Oromiyaan jaarraa 19th biyya mootii Habashaan, gargaarsa Imperiyaalistoota Awuropaan qabamte. Teknolojii, beekumsa, meeshaa abidda tufu, fi ogeessota lolata Awuropaatuu humna Afrikaa misoomaan wal hincaalle fi lakoofsaan caalaa guddaa ta’e tokko aangessee, isa kaan akka moo’atu tolche. Ida’a imperiyaalistotatu gara garummaa uumee jechuu dha. Waraana addunyaa II booda colonooti biran yoo bilisooman, Oromiyaa fi olloota see MM Britaniyaa, Winston Churchil akka Nugusa isaan koloneeffate baqa irra ture jalatt hafan godhe. Akkuma koloneeffataa saanii halluun gurracha ta’uunii fi tajaajila imperiyaalistoota dheessaa jiranii godhaniif, hundi ni callisanii. Callisuun kun bulee hunda gatii baasisuuf adeemaa. Bulchaa halagaa hamaa jala turuun, surriin dhiqamee, fi eenyummaa haalamanii bara fakmishoon jiru kan diinaa ofhaangessaa ta’e fi eegumsi nageenyaa cimaa ta’e keessatt of ijaaruun salphaa hin turree. Hedduun yaalanii hin milkoofnee. Haa ta’u malee, tibbi warraaqsa addunyaa, jaatamootaa isaanii birmatee. Of ijaarsa irratt yaadoti haaraa fi carraaan adda adaa balali’anii dhufanii. Yoomallee ammayyuu karaa gara sirna demokraatawaa Gadaa, durii saaniitt baasu hin argatiniyyuu malee fakmishoo halagaa hin beekamne irratt of ijaaruu danda’anii turanii. Kan nama gaddisiisu, faarmullis of haala, OPDO jedhamu giddu lixuu saatii. Oromoon kan milkaawan yoo walabummaan akeeka Gadaa irratt of ijaaran qofaa. Demokraatawaa kan hin taane wiirtummaa demokraatawaan tibba warraaqsaa, ummata bara iyyaatii kana tokkoomsuu fi bilisoomsuu hin danda’uu. Oromoon xurree adda addummaa qabaniif tolu, kolomsiisa sirna ofaangessaa ofittoo jara abbaa gonfoo irra ni haanu jedhamee abdatamaa.
Qabsoon bilisummaa Oromoo baasa haaraa fi sinsinii mitii. Mirgoota, qabeenya, ulfina ilmoo namaa, bilisummaa, qajeeltuu, waliigalatt abbaa biyyummaa koloneessaan dhabsiise keessaa maddee. Oromiyaa irra fedhaa kan qabuu fi kanneen diina saanii walin sadan qabsoo Oromoon walabummaaf tolchan hin jaallatanii. Oromoon fedhaa fi seexaa saanii qofaaf abbaawaa ta’uu malee abalu, guddaa haa ta’uu, xinnaan jaalattee fi jibbeef ta’uu hin qabu. Heda malbeekaa tokko malee jalqaba akka durii saanii deebi’anii sabummaan jiraachuu qabuu. Kana jechuun, kan keenya waan jedhan irra darbanii mirga nama biraa tuquu hin qaban jechuu dha. Addunyaan kaasaa saanii akka qayyabatutt jabaatanii hojjechuun lola diina waliin godhan gaditt ilaalamu hin qabu. Kanaaf dhaabi saanii amanamuummaa qabaachuutu irra jira. Xurreen abbaawummaa fi ballinni too’annaa taliilaa fi demokratawaa ta’uutu irra jira. Mirgi namootaa kennachuu fi kennatamuu, mirgi of ifsuu, olaantummaa seeraa kabajuun, dhugaaf dubbachuu, fi iftoommi akka dhaabaatt shaakalamu Oromiyaa wallaba egereef iggitii ta’uu qaba. Dhaaba demokraatawaa ijaaruu malee maqaa abba tokkootaa afarsuun akeekaa qabsichaa ta’uu hin qabu.
Waggoota shantamman darbaniif qabsaawanuu, xiyyeefannoo sabgidduu ga’aa waan dhabaniif mirga ilmoo namaa saanii, mirga sabummaa ofii ofiin murteeffachuu ammayyuu hin argannee. Qabsichi hanga walabummaatt akka itt fufu mamii hin qabu. Ummanni dagaagaan akkasii fi homishaawaan, qabeenya namaa fi uumaa guddaa qabu, misoomarratt bobba’uun hafee qabsoo akka sabaatt baraaramuun qabamee jira. Oromoon qarooma durdurii kan danuu seenaan kantaruun, sirna malbulchaa duubatt hafaaf gaaga’amaa ta’anii jiru. Sirni malbulchaa, hawaasomaa fi diinagddee saanii dhahamuu danda’aa. Qaroommi Oromoo qarooma beekamaniin qixaan guddatee. Waggoota dhibbaa fi shantamman darbee nafxanyaan isaan qabate humna teeknolojii baayyee fulduratt deemeen gargaaramuyyuu, duubatt hafaa waan ta’eef hin misoomin hafanii. Gaafficha ta’a kan isaan bilisa ba’anii qarooma saanii bakka dhaabbatee haromfatani. Ammaaf rakkinni saanii OPDO kan meeshaa halagaa ta’e, diini dullacha seenaan jiru, Oromoo fakkaachuun gaararraawee qabsoo Oromoo hankaaksuu fi dhaalmaa saanii mancaasaa jira. Oromoon aadaa demokratawaa saanii yoo haarome akeekii saa bu’uurri bara qaari’uu kan danda’uu dha.
Oromoon, waggoota baayyeef waa’ee ajjeechaa seeraa alaa Oromiyaa keessatt OPDOn akka bakka bu’aa kanneen Oromiyaa qabataniitt gaggeessaa ture himaa ba’ee. Kun amma madden alaan ragaa ba’amaa jira. Maqaa ADWUI irra PPti jijjiiruun hammeenya caalaa OPDO keessaa lolloqsee. Qubsa halagaa baballisuun, empayer Itophiyaa jabeessuu fi Oromo ajjeesuu fi buqqisuu caalaattuu gara jabinaan itt fufe. Kurnan sagal darban keessatt dhaabooti ajjeechaa lama, fedhaa halagaaf jedhanii ijaaramanii turani. Kanneenis “Baandaa” Fashist Xaaliyaa fi OPDO ABUTii. OPDOn dheessa isa uumerraa hafee, ergamsa saa caalaa ciminan itt fufaa jira. Bara Gonfoo, abba tokkeen nama ajjeesan jiraatanu caasaan hoggansa saa taliila’ee hin beekamuu ture, Dargi booda mootummooti hundi gocha yakkaa saaniif maxxansabulee (Blueprint) Dargiitt kan dhimma ba’an fakkaatu. Hundi shanee mataa finnaa ka’ee hanga tokkee bulchaa isee bucuut hogganamu diriirfatanii jiru. Hunda keessatt matooti mootummaa fi murnaasi nageenyaa hamminaan beekaman qooda guddaa keessaa qabu. Amma, shaneen ajjeesaa PP Oromiyaa keessaa, “Koree Nageenyaa” fi miseensota saa maqaan beekamuu. Yoomallee tokko tokkoon saanii keessa caasaan bulcha qajeeltuu maqaaf jira ta’eyyuu, akkuma mootummaa abbaa hirree hunda seeraan bulmaati hin jiru. Bara qabamsa Oromiyaa kana hunda, namoota hin hidhannee fi nagaa kumootaa, seeraa alaa akka dhuman beekamaa dha. Erga bulchi Oromiyaa amma jiru dhufee kaasee, golee Oromiyaa hunda keessatt ajjeechaan seeraa alaa, fafeessuu, qaama ciruu, fi qabeenya balleessuun PP jalattii fi eegumsa PP jala utuu jiru, qusannoo tokko malee gaggeefamaa akka ture Oromoon himaa ba’anii. Oromoon seenaan biyya saanii, mirga namummaa, aadaa demokraasii, fi dudhaa saanii irraa diina jabinaan faccisuun beekamu malee, mirga namaatt darbuun mitii.
. Sabboonotii fi hogganooti Oromoo mana hidhaa keessaa, walga’ii irra, manaa, karaa irraa kkf fudhamanii ajjeefamaa ba’an. Ofittummaa fi dharraa empayera moo’uuf qabaniif murni PP Oromo halageefachuun hanga fixiisaqaceett geesseenii jira. Dilormaa Oromoo kan aangoo empayeratt danqaraa ta’uutt fudhate, gad cabsuuf PPn karoofatee jiraa. PP keessatt ilaalcha addunyaa fi sammuuquwaan eegaleen halagaa ta’an, Oromummaa caalaa madaaluutu mullataa. Kanaaf, Oromoo lafa irra haqaa, hangameessa kamiinuu Oromoott hin hedamuu. Hololli diinota Oromoon PPn akka gola Oromoo ta’ee fi olhantummaa Oromoof hojjeta akka jirutu himamee. Inni fixiqaccee saba Oromoo irratt raawwataa utuu jirruu, sabboonoti Oromoo isa baqatanii biyya ollaa akka Somaliyaa faa kan jiran Oromoo ta’uuma saaniif ajjeefamaa fi gidiraa argaa jiru. PPn Oromoo utuu hin ta’in hamajaajii Oromoo akka ta’e beekamuu qaba. PPn Oromoo qofaan utuu hin ta’in finciltuu Amaaraa Fannoonis wallolaa jira. Fannoo fi PPn Masaraan Minilik naaf ta’aa malee Oromiyaa irratt garagarummaa akeekaa hin qabanii.
Qabeen afoo OPDO, boojuu Oromoo ta’anii fi kan afaan Oromoo dubbatan irraa funanamanii ABUTn Tigray keessatt ijaaramanii. Abiyifaan gudisa jara kanaati. Biyya Oromoo qabachuuf ABUT kanneen booda guddifatee fi jara kana Oromiyaa luuxee galuuf of duuka buusee fidee. Ajeechaa, hidhaa, guraarsi fi saamichi bara ABUT/ADWUI ta’e, harka caalaa OPDO kanatu bakka halagaa bu’ee Oromo irratt raawwate. Erga ABUT tahitaa irra dheessee, Oromo of fakkeessuun haa ga’u jedhanii, sana haquun Gola Bilxiginnaa (PP) ofiin jedhanii. Kun bulchaa empayeraa maqaanillee Oromoo irra qulqulleessuuf tolfame. Isaan dura, sabboonummaan Oromoo saba guddaa xinneessuu dha holola jedhu oofaa turani. Silaas, Oromummaan akeeka demokraasii Gadaa fudhachuu, kaayyoo walqixummaa, bilisummaa fi qajeeltuutt amanuu malee qaccee Oromoo qabaachuu qofa mitii. Oromoo amaaressuun waggoota dhibbaa dhibba afurii oliif yaalamee hanga tokko kaabatt malee hin danda’amnee. Caasaa PPn gaggeessu kan kolonummaa, waggoota dhibbaa ol kan turee dha. Kanaaf, mootummichis PPnis irra diibaa malee Oromummaa hin qabanii. Kan PPn Oromoo dha jedhe amanu fi Oromoo dha ittiin jedhee araaraaf bira dhaqu daallicha yk ayyaan laallataa dha. Gaaffiin Oromoo akka galuuf barbaachisa. Gaaffiin Oromoo demokratawaa waan ta’eef sirna of aangessaa akka PP waliin, yoo PPn dharraa sirna nafxanyaa Habashaa koloneeffataa deebisee dhaabuu dhiisee malee wlitt araaramuu hin danda’u. Yeroo ammaa bakka bu’aan Oromiyaa WBO ABO dha. Kan bakka Oromoo bu’ee waa’ee walabummaa. nagaanis qawweenis dhoofsisu danda’u isaa. Si’ana empayerichi Doktor Kolonel Abiyin hogganamaa jira. Golooti mormituu, sabootaa fi sabaawota adda addaa keessaa ba’an isa bakka bu’uuf, ofumaa dhama’u malee, hawwan jiru. Bulchooti empayeraa hundi, isas ta’u kan isa duraa, seeraan kennatamanii hin beekanii. Angoon saanii seera keessaa utuu hin ta’in qawwee keessaa burqaa. Lolli amma itt jiranis kanuma agarsiisaa. Hardha kan wal fixaa jiran Masaraa Oromiyaa keessaa qaban, battala nafxanyaa kan ture dhuunfachuufii.
Itophiyaan seeraan finnaa federala taateyyuu, shakalaan jalqabaa kaatee sirn tokkeessootii. Abiy Amaaraaf mootii waaqni ergeefii, Dhaalaa aaboo imperiyaalaa kan hawwa saanii guutuufii. Garu kun isaanii galuu dhiisuun saa, jara kaaniif eebbaa. Abiy akkuma kanneen isa duraa gaaffii Oromoo deebisuuf fedhaa hin qabu. Kan inni barbaadu, qawwee irkisanii afaan ka’aa tokko tokko argatachuun, ummata saanii gabbaarummaa turanitt akka deebisanii. Sirna nafxanyaaf Oromiyaan gulummaa handhuuraa Itophiyaa malee biyya walabummaan gad dhiifamu mitii. Kolonummaan erga haqame duuba haala jiru keessatt horeen nafxanyaa seera Oromiyaan akki itt bulan itt hin mullatuu. Naannaan biyya Oromoo tokko kan isaan akka sanyii olhaanoott itt fufanii jiraatan kutamee kennamuuf fedu. Oromoo fi Oromiyaaf, Oromoo irra seenaa adda ta’e qabu. Abiy rimsammi bilisummaa Oromoof qabu isaanii adda mitii. Labsa mootummaa Itophiyaan yk toftaan hadhhura biyya Oromoo keessatt finnaa Amaaraa of danda’e ijaaruu barbaaduu. Kanaaf waamicha saa haasaa nagaa kan jedhamu, Oromoo qabsoo saanii irra yeroo fi malbeekiin mucuceessuuf malee dhuguma gaaffii Oromoo deebisuuf miti. Gaaffiin Oromoo hoggana oftuultuu akka Abiy utuu hin ta’in kanneen of kennanii rakkina saboota, sabaawotaa fi ummatootaa godinichaa furuuf kutataniinnii. Abiyyi waan akeekkate qaba, Empayera Minilik deebisee ijaaruu kan homtuu irra hin mittiqsinee. Akaakuun kolonummaa haaraa saa suduudaan deebisanii qabachuu, fixaqaccee gaggeessuu fi ofitt baqsuu dha. Empayerri inni gaggeessuu akkumaa waggoota dhibba duraa ammayyuu misoomaan duubatt hafaadhaa. Ummatooti inni deebisee qabachuu soqu kan fagaatanii deeman isa dura dhaabbachuuf filmaata hedduun qabanii. Hanga mirga saanii ilmaan nama “mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu argatanitt gad hin dhiisanii. Filmaati Oromoon qaban PP akka Oromoott fudhatanii garboomanii hafuu yk lolicha hanga dhumaatti geessanii walaboomuu dha.
Manguddoo Oromoo, Haadhoti Siiqqee fi Abbootiin Gadaa dursanii hariiroo Oromiyaa fi Itophiyaa gidduu ejjennoo saan qulqulleessuu qabu. Yoo Oromiyaaf walabummaa, Oromoof bilisummaan ni ta’aaf jedhan WBO ABO waliin dhaabbachuu dha. WBO ABOn Itophiyaa waliin haasaa nagaa gochuun bakka qaammi sadaffaan jirutt, bakka hin baabsinett fi haala duree malee jedhee beeksifatee jira. Kanaaf isaan haasaa nagaa Itophiyaa fi Oromiyaa gidduutt qooda hin qaban jechuu dha. PP fi OLAn obbolaa dha kan jedhu sammuu daanii keessaa baasuutu irra jira. Isaan walii diinaa guddaa dha. Uggaatii PPtt dhaqaatii ajjeechaa seeraa alaa Oromiyaa keessatt gaggeessitu dhaabii, humna kee Oromiyaa keessaa baasii jedhanii. Yoo balleessaan OLA biraa jiraates uggaan qubaa itt qabuun qeequun waan isaan irra eegamuu dha. Kan kana hin goonee ayyaanlaallatuu fi goobanoota qofaa. Nammi tokko fedhaa ummata ofii waan ilaalutt hinbaabsinee ta’uu hin danda’uu. Gama PP yk gamana Oromoo dhaabbachuun dirqii dha.
Presudantiin PP Itophistii kakatee. Kana guyyaa muudama saa ummataaf dhugoomsee, garuu qooqa tokko waa’ee gaaffii Oromoo hin kaafnee. Itophiyaa surraa see duriitt fiduuf ifatt irbuu seenee. Akka erga Oromiyaa qabattee as surra qabeettii taatee hin beektuu. Oromiyaa kan qabate humnoota Nafxanyaa mootii Shawaan hogganamu ture. Mootiin sun goota saa kan inni itt of akeekuu fedhu. Amma se’atootaa fi PP gidduu waraanni gaggeeffamaa jira. Kan moo’ate yeroo hedduu “kan duunes kan jirrus nuwii, nagaan deeemaa” jedhee labsaa. Hidhannoo yoo hikkates humnumaa saaniif gala. Oromoon moo’amnaan gabbaarumaatt deebi’uu. Meeshaan hiikkatanis nyaaphaaf galaa. Kanaaf Oromoof hiikkachuun akka haala araaramuuf barbaachisutt fudhatamuu hin danda’uu. Waan hidhataniif qabu; hanga wanti sun argamuttii fi baachuu danda’anitt qawwee saanii lafa hin kaa’anii. OPDO, machinni ajeechaa Oromoo fi oofaan saa “Koreen Nageenyaa” bilisummaa irra isaan dhabuu hin danda’anii. Fedha qabooti walitt dhufanii sirna haaraa ijaaruu fi akka qawween saanii itt gurmaawu irratt ni mari’atu. “Sirni Haaraan” sirna walqixootaa fi bilisootaa ta’aa. “Killilii Amaaraa” kan jedhamu keessa jaarroleef gita bittuu Amaaraan sabooti cunqurfamanii fi hacuucaman jiru. Kanneen akka Agawu, Qimaant fi Oromoon bilisummaa saanii argachuuf qabsoott jiru. Oromoo hanqinni jaarmaa ni mullataa. Sana guutuu irratt kan hojjetan gootota Oromoo ta’uu. Sana malee dhaadannoon “Injifannoon ummata Oromoof” jedhu soba ta’aa. Maashina ajjeechaa dura dhaabbachuunis abjuu ta’uu danda’aa. Oromiyaa haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Bitootessa 2024