Qabsoon kamuu gadadoo, laalaa fi miidhama qabdii; qabsaawan malee rakkina, salphinaa fi hiyyumaa keessaa hin ba’anii, nama guutuus ta’uunis hin danda’amu. Mirga ofiif qabsaawuun hanga lubbuu ofii arsaa gochuutt gaafachuu danda’aa. warraaqaan namaa gad ta’ee jiraachuu manna du’a filata. Oromoon roorroo, tuffii fi salphinai hundeen saa sirna nafxanyaa jaarraa 19faa keessa jiru itt baayyatee. Muxannoo kana waggoota 150 ol qabaatanii. Kanaaf, jireenya laalessaa, gadadoo, salpisaa namummaa baasaa fi gommisiisaa jiraachuuf dirqisifamaa jiru. Amma jaarraa 21st keessa jiraatanis, haala jaarraan 19 itt fe’e keessatt argamu. Sirni Dullachii michuu saanii hin turree. Nagaa fi aaraarri dharraa namoota hundaati jedhamee fudhatama. Nagaan kan jiraattu yoo miltoon nagaa jaallatu jiraate qofaa. Diinni eegalaa jalqabe olhantummaa saa mirkaneessuuf akka tooftaatt mirgoota dhalootaa Oromoo, jireenya saanii malbulchaa, diinagddee fi hawaasomaa haaluun, lafa, qabeenyaa fi dafqa saanii too’achuun deegsee ture. Qabsoon akka itt fufu haalatu dirqisiisa malee abba tokkoota yk murnoota; quufaa fi qananiis mitii. Ilmoon namaa hundi nagaa fi araaraa barbaada jedhee fudhatamaa. Nagaan kan jiraattu yoo miltoon nagaa jaallatu jiraate qofaa. Nyaaphi, mirga malbulchaa, diingadee fi hawaasomaa dhalootaan qaban mulqee, lafa, qabeenya fi dafqa Oromoo dhuunfachuun deegse. Waggoota hedduuf akka gadgaloott tufatamanii maqaa xiqeessuun wamama ba’anii. Kanaaf 60oota keessa qabsoo bilisummaa, mirgoota, bilisummaa fi ulfina ilmoo namaa bara Hirmaata Afrikaa bade deebfachuuf jalqabanii. Halluun gogaa fi dhiheenyi lafquwii biyya koloneeffataa waliin qaban hedduu waggoota baayyeef gowwoomsee firoomsa kolonummaan qaban dhahuun rakkisaa ture, koloneeffatanis fuula saa dhogaa dhooffachuu danda’ee jira. .
Horeen nyaaphaa Oromiyaa haaluma kana keessattt waan arganiif biyyichiis ummatichis isaan tajaajiluf kan uumaman itt fakate. Hammenya abbootii saanii sirreessuu irra caalaa hama ta’uu barbaadanii. Diddaa Oromoo akka raajiitti fudhatanii. Kan ga’aatt laashessan itt fakkaatee ture. Labsi emperor Minilik, “Ilmoo nama hin ajjeesina, “Gallaa” illee yoo ta’e” jedhu, isaaniif ilma namummaan Oromoo mamsiisaa akka ta’u barbaadanii. Lubbuun jiraachuunuu fedha saaniitiin ture. Fixasanyii irratt raawwatee dilorma saanii walakaa barbadeesse hanga yoonaa itt hin gaafatamne. Ijooleen Amaaraa “biyya abbootiin keenya lafee saanii caccabsanii, dhiiga saanii dhangalasanii qabatan eenyutu nu buqqisa” jechuun dhaadataa jiruu? Qabachuuf manatt dhaqanii, lafee Oromoo meeqa akka caccabsan, dhiiga hammam akka dhangalasan, qeeyee meeqa akka buqisanii facaasan garuu hin kaasanii. Oromoo akka bineensa fudhatanii, adamoo itt shaakalaa namummaa baasaa salphisaa kan isaan hojjetan as irratt hin dubbannu. Isaan garuu akka nuti irraanfannu gochaa hin jiranii. Oromoon kan akeekkatan funcaa saanii kolonummaa caccabsanii eenyummaa sabummaa fi ulfina namoomaa saanii deebifachuuf malee haaloo ba’achuun akka jibbbi baballatee, nagaa fi araaraa dhibamuuf mitii.
Jijjiiramooti malbulchaa, diinagdee fi hawaasomaa waggoota shantamman darban bulchooti saanii goone jedhan irra dibaa malee kan gaaffii Oromoo deebisu hin turre. Empayerii sirn nafxanyaan uumame akka hin didhamne, Oromoon godinicha keessatt wayyaba ta’ee akka hin turre ciruu barbaachisaa. Humni duubatt harkiftuu hundi, dhalootaa, dhalootatt dhugaa Oromoo dabsuuf
tooftaa itt jijjiiraa as ga’anii. Fakkeenyaaf, waa’een lafaa sirnicha raasuutt ka’ee ture. Kanaaf labsa wayyeessaa qabiyyee lafaa baasaniin, lafa kan mootummaa koloneeffataa tasisan malee qotee bulaa Oromootti hin deebisne. Yeroodhaaf abbaan lafaa dugda saanii irraa bu’uun qotee bulaa ni gammachiisee. Bulee garuu, abbaa qabeenyotaa alaa fi keessaa, ashkaroota saa bandaa ta’aniif isaan lafa akaakilee saanii irraa buqqisee hirutt ka’ee. Miidhama waggoota dhibbaa oliif aagii gaafachuu fi beenyaa baasuun hafee, biyyichumaa kan Oromoo ta’uu saa hin fudhatanii. Oromoon Itophiyaa mittii; humnaan akka gadgaloo isaaniin walqixxee hin taanett itt dabalamanii. Akka walqixxeett dubbachuuf sadarkaa walabummaa saanii qabama dura turanitt deebi’uu qabu. Sanan booda hariiroo walii egeree dubbachuu kan danda’anii. Yeroo saa eeggata malee biyyi abbaatt deebi’uun hin hafuu. Yeroon saa geenyaan cunqurfamooti akka Oromoo, fincilu eegalanii. Haala burjaajii amma keessa jiruun kan ga’e sana. Sichi akka duriitt deebi’uun hin jiru. Hundi haalicha hamaa kana irraa bararamuun, ilaa fi ilaameen arara buusuutu irra jira. Hogganoota farra Oromoo, bu’aa ofii jedhanii nagaa booressaniif malee, ummati hundi nyaatee buluuf daa’imma guddifachuuf nagaa fi araaraa barbaadaa.
Qabsoon Oromoo farra kolonummaa fi cunqursaa; sabboonummaan saanii kan bilisummaatii. Oromoon eenyuunuu ni caalla jedhanii hin beekanii. Aadaa fi seera Gadaaf haa galatuu, ilmoon nama hundi mirga walqixxee qabachuutt amanu. Waggoota 150 dura duula Oromiyaa qabachuu kan qindeessee fi hoggane, eeyyama Yohaannis Tigrichaan, Minilik Amaarticha ture. Gurguddoon Amaaraa si’anaa kana haalanii seenaa hin jirre uumuu yaaluu. Duuba irratt empayerichi hoggana ABUT/ADWUI Tigirtichaa jala galee. Innis akka empayerri hin kufne hedduu yaale. Garuu faana dhooftuu inni ummateen, “Dhaabota Ummataa Demkeratawan (PDOn)” finqilfame. PDO kanneen, Amaara, Oromoo fi Ummatoota Kibbaa irraa dhandhoonamanii. Hoggana kan godhatan namicha Gommaa jaarma fakkeessaa Oromoo sanatt (OPDO) gaammummaan madaqfame, Abiy ture. Innis Oromummaa himachuun sabicha xiqqeessa waan jedhuuf utuu hin turin PDO fi ADWUI jigsee PP dhaabbate. Oromoo fi Tigaaruu malee hanga inni Itophiyaa himatett jara kaaniif garagarummaa hin qabu ture. Miseensi PP akka ADWUI PDOta utuu hin ta’in, abba tokkoota turanii. Kun “Nuti saboota, sabaawota fi ummatoota …” heera keessa jiru irraa baqachuufii.
Heerri jiraatus akkuma dudha Habashaa, mootiin saa Abiy kan hirreen bulchu ta’ee. Itophiyaa bantii see durittin deebisa jedhe dhaadatee. Banti kan ga’e bara biyya Oromoo fi ollaa saa qabatee dha. Seenaa duubatt deebsuu fedhaa. Bulcha empayericha si’anaa keessa wan duran takkaa hin beekamne, kanneen Afaan Oromoo dubbatan hedduutu madaqfame, garuu ammas akka diinnii fi wallaalan afarsutt wayyaba mitii. Sun Oromoo hidhaa, baqa, butamuu irraa hin oolchine. Kan Oromo jibban fi daallichi Oromoo PP akka mootummaa Oromooti fudhatu. ADP, ADIN fi wayyaba kan ta’an biraa bulchaa PP keessa jiran ni irraanfatuu. Maaliif mootummaa Hayila Sillaasee fi Mangistuun kan Oromooti hin jennee yoo jenne, Oromoo ganuun saanii guutummaatt sanyii fi shakalaan waan ta’eef ta’inaa? Si’ana holollii “balagize”jedhu hanga kadhattuu Oromoott baballatee “balagizee”(kan barri kenneef) jechuun, kan afaan Amaaraa dubbatan keessaa hin bu’u.
Akka agarre mootummaan empayera Itophiyaa amma jiru PP, bu’uura saa diina Oromootu, “Adda Ummata Oromoo Demokratawaa (OPDO)” jedhe dhandhoonee tolche. Kan Tigrayitt ABUTiin uumameefis qabsoo Oromoo ABOn gaggeeffamu hankaaksuufii. Kan isa uumen amma diina
ta’uus, kaayyoo ittiin uumame hin daganne, bakka saa bu’uuf wixxifata. Oromo fakkaatee, Oromoo of hin barre, kan soogida dura qaban gula yaa’u bobbaasuun Itophiyummaan kan isa uume caalaa Oromoo fixaa jira. Itophiyaanoti kanaan hin gowwoomne, hoggansa empayera in irraa fudhate deebifachuuf waraanaan muddaanii jiruu. WBO ABOn utuu hin jiraannee Oromummaan maqumaafuu badee ture. Nyaaphi, OPDO akka “Farda Troy” dhimma itt ba’ee; kan yoo garaa saa saaqan bulgu keessa yaa’u ta’ee. Dargaggoon itt dammaqxee hidhannoo utuu hin hiikkatin gaaratt gamtee. OPDO/PP fi kaan, kan sirni empayeraa akka hin jigneef qabsaawan, dhaadannoo Dargii, “Itophiyaa takkittii yk Du’a” kan guddifatan fakkaatuu. Bakka Abiy bu’uu barbaadu malee sirna empayera jijjiiruu hin fedhanii. Akeeki qabsoo walabummaa Oromoo, nagaan naannaa diriiraatt yk hidhannoon mootummaa Itophiyaa of irraa kaasee Republik Oromiyaa dhaabuu dhaa. WBO ABOn dinni diina kootii fira kooti jedhee Abiyyii buusna kan jedhaniif tumsuun koloneeffataa Itophiyaa deebisanii aangessuu ta’aa. Kan walii tumsan jara mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga walabummaatt amananii. Jarri kaan akkuma PP mirgi heerri kennu ni baayyata jedhanii haquunii fedhu.
Qabsoon Oromo ijaarame waggoota shantama dura sagantaa taliilaan kolonummaa Oromiyaa irraa haquuf jalqabe. Qabsaawoti bilisummaa karaa dhufan keessa deebi’anii qorachuun hangam akka guutanii fi didhaan fulduratt jiru baruu qabu. Yoo hedduun hin guutamne ta’e abdii kutachuun irra hin jiruu, kan isaan wal waraanan, fedha anga’oo hedduun waan ta’aniifii. Kaasaa dhugaa wan qabaniif injifannoon bu’aa waliin akka dhufu mirkanii dhaa. Hogganooti duraan sochii bilisummaa jalqaban bara eegala “Pan Africanism” yk tokkummaa Afrikaa keeessa kan argamanii. Garuu, tokkummaa Afriikaa haa ta’u kan Godina saanii jabeessuuf dura biyya saanii haala hamajaajummaa kolonummaa keessa faloo baasuun akka irra jiru kan amanan turanii. Seenaa hariiroo Oromoo fi Itophiyaa kan hin beekne Oromiyaan, akka lammii gumaa Itophiyaa ta’ett fudhachuun dogoggoruu danda’aa. Garuu ummata wallaba ta’e kan biyya, seenaa, afaan fi aadaa ofii qabanii fi sirna Gadaa demokraasii biqiltuu Afrikaa ta’e qabu turanii. Biyyi mootii Itophia aadaa fi afaan saanii, gabaabatt eenyummaa saanii adda baasee ofitt baqsuu yaalee ture. Mootummaan hanga yoonaa jiran dilormaa saanii fixaqaccee fi fi ofitt baqsuun gad cabsuu kan hin yaalle hin jiranii. Garuu Afrikaa keessaa lakkoofsaan guddaa ummata yartuu keessaa akka diinni yaadu utuu hin ta’in, godinaa keessaa wayyabumaan jiruu. Haa ta’u malee ammas walabummaa fi diinagdee fi dafqa saanii yeroo isaan deegan kan bu’aa diinaaf bolqamaa jiru too’achuuf qabsaawaa jiru.
Hundeen mootummaan empayera Itophiyaa amma jiru PPn, sochii bilisummaa ABOn gaggeeffamutt gufuu ta’uuf, Adda Ummata Oromoo Demokratawaa (OPDO) jedhe boojuu irraa dhandhoonee tolche. OPDOn famishoo wayyaaye “ Goobanaatii”. Kanaaf imaammata abbootii kolonummaatiin masakamaa. jira. Bolola aangoo hogganoota saanii jiruuf malee ilaalchi malbulcha PP fi humni malbulchaa Habashaa hundi ilaalcha addunyaa walfakkaataa, Itophiyaa “surraa fi dagaagina see duritt deebisu” qabu. OPDO keessa Oromoon jiraachuu danda’uu, garuu dhaabi OPDO yk kan itt makame yoomiyyuu Oromoo ta’uu hin danda’uu. OPDOn Oromo fakkaatee, Oromoo of hin barre, kan soogida dura qaban gula yaa’u bobbaasuun, Itophiyummaan kan isa uume caalaa Oromoo fixaa jira. WBO ABOn utuu hin jiraannee Oromummaan maqumaafuu badee ture. Nyaaphi, OPDO akka “Farda Troy” dhimma itt ba’ee; kan yoo garaa saa saaqan bulgu
keessa yaa’u ta’ee. Dargaggoon itt dammaqxee hidhannoo utuu hin hiikkatin gaaratt gamtee. OPDO/PP fi kaan, kan sirni empayeraa akka hin jigneef qabsaawanii, hundi saanii dhaadannoo Dargii, “Itophiyaa yk Du’a” kan guddifatan fakkaatuu. Bakka Abiy bu’uu barbaadu malee sirna empayera jijjiiruu hin fedhanii. Ganfi Afrikaa kan nagaa fi tasgabbii argattu gaafa empayerri diigamee ummatooti Afriikaa jalatt hidhaman hundi gad dhiifamanii, gaafa mirga saanii hiree ofii ofiin murteeffachuu mirkaneefatanii fi tokko tokkoon saanii akka walqixxeett walfudhatan qofaa.
Abiyyis hanga badutt dharraa saa Nugusa Itophiyaa ta’uu haadhi abjuun agarteef gad dhiisaa hin jiru. Bu’uurri saa hundi dhuma kanatt geessa. Manguddoon Oromo seenaa empayerichaa fi kan PP darbe irra barumsa fudhachuu irra, yeroo kiyyoo inni qopheessett timan argamuu. Walgayiin saanii kan karoorfamee fi gatiin itt baafame PPn yoo ta’eyyuu isaan sagantaa ofii qabatanii ba’uu danda’u, gaaruu haalli saa fi dubbiin Abiyi jala hin fakkaatuu. Kaayyoon ganama qabsoo walabummaa Oromoo, yoo it amanan, hin amannes ta’e, nagaan naannaa diriiraa dhoofsisaatt yk yoo sanan dide hidhannoon mootummaa Itophiyaa of irraa kaasee Republik Oromiyaa dhaabuu qofatu bilisummaaf iggitii kennaatt fudhatamee. Sana qofa kan bilisummaa Oromoof iggitii kennu. Waan ta’eef Itophiyaa jaallatanis, Itophiyaan isaan hin jaallattuu, hin amantus. Ammayyuu fakmishoo “Goobanaatt” dhimma ba’anii kolomsiisuun Oromoo of duukaa yaasu yaaduu. Dudhamaa fi kutannoon yoo isaan hanqate malee, koloneeffatan gantu fi hin amanamnee ta’uu saa beeku, Isa waliin araaraaf taa’uun bakka hin baabsinee fi qaammi sadaffaan bakka jirutt akka ta’u imaammata dhaabbata ABO ganama kan muuxannoo irraa murtaawee. Yoo xinnaate nammi tokko isaan keessaa kana beekaa. Haala doorsisaa jala yoo jiraatan aagiin ni danda’ama garuu dhoofsisi mitii. Akka cunqursaa jala taa’anii isumaa waliin araaraa taa’uu daa’immiyyuu hin fudhattuu. Garbichi akka maartaa godhaniif gaafachuu malee bilisummaa saaf dhoofsisuu kan danda’u yoo humna of duubaa qabaate qofaa. Namooti akkaataa lamaanu jala jiran kaayyoo adda addaa qabu, alii alis hamajaajii walii ta’uu danda’uu.
Walga’iin manguddoo dheenyaa baasii saa fi namooti jilummaan foo’aman fi akkaataan itt hayyamame laallibbataa fi hojii “ABO Daawudii fi KFC Mararaa” hin fakkaatuu. Haala kana caalaa afanfeejjuuf Abiyyitt amanamoo kan ta’an Caffeen Oromiyaa fi kan tokko tokko “ABO Hilton” jedhan mormuun as ba’anii. Yaadi mari’achi dhiheesse Heera Itophiyaan fallaa hin turree, garuu rakkina tartiibaa qaba ta’aa. Itt waci qubqabsiisotii fi namooti Amaarinyaa dubbatan yoo turu mooraa Oromootis xaxxaxa’Ii turee. WBO ABOnis ibsoota utuu inni hin beekin maqaansaa ka’uuf ejjennoo saa baase ture. Manguddoon bu’uura hojii irra oolchuun humna barbaadu dhiheessanii. Garuu “humni” meeshaa jara “Qabsoo Nagaa” keessa hin jiru. Kanaaf waan tafkittiin jette, Jettee duute haa jedhanii hudduu irra na koobaa” ta’aa. Moo, qabsoo hidhannoo Oromoo irratt sharriin biraa jiraatinnaa? PPn jaarsolii ulfaatoo kana salphisuu soqee ta’innaa? Rakkoon hogganooti Oromo tokko tokko qaban ejjennoo cimaa waan biyya ofiif fedhan dhabuu dha. Murna adda addaa yeroo argan waliin jijiirama. Tooftaa tarsimoon waan bakka buusaniif kaayyoo saba ofiif wareegan ni hankaaku. Ijoollee Abbaa Gadaa ta’uu saanii dhaadatuu. Garuu akeeka demokratawaa Gadaa dhiisanii shakalaan kan koloneessaa saanii abbaa hirrummaa qabu duukaa bu’uu. Akeekoti akka Hiriyaa, barri aangoo murtaawaa, olhantummaa seeraa, ilaa fi Ilaamee, waliigaltee hundaan murteessuu faan
ooduu biraas mooraa PPtii ba’e jiraa, WBO ABOn gamtaa dhaabota finciltuu Itophiyaa (Amaaraa fi Tigraaway) waliin ummataa jira kan jedhuu dha. Hin naasiseenii laata? Baayyeef sararaa diimaa darbaa akka jiran beeku laata? WBO ABOn dhaabaa malbulchaa fi lolataa kan caasaalee adda addaa qabu. Wajjira malbulchaa fi lalataa gidduu hojii hirmachuun jira. Inni jalqabaa jiruu saatt lafquin hin danga’amu. Haa ta’u malee, WBO ABOn Battala dirree qabaa, hoggansa tokkomee fi qunnamtii shaffisee fi garaa ciibsu kan himametu qabuu dha. Nama dhaabaa ala ta’ee hafee bobbaan miseensoti bira hoggansaayyuu hin beekne jiraachuu danda’aa. Eenyu waliinuu, walii tumsuun hamma of eeggannoo ta’ett hamaa hin qabu. WBO ABOn “dinni, diina kootii fira kooti” jechuun fanfana malee kanneen mirga hiree ofii hanga walabummaatt ofiin murteeffachuu hin amanne walii tumsuun utuu hin yaadin koloneeffataa deebisanii aangessuu akka hin taane eeggachuu dha. PPn empayera koloneeffata waliin akka jigu muddaa itt cimsuun kanneen walii tumsan, waliin kuffisuu dha. Walga’iin kun WBOn mari’achuu hin iyya’uu garuu carra utuu hin hiikkatin “polisii” Oromiyaa ta’uu kennafii. Dubbiin saa mootummaa cehumsaa dhaaban keessatt jechuu dha. Mootummaa Cehumsaa kun naannaa sana deddeebi’ee dhaga’amaa. Tokko dhuufuun namummaa dha, lama dhuufuun garuu gadhummaa dha isa jedhan hin dhageenyee laata? Bulchi Oromiyaa akka heeraatt caasame utuu ta’ee jijjirama caasaa gafachuun dhaabota mormituu Itophiyaaf akka. Kan walabummaaf lolatan kanatt dabaluun garuu waan isaan qabsawanii fi eenyuu waliin qabsaawaa akka jiran, irraanfachuu dha. Yaadachiisuuf isaan koloneefataa Oromoo irra lolaa jiru. Ifaajeen kun kan agarsiisu, walga’ichi kan xiyyeeffate WBO sossobee qabaneessuun addaan baasee hikkachiisuu ta’a malee mootummaa cehumsaa Abiy gurraanuu dhaga’uu hin feene Oromiyaa keessa dhaabuuf mitii. Abiy Caffee Oromiyaas dorsisuu yaades ta’uu danda’aa.
Beekoti hedduun sirna aaddunyaa dullachi, haaraan bakka bu’aa jira jedhu. Qaroon namaa baruma baraan guddataa deema. Keessaayyuu guddinni teknolojii kan aadaa caalaa yero shaffisu agarra. Anja teknolojii haaraa kanatt hawaasa gitatt qoodame keessatt kan dhimma itt ba’u abba qabeenyaa yartuu qofa ta’uu. Teknoolojiin namoota hedduun hojii dhabsiisa. Waliigalatt dursanii akki itt bu’aa technolojii kana hawaasii hirmaatu falan malee jijjiirammi itt haanu barbadeessaa ta’uu danda’aa. Tokko tokkoon dhalota haaraa akkaasaa isa duraa mitii garuu eenyummaa agarsiisuuf qaccee isa duraa qaba. Shakalaa fi miiraaan adda ta’uu saa eeguun gamnummaa dhaa. Kana beekuun kan Gadaa shanan Oromoof mirri adda addaa akka rooba, gogeettii, warana, quufa kkf kennameef. Sabi cunqurfamaan qabsoo saatiin kolonummaa of irraa haquun dirqii dha. Oromoon empayera diiguu yaaluu erga jalqabe ture jira. Labsi sirna qabiyyee lafaa ba’uun, biyyi Oromoo gargar caccabee ture Oromiyaa tokkott deebi’uun, ummati hundi afaan ofiin hojjechuu fi barachuu jalqabuun kkf., Sochiin farra kolonummaa ta’e golee hunda keessaa ka’uun, kan empayericha uuman naasisee. Abbaa hirrooti kan ka’an sana cancala itt gochuufii. Sochii bilisummaa saboota kan goosaati jechuun haddheessanii yoo dadhaban, maqaa gandaan ijaaramuu eegalanii. Kana yaalan, sana yaalanis enyuyyuu empayericha kufaatii irra oolchu hin danda’uu.
Dullachi bososee hawaasi haaraan jalaa biqiluun ajaja uumaa,imala dhugaatii. Kan dhugaa qabu yero hammam haafudhatuu, yoomiyyuu ni moo’ataa. Horeen koloneeffatoo empayera bososuu utuma arganii liqinfamuufii didaa. Dhuma irratt isaanumatu dhugaa haaluun miidhama malee,
miidhammi Oromoo firoomsaan kan yeroo bucuutii. Itophiyaan ilkaan sosso’ee; lamuu akka duriitt hin deebi’uu. Abalu empayera Itophiyaa diiguuf jedhanii orma komatu, dogoggorri saa itt ulfaatee duufuu saa hin arganii. Qaata, akka” ijaartuu riqa arroojii” yk Gamoo Babloon kan gubbaa jiru isa daka jiruun afaan walwallaalee jiga isaatt geese jedhan, akka hin dhaqabne of eeguu dha. Kufaaticha duuba balaa caalaan akka hin dhufne, egeree ummataa kan nagaa fi araaraa, qajeeltuu, kan walqixxummaa fi bilisummaa akka ta’u walqayyabachuuf,qophaawuu wayyaa. Oromoon eenyuttuu hin darbanii, olhantummaan eenyu irratt akka hin fe’ne Safuu qabu. Ilmaan namaa walqixxee ta’uu saanii, hundi mirga hiree sabummaa ofiin murteeffachuu qabaachuu saan ni beeku.
Dhaamsa keenya xumuruuf, Oromoo ummatoota Afrikaa hojjetaa fi hoomishaa ta’an keessaa tokko, ammallee moo’ummaa, lafaa fi qabeenya saanii dhowwatamanii jiruu. Yooma jijjiirami hedduun addunyaa keessatt ga’aa jiraatullee kanneen dhimmi ilaalu balaa isaan irra ga’aa jiru millachuu didanii. Kanneen horee jara raayyaa kolonummaa nafxanyaa duulchise sammuu saanii bara 19faa abboolii irraa dhaalan jijjiirrataa hin jiranii. Amma raayyaa nafxanyaa akka durii lamuu hiriirsuu, qabeenya Oromo qorquu, namummaa baasuu, isa gabbaarii godhanii ofii abbaa lafaa ta’uu, garbichaa fi gooftaa tasisaa jiraachisuun lamuu akka hin dandeenye beekuu qabu. Waan dhimma hin baafneef maaliif dhiigii kumkumootaa dhangala’a, maaliif qabeenyi lammi keenyaa hiyyeeyyi meeqa jireenya saanii wayyaatti jijjiiruu danda’u barbadaawaa jedhanii of gafatanii beekuuyii? Dhaloota ammaa fi kan egereef nagaa fi jireenya, akaakileef boqonnaa araaraan guutee hawwuu, hin barbaadanii? Waa’ee lammi saanii Oromiyaa keessa faca’ee jiruu faa hodeessuu, isaan yoo barbaadan Oromaawaa ta’anii seera biyyichaa kabajanii jiraachuu danda’uu. Akaakayyuun saanii yakka godhaniif isaa hin gaafatamani. Sammuun nagaa qabaannaan nagaa, bilisummaa, walqwixummaa fi qajeeltuuf qabsaawuutu irra jira. Ilaalchi saanii goggogaa jijjiirrachuu dadhabuun, nagaa addunyaa hubuu danda’aa; addunyicha waan amma tufatee darbe kan itt fiduu danda’u booda hubatuNagaa, bilisummaa, walqiximmaa fi qajeeltuuf, qabsaawaan Oromoon kan aadaan koloneeffataa sammuu saanii faale malee, duubbeen hawaasa walqixxee, demokratawaa safuutt amanu keessaa bahuu saanii kan hin dhageenye hin jiru. Kulkulfannaan miidhammia irra ga’ee caalaa utuu hin hammeessin, rakkina isaan gidduu jiru ilaa fi ilaameen, jechuun walitt haasa’uun yoo furatan hundafuu dansaa. Akka jiraattota godinichaa fi akka ummatoota Afrikaatt walqixxee fi walitt hirkatoo dha. Madaalli kun jallachuutu hamajaajii walitt isaan taasisee. Oromoof Itophiyaa haaloo walirraa qaban caalaa Afrikaanummaatu walitt dhiheessaa. Afrikummaan, ummati kamuu walqixxee, biyyaa, mirga fi laga uumaan keenneef akka qabu fudhachuutu walitt urgeessa. Kanatt waliigallaan, hamaa saanii adaba itt gochuun, wallaalaa saanii waliin barsifataa, fedha waliis kabajaa nagaan jiraachuu danda’uu. Kanneen dudhaa irra cehan malee Afrikaa hundi aadaan dhugaa jaallata. Aadaa ummata hundaatt jannummaa, dhugaa fi seerri hundaa ol olfaatuu. Addunyaan si’anaa keessatt utuma amanteen farra sobaa ta’ee jiruutt, dhugaan afaan namaoota hedduun keessaa hin ba’uu. Kanaaf, yoo xinnate Oromoon wal gidduutt dhugaa dubbachuu haa yaallu. Oromiyaan haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Bitootessa 2025