0

Sochi Tasa Hunda irra Bahe

Dhimma kana keessa deddeebine kaasuu hin hafne, garuu ammaa amma wal yaadachiisuun dogoggorsituu guyyuu biqiltu irraa of eeguuf nama gargaara jedhameetu. Akaataan diddaan Oromiyaa Sadaasa, 2015 keessaa danaa godhachuu eegale mootummaa kolonii angoo irra jiru fi jaarmota Mormituu isa bakka bu’uu hawwan qofa utuu hin tahin dhaabota Oromoo joonjoos maalalchiiseera. Sochiin akkasii duraan argamee kan hin beekamne waan taheef hogganooti ABUT akka itt qaban kan wallaalan fakkaata. Kan isaan gochuu dandahan seera dirree lolaa kan fixaqaccee fi hidhaa hin barbaachifnett geese iccitiin labsuu qofa ture. Dhaaboti Mormituu Itophiyaa kan ABUTn bakka bu’uu dharra’an, jalqaba haala duree malee sochicha deggerra jedhanii booda waliinjiroo saanii walfaana hin guddanne, harcaatuu karistuun Nafxanyaa fuula dhowwannan qabbaneessan. Kun akka isaan murnoota kolonii of jalatt hambisuu abjootan malee, yaada ummataa bakka hin buune saaxilee. Jarri kun duubatt harkiftuu bolola aangoon jaamanii fi sirna addunyaa haaraa waliin deemuu hin dandeenyee. Daalloti ofumaa waliin rakkatu. Wayyaanee kuffisanii waliin ummatoota irra bahuuf sarara irra cehanii sadoo kan eegalan jiraachuunis iccitii addababa’ii taha jira.

Ummati Habashaa nagaan ollota saanii waliin jibba hin qabanii. Akkasumas rakkinni buqa’uu fi lafti samamuu isaan hin mudannee. Afaan saaniis ammayuu afaan mootiitii, alaaban saanii magarisa, keelloo fi diimaan hardhas dangaa saanii gamatt balali’aa, kkf. kanaaf finciluuf kaasaan ammaaf hin jiru. Barattooti universitoota Oromiyaa keessa jiran illee garri caalan diddaa irratt qoda hin fudhanne, dalasaama keessa turan jedhama. Kun kan agarsiisu godinichi kan ofii tahuu akka itt hin dhagahamne. “Itophiyummaa”n, malbulcheessitooti hololan hawwa ofii qofa jechuu dha.

Malbulcheessitoota Oromoo dhiibbaa fuula hedduutiin yeroo dheeraaf joonjeffamaa jiraatani. Fulduratt deemuu yoo dadhaban gad deebi’anii battala saanii hoggansaa diddaa keessaa ka’innaa jedhan irraa eeggachuutt galanii. Akkasitti walamantee fi keessaanlaalummaan miseensotaa fi deggertootaaf dhibe. Anjaa ummata dagaagaa tokkoof tahu akka hin arganne bu’uura ofii dadhabsiisanii. Miseensoti tartiiba hamajaajii keessatt toora jalqabaa irra jiru. Utuu joonjee kana keessa jiranii sochichii dhufee rifannaa jireenyaa keneefii. Akka fuullenmullataa qofa tahantu saaxilame. Ergasii miirri saanii waldhaha fi ababbaraa tahuutt ka’ee, haada itt dhufan hundatt rarra’uu barbaadu; alii aliis sochiicha too’achuu saanii hasaasuu. Kaanimmoo hawwa beekamaa tahuu fi dunyaa akka hobaatiitt argaminnaa jedhaniin fiilaa jiru. Kana keessa dharri gad dhiifamus hamma hin qabu. Garuu “Gamna gowwoomsuun jibba barbaacha” kan jedhamu irraanfachuu hin qabanii. Kan callisee ilaaluuf tattoo tokko tokko irratt kan jedhamuu dandahu hedduu dha.

Mormitooti bubbulanii sochiin diddaa Oromoo akka kan Itophiyaatt moggaafamu gaafachuutt ka’ani. Qabsoon Oromoo bifa ijaarameen erga naannaatt muldhatee walakkaa jaarraa taheera. Akka jalqaba itt hubatan irraa ammayyuu qayyabannoo hin jijjiirranne. Ergasii manca’a boffee kolonummaa irra gaheen warraaqsi Oromoo bu’aa hedduu argamsiise. Sabboonumaan Oromoos biyyicha keessatt diriiruun, ummati gurguddoo ofii caalaa fedhaa fi eenyummaa saa barateera. Kanaaf, akki itt dhihaatan 70 fi 80ootan walfakkaatu amma dhimma hin baasu. Yeroo sana gaaffii sabaa coba tureef, utuu deebii oori’aa fi arrabsoo tuffiin guuute darbatamuu baatee xiyyeeffannoon barbaachisu kennameef tahe, amma galaana guddicha ittisuun hin dandahamnett hin jijjiiramu ture. Hanga harraa dhiiga hedduutu jigaa jira, wareegama guddaatu bahe deebiin kennamu sanaan walgituu qaba. Akki itt dhihaatee fi tooftaan adda haa tahan malee sochiin ammaa, itt fufa qabaa eegalaa sochii dargaggoo jaatamootaati. Haa tahu malee akeekii yk kaayyoon saanii tokko akka tahe hophee fi dhaadannoo dhimma itt bahan irraa argamuu dandaha.

Ammallee malbulcheessooti qabsoo Oromoo irraa cehan, kadhaan walqixummaan isaan waliin dhabbatanii Wayyaanee kuffisuullee hin liqimfamneefii. Waan Itophiyaa hunda gaafii malee fudhatanii faallaa Angoo 39 Heera Itophiyaa akka hojjetan gaafachuun caalaa salphisuunii fedhu. ABO akka abaaraniifis ni barbaadu. Rakkinni saanii “haddhaa” ABOn facaase akka itt fashalsan malee Oromoo danboobaa akka itt ofitt qaban hin wallaallee. Kan itt dhaqan kan sana gochuufii dandahan malee kan barcuma walqixeerra taahuu hawwan miti. Isaaniif Imperiyal Itophiyaa durii kan isaan mataa itt tahan malee Itophiyaa maalittuu jijjiiruun fudhatama hin qabu.

Kanaaf kan jaalala seen maraataa jiran sanuma fudhachuu dha. Kannen moora walabummaaf, ni maraatu malee Kaayyoon sabaa, ABOn diriirse utuu bakkaa hin gahin gonka hin hafuu. ABOn akka commeetii; yeroo quqi (sanyiin) saa tokko Itophiyummaatt quummanu kan biraa biqiluuf qophii dha. Loltuu diinaa tahanii waan du’aniif, hammam jabaa turanuu kan beekamuu qabu sabichi ashkarii diinaa galtuu fi boojuu turaniin akka hin boonne. Dhimmi keenya kanneen walabummaa saba saaniif lolaa darbanii fi lolaa jiran waliinii. Kan farfannus isaanii fi isaan qofa. Oromiyaa walaba malee kan isaan hadhaadhiyyu dandahu hin jiraatu.

Qabsoo Oromoof kan moo’ummaa Oromiyaa hin fudhanne waliin dhoofsisi hin jiraatu. Habashaan caba empayeraa duuba akkaataa nagaan olloota saanii waliin jiraatan itt yaaduu qabu. Yoo Oromiyaan bilisomte lola noolaa kan isa Somaliyaa fakkatuun nu sodaachisuu yaaluun dhugaas homishaawaas miti. “Jettee duute naan hajedhanii …”f yoo hin taane, isaanis akaakuu duula kolonawaa duriitt lamuu ugganii seenuu jedhamee miti. Oromiyaan Somaliyaa mitii; burkutaawa empayeraaf lolli noolaa hafee hoxxeenillee hin jirraatu. Oromoon dandeettii fi aadaa of tasgabbeessuu qabaa. Akka jireenyi Mormitoota Itophiyaa, Oromiyaa fi lolli noolaa yoo hin jirre gabaabbatu ifaa dha. Tokkummaan biyya Amaaraa isa jedhamuuyyuu mamsiisaa taha. Garuu, utuu bakka bu’ooti ummataa dhugaa, dhimmi ilaalu naannaa diriira nagaa fi araaraa taahanii empayeraatt xumura gochuun hundaaf carraa hiree ofii itt murteeffanna bananii gamnummaa taha. Kan ofii sodaatanis sanaan irra haanu malee bilisummaa ummata biraa sichi hankaaksuu hin dandeenye yaaluun miti. Fakiin “Haadhaa” Metir Afawarq Takleen dhihaate si’achi hin tajaajilu. Hirmii tufaa.

Dargaggoon Oromoo, Oromiyaa hacuuccaa fi tajaajiltummaan halagaa akka irratt hin fe’amne ijaaruuf karaa ofii soqaa jiru. Oromiyaan kan Oromiyooti. Oromiyaa caalaa Oromiyoo Oromoo hin taanee fi halagaa birtaa’oof humni eegumsa kennuu dandahu hin jiru. Kan hin feene, sololaan waa’ee malee bahuu dandahu. Humnooti halagaa DNA firoota dur gatanii sababfachuun nagaa saa booressuu barbaadan al lama itt yaaduu qabu. Oromoon, injifannoo gidiraa meeqaan dargaggoo fi qotee bulaa Oromoon galmeeffaman jeequu yaalan, kan beekuu qaban rasaasa kashafe tahuu saaniiti; kan baroota darban dhimma hin baafne hardhas milkaawuuf hin deemanii. Kanaaf hamaaf haa tahu tolaaf, dogogora darbeef gaabbanii qabsoo ummata saaniitt maxxanuu qabu. Kan waan jalqabett cichuu dadhabee, sana qabee kana gaddhiisu ofii haa tahuu eenyuufillee homaa hin baasuu, waan itt amanamus hin qabu. Nuti Afrikanoti hundi nafii ummatooti keenya birmadummaa fi walabummaaf kennan qayyabanee sanaan masakamuun ammaa. Wareegammi gootota see darbanii fi warraaqxota see si’anaan, Oromiyaan amma futaafattee jireenyatt gadi baateettii. Humni kanaa achi dhossuunii dandahu hin jiraatu. Oromiyaan barabaraan haa jiraattu! Jaalbiyyooti keenya barabaraan haa jiraatan!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Amajjii 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *