0

Guddaa yaaduu

Qabamuu duuba addunyaan naannaa Oromoo jiru duudee ture. Kan qaawwaa dhiphoo bututi uume keessaan ilaaluu dandahan yartuu turani. Jarreen yaroo sana kan hanga ABO uumuun sochii malbulchaa walfudhate sochosuu dandahanitt tattaafataa turan. ABOn duuchaa sana cabsee saaqaa guddaa uumuun akka Oromummaan, humnni fedha of olchuu fi walabummaa Oromoo sossoosu, deebi’ee dhalatu taasise. Oromummaan akka ilaalchaatti, waan fedha ummata guddaa isa darbe , isa jiruu fi eegeree calaqisuuf ergamtoota saa oli. Sana kan abba tokkeen fi murnooti sammuu dhiphoo fi ofirroon qayyabachuu dadhaban. Kan diinaa fi keettoti waliin dhahuu barbaadanis sana. Rakkinni Oromoo hedduu guddaa waan taheef furmaatisaas guddaa yaaduu gaafata.

ABOn akka dhaabicha guddaa seenaa sochii bilisummaa Oromoo keessaa tahuyyuu hamma hobbaa Oromummaan daayamuu hin guddatu.Oromummaan Oromoo hundi, sanyii, gosa, sabummaa, yk amantee oso hin jedhin tattaaffii gara bilisummaa fi jireenya gammachuuf godhanitt  isaan masakamu. Inni mullisa Oromoon ilmaan nama waliigalaa fi keessaayyuu Afrikaanota naannaa saa jiraniif jireenya atomaa fi naqa qabeessa akka argatan hawwa qabuti.

Addi Bilisummaa Oromoo, deebi’ee dhalachuu aadaa fi boona Oromoof meeshaa kalachati. Dargaggoon yeros walqabatanii ka’an seenaa kolonummaa keessatt Oromummaa sadarkaa duraan argamee hin beeknett ol kaasani. Naannaa duudaa sana yeroo dhumaaf cabsuuf tokkummaa fi dudhama waan qabaniif homishaawoo turan. Sammuu haamtuu loote galtuu isaanitt duuddeef osoo hin taanee kan osoo gala saanii hin gahin isaan dhaabu hin turre.  
Hamma caccabanii gargar deemanitt humna garga diigduu fi booddesituu ofirraa ittisuu dadhabuun saanii nama gaddisiisa. Akka qiraacii qodaa cabee biyyaa durii tahani. Cabaan hojii guutuun hojjetu tolchuu hin dandahu. Akka dhimma baasaniif ogeessaan dhinfamuu yk daakamanii suphee haraa waliin deebi’anii dhahamuu qabu. Yeros qofa kan deebi’anii dhimma baasuu dandahan.

Kan shaffisu dhimfamanii akka tokkeett dhimma baasuu dha. Baqaqaan tokkoo tokkoo akka hin dhimmisneef duuchaa caalaa barbaada taha. Yoo akkuma caccabanitti haa hafan jedhame abbaan baasee gata. Garuu nammi biraa hojii garagaraaf dhimma itt baha taha. Tokkoo tokkoo ollaa ibda itt fiduu yk haphee  itt aarsuu yk akka qodaa saree, adurree kkf nyaata itti kennaniiti dhimma baasu taha. Hireen murnoota ABO yoo geedaraman, geeddarama kaasaa sabaa foyyessuu fidan malee sanaan adda hin tahu.

Sabboonoti Oromoo fi murnooti gargar bahanillee hin hafin haala sochii bilisummaa babbadaa jiru dhimmamanii dubbataa jiru. Hamma taatota hundaa irratt dhiibbaa uumuu dandaha tahett dhimmamuun akkasii yerootu itt darbe hin jedhamu.  Caccabanii, akka abbaan fe’e, gara barbaadett ofutt of dhiheessuun sabichaaf qaanii guddaa dha. Kaasaan Oromoo gumaa caccabe hafee dhaabota guutuu caalaayyuu dagaagaa dha. Gumaa bakka bakkatt faca’aniin tajaajilamuu hin dandahu. Gumaa hundi funaanamanii biyyatt ol deebi’uu qabu. Kaasaaa ummata guddaa kana mata jabina abbaa tokkottaa jala galchuu caalaa qaanii guddaan hin jiru. Ammas dogoggora darbe sirreeffatanii haaraa jalqabuun ni dandhama.

Si’ana kanneen gargar bahan waa’ee walitt deebi’uu hasawuu jalqabuun iccitii ambaati. Tataaffin darban kan dhimma hin baafneef yeros hunduu wal hudhuuf waan walitt gamaa turaniifi. Amma garuu eenyuu mataa walirraa qeera’uu akka hundandeenye hubatanii jiru. Caalaattuu bututanii yoomuu caalaa sangoomuutu jira. Yeroon araara lammii uumuun itt dandahamu waan gahe kan fakkaatuuf kanaafii. Kanaafi kan sabbonooti yaada gaarii qabani, akka humnooti bilisummaa Oromiyaa walitt dhufaniif hawwa qabaniif sagalee dhageessisuu kan eegalan. Tokkummaan murnoota ABO uumamuun tokkummaa cimaa humnoota hundaa uumuuf karaa bana. Sabi saanii sana yaadaa jira. Saba saaniif anjaa tokkummaan diina dura dhaabbachuu yk dirqama hariiroo firooma ambaa adda tokkoo gaggeessu kennaaf. Fedha agarsiisuu qofti hin gahu, hundi gara sanatt si’aawuu qaba, shaffisaan si’aawuu. Sana malee hamaa hawwoota haxxee hidhanii eegaa jiraniin yaadi dansi kun hankaaksamuun ni mala. Ba’aan gargar baha kana dhinsuu murnoota dubbiin laaltu malee eenyu irrayyuu miti. 
Jiruun fuldura jiru giixarsiisaa dha. Humni bilisummaa Oromoo hundi walitt fidamuu qabu. Sababa saanii miiddhaan dacha dachaan guddataa jira. Miseensota ABOti jedhamanii namooti hidhaati guramuun, ajjeefamuun, guraaramuun, butamuu fi balleeffamuun akkasumas biyya baafamuun hojii guyyuu tahaa jira.  Sun dhaabbachuu qaba, shaffisaan dhaabbachuu. Yoo ummata ofiif gaachana tahuu hin dandeenye qabsawaa bilisummaa ofiin jechuu gatii hin qabu. Haalli saa wareegama malee wal takaalanii tokkoo kan biraa daguuf mala innaa itt soqu miti. Diinni kuunnoo dirreett baasee ummata saaanii namummaa baasuun kan qaanii godhaa jira. Isaanis harkuma saaniitiin muuxannoo salphisaa harka diinaa dhandhamataa jiru.

Egaa furmaati saa walitti dhufanii garagarummaa suphuu, cabaa dhinsanii akka adda tokkooti socho’uu dha. ABOn adda namoota ilaalcha adda addaa garuu kaayyoo tokkicha qabaniin ijaarame. Gola mitii. Dantaa hundaa akeeka olhaanaa, kaayyoo sabaa tokkicha jala galchuun kan isaan jaarmiyaa kana uuman. Yeroon yabboo adda addaan dhihatan ammaaf hin geenye. ABOn qabsoo tokkome kan Oromoo hundaa, osoo godinaa, amantee, ilaalcha malbulchaa hin jedhin haa gaggeessu yoo jedhame hammasitti hunduu sagantaan bilisummaa kan waloo tahe hordofamuu qaba. Sana malee qiraacummaatt hafanii qabsichaaf dhimma hin baafnee tahu. Oromummaa fi kaasaan Oromoo dhaabotaa fi abba tokkoota isaan gaggeessaniin oli. Kana wallaaluun taatota salphanati geessa. Oromiyaan yoo gubatu dhimma dhabuu fi sagantaa dhokataa fi facaasaa gaggeessuusaaniif arrabi gurrachi hundi isaan abaaraa hafa.

Kaasaa guddicha, kaayyoo waan ilaalutt, humni dhaabuunii dandahu hin jiru. Akkuma yeroo ABO uummatee ammas karaa hin dhabu. Oromummaan, kaabaa kibbaa, bahaa fi dhihaa Oromoo hunda  hiriirsuuf bilchina barbaachisu irra gahee jira. Gosa oo’istuun yaada dullattii sana hankaaksuu hin dandeessu. Gargaarsa galtuu fi gantuun shiirri diinaa tarkaanfii saa yeroof suutessuu dandaha taha malee hanqisuu hin dandahu. Kanneen sochii kana jalqaban dhuma saa lubbuun jiraatanii hin argan taha. Garuu sochichi karaa sirrii irra buhuu arguun hiriira injifannoo isa dhumaa irratt argamuun wal hin caaluu. Dhaamsi manguddoo dhaaba keessaa fi ala jiran hundaaf jiru “qooda manguddummaa saba keessatt qaban gumaachuuf yeroon keessan amma” kan jedhu. 

Sochichii karaa sirrii irra bu’uu kan jibban jiru. Koloneeffata, juujuu, wayitti hin gallee, maltee fi jibba afarsituun kanneen keessatt argamu. Irra haanuuf kutannoo fi kaasichaaf dudhama dhugaa qabaachuu barbaada. Janna qofatu dantaa murnaa fi ofii irra qaari’ee nageenya ummata saaniif araara buusuu dandahu. Dhiibbaa halagaa fi doofaa ofiin karaa irra goruuf abbalchuun gufuu tahuu ni dandaha. Geedarammi kamuu akka imaammata fi sagantaa tarreeffameetti malee fedha abba tokkee fi murnaa hordofuu hin qabu. Tarsimoo fi tooftaan hafee bakkalafa kana keessatti wanti dhaabbatan hin jiru. Yaa’a hordofamuu qabu fi dantaa sabaa bu’uura irratt qayyabannoo waloo qofa gaafata. Sun dogoggora kanaan duraatt akka hin deebi’amne gargaara taha.

Waa’een godinummaa fi caasa jalee hawaasaa hedduu afrsama. Taasisa nama yaaddessan tahuu dandahuu? Eeyyee, yeroof ni yaaddessu. Malbulcheesitooti akeeki saanii dantaa ummataa gara fula duraa osoo hin tahin bolola ofittummaan dhiibamuun sukii ummataa bakka laafaa tuttuqanii of jala hiriirsuu ni yaalu taha. Yeroo yabboo ilaalchaa irratt dorgomuu dadhaban suukii eegalee akkasiiti iyyachuun gargaarsa hiriirfachuuti goru taha. Kan sana godhan yoo jiraatan, hamma namooti kakaa dudhaa cabsuun salphina gosatt fiduu saanii hubatanii itt gargalanitt  ni milkaawu taha.

Beekumsi dudhaa Oromoo yoo ilaalame akka gochi saanii isaanumatti deebi’ee salphisu mamiin hin jiru. Oromoon garaagarummaa hunda bakka bakka saati qabuuf malaa fi ogummaa barbaachisu qabu. Yeroon kun yeroo barcuma waliinjiroof itt gaafatan miti, yeroo bilisummaa sabaaf wareegama baasani. Sadarkaan hooggansaa, gocha hunda caalu agarsiisuun yeroo yeroon hiriyaan gamaaggamamanii kan gahani. Sanaaf ABOn heera qaba. Heerri dabe taanaan sanatti qubaa qabanii akka sirrawu gochuu irratt obsa dhabuu miti. Sun hin dhaggeeffatamu taanaan Oromummaan badde jechuu dha. Hundu itt yaadda’uu qaba. 

Hundeen Oromummaa demokrasii fi ulfina mirga uumaa hundaaf kennamu. Sun qaama DNA malbulchaa fi hawaasoma Oromooti. Oromoon raatessaa halagaa jala yoo hin taane ofangessaa tahuu hin dandahu. Miseensi gita bulchitu koloneeffataa, yoo ofangessaa akka hin taane ittifame malee demokratii tahuu hin dandahu. Kanneen angoorra jiran irraa akka isaan malee beekaan hinjirre fi bulchi saanii mudaa hin qabne yoo himatan agarra. Addunyaa keessa biyyi isaan caalaa sirrii fi collee tahe akka hin jirre hodeesu. Isaaniif demkraasii, mirgi abba tokkee fi ilmoo nama akka qooqaa qofati kan jiratan wan sobaati.  Akka waan hawwamaa addunyaan biragahuuf dharra’uuti hin laalani. Rimsamumti saayyuu itt hin tolu.

Sun uumaa ofangessoota  fi ofangessuu kan barbaadan hundaati. Mirga nama dhidhiitanii yk dhiddhiituuf karoorfatanii isaaniif jenneetu jedhu. Sanaaf hawaasa tasgabii qabu uumu kan isaan hin dandeenye. Sanafi kan Oromuummaati amanti qaban jara qalii kana caalaa jiraatanii, addunyaa wayyaa hundaaf uunkessu kan jedhamu. Kanneen angoo hawwaa jiran kan angoo irra jiraniin adda miti. Mee kan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoon hin mormine tokkoo dhaha. Mee Oromootti suduudaan yk meeshaa tahee kan hin roorrifne tokkoo dhaha. Karaa amantee keenyaa haa tahu yk muuxannoo keenyaan akka qajeeltuun irra haantu nuuf ifaa dha.

Oromoon yaadaa fi hojiin dhaabota saanii caalaa guddaa dha. Kara kanneen kaasaa keessan iddosna jedhanii salphina itt dhufu hin fudhatani. Gumooti yoo saba saanii tajaajiluu fedhan dafanii guutuu tahuu qabu. Waan konyee hin guutneen, sababii qabsoon ummata ballaa kanaa qabamuuf hin jiru. Dhaamisi jiru “guddaa yaadaa, guddaa hamma saba keessanii” kan jedhu. Yoos qofa kan isin lafoo bilisummaa fi hooggana saa tahuu dandeessan. Gara dabarsituu hin dhaggeeffatina, tajaajila diinaa irra jiru yk kan sammuun sutame waan tahaniif.

Waliin hojjechuu akka isaan hin dandeenye ragaan osoo jiru maaliif jarri kun akka walitt dhufan barbaadame? Oromoon saba waliigalteen waa hojjetu. Quuqama gita yarootii dhagahamu dhiisanii hima wayyabaa qofaan hin deemani. Sochiin bilisummaa Oromoo rakkina hedduu qaba. Isaan keessaa wayyyabichi hoogansa gargar hirametu argama. Murna sadiitu maqaa tokkoon hoogansa adda addaa jalati socho’a. Sochicha sakaalaa fi gola sadaffaaf afanfajjeessaa dha. kanaaf murnootii kun walitt dhufanii sababa gargar bahiinsa saanii walii maqsuu, gufoota of jalaa kaasuu fi akkaataa wayyaa Kora Sabaa itt waaman irratt walii galuu qabu. Korichi waan isaanitt muldhate herrega keessa galchuun, tarsiimoo itt gala qabsichaa, kaayyooti, geessu yayyabachuu dandaha. Achii kaasee maqaa ABO jala qaama tokkoo duwwaatu jiraata. Oromummaan akka wal gatnu nu hin hayyamu.

Kaasaan gargar bahatti geessan hedduu tahuu dandahu. Hangi tokkoo bara baraan maqoo tahanii hafu taha. Sana akka seenaan qotee baasuuf dhiifamee, kanneen walitt dhufan garaa qulqulluun sababooti isaan gargar baasan fulduratt fidanii irratt dubbachuu qabu. Dogoggora walfakkaataan akka eger hin jiranne hambisuuf hundu waliin ambatti bahanii waan irra gahan ifsuun irra eegama. Sammuu xixinnoon summi keessa facaasuun akka kulkulfachiisuu ni yaalu taha. Garuu kanneen guddaa yaadan rakkina kana caaluyyuu akka furan irra eegama. Irra haanuuf rakkinicha garaa qulqulluun itt deemuu barbaachisa. Garaa qolqulloma feesisu hundaan, nambiyyoota saaniif bu’aa mamii kennuu qabu. Wal amantee uumuun hundarra durfannoo barbaada.

Waan kanaan dura walgodhan hunda gara bukkeeti dhiibuu qabu. Sana malee deebi’anii dhadhaqii keessaa hin bahamne borcuu taha. Kanneen fakkeessaaf geedaramne jedhan osoo of hin saaxilin hedduu dhokachuu  hin dandahani. Yeroos eenyu balleessaa akka tahe sabichi ni barata.
Shira bubbucuu fi maqa balleessa irra haanuu kan hin dandeenye saba guddaa kana bilisummaan gahu jedhamanii hin abdatamani. Tuuta doofaa, homaafuu dhimma hin baafne tahanii hafu. Yeros egaa, sabichii filmata biraa ilaallachuu qaba. Kanneen ulfina saba saanii argachuu malan, kanneen guddaa yaadani. Rakkinni xixinnoon ofiinuu bakka bakka seetti galti. Kanaaf guddaa yaadaa. Of kennitan malee GUDDAA YAADUU hin dandeessani!

Kanneen nagaa fi araaraa garaa saanii banan eebbifamoo dha.

Tokko taha, addunyaa fi ulfina argattan qabdu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Adolessa 2009
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *