0

Qaabata mirkanii qabsoo Oromoo tokkoo tokkoo

Si’ana waa’ee ABO hima mimiciirama duulaagaloo abbaawummaan itt hin dhagahamne, bartuu fi maqamalee irra afaan halagaan dhagahaa jirra. ‘Ishooyee!’ gatattuu fi gargar baaftuun o’anii daangaa darbaa jiru. Barreessaan kun kan darbett qubaa dhahuun madaa irraanfatame kulkulfachiisuu dha jedhee amana. Kan ulfina qabuuf iccitii murnaa eeguufi dhugaa dubbachuun filmaata hin qabu. Ilaalchi dabaankufootaa, yeroo haalamu isaan ka’anii ofirraa facisuu waan hin dandeenyeef qabatteen kun  hanga tokkoo ragaa bahaaf jedhameetu.  Kan darbe yeroo anjaa nu dhabsiisa jennu kan dhoksannu, waa butachuuf barbaachisaa yoo nutt fakkaatu kan mullisnuu tahu hinqabu. Yeroo taphaa akkasii keessatt kan darbe guutuu dhugaa akka calaqsuuf osoo hin tahin kukkutame yk miminniqfamee akka itt galu qofaaf yoo ni tolfama tahe daga sadarkaa tokkoffaa taha. Hariiroon keenya guyyuu roga beekamaa yoo hin qabanne fakkaattii miira keenya isa dhokfachuu feenu gad baasuu akka dandahu beekuu dha. Barreessaan kun barruu kana kan dhiheesse qooda saa gadamoojjummaa gita isa dhumaa akka barbaade of ifsuutt.

Erga Oromiyaan qabamtee jaarraa lamaa oli; erga qabsoon walabummaa waalta’e eegalamee kurnan afur taha jira. Hoogganni jara qabatee kan “Mootii Mootota Itiyoophiyaa fi Biyyoota Gaallaa” ofiin jedhe (waliigaltee Addis Ababaa 1886) bulcha hamaa se’achuun nama dhibu saba Oromoo  irratt fe’e.   Akka dilormicha qaama irra ciruun, ajjeesuu fi garboomsuun walakkatt gadi cabse himama. Isaa as abbaa hirrooti afur irratt wal jijjiiranii hammeenya sanaa gad hin taanee itt agarsiisaa jiraatan.  Jireenya ummatichaa irratt too’annaa cimaa godhan iyyuu barbaraaf cunqurfamaa ukkaamsanii tursiisuu hin dandeenye. Yeroo xiiqiin biyya ofii keessati akka gadgalooti ilaalamuu, haddhaan jireenya samicha akka malee irra ka’e, hacuuccaa namummaa baasuu fi rorroon mirga Oromoo al tokkoo sodaatamaa fi boonaa ture irra sadarkaa hin danda’amne gahu  warraqsi Oromoo qabsiifame. Kanneen qooda fudhachuun kitimaa tahan yeroo hogganooti fi jaallewwan saanii waliin kakatan akka kaayyoo hin ganne fi rorroo, maqaa balleessa, duula holola hin taaneen irraa hanga injifannoott yk afuura isee dhumaa fudhatanitti facisu se’anii turan. Garuu faallan saa ta’uun gara nama nyaata.

Fincilli Oromo altokkoon hin taane. Garuu rakkina ummatichaa waliigalaa ititaa calaqisuu kan dandahe isa ABOn eegalame. Sagantaa ABO isa qaraa “Buusaa akeeka malbulchaa” jedhu jalatt akka akeeki bu’uuraa qabsichaa mirga ofii ofiin murteeffachuu sabichaa mirkaneessuu fi ummata Oromoo saamichaa fi hacuuccaa jalaaa bilisoomsanii  “Demokratik Republik Oromiyaa” dhabu jedha.  ABOn yooma sana Oromiyaa kolonii Ethiopia tahuu seetii fi dhabooti malbulcha jiran hundi  uumaa Nafxanyaa tahuu saanii labse (Bakkalcha Oromo lak. 1).

Dargaggoon Itiyoophiyaa akeeka demokraatawoo hedduuf qabsaawaa turan. Garuu dhuma irratt ilaalcha gara garaa caalaan soshalistummaa fi bilisummaa Sabaa tahett gargar bahanii hafani. Jara sana gaaffiin sabaa empayerittii keessatt finiinaa jirachuu kan argan.  Habashaan ala jiran yaadicha xobbeett qanxasuuf dhama’anii dadhaban. Kanaaf sagantaa saanii keessatt badii caalaa to’achuuf haala duree waliin “mirga sabootaa hiree ofii ofiin murteeffachuu” galchuu yaalani turani. Hedduun yaa’a qabsichaa keessa “dhiphinni sabummaa” qabsoo gitaan ni firrisama jedhanii yaadu turan. Walqixxummaa ummatootaatt amanuu saanii shaakala saanii keessatt mamii malee agarsiisuu hin dandeenye.

ABOn dhaaba bilisummaa ofiin bulaa dha. Gaffiin saa dhaaba biraa waliin dorgommee xexxebaf osoo hin tahin seenaa fi gidira Oromiyaan keessa turte irratt bu’urfame.

Warraqxoti Oromoo kan as bahan bara sochii tokkummaa Afrikaati. Bilisummaan Oromiyaa bilisummaa Afriikaa guutu godha jedhanii amanani. Akka sagantaa saa bara 1976 fo’yya’eett, ABOn deggersa tokkummaa dhugaa ummatoota Afrikaaf qabu fi saboota biraa waliin gara walqixxummaa, fedha walfakkaataa fi akeeka fedhaan waldaa ummachuu irratt hundaawuutt hojjechuun akka dandahamu hubachiisee ture  (kutaa VII  angoo 7&8). Akka holola deggertoota Dargii fi oftuultotaa biro osoo hin tahin ejjennoon ABO kana ture.  

Sochiin bilisummaa Oromoo jalqabumaa ofiin bula Oromiyaaf ture. Qooqi “magganxal” (fottoqfamuu) jedhu seenaa Oromoon akka ofiin bulaa ture irranfachiisuuf karoorfamee diinotaa fi jala kaattuu saaniin kan darbatame. Afaan qabsaawaa Oromoo keessaa yoo bahu foolii gaarii hin laatu. Qabsoon Oromoo goototi lakkoofsa  hin qabne gaaffii walabummaaf kan itt dhumani.yaayyoon qabsichaa fi tooftaa fi tarsimoon yayyabaman akkasumas arsaan bahe hundi sagalee tokkoon waliigaleetu.  Garuu isaa as leellistuun kolonummaa hedduun fura addaa itt kennuun seenaa jalqaba guddicha sanaa jallisuu yaalaniiru. Akka yeroott keessa deebi’uu fi foyyessuun ni jirata garuu yaada booda namatt dhufee akka tolu yk waan haaluun hin danda’amne golguuf  bu’uura sagantaa jalqabaa miciiruu yaaluun qaanii dha. Yoo garaa qulqulluun yaadi jalqabaa akka jijjiramu barbaadan eenyuu yaada ofii dhiheeffachuu dandaha; sanaaf heerri ABOs tartiiba tolcheeraafi.

ABOn dhaaba fedha qaboota maaltu akka irra eegamu beekaa itt seenaniiti. Ergasii dhalooti haaraa hedduun bilisummaa biyya abbaaf itt galaniiruu, ammas ittuma  timaa jiru. Kaayyoo ganamaa isicha ofiin bulummaa gaafatuuf ta’ee, isa  dheessitootaan keessa deebi’ameef kan qabsaawan tahu bareechanii beeku. Qabsich akkamittii fi eenyuun akka jalqabame amma waan seenaati. Tarkaanfii duraaf sabichi “ishoo!” jedha; garuu kan dhimma baasu waan amma tolfamaa jiru malee isicha dabre miti. Tarsiimoo fi tooftaan faana kaayyoo sabaa utuu gad hin dhiisin, haala amma jiru heduu qaba. Ati qabsaawan tokko, jara “ofiin bulummaa kan gaafanne beekaa osoo hin tahin dogoggoraa nuu dhiisaa jechuun kanneen koloneeffataa jilbatti kufanii baraartii gaafatan moo, kanneen “Matumaa, hoogganooti koloneeffataa fi kanneen bakka bu’uuf batattisan, jireenya gadadoo sirni saanii hanga yoonaa koloneeffatoo irraan gahef aagii tufsiifatan malee firummaan hin jiru” kan jedhanitt gorta? Amma eega kaleessa maaltu turee dhiisi kan amma filattu waliin joga’i. Hardhas kanneen qabsoo walabummaa sararaa dhumaan gahuuf qophee tahan kumkumootatu jira.  “Turanii fi hin turree”, seenaa saanii keessa jiru osoo hin laalin, tokkoo tokkoon dhaloota dhufuu filmaata ofii bilisa tahe hordofa. Goobanoota yoo hin taane kan tokkoon bulu yeroo hundaa walabummaaf lolata. Qabsaawoti amma akka eessa dhaabbatan labsuu malee kaleessa akka eessa turanii fi eenyu akka turan miti. Kaleesa seenaaf cuqqaalanii kaa’uu dha.  

Qabsichi hanga yoonaa jija dinqisiisoo tahan galmeessee jira. Abdiin jiru caalaa  calaqqisoon siichi akka dhufani. Osoo ABOn hin jiraanne maqaan Oromoo, Oromiyaa fi hogganoota saanii empayericha keessaa fi addunyaa dhimma qabu biratt maqaa guyyuu dhahaman hin tahan turani.  Haleellan fashistaawaa tahe maqaa ABOmmaan ilmaan Oromoo nagaan jiraatan irratt koloneeffattu xeellaan tolfamaa jiru kan nama gadoodchu. Sun gatii bilisummaa kan isa malee nama ofiin jechuun hin dandahamneeti. Filmaati jiru miidhama fi arrabsoo obsanii jiraachu yk ofirraa facisaa aarii diinaa ija baasaa dhufu dandahuu dha. ABOn  lafa irras onnee fi sammuu sabboonotaa keessas ni jiraata. Dorsisa, gana, hidhaa yk guraarri, haquu hin dandahu. Mirkanii jajallisanii dadhabbii fi hanqina ofii golguu yaaluun beekaa tahu Oromoo gaaffii jala olchuu dha. ABOn hirdhina akkaa fi akkamaleen kan ka’e imaammata hojiirra ollchuuf humna guutuun hin bobbaane. Nammi tokko qabsoo Oromoo sochi ayyaan laalatummaa dhimma hin baafnef wareeguu irra kana amanuu qaba.  Sun toofta mararfannoo halagaa argachuuf tolfame yoo tahe  taliilummaa fi hirkoon tarsiimoo waan hanqatuuf toofta daallichaa, eenyuunu kan gowwoomsuu hin dandandeenye. Duubbee ofiif itt gaafatammi mata mataa fi waliigalaa akka jiru beekamuu qaba.

Oromoon nagaa jaallata garuu nagaan hawwa gartokkeen hin argamu. Kanaaf waliigalteen nagaa jiraachuu saa dura Oromoon hojiirra oolchuuf haala dandeessisuun of gahuu qaba.  Waan akkasiif dhaabi itite, miseensoti hin daddaaqnee fi dudhama qaban jiraachuun dirqii dha.  Kanaan dura waliigalteewoti fashaluun badiin gahe hamma hin qabu ture. ABOn harka nama qabuuf gad bahuu dura, mana saa soneeffachuutu irra jira. Felencoon tokkoo gadi bahee of gurgurachuuf maqaa dhaaba guutuun qaanii malee qaama sadaffaatt of dhihessuun waan kolfaati. Jarri tolcha sobaa tahuu saa beekaniyyuu hololaaf ni taha jedhanii fudhatani. Yeroo ofii burjaajii keessa jiran kana, isaaniif ABOn gargar bahun eebba.

Gaaffiin Oromoo walabummaa utu jiru kan mootummaa Itiyoophiyaa waliin nagaa akka buusu dhiibbaan irratt godhamu murnoota ABO qofa. Sana jechuun oso hin xiixin qabamsa jala jiraadhu jedhamee kan itt himamu isa gagahame jechuu dha. Akka dudhaatt eenyuu hanga hoodi gumaa raawwatutt kan fira saa ajjese waliin nagaan hin jiratu. Faloo bahuuf tarkaanfii araaraa isa dura kan fudhatu isa miidhe. Ammas gaga’aa fi gaaga’amoota gidduutt nagaa busuuf tartiibi hordofamuu qabu sana. Koloneeffataan, giddu deemoo fi jaarsoliin, gaga’amaan mirgi irra haqamuu, roorroo fi fixiisaa ummataa irratt jaarraa oliif xiyyeeffatame heduu dadhabu.  Gaaffiin Oromoo furmaata argachuu kan dandahu yoo gaaffiin ofiin bula saa bu’uura naga irratt akka tuqaa isa jalqabaa tahee dhihaate qofa. Gaaga’amaan heera halagaa akka fudhatuu fi humna isa qabateef kakuu amanamummaa akka galu yaada dhiheessuun hangamessa kamiinu qajeeltummaa hin qabu.    

Rakkinni jiru ofirrummaa abbaa hirree qofa osoo hin ta’in ejjennoo cimaa dhabuu gurguddoo dhaabaa, akkasumas jarsoliin araaraa gaaffii Oromoo sirriitt qayyabachuu dadhabuu  dabalata. Hunda caalaa murnooti waan lallabanitt hin amanne dhaaba keessatt sussutamanii jiraachuun guddina qabsoo sabaa hubeera. Sababa saaniin kaasaan Oromoo  battala adda addaatt akka hin taanett ilaalamaa jiraate. Akka tahes haa tahu qabsicha hankaaksuuf maqaa Oromoof ulfoo tahe “ABO” hin tuqin malee saddeeqa adda addaa taphachuu ni dandahu. Maqaa sana jalatt hedduun kufaniiru qabsichi akka itti fufuuf kitilli bobbahanii jiru. Kanaaf eenyuu kaayyoo saa foyyessuu haa tahu murtee du’aa itt mallatteessuuf mirga hin qabu.

Gaaffiin Oromoo gaaffi bilisummaa fi ofiin bulumaati. Gaaffii ummati mirga dhimma saa irratt murteessuu akka shaakalu aangessuu. Gaaffi empayerichaa bulchuuf dorgomuu miti. Jaarmota torbaatamootaa waliin garagarummaan saanii sana yoo tahu hardhas OPDO, OPCO, WAFIDO fi kan biraas waliin sanuma tahe hafe. Isaan ashkarii  dha, ABOn garuu nakkarii dha. Kan mootummaa Itiyoophiyaa haa tahu jarmiyaa biraan ABO walitti fiduu barbaadu sana irra ka’uu qaba. Yoos qofa kan wanti irratt dubbatamu fi hobbaatiin hedamu taliilummaa kan argatu. Hanga Oromiyaan kolonummaan jirtutt harka kennachuun hin jiru. Itiyoophisoota ABO isa dhugaa seerawummaa dhabsiisuuf sobaan hirree gaaddisa Minnesotatt dhimma bahuu yaalanii fashalan irra barumsa argachuun gaariidha.

ABOn mootummaa empayera Itiyoophiyaa angoo irra jiru kamiinu haa tahu waldhabdee nagaan furachuuf imaammata dhaabbataa qaba. Aanga’aan akkasii heera qabaatee dhiisee iddoo Ityoophiyaa bu’ee Oromoo qabachuun saa mirkanii dha. Dhimma kanaaf gabbaarii ittiin bulchuuf seera ofii kan hayyama saanii hin feesifne qaba. Ittiin buluu malee filmaata hin qabani, haleellaa sodaatu. Kanaa fi hariiroon koloneefamootaa fi heera amma jiruu akka qabatteett dhihaachuu hin qabu. Gaaffiin biraa kamuu kan mirga seerawaa Oromoo tuqu akka haala dureett dubbiif hin dhihatu. Dhoofsisi ABO fi mootummaa Itiyoophiyaa gidduutt tahu akka itt heera saa angoo 39 hojiirra olchan tahuu dandaha. Gara sanatt hojjechuu jalqabuun jabinaa fi qulqullina garaa gar lachuu fi gara kanneen diriira nagaatti fiduu yaalanii fedha. Sana qofatu nagaa egeree fi jireenya badhaadhinaaf hundaaf iggiti taha. 

Akki sochiin bilisummaa sabootaa fi jaarmoti malbulchaa sabhedduun bulcha Mallas itt ilaalan adda addaa.  Jarmoti sabhedduun karaa fedheen “algaa” Minilik inni irra taa’u irra gatanii ofii fudhachuu barbaadu. Saba saanii malee sabooti bira empayeriti keessa jiraachuu beekuun saa akka gana dhaalmaa walharkatt qaba Afrikaatt fudhatu. Sochiin bilisummaa Oromiyaa keessaa baasii malee “algicha” irra dhimma hin qabani. Sabummaan beekamuun seera dhalootaa malee kenna nafxanyaati jedhanii hin fudhatani. Kan isaan gaafatan waraana kee Oromiyaa irra dachaafadhuu dha. Xaxatee sokkuun Oromiyaa Oromiyoof dhiisutu irra jira. Akka isaan yaadanitt kun yoo koloneeffataan lola malee hin jenne kan salphaatt tahuu dandahu.

ABOn 1998 as heera haaraa foyyese yk tume hin qabu. Jira kan jedhamu yoo jiraate akkuma jara abbaa itti tahanii seraa alee dha; kanafis konkaa gatii hin qabne. Hanga Korri taa’ee jijjirutt kaayyoon ABO isuma heera fi barruunqaboota 1998 keessatt haammatame. Hanga yoona mariin (debate) waa’ee walabummaa Oromiyaa ilaalu kanneen Kora irrati jilaan tahan malee ifatt mariin hafee yabboo mareef qophawe jedhamu marraagummaa yoo hin taane hin agarree. Kan nuti beeknu utuu ABOn hin bu’urfamin raawwate. Mariin sadoon tahe yoo jiraate hin beeknu. Kanneen kaayyoo irra dhibee qaban, isa garri caaluu hordofuu alatt yaadoota addaa ugganni fudhatanii bahanii hin beekanii. Garuu hojii suutessuuf tooftaa biraatt dhimma bahanii mamii miseensota gidduutti facaasaniiru taha. Kan isaan onnatanii addummaa saanii himachuutt kahani dhihooma kana. Ammallee marii ambaaf hin dhiheessine.  

Sun lola qabanaawaa saanii xumuratani saba saanii fi  ulfina ofiirra kan fedhe haa gahu jechuun baaquleessaa akka labsuuti. Harkifannaa fi gocha gaga’aa saaniin dhabichi hanga diinni itt gamadutt selkate.  Sun tahus ammallee kanneen diinaa hin guggufnu jedhanii kaayyoo ganama waliin hafan hedduu dha. Kaayyich dhaloota haaraatt waan darbee jiruuf walitt fufiinsi qabsoo walabummaa yaaddessaa miti. Garuu ammaaf hanga diinni itt basha’utt miidhamus haajjisummaa bahuutt jiraachuun saa mamii hin qabu.

Saba Oromoo irra gidiraa baachuun hin dandahamne gahuun kurnan afur dura warraaqsa Oromoo qabsiise. Gaaffii guddaan warraaqsicha mirgi sabaa hiree sabummaa saa hangaa walabummaatt ofiin murteeffachuu fi Demokratik Republik Oromiyaa dhaabbachuu ture. Yoo tahemmoo jechuun gara tokkummaa dhugaa ummata Afrikaa fi saboota biraa waliin tokkummaa uumuutt hojjechuun akka dandahamu kaa’eera. Mootummaan Itiyoophiyaa si’anaa seera saa olhaanaa keessatt “mirga saboota hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu” galcheera.

Araarri nagaa buusuuf tolfamu tokkoo ayyaana angoo heera sanaa calaqisuu qaba. Naannaa kana qabattee jiru xumuruu kan dandahu ooffalcha ormaa (referendum) sanaaf tolfamu. Hanga yoonaa Oromoo raateffamantu Itiyoophiyaa nu godhaa jedhanii iyyatu malee Itiyoophiyooti kana isinii goona jedhanii gad bahanii hin beekani. Tokkoo tokkoo Oromoon akka fixa naama jaarraa oliif irratt raawatee fi harka muraa, arab muraa, harma mura, gubaaa, hanga yoonaa dhiigi saanii hin gogin irranfachiisuuf ajeechaa namoota yartu yakkaa hin beekamneen tolfame garu ABUT hololaa safu malee irra tolfatef yoo akka malee ABO komatan dhagahamu. Oromoo tahe Oromoomitii dhiigi qulqulluu akkasumatt dhangala’ee hafuu hin qabu. ABOn waan darbe alanfachaa hin jiratu, rakkinni oftuultuu, maqxuu fi dheessituu jiraatullee, xaxaa hundaa keessaa bahee sabicha hogganuun injifannoon ni gaha. Republik Oromiyaa of dandeessuunis fedha ummataan ni dhaabatti.  

Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Onkololessa  2011 
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *