Daandii QABSOO MALBULCHAA OROMOO IRRATT

Ummati Oromoo nagaa, bilisummaa fi mirga dhalootaa hunda caalaa mararfata ture. Kanaas sirna Gadaatiin calaqisaa jiraatee. Sirni kun olhaantummaan seeraa kan itt kabajamu, walqixxummaan ilmaan namaa itt beekamu, hariiroo hundi Safuu qabu, Hangameessa hoodaa bakka “sararaa diimaan”irra hin darbamne qabu, hogganooti yeroo murtaaweef kan itt kennataman, hawaasii hiriyaatt hiramee murni hundi qooda biyya malbulchaa fi hawaasoma keessatt qooda fudhatu ture. Jaarraa tokko dura halagaa humna caaluun sirna kun dhabsiifamuun jireenya gadadoo fi joonjee keessa jiraachuu giddisiifame. Dhaabota Oromoo waggoota hin bekamne kaasanii ijaarratan diiganii kan ofii qabeenyaa fi humna Oromoon jajjabeeffatanii. Sun ammayyuu Oromoo irratt anja kennaafii. Oromoon, Abbaa Bokku, Abbaa Duulaa, fi Raabaa Doorii fi Abbaa Muudaa dhabe. Weerara nyaaphaa dura Oromoon amantee tokkicha Abbaa Muudaan gaggeefamu amma Waaqeffataa jennuun qabu turanii. Hamma gooftolii koloneeffataan waaraanni itt banamutt waqtokkoota keessa yoo angafa hin taane tokko turee. Quba itt qabuu dura of baraa jennaa. Sanaaf Oromoon abbaan qarooma fafa ta’ee. Waaqeffataan  dhowwamee ummati amantee adda addaa akka fudhatu dirqame. Ergasii Oromoon kutaa amantee xixinnooti hirame. (Kiristinnaa fi Isalama keessaas). Itophiyootii caasaa mootummaa, waraana, fi Galmistaana Tawaahidoo kan waloo ta’e kan wayyabi saanii itt aman qabu. “Waaqeffannaan” akka amantee halagaatt ilaalamu keessa hin baane.Yeroon hacuuccaan akaakuun garagaraa itt baayyatee sadarka baacuun hin danda’amne ga’u fincilatt ka’an.

Torbaatamoota keessa yeroo jalqabaaf dhaaba malbulcha, Oromoo hunda hammataa ta’e saganta malbulchaa qabu, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ijaaranii bobbaasan. Sana booda, kan Oromoon Itophiyaa ta’uun himamee ABOn akka addaan baastuutt holalamuu jalqabe. Akka akeeka sagantaa malbulchaa saattis “…republic Oromiyaa ummataa demokratawaa ijaaruun” lafa kaa’e. Sana duwwaan hin dhaabbanne, akka bara “Pan-Afrikaanism” (Tokkummaa Afriikaa) dhalachuu saa, uumamuu OAU (Jarmaa tokkummaa Afrikaa) deggeruu saa labsee ture. Akkasumas, “Akka yoo danda’ame saboota biraan tokkeessoo malbulchaa uumuuf bu’uura walqixxummaa, fedha walii kabajuu fi gara akeeka waldaa fedhaan ijaaramuutt hojjettu irbuu seenee ture (Oromo Liberation Front, Political Program June 1976).

Kan koloneeffachuun nagaa fi bilisummaa isaan dhowwe humna nafxanyaa biyya mootii Habashaa, Amaara Shawaan hoganamu ture. Moototi itt jijjiiramanuu caasaaa fi jiruun empayera Abisiinia hin jijjiiramne.Ammayyuu Battala kolonummaa beekamaadhaa Afaan Amaaraan ajaja dabarsaa. Oromoon dhaabbata kana nagaa fi hidhannoon kan gaafata jiran bilisummaa irraa mulqanii. Koloneeffataan, Oromo afaan, demokraasii gadaa, mirga abbaa, mirgoota sabaa, lafaa fi qabeenya hundaa, bilisummaaa fi qajeeltuu dhabsiise. Yoomallee heera keessatt beekameyyuu, erbaalaa (waraqaa) irratt hafee. Hariiroo Oromiyaa fi empayera Itophiyaa gidduu jiru humnooti bayyeen roga dhabsiisuu yaala jiru. Mootummaan Abisiiniyan kan imperialist tumsee biyyoota Afriikaa koloneefate tokkicha waan ta’eef Oromiyaan gaga’amaa “Hirmaata Afriikaa” ta’uu see fi cunqursaan saba jiraachuu fudhachuu hin barbaadanii. PP waliin itt gala walfakaataa qabaattanis, hoggana saa Abiyyiin tartiiba jiru waan jijjiiree fi hammeenya waan itt agarsiiseef akka diinaatt fudhatanii jibbuunii. Akii, kan aangoott ol ba’uu duran isaanitt sirriitt hin baqin tokkicha ta’aa. Kanaaf,Abiyin teessoo saa irraa buusanii ofii bakka bu’uuf qabsaawaa jiru. Oromoon garuu dubbii kan qabu empayera fi abbaa fedhe haa ta’anii kanneen hogganan waliinii. Hogganooti empayerichaa irratt hanga yoona harka wal jijjiiran hundi Oromoof tolanii hin beekanii.

Kanaaf hammeenya Abiy kan empayerichaa irraa adda baafnee ilaaluu hin qabnu. Lamaanuu buqa’uu qabu. Kan waa’ee saanii dubbisnu hundi akka seeraa olta’an, adabi saanii murtii seeraa malee ajjeesuu, qaama kukkutuu, jiraan gubu, bineessi akka nyaatu darbachuufii kkf. Hammeenya irratt kamiin saaniiyyuu isa kaan gadii hin jiranii.  Bulcha koloneeffataa keessa gallee mootii jijjiirrachuu gargaruun Oromoon humna haaraa bor yaabbatuun qopheessuu gad hin ta’u. Gurguddoon Oromoo tokko tokko nafii saanii hin beekanii. Kanaaf kittillayyoo nama biraa ta’uu. Utuu sana beekanii, isaan ture kanneen biraa walitt qabanii haala xaxamaa kana keessa akka itt baanu kan mari’achiisanii, kanneen biraa ijoo saanii lallaafaa akka ilaalcha addunyaa, gosa, gita fi godinaa tuttuuquurra dura. Tokkummaa saaniif meeshaa cimaan qaban Oromummaa fi afaan Oromootii. Yoo tokko ta’an nammi isaan kabajaa. PPn waan kana beekuuf Oromiyaa waliinjiroo saa taasifatee, fuuloo Oromoon of dhiheessuu barbaada. Garuu PP fi empayerri Oromoo ta’uus dhaabaa Oromoo ta’uus hin dandanii; hundeema saaniitii halagaatu fedha halagaaf dhannoonee. Garuu Oromoo hundi akka isaan gula jiru fakkeessuu. Caalaan saanii kashalabbee fi hundeen ol dhihoo dha. Safuunis hoodaanis uumaa Oromoott hin ta’anii.

Oromoon yabboo ilaa fi Ilaamee halagaa kam irrattuu hin argaman hin jedhamu. Garuu, afaan Oromoo yaabboo sana irratt beekamee, afaan Amaaraa waliin carraa walqixeen kennamuutu irra jira yk hundu afaan sabgidduu akka Ingilizii fa’itt dhima bahuutu irra jiraa. Gabaabatt yabboo sana irratt afaan haata’u aadaan kamuu kan biraa irraa olhantummaa calaqisamuu hin qabu. Qophii kam irrattiyyuu haalli Oromoon afaan halagaan dubbachuu dirqisiifamu jiraachuu hin qabu. Halagaan yabboon malbulchaa Oromoo waliin qooddatan yoo jiraate, kanneen garagarummaan qaata beekamee dhoofsisaaf dhihatan malee, eenyummaa fi gaaffiin Oromoo kan fudhatan waliin qofa ta’uu qaba. Oromiyaan yoo walaboomte akeeka sirna demokraasii Gadaan bulaa. Yoo ofiin bulee federaawes heera kanneen federawan jaallatanii tumataniin ta’aa. Fedha fi caasaa saba tokkoon oofamuun ni hafaa. Rimsammi “mangistii kolonummaa” haqamee kan walqixootaan bakka buufama. ABOn kan qabsaawuuf bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaafii. Kana kan dhugoomsuu danda’u ummati Oromoo aangomsee mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuuf “referendum” bilisaummaan gaafa gaggeefachuu danda’anii dha.  Referendum yoo gaggeeffamu qoodi ABO walabummaa akka filatan labsuu dha. Filmaatii kan sabaatii. ABOn utuu akeeka saa qabsoo hin lakkisin fedha ummatichaa kabajuu dha. Filmaatii ummataa walabummaa ala taanaan ammaaf kan inni filate fudhachuun gara fulduraatt yoo barbaachise akeekii saa kara hojiirra oolu qabsaawaa.

Qabsaawoti Oromoon moo’ummaan (abbaa biyyummaan) saanii halagaan humnaan cabee, bilisummaa fi walabummaa, lafaa fi qabeenya fi dafqa isaanii dhabuu fi garboomuun hundee qabsoo sanii amanuu qabu. Qabsoo saaniif hangammeessa waloo tokko irratt waliigaluun barbaachisaa dha. Kunis walgidduuti waan Safuu ta’anii fi hariiroo dhaabota nyaaphaa fi olloota waliin qaban irrattii dha. Qondaala dhaaba nyaapaan wal argaa kam irrattiyyuu afaan Oromoo dubbachuu fi ramaddii dhaabaa malee quummanti qabachuun dorgaa ta’uu qaba. Saboota, sabaawota fi ummatoota gidiraa walfakkaataa keesaa jiran waliin ilaalcha tolaa qabaachuun barbachisaa dha. Hamma danda’ame qabsoo saanii akka itt qindeeffatan soquu dha. Hariiroon nyapha waliin tolfamu hundi sabichi maal buufataa irratt hundaawuu qaba? Jechi took jiraa, “Maal habaasuuf dhama raasuu?”. Oromoo fi cunqurfamooti lubbuu baraaruuf  tattaafatu, Hololli nyaaphooti gaggeeessanii fi golii kaasan hundi qabsoo bilisummaa fi walabummaaf godhamu dagachiisuufii. Hundi yeroof burjaajii uuma malee waaraa miti, hundee hin qabanii. Golootii fi bulchootii waggoota 50 dura turan ABOn kan hundee gad fagoo qabuu malee hin leennee. Kanneen dhugaa qaban itt cichinaan irra haanuun saanii hin ooluu. Tafarii, Dargii fi Wayyaaneen yeroof nama guraaran malee dubbeen saanii akka hin tolle agarree jira. Si’ana, jarri farra ilmoo namaa ta’an kun abbaltii faalla warraaqaan fulduratt fidamaa jiru. Oromoon bada akkasii waliin akkamitt diriiraa nagaa tokko irra ta’aa? Oromoo keessaa kan itt madaqan abdachuutuu jajjeebeessaanii jira. Oromoo akkasiisii kana maaliin magannuu? Bilxiginnaan commee dhaa, jireenyi see tibba gabaabduu tokko. Yeroon funaanamuu baannaan ofirratt tortortee baddii.

Seenaan gara bahaa Afriikaa kun argaa dhageettii dhugaa Afirikanotaan hanga barreeffamutti asoosama ta’ee hafaa. Qaroma saa Grikootaan “Itophiyaa” jedhamuun barruunqabaman as hedduutu Abyssinia akka ofii barbaadutt tottolfataa ba’ee. Eenyumaan Aksum kan tarii Gi’iiz dubbataa ture, akka Zagu’ee fi Solomanuwaa Habashaa jedhamee Amaarinyaa dubbatutt sissiqaa guddatee sirriitt hin beekamu. Asosama giti bittuu ofiif tottolfate duwwaa beeknaa.  Oromoon saba Afriikaa guddicha godinaa kan ture seenaa godinaa kana keessatt maal akka taphate ukkaamamee jira. Sochiin saanii kan jaarraa 16faa keessa bantii gahe maliif akka ka’eyyuu ciigoon kan barreeffame malee sirriitt hin beekamu. Sochiin Oromo sochii Afriikaanota godinaa kana keessa jiraniin addatt hin laalamu. Dabtarootii Habashaa tokko tokko jaarraa 16faa keessa Afriikaa alaa akka dhufee himuu yaaluu. Kun isaan yoom, eessaa akka dhufan akka hin gaafatamne yayyabamee. Amma kan hunda dararaa jiru seenaa durii utuu hin ta’in kan amma keessa jirruu. Murna mirgootaa fi qabeenyaa fi biyya Oromoo dhabsiisee bu’aa dhuunfaaf oolchuu barbaadutu jiraa. Oromoon gufuun keessaa fi alaa itt baayyatus cabsatee gara walabummaatt deemuu akka danda’an kurnanan shan darban keessatt agarsiisanii jiru. Abbaa biyyummaa (moo’ummaa), bilisummaa fi walqixxummaa hanga mirkaneefatanitt qabsoo saanii hin dhaabanii. Kun ilaa fi ilaameen yoo xumurame hundaaf anjawummaa qaba. Akka Afrikaanotaatt dhiiga kan dhagalasaniif hedduutu isaan eeggata.

Oromoon qabsoo saaniin jija argatan qabu. Qabsoo hafeen sana eeggataa, kan hirdhate itt guutuu malee wanti sana irraa ka’u hin jiruu. Mirgoota lafa, aadaa, eenyummaa fi afaan, daangaa biyyaa kkf. irratt Oromoon argate PPn erga dhalatee irraa mulquuf shira xaxuu dhaabee hin beeku. Garuu gaaffiin Oromoo kan dhugaa irratt hundaawe waan ta’eef hin dandeenye. Qabsoon saanii mirga sabummaa ofii ofiin murteeffachu hanga walabummatt itt fufaa. Qabsaawoti taliilummaa kaayyoo, kaasaaf dudhama, jaarmaa cimaa qilleensa hin galchinee, jaallummaan dhugaa fi iftoomanni jaallawwan gidduu jiraachuu, daddaaqina malee kutannoo caalaan ni mirkaneessutu abdatama.  Kun hanqachuun ta’inna kan luuxxee galtuun yeroo barbaadde seentee yeroo barde ba’uu dandeessef? Kan hifate hundi gaaratt dhiisee diina haaloo hedduu irraa qabutt baqatuu? Kan kanaan dura itt baqatan qananiin jiraachuun saaniillee himamaa hin jiru. Gurguddoon tokko tokko ofittis Oromummaatis amanuu dhabuun waan qaanyii hambaa fudhaannachuu halagaa jala kurkuranii? Halagichi humnas qabeenyas hin qabu, kanumaa saanii qunxuraa itt darbatee saba saaniitt gargalchaa. Kanaaf sababa saanii tokkummaan Oromoo burjaaja’ee kiyyoo keessa lixe keesaa hanga yoonaa hin ba’in jira. Diinas kan ofirraa ficcisaa jiru Oromoo dha; nyaaphi Oromoo cabsuuf kan dulchisaa jirus Oromoo dha. Takka “bandaa” Oromoo utuu hin hiriirfatan halagaan Oromoo mo’ee hin beeku. Empayera Habashaa kan Oromooti jedhee Oromoo kan ajjeesu maatii fi gosa saatt maal hima laataa? Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Waxabajii 2025