Oromiyaan kan Oromooti. Oromoon Saaraa gadi lammoota Afriikaa jiran keessaa dilorman 3ffaa yk 4ffaa dha. Biyya taadhii qonnaaf tolu; Qabeenya uumaa lafa irraa fi lafjalaan sooressa kan ta’ee dha. Laggeen hedduun darbanii halagaa obaasan qaba. Sirni gadaa jalaa jeeqame mirga ilmoo namaa fi nagaa irratt hundeeffame. Kanaaf nagaa jaallata garuu roorro eenyu irratuu hin jaallatu. Roorroon badisa nagaa fida. Akka biyyaatt hafee kan hin qabne itt hinaafamuu dha. Waa’ee kana deddeebine kan dubbannuuf akka Oromoon of ilaaluu fi of qayyabatu hundi akka hubatuufii. Ulaagaa kaminuu, seenaan, afaanii fi aadaa ofii qabachuun, biyya addaan hin citne qabaachuun, jireenya diingadee waloo qabaachuun, qabeenya uumaa gabbataa qabaachuun fi humna namaan of danda’ee akka jiraattu kan dhowwu hin jiru. ABON erga bu’uurfame booda dargaggoon Oromummaa dhiiga saaniin eeguuf kakuu seenanii jiru. Ilaalchi addunyaa saanii maaluu haa ta’uu hundi Kaayyoo tokko, kolonummaa haqanii biyya saanii, Oromiyaa jaallatamtuu bilisa baasuuf kakuu seenanii jiru. Akka jedhamu Itophiyaan maqaa Waaqaa bu’e, qulqulluu utuu hin ta’in, argadhageettiin Greekii ummata gurraacha Masari kibba jiran yk gurraachaa waliigalaa kan ittiin waamanii. Ummati yk biyyi empayera kana dura “Itophiyaa” kan ofiin jedhu hin turree. Sunis kan ifa taasifame 1931tt. Girikooti gara caaluu qarooma Nubiyaa fi Mesopotamiyaa ittiin beekuu. Itophiyaa si’ana akka ragaatt kan dhihefatan Moorota (kitaabota) Qulqulloota ta’an keessa maqaan kun jiraa jedhu. Kan nama gaddisiisu, Itophiyaan kun yeros kanaan hin waamamtu turtee. Dubbiin afaan tokko afaan biratt yoo furamu kaan Kush, kaan Itophiyaa jedhe furaa. Qooqi lamaanuu akka itt halagaan ummatoota bifa gurracha qaban ittiin waamuu malee ummati of maqaa kanaan waamu hin jiru.
Sanas ta’e kana, kan yeros Flisxiinii fi naannaa see waliin quunnamtii qabu qarooma Marawee fi Naapata ture. Dabtarooti Habashaa hasoosama ofii uumanii fi mirkanii waliin makuun seenaa gara dhabsiisuu yaaluu. Seenaa Oromoos kanuma tolchanii. Gurguddoon Amaaraa Oromiyaa ifaan beekumtii hin kennaniifi, holola saan keessas sabicha arabsaa jiruu. Sun kan gargar fageessu malee kan walitt dhiheessu mitii. Bilisummaa fi walabummaa Oromoo fi Oromiyaa, mirga dhaaloota Oromoo hardha jiruu malee kan eenyuu mitii. Ummati humnaan qabaman hundi akka bilisooman addnyuun irratt waliigalee jira. Kan nagaan hin lakkifne humnaan gaddhiisisuun mirga ta’uun saas bakkahallee fudhatamee jira. Ummatooti Afrikaa bara baraan waliin jiraachuuf adeemuu. Muuxannoo qaban irraa murnooti biraan namummaa isaan dhowwanii garboomsanii gadi galoo
taasisanii yeroo qabeenya fi humna saaniin buhaaranii dhaba saaniitt ofii misaa fi aangoo ijaarrachaa jiraatanii. Waan isaan irraa baratanniin wali irratt shakaluu itt fufanii fi yeroo saanii walitt bu’a gandaati balleessu ta’e, waan qaban hallee dhiheenya jaraaf dhiisuun saani hin hafuu.
Lafti andaara bahaa Afrika Mediterraniyaanii kaasee hanga qixxeessoott (equator) jiru erga barri lakaawamee kaase naanna uummatooti afaan Kushitik jedhaniin dubbatan qabiyyee keenya jedhanii jireenya saanii qubataa fi tikfatee itt gaggeeffatanii dha. Oromoon isaan keessaa ummata guddicha tokko. Ummatooti afaan Semetik dubbatan Garbaa Diimaa ce’anii bara adda addaa itt makaman jiruu. Erga makamanii booda ummatooti kun afaan qofa utuu hin ta’in aadaas ummatoota Kush dubbatanii irraatt fe’an ofii dhiigaan walmakanuu afaanii fi aadaan addummaa saanii qabatanii jiratanii. Bara ammayyaa kanayyuu kan saanii dirqiin fudhachiisuu malee wayyabi saanii kan kolonota saanii barachuu hin yaallee.
Mootummaa Aksum isaan dura jiraatee afaan Kushi dubbatu, itt makamanuu aadaa fi afaan saanii fudhachiisanii turanii. Mootummaan saanis maqaa biyya dhufaniin (Habashat?) mootummaa Habashaa jedhamuutt ka’ee. Habashaan Araboota biratt maqaa gaarii hin qabuu, “Habash anash (bofaa) jedhuunii. Mootummaan kun kibba wiirtuu biyya Agawutt of babbalisuu qofa utuu hin ta’in gonfoon Agawu (Zaaguween) harka galee turee. Murna afaan saanii kan fakkatu, Amaarinyaa dubbatuu, mootii Zaaguwee (Agawu) finqilchee aangoo qabatee. Inni aangoo qabate asoosama ofii tolchateen sanyii Solomoon ofiin jedhe. Addunyaa keessatt qacceen moototaa hedduun akkasumatt uumamanii. Inni biyya Agawu guutummaatt dhuunfatee, Qimaanti, Wayixoo, biyya Beejjaa, Argobbaa, Oromiyaa kaabaa fi shawaatt baballatee. Hamma Minilik II dhufutt biyya Habashaa kan jedhamu kanumaa.
Mootummaan biyya mootii Habashaa, Minilikiin hogganamu gargaarsa koloneeffatoo Awuropaan Oromiyaa fi olloota see jaarraa 19faa walakkaa hanga jalqaba 20faa qabatee. Ummaticha mirga ilmoo namaa mulqee, walakkaa ajjeesee, kaan garboomsee alatt yoo gurguratu, kan lubbuun hafan qabeenya isaanii saamee humna saanii akka barbaadett tola dhimma itt bahuun gabbaarii taasisee. Dhugaa kana fudhachuu dhabuutu si’ana ummatoota koloneeffamanii turanii fi ummatoota humni koloneeffata keessaa madde, nagaa dhowwaa jiraa. Jaarraa 19 dura giti bittuu Habashaa Oromiyaa to’atee hin beeku. Walirraa saamanii fi butanii battala saaniitt deebi’uu malee biyya walii qabatanii turuun hin hin beekamne.
Jaarraa 19faa koloneeffatooni Awuropaa Afriikaa hirmachuuf bobba’aniin walii kalchanii meeshaa fi ogeeyyii waranaa isaan irraa argataniin injifatanii biyyoota bilisa kibba saaniitt argaman dhaabbataatt qabatan. Dhugaa kana jajallisuu yaaluun dhiiga caalaa dhangalasuu ta’a malee seenaa kaleessaa deebisuun hin danda’amu. Koloneeffataan hanga yoonaa gad dhiisanii hin dachaane, anga’ooti garba gamaas gorsaa fi gargaarsaan biraa hin hafne. Nagaan nurraa dacha’aa jennaan waan didaniif qabsoon hidhannoo jalqabamee. Mudaa seenaan itt fideen hanga yoonaa Oromoon katalliyyoo diinaa, galtuu ta’anii hafan jiru. Kun yeroof malee yoo hundi of baru, baayyina, qabeenyaa, qarooma fi jagnummaan kan gituun hin jiruu. “Baayyinni tisiisaa qabee hin banu” jedhanii kan nyaaphi itt qoosan, dammaqina jaarmaa fi hidhannoo caalaan mudaa jiru irra haanamee itt agarsiifamaa.
Koloneeffatoott addunyaa kolonoota saanii yoo bilisa baasan, kan bulchaaf ramadamanii turan biyya ofiitt deebi’an, jaleen kolonoota keessatt hafan jiru. Isaanis seera biyya bilisa baheen bulu, mirga ummata biyyaan walqixxee malee adda yk caaluu hin eeganii. Filmaata qabu, seera humna saba isaanii irraa bilisa bahen akkuma jara biyyaa mirgi ilmoo namaa eegameefii jiraachuu yk biyyoota gooftoliin saanii irraa fidanitt deebi’uu dha. Giti bittuu isaaniin qabatee olhantummaa duriitt deebi’uuf goolii uumaa jiru. Jarri hafe amanummaa humna lamaa qabaachuu hin danda’anii, tokkott murachuu dha. Ummatoota kolonii turaniin bilisummaa fi walqixxummaan jiraachuu yk gita bittuu garboomsaa cunqursaa ta’ett makamanii Oromiyaatt duuluu dha. Yoo horeen nafxanyaa Oromiyoo ta’uu filate bilisummaa Oromiyaatiif qabsaawuuf qophee tahuutu irra jira. Bara kana yero ummata mirgaaf ka’ee dhaabbatee, ijaaramee fi hidhatee jiru kanneen alaa dhufan injifachuunii hin danda’anii. Haalli naannaa fi addunyaa isa jaarraa 19faa mitii.
Gara malbulchesitoota Oromoon xumura jalqabett fiduun jira. Jalqaba, Oromoon walqixxummaan miltoo kaminuu fudhatamuuf bilisa ta’uutu irra jira. Isa duuba kan hariiroon ollaa waliin qabanii fi akki bultii egeree, bilisummaa, fedha hundaa fii gara qulqulluun irratt mari’atamu. Hangsitt hanga dirree dilii yk dhofsisaan injifannoon argamutt qabsoon itt fufaa. Ta’us sagantaan ganama ABOn baafame hammasitt akka malbulchiseetot tokko tokko jedhanitt waaan jijjiramuuf hin qabu. Imaammati diinaaf anjaa kennu kaayyoo ganama fashalsiisuuf gidduu kan seene fakkaataa. Kanneen sanaan dogoggoran tarsiimoo ganamaatt cichuu hin qabnu jijjiiruu qabna kan jedhanii. Kaayyoon ganama isa sabboonoti ilaalcha addunyaa adda addaa qaban irratt waliigalan, Republika Oromiyaa ummataa demokraatoftuu
bu’uursuuf irratt waliigalan. Sun kan dhugoom yeroo ummati Oromoo mirga hiree saa sabummaa murteeffachuu danda’e ta’aa.
Qabsaawoti Oromoo bilisummaaf qabsaawan kan rimsama federeeshinaa fudhataniif qooqa miltotaa kan moo’ummaa Oromoo Oromiyaa irratt fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu walabummaa kan dabalatu kan beekan ittfakkeessan amananiitu. Federeshinichs akka heeraatt hojiirra hin ollee. Amaarii rimsama saayyuu hin fudhannee. Ammayyuu dhaadannoo, “Itophiyaa tokkittii malee du’a” jedhu hin dhiifnee. PPnis “Itiyoophiyaa kooraa fi surraa isee duriitt deebsnaa”jedhaa. Siidaa diinota Oromoo, Minilikii fi kan isa fakkatan qaata ijaaruu jalqabe. Hunduu ummata, sabaawota fi saboota empayera Itophiyaa Amaarinyaa dubbatanii baqsuun manii saaniitii. Kana Orommon ni diddaa. PP fi kanneen isa dura turan faanfana wagga dhlootaa malee lakkoofsa Oromoo yarsuuf fixanii turan fixaas jiruu. Hojjiillee, kan gibira itt baasan afaan Oromoon dorgomuufii hin dhowwatamanii. Dubbiin ammayyuu dheedii dha. Federeeshina bu’uursuun yoo empayerri diigame qofaa danda’amaa. Ummatooti gafa bilisooman fedhaa ofiin hidhata barbaadan ummatuu. Hangasitt akeeki ganama lafa kaa’ame jijjiiruun barbaachisaa hin ta’u.
Dabtarootii Amaaraa yaadanmal sobaa waan Oromo ilaalu irratt lafa ka’anii turanii, Gurguddoon Amaarinyaa dubbatan si’anaas soba sana jabeessanii caalaa diddibuun itt fufaa jiru. Oromoon Afrikaa alaa dhufee lafa keenya nurraa fudhate jedhanii dargaggoo saanii gowwoomsuu. Waan ofii kan hin taane falmachuf abiddatt akka na’mmu dhiibaa jiruu. Amaarinyaa kan dubbatan kanneen Amaara ofiin jedhan seenaa ofii jaarraa 13faa, Yekuno Amlak kaasanii hanga Minilik II quwachuutu irra jira. Sana waldhaaluun dogoggora hin sirroofnett isaan geessuu danda. Yekuno Amalak loltuu Zaguwe kan haadhisaa Oromoo taatett himama. Mootummaa Agawu finqilchee gonfoo gonfatee. Loltuun sun afaan adda addaa kan dubbatan irraa ijaaramee. Akka himamutt afaan amma Amaarinyaa jedhamu loltootaaf afaan maqii ture jedhamaa. Loltuuma sanatu guddateee meeshaa ibda tufu hidhachuun “Nafxanyaa” akka jedhame himuu.
Nafxanyaan raayyaa Minilikii. Minilik saba moo’e keessaa jajjaboo madaqfatee, Kirstinnaa kaasee, Amaariinyaa akka dubbatu gochuun Amaarssee jedhuu. Kanaaf nafxanyaa jechuun kan qawwee hidhate, Kirstinnaa Tawaahidoo ka’e, fi Amaarinyaa dubbatu malee saba yk gosa keessa bahe hin agarsiisuu jedhamaa. Kanaaf tokko tokkoon nafxanyaa yoo qaccee lakkaawwate saba itt galu qaba jechuu dhaa
kabajaa. Kun isaaniif hin ta’uu. Kanaaf maqaa waloo “Itophiyaa” jedhu jala dhokachuu fedhuu. Hanga abba tokkeen Amaarinyaa dubbatan saba keessaa burqanitt deebi’an malee naannaaf nagaa hin kennanii. Maqaan Itophiyaas turuuf kan silaa carraa qabdu sababa saaniif filmaata fulduraa keessa hin galtuu ni haqamtii.
Sabboonota Oromoo hedduuf qooqi Itophiyaa jedhu Oromoo fi ummatoota koloni Itophiyaa hin dabalatu. Amaara yk Itophiyaa kan ofiin jedhan yeroo garaa saanii dubbatan kan itt dhaga’amu sanumaa. Kun guyyuu yabboo kam irrattuu haasaa dubbitamaa yk barreefuma irraa hubatamu ni danda’aa. Namooti Itophiyaa seeraan Itophiyaawoo jedhamu, garuu Itophiyummaan namoota filatamaniif ol kaa’amee. Seenaan, afaan, dhugeeffannoo fi aadaan Amaaraa akka kan empayera Itophiyaatt dhihaataa. Nammi kanaan mormu waan kolfaa ta’aa, akka jallaa fi addaanbaastuutt fudhatama. Federashinni akka humna tasa’eett fudhatama, garuu empayerri Itophiyaa yeroo Nugusaa gad kan walta’e mitii. Gochi fi muudammi finnootaa ummatootaan kennatamuun hafee wiirtuu dhaa ta’aa.
Itophiyootii heera sobaa akka jirutt dhiisuu fi tokkeessoo ta’uusaa, uumaa saa isa dhugaa baasnee haa dubbannuu irratt qabsaawuu. Kanneen garaa saaniitii akka Itophiyaatt fudhatamuu dharra’anii fi empayera demokratessuuf tattaafatan empayerrii ni baqa malee gonka hin demokratawuu jedhanii yoo itt himanis hin dhaga’anii. Ummatooti, sabaawoti fi sabootii jala jiran bilisa ba’anii, egereef akkamitt fi eenyuu waliin akka jiraatan fedha ofiin filachuu qabuu. Hamajaajoti kanneen isaan dura turaniin caalaa jaba akka hin taane beekuutu irra jira. Isaan sun waggoota shantaman darbaniif marsaa baayyeett injfatamuu saanii yaadachuun ilaalcha saanii dogoggoraa akka sirreeffatan yeroo ga’aan kennameefii jira. Isaan, hangamiyyuu haddhaawaa ta’us Oromiyaan kan Oromootii, moo’ummaan see hin uggamu kan jedhu nagaa jiraachuuf jedhanii liqimsuu irra filmaata hin qabanii. Oromiyaan haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Mudde 2025