Yaa’a Oromo Eebla 19 2016 Washington D.C

Oromoon USA jiraatan yoo booqaa adda addaa jala hin dhokanne kuma hedduu gadi hin tahan. Yeroo baayyee miiddhaa adda addaa ifsachuuf hiriirri nagaa ni bahama. Haa tahu malee siinsa lamaa ol kan itt bahame yeroo yartuu dha. Innu dhibboota keesaa oo’isumaaf malee dhugan darbee hin beeku. Kan Eebla 19 garuu waan addaa fi raajiiti. Yarfamee yoo hedame namoota kuma 3-4 tahantu yaa’e. Kan qarqara dhaabbatee ilaaluuf galaana fakkaata ture. Alaabaan qabsoo Oromoo mogge lamaan diimtuun darbee darbee toora gale hadaa Birraa yaatuu irraa facaasan fakkaata ture. Alaabaan kun kan Oromoo hundaa malee kan dhaaba tokkoo akka hin taane ifatt mullate. Walakkaa jaarraa darbaniif goototi Oromoo qabatanii kan kufan waan taheef abaluu fi abalu utuu hin jedhin kaayyoo jarri kufaniif kan mararfatan hundi keenya jedhanii addunyaa mara keessa balaliisaa jiru. Dhiigi ilmaan Oromoo lola’aa dhufe ittiin yaadatama.

Akka himamett yaadi hiriirichaa Manisotaa dhaa ka’e. Hawaasi Oromoo hariiroo iddosota finnichaa waliin ummachuu dandaheen, gaafa kanatt Kongrees US keessatt waa’ee Oromoo dhageessisuuf baallammi qabame. Guyyaan saa guyyaa hojii lammaffoo waan taheef nammi hedduun ni baha jedhamee hin yaadamne. Qabatteen Oromoo namoota Oromoo fi firoota halagaan dhageefatamee jira. Kaasichaaf bu’a qabeesa tures. Saneetorooti Demokraat tahan kudha tokkoo, Republikaanicha Ruubiyoo dabalatee kudha laman saanii murtoo balaaleffannaaf masaakaa baasanii jiru. Gochi akkasii kanaan dura seenaa qabsoo Oromoo keessatt hin argamne. Efaajjeen waggootii hedduu bulee bulee hobbaatii kanaan as bahe. Kunis sochii ummata biyya keessaa godhamaa jiruun shaffisiifame. Oromoon godina sana keessatt humna hin tuffatamne tahuu agarsiisuun hundatu raga bahe . Kan asitti tahes calqee dhugaa sanaatii.

Waa’een Oromoo malbulcheessitoota Amerikaa irraa dhageettii argachuun kaasaa Oromoof injifannoon guddaa tahuun beekamuu qaba. Sichi balleessaan Wayyaanee aanga’oota addunyaan irra ilaalamee yoo darbame akka fixasanyii gaggeeffamaa jiru irratt waliigalanitt fudhatamuu dandaha. Sun akka tahe haa tahu, guyyaa hojii kana sabboonoti haganni golee US hundaa, yeroo fi qabeenya ofii wareeganii duula walii tumsuu dhufuu dha. Barbaachisummaa waliin waa gochuu hubachuun angoo guutuun sagalee saba ofii akk kan fedha qaban hundi akka dhagahan bobba’an. Oromiyoof kan hunda caaluu walqayyabachuu fi walii dhimmuu agarsiisuu maleeseeqa halagaa alii al basaqxu miti.

Yaa’aa fi hubachiisa kana qopheessuun ballinaa fi rakkina of dandahe hin dhabne. Garu hundi irra haanamee xumurame. Gara tolaa inni qabu guduunfatanii gara hamaa ture fulduratt foyyeffachuuf yaadachuun gaarii dha. Fakeenyi Manisootaa eegale bakka hundatt waan hin dabalamneef hin jiru. Oromoon Flooridaa jiran Saneetarri saanii akka waan Oromoo qayyabatu gochuun saaniif galata qabu. Hundi walirraa barachuu eegaluu dha. Dogoggorri yoo jiraate akka keessa hin deebi’amne iyyaatii wal jijjiruun Oromiyaaf bu’aa guddaa argamsiisuu dandaa.

Yeroo Waldaan Hawaasa Ormoo Ameerikaa Kaabaa (WHO-AK) Adoolessa 2015 uumame tokkummaa walii galaa ummata Oromo gargaaruuf dhooftuu hin baabsine tahaatt fudhatamuunii. Akka amma mullatett garuu qophiin saanii sadarkaa sana akka hin geenyetu barame. Ammaaf qacalee waan taheef ni jajjabeeffama malee hin komatamuu. Rakkinni seeraa yk teknikaa yoo jiraate sirreessuuf kun akeekkachiisa dursaa tahuu dandaha. Kan hoggganan beekoota qabnu keessaa ol haanoo dha. Galfata itt kenname sababa utuu hin himatin karaa hojiirra oolu faluu kan isaan caalaa beeku hin jiru. Waldaan hawaasaa, bakka adda addummaan ilaalcha addunyaa keessatt calaqifamuu akka tahu kan hin eegamne. Kanaaf gocha waloo akka hiriiraa fi hariiroo waajjira halagaa waliin jiruuf hundaaf keettoo hin baabsine tahuu dandha. Ilaalcha, amantee haa tahu gandaan adda addummaa kan jabeesinuufis akka sanatt tissuun anjaa qaba.

Guyyaan hiriiraa kun Lammaffoo irra ooluun waan harka Oromoo ture miti. Kanaaf malee utuu guyyaa Jimaataa, Sanbatatt barihu tahe lakkoofsi namaa dachaayyuu tahuu ni dandaha ture. Ummati DC alaa dhufan kan naannaa jiran caaluu fakkaata. Kun tokkummaa fi dhimmammi biyya keenyaaf qabnu guddachaa dhufuu agarsiisa. Sadarkaa tokkott wal ciiga’uun hammaatee ture. Kan wal ciigahu garaa hin mari’atu. Badiin ilaalcha smmuu ofii qabu isaan biratt walitt wacuu malee ilaa fi ilaameen hedduu hin beekamu. Sun si’ana mufannaa yaada malee, yeroo gabaabduu tahaa jira. Hiriirri kun, dhimma waloo irratt rakkina jiruuf waliin fala barbaachisu soqunn kan dandahamu tahu agarsiise. Qabsoo itt jirru fulduratt oofuuf kan mariin tolfamuu dandhan hedduu dha. Nama keenya ofbara malbulchaa qofa utuu hin tahin akka hamaa itt ofirraa ittisanii fi deebisanii haleeluu itt dandahanis gargaaruu dha. Kun uumsatummaa fi oguma adda addaa gaafata. Kanaaf carraa argame kana baballisanii dandeetii Oromoo qindeessuu tattaafachuu dha. Qabsoon Oromo addunyaa keessatt isa jalqabaa mitii; mala jarri kaan dhimma itt bahaa turan hunda qoratanii waliif iyya’uu dha.

Namooti Oromoo Badiin dadhabbii qaban hiriira guddaa kanaan irra hananii jiru jechuu mitii. Garaagarummaa akka sabaatt isaan xiqeessu of keessatt qabatanii, waloon misoomaaf waan isaaniif tahu qaarsanii ilaaluu dandahanii jirru jechuu dha. Miirri nama xiqqeessan kan barsiifata fokkuun dhufanii. Suuta sutaan malee tokkichaan wann gad nama hin dhiifneef obsaan jala jalaa fooyyeffachuu dha. Amma, Oromoon ofbara waloo irra gahuu saanii alaa manaa addunyaatt agarsiisaa jiru. Wareegammi sabboonoti biyya jiran baasan hobbaatii agarsiisuutt ka’uu hundi ni hubatuu. Qabsoon biyya keessaa caalaatt qindaawee akka as bahu kan ala jiran waan dandahan hundaan gargaaruutu irraa eegamaa. Kun sochii hoomaa isa jalqabaati. Muxannoo kanaan argameen tooftaa fi tarsimoo caalaa gabbataan waan dandahamu tahun hubatamee jira.

Addunyaan nageenya naannaa sanaaf qaama abbaawummaa fudhachuuf filmaata tahuu dandahu fedha. Ijaaramee sonaan dhihaannaan sanatt kan Oromoo caaluu hin jiru. Oromiyaa qofa illee namusaan nagaa fi tasgabiin gaggeessuu dandeenyaan yaaddoo walakaan deebii argata. Tasgabbiin naannaa Oromiyaa jiraachuun, nagaa fi guddinaa Oromiyaaf barbaachisaa dha. Kanaaf ofii jedhanii ollooti saanii nagaa fi tasgabbii akka argatan gargaaru jechuu dha. Garuu dura ofii ijaarsa amansiisaa jabaa qabaachuu dha. Kaayyoon mirga ilmoo namaa kabaajuu addunyaa fedhootaan sirinyaan kan ka’u yoo fedhooti sun dorsifamanii fi maammilli saanii dhiibbaa keessaa jala dhaabbachuu dadhabu. Wayyaanee ceceetuun akka kana caalaa turtu godhamnaan godinicha qofaaf utuu hin tahin kanneen fagoo fedha irraa qabaniifis idaa ta’uu dandeessi. Bakka hallett dubbii tuttuqaa jirti. Want halle yeroo walitt harca’uu gaafa eegalee humni kamuu deebisee midhaassuu hin dandahu.

Shororkeessituu kamiinuu fagootti ofirraa ittisuuf, dura isa keessaa karaa qabsiisuu qabna. Yeroon saa sodaachisaa dha. Wayyaaneen nagaa biyyaa fi alaa keessa qubaa kaa’uun hamaaf karaa baanaa jira. Si’ana Somaliyaa keessa Alshabaab qofa utuu hin tahin hamaa caalaan ISIS jedhamus mullachuu qubqabsiisoti himaa jiru. Kun naannaa finnaa empayeraatt bibbiqilaa yoo jiru argina. Luuxxee galtuu kamuu ofirraa dhowwuuf Oromiyaan nagaa fi tasgabbii keessaa barbaaddi. Koloneeffataa ofirraa finqilchan malee sun gonka hin argamu. Kana addunyaan beekuu qaba. Gooltuu fagoott ittisuuf Oromoo caalaa kan aadaa, humna fi dandeettii saas qabu hin jiru. Wayyaaneen obonboleettii bonaatii, yeroof huursiti malee hundee gadi fagoo hin qabduu.

Waliigalatt hiriirri Eeblaa dammaqinaa fi jabina Oromoo kan ciicatanitt muldhisee jira. Mildhuu irra wayyaa argachuuf, kana caalaa guddaatu hojjetamuu qaba. Gaaf tokko addunyaa maraa al tokkoo fi dhaadannoo tokkoon ka’anii caalaatt akka of agarsiisan abdatama. Gaafas Badii fi baqataan tokko illee manatt hafuu hin qabu. Waldaaleen hawaasaa Oromoo gara sanaa fi qaama tokkummaa Oromoo tokko jiraachisuu gargaaruuf marii jalqabu jennee haa abdannu.

Diinni Oromoo laaffatee kerkeraa jira. Buqqisanii gatuuf dorgommee guddaatu mullataa. Kan dursetu haala itt haanu murteessaa. Walabummaan balbala keenya rukutaa jirti; irraa bannamoo duubaan nutti cufamuu eegganaa? Hireen keenya akka nu harka hin baane warraaqsa deemaa jiru caalaatt belbelsuu dha. Tokkummaan Oromoo haa jabatu! Qabsoo hanga injifannoott!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Caamsaa 2016