Home

Ashamaa!  Welcome

Barlabsiin Gubirmans ijaarsa of barlabsaa New Yorkitt bara 2002 galmeeffame. Ijaarsi kun daayaa fi ergamsa of danda’e qaba. Abbaan Barlabsii kanaa nageenya, guddinaa fi walabummaa ummata saaf jireenya saa wareegee jira. Wareegama kana bakkaan gahuuf karaa itt haalaa ummatichi keessa jiru irra hamaa ittisuun dandahamuuf fi sana addunyaan beekuuf gochuun barbaachisaa dha. Sanaan karaan gadi itt bahan tokko ergaa qaban barlabsuu danda’uu gaafata. Innis qabeenya, beekumsaa fi humna gaafata. Ijaarsi kun haala dorgommee fi harka qallinni horii jiru kana keessa rakkina barlabsamuu irra haanuuf uumame. Barlabsaan kun hanga yoonaa hojii abbaa barlabsicha qofa homishe. Hojooti  saa ammaaf kan xiyyeeffatan muuxannoo Oromoo fi afaan saanii irratt. Garri caalaan saa bara bulcha Waraana Itophiyaa finqilaatee waan tolfameef kanneen iyyaatii fi quwannoo barichaa irra fedha qabaniif akka madda dansaatt tajaajiluu danda’a. Barruun saa moor “Hidhaa Seexaa” (Prison of Conscience) jedhamu kan bara 2003 barlabsamen jalqabe. 2004tt hojii biraa Qooqaa Addaa Afaan Oromoo jedhamutu barlabsame. Innimmoo tokkeen sadii, Oromoo-Oromoo, Oromoo-English fi English-Oromo dha. Sutaan iyyaatii haasofsiis gargaraa irratt kennus qaba. Website kun karaa Barlabsiin Gubirmans gad itt bahu keessaa tokko. Homishnii Yeroo yeroon dabalaman “Homisha” kan jedhu jalatt argamu.

Akeeki barlabisichaa inni muummichi dhaalmaa sabaa jabeessuu yoo ta’eyyuu bu’aan yoo argame indoosa hojoota walfakkaataaf ooluu waan gargaaruu danda’uuf hin jibbamu. Hojiin hanga yoonaa dhihaatan hidhaa keessatt lafa jala (1979-89)jalqabamanii badiisa irratt xumuraman. Abbaawich,  Ibsaa Guutama, nama Oromiyaa Ganfa Afrikaatt argamuu fi kolonii empayera Itoophiyaa taateetu. Oromoon murna Afaanii Kushitik jedhamu jalatt ramadamu. Afaan saanii walgahii kam irrattiyyuu, kan ambaa haa ta’uu kan dhugeeffannoo akkasumas waabariitt akka dhimma itt hin bahamne erga kolnooffatamanii jalqabee hanga 1991dhowwamee ture. Afaan reef barreeffamuu jalqabeyoo ayyamquwa dhaloota dubbatuutt haa tolu qofaan dhagahamuu baate akka meesharka beekumsaa ittiin guddisaniittis ni ilaalama tahe jalcaasa saa cimsuun barbaachisaa dha.

Amma kan moor, erbaala, barreettii kkf. barattoota haaraa dubbisuu fi dhahataaf akka gargaaran homishuu yaalaa jiran sabboonota qabeenya gaha hin qabne. Hojiin barlabsa kanaa qaama ifaajjee si’aawinni jalqabe akka hin caamne tolchuuti. Achumaanis hanqina horii fi jibbuhaqa barlabsootaa jala dhaabbatanii, rakkina barlabsamuu irra haanuuf fakkeenya ta’a jedhamee abdatama. Daa’imuun haa ta’u trachuun guddina ummata Oromooti hamma dandeettii saa dabaluun dirqqama saa akka tahett fudhateeraa. Akka Oromoon abjuu saanii bubbule dhugoomfatan dhaabota sabaawaa, sabgidduu fi namoota abbaltii misha qaban irra gargaarsa guddaatu eegama.


Yaada keessan karaa teessoo keenyaa “email” moorota irratt argamuun yoo nuu ergitan ni galateeffanna: Daawwii@msn.com; telefoon: 301 755 6978

Afaan Oromoon Fulduratt!!

————————-//————————–

Gubirmans Publishing is a New York registered self publishing house since 2002. This establishment has its own vision and mission. The owner of this publishing house has sacrificed a good part of his life for wellbeing, progress and liberation of his people. To make this sacrifice fruitful it is essential to find a way of defending the people against harm and to exposing it to the world is necessary. One of the means to affect this is to be able to publish ones message. That requires resource, knowledge and power. This establishment is  created to overcome the problem of being published under existing competition and financial restraints. This publisher so far publishes only the owner’s work. The works mainly focus on Oromo experience and language.  Since most of it was done under the defunct Ethiopian Military Junta it can serve as a good source for those who have interest for information and study of that period.  In 2004 another work “Qooqaa Addaa Afaan Oromoo” Special Oromo Dictionary was published. This is a three in one dictionary, Oromoo-Oromoo, Oromoo-English and English-Oromo. It has appendix rich in information on different topics. This website is an additional outlet for Gubirmans Publishing. Product issued from time to time will be listed under the title “Product”.

The principal aim of the publisher is the preservation of national heritage. But if it sells well, the profit is appreciated for it could help further investment in similar works. Both works so far published started underground in detention center (1979-89) and openly completed in exile. The author is a native of Oromiyaa, a country in the Horn of Africa under the colonial rule of the Ethiopian Empire.  The language of its indigenous people, the Oromo is in the category of Cushitic language group. That language was banned from being used in any gathering, public or religious as well as in schools from colonization of Oromiyaa till 1991. For a language just beginning to be a written language a firm infrastructure would be necessary if it has to be a tool for advancement of knowledge. Otherwise it would remain limited to a psychological satisfaction of its native speakers only.

They are now only nationals with meager resources that are trying to produce books, papers, articles etc. that could help as reading and reference material for new learners. The work of this publisher is part of that effort of maintaining the momentum. It is also an example for overcoming the problem of getting published defying financial shortcoming and publisher’s censorship. He has taken it as a duty, be it by crawling or traipsing, to add to development of Oromo people to the best of his ability. Much help is expected from nationals, international organizations and persons of good intentions to help the Oromo realize their long overdue dreams.

Gubirmans Publishing appreciates suggestions and comments through email address given on the books, Daawwii@msn.com ; telephone: 301 755 6978

Forward with Afaan Oromo!