0

Karoora Muummicha (Master Plan) Finfinnee

Finfinnee, lafa Oromoo, bakka  jalqaba jaarraa 20ffaa dinni mandheessaa itt ijarachuun buphaa buuqqataa gomgomaa yaase itt buufate, ammas wiirtuu waldhabdee ta’ee hafaa jira. Karooramee, dhiisee, aangoo qaamaan haa ta’u safuun, yoo humna saamamtoota ijaaramanii hin ta’in, kan akka fedha saanii nama irratt hin feene abbaa hirrootaa dhaabu danda’u hin jiru. Oromoon Oromiyaa irratt abbaa biyyummaa gaafachuutt kan ka’e gaafa qabamee eegaleetu. Ergasii abbaa biyyummaa dhabe deebifachuuf nagaanis hidhannoonis gaafachuu hin dhaabne. Qabsoo bara hedduu fi wareegama guddaa booda, 1991 deebiin fakkeessaa kennamuu eegalaan. Hidhata yeroo Mootii Habashaa waliin gurguddoon Oromoo yawus uumuu yaalaniin akeeka bu’uuraa tokko tokko irratt walii galanii turan. Sunis yeroof “Mootummaa Cehumsaa” dhaabuu, sabooti mirga hiree ofii walabummaa ofiin murteefachuu akka qaban walii beekuu, daangaa Oromiyaa yeroof ulagaan murteessu beekamu, filmaata naannaa naannaatt gaggeessuu fi heera rakkina ijoo godinaa sanaaf furmaata kennuu danda’u waliin wuxinuu, Finfinneen magaalaa addatt fedhi Oromiyaa keessatt eegamuu qabu ta’uu fudhatamu ture.  Mootummaan Cehumsaa yeroo raawwatu ummatooti gara fedhanitt cehuu akka muteeffatan amanameetu. Garuu akka abdatamett utuu hin ta’in olhantummaa gola tokkoon qari’uu dandahe. Egaa, gaaffiin Oromo biyya abbaa ofii irratt mo’ummaa qabachuu gana koloneeffataan bacancare jechuu dha.  

Kanaaf gaaffiin waa’ee Finfinnee ballisuun Oromiyaa bakka lamatt kutuu yaaduu gaaffii waliigalaa keessatt kan ilaalamu malee isaa guddaa dhiisanii gara xinnaa irratt xiyyeeffachuu akka hin taane hubachuu dha. Kana jechuun tooftaa koloneeffataan fedha Oromoo gara dabarsuuf qabatee xixinnoo fudhate gad bahu itt bobba’u dhiifnee callisnee ilaalla jechuu miti. Fakkaattii isa guddaa keessatt ilaaluu akka hin irraanfanne jechuufii. Oromoon biyya ofii biisoomsanii akka isaanitt tolutt caasatu malee caasama halagaa kamiinuu akka seerawaatt fudhachuuf dirqama hin qabani.  Magaaloti empayeritt caalaan saanii soda ummata naannaa irraan kan ka’e tabboota biyyoota kolonawan irratt ijaaramanii. Lafti tabboota sana irra jiranis abbaa qawwee (Nafxanyaa) saaniif hiramanii. Galmistanis masaranis achumarra fannifamanii jiratu. Kanaaf jiraattoti garri caalaan magaalota sanaa Nafxanyaa fi Kiristinnoota. Bara dheeraa booda tabboota  irraa gadi bu’uun saaniin kan agarsiisu hammam holola surrii dhiqaa fi raatessaa saaniin “Stockholm Syndrome” (faarmullis miidhamaa akka saree midhaa saanii jala yaasu) ummatoota keessa facaasuun hordoftoota juujuutt jijjiiruu saanii akka amananii.  Meeshaan too’annoo ammayyaanis qooda keessaa qaba.  Sun ofirrummaa saanii jabeessee biyya abbaa qabu biinxa’uuf uggaa jiru. . 

“Karoorri Muummichi Finfinnee” bara mootummaa abbaa gonfoo kaasee itt jirama. Magaalaa tokkoof kan karoorri ba’u rakkina mana jireenyaa fi hojii, guddina warshaa, geejjibaa, lolaa kosii adda addaa, eegumsa fayyaa, tajaajila bishanii fi ifaa kkf argamsiisuun sirna itt gochuu dha. Finfinneen rakkina bishaanii fi ifsaa dhaabbataa qabdi. Furmaati bakka jirutt tajaajila barbaachisu argamsiisuu dha malee karoorri dhibbi baheef ummatichaaf kan bu’u hin jiru. Lafti naannaa Finfinnee jiru kan ummati Oromoo mootii jijjiramu hundaan buqa’aa dhufe irra qubate. Galaanii fi Eekkaa kaasanii dhiibamaa dhufuun, kan fagootti hin godaanin itt hafani. Jireenyi barabaran dhiibamu itt fufuu hin qabu. Hamaa dhufu walii tumsanii ofirraa qola’uun seera uumaati.  

Moototi  darban yeroo Finfinneef karoora baasan  gara caalu bu’aa ofiirraa kaasanii ture. Kara ijaartoti mana dureeyyiirraa qabaa kan kanneen human hin qabnee jigsaa turani. Akeeki ture qondaaloti mootummaa akka itt durooma guddifataniif karaa mijjeessuu malee tajaajila barbaachisu magaalattiif uumuu hin turre.  Kanaf balan tokko yoo bu’e oolchuun rakkoo ture. Si’ana lafti kan mootummaati waan jedhameef, mootummaan gola taahitaa irra jiruun adda waan hin taaneef, qaawwaa mana gidduutt argamu hunda yoo gurguratan abbawummaan itt hin dhagahamu. Kanaaf awwaala illee diiguun lafa saa gurgurachaa akka jiran ballinaan himama. Akka aadaa fi amanteett ujuba jeequun yakkaa. Kan barbaadan waa qabatan hunda callaatt jijjiiruu dhaa. Karoorri kun sanaaf carraa guddaa kennaafi.  

Egaa, jarri kun ilaalcha jireenya ummata magaalichaa fooyyessuu garaa hin qabani.  Tolfatan Karoorra kanis kan wayyooma jiraattota Finfinneef yaadame utuu hin ta’in dira’ina itt sutame akka qabu hubachiisa. Ummata Oromoo, caalaattu Tuulamaa fi Maccaa, kan dura buqqisaniif gaaffii irra jiru utuu hin deebisin bara abbaan biyyaa mirga saa gaafachuutt ka’e kana lafa caalaa kutanii dabalachuu yaaluun waldhabdee jiru babbalisuu malee furmaata nagaa argamsiisuuf fala hin ta’u. Mirga abbaa biyyaa beekanii heera ofii keessa galchuu qofti gahaa miti. Yoo xinnaate heera ofumaa baafatani addunyaatt labsan kabajuun qaroomummaa dha. Miiddhaa hin dhinne uumuurraa koloneeffatoon magaalaa saanii mummicha biyya saaniitt ol deebisanii, Maqalee, Aksum,  Gondar yk haaraa ijaarratanii baballifachuu dandahu.

Biyyichii abbaa biraa qabachuun kan darbaniif hin liqimfamnee ture. Kanaaf karoorri saanii eenyufaaf caalaa bu’aa argamsiisa kan jedhu irratt hundeeffame. Jarri ammaa sana irratt dabalanii karooraa tooftaa fi tarsimoo of keessaa qabu baafataa jiru.  Lammii saanii fi ofiif ariitiin bu’aa hammami butachuu dandeenya laata jechuun hojiirra oolchuuf si’aawaa jiru. Karoorri kun tokkummaa Oromoo cabsuun fulduratt bulcha koloneeffatoof  gufuu akka hin taanett yayyabame. “Xaqilayi Gizati”mootii  moototaa caalaa hamaa kan ta’etu dhufuuf deema. Akka ilaalcha saaniitt Finfinneen mooraa raayyaa biyya qabateeti. Dhiphisuu, ballisuu, guddisuu haa ta’u bareechuun bu’aa jara kanaa irraa ka’ee ilaalama. Lafa hedduu Finfinneett dabaluu jechuun abbaa biyyaa irraa buqqisanii mooraa diina saa irratt baballisuu fi halagaa irra qubachiisuu jechuu dha. Sana duuba akka hawwa saaniitt Oromiyaan dhiiga gootota seetiin dhaabbatte diigamtee karaa saamicha yoomuu gaafatama hin qabne mijaawaa argachuuf gaggabaa jiru. 

Karoorri amma o’aa jiru kun garri caalu bara Dargii kan xumura argate ture. Sunis biyyoota Tuulamaa, Jillee fi Arsii irraa lafa hedduu kan fudhatu. Gareen bulcha magaalaa Finfinnee kantiiba yerosiin durfamu karoora jedhamuu kanan walfakkaatu Kora Ministorata Mootummaa Cehumsaan akka eebbifamu dhiheessee ture. Utuu waa’een abbaa biyyummaa Oromoon Oromiyaa irratt qabdu hin murteeffamin ilaalamuu akka hin danda’amne miseensota korichaa ABO bakka bu’an waan mormaniif xaxatanii akka deebi’an godhame. Hardha maaltu nu tuqaan saba tokko lafa irraa haquuf mala baafataniin ummatoota empayerittis, addunyaas gowwoomsuu yaalaa jiru.  Kun tuffii sabichaaf qaban dur dhoffatan hardha addababayiitt labsaa jiru. Didhaan eenyummaa ofii beeksisuu ilmaan Oromoo irra jira.   Ballachuu Finfinnee haata’u dhimma Oromiyaa ilaalu irratt kan murteessuu danda’u abbaa biyyichaa ummata Oromiyaa qofaa. Yeroof qophii ittiin mirga saa kabachiisu hin gumeeffanne ta’aa. Sanaaf malee galtuun Oromoollee booreen akka itt ulfatu beekamu qaba

Oromiyaan Finfinnee irratt fedha addaa qabdi jechuun seenaa ta’uuf deema.  Magaalaa Federaalaa jedhanii marii Oromo malee irraa kutanii biyya of danda’e tokko gidduu baasuutt qaxisaa jiru. Amma kan ta’u qabuu walgurmeessanii jarmaa cimfachuun mooraan raayyaa koloneeffataa baballachuu akka hindandeenye karaa barbaachisu hundaan itt bobba’uu dha. Oromoon kanneen cunqursaa deggeranii fi utuu itt himamuu saamicha Oromiyaa irratt qooda fudhataniif itt gaafatamaa haa ta’uu abbaawummaa hin qabaatu. Warraa fi maatii Oromiyaa sossobbaan haa ta’uu humnaan buqqisanii facaasuu caalaa yakki hin jiru. Madaa haaraan kun kan darbe yoo kulkulfachiise kan itt komatamu isuma quba itt dhahaa  jiru. Ollaan kan nagaan jiraatu yoo haala tolaa fi hamtuu jalatt qixxee wal kabaje. Kanneen hardha garaa guuttachuu jedhanii dhaloota dhufan gidduuti haddhaa fachaasan akkuma kanneen isaan duraa salphinnii fi giimii hin dhaamne akka isaan eegu barachuu qabu. 

Haalli addunyaa jijjiiramus mirgi Oromoo ittuma qoosamaa jiraa. Kanaaf itt gaafatama jalqabaa kan fudhatan Oromoo dha ofiin jedhaa kanneen diinota Oromoof milla dhiqani. Kan itt haanu utuu beekumsaa fi humna qabanii Oromoo ciisanii hanga gorra’amanitt eegan yk yeroo obbolaan saanii akka malee hidhaman, ajjeefamanii fi guraaraman callisanii ilaalani. Inni sadaffaan bu’aa ofii fi lammii saa jedhee kan fixaqacceett bobba’ee fi mirga ilmaan namaatt roorrisuu. Jarri sadan gochaan haa ta’u irra darbuun Oromoo balleessaa, Oromiyaa akka diigaa jiran hubatanii karaa itt harka irraa dachaafatan faluun qooda sabboonotaati. Caasaa Finfinnee kan amma jiru irraa jijjiiruu jechuun qaccee Tuulama dhiibbaa waggaa dhibbaa olii irraa seenaaf hafte ari’anii halagaa afaan, aadaa fi hooda addaa qabu qubachiisuu jechuu dha. Handhurri eenyummaa Oromiyaa, Odaa Nabee kana keessatt argama. 

Finfinneen maqaa jijjiirrattee qubsa halagaa erga taatee turteettii. Baballachuus hin dhaabne. Tuulama bakkaa balleessuun eenyummaa Oromoo balleessuu irratt kan aggaamame. Badiisi sana caalee hin jiru. Oromiyaa Lixaatii ka’anii Kaaba, Bahaa fi Kibba deemuuf “Barmeessoo yk Yilaf” halagaa barbaachisuuf deema jechuu dha. Kanaaf iyyaa fi mormiin karaa halleen gaggeeffamu irratt hundi gamtoomuun dirqii dha. Manguddoo  Oromtichi laalaa qabsoon qaammi lasha’ee fi iji jaame, Dotii Turaa,  siree ciisee irraa “Maaf teessu badnee Iyyaa Iyya dabarsaa!” jechuun radiyoo “Sagalee Oromoo” irratt yoo iyya kaasu kan humna qabu qaammi guutuu ta’ee callisee  ilaluun booree taati. Humni Habashaa jalqaba irratt Oromiyaa cabse Tuulama irraa eegalee. Harras Oromiyaa caccabsuun achuma irraa eegalaa jiraa. Dur gosti kaan kan, isaan hin ilaalle se’anii callisanii hanga inni burkutaawutt eeganii. Fardi Tuulama irraa ka’e yoo achumatt dhaabuun hin danda’amne hunda irra buufata.  Hundi waliin hiriiree injifannoo galmeeffachuu malee Oromiyaa irraa lafa taakkuu tokko Oromiyoon dabarsanii kennuun badiisa farrifachuu dha. Ilmaan Oromoo eenyumaa ofiin boonan utuu jiranii, Oromiyaan lamuu hin biinxa’amtu.  Qabsoon gara hiree ofii walbummaa ofiin murteeffachuu karaa halleen jarjarfamuu qaba. Oromiyaan haa jiraattu!


Ibsaa Guutama

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ebla 2014

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *