoon waan barbaadan hin beekneett dhiheessu. Joonjee kanaaf, akka waan dargaggoon Oromoo ummaticha irraa gaafii addaa qabaniitt maqaan saanii dhahaama. Akka dabballooti tokko tokko of tolchanitt handaaqqoon Oromoo akka hanqaaquu Itophistoota hin haammanne kan sodaatan jiru. Humnooti bilisummaa, gochii tokko tokko maaliif diinaa fi firootaan akka tokkott tahan, qeeqaan ilaalu misoonfachuu qabu. Waan walfincilan hundaaf harka rukutuu miti. It gala irraa fagoo jirra; hedduun karaa irratt nu dhiisuun waan maluuf kan jiruu irratt kaayyoott cichanii darban qofatu farfamuu qaba. Irra haanuuf gufoolii hedduutu jiru; waldhaalina taatotaa; bolola abba abbaa; luuxee gala keettoo diinaa fi humna duubatt harkiftoota. Oromoon kanneen too’achuuf dandeettii riphaa qaba. Qaama sadaffaatt walqixxummaan dhihachuu kan dandahan, yoo biyya saanii irratt moo’ummaa qabaatani eeggachuus dandahan qofa tahuu amanu. Oromummaan qilleensa fi haala biyya itt dheessan hin jirre irratt ijaaramu hin dandahu.

TPLF akeeka qaba. Bakkaan gahachuufis waan dandahu hundatt dhima baha. Labsi hatattamaa dhiheenya labse kanneen keessaa tokko. Aggaamsi labsichaa Oromoon akka ittiin mormuu hin dandeenye dadhabsiisuu fi sanaan qabatee lakkoofsa Oromoo gadi cabsuu dha. Oromoo harka irra buufachuu dandahe hunda mooraa nama itt guuran akka kan Naziitt galchuun sochii kamuu keessatt akka qooda hin fudhannee hankaaksee jira. Kun kanneen mana hidhaa beekamuutt guruu ala. Hogganootaa fi dabballooti dhaaboota Oromoo mormituu amanamtuu hedduutu mana hidhaa akkasiitt hidhamaa jiru. Sabboonoti Oromoo kumootii bakki gahan dhibamuutt dabalee hedduutu karaa irratt ajjeefaman. Lafa saanii fudhachuuf qotee bulaa hedduutu lafa irraa haxaawama jira. Kumaan buqqa’anuu utuu maatii fi lafa isaanii irraa ulee fi dhagaan hin facisin harka hin kennanne. Qawwe haarkaa buufataniin jannummaan ofirr faccisaa akka kufan dhagahuun kan bara baraan farfamu. Duulli TPLF sochii sabboonota jajjaboo hanga tokko dadhabsiisuu hin hafu. Akkasitt yoo laalame labsichi akeeka saa fiixan baase taha. Garuu xumuratt karoora hankaake taha. Nugusooti isa duraa, harmaa, arfanii fi arraba kutuun sanuma yaalaa turani. Garuu Oromoon lakkoofisaan, jarii isa qalan dabalamanii hardhallee ollota ol tahe argama. Kun Oromoo haxaa’anii fixuu yaaluun ofumaa dhama’uu akka tahe koloneeffataaf mirkaneessee jira. Warraaqxota Oromoof wanti dhimma bilisummaa Oromiyaa caaluuf hin jiru. Hanga Kaayyoo fiixaan baasanitt waa’ee bilisummaa Oromoo yaadachiisuu dhaabuu hin qaban. Oromiyaa walabi haa jiraattu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Guraandhala 2017

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *