GAAFFII KOLONUMMAA RARRA’EE HAFE

Jaarraa tokkoo oliif biyyi Oromoo, Oromiyaan “Qiny Gixaatii” keenya jedhamee koloneeffataa Habashaan himamaa ture. Warraaqsa 1974 booda garuu waa’ee kolonummaa dubbachuun dhaabanii nuti hundi Habashaa yk Itophiyanota jechuutt ka’anii. Yeroon sun yeroo qabiyyeen lafti Oromoo qofti abboota lafaa harkaa bahee finnaa empayeratt darbee ture. Garuu kolonummaan Oromiyaa ifaan hin haqamu taanaan fi ummatichi mirga hiree sabummaa saa ofiin murteessuu hin shakalu taanaa gaaffiin Oromoo matumaa deebii hin argatuu. Walitt dheeheenya lafquwaa fi akka inni itt hoojiirra oleef malee kolonummaan Habashaa, kolonummaa biyyoota Afriikaa biraa keessatt beekameen adda addummaa hin qabu. Imperiyaalistooti Awuropaa gara Gaanfa Afriikaa suduudaan hin coloneeffannee, garuu biyya Habashaa akka miltoott filatanii, qawwee, leenjii fi ogeessota waraanaa erguufiin raawwatanii. Kolonummaa yeroo jennuu, kan moo’ate biyya biraa fi ummata saa dhuufatee ummatoota ofii humnaan qubsiisuu fi humna fi lafa kanneen biraafi qabeenya saaaniitt bu’aa ofiif dhimma ba’uu jechuu keenya. Biyyi mootii Habashaa walakkaa dilormaa saanii erga fixee booda, biyya moototaa fi republikoota kibba saa jiran malbulchaan, diingdee fi hawasoma fi aadaa saanii to’annoo jala oolchee, garbummaa fi gabbaarummaan dilormaa hafe buqqisee. Akkasitt, gadqabaan malbulchaa, fi hacuuccaan aadaa, dudhaa, fi afaanii jaarraa tokkoo fi walakaa caalaaf gaggeeffamee. Akka waliigalaatt, Oromoo fi ummatoota koloneeffaman biraa irratt fixiiqaccee raawwatee. Dargaggoon Oromoo biyya saanii walaboomsuu fi bulchaa halagaa jalaa bilisa bahuuf kaka’anii.

Sabi Oromoo tokkummaan qabsoo mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu erga jalqabe bubbulee jira. Sanaan jija raajii jedhamuu danda’us galmeefatee. Sirna koloneeffataa Habashaa hundee raafamee. Burjaajiin sanaan uumameen afanfaajii cimaa uumuun walgidduu isaaniitt walqayyabachuun dhibaa jira. Miltoleen empayera koloneeffataa gargar ba’anii mootummaa saanii wiirtuu fi wal irratt ka’anii. Warnni isaan kaasan hamaa finnaa biyya mootii duranii fi empayerichatt fiddee jira. Tokko tokko adda bilisa baasota kolonootaa dursuuf yaalanii turanii garuu dhaabuu hin dandeenyee. “Yammuu siibilli diimatu tumii” jedhamaa. Akka karoora bu’ursitoota qabsichaatt, kun yeroo kolonummaa itt haqanii fi empayericha diigan ta’uu qaba. Bilisumaan Oromoof haalli amma jiru walitt araaramuu hin danda’uu. Yeroo kana koloneeffataa yk keettoo saa oolchuuf funyoo darbachuun ofumaa of injifachuu dha. Funyichi baraaruuf darbatan deebisanii isanuma ittiin rarraasuu danda’uu.

Ummatichi qabsoo ilmaan saatiin qaata sadarkaa addunyatt Oromoo jedhamee waamamuutt ka’ee. Biyyi saa, biyya Oromoo, Oromiyaan yaayyoo/kaartaa addunyaa keessas bakka argatte jira. Afaan saa Afaan Oromoo addabaabayiitt dubbachuu, ittiin hojjechuu fi ittiin barachuu mirkaneefatee jira. Kun waggoota shantamman dura waan hin yaadamnee ture. Amma shirri warraqsa Oromoo duubatt deebisuuf xaxaa jiran, deebii saa balaa kanan dura arganii hin beekne argatuu. An empayerittii bantii duriittin deebisa yoo keettoon halagaa aangoo irra jiru jedhuunis, ati kan Orommoti jedhanii qaanii tokko malee duukaa kan rarra’an jiruu. Namooti akkasii nagaa ta’uu hin danda’anii, waan irra marfametu yk isaan wareersutu jira ta’aa. Innii fi kanneen inni iddoosuu mirga Oromoon gaafatu dogoggoraanillee fudhatanii hin beekanii. Namootumaa saanii Walalliny Makonninii hanga Mallas Zeenaawiitt akeekachiisii dursaan kennaniif hin fudhanne. Empayerichi utuu sabhedduu taatee jirtuu, saba tokkee dha soba jedhu akka dhaaban itt himanii turanii.

Jaarraa tokko caalaa gaga’amaa ta’anii; humna ol guddatu baran dabalu agarsiisaa; dilormaa dagaagaa utuu qabatanii; biyya qabeenya guddaa fi taadhii utuu qabaatanii; Oromoon hariiroo nagaa fi araaraaf kan silaa gaafatamuun irra jiruu ture. Kun takkaa ta’ee hin beeku; Oromoon silaayyuu biyya gara Afriikaa kana keessaa qabaatu gaafatamaa jira? Yeroo kan tufatamu ummata nagaa akkasii tufatu arguun nama malalchiisaa. Sun ta’ees gurguddoon Oromoo tokko tokko tumsa harcaatuu diina seenaa utuu afaan bada saanii si’anaa fi roorroo akaakileen saanii raawwataniif utuu aagii hin tufsiisin waliin ta’uu fedha agarsiisaa jiru.

Akeeki diinaa tumsa uumuuf erga waliigalan booda WBO yoo danda’ame danta umma saaniif bobbaasuu dhimma itt ba’uu yk akka laasha’u gochuu dhaa. Jarri kun hanqina Oromoon qabu isa kan guutuufii kan silaayyuu hidhata waliin uummatanii? Humnaa humna hin qaban, beekamtiif gaaffii Oromoof beekamtii hin qabanii. Gurguddoon Oromoo akkasii, kanaan tooftaa jedhu ta’aa; tooftaan tarsimoo sabaa irra ilaalu hin jiraatuu. Mamiin akkasii gargarammaa yaadaa kan walii danda’an utuu hin ta’in fedhaan harka diinatt kennachuutt kan ilaalamu. Empayerri jiguu danda’a jedhanii tokko tokko qaata gadooduutt ka’an. Uumamu empayera kolonummaan, kanneen biyya, mirga, ulfinaa fi qajeeltuu dhabin Oromoo dhaa. Hamajaajichii takkaa qurrama saanii hin beeknee, kan bade yoo jiraate nan sirreessa jedhee takkaa itt hin dhiyaanne; gurguddoo Oromoo qofatu yeroo hundaa hagam salphisaa ta’uyyuu fala adda addaa dhiheessuun maganuunii. Kanaaf, jaalbiyyooti Oromoo hagam haa baasisu malee diddaa kan itt fufanii. Beekamtiin, hamaa durii lala qabeessaaf kennamu malee, gamtaan hin jiraatuu.

Tibbi qabsoon fuldratt arreeduu fi yeroo inni duubatt dacha’us jiraa. Alii al kan qabsoo jalqaban keessaa hedduun mucucaachawanii gufachiisuu ni danda’uu, kan mucaacataniis jiru. Garuu kaayyoo saba saanii ni hirqinfachiisan malee hudhuu hin dandeenyee. Rakkina ummata Oromo waggoota kurna shaniif kan tarreessine amma ga’aa fakkataa. Yeroon, yeroo gochiitii; rakkina hoodeessuun kan hanga yoonaa ni ga’aa. Yeroo biyya keenya dhuunfachuuf itt mari’annuu ta’uu qaba malee yeroo ofiin kakaanee mooraa diinaa dubbisnu ta’uu hin qabu. Hundi dandeettii, beekumsaa fi ogummaa qabu qabatee birmachuutu irraa eegama. Caasaa akkamii, dandeettii akkamii, malbeekii (diplomacy) akkamii akka nu barbaachisu yerro keessa deebinee ilaalluu ta’uu qaba. Yeroon saa yeroo Oromoon xiyyeeffatanii walgidduutt walamantee itt gabbisanii fi ofirratt irkatoo fi hamaa ofirraa ittisuuf jabaa ta’anii argamanii. Balballi saanii waldhabdee furuuf yeroo kamiyyuu akka imaammata kurnan hedduun dura lafa kaa’anitt banaa dha.

Ofitt irkachuu erga mirkaneeffatanii fi keessatt walamantee erga uumanii duuba Oromoon Gaanfaa jalqabanii Afriikanotatt ba’uun yoo bu’uura walquxummaa fi akeeka fedhaan tokkeessoo ummachuun yoo isaan waliin dhaabbachuu soqan gaafachuu danda’uu. Waldhabdeen Afrikaanota gidduu yoo kanneen manya gamaa keessa hin lixan ta’e ofiinuu of furuu danda’aa. Rakkoon kan jiru keessa lixa jara fedha adda addaa qananiitii. Akkuma kanaan dura jaarraa 19faa watataa dheedhiif warshaa saanii haaraa bibbiqilaa jiruuf godhan albuuda fi qabeenya Afriikaa irratt walitt bu’uu danda’uu, unka haaraan koloneeffachuuyyuu ni danda’uu. Technolojiin saanii albuudota fi qabeenya sana malee hojjechuu hin danda’anii. Bara baaquleessa kana Oromoon qabeenya ofii irratt abbaa ta’uun barbaajisaa dha. Haa ta’u malee, fedha jara alaas hedduun isanis madaala walgidduu eeganii nagaan waan barbadan fedha Oromoon akka argatan mijjeessuun dansaa.

Oromoon muka abbaa ofii jabaa qabu waan nafii halagaa hordofaniif hin qabanii. Nakkarii malee eenyuufuu ashkarii hin ta’anii. Yeroo ammaa qabeenyi Oromoo diina harka waan jiruuf madalli humni gara saatt duufuu danda’aa. Seenaan haala akkasiin guutee jira. Oromoon ugganii murannoo fi dudhamaan jala dhaabbannaan, yoo ayaanni Oromoott gara hingalle Oromoon ni mo’uu. Kan nagaan dhufe hunda akka dhufa saatt keessumsiisuun beekumsa barbaada. Yoo Oromoon wal ta’e dandeettiis beekumsa sanaaf qabuu. Dandeettii sana gochuu kan ciicatu, kan diinatt baqe, dabeessa, yk kan Oromummaatt hin amannee qofaa. Akeeki Sirna Gadaa kana hundaaf deebii qaba. Sana qorachuu dhiifnee fala halagaa hordofna taanaan hobbaatii dogoggoraa nu fidaa. Oromoon dudhaan hariiroo olla waliin qabu tasgabbeesuu ni danda’aa. Kana kan godhanis mirgaa jara kaanii hin tuqinii. Oromoon ofi irratt hirkachuu jaallatuu namoota biraa irraas sanuma eeguu. Bubaa

kamu dandeettii riphaa fi kutannoo ittiin ofirra ittisan qabu. Hiddi rakkina Oromo kolonummaa saanii keessaa ka’aa. Utuu imperiyalistotii biyya mootii ollaa hin waliin hin sadne ta’ee Oromiyaan gonka hin qabamtuu turtee. Yeroo garri lamaanuu dhagaa, ulee, eeboo fi xiyyaa fi futtaasaan qabatan yeroo hedduu yaalanii hin dandeenye. Namas qabeenyas yeroo itt dhaban jira. Oromoon kan moo’aman meeshaa alaa kan ibidda tufuu fi ogeeyyii alaa kan dhukaasanii fi kan dhukaasuu barsiisaniin erga argataniitu. Kan humna Oromoon walitt bu’an kun isa jalqabaa hin turree. Jaarraa 16faa keessa loltuu Portugal waliinis sanuma godhanii mancaafaman. Akkasitt kan gurrachi Afriikaa koloneeffataa itt ta’ee. Kolonummaan gurraachaa mirkanii dha kan akka maqaa soddaa durii laguu ta’uuf hin qabu. Kolonummaan adii fuuloo gurraachaa kee’ate kun mirkaniin fi siinsaan saaxlamuu qaba. Gaaffiin Oromoo kolonummaa holola, ayyaanlaallattummaa fi sanyii oo’isa kitila jalatt dhokatee hafaa jiraa. Rakkinooti godinaa, hamma gaaffiin Oromoo kolonummaa rarra’ee jirutt hin furamuu. Oromiyaa haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Onkololessa 2025