0

Warraaqsa Oromoo

Oromoon ummata soda fi dorsisa jala Jaarraa oliif jiraatan. Sodaa fi dorsisaa jilbeenfachuun, salphina, roorroo fi du’a shaffisiisuun dammaqina suuta dhufe booda hubatame. Of ciicachuu, dhabina ofbara malbulchaawaa, ganaa fi hololli diinaa haleellaa jalqabaa irraa dafee dandamachuu dadhabuu Oromoott gumaachaniiru. Garuu barri cunqurfamoon addunyaa sirnoota roorrisoo irratt ka’an ni gahe. Yerosi kan Qabsoon Oromoo qaxxisummaa irra qaari’ee warraqaa tahee dhohe. Oromoon eenyummaa, seenaa, aadaa fi afaan saanii adda tahu mirkaneessaniif akka jecha koloneeffataa hin fudhanne labsatan. Haala duree malee walabummaan Oromiyaa akka beekamuu fi Republiki Oromiyaa walabi akka jiratu samanani. Maniin dhumaa hin gahamin malee, hariiroo Nafxanyaa dullachi lafa waliin qabu fi irra marsaa saa haqaniiru; hundu akka isaan of waamanitt Oromo akka jedhaniin tolchaniiru; afaan saanii afaan ambatt ittiin bahan malee golaatt kan hafu akka hin taane godhaniiru; Biyyi saanii Oromiyaan akka yaayyoo irratt muldhatu tolchaniiru; mirgi sabummaa hanga walabummatt koloneeffatan akka fudhatamu godhaniiru. Afaan Oromoo afaan hojii fi waabarii tahuutt dabalee bu’aa bubutuu hedduunis galmeeffamaniiru. Qabsoo warraaqaan manii abbalameef gahuuf itt fufa jira. As irratt warraaqsa jechuun haala hamaa jiru hundee buqqisanii haaraan bakka buusuu dha. Warraaqsi Oromoo sirna kolonii boqqisee haala Oromoon walabummaa birmadummaa fi walqixxummaan biyya ofii irratt abbaa tahe nagaa fi gammachuun naannaa saa waliin jiraatu fiduu dha.

Warraaqxoti Oromoo akkaasaa (kopii) sirna kamiiyyuu miti. Dhaalmaa Gadaa saanii irraa argataniin si’awanii, kanaaf warraaqxota Gadaati. Bara sochii tokkummaa Afriikaa fulduratt dhufanii wa’ee Garvee, Dubuwaa fi Nkrumaa akkasumas sochii warraaqoo bara sanaa fi kan jaarrota fagoo dhagahanii dinqisiifataa hudhanii daraara guutuu ta’an. Dharraan tokkommaa gurguddoo sammuun garbome utuu hin tahin kan ummatootaa Afrikaa eeggataa turan. Ummati tokko hawaasa ballaa keessatt qooda ofii dubbachuu kan dandahu yoo hacuuccaa jalaa of bilisomsee qofa jedhanii amanu. Warraaqxoti Oromoo gara sanatt akeekka baasu, kan farra kolonummaa fi hacuuccaa akaakuu kamiiyyuu tahe karoorfatan. Kan isaan ummatoota biraan tokkummaa akkamiin, nagaan waliin jiraachuu yaada kennachuu dandahan yoo birmaduu tahan qofa. Ejjennaan kun humna argataa waan dhufeef hankaaksituun kamuu duubatt deebisuu hin dandeessu. Akka warraaqaa addaanjiroo tokkoott sochiin bilisummaa Oromo akeeka Gadaa, mirga Ilmaan namaa, bulcha demokratawen kan of hidhachiise waan ta’eef utuu jijjiirama bu’uuraa tolaa hin argamsiisin duubatt hin deebi’u.

Oromiyaan amma dhugoomtuu sich tasa hin haalamne, hin jajallifamne yk hin biinxa’amne taateett. Habashaa fi kan sochii saanii Itophiyessuun haammatamuu fedhanii “dajjii xanna’aan” murnooti lammii hundi dirqiin makamuu qabu jedhanii amanu. Kana irratt kan isaan gargaaran Assimiladoon (Makoon) qaata bobba’an. Murnoota lammii sabummaa himatan jibbu. kanaafii Habashaa fi michuuleen saanii furaa “lammii” daddabsanii gosatt gad buusuu kan barbaadanQooqi “gosa” jedhu Oromoo iirraa ergifatan aadaa saanii keessa hin jirru. Oromoof “gosa” jecchuun murnataajalaa saba Oromoo, waggoota hedduu duuba, murnoota biraa kan miira waliigala qoddatan irraa dana xinnoo maqu misoomfatanii. Hundaaf seerri olanaan sabaa, seera fi shaakala gosaa hunda dursa. Kanaaf Oromoon gosa utuu hin tahin jirma gosoota hedduu kan ofiin Ilmaan Oromoo yk Oromoo jedhaniiti. Yeroo waa’ee lammii kaafnu madda sanyyii fi sabummaa akkasumas dhaalmaa afaanii fi aadaa waloo qaban jechuufii. Miiroti sun kan ummatoota finnaa sabaa yk fedhanii finnaa sabhedduu keessa jiraatan tahuu dandahu. Oromiyoon lammii adda addaa kan dhimmi waloon leellisaniif fedhaan tokkooman irraa unkeffamuu dandaha. Kanaaf saba Oromoo lammii hedduu of keessaa qabu mirga walabummaa haaluuf “gosatt” gad cabsuun barbaachisaa mitii.

Akkasitt malbulchooti waa’ee Itophiyaa fi kolonoota see irraaka’a dogoggoraan jalqaban dhugaa daddabsanii qayyabannoo waaraan ummatoota empayera Itoophiyaa gidduutt akka hin tolfamne godhaa jiru. Keessatuu yeroo sabaawaan Oromoon mootiin Habashaa akka itt empayrittii gaggeessu gorsan, dhugummaan waan kanaan dura lallaban hunda gaaffii jala galcha. Dhiheessaan akkasii gorsa Makiyaavelliin mootii Florensef “jaallatamuu irra sodaatamuu wayya” jedhee kenneef nama yaadachiisa. Maakiyavelloti Oromiyaa walabummaa ummata saanii irra jabina mootii empayeritt foo’atani. Kaayyoo, hawwa fi abjuu saanii ifsu irraa dheessuun, hordoftoota saanii karaa hamaa irratti dhiisuu akka tahe itt hin mullatuu. Akka kan darbe gaabbanii fuggisiisan irra kan marfame yk itt “dagamame” fakkaata.

Wanti isaan fuggisiisuu fedhan, seenaa ta’eera; Oromoon dhaloota caalaa si’aawaa fi teknolojiin fulduratt sokke afaan baraa dubbatuun boqonnaa haaraa eegaleera. Utuu akka sochooftuu qaraatt hin tahin akka madda iyyaafannoott hafanii sabichaaf caalaa dhimmi baasu turanii. Sana gochuun ijoo saanii dadhabaa saaxilanii qabsoo garaa qulqulluun itt bobbahan jedhamuun gidiraa argan hunda waan gatii dhabsisuu dandahu tolchani. Ammas tarsiimoo jijjiiruu, kan irra marfameef faloo baasuu, Oromummaa ututbuu fi kan bade sirreessuuf yeroon hin dabarre. OPDO jalqabanii murna hedduutu akka mormituu amanamtuutt finnaa empayeritt tajaajile. Dhaaboti saanii Oromummaa ciigahaniif taatoti hundu farra Oromooti jechuu hin dandeenyu. Isaanii dura amanamoo tahanii Oromoo hedduutu mootummaa Itophiyaa tajaajiluu yaalan; garuu akka isaan itt raawwatan hundi beeku. Kan mooraa ummataati deebi’uun wareegama boonsaa baasuun afaalla’aman. Muuxannoo nama biraatt dhimmi bahuurra ofuma karaa dadhabsiisaa hedduu irra marmaarame yaaluu filatanii milkii dhabuutt jirachuun saanii taliila. Mee kun qabsaawota dhugaa hundaaf barnoota tahe, keessa deebi’anii qorachuun yoo karaa wayyaa Oromummaan itt tajaajilamu dandahu jiraate haa laalanii. Of keessaas nagaa fi araaraa soquun dudhaa Oromooti.

Abbootiin Oromoo durattii horee isaan duubaaf aadaa malbulchaa firrisaa boonsaa tahe dhiisanii darban. “Aangoon dabaanbula fida, angoo hin dangahamne akka malee dabaanbulcha” utuu Lord Akton 1887 hin jedhin waggoota kumoota dura beeku turani. Kanaaf yeroo golli tokko angoo irra turu dangahuun mala roorroo aango qabeessa irraa dhufu ittiin to’atan diriirsanii turanii. Qooda mangodoos lafa kaa’aniiru. Kana fudhachuu hanqachuu dha kan malbulcheesitoota Oromoo tokko tokko foolachiisee hanga yoo diinni hin haammata tahe yaaluuf arreedchise. Garuu haammachuu utuu hin tahin yoo amma hin taane turee qaanessuu akka dandahu gaalchaanuu ni beekama. Misi uumaa sirna hawasaa jaarraan dura addaan bahe karaatt deebi’uu kan dandahu qabsoo warraaqaan malee sochi suuta fi daddaaqaan miti. Harkifachuu fi murteeffachuu dadhabuun, diinni akka sirna saa hacuuccaa qaratuu yeroo kennuufii qofatt gumaacha. Koloneeffataan kan qabsaawota Oromoo ciiga’u yaada saaniif utuu hin tahin eenyummaa saaniifii. Kan fedhaan itt dhaqan hafee maxxannooti saallee garaa dhaa isa waliin hojjechuuf mirga fi ulfina saanii gaddhiisu jedhe gonka hin amanu. Halagooti bakka inni jirutt bu’uura dhokataa qabu jedhe waan cicatuuf, haaloo darbe bahachuu fi waan inni akeekkate hankaaksuuf taha jedhee of hin gaddhiisuu. Murni Oromo akka nakkarii jabaatt fudhatamuuf duubbee cimaan dhahatu qabaachuutu irra jira.

Oromoon kan qayyabachuu qabu dhaaba jabaa warraaqaa tahee fi biyya ofii keessaa battala ittisa qabu hin qabaanne wareegammi saanii akka gatii hin qabne. Akeeki saanii waan fedhe haatahu, Jaalbiyyooti bara Xaaliyaanii sochii loltuu diinaa dangahanii turan akka Balayii Zallaqa, Garasuu Dhukki, Oliiqaa Dingle fi kanneen biroo hedduun karaa biyya ollaatt baasu fi iyyaatii gaha utuu hin qabaatin gochi saanii fakkeenya ofirratt hirkatanii mirgaaf lolachuu tahuu dandaha. “Yoo fedhi jiraate karaan jira” jedhama, dudhamaa fi onnee warraaqaan jiraannaan waatattaan itiin mirga offiif lolatan biyya ofii keessaa ni argama. Dandeettii jarmaa qabaannaan, kutannoo fi amanamummaan yoo jiraate kanneen gara diinaa turan illee hawwachuun ni dandahama.

Warraaqxoti namoota iyyaatii qaban kan dhaggeeffatan, dubbisanii fi dogoggora ofii fi jija kanneen biraa irraa barachuu dandahani. Namoota of kennan, arjaa sabicha oolchuuf lubbuu saaniif kan jaallatan hunda kennanii. Isaan namoota jaallewwan saanii haala hamaa keessatt hin dhiisnee. Addunyaa abboota jaalbiyyummaa akkasii qaban yartuu dhahuuf bara Warraaqasa English, Amerikaan, Fransee, Russiyaa fi Chaayina ragaa tahee jira. Warraaqsi Oromoo jara akkasii dilaa wareegama saaniin jija hedduu galmeessaniin guutame. Qabsicha hanga dhumaatt oofuuf Mooraa Walabummaa Oromoo keessa hanqinni jara akkasii hin jiru. Addunyaan “fedha dhaabbataa malee firrii fi hamajaajii dhaabbatan” akka hin jirre amana. Kan qabsaawaan Oromoo barachuu fi qayyabachuu qabu, Warraaqsi Oromoo yaa’a dhibantootii fi hamajaajiin keessatt wal jijjiiraa jiraatan tahuu it arganii. Fira horachuun kan dandahamu carraa irratt utuu hin tahin hojii ogummaan murteefatan irratti hundaawaa.

Qabsoon Oromoo dhawataa dhaloota hedduu gaafatu tahuu dandaha. Kana barachuun karaa dheeraaf sabbata jabeeffachuu gaafata. Keessaayyuu kanneen biyya lafa irratt faca’anii jiran ummata saanii waliin qunnamtii qabachuu fi ijoollee saanii iyyaatii walfakkaatan guddisuuf dirqama qabu. Sun Jaarmaa Dandamata Oromoo gafata; jaarmaa Oromoo kan hantuutaa sabootaaf dhimmaman of fakkeessaniin kan hinfalamne jedhuu dha. Akkasiti ilaallaan yeroo hunda lalisa Oromummaa fi qabsichaaf dhimmamuun itt fufa. Akka warraaqsichi jabaataa deemett miiddhaan diinni ummata irraan gahus hammaataa deema. Kanaafis Oromoo caalaan gidiramuuf deemu; caalaan hidhamuu, guraaraan fafachuu, caalaan hidhamuu, ajjeefamuu fi biyyaa ari’amuuf taa’uu. Qeyee hedduun manca’uu fi hawaasi hedduun buqqa’uuf deemu. Gaaga’mtooti hundi birmatamuufii qabu. Lmmiilee Oromoo gabra gama jiran caalaa birmannaa akkasii dhaabbataattt qindeessuu dandahu hin jiru. Tuttuqa yeroo yeroon uumamu qofaaf iyya dabarsuu yaaluun deebii hin tahu; dgargaarsi fi biyyaan qunnamtiin walirraa hin citne jiraachuu feesisa. As irrattis iyyaatii qabaachuun hunda caala.

Oromiyaa biyya walabummaa dhabe. Ofirroo fi daalicha qofatu akka akkasitt itt fufu kan abjootu. Nagaa fi araarri dhagaa golee akeekota Gadaa hawwaman keessaa tokko. Garuu godinaa sana keessatt qayyabannoo malirrattuu dhoofsisuu kan dandahan namoota bilisa qofa. Kanneen akka ollootaatt haa tahu akka biraatt nagaan jiraachuuf fedha qaban walqixxummaan taahanii waliin mari’achuu kan dandahan sabummaa walii mamii malee yoo walii fudhatan qofaa. Sanaa gaditt malbulcha haa tahu hoodi Oromiyaan ummata halagaa jedhaniin hacuucamaa akka jiraattuu qajeeltuu kan tolchu hin jiru. Kan dhima qaban hundi beekuu kan qaban akka Oromiyaa irra hafee empayerittiifuu mootummaa seerawaan si’ana hin jiru. Kan amma jira ofiin jedhu abbaa humnaati, afaan qawween qabatee isumaanof jiraachisaa jira. Tokko tokkoon ummata empayeritt keessa jiru biyya ofii irratt akka moo’aa tahe amana. Waa’ee seerawummaa saa himu kan dandahu ummata laalaan bulcha saa dhandhamate malee namooti kanumatu isinii taha jedhaniif seera qaba jechuu miti. Kanaaf kanneen mirga Waaq kenneefiif qabasawan booqaa gooltuu jedhu itt baasanii kan ummata gooliin bulchu eebbisuun dogoggora mertii yk duruunfatanii fedhi ofii sirrii haa tahu balleessaa deggeruu dha.

Oromiyaa qabatanii turuu qajeelaa tahu agarsiisuuf koloneeffatoon see mararfannoo argachuuf, nageenyaa Habashaa; jecha durii “laaqii Kiristinnaa garba Awwaamaa fi Moslima keessaa” jedhu fi seenaa qubsa ummataa dhahataa jiru. Sabi mataa fayyaa qabu kan nageenya Oromiyaa dorsisa hin jirreef koloneeffattuu Habashaaf aarsaa hatahu jedhu hin jiru. Dhugaan saa Oromiyaan eenyuufuu hammeenya hin qabuu. Kan Oromoo hamaa irra buusuuf gaagaa asii fi achii ofumaa uumu jala dhokatee sosso’aa jiru koloneeffataa dhaa. Gabaasi Dhaabota Mirga Ilmaan Namaa yeroo yeroon baasan kanaaf ragaa dha. Jarraa kana biyya Habashaa Muslimaa fi kan amantee gara garaa hordofan hedduutu jira. Biyya mootii durdur se’amaan jiraate “Prester John” jedhamuu mitii, amma kanneen dhugeeffannoo hedduu biyya muummicha malee laaqii baanan tahuun hafeera. Sanaan biyyoota biraan adda addummaan hin jiru. Biyyi addatt kan moslimaa yokan kan Kiristtinnaa jedhamu emapayera Itophiyaa keessa hin jiru. Yaada yeroon itt darbe akkasii kan gaggeessan jiraachuun nama gaddisiisa.

Kanaaf Oromiyaa biyyi dhugeeffattoota hedduu akka biyya dubbii dhistuutt qubaa itt qabuun akka mitii. Dhugeeffannoo hundi bu’uur oo’istuu qabaachuu waan dandahaniif cuqqaallii itt tolchuun abbaawummaa saba saaniitii. Yeroo haalli ofirraa ittisuu gaafatu jiruu fi bilisummaan dhiddhiitamu aadaan malbulchaa Gadaa fuulaan walitt bu’uun beekama. Ilmoo namaa fi naannaa uumaa kamittu goolii bifa kamiiyyuu uumuun safuu dha. Waa’een seenaa yeroo ka’u Oromoon dhaalmaa saa hundee bilisummaa tahe, haa jaallatu malee bara si’anaa waggootii kumaan darban keessa jiraachuu hin fedhdhu. Nokkorroon xurree sanaan yoo ka’e Oromoon namoota afaan Kushaawaa dubbatan si’anna, Nayilootota, Omotikoota fi Baantuwoota waliin Mediteraniyaani hanga Qixxeessoott qubattoota jalqabaa keessaa isa tokko. Waa’een qubsuma Oromoo kanneen dhiheenya dhufaniin yeroo ka’u waan kolfaati. Angoo, karaa fi mullina itti addunyaa gowwomsan waan qabaataa turaniif seenaa jajallisaa bahanii. Amma hunduu iyyaatiitt saaqaa waan argataniif yaadii fi barsiisi saanii qullaatt hafee hundi sobaa fi kan yeroon itt darbe tahanii argamanii. Hammam akka waa qayyabatan ilaaluuf nammuu waca saanii dhaggeeffachuu ni dandaha taha, garuu danfa waa’ee hin baafne kanaaf hubannoo kennuun yeroo balleessuu dha.

Oromoon ummata qaroo, lakkoofsaan dila, ummata naannaa fayyaa fi nagaa qabu jaallatuu; Oromiyaan kenna uumaan dureettii taate. Kaasaa seenaaf tahee ofbara malbulchaatii duubatt hafe turee. Yeroo ammaa qaxisaan haa tahu malee want halle jijjiiramaa jiraa. Kan barbaachisu akka sabaatt moo’ummaa saanii dhaban deebisanii gonfachuu fi akka ilmoo namaatt ulfina saanii argachuu dha. Filmaati saanii lama; waan gaafatu hunda baasanii olhaantummaa fi hacuuccaa halaga jalaa of bilisoomsuu yk akka gaddeebiitt Hagoosotaa fi AzbixootaanTsexargachotaan gadi ilaalamuu itt fufuu dha. Akka Oromoon jedhutt hobbaatii (dildhuu) dhala fakkaatee haadha jalaa kaafame malee ilmoon dhugaa sana hin filatu. Warraaqsi Oromoo filmaata isa duraaf dhaabbata. Soda fi dorsisa battala kamiiyyuu hin qabnen, ummata Oromoo angassanii fedha bilisaan filmaata sirrii godhachuu gargaara. Ummata kamuu, mirga fi bilisummaa filmaatota gidduu foo’achuu qabaachuu caalaa kan gammachiisu hin jiru. Manii sana rukutanii, kaayyoo kumkumootii kufaniif fiixaan baasuuf warraaqtota of kennan gaafata. Si’ana qooqoti warraaqsa”, “kaayyoo” fi “Oromummaa” jedhan ofirratt amanuu, kutannoo fi dudhama hangammeessa olhaana kaasaa ummatichaaf waan gaafataniif qabsaawota Oromoo hedduun lagatamaa jiru. Warraaqsi daddaaqinaa fi ejjennoo ammaa amma waltajjii hundatt jijjiirrachuu bakka hin qabu. Ilaachaa fi shaakala irratt kutannoo jijjiirama bu’uuraa fidu gaafata.


Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Bitootessa 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *