0

Rakkoo rimsama tokkummaa: keenyaa fi kan saanii

Amma yeroo tsunamiin (bubbisi) malbulchaa fi diingadee lixaa fi bahaa bilisummaa fi jireenya hawaasa Afrikaa dorsisuutti jiru keessatt argamna. Kun isa durii irra addattii fi si’ooman ilaaluu nu gaafata. Ummata Afrikaa hidhaa fudoo-imperialistii dulloomaa keessaa gaddhiisuu mannaa, akka achuma turan gochuun badiisaa fi balaa bubbisooti sun irraan gahuu dandahanitt dhiisuun wal hin caalu. Bubbisooti kan hidheef isa hidhame gargar hin fuudhanii. Hidhamtooti, eegduu fi gooftoliin eegduu hila tokkoo malee waliin mancaafamu. Kanneen wal dhabiisa obbolaa gidduutt ibda tuqatan laboobaa ofumaa uumaniin salqfamu. 

Kanaaf beekaan akka itt Afrikaa hamaarraa olchu malee akka itt mancaasee olhantummaa irratt argatuu tolchuun irra hin eegamu. Oromiyaan biyyoota hidhaa kolonommaa keessa jiran keessaa tokkoo. Tuttuqaa naannaa qofa osoo hin tahin badii baaquleessaa dhufaa jiru irra akka addanjiroo tokkootti of irra ittisuuf bilisoomuu qabdii.

Tokkummaan Oromoo tokkeen isee bucuu, warra irra kahee hanga sabaatt ijaaramaa deema. Tokkeen hededa sana gidduu jiran hundi waan olfatanii sadarka olhaanufis kennan qabu. Bu’urri demokrasii Gadaa sana ture. Kan olloota saa kaaban gargar isa godhuus sanuma. Abo hundi bantiitt qabamee mirgi ummataa akka fedhaatt dhiitamaa hin jiratu.

Kan isaan weeraranii seenaan, dudhaan, ilaalcha malbulchaa fi afaaniin adda. Kan empayera Itiyoophiyaa jalatti hafuu qaba jedhu dantaa ofittumaan kan jaame yk kan annisaan qabsoo Oromoo hin galleefi. Moo, dur durii ijoollummaan yero gad ciisan ummata warri gurraachummaa fi garbummaan saanii itt himaa turaniin tuffii horataniin taha laata?  

Ummati Oromoo makaa dhalatootaa fi moggaafamootaati. Seenaa yeroo dheeraa keessatt abba tokkeen fi murni fedhaa fi lolaan moo’amuun luka itt kennatan hedduu dha. Akka kanneen biraa tolchan kan moo’ame hin garboofanne. Sirna ilmoo nama, aadaa, nafii, bulcha seeraa fi  dudhaa saa fudhatan hunda ofitt qabu dandeessisu qaba ture. Kan miidhame anjaa bulchi seeraa Oromoo halle haammataa tahe, kan mirga binoon illee tissuun golgamuuf, itt baqata ture. Maqaan Oromoo jedhu sana agarsiisa, ummata jechuu dha. Jarri durii Ilmaan Ormaa ofiin jechuutti ni boonu turan.

Egaloonni nafiin hawaasomaa fi malbulchaa Oromoo, hacuuccaa fi gad qabama wagaa dhibbaa jala bahanii harra gahanii jiru. Koloneeffataan akka ambatti ittiin hin dubbatame dhowwullee afaan waloo olfatchuu dandahuun saa gadi fageenya hidda eenyummaa saa agarsiisa. Oromoon erga qabamee qabsoo bilisummaa fi ofiin bulummaa irra cite hin beeku. Sochiin walabummaa saa kan jalqabe addunyaa keessaa bulcha hammeenyaan gita hin qabne jalatt. Abbaan tokkoo hawweef sun afura baafata jechuun waan hin yaadamne. Addunyaan qabsoo mirga dhalootaaf godhaniif mijjaawommi saa walakkaa jaarra dura kan turee gadi miti. Kun yeroo addunyaan sirna haaraa fi qajeelaa godhachuuf ciniinsuu irra jiru; sirna addunyaa, abba tokkee haa tahu murni kam illee mirga namaatt roorrisee jalaa bahuu kan hin dandeenye.  Cunqurfamaa fi itt roorrifamaan abdii kanaan hawaasa addunyaa walaba keessatt bakka saanii akkaa qabachuuf fulduratt dhiichaa jiru.

Oromoo tahuu yk Oromiyaa ofiin bultu tahuun abjummaa yk fakkeessummaa hin qabu, mirkanii seenati. Hunda caalaammoo ofiin bulmaata akka barbaadan Oromoon shakkii malee agarsiisaniiru. Sunuu hiree mirga sabummaa ofii hanga ofiin bulumaataatt murteeffachuu argamsiisaaf.  Sana dhugoomsuufi kan sochiin bilisummaa oofamee addi bilisummaa sabaa gara jaarraa walakkaan dura kan ijaarame.  Hireen saanii isanuma harka jira. Xurree bilisummaa yeros filatan irra eenyuu isaan hin dhaabu.

President Isaayyaas iyya’a Amaraa yaada luccesaniif godheen, empayerri Wayyaanee malee akka turett itt fufu barbaachisa jedha. Kanneen isaaf yaada addaa qaban kun maalalchiiseera taha. Isaayyaas qabsaawaa bilisummaa hafee hin qabne akka ture hin shakkamu. Eertraan bilisummaa fi ofiin bulmaataafi dargaggoo see kumootaan lakkaawaman wareegde. Maalifaa kanaaf nammi lola akkasii keessatt qooda fudhate nafii bilisummaa hin wallaalu jedhamee hedama. Garuu kan dubbiin fi qunnamtii saa durii jalqabanii caqasaniif ejjonnooma walfakkaataa qabaataa dhufe. Hedduun qaabannoo gabaabaa qabu yk yaadachuu hin fedhan taha. Iyya’a saa si’anaa keessa wanti wal rukutu hin jiru. Hubannoo Faanoon ergifachuuf cunqurfamaan yaalootti erraafatas aagii tufas. Tarii sun amantee Presidantichaas taha. Ejjennoon saa deggera empayera Itiyoophiyaa tahuu, taasisa hedduu qabachuu dandahus  inni muummichi dantaa saba saa tahuu dandaha. Sun jecha “dhiigi bishaan caalaa furdata” jedhuun cime tahinaa? Hin beeknu. Yoo sun tahe akeeki Oromoo, dorgommee angoo irratt walqaba durbbii irra addaa.

Wareegama Ilmaan Oromoo jaarraa oliif , akkasumas humnooti tarkaanfatoon basaniin “Ango 39” Heera Itiyoophiyaatti sutame. Hedduun gowwummaan Presidentiin Eertiraa yayyaboota angoo kanaa keessaa tokkoo jedhanii fudhatanii turan. Waan cunqurfamootii fi koloneeffatamtootii itt baasani. Presidantichii angoon kun gargar bahumsa dhaabbataa godha jedhee komata., gargar bahinsa addanjiroo inni badii saatiif gadoodu. Keessatt sutamuu saa akka mormee tures ni dubbata. Akka empayeritii waliin gamtaa qoolloo qofti dangaahu fedhus ni hima, garuu osoo moo’ummaan saa hin tuqamin.

Biyyi Habashaa kibba finnaa baasii qaaliin uummate fi Oromiyaa fi ollooti kibba see durooma halagaa gorora coccobsiisu qabu. Oromiyaan hunda keessaa isee soorettii fakkaatti. Kanaafi ollootii kaaba saa kan gargar bahan Obbo Presidenti kan hin hawwannee. Ejjennoon saa nageenya obbolaa saa Afrikaanotaa osoo hin tahin dantaa saba saa irratt hundaawa jechuu dha. Habashaa hardhallee buufata gabraa dhabe lamaan akka gulummaa saatti ilaalu mataa nurraa cite jedhaniif  qooqi mararfannoo kamiyyuu hin jajjeebeessuu. Kolonooti saanii qabiyyee saanii tahuu baruufii qofti hin gahu.

Adda bilisummaa Sabaa hafee akka addanjiroo  kamiyyuu barabaree hin taane Presidentiin walii gallaa. Gumeessoo kana irra wanti jiru hundii waan cehumsa irra jiru. Addi bilisummaa gola yk golootaa sabaawoon  bakka buhuu ni dandahaa garuu jala kaattuu finnaa empayeraan miti. Hedduun keenya ammayyuu kaayyoo tokkummaa Afrikaa akka Kwame Nukurumaafaan himame yaadaa qabna.  Oromiyaan akka kanaan dura jedhamaa baate “madbeetii” Habashaa taatee hafti jechuun waliin dhaha kaasaa sabaa fi abjuu birbiriiti lakkaawamuu. Oromoon sana caalaa guddaa yaadu. Bilisummaa saanii gaafatu, isaafis qabsaawu. Ummata Afrikaa mirga saanii dhaban waliinis tokkummaa uummatu. Akeeka fedha saanii walabummaan ifsameen tokkummaa uummachuuf fuldura ilaalaa jiru.

Addunyaa  kana keessa biyyi ummata biraa hacuucu ani bilisa ofiin jedhee  miseensummaa hawaasa addunyaa walabaa tahee yeroo dheeraa turu hin dandahu. Kan hacuucaman kamuu yoo roorrisaa ofirraa kaasan malee walaba tahuu hin dandahani. Hangana daa’immuu ni qayyabatti. Yeroo hojiin manaa see yk isaa, rarra’ee jiru ummati biraa akka itt qixawan dubbachuun daallummaa dha.

Angoon 39 heera Wayyaanee hawwa qabsaawoti bilisummaa Dargi jigsan lubbuu saanii dabarsaniif yaadanno dha. Hojiitti hin furin malee yoo xinnaatte sana yaadachuuf wayyaaneen haammattii sana seexaa qabachuu agarsiiseera. Sana keessa waan Wayyaanee duuba dhufu keessatt ilaaluu barbaaduun holola irra hin darbu. Abbaan hirree nan kufa jedhee yaadu takkaa hin mullanne. Hojiin saanii akka isaan hankaaksu osoo hin yaadin yeroo hundaa abjuun saanii angoo irratt hafuu dha.  Hangasitt waan harka jiru hundaa gargaggalchuun saanii hin oolu. Jechi Amaaraa tokkoo jira, “indaayamaahi xiraawu indaayibalaa gifaawu” (akka si hin hamanne waamii, akka hin nyaanne dhiibii) jedha. Kan 1992 yeroo Obbo Presidant, Presidant Itiyophiyaa waliin michuu turan murnoota Oromoo irra gahe sana. “Anis beekaa atis beektaa, yaa sanbataa sooradhu” jedhaa ture Oromoon. 

Kana malee yeroo dhiisanii bahan akka empayerri walitt hin hafne imaammata qopheeffataniiru jechuun uumaa sirna abbaa hirree dagachuu dha. Horee Yohannis 4ffaa  hafee, yaadi sirna dullachaa, Presidant Eertiraa gurra qabeessa  kanallee garaa nyaataa jira.  Kan Wayyaaneen morman hunduu, akka inni empayera afuura baafachuu tasaa irra oolchuuf angoo 39 heeratt galche hubachuu dadhabu. Jiga finnaa empayerittii hin oolle dura, akka isaan of qopheessaniif yeroo afuura itt galfatan murnoota Habashaaf kennuuf ture. Hammasitt mataa Oromoo fi hawaasa sabgidduu unkuruu fi dhugaa micciruun ittuma fufa.

Oromoon durfannoo ofii fi dantaa sabaawaa qabu. Jalqaba yaada saanii bilisummaan ifsachuuf walaboomuu qabu. Garbichi kan finciluu gooftaa waliin dhofsisa nagaa tolchuun waan hin yaadamneefi. Kanaaf of walaboomsuu yk akka bilisoman godhu malee hariiroo akkamiiyyuu goofataa waliin haatahuu ummata bilisa biraa waliin gochuu hin dandahu. Dhimmi qabsoo Oromoo, hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu sana. Saba haa tahuu abba tokkeen akka itt of ijaaran itt himuuf mirga hin qabu. Kanneen sana irratt fe’uu barbaadan waliin lola irra jiruu; dubbii golee sanaan ilaaluun diina waliin tumsutti fudhatama.

Ummati Afrikaa keessaayyuu kanneen Gaanfaa namoota amma tahitaa irra jiran biraa geedarama hin eeggatu. Hunduu garee haala jeeqama amma jiruuti. Tokko kan biraa dagee angoo malbulchaa fi diinagdee gandaa argachuu yaaluutti fakkaattii baqulaawaa guddicha ilaaluu dadhabu. Afrikaan rakkina amma jirurra haanuuf humni homishaawaan funcaa wallaalinaa fi sabdummaan xaxame gad dhiifamuu qaba. Ummati hoogganootaa fi sirna ofii barbaadan filachuu qabu. Walqixximmaa fi walabummaa sabootaa,  sabaawotaa fi amantee mirkaneessuun barbaachisaa malee waan qananii miti.

Bulchooti si’ana jiran hundi humna hidhannoon malee fedhan ummatootatt ol hin baane.  Fakmishoon beekan sanuma qofa waan taheef akkasumatt tursuu qabu. Kanaafi kan isaan waldhabdee hunda, fedha waloon osoo hin tahin kan abba tokkeen furuu yaalan. Yoo nambiyyooti mirga seeraan qaban beekuu baatan guddinaa fi tasgabii eeguun hedduu cimaa dha. Seeraan bulmaati hawaasa tasgabii fi nageenya qabu, of dandahaa tahe barbaada. Afrikaan kan gara sanatt masakaniin hoogganoota of kennoo barbaaddi malee  abbaa hirrootaa albaadhessootaa fi ofirroota miti. Jarri kun ummata saanii jeejee fi dhibeen faalame sooruu hanqatanii bara baraan baalcha gabra gamaa malee jiraachuu akka hin dandeenye afeerani yk utuu ilaalanii namummaa bahee akka du’u dhiisani.

Oromoon hangammeessa kamiinuu ummata tattaafataa fi naga qabeessoo dha. Yaada malbulchaa saanii naga qabeessa tahe hubachuu dadhabuun kun akka gowwummaatt fudhatamaa jira. Garbooti sirna gasmala jala turan illee akka obsa fixachuu dandhan Garbichicha Romaa durii Spartakus irra baratamuu dandaha. Obsi hundaaf daangaa qaba; waan tahu dandahu hunda ilaaluu dhabuun naannicha qofaaf osoo hin tahin gutummaa Afrikaaf hamaa tahuu dandaha.

Yeroo fedhe fixee, baasii barbaade haa kaffalchiiu malee, Oromoon qabsoo saanii itt fufun waan hin shakkamne. Yeroo halle akka ummataatt nagaa fi durooma orma hundaaf, ollaa fi naannaa uumaati  hawwu. Kanaaf hobbaatii tolaan qabsoo saanii, raajaa egeree ifaa Afrikaa fi Gaanfa saa taha. Ilmaan Ormaa akka haqammi eenyummaan saba kamiiyyuu itt fufu yaada hin dhiheessani. Kan Afrikota dhugaa irra eegamus sana.

Nammi Afrikaa kan yeroo gidiraa ummata Gaanfaa, Somalee argu garaan saa hin gubannee kan sammu sutaa qofa. Yoo Somaliyaan gubate Afriikaan bu’aa argatu hin jiru. Kanneen abidda itt tuqatan kanneen barbaran sabootaa fi sabaawota kolonii tahan gadi qabanii jiraachisuu abdii godhani. Sanaafi kan durbiin keenya Somaaloti gubataa jirani. Kaasaan saa isaan keessa qofa osoo hin tahin nu keessas. Hireen ummatoota Gaanfaa wal xaxaa dha; tokkoo furuuf hunduu furamuu qabu. Kutaa nu keessaa dammaqina hin qabneef malee maddi diina keenyaa  tokkicha. Nuti kan itt roorrifamee fi kan mirga sarbamne, kanaaf qajeltuun gara keenya jirti. Irra ni haanna.

Dhalooti Oromoo haaraan ilmoo nama kamiinuu tuffatamee jiraachuuf obsa kana caalaa hin qabu. Kanaaf kan tola Oromoo akka gowumaa fi wallaalinaatt fudhatan hunduu gochi saanii akka isanumatti hin deebine keessa deebi’anii itt yaaduu qabu. Sochiin bilisummaa Oromoo ammaaf kan dacha’e  haa fakkatu malee yeroo inni deebi’ee itt lola’u fagoo hin tahu. Sun ummatoota Afrikaa akeeka walqixxummaa fi wal amantee waloon akka tokkoman abdii haaraa fudhatee dhufa.

Mirgi hiree murteeffanna, mirga dhala nama sabni cunqurfame kamu qabu kan addunyaan beekeef enyuu gaafa fedhe namaa kenne gaafa fedhe nama irra fudhatu miti. Abba tokkee haa tahu murni, ofirroo fi kan sammuu dhiphoo akka Musolonii faa addunyaatti fincile homaa hin tahin hafu itt fakkaatu yoo hin taane kana haaluu hin dandahu.

Kan empayera Itiyoophiyaa irra baqate deebi’ee akka itt fulduratti jiratu itt himuu yaalun tuffii fi beekaa salphisuu abbaluu irra addati hin laalamu. Oromoon walabummaan yaadanis sabichi ammas kanneen amanuun ganamuu saatu itt dhagahama. Qabsoon Oromoo akeeka nagaan waliin jiraachuu ilmoo namaa osoo hin irraanfatin, fedha walaba sabichaa qofaan masakama. Iyya’a barruu kanaaf sababa tahe malbulchesitooti dhimmi suduudaan ilaalu akkamitt hubatan laata? Dadhabinni amma jiru dhaaba sabaawaa walaba tahe kan kaayyoo fiixaan baasu bakka buufachuun ni darbaa..

Ibsaa Guutama
Waxabajjii 2009
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *