0

Demokrasii America hin hubatamin hafe

Akka badii Oromoott keessummummaa Amerikaan basha’ee sodaa fi doorsisa malee waggaa dheeraan jiraadhe. Abjuun kiyya yeroo hundaa ofiin bulummaa biyya tiyyaa, Oromiyaa fi nagaa fi tasgabii olloota seeti. Sadaasi 8, 2008 abdii koo kana caalaatt jabeesse. Seenaa addunyaa Ammayyaa keessatt mallatoo kan tahu. Guyyichi guyyaa namoota sanyii, amantee fi gita jireenya hunda afaan bansiise ture. Yeroo imimmaan osoo hin beekin ijoota duulaagaloo sochii mirga noolaa akka Jeesii Jakson keessaa lola’an argan miirri nama hagam akka tuqameef ragaa ture.  Qabsoon saanii mirga walqixxe ilaalamuu fi kennataa wareegama guddaa itt baasan irra qaari’ee jira. Kun kaleessuma ture. Ammaa hooda hunda caccabsanii waajjira biyyatii olhaanaatt filamuun dandahamee jira.

Waan raajii itt tahee imimmaan saanii dhaabuu hin dandeenye. “Eyee ni dandeenya” ture dhaadannoon isa filamee yeroo dorgomuu jalqabee hanga hasaa injjifannoo tolchett. Sun abdii saanii faaruu “irra haanna” jedhun ifsaamaa ture kililche.  

Kanneen demokraasii seenaa irra barataniif demokrasiin Amerikaa kan sobaa fakkaata. Gargaarsi isaan abbaa Hirrootaa akka Haayila Sillaasee, Mallas, Mobutu, Shahn Shah, Pinochet kkf godhaa bahan Amerikaan demokraatawaa tahuu seeyyuu nama ciicachiisa ture. Hangammeessi qara lamaa isaan Afrikaatt agarsiisan demokrasii waanti fakkaatu keessaa hin mullatu ture. Mudaan kun haasaa, ifsaa fi heera saanii guddicha keessatt hin mullatu. Garuu dubbiin sadarkaa hojiirra oolchaatt karaa irra  jallatta.

Hogganni haaraan akka Washington itt hojjetu urgufuuf irbuu seenee ture. Sana jechuun shakala waajjirbulchii dullachaa kan sammuu namoota itt ramadaman xaxee to’atu urgufuu jechuutt fudhatame.

Yoo sun tahe qofa kan kanneen biraa geedaramicha irra bu’aa argatan. Mirgaa fi bitaan Washington urgufuun akka barbaachisaa tahe itt dhagahameera. Sana malee michooti ummataa akka diina Amerikaatt yoo tarreeffamaan diinoti ummataa garuu michuu saa tahanii ilaalamu. Murnoota mootummaa michuu Amerikaa tahaniin lolan hundi shororkeessituu akka hin taane, mootummooti Amerikaa michuu tahan hundi naannaa saaniif qajeeloo fi demokraatawoo miti. Michoommi ummataa waliinii kan barabarati; kan abbaa hirrootaa garuu jireenya saanii irra hin darbu. Kun naannaa keettota jijjiiramaa Amerikaatiin daawwatamuu qabu. Abbaan hirree eessattuu farra demokraasiiti. Abbaa hirree Itiyoophiyaa abbaa hirree Zimbaabween haa tahu bakka biraa addatt ilaaluun qajeeltummaa Amerikaa addunyaa biratt mamii keessa galcha. Hangammeessi qara lamaa demokraasii mittii yoo tahu Amerikaa mitiidhas jechuu dha.   

Kanneen seena Amerikaa hordofaniif heerri Federeeshinicha dhaabe yerosiif waan addaa fi demokratawaa hunde buqqis ture. Heerichii kanneen garba bulfataniin birmadootaaf kan tolfamee ture. Kan hafan qabssoo saniin birmadoomuun itt dabalamuutu irra ture. Sanatu sochii mirga noolaa fii walabooma dubartii kakaase. Demookrasiin waan qabsoon argamu malee akka mannaa kan gubbaa nama harca’u miti. Akka hoggana addunyaatt Amerikaan gara kamiifuu osoo hin loogin dirreen qabsoo kanaa akka didibbee tahu gargaaruu dha. Waan mirga ilmoo nama ilaalutt qaabannoon hariiroo biyya tokkoo waliin dur qabanii akka sirni addunyaa haaraan dogoggora si’ana jiru hin sirreessine gufuu tahuu hin qabu.

Heerri Amerikaa bara dhalootaan gogaa saa muuxataa deeme. Muuxannaan sun akka fooyyessi dabalamee ta’umsaa seera tumoota darban dursanii hin agarre akka golgu tolfame. Waanti heera irratt kennaman eegalee barbaachisan gara caalu qabu turan. Garuu mariin eenyutu itt dhimma baha jedhu hin xumuramne? Amerikaaniin kan biraa gadi argachuutt amanu hin jiru. Kan mirga heera dhorgame abba tokkeen yk murnaan akkaataa itt lolatuu filmaata qaba. Walabummaan of ifsuu fi walgahuu kana fa’iif beekamu. Amerikaanoti hundi kan abjootan, durooma, carraa walqixxee fi jireenya gammachuutt. Garuu wanta heeraan kennamee fi qajeelloon hojii irra oolchaa wal gichisiisuun yeroo fudhate. Abjoototaaf haa galatu  amma waliitt dhufuu eegalaniiru.  

Biyya yaada dudhatissaan dhuunfatamett geedarammii, kan malbulchaa, hawaasomaa, yk diinagdee tahus walitt fufina qabaachuu qaba. Geeddarammi hundeebuqis tahe bu’uura fonqolchee badii hin yaadamin fiduun bu’aa jabinaan argaman fittee irra buusaa sodaatu. Murnooti mirgatt duufan jiru. Garuu garagarummaa fiduuf gahatt hundee buqisoota miti. Kanaaf yoo bitaan kennata moohellee geedarammi sirnaa dhiibbaa hawaasaan malee ilaalcha addunyaan hin dhufu. Addunyaan ariitiin jijjiiramaa jira. Yoo akkaataa dullacha irratt sisirreessi tolfame malee waan bu’uuraa irratt illee to’annoo dhabuun dhufuu dandaha. Sabdoommi daandii hundaa Wall Street fi Main Street nama jaamsa. Nammi utuu dantaa ufittummaatt ija babaasuu malifaa fi madaallii dhabuu dandaha.

Yeroo waggaa shantamaa gadi keessatt nammi bifa gogaan addaan qoodama ture. Adii fi gurraacha waliin atobusi, bunoo (mana bunaa), bakka taphaa kkf tokkoo waliin hin seenan turani. Qaanii malee namooti “gurraachaaf hin hayyamamu” jedhanii balbala mana nyaataa yk bunoo saanii irratt maxansu turan. Sun tahus Amerikaanoti bifa yk amantee osoo hin laalin mirga walqixxeef qabsawan turani. Jijjirama kenna heera irratt hundaawes dirqisiianiiru. Heerichi of keessaa yaa’umsa jijjirama haammachuu dandahu qaba. 

Akeeki wal eegumsaa fi madaalaa gargar yaa’umsa kana kan hayyaman keessaa meeshaa tokkoo. Itt daballi nambiyyaa, dhiibbaan lammigidduu, fi guddinni teknoolojii abjuun Amerikaa akka hin dhaamne gochuu keessaa qooda qabu. Addunya kana keessa wanti hin dandahamne akka hin jirre nammi Amerikaanii irra barachuu dandaha.

Heerri Amerikaa humna riphaa ammallee dhimma itt hin bahamne qaba. Eegaloota dhokataa kan yeroo haalli bilchaatu mullatan qaba. Karaa dullachii dandeettii Amerikaan addunyaa hogganuu fi burjaajii qeyee too’achuu qabaachuu gaaffi jala galchee ture.

Sadarkaa addunyaatt sirni moofaan burkutaawuu jalqabeera. Amerikaan itt rarra’uun waan buufatu hin qabu. Humna riphaa saatti dhimma bahuun kuruphisee “sirna addunyaa haaraa” kan kallattii haaraa qaata qabachuu eegale keessatt, bakka saa akkaa fudhachuu qaba. Sanafi kan ciigoo sanyii waggaa hedduu ture gatee dandeettii jijjirama fiduu irratt xiyyeefate. Kun, akka filamaa Presidantiin jedhett fuula seenaa jijjiiruu dha. Amerikaan jaamaa halluu tahaa jira. Sana jechuun Amerkaanii hundi jijjiramicha leellisa jechuu miti, Amerikaa kan adda godhu murtee demokraasii komee malee fudhachuu dha.  Wanti 2008 tahe, yooma Obamaan irbuu seene fiixaan baasuu dadhabellee, ofumaanuu jija ilmoo nama guddaa dha.

Yoo nammi jabaatee dhugoomsuuf hojjete Americaan biyya irbuu hedduuti. Biyya abjuu, abjuu dhugoomuu dandahuu malee kan yaacii miti. Mullisi saa amma biyyoota demokraasii hin taane hunda dambalii rifaatuu itt gaddhiisa. Akka ajajaa olhaanaa humnoota saatt Amerikaan waan hin yaadamne, goota duulaa dhiisee, dardara gurraacha kana filuun hammam akka hariiroo ilmoo nama gidduuti jijjirama fiduu sirinyaa tahan agarsiisa. Hunduu Amerikaan akka durii ofirroo fi hallee dhuunfataa osoo hin tahin hooggana addunyaa gara laafessa fi demokraatawaa taha jedhee abdata.  

Kennati si’ana yaada Amerikaaniin mirga ilmoo nama fi ormootaa irratt qabu geeddara jedhamee yaadama. Yoo miseensi murna bucuu Amerikaa keessatt olhaantummaati guddachuu dandahu tahe abbaa hirrootaa biyya ofiitt nama gidirsanii kalchuuf maalifaan himatu hin jiruu. Dantaan Amerikaa shakala democraasii alaa, keessaayyuu kan Afrikaaf, hubaa tahuu hin qabu. Oromoon, hangammeessi yaadaa nama gurraacha angootti ol darbate, Afrikaafis dhimma itt bahama jedhee abdata. Qabsoon saa haala sirrii keessatt argamuun akka ilaalamu Oromoon ni abdata. Meeshaan lolaa Amerikaa, horii fi ogummaan saa faallaa ummata kamifuu dhimma itt bahamuu hin qabu. Demokraasiin Amerikaa yeroo dhufu osoo hin tahin, ammaan tana sana dhugoomsa jennee haa abdannu.  

Amerikaan amma kuusaa demokraasii tahuu saa addunyaatt agarsiiseera. Heerri saa hin dulloomu. Hundaaf jireenya wayyaa abjoochuun saa gonka hin dhaabbatu. Aabjuu ofii,  abjuu qajeeltuu, bilisummaa, carraa walqixxee fi mirgoota ilmoo nama fi ummataa mirkaneeffachuuf qabsaawutt ummatisaa fakkaatii taha.Kennati Barak Obaamaa fuula demookrasii Amerikaa hamma yoonaa donnummaa dureeyyii fi ango qabasoon waliin dhahamaa ture mullisee jira.  Kan dhimma baasu waliin dhahamaa fi nafii kuufatee of keessaa qabu gargar baafachuu dha. Amma adunyaan, demokraasiin hawwama qofa osoo hin tahin, waan shakalamuu dandahu tahuu saa huubateera. Kan demokraasota keessa jiraatan hundi demookraatawoo miti. Kanaafii kanneen dhahatan tokkoo tokkoo, qayyabamuu dhaba demokrasii Amerikaatt kan gumaachan.  

Qabsoon Afrikaa Amerkaa sochii birmadummaa kaasee hamma sochii noolaa jaatamootaatt jiru amma Masaraa Adiiin isaan gahee jira.  Qabsawota jaatamootaatt maqaan meeqa bahee ture garuu amma seenaan faloo baasee jira. Garuu demookraasiin ammallee mudaa hin qabnee miti; tahus heerri yeroo hundaa furmaata qaba. Murni bucooti Amerikaa hundi qabsoo saaniin faanfanama hunda, kan sanyii, saala, amantee, yk akkaataa jireenyaa irra ni bilisoomu. Ulfinni fi surraan kanneen walqixummaa ilmoo nama fi barruunqabii guddicha, “Heera Ameerikaa” hamaa irra eeganiif haa tahu. Amerikaanoti wareegama saniin jabaatanii hojjechuun waanti hin dandahamnee akka hin jirre addunyaa agarsiisanii jiru.  Kun cunqurfamoota hundaaf barnoota guddaa dha. Hammam rakkisaa fi giixirsaa yoo tahellee kutannoon irra haanna. “Eeyyee ni dandeenya” jeenni kutannee haa kaanuu.

Milkii argatanii fi Amerikaanotaa fi demokraatota Addunyaan ishoon jedha! Akka Obaamaaf beekumsaa fi jabina kennu Waaqan kaddhaaf. Namoota biyya koof jabaadhaa hojjedhaa Abboomaa keenya argamsiisaa bilisoomaan jedha! Bilisummaan tarkaanfii tokkoo qofa fagaattii. Eeyyee ni dandeenya! 
Qabsoon itt fufa! Ni moona! Eeyyee ni dandeenya! 

Ibsaa Guutama
Ibsaa Guutama was Minister of Education of Ethiopia (1992) representing the OLF.
November 2008

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *