0

Ilaa fi Ilaamee Dhooftuu cimaa Waliigaltee ittiin jabeessan

Sirni malbulchaaa fi hawasomaa Oromoo, Gadaan, waan Oromoo hundi uumuu saaf itt boonu. Sirna walabummaa, walqixxummaa fi ulfina ilmoo nama gad jabeessu ture. Karaa sun itt mirkaneeffamu tokkoo yaa’a demokratawaa quunnamtii wal gidduu yk mariin ture. Haasaa afaniin namoota lama, sadii yk gumii gidduutt tolfamu keessatt kan qooda fudhatu hundi naannaa ulfinnii fi wal qixommi jiru jalatt wal dhaggeeffachuu fi darbabeen dubbachuuf dirqamaa fi mirga qaba ture. Yaa’ichi  eegalee demokraatawaa Oromummaa, ilaa fi ilaamee jedhamu, dhabamuun saanii Oromooti rakkina saa dheeressa jiran keessaa tokkoo.  Ilaa jechuun waanan jedhu yk agarsiisun qabaa dhaggeeffadhu jechuu dha. Abbaa haasaa jalqabuu barbaadutu jedha. Erga jalqabamee duubas gurra naa kenni jechuuf tokkoo ilaamee jedha. Ni dhaggeeffatama. Gabaabaatt haala nagaa jalatt, ogummaa darabeen waldhageeffataa dubbatan ture.

Yero balaan uumaa yk badiisi namaan tolfamu gahun tasgabiin hawaasaa dhibamu ilaa fi ilaameen baduu dandaha. Yeroo akkasi dhimmi waldhageeffataniif ni dhiba. Yeroon saa kan burjaajii fi mancaa taha. Yeroo nagaa kan ilaa fi ilaamee diigu farra qofa ture. Sana malee murtiin marii hundi irratt gumaachuun xumurama. Yaada ofii kan nama irratt fe’u hin turre. Yeroo maanguddoon mari’atan ijoolleen dhaggeeffachuu hin dhowwamtu. Bakka gocha kana itt shakalan walgahii hiriyaas qabu turan.

Oromoon gubbaa gad itt himamuu hin beeku ture. Mataan finnaa, Abbaan Gadaa ulfinaa fi amanamummaa guddaa qabullee yaadaa fi fedha saa dirqiin nama fudhachiisuuf mirga hin qabu ture. Yoo akka malee rorrisuu barbaade buqqifamuu dandaha. Kanaaf innilee dambii ilaa fi ilaamee ulfeessuu qaba ture. Oromoon gocha hawaasaa hundaaf seera fecca’ame qaba ture. Gochi wal hin gitnee fi hangammeessi hooda tahan hundi hooda safuu jedhamun tumamanii turan.

Seera Caffeen tume cabsuun safuu dha. Dhudhaa fi hooda cabsuun safuu dha. Salphaatt, safuu dha jechuun seeraa fi dudhaa ala tahee kan seera nama fi dheekamsa waaqaan adabauu dandahu jechuu dha. Dubbachuu fi darabeen dhaggeeffatamuun dambii dha. Isa cabsuun safuu dha. Kanaafi seeraan bulmaati Oromoof keessummaa miti kan jedhamu. Gochi fi hojiin namaa hundi tumaan deggaramuu qaba ture. Nagaa fi waraana buusuuf dura mari’atamee dhaabbiin fudhatamuu qaba ture. Murtiin akkasitt fudhatame “seera” jedhama. Amaarri kana irra fudhatee sadoon “seeraa” jedhe. Nambiyyooti biyya koloneeffataa marii seera tumaa irratt qooda fudhatanii hin beekan. Yeroo waamaman Awaajii yk ajaja dhaggeeffachuu fi sana malee finqilcha saduuf fedha saaniitiin yaa’u.

Miseensoti dhaloota sochii bilisummaa jalqaban garri caalu sirna cunqursaa kolonii jalatt guddatan. Hedduun saanii waabarii waan dhaqaniif aada adda addaan walitt dhufanii turani. Unkaan quunnamtii isaan argan sun kan Oromoo irra adda turan. Kan darabeen wal dhaggeeffachuu hin beekan. Kaan walitt wacu yk aluma tokkoo dubbatu. Aboo qabeessoon, barsiisota, qajelchota yk qondaaloti ambaa, eenyuu haa tahanii, fedha saanii namatt fe’uu malee yaada nama hin gaafatani. Qunnamtii saanii keessatt qooqota ajajaa qofatu argama.  Oromoof sun safuu taha ture.

 Kana irratt sirna “waaltummaa demokrasii” jedhamutu dabalame. Fakmishoo komunistii, shakalaan xurreen qunnamtii asii gadi qofa ture. Aadaan halaga sun hundi dudhaa boonsaa kana laashessuutt qooda qabu turan. Dabballooti Oromoo kan karaa halagaa irra bu’uu yaalan, amantee hordoftoota saanii dhabani. Oromoon yaa’ii Oromoo keessatt mirga ilaa fi ilaamee dhoofsisuun rakkisaa taha. Oromoo tokkoof ajaja Oromoo biraaf obsuu mannaa kan halagaa fudhachuutu caalaa itt salphata. Halagaan duruu halagaa dha; kanneen seeraa fi adaa walii beeknu walitt cobuu yaaluun tuffii dha, kan jedhan fakkaata.  Kanaaf ofiin bulummaa shakala abbaa hirrumaa halagaan burratee argachuu mannaa halagaan buluun yoo itt fufe filatama. Akki dhaabi tokkoo wal dhabdee keessaa itt furu faara kuusaa egereef qabuu mullisa. Sabaawota yeroo fi bakka hundaatt akka wal qixeett ilaaluu dhabuun farra Oromoo tahuu dha.

Qabamsi ayyaamii Oromoo hedduu tuqe. Kaneen nafii fi boona saba ofii deebisanii dhaabuuf fincilan tokkoo tokkollee faara namaan buluun dhibammutu irra muldhata. Kanaaf of yk gutummaatt kanneen biraa tahuu hin dandeenye. Waliigalli miseensa sochii bilisummaa, nafii hawwamaniin madaqfamef hoggansis waan lallabuun akka bulu irra eegu. Yaadaanmal (theory) qooqoti ajajaa koloneeffataa gatamanii jiru. Sirni ergisaa waaltummaa demokrasiis hojjechuu hin dandeenye. Geggeeddarama dhalate qayyabachuu dhabuun, jallewwanii dhibdee walii ilaa fi ilaameen fala itt barbaaduu dadhabuun wal irra qoolifachuu kaase.

Suukiin mirga dhagahamuu dhabuu fi moggeeffamuun namatt dhagahamuu, kaneen wal irra qoollifachuu fidan keessaa tokkoo. Sun waliigalatt waadhibnee tahu fi ofirrumaa miseensota hooggansaa tokkoo tokkoo irra maddani. Qollifatoon garuu waan beccoon maqaa dhahamuurra jedhanii sababa adda addaa himatani. Xiiqiin abba tokkooti waliin galanii fi mata jabinni kan koo hinfudhattan taanaan bolla lixaa jedhus qooda qabu.  Osoo kotte nabaasi jedhanii baqachuu baatanii, keessatt hafuun akka ilaa fi ilaameen hojii irra oolu qabsaawanii afanfajjeessaa fi kantara amma jiru oolchuu dandahu turani.

Boddana garagarummaan bu’uura mooraa bilisummaa keessatt babahuutt kahe. Haalli dhiibbaa gola sadaaffaan umamee ture dhibdeen keessaa akka Oromooti akka hin furamne gufuu tahe. Ilaa fi ilaameen hin yaalamne. Halagaan akka dhiibbaa tolchu qaawwaatu baname. Osoo ilaa fi ilaameett dhimma bahame tahe yoo guutummaatt walii galli dhibamelle sagalee wayyabi dhaabicha gumaa tokkoon hambisuu dandaha ture. hanga fedhe haa fudhatu gargaarummaa dhiphisuuf irratt mari’atu malee akkus yaaloott wal hin dhiisan turani. Sun hafee hundi morma waliif deeman. Hordoftooti tokkoo tokkoon saanii akka malbulcheessota abbaawummaa qabanii tahun hafee akka tiksee of gochuutti kahan.  

Amba keessatt afaan badaa dubbachuun dudhaa Oromoott safuu dha. Angafoota salphisuunis safuu dha. Si’ana facaa, quunnamtii bakkicha saybar irratt fi barulee Badii gidduutt tolfamu irratt safuu cabsuun baramaa dhufeera. Nammi tokkoo tokkoo gocha saaniif abbaawummaan itt hin dhagahamu. Dudhaatt gochi akkasii wanbadeea fi tiksee warra irra fagaatanii fi too’anaa hawaasaa ala tahan irratt muldhata ture. Badiin qabsoo sabaawaatt tolaa gumaachuu qaba yoo tahe akka hariiroo walii keessa deebi’anii qorachuu qabu.

Karaan itt hariiroo wal keessaa fooyyesuun dandahamu tokkoo ilaa fi ilaamee shaakaluu dhaa. Hariiroo murnoota sabaawoo gidduu ciccite deebisanii walitt fufuuf kanneen garaa Oromoo tahaniif rakkina hin qabu. Oromoon dandeettii riphaa guddaa qaba. Lakoofsaan wayyabaa. Qabeenyi saanii gara hin qabu. Garuu akkuma “ oobdii gowwaa keessaa gindoo muratu” jedhamu, hundi kun diina jabanaa ijarameen dhimma itt bahamaa jira. Dinni kun meeshaa finnaatt dabbalee dhaaba ofii cimaa tahe qaba. Karaa biraan yoo ilaallu, Oromoon qabeenya Oromoo guututt bobbaasuun hafee namoota biyya abbaa of kennuuf bobbahan illee qindeessuu hin dandeenye. Jarmiyaa cimaa, qayyabannoo waloo fi dudhammii kaayyoo sabaawaaf osoo hin jiraatin diina dura dhaabbachuu tahee diina waliin dhoofsisuun rakkisaa taha. Akka jirutt qabsoon bilisummaa gunnufacha irra waan jiruuf  diinni, dhimma qubaa tokkoo gad dhiisuuf hin qabu. Haala kana jalatt hariiroon isa waliin tolchuuf yaalamu harka kennachuu gaditt hin laalamu.  

Ilaa fi ilaameen ayyaana jaallummaa dagaagsuuf nafii dudhaa gurguddaa jiran keessaa tokkoo. Garuu dubbeen saanii daandii qajeelaa, daandii bilisummaa fi ofiin bulummaa irra isaan qoollifachisaa jira. Kan darbe kan bade egereef akka tolutt sirreessuuf malee gufachiisuuf dhimma itt bahamuu hin qabu. Hariiroon halagaa waliinii kamuu, injifannoo argamsiisuuf waliigaltee Oromoo bakka bu’uu hin dandahu. Isa argamsiisuuf saboonoti hundi karaa Oromoo irra bu’uu qabu. Dilormaa, qabeenya, fi dandeettii riphaa hanga yoonaa dhimma itt bahuu dhabuun isaan qaanessuutu irra jira ture. Marii, walta’iinsa fi wal amantee uumuun ijoo marraga Oromo kan Oromoo ammayyaan baruu qabani. Dhibdeen nama hundaa yoo dhaggeeffatame, gaara sochoosuutu dandahama. Akka sanatt abbooliin saanii bantii jijaa kan gahan.

“Mari’atanii sanyii nyaatu” jedhama. Sanyii qonnaaf qophaawe nyaachuun safuu dha; garuu mariin murteessinaan hoodi irra cehamuu hin dandahamne hin jiru. Ilaa fi ilaamee qaama jireenya ofii goonaan, furmaati waan hallee fiixee qubaa irra jirata. Isa malee atommi sabaa jiraachuu waan hin dandeenyeef, tokko tokkoon sagalee sabaawaa nafii guddaa qaba. Moggaasii irratt marihataman kamuu, (safuu osoo hin irraanfatin), malbulcha, dhugeeffannoo, godinaa, gosa kkf lagatamuu hin qabani.  Qabsoon, obsaa fi beekumsaan waan nama dhibu irratt yaada ifsachuu fi darabeen wal dhaggeeffachuu, gaafata. Micireen ilaa fi ilaamee sana.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Mudde 2007
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *