0

Barbaachisummaa Badii Too’anna

ABOn ijjarsa malbulchaa amantalaa dha. Nambiyyaa Oromiyaa hundaaf maqaa waloo manaa hundaati dhahamu kan tahe Ulfinaa fi boona bade deebisee gonfachiisuun waan waliin hiriirseef. Kanatu mallato diddaa roorroo fi abdii bilisumaa sabicha isa tolche. Qooda kan dhabsiisuuf kan farri Oromummaa ala manaa qottoo saanii guurratani jigsuuf itt duudaa jiran. Hoogansa ABO irratt baqaqaan mullachuu saatii fi hamaa irra marsaa jiru akeekachiiftuun erga quba itt qabuuti kaatee bubbuleera.  Kaan kaan sana irrayyuu darbanii akka Shaneen Gumii kooraa sadoon irra bahe dhiisee kora  madaalli qabu kan atooma dhaabaa fi tokkummaa akeekaa eeguu dandahu fi fulduratt gara itt deemamu agarsiisu waamu gaafatanii turan. Hanga hanqinni dandettii fi luuxee galtuun sirnicha faalauun bososa guutammaatti geessuti iyyi saanii hin dhaggeeffatamne.. Tarsimoo ofiin bulummaa gara empyeraa, demokraatessuutt jijjiruunimmoo, empayera ABOn diiguun irra ture, mooraa sabboonotaa keessatt baqaqaa caalu fide. Maqaan ABO seenaa irra akka hin haqamne oolchuuf murni Shaneen dhaggeeffachuu dide dirqama ofirratt fudhatee ulfina gootota kufanii fi lammii ofii badii irra dandamachiisuu yaalee jira. Kan inni labse ABOn tokkicha malee lama akka hin taane. Shaneenis maqichatt rarra’ee ABO dhugaa tahuu raggaasifachuuf isa kaan hanga gaaddisa halagaati geessuuu  gahuu saa hundi kan yaadatu. Haa tahu malee, amma fakkeessaan toftaafini jedhu hafee, tarsimoo saa haaraa farra ofiin bulummaa fi farra tokkummaa Oromoo waliin qullaa dhaabbataa jira.

Jarri yoo humnooti ofiin bulummaa fi tokkummaa akeekkachiisanillee Shaneen mararfannoo Ethiopia gabbifachuu saa gaalchan baruun isaan dhibes amma fuullett arguu dandahanii jiru. Kunoo egaa wanti halle ifattt yoo dhoowu maal jedhu laata? Shaneen sadarkaa ABO midhaassuun hafee ofiyyuu midhaasuun hin dandahamne gahee jira. Qaama gamboon keessa faca’e bakki qabanii yaalan kan hin jirre taheera. Boqonnaan waa’ee lammiin hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga ofiinbulatt himu moor saani keessa haqameera. Kanaaf tarkaanfiin qabsicha badii dimishaashaa irra dandamachiisaa fi tokkummaa lammichaa oolchuu shaffisan fudhatamuu qaba. Hamaa sochii bilisummaa Oromoo irra marsaa jiru dafanii saaxila baasanii tarkaanfi itt haanu akeekuun harraa bor waan hin jedhamne. Kan badiisa irra harca’ee hafe wal ijaaruun amma. Karaan hoogganooti Shanee lachanuu kan Oromiyaa balleessuu fi xiqqeessuu malee gala goototii itt wareegamaniin ka gahu miti.

Garooti Shanee keessaa burqan orma ballaa tooftaa garagaraan afanfajeessaa jiru. Isaan keessaa kan sanaaf ergama dhokataa qabu jiraachuu dandaha. Kanneen hafan garaa qulqulluun hanqina dhaaba saanii keessa jiru irratt xiyyeeffachuu malee shira isaan ittiin bahan hubachuu hin dandeenye. Yeroo isaan garasii fi garanatt harkisuun gosa, godina fi dhugeeffannoon nama of duukaa hiriirsuu yaalan illee it hin dammaqne. Akki itt ormi ballan deebii kennu hodeeffanoo qabu irratt hundaawa. Hodeeffannoo inni argatu kalcha kana qofa irra yoo tahe gara isaaniiti maa duufee komatamuu hin qabu. Beekaa yoo duudeesi hamaa dhufuu dandahu deeddbisanii akeekachiisuun komee dhalootaa maaf itti hin himnee irra nama oolchaa.

Diinni gargarummaa qabaniin gargar baasee isaan rukutuuf warakkabaa jira. Isa dura kallacha sochii bilisummaa saa ABO laashessee facaasuuf wanti inni hin tolchiniif qabeenyi inni itt hin dhangalaasin hin jiru. ABO fi dhaaboti kaayyoo bilisummaa fi ofiinbulummaa hordofan hundi hamaatti soqolamanii jiru. Hoogganooti murnoota Shanee hunduu halagaatti hudduu gatatanii Itiyoophiyaanota caalaa empayerichaaf falmaa jiru. Oromiyaan ABO duukaa bu’ee kan wareegama hangana hin jedhamne baase kaayyoo inni fudhatee kaheef malee hoogganoota annisaa ittiin imaltuu dheeraa deeman hin qabne onneen fincaawe kanaaf miti. Dhiigi gootota kufanii bilisummaa daraarsuuf malee abba tokkootii akka harka kennachuuf ittiin dhoofsisan hin turre. Ilillee fi rukkuttaan dibbee mooraa Habashaati gurra nama duuchaa jiru harka kennachaa kana ayyeeneffachuufi.

Hamaa dhufaa jiruu fi ta’iisa ABO keessatt muldhate kana jarri rakkina furra jedhan saba jijjirama barbaada jedhanitt  gadi baasanii osoo hin himin halagan akkamitt dursee dhagahuu dandahe laata? Kanneen jijjiiramicha hogganna jedhani gaaffii dhimma kana irratti ka’uuf kanneen finqilchine jedhan irraa maaliif daaya (muldhata) addaa yoo qabaatan sirna maxansaa ifaan labsuu dadhaban? Dubbiin saa halagaa gammachiisuuf moo Oromoo furmaata argamsiisuuf?  Osoo dantaa Oromoof tahee waldhabdeen gara kanatti geessan hundi dura gurra miseensota Shanee amananii itt hafan hundaa seenuu fi ifatti irratt marihatamuu qabu turee. Qabatteen saa akka dudhaan Gadaa gaafatutti marii banaan tahuu qaba malee sadoota qofaan fulaa boroon tolfamuu hi qabu ture. Ta’iisichi gocha fokkuu “imaammata naga” jedhamuu hanga uuma TBD/AFD dantaa Oromoo calaqqisuu dhabuun kalchooti Shanee lachanu murnoota kanaan dura halagaatti dabalamaniin daaya adda lammichaaf akka hin qabne agarsiisa. Kanaaf miseensota sochii bilisummaa Oromoo dhugaa waliin dubbii bilisummaa ilaalu irratt waan dhahatan waloo hin qabani.

Lammichi osoo abdii hin kutatin keessa deebi’amee qabsoon akka walirraa hin citne mirkaneeffamuufi barbaachisa. Abdii qabsoon kurnoota hedduuf gaggeesse injifannoon bahuu duwwaatu ayyaamii saa ol fuudha. Duubatti harkiftuu fi gaabituu kumaa fi kitillii itt gala saa irra isa maqsuu hin dandeessu. Kanaaf sabboonoti dudhamaa fi murannoo saanii kan kanaan duraa caalaa cimsanii ariitiin bobbahuu qabu. Waaqis, lafis, nammis, Oromoo lakkoofsa jarri kaan yoomiyyuu hin himanne qabu humna harka kudhan keessaa tokkoon saa taatuuf jilbeenfachiisuu hin jaallatu. Qaaniin yartuun olii gadi kolaafamuu seexaa ani miseensa dilormaa kumkuma afurtamaa oliiti jedhee himatu keessaa hanga du’aati haqamuu hin dandahu.  Murnooti Shanee xurree lakkoofsa sana facaasanii yarsuun tokko tokkoon akka humna hamma hinjirreef jilbeefatu gochuu irra jiru. Hoogganni beekaan xurreen akkasii duuba maal fiduu akka malu dursee arguu dandaha. Oromoon godinaa, gosaa fi dhugeeffannoo dhabe hin jiru. Nammi mataan naga adda addummaa kana irratt hundaawee, deggersa kan baasu, yoo fedhi saa lammichi akka hacuuccaa diina jala turu tahe qofa. Sunimmoo walqabatanii salphachuu malee murna Oromoo kamiifuu bu’aa hin qabu. Dantaa halagaaf walballeesuun ofiis baduu akka taate ilma Daccee irraa argameera.

Yoo lamooyyeen gargar nu baasuu jalqaban hanga balbalaan nu gahanitt hin deebi’ani. Hunda caalaa dhugeeffannoon roga sabgiddummaa waan qabuuf hamaataa fi bossoo dha. Itt gaalchi yoo ciicatame illee saanduqa bofa adda adda qabu, “Pandoora box” faranjiin jedhu sana buqqisuu taha. Yoo akka waliinjirootti jiraachuun irra jira tahe lammichi sana irraa eegamuu qaba. Murni kamuu dhugeeffannoo haa tahu godinaa kamiiyyuu lammicha bilisummaatt geessuu dandaha. Kan fafa tahuu yoo mallatto xinnoon sararaa sanaan nammi kakaafamee tumsi hawwatamuun mullate qofa. Halagaan abba tokkoota sossobuu dandaha; garuu badiin dhufu isaan irra darbee Oromiyaa guutuu tuquu hin qabu. Kan dubbannuu fi kan tolchinu waa’ee akeekaa fi dantaa sochii laammii malee waa’ee dorgommee sin caala, sin caalaa murnoota adda addaa miti. Dhibinsi keessaanlaalummaa dammaqsaa sobaa tahuu dandaha. Kanaaf waan dantaa lammii ilaalu keessa golgaa fi dimimmiseessi jiraachuu hin qabu. Booranaa fi Baarentu gidduu wal deggersa malee waa’ee kaayyoo bu’uuraa irratt dorgommeen muldhatee hin beeku. Hardha wanti sun haa tahu jennuuf hin jiru. Sun akka orma tokkootti of tuffachiisuufi tarree lakkoofsaa keessaa haqamuu fiduu ni dandaha.

 “Jijjiirama” dhaadannoo godhachuun addunyaa hunda biratti akka baasaatti fudhatamaa jira. Jijjirammi waan badaa irra dansatti, dansa irraa badaati tahuu ni mala. Qooqa nama adda addaati maal jecha addda adda qabaachuu dandahu. Kanaaf dhaadannoo darbachuu duwwaan gahaa mitii. Jijjirammi jedhame maal akka fakkaatu yaadaanmaliin yoo tahellee agarsiisuun dirqii dha. Nammi keenya sobaa fi holola malbulcheessotaa nuffee jira. Amma yeroo inni waca callisee itt darbu hin tahuu. Kan jijjiraman fida jedhu jijjirama akkamii, akkamitti akka fidu agarsiisuu qaba. Daawud Ibsaa dargaggumaa qabee beeku irraa Kamaal Galchuu waa’ee saa dhihoo dhagahett jechuu yoo tahe waan kolfaati. Qabsoon Oromoo isaaniin osoo hin tahin dhiiga ilmaan saa kufaniin akka jiraachaa dhufeti fuldurattis ni jiraata. Osoo jajjabi jiruu kobbacha hin qabatu. Murni Oromiyaa galaana keessaa baasuu dhufu yoo jiraate, akka jajjaba hundee gadi fagoo lammichi itt rarra’uu dandahu malee, kobbacha (hoomacha) akka hin taane ragaa dhiheessuu qaba.

Hanga yoonaa ABOn Oromiyaan kolonii Itiyoophiyaa malee Itiyoophiyaa miti amantee jedhu qaba. Jijjirammi dhufaa jiru sana irratt maal jedha? Akka halagaan himett empayerittii demokratessuuf deemna kan jedhu taanaan yaada addaa fi tottoraa bara hedduu dubatti deebisaa dha. Kun tahuun “argee” taphachuun hafee hunduu da’oo walii bara jechuu dha. Yaadi lamas sadiis isaa olis haatahuu mamii malee dhihaannaan, wal dorgomsiisa malee wal hin dhabsiisu. Murna ABO salphate keessa humni dhokate ifaan gadi bahe jechuu qofa taha. Sun ABOf malee sochii Oromoof waan haaraa miti. ABOs yoo tahe kan halagan kurna darban keessa himetu reef mirkanaawe. Dubbii afaa jalatt sukkuumuu irra ol baasanii hundi akka irratt waa jedhu gochuun ija hinfuunee jechisiisuunii hin qabu. Kanneen ugguun caffatanii bahan eenyummaa saanii agarsiisuu saaniif galata qabu.

Jijjirammi kun qoosaatt hin laalamuu. Shaneen yeroo dheeraaf ukkaamsaa ture. Wan halagaati himu lammiiti waan hin himneef gar lachuunuu amanamummaa hin horanne. Amma garuu sana gadi baasee ejjennoo saa mullisuu malee filmaata biraa hin arganne. Sun kan mamii qaban karaa qabsoo bilisummaa fi ofiin bulumaatt deebi’uu yoo hin gargare homtuu hin gargaaru. Qaxxamura kana irratt waan tahe, dhimma Shaneeti jedhee bira darbuu Oromoo kamuu hin dandahu. Isa waliin harki hin mullanne Oromummaa addaan baasee barbadeessuuf hulluuqee seena jira. Kanneen hanga yoona Shaneef bu’aa ciicannoo kennaa turan amma isaan qabsoo bilisummaa fi ufiin bulummaa finiinsan,sababa hin deggerreef  (yoo sana ni fedhu tahe) hin qabani. Sana malee muuxannoo salphinaa lammiin saanii hanga yoonaa dhalootaa dhalootatti argee hin beekne jala bahuu hin dandahani. Hedduun ammaanuu halagaa uggumuu fi “Isheshee gadamee” bu’uutt ka’aniiru. Amma nama kakaasanii daddaaqina malee nannaa akeeka ATHBO hiriirsuun tarkaanfii badii too’achuu fudhachuun qabsaawota Oromoo ilaala. Dinni saanii fuulahedduu dha. Kanaaf ittisi saaniis dhimmahedduu kan malbulcha, hawaasomaa fi diinagdee ilaalu tahuu qaba.

ABOn bilisummaa fi ofiin bulumaaf dhaabbate. Kanaaf Itiyoophiyaan akka irraa dacha’u gaafata malee saamicha qabeenya Oromiyaa irratt akka qooda fudhatu hin kajeelamu. Shaneen mirga haa tahuu bitaa Itiyoophiyaa demokratessuuf kan dhaabbate waan taheef heera Ityoophiyaa kan bulcha halagaa Oromiyaa irratt seeressuu amanamaa tahuu kakachuuf deema. Waa’ee Oromomummaa yoo dubbannu waa’ee ormi Oromiyaa bilisa, ufiin bulaa fi walqixee tahuu dubbanna. Biyya, nama fi qabeenya saa irratt aboo dhuunfaa qabachuu jechuu dha. Seeraan bulmaata, eegumsa mirga orma fi walaboota noolaa jechuu dha. Akeeka Gadaa walabummaa hooqubaa fi yaadaa gad dhaabuu jechuu dha. Lammummaa, Gadaawummaa fi malbulchaa, waa’ee diingadee fi seenaan ilaalcha tokkoo qabachuu, akka orma tokkootti itt roorrifamaa jiraachuu jala of baasuuf qabsaawuu jechuu malee waa’ee jibba orma bira miti. Oromummaaf sanyii hundi walqixxee dha. Kanaaf kan inni olhaantummaa sanyi, dagaa haa tahuu amantee kamiinuu, eenyu irrattuu, subgidduu haatahu qeyee dhaa ka’uu, kan hin fudhanne. Kanneen koloneeffataa ollaa fi kan manya gamaa qabeenya Oromiyaa dhuunfachuu dhufuti galuuf batattisan isaaniin gargar hin laalamani. ABOn ofbara Oromoo kan bakka amma jiruun gahe wareega gudda baaseetu. Harra walqixxummaa, walbaummaa obbolumaa, demokratummaa  jedhamee arraba hundaarra kan himamu qabsoo sanaani malee raajii addaaatiin miti. Angoon kamuu osoo dantaan ofii yeroo dheeraa hin tuqamin Oromiyaa hacuucuun shaakala ofumaa dhama’uu taati..

Hunduu Oromiyaan Oromummaan kufte Oromummaan kaati jedhu. Kun yaada ABO ganama irratt hundaawe. Hundee kana jigsan illee kan akka ofii deebisee lata malee, digaluu of irratt hin dagaagsuu. Kanaaf  sabboonoti of ijaaruu, of keessa luuxxe galtuu fi mamtuu qulqulleessuun waan yeroon hin kennamneefi tahuu beekuu qabu. Qabsoon Oromoo kan hidhannoo fi kan malbulchaati. Jannooti Oromoo hidhannooti yoo bobbahan malbeekoti saa duula malbeekiiti bobbahuu qabu. Onnee ittiin mirga saaniif falmatan yoo agarsiisuu baatan kan jiruutt isaan lakkaahullee dhabuu dandahuu. Kanaaf durfannoon qabsaawotaa, Oromoo sararaa tokkoo irra jiran, gartokkotti luucessanii hirreen Oromoo laafaa akka hin taane agarsiisuu qabu. ABO jabaan jiraachuun orma bar tokkon bilisooma jedhu qofa osoo hin tahin kan halagaan falfalaan qabe hundaaf illee fala taha.

Qabsaawota Oromoo walitt araarsuuf hoduun jedhu jira. Kun kan garaagarummaa kaayyoo hin qabneef ni salphata taha; kanneen leelloo Habashaa argachuuf wal dhabani yk kanneen garagarummaa tooftaa qabsoo bilisummaa qaban jechuu dha. Kan jaarolee kakase isa jalqabaa tahuu dandaha. Walitti araarsuu kan barbaadan hololaa fi yeroo badii itti baballisan argachuuf yoo hin taane aadaan Oromoon araara hin ciigahu. Garuu kanneen kanaan dura yaalan qabattecha sirriitti hin hubanne yk garaa qulqulluun itt hin dhihaanne tahu. Kanneen akka haalli jiru hin jeeqamne barbaadanis tahuun ni mala. Kanaaf malee nammi keenya ergaa fi ergammaa gargar baafachuu dandeessisuunuu waan guddaa dha.  Oromoon yaadota adda addaa walbira qabee ilaaluuf carraa argachuu qaba. Jaaroleen akka aadaa , seeraa fi heera abbaa Oromootti nama araarsuuf abbaawummaa qabu. Itt gaafatama dhaloota darbee, ammaa fi egeree, caalaattu seexaa ofii waliin dhufaa.

Nama salphina qabsoo Oromoo keessatt qooda hin fudhanne argachuun laayyoo tahuu dhiisuu dandaha. Garu hammamtu kan darbeef faloo bahanii Oromo hunda ija tokkoon ilaaluu fi dantaa lammichaa dantoota wal fincilan biraa irraa addati ilaaluuf qopheedha? Jaarsummaa Oromoof darbuuf nammi tokko Oromiyaan sodaa fi dorsisi qaama sadaffaa osoo irra hin gahin akka mirga lammummaa ofii ofiin murteeffachuu shaakaluu dandeessu mirga tahuu amanuu qaba. Akeeki saanii kan amma angoo Habashaa qabatee fi kanneen baraartii kadhachuuf qophawaniif kaaraa mijjeessuu yoo tahe wa’ee ulfinaa fi surraa Oromoo kan irraa dubbannu hin jiru. Tokko tokko wareegammi Oromoon baasaa jiru akka gatii hin qabnee fi yeroo fi lubbuu nama ofumaa balleessuu akka tahe nu amansiisuu fedhu.  Bekaa kaasaa bu’uuraa diddaatti geessee fi roorroo koloneeffataan irratt raawwatama jiuru irra ilaaluu filatu. Kan yaada dansa fi sammu qajeelaa qabu humna halagaan qabamuun Oromiyaa itt haa fufuu hin jedhu. Kunnimmoo yeroo qaanii malee jedhamuu fi gaga’amootatt fulleett himamuu arabsoo fi tuffii ulfina ilmaan namaa taha. Yaadi kun kan yayyabame, yoo gocha kanneen milla arraban tokko tokko irraa kahee tahe, soba saanii busisuun jaarra biraa hin fudhatu. Kanneen yaada kana facaasan doofaa yk keettoo diinaa wayitt hin galle Oromiyoo of fakkeessanii dhihatan tahuu dandahuu.

Sanas tahee kana naga fi araarri rimsama nafqabeesoo Oromoon hariiroo ilmoo namaaf qabu. Kanneen naga fi araarri akka bu’u barbaadan Oromiyaa fi gaarii dha wan jedhan ifatt baasuu qabu. Qoodi jaarsolii yabboo irratt marii ilaalcha adda addaa keessaanlaalii tahan irratt dhihaatan qopheessuu dha. Bu’uurri yaadi saanii ittiin madaalamu sagantaa ABO yeroo waliin turaniinti. Kanneen ofiin bulummaa barbaadanii fi kanneen Itophiyaa demokraatessuu fedhan ejjennoo saanii taliillessanii dhiheeffachuutu irraa eegama. Maqaan ABO jedhu kanneen ifiin bulummaa barbaadan waliin yoo hafu kan sana hin barbaane maqaa biraa moggaafatani itt fufuu. Sun hundaaf baroo dha. Garagarummaan mooraa ifiin bulummaa keessa jiru garaa qulqullumaan salphaatti furamuu dandaha. Yoo ergamsi nama tokko anjaa halagaaf tokkummaa oromoo jeequu hin tane ofiin bulummaa fi namaan bulummaan filmaata orma Oromiyaatt dhiifamuu qabu. Garuu sabboonoti filmaatichi dorsisaa fi sodaa gola kamii irraayyu walaba tahuu mirkaneeffachun barbaachisaa dha. Sana eebbisuun jaroleef seenaa maqa qabeessaa.

Oromiyaan kan darbe caalaa haala alaa manaa hamaan itt aggamame keessa jirti. Bilisummaa Oromoo qofa osoo hin tahin akka waliinjiroo tokkoott itt fufee jiraachuun keesumaa gaaffii jala seenaa jira. Oromoon osoo dhaaba bilisummaa waloo jalatt hin gurmaawin takkaa hubannoo argatee hin beeku.

Yoo eegalee gargar baaftuun yeroon hin sirroofne hubanno sana ni dhaba. Yoomallee kan akeekaan faallaa tahan rakkinni murna Oromoo tokko keessaa Oromummaa hubu yoo kahe hundaa rakkina uumuu dandaha. Kanaaf rakkinni amma Shanee keessatt kahe dhimma hundaa kan tahu. Qabsaawota kan ofiin jedhan kiyyoo halagaa keessaa harkisanii of baasan malee kana caalaa gad deemuun dhidhimuu taha. Gufuu jiru of duraa kaasanii caalaatti ijaaramuu fi tattaafachuu qabu. Sochiin kun dhaabota meeshaa diinaa tahanii fi abba tokkoota gargar ilaaluu dandahuu qaba. Oromoo manaa baqate duuchaamati galtuu fi gantuu jedhanii gataa seenaatt darbuun akeeka qabsoo bilisummaa dagachuu dha. Hanga dandahame oolfachuu fi beekaa kan farrummaa filatee fi tokkoo buluuf kan itt galee secca’uun tooftaa qabsooti. Barsiisanii deeffachuu sana duuba kan dide ajeeffachuun akkaa. Diinni diina hunda caalu isaa. Seenaa keenya keessatti yeroo murteessaa tahe kanatt tokkummaan qabsaawota yoomiyyuu caala barbaachisaa tahaa jira. Nagaa fi araarri haada dudhaa keenyaa waan tahaniif kanneen isaaniif dhufaniif balballi banaa tahuu qaba. Sun gara akeeka AHTBO, dantaan lammi kan murna dursuu mirkaneessuutt,  geessuutu irra jira. Badii dhufe too’atanii qabsoo dandamachiisuuf waliin hiriiruun amma.

Luxxee galtuu fi wallaalumaan hin dagamnu, Oromiyaan ni bilisoti!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!Ibsaa Guutama

Hagayya 2008
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokko

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *