0

“Manifesto”, Dhuma Danqama Ilaalchaa ABO Keessaa?

Waa’ee qabsoo Oromo yeroo kaafnu hanga tokkoo gara duubaati deebinee kan laalluu muuxannoon kaleessaa hardhaaf dhimma baasinnaa jenneetu. Mootummaan Hayila Sillaasee kan kufe warraaqsa aarii ummataan dhoo’eeni. Dargiin mooticha bakka bu’uuf humnoota adda addaa naannaa sagantaa gadjalaa (minimum) tokkooti qindeeffate. Akkasiti humnoota sabhedduu akeeka sooshaaliismiin gaggeeffamna jedhan waliti fiduu danda’e. Garba gamaas qooda fudhachuuf hedduutu it didiche. Akka irbuu seenanitt karaa Baalee galuu isaan oolche. Kan walitti dufan qabsoon gitaa rakkina sabaawummaa empayeritii keessa jiru furuu dandaha jedhanii dhaadatan. Sabboonotis hin geessineen male luuxanii dhimma itt bahuu yaalanii turan.

Qabsaawoti Oromoo dargaggoo kolonummaa Oromiyaati amanaaniif walabummaa seetiif qabsaawuu kutatan hedduu galmeeffatan. Sanaanis gara caaluu biyya keessaa dargaggoo hedduu hawwatan. Haa ta’u malee hidhata Oromoo alaa dhufaniin tokkoo tokkoo Dargiiti galuuf harca’uun hin hafne. Korri ABO bu’uursuuf taa’e uumaa qabsoo Dargiin gaggeeffamaa jiru fi haala empayeritii keessaa xiinxaluun, Dargii jalati kan waliti qabaman dhaabota Nafxanyaa ta’uu saanii fi Oromooti waliin hiriiraa jiranis Goobanoota haaraa ta’uu beeksise. Kanaaf gaaffii Oromoo akka deebisuu hin dandeenye akeekkachiise. Sana irrati hundaawuun maqaa Adda Bilisummaa Oromootti (ABO) moggaafatee sagantaa malbulchaa hordofu labse.

Oromoon Dargii waliin Tokkumaa Dhaaboota Markisist Leeninists (IMLDH/Imaaledih) ijaaran ABO akka dhaaba sabboonota dhiphoo taheti balaaleffatanii itt duuluu eegalan. Yerosiif haa se’an malee, duuba gaabbuu hin oolle. “Hiriyaa malee dhaqxee gaggeessaa malee galti” jedhu abbooliin.  Akeeki jallewwaan saanii Habashotaa fi eenyummaan saanii waliti toluu dadhabe. Murnichaaf jijjiirama fakkeessaa xixiqoo gochuu malee empayerichi akka jirutii tuqamuu hin qabu. Oromoon isatt galan ammayyuu yaadaanmal qabsoo gitaaf amanamoo akka ta’anii fi fiixaan baasuu barbaaduu saanii beeka. Kanaaf hariiroon qaban qabbanaawuu eegale.

Dhuma irrati erga of gad jabeessee booda murni nafxanya jallewwan isa hin fakkaane jeequuti ka’e. Akkuma abboolii saa Oromoof hooggansa kennuu dandahu kan jedhaman hunda gara jabinaan dhabamsise. Dhaaboti Habashaa hundi utuu isaan hin jibbin jibaniin. Oromoon empayeritii demokratessinee sabooti obbolummaa fi walqixummaan haala keessa jiraatan uumna jedhan akka sobaman hubatan. Kun nama waabarii saaniti baratef waan deddeebi’ee seena saanii keessati himamu. Waabarii sana kan hanqate hin turre. Kanaaf  dhibee “Stockholm Syndrome” yk “capture bonding” jedhamuun tuqaman  malee kan nagaa hin fakkaatu. Sun gaaga’amoota roorrisaan doorsisaa fi guraaraan surrii dhiqee akka jaallatanii fi sodaatan godhurraa muldhata. Oromoon jaarraa tokkoo oliif boojuu jala jiraate. Dhiibbaan sun ammallee hin dhibu.   

ABOn walabummaan ijaarame, bubbulee garuu yaada dubatt hafaan tuttuqamuu hin oolle. Jaallewwan malkaa malkati walbuusuun hubatameera. Sagantaa baafate hojiirra olchuuf hankaaksaatu heddummaate. Rakkinni saganticha irra osoo hin ta’in kanneen galfati itt kenname. Qabsoon kan gaafatu walamantee jallewan gidduu, kutannoo, dudhama, fi of eegganoo dha. Dafqii dhiiga baraara jedhama. Itt dafqan malee bilisummaan salphaatt hin argamu. Filmaatota gidduu dadaddaaquun bu’aa kennuun hafee balaa akka galaanaa dhiiga lolaasuu fiduu danda’a.  

 Hamma yoonaa gufuu mudatan keessaa hayyooti lafa jala ilaalcha jijjiirrachuu fi itt baha saa osoo hin hedin deggersaf bakka hin taane qubaa kaa’uu dha. Iyya dabarsitonni erga ilaalchi lama ABO keessa jiraachuu akeekkachiisanii turaniiru. Tokko ejjennoo ABO ifaa fi kootama repubilikii Oromiyaa walaba ijaarra jedhu. Ilaalchi biraa yeroo dheeraa keessa yaroon kan misoome fi hidda sagantaa Imaaledihi keessaa kan qabu, “Itiyoophiyaa dimookraatofte mirgi abba tokkee fi murnootaa keessati ulfina argatan” uumuu jedhu.  Ilaalchi kun lamaan akkaataa ABOn itt hojjetu irrati dhiibaa qabu turani. Hooggansi walii golgee yaadi addaa jiraachuu haalaa ba’uun hojii dhaabichaa gutummaati laashesse. Giddu kana garuu barruun “Manefesto ABO” jedhu beekaa dhimmisee haa ta’u hatamee, marsaa “web” tokkoo irratt muldhateera. Sana murni ABO tokoo kan kiyya jedheera. Innis “Galii …qabsoo Oromoo” kan jedhu keesaa kan itt haanutu argama:  “2.1. Itoophiyaa, fedha Oromoo fi sabaa fi sab-lammootaa biroon  ijaaramtee, mirg siyaasaa, dingdee fi hawaasummaa Oromoo sadarkaa hundatti keessatti kabajaamu  ijaaruu.”                                                                                                                                                                                                                                 

Oromoon yaada kana ifaan guddifatan biyya keessa sosso’an jiru. ABO keessati kan cuqqalame buqqisuun garuu isa jalqabaati. Amma hundi qola saanii keessaa cabsatanii nokkora ambaaf dhihaachuuf deemu jechuu dha. Nokkorichi dhaaba tokkoo keessati utuu hin ta’in mooraa lama ilaalcha addaa qaban gidduti ta’a. Dhuma irrati kan murteessu ormicha. Tokkoon saanii walabummaa Oromiyaaf, inni biraa tokkumaa Itiyoophiyaaf nama kakaasa jechuu dha. Qabsaawoti humna barsiifataa ugganii yaada taliilaa kanaan gadi bahan galata qabu. Yeroo isaan yaadicha ifa godhan dharraan eegama. Sanaa kaasee qabsoon Oromoo toora laman dhihata jechuu dha. Maqichi yeroo sagantaan malbuchaa dubbicha ilaalu bahu bakka walfakkatuti hafa.

Kan garaagarummaa fiduuf deemu maqicha oso hin ta’in dhimmamaa.Yaadi manefesto jedhame keessa jiru kan murna walii tumsaniis akka ta’e qilleensaa irra dhagahameera. Kan qabsicha amansiisaa godhu murna osoo hin ta’in yaada garaa itt amanan filachuu dha. ABOn dhaaba seenaa dheeraa qabu fi hundaan jaallatamu. Kanaaf murni maqaa kana kudhaammachuu  hin feedhne hin jiru. Garuu miira yayyabama saan kan ka’e hundatti hin ta’u. Kanaaf kan mala kaayyoo ABO ganaman irra adda qaban maqaa sana gitu baafachuun akkaa. Qabsaawoti moggaasa adda addaa jala hiriiran maqaan osoo hin ta’in hobbaa galmeesaniin madalamu.

Dhaaboti qabsaawan hundi bakka kan itt dhiiguu, madaawuu, gidiramuu fi du’uuf jiru Oromiyaa keessa ta’uu qabu. Booleen galanii Baaleen homaa miti. Dargaggoo gurmeessuu fi egeree qabsoo amansiisaa gochuun biyya keessati sosso’uu gaafata. Badiin ala jiru dilormaa Oromiyaa keessaa cittuu xiqqoo tokkoo. Qoodi saa kan bakka bu’aa tokkoo yk fuula qabsoo halagaati mullifatanii caalaa ta’uu hin qabu. Qabsichi haa leyuu yoo jedhame marsaa saa jalaa bahuu qaba. Ilmaan Oromoo ala jiran kan hubachuu qaban biraan nambiyyaan hafee halagaallee yoo ta’e qabattee irrati qeeqa kennachuu irra arrabsoon eenymmaa namaa tuquun safuu cabsu fi addaggumaatt akka ilaalamu baruu dha. Sun ofis, hiriyaas, saba ofiis tuffachiisa.Arrabsoon qabsoo ni qummansa malee hin dagaagsuu; daallee malee qaroo irra hin eegamu.

Dhaabicha keessa ilaalchi lamaan jerachuutu gaaffii “hoogganooti ABO waan barbaadan beekuu” jedhu kaasaa ba’e? Hoogganooti qaama sadaffaa birati dhaamsa walmake dabarsu turan. Sagantaan ABO irra waa’een walabummaa barruun jira, hogganooti tokkoo tokkoo garuu sun osoo hin jijjiiramin yaada dimimmisaawaa, tokkummaa Itiyoophiyaa, hiree murteeffanaa fi referendum waliin dhahu dabarsu. Sunis gurra jara waliin hasawaniiti tolinaa jechuuni. Oromoon uumaan nagaa jaallata. Hayyooti ilaalcha daddaaqa qaban sana hawaasa addunya fudhachiisuu dadhabuun qabsoon Oromo amantalaa ta’uu mamsiisee. Leelloo nagaa fi lolaan ABO  keessati wal diddaan akka jiru yeroo himamus ni callisan malee soba hin buusifne. Gara keenya jaallatanii isa kaan nu jibbinnu jedhanii dhugaa ture ukkamsani. Uumaa diinatu sibila kaasu giddisiise malee, akka imaammataati nagaan wal dhabdee furachuun durfannoo ABOti, dudhaa Oromootis.

  Walumaa galati ilaalcha ifaa qabaachuun waan barbaadan beekanii ijaaramuu nama gargaara. Kan ijaarame hin roora’uu, hundaaf karoora qaba, tasi isa hin jeequ, durfannoo saa beeka. Qabsaawoti akeeka taliilaan Itiyoophiyaa demokratessuuf gad bahuun qabsichaaf hulluuqa guddaa dha. Qabsoon Oromoo sii’achi ilaalcha addunyaa hogganootaan danqamu hin qabdu. Yaada mamsiisaa jala dhokachuunis hafuutu irra jira. Hundu ilaalcha itt amanu duuba haa hiriiru, dhugaasaas danqa malee haa lallabatu. Kan hafe ilaa fi ilaameen furama. Qabsoo ilaalchaa laaqamaan xaxamtee turte furgaatee, hundu arrablame malee waan itt amanu birmadummaa, damboobaa fi obbolummaan haa ifsatu. Galatooma.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Ebla 2011

Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *