0

Barbaachisummaa Dhaabaa (Haasaa BMMW beeksisuuf tolfame jalqaba tolfame 12/14/2013)

Oromoon durii waan halleef dhaaba qaba ture.Dhaabi tokko fooyya’u haa ta’uu guddachuufi yaa’a qaba. Akka sirna Gadaatt seerri tokko waggaa saddeet saddeetiin keessa deebi’amee ilaalama. Seerri haala Yeroo waliin deemuu akka qabu bareechanii beeku turan. Dhaabi seeraan dhaabbata. Kanaaf yeroo waliin deemuu qaba jechuu dha. Kan haala waliin hin jijjiiramne fedha ummati birmadummaaf qabu. Akeeki yk kaayyoon fedha ummataa guutuuf yaada hordofamu. Fakkeenyaaf akeeki demokrasii Grikii afaan hundi leellisu kaayyoon saa bu’uuraa, bulcha ummataa dhugoomsuu dha. Sana jechuun tokko tokkoon namaa waan isa ilaalu irrati murti kennuuf suduudaan qooda fudhachuu ture. Biyyi guddataa yoo deemu lakkoofsi namaas yoo baayyatu suduudaan hirmaachuun rakkisaaa waan dhufeef iddoosotaan qooda fudhachuun murteeffame. Akeeki hundi mirga qabaachuu garuu hin jijjiiramne. Sirna Gadaa demokraasii suduudaa fi iddoosotaatiin qabu koloneeffataan Oromoo jalaa rukute. Hamma danda’e buqqisee gate.

Kanaaf Oromoon dhaabota jalaa jijjigan akka deebisanii itt ijaarraatan karaa ofii barbaaddachuu erga eegalanii turaniiru. Dhaaba yoo jennu ijaarsa qaammi tokko hamlata karoorfate itt gaggeeffatuu jechuu keenya. Ergamsaa fi daayi saa  qaama bu’urseen murteeffama. Dhaabi akka ilmoo namaati. Naannaa keessatt guddatu dhiibbaa guddaa itt tolchee miira warri hin yaadnee ala horachuu danda’a.  Hangammeessi hawaasa keessa jiru, akka maal naan jedhu, saalfii, safuu, laguu, ciigoo, sinsinnii, didhaa fi dorsisa fakkaatan bifaa geeddarsiisuun ni mala. Kanaaf dhaabi isa caasaan namaatt mulliisan qofa utuu hin ta’in kan barsiifataan hordofanis ta’uu ni danda’a.  

Dhaabi hundii fiixan hin ba’u. Dhaabi tokko abdachiisaa dha kan jedhamu, kan gaggeessan hojii kanaan dura argisiisaniin amanamummaa horatan yoo ta’e yk shakalaan waan jedhanitt kan cichan ta’uu saanii yeroon erga agarsiise duuba ta’a. Seenaan dhaabota Oromoo kurnan darbanii kan caqaseef barumsa guddaa ta’a.  Kaan amba kana erga mirqaansanii harka rukuchiisanii booda mirga agarsiisani bitaa lufanii. Hanqinni saanii maal ture? Kan waa tolchuuf ka’an hundi sana qorachuun kufaatii irra oolchuu danda’a.

Dhaabi hanqina hawaasa tokko keessatt argamu guutuuf ijaarama. Namooti dhaabicha hogganan hanqina jiru hubachuu qofa utuu hin ta’in sana guutuuf kutatoo fi akeeka saaniif dudhama kan qaban ta’uutu irra eegama. Akkasumas dhaaba saanii haleellaa dhokataa fi mullataa hamajaajiin aggaamamu irra eeguuf dammaqoo ta’uu qabuu. Dhaadannoon dudhama hin mirkaneessu kanaaf itt deemanii hojii irra oolchuu dha. Waggaa dhibbaa oliif Oromoon akka koloneeffataan barbaadett malee akka ofii barbaadutt bulanii hin beekanii. Kanaaf dhaabi maqaa saaniin ijaaramu kan madaalamu ummatichi mirga hiree saa sabummaa ofiin murteeffachu  gara dandeessisutt tattaafii agarsiisaniinii.

Ummati Oromoo kanaan dura qabsoo baldhaa hunda hammataa gaggeeffatee hedduu itt wareegee milkii guddaas galmeeffate. Milkiin sun sabboonota xiiqiin Oromummaa kaakaaseen argame. Wayyabi saanii ijoollee qotee bulati. Onneen kakaasee dafqa fi dhiigaa saanii wareeguufi dhihaatan malee barumsa olaanaa fi kan addaa qabaataniif miti. Garuu hoggansi dhiibbaa adda addaa irra of eeguu fi yaada haromfachuu dadhabuun dhaabi malbulcha hedduu abdatame laasha’ee jira.  Beekaa haa ta’uu wallaalaa wanti halle kan dalga itt gale fakkaata. Oromoon ala kana jiran waaggaa hedduuuf laasha’aama kanatt dhagaa guuruu fi deggeruutt diina gargaaraa fi walis mammadeessaa bahani. Alana gara itt qaban waldhaalluun akka hireen saanii godhe hata’an jedhanii kan itt dhiisan fakkaata. Hanqinni Oromiyaan qabu hedduu waan ta’eef garee gareen ogummaan waan wal hin giphasifnett bobba’aa jori. ABOn ammaaf malee, egereen saa hin yaaddessuu. Keessaan haa ta’uu alaan diiganii balleessuu irra ol ta’eera.

Amma Ilmaan Oromoo jalaa ka’iin dammaqaa waan dhufaniif, kan bade hunda deebisanii ijaaruuf mala dhahaa jiru. Kan hojjechuu bobba’uu fedhaniif, baldhanni dirree hamma hin qabu. Dhihenyuma kana sochiin “Afaan” jedhu hagam akka milkaawe argaa jirra.  Kanaaf fula fuulan qabaa jabeeffachuu dha. Sana malee utuma malbulcha qofaa irratt ija babaasanii diinagdee fi hawasomaan gaafa biyyi argamu qophii dhabuun dhaqqabuu danda’a. Hobbaati sochootii amma tolfamaa jiranii, bulee kan qindeessu dhaabi malbulcha barbachisaa dha. Garuu al tokkoon hin baabsinees dhaaba malbulchaas ta’uu hin dandeenyu.

Dhaabota ijaaramaa jiran keessaa  Bu’uursa Media Madda Walaabu kan jedhamu afaan Oromoon Amajjii tokkoo 2014 irraa ka’ee dhaamsa raadiyoo biyyatt facaasuuf karoorfatee socho’utt jira. Barruunqabii (documents) akka heera, seeraa fi dambiilee, ergamsaa fi daayaa, yoo ilaallu karaa isaan jalqaban amansiisaa ta’a. Hojiin fulduratt ilaallaa. Leellisoo gola kamiiyyuu akka hin taane fi dhaaba Oromoo kamuu deggeruu malee akka gufuu itt hin taane barruunqaboti kun ni agarsiisu. Kanaaf Barlabsi Gubirmans hamma isaan karaa jedhan irra deemanitt waliin ijaajja. Gocha saanii keessattis qooda fudhata. Sochiin “ganda, amantee, gosa kkf”  “Dura Nuti Oromoo dha” jechuun dhaadannoo angafoti waggaa shantama dura ittiin ummata dammaqsaa turan haaromsee kan labses waan akeekkatettshaffisaan akka milkaawu hawwinaafi. Kan akeeka tokkoo qaban gamtaan bobba’uun anjaa akka qabu qayyabachaa walii tumsuuf ammumaa karaa mijjeessaa deemuun gamnummaa dha. Hunduu akeeka taliilaa, bilchaataa fi garaa qulqulluun hanga bobba’anitt wanti hin milkoofneef hin jiratu.

Oromoo ogeeyyiin yoo waliinis garee gareenis bobba’an wanti tulchuu danda’an daanga hin qabu. Alana waan  ittiin walbarsiisan fi wal dammaqsan tolchuuf kan tattaafataa jiran eebbifamoo dha. Sun dandeett Oromoo olkaasanii ummaticha aangessuuf yoo ta’e gammachuu hundaati. Hanqina jiru guutee dhaabota hawaasomaa kan gitaa fi ilaalchaan hin baabsine diriirsuu,dandessisa. Qoodi miseensotaa gargaarsa, yaadaa, horii, humnaa, dandeettii, beekumsaa fi hamilee  gumaachuu dha. Namoota biyyaaf yaadan sanaaf hiriirsuunis qooda saanii ta’a.  Oromoon holola halagaa locaa ta’e qofa dhaggeeffachuu erga nuffee turee jira. Kanaf dhaqabuufii kan murteeffatan shaffisuun barbaachisaa dha.  “Qaqqabatan dhirsaa namatt fida” jedhama.

Oromoon gaanfa  Afrika keessa ummata wayyaba. Dhaabota bu’a malee qofa utuu hin ta’in kan bu’aaf ijaaramanis gabaa riphaa guddaa qabu. Guddina saanii bahee mullachuuf hanqina dhaabota diinagdee, hawaasomaa fi laafina dhaabota malbulchaatu jira.  Dhaabi waan jedhu shaffisaa fi mudaa malee hojiirra oolchu miseensaa fi deggertootaa boonaa fi gammachuu horaafi.  Dhaabicha keessatt qooda kan fudhatan muuxxannoo duubaaf tolu argachuu danda’u. Dhaabi bakka itt waa baratan, dirree adda addaaf bakka hogganoota keessaa maddisiifatanii fi aadaa saanii itt misomfatan ta’uu danda’a.

Yero itt namooti afuura walii dhabanii mediyaa hamajaajiin afanfajjeeffamaa jiran kana, media ittiin dhaqabnu ijaarra kan jedhan  as bahuun hammaam garaa lammii haa ciibsuu? Kana Caalaa kennaa Waggaa haaraa malliitu jira? Oromoo ala jiraniif ummata saanii dhaqabuu boonsaa dha. Ummmata waa’ee fayyaa saa, jiru saa fi oolmaa saa dammaqsuun waan yeroon gaafatu. Si’ana ilaalcha addunya gara barbaadanitt kan masakan kan mediyaa qabanii. Hundu fedha sabaa fi daldala ofii duratt ittiin dhiibu. Sochooti si’ana mumuldhataa jiran fedha ummata Oromoo fi cunqurfamootaa ifa baasuu qabu.  Dhaamsi saani hunduu akka dhagahaa jirrutt Oromummaa irratt hundaawaa. Raadiyoo walabi maqaa Oromoon Oromiyyaa dhaqabu SBO qofa ture. Inni sagantaa bilisummaa Oromoo utubuuf dhaabbate. Dhaaboti amma ijaaramaa jiran kan xiyyeeffatan  hawasomaa fi diinagdee irratt yoo ta’e bu’aa wayyaa qabaatu. Sagantaa dhaaba malbulchaa kamiifuu hin baabsinee fi dhaaba malbulchaa ta’uufis hin dorgomnee yoo ta’an dhaddhaqii sochooti isaan dura seenan irra of baraaru. Waa’ee malbulcha barsiisuu utuu hin ta’in waa’een dhaaba malbulchaa sochoota si’ana jiran irra addatt ilaalamuu qaba. “Afaan fi BMMW sana ifa baasuu saaniif galata qabu. Hunduu jalqabamanii akka duubatt hin deebine  duubaa haa dhiibnu. Hanga ummati Oromoo mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu haala mijjeessanitt, hundi saanii dhabota keenya. Garagarummaa bubbucuu qaban afarsuu caalaa wal qayyabachuuf tattaafachuun mala adda addaa nuuf burqisisu jennee abdanna. BMMWn keessa deebinee baga ooffalte jennaa.  Ayyaana Oromummaa yoomu haa jabeessinuu.  Qabsoon it fufa!


Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu! 

Ibsaa Guutama 
Sadaasa 2013

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *