0

Dandamata Kaayyoo

Bara hedduu fi marii ogummaa fi obsaa gaafateen sabboonota jabina ABOtt amanan gufuu duratt danqarame irra qaxamuranii wal hubannoo uumuu dandahaniiru. Sun jannummaa gita hin qabne. Kaayyoo daandii dandamataa irra buusuu fi dhaaba ofii deeffachuu saaniif qabsaawota ABO hundan  ishoo!“Yooyyaa!” haa jennu. Yeroo afanfajiin dagaagee fi abdii kutannaan sabonnota Oromoo irra gahaa jiru kana wal hubannoon hamilee ol kaasu kun, daafa abdiin guutee, afanfaajjii taliilinaan bakka buuse. Wal dhabdeen “QC fi Shanee Gumii fura kaayyoo irratt ture. Lamaanu kaayyoo ganuun wal haddheessuun hedduu walis qabsoos hubani. Jara sana keessa abba tokkoota jireenya saanii ijoollummaa guutuutt bilisummaa Oromiyaaf kennantu argama. Baqaqaan isaan gidduutt bahe mancaastotaa fi kittilayyoo diinaaf carraa luuxxee ittiin seentu uumeef. Akeeki saanii dhaabaa takkittii ummati Oromoo amantee irra kaa’ate diiganii hamma hin jirree gochuuf ture. Rimsama walabummaa fi tokko ta’uu Oromiyaa jibbuu. Amma kanneen walabummaa fi bilisummaa Oromiyaa fi Oromiyoo fedhan ejjennoo saanii mamii malee labsaniiru. “Rukuttaan duraa walakkaa diliiti” jedhama. Jaalbiyyooti, hoogganooti asirraa fulduratt kuruphuun rakkina sabichaa isa dhugaa furu jedhanii abdatu. Tarkaanfii guddaa jalqabaa kan fudhatan yoo ta’u kan hafu jiruu ogeessaa ta’a.

Akka Oromtichi wanti Oromoo isa dhibaa jiru, Abdii Boru deddeebi’ee dubbistoota saa  yaadaciisaa jirutt nammuu duubatt deebi’ee dogoggoroota qabsoo burjaajii kanaan gahan ilaaluu feesisa. Dogoggorooti sun irra deebi’amuu hin qabani. ABOn dhaabaa malbulchaa fedhaan itt makamootaati; kan fedhaa qaban itt galuuf gufuu meeqa jala hulluuquun qoramanii. Kanneen hangameessa sanaan itt seenan yabboo yaada saanii itt ifsatan qabaachuutu irra jira.  Gumiin deggertootaa, jaarmoti hawaasaa fi kan amantee fi noolaa hundi sirna iyyaatii sochii biyya saanii bilisoomsuu  keessatt hammatamuu qabu. Dhaabi cimaan kan luuxxee galtuu diinaa ofirraa faccisaa gara injifannooti tattaafachuu danda’uu. Bara Abbaa Gadaa Oromoon yaa’ii saanii banaa ta’e muka odaa jalatt tolfatu turani. Yeros seeraa fi dudhaa akkasumas safuu hundi kabajuun dirqii tahantu jiru. Amma mooraa diinaa keessaa waan socho’aniif banaa ta’uun sun hin eegamu. Kanaaf haalicha barree fedhaa iyyaatiif qabnu akka qabsicha bakka hin barbaachifnett hin saaxile dangessuu qabna.  Nyaaphi safuu hin beeku, akkuma saatti itt dhihaachuun barbaachisa.

Kanneen Waabarii koloneeffataa dhaqan hundi fakkeenya daljuu tokko ni yaadatu ta’a. Daljeettiin tokko caakkaa keessaa qama see hundati qoraattiin duudee gad baaate. Jalqaba kamiin irra siif habaafnu jedhanii yoo gafatan dura kan taa’aa naa baasaati isa hafe anuu akka duraa duubaa an fedhuutt baafachuun danada’aa jette jedhama.. Gaaffiin Oromoos walfakkaataa dha. Dura teessoo (biyya) argachuu dha. Sana duuba hariiroon hafu akka yeroo fi bobbaa ofii murteeffataniitt  duraa duubaan ta’uu danda’a.  Gaaffii “ABOn maal fedhaa?” jedhu walhubannoon miillana bahe afanfaajjii ture xaliilessee jira. Kanneen walabummaa Oromiyaan morman dhortuu akka simbira kuukkuu jedhamtu mandhee simbira biraa keessatt hanqaaqu haadha mandhee dhangalaaftee kan see hammachiifatuu waan ta’aniif lammaffata mandhee saanii mooraa ABO keessatt akka hin ijaarranne ittisuu dha. Oromoo kamuu walabummaan haata’uu hirkachuun ijaaramee sagantaa ofii dhaadhessuun mirga. Hoojii ABOn nagaan gaggeefata jiru keessa lixanii borcuu yaaluun garuu akka ergamsa qama biraa bakkaan gahuuf ta’eett lakkaawama. Oromoon hammam jibbi jiratu dangota ulfoo ta’an eenyuu irra qaxamuruu hin qabneef safuu walgidduu qaba.  Yoo nuti Oromo ofiin jenna ta’e hangammeessa safuu sabichaan wal ilaaluun kan eegamu. Sun mallattoo Oromoo ta’uu fi ta’uu dhabuu agarsiisa. 

Abba tokkeen fi murnoota gidduu garaagarummaan yaadaa jiraachuun Oromoo qofaaf kan murtaawe miti. Gumaachi ABO jaatamootaa eegalee sabboonota duubbee adda addaa, amantoota fi godinoota walitt fiduun godhe kan irraanfatamu miti. Sanaan dargaggoon Oromoo waliin dhiichanii kaayyoo saanii dhiiga saaniin eeguu danda’anii turani.  Ammas hamileen sun barbaachisaa dha. Jarmiyaan tokko konka keessatt hin sosso’u. Quba keessa kaa’uun golee keessaa fi alaa hunda irra eegamuu qaba. Bu’aa bilisummaa biyya waloof, fedhiin ofii fi murnaa hardha wareegamuu gaafata. Hardha rakkatan malee bor mirga abba tokkee gonfatanii basha’uun hin jiru. Waan halleefuu ofbaruun barbaacisaa dha. Kan ofbaretu mirgaaf lolataa. Sana malee hankaaksituun akeeka ulfaataa nammuu dhaabbatuufitt mamii umuu yaaluu dandeessi. 

Yoo dhaloti amma hariiroo saa fi waa muruuf muuxannoo saa qofa irratt hirkata yoo ta’ee dogoggorri murtii dhaqabuu danda’a. Se’annaa jireenyi waggoolii duuba maal fakkaachuu danda’a jedhuuf bakka dhiisuu qaba. Yoos qofa hawwa dhaloota duraa, amma fi egeree jechuun kaayyoo sabichaa wal dhuunfachiisuu kan danda’an.  Kanaaf walhuubannoon irra gahame bilchinaan jiruu amma fuldura jiru hordofaa gara egereett tarkaanfii eegaluu qaba. Abdiin saba Oromoo dhaloota egeree kan jireenya garbummaa kanneen isa duraa dhandhamatan hin muuxanne irra jira. Warraaqxoti Oromoo daaya tokkoon masakamu, daaya naga godinaa, biyyoolee fi addunyaa naga qabeessaa. Hunda caalaammoo daaya taliila republika Oromiyaa walabaa, kan nambiyyooti see gammachuu fi araaraan akka ilmoo namatti ulfaatanii keessa jiraatan qabu. Dangaa cehanii kan isaan guraaraa bahan guraaruun haaloo bahachuuf fedhaa hin qabani. Biyyaa fi bilisummaan saanii deebifachuu qofa barbaadu. 

Ogeeyyii fi raagoti hedduun gadadoo ummati Oromoo keessa jiru irra ilaaluun durfannoo empayera jabeessuuf akka kennan gaafatu. Gaaffii kanaaf kan qoomma’an murna hedduutu jira. Ogeeyyiin kun isaaniin maammila gaarii argataniiru. Kanneen seenaa of akka addati ilaalan tuttuquu irra jar asana utuu jabeeffatanii isaanii wayyaaf ture. Kittillayyooti saaniis jaalbiyyoota Oromoott irra buusa adda adaa baasuu yaaluun hin barbaachisu ture.  Jarri farra Oromoo kun maaliif kanneen gaga’aa jiran dhiisanii gaaga’amaa reebuu barbaadu laata? Oromoon gaaga’amaa of fakkeessaa hin jiran garuu gaga’amoota dhugaatii. Nu baraaraa jedhanii iyyaa hin jirani gaauu kaasaan saanii qajeelaa ta’uu dhageessifataa jiru. Roorrisaan waan gochi saa irraan gahuu danda’uuf of qofa komachuu akka qabu akeekkachiisaa jiru. Akka waan isaan Oromoo fi jabduu hojjetaniitt gantootaa fi galtuu awwaalaa baasanii kan tokko tokko nutt jajuu barbaadan maaliif laata? Dhiiga Oromoo qabaachuu qofti Oromoo kabajamaa nama hin godhu. Aadaatu akka du’aa hin xureessine nu dhowwaaf malee balleessaa galtuu fi gantootaa kanaa tarreessuu dandeenya turre. Kan farfachiisu wareegama nammi tokko birmadummaa fi walabummaa saba saaf tolchu. Sabi Oromoo filmaatota of duraa qaba; akka saba walabaatt jiraachuu yk jireenya dhiittaa koloneeffataa jalaa itt fufuu. Yoo dudhaa Gadaatt cichu ta’e isa duraa filatu; yoo bara baraan akka garbaatt ilaalamuu filatan isa lammataa filatu. Filmaati kan saaniiti gorsa halagaa fi maammiloota saanii hin fedhan.

Sabbonoti Oromoo ammas kanneen ABO fi Kaayyoon du’an jedhan qaanessanii jiru. Fedhi birmadummaa yoomuu hin du’u. Abdii kutannaa fi ganni hanga yoonaa tattaaffii gara manii dhumaatt godhamu suutessanii jiru, garuu dhaabuu gonka hin dandeenye. Wal kurkurkursaa fi qoccolloon kurnan darban yeroo Oromoo raamaa bahan dhaabbachuu qabu. Wal amanuun hololaa fi jette jetteen keessaa fi alaan itt afuufamaa baheen haphate deebi’ee haa dhinu. Kanneen Oromiyoo dha ofiin jedhan kan qaban Oromiyaa takkittii dha. Oromoon ummata Gaanfaa, Afrikaa fi addunyaaf jaalala qabu. Amanteen saanii kun kan madde jaalala guddaa nagaa, araara, bilisummaa fi walqixxumaa aadaa demokrasii Gadaa irra dhalan keessaati. Baqqanni Oromiyaa kamuu bilisummaa biyya saanii irratt qooda akka hin fudhanne moggeeffamuun itt dhagahamuu hin qabu. ABOn fakmishoo Hayila Sillasee kan qabsoon alaa gaggeefamuuf hin tolu. Qabsoon gara hacuuccaan jirutt haa joga’u.. Qabsaawota ABO hunda qabsicha jannummaan asiin gahuu saaniif keessa deebinee ishooyee, yooyyaa! haa jennu. Kan darbe irraanfatanii walii dhiisuun fulduratt sosso’uuf karaa saaniirra homtuu hin dhaabbatin. Kaayyoon dandamachuutt ka’eera.


Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Sadaas  2012
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *