Nagaa fi Araarri Iddoosaa Hin Qabani

Nagaa fi araaraa barbaadna yeroo jennu Oromiyaan bulcha halagaa irraa wallaba ta’ee, hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu dhugoomee fi nambiyyaan Oromiyaa bakka bu’oota irratt waliigalameen gaggeeffamuu danda’an jechuu dha. Sun kaayyoo sirna Gadaatii. Qabsoon kanaaf tolfamu dhaawataa fi gidirsaa yoo ta’e gatii roorroo malee bilisummaa fi ulfina sabummaan jiraachuuf baasamuu. Halagaan qabamuu fi namummaa baafamu caalaa wanti haman hin jiru. Gaaffii Oromoon qabu Kaayyoo ganama kan jedhamu ABOn bara 1976 sagantaa malbulchaa baase irratt ifaa ta’ee jira. Kun gaaffii ummataa fedha walabummaa fi bilisummaa Oromoo isa bu’uuraa, kan mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu qabu irratt hundaawe. Kanaaf, hanga deebii argatutt hin dhaabbatuu. Warraaqsa 1974 as gaffoliin goloota biraan dhihatan kan halagaa isaan qabateen wal make malee kan Oromoo addatt baasanii dhihitan hin turre. Kanaaf, lubbuu hin dheeranne. Gaaffiin mootummoota Itophiyaa fi Oromiyaa akka kan koloneeffataa fi kan koloneeffamaa ta’ett hin fudhanne. Addaan baasanii furmaata barbaaduufii dhiisanii akka qabsoo gitaa saba tokkoo keessaatt waan fudhataniif fala furmaataa hin arganneefii. Gurguddoon Oromoo kan Oromiyaan akka itt xinnaatutt fudhatan empayera Itophiyaa utuu hin ta’in biyyoota ollaati kan dharra’an jiru. Oromiyaa utuu hin mirkanefatan, laaqii seenaan keessa galche keessaa ba’uun hin danda’amu. Kan eenyummaa, abbaa biyyummaa, bilisummaa fi walqixxummaa ofii hin mirkaneeffatin, hariiroo halagaaf dursa kan kennan gurguddoo Oromoo qofa. Oromiyoo ta’uun dirqitt Itophiyoo ta’uu kan se’an jiru.

1991 booda qabsoo nagaa tolchina jedhanii maqaa saanii keessa Itophiyaa baasanii kan ijaaraman jiru. Garuu, akeeki saanii hariiroo Oromiyaa fi Itophiyaa irratt qaban hin jijjiiramnee; empayericha demokraatessuu fi Itophiyummaa dhoofsisa malee fudhachuu dha. Kun qabsoo ijaaramaa waggoota shantamaaf gaggeefame fi wareegama hanga yoonaatt godhame haaluu dhaa. Oromiyaa yaayyoo irra kaa’uu, hariiroo Oromoo fi sirna fudal cabsuu, maqaa arrabsoo akka haqamu gochuu, Afaan ofiin ambatt dubbachuu, hojjechuu fi barachuun jijoota argaman keessatt argamu. Kaayyoo ganamaan dhaabi Oromoo jiru WBO ABO qofaa. Kanneen bira Itophiyummaan galmaawanii, aango mootummaa Itophiyaaf dorgomuuf qophii dha. Dorgomicha moonaan Oromoon karaa WBO ABO isaan waliin waa’ee nagaa dhofsisaa. Seerri akka Oromoo bakka bu’anii PP waliin dhoofsisan isaanii hayyamuu. Isaan fedhanii Itophiyaa bakka bu’uuf galmaawanii. Mootummaan empayera Itophiyaa gaggeessu nyaaphaa. Oromoon bilisummaa, walabummaa walqixxummaa kan jaallataniif nagaa, araaraa fi eenyummaan saanii kabajameefii bara baraan dhalootaa dhalootaan jiraachuuf. Nagaa fi araarri filmaata bira hin qabanii. Oromoon duubbee saanii demokratummaa, quwa’ummataa (demografii), qabeenyi uumaa badhaadhaan qaban fi mirgoota ilmaan namaa, kan abba tokkee fi murna kabajuuf Safuu qabaachuu saanii miltoo amanteen irra ka’amu godhaanii.

Godinni Gaanfaa erga nagaa dhabee jaarraa tokkoo fi walakaa ol ta’ee jira. Biyyoota godinichaa keessaa tokko Abyssinia, kan dhiheenyaa ka’ee Ityophiyaan waamamu. Itophiyaan biyya ofaangessootati. Mootummaa ummataa yk demokrasiin wal hin beekanii. Mootummaan abbaa gonfoo buunanis maqaa saa republik jedhaniin malee hanga yoonaa abbaa hirrootaatu wal jijjiiraa jira. Utuu hin koloneeffaminiin dura Oromiyaa aadaa demokraatumma sirna Gadaa jedhamu qaba ture. Ammayyuu yaadi ummataa garuma sanatt duufaa. Itophiyaa ammayyaa keessatt kennati kan gaggeeffamu ilaalcha addunyaa afanfaajjessuuf malee takkaa qajeeltuu fi bilisaan ta’ee hin beekuu; yoomu sun yaadamee hin beekuu, yaadamus danda’uun saa mamsiisaa dha. Gurguddoon Habashaa gara demokraasiitt hiiquu ta’aa jedhanii yaaduun dhaloota hedduu fixaa. Kan humnatt dhufuu hundi, afaan kamuu haa dubbatuu akeeki ittiin masakamu kan waajjirbulchii empayera durii dhufee adda ta’uu hin danda’uu. Akeeka sanatt dhimma ba’uun kan aangoo irra jiru akka seerawummaa dudhaa qabaatu dandeessisee, qabeenyatt saaqaa caalaa abba abbaa fi murnoota ofittootaa fi agariif banaafii. Kanaaf empayericha diiguun kanneen utuu aangoott hin ba’in irbuu seenaniin irra ilaalamaa. Funaansii duubatt harkiftuu hundi aangoo empayeraf akka jirutt dorgomuu barbaaduu; kan demokraatessuus ni dandeenya jedhanis jiru. Ni sobanii, hundi saanii garaadhaa duubatt harkistuu, aangoo empayerichaa akka jirutt yk tollaan demokraatessanii dorgomuu kan barbaadan turanii.

Kan aangoo qabate hundi dudha hacuuccaan itt fufaa. Fincila hunda humnan macalaqsuun, kan yaadu hundaaf barumsa kennuu yaalaa. Giti bittuu seeraa ol waan taateef mirgoota abba abbaa fi mirgoota ilmaan nanamaa ulfeessuun waan hin yaadamne ture, Ummatooti godinichaa baroota dheeraaf nagaa fi araaraa yaadaa turanii. Dudhaa abbaa waraanumaa dhaabuuf waraana warraaqaa kan nagaa fi misooma godinichatt fiduu gochuutu irra jira. Hacuuconni yeroo hundaa qabsoo hidhannoo walabummaaf gaggeeffamu busheessuu fi cunqursaan akka itt fufu gochuuf biyyi waranaan ijaarame hin jiru jedhu. Garuu, uumaan namaa kan warraaqtichi Amerikaa jedhe “Bilisummaa naaf kenne yk du’a naa kenni” isa jedhe fakkaataa. Bulchi tokko hangam yeroof jabaa haa fakkaatu malee kan turuu danda’u hanga namichi qawwee baatuuf too’atu danda’ett qofa. Bulchi Nugusicha, Dargii fi Wayyaanee fakkeenyota dhihootii. Kanneen qabsoo nagaa sababa adda addaaf labsan jiruu, qabsoo dhugaa hankaaksuuf, waa’ee amanteef kkf. Oromoon qabsoo nagaa hedduu isaan baasise gaggeessanii ABUT ari’uu danda’anuu injifannoon saanii shira xaxoota ADWUI keessa jiranii fi saddoowwan saaniin saamamee. Bulcha abbaa hirree kan seeraan bulmaata fi tapha qajeeltuu hin beekne jalatt qabsoo nagaa gaggeessuun hamma of ajjeesuutii.

Haalli godinicha keessa jiru, koloneeffataa fi koloneeffamaan utuu wal hin balleessin waliin jiraachuu itt fufuu akka hin dandeenye ifatt agarsiisaa. Kanaaf rakkina jiru waliin furuuf jaarmaan Itophiyaa tokko ABUT/ADWUI jedhamu fi ABO fi jarmoti sabawoon bira, 1991 Chartara Mootummaa Itophiyaa Cehumsaa (MC) dhaabe labsuun saanii ni yaadatama.Miseensoti MC hedduun ABUTn ganamanii haa ta’u malee, MCn too’annoo ABUT jalattii fi gorsoota fedha hedduun itt fufee heera tokko lafa kaa’ee raawwate. ABUT dhaaboota Abyssinia keessaa, mesharkaa akkasii malee ummatoota adda addumaa qaban empayera keessaa, waliin tursuun kan hin yaadamne akka ta’e hubachuuf isa jalqabaatii. Haa ta’u malee, kana qayyabachhuu malee ABUT bilisummaa dhugaa hojii irra oolchuuf daaya saa hin qabu ture. Jarri deggeranii aangoott fidanis abba tokkko yk murna cimaa naannaa sanatt barbaadu malee demokraasiin fedha saaniif danqara akka ta’ett fudhatu. Dadhabbiin keessaa yoo ka’u eenyuu irra goree waa baasuu of qusataa. Kanneen duubbee Oromummaa qaban qooda fudhannaan ummataa akka anjaa qabu ni qayyabatuu. Garuu, garaa akka hojiirra hin oolchine madaqfammi malbucha ofaanggessaa dubbee qaban, of ittumaan fi yaaciin hoggana saanii waan sirrii hojjechuuf gufuu itt ta’anii.

Haa ta’u malee, erbala irratt ummatooti wal qixxee akka ta’an fudhatee jira. Heerichi dursa irratt “Nut sabooti, sabummooti fi ummatooti Itophiyaa” jedhuun jalqaba. Murnooti kun hundi akka eenyummaa waladdaa fi biyyoota ofii qaban mirkaneessaa. Hanga yoonaa, tattaafannaan nagaa fi araaraa godhamu kan hankaakeef mirkanoota kana fudhachuu hanqachuunii. Dhaadannoo beekama saanii, “Itophiyaa tokkittii malee du’a” kan jedhu gurguddoon Amaaraa fi kalchooti saanii hin gaddhiifne jechuu dha. Isaanis, epayerichiis ni du’u malee ummatooti bilisummaa saanii hin dhabanii. Maaliifuu, nagaa fi araaraa buusuun utuu mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu walii hin beekin hin danda’amu. Kanaaf, araarri murnoota walqixxummaa, demokraasii fi nagaatt amanan gidduutt, akeeka heericha irratt hundaawee jalqabuu danda’aa. Ergi empayerichi uumamee bulchaa qeentee hata’uu federala, wiirtuun aangoo bakka dhaabamee hin kaanee. Nagaan bu’uuf sun jijjiiramuu qaba.

Jijjiiramooti erga “Nugusichi” kufe as dhufanis caasaan empayericha waan hin diigamneef wiirtuun ango jijjiiramuu hin dandeenye, ammayyuu Amaarinyaa dubbata, Amaarinyaan hojjeta. ABUT qabsoo Oromoo hankaaksuu fi ABO gufuu ta’uuf boojuu irraa jaarmiyaa OPDO jedhamu ijaaree. Jarmaan sun hanga yoonaa sochii walabummaaf gamboo (cancer) guboo ta’ee jiraa. Oromoo of fakkeessuu caalaayyuu, kan uumeen mancaasee ofuyyuu qurtumsee jira. Hagam yaale ta’uus, haddhaa saa biife ta’a malee ABO gad buufachuu hin dandeenyee. ABUT maqaaf boojuu walfakkaatan farra bilisummaa turan sabawota adda addaa irraa walitt qabee hidhata ADWUI jedhamu dhaabbanne jedhee labse. Maqaa sanaan OPDO hiriirsee Oromoo fi Oromiyaa mancaasee. Yeros yoo ta’es akka heerichi jedhutt aangoon wiirtuu ture finnoota federaawaniif hin qooddamnee. Kun kan agarsiisu empayeritt yoo hin diigamne humni dhugaan kan Masaraa Minilik qabate qofaaf ta’a jechuu dhaa.

Jaarmoti boojuu akka OPDO fi ANDM utuu of hin jigsin dursanii of goolatt (partii) jijjiiran. Itt haansee akka abba tokkeett gola Abiy PPitt galan. Yaa’i kun ayyaaneffannaa tokko malee ADWUI galaafate. Miseensi ADWUI tokkichi PP hin galin hafe ABUT qofa. Sanaaf warana deemee dambillee saas fudhachuu didee. Hololli

jiru waan fedhe ta’us Itophiyaan finnaa gola tokkee dha. Haa ta’u malee, Itophiyaa biyyaa gola hedduun fakkeesuuf PPn kanneen biraa akka golummaatt galmaawan hamaamota ta’aniif hayyamee jira. Abiy ifatt sabboonummaa Oromoo balaleffataa. OLA keessa luuxee galuun cabsuunii yaala; garuu OLAtt jijjiirama hammas jedhamu hin fidne. WBO ABOn dhaabaa kamuu mitii, dhaabaa Oromoo hundaatii. Gaaffiin Oromoo deebi’uu baannaan Ajajaa Olaanaan yoo qabsicha lagateyyuu sochiin bilisummaa gonka hin dhaabbatuu. Qabsoo mirgoota ummata saanii itt fufanii wareegamuuf kumkumooti taraa galanii jiruu.

Waraanni bilisummaa waamicha Oromoo fedhaan owwaatamu. Yeroo ammaa afaan kamiinuu haa dubbatuu bulchichi Oromoo waan ilaalu hin qabuu, PPn mataa empayera koloneeffataa, hoggana nyaaphaatii. Baroota darban kanneen hoggana tolchan qaccee lammii saanii dhossuu ni danda’u turanii. Dubbiin Iyyaasuu, Tafarii, fi Mangistuu dhahamuu danda’aa..Abiy fi qondaaloti saanii aangoo empayera Itophiyaa qabachuuf Oromoo isaan jalqaba mitii. Garuu Itophiyummaan malee Oromummaan hin qabanne. Kaartaa lama qabu. Tokkoo, hoggansa seera qabu Itophiyaa bakka bu’uun dhufanii. Lama, karaa OPDO Oromoodha ofiin jedhu. Kardi jalqabaan akka hoggana Itophiyaa seera qabutt of muuduu dandaniiruu. Isa lammataan Oromoo hedduun Oromummaa ofiitt hin boone fi daallicha hawwachuu danda’uu saaniitii. Akkasitti raayyaa saaniif kumoota madaqsanii waraana finciltoota Habashaa kan keessa lubbuun hin deebinett ergu. Karaama kanaan, WBOtt obbolaan akka walfixan bobbaasuu. Ilmaan cunqurfamootaa kan hin dammaqne bilisummaa ofiif utuu hin ta’in waraana isaan hin laalle keessatt du’uu. Jara kana mootummaa Oromoo of fakkeessanii, Oromoo irratt fixasanyii raawwataa kan jiranii. Dudhaadhaan kan ummati yaa’ii ba’u namaa fi uumaa hooqubaa fi hooda tokko tokkoon walitt araarsuufi; akka OPDOn tolche malbulchaaf mitii. Sirni Gadaa malbulchaaf mala itt furu ofii saa qaba ture.

Dhaboti Oromo akka Abbaa Gadaafaa kanneen kabajaman turanii. Kanneen si’anaa, kan dur itt yaadachuuf yoo hin taane aangoo fi hooda akka durii hin qabanii. Guutummaatt mootummaa nyaaphaa jala waan jiraataniif bakka bu’oota Balabbaatotaa fi Abbaa Qorootaa mootummaa abbaa gonfoo durii fakkaatu. Hawaasota kanneen dhaabota kana lafa jalaa fi ifaan tursuu danda’an galati ni ta’aafii. Utuu jarri ammaa dhaalaa jara durii ta’anii, WBO gargaaruun ugganii mootummaa nyaaphaan “Oromiyaa irraa harka kee kaasi” jechuutu irra turee. Garuu kan nama dhibu, isaan WBOn akka lola bilisummaa Oromiyaa dhaabu gafataa jiru. Garuu abbaawummaa dhaabichi dudhaa gaafatu fudhachuuf ammayyuu sammuu kolonummaa keessaa hin baane. Weerartuun PP fi gartuu saaniin hoogganamtu, roorroo, dhumiisa, fi saamicha Oromiyaa keessatt ta’uuf abbaawummaa fi itt gafatama qabu. Hamma ummati godinichaa irraa walcaalmaan malbulchaa ka’uttii fi carraan diinagdee ofii kununsuu argamutt nagaa fi araarri hin yaadamu.

Tokko tokko mirkanii baqachuun, yaadanmal dhugaa dabsanii kanneen seenaa roga dhabsiisanii afuufuu. Dabtarooti Tawaahidoo akka ummata ofii ol kaasanii fi Oromoo itt cabsanii yaadanmal hedduu lafa kaa’anii. Waldhaalaa fi beekaan saanii, sammuun gandaa hin baane tokko tokko, dhugaa saa utuu hin hubatan yeroo ammaa kana soba dabtaroota bara duriin yoo masakaman argamu. Oromoon Afrikaa alaa jaarraa 16faa dhufe jedhaniifaa hololuu. Oromoon erga Afrikaan uumamtee asii ba’uusaa wanti mirkaneessu hin jiru. Oromoon ummatoota dullachoota Afriikaa keessaa tokko. Cinaa tikfattee baqqaana Afriikaa bahaa keessa marmaaraa ba’anii. Jaarraa 16faa kan bar tokko gara kibbaati godaanan yeroo isaan kaabatt deebi’an agarsiisaa. Oromoon qaama ummatoota afaan Kush dubbatan kan al tokko Mediterraniyaan hanga naannaa Bantutt to’ataa turaniitii. Oromoon ummatoota argaa dhageettiin Grikii “Aethiopia” jedha turanitt, kanneen maqaa kana guddifatan caalaa kalaawuu.

Oromoon seenaa du’e waggoota 6000 caalaa kanneen ammaa fi egereef dhimmamuu. Afrikaanoti, lachanuu tibba qarooma fi kufaatii muuxatanii jiratanis, seenaan sun dhugaa amma jiru keessatt hin calaqisu taa’naan dhimma hin baasuu. Sabboonummaan qaccee dhalootaa (DNA) irratt kan hundaawu utuu hin ta’in, seenaa qooddamu, sirna jireenyaa walfakaataa hordofan, aadaa, fi dudhaa, daanga biyyaa beekamaa to’atan, afaan tokko fi kaayyoo isaan tokkoomsu Oromoo isaan jechisiisuu. Oromummaan yk sabboonummaan Oromoo eegaloota kana irratt hundaawaa. Yoomuu waan haqamu mitii. Oromoonis biyya abbaa ofii fi eenyummaa saanii irraa gargar hin citanii.

Kaasaan Oromoo waan afaaniin dubbatamu fi hacuucama irra darbee jira. Oromiyaa kan Oromooti. Kana seenaan Itophiyaa beekaa. Yaadanmal hariiroo DNA fi sabboonummaa sirriitt hin beekne waliin dhahun wanti argamu hin jiru. Oromummaan maalinuu hin haqamuu, Oromoon muyyummaa fi dallumaan yoo hin taane ulaagaan biyya abbaa saaniis dhabsiisu hin jiru. Dinni daboon itt bobba’ee dabsate malee tokkoo fi tokkoon irra haanuun waan hin yaadamne ture. Amma sana irra dandamatanii jiru. Kanaaf, ummatoota afanfajjessanii, gaaffii sabootaa gara dabarsuuf yoo hin taane yaadanmal adda addaa uumuun malbulcha sabummaaf bu’aa hin qabu. Ummata tokko waan inni ittiin of beekuun fudhachuutu nagaa fi araaraa fida. Addaggumaan afaanii caalaa madeessee gargar fageessa malee araaraa hin buusuu.

Oromoon aadaa saa hin qaban malee, dandeettii gadoo ba’achuu horatanii jiru. Garuu aadaan saanii aagii tufuu, olhaantummaa seeraa kabajuu, jaalalli bilisummaa fi namummaa akka haleellaa irra araaraa flatan isaan tolchaa. Empayerichi malbulchaa haa ta’uu diinagdee fi hariiroo hawaasomaan milla isa dhumaa irra jiraa. Giidoo itt horanii bakka bu’uu kan yaadan yoo jiratan abdii kutachuutu gorfama. Kanaaf humna fi dhiiga caalaa waan hin dandamane dandamachiisuuf baasuu irra sirna haaraa jiraattota godinicha hundaaf nagaa buusu soquu wayyaa. Empayerri sirna nafxanyaan dhaabame bososee jalaa waa bibbiqilaa jira. Ilmaan namaa walitt hirkachuuf garba fi manyaa meeqa cehanii walbarbaadu. Nuti kan Afriikaa fi ollaatt nagaa qabaannee waliin guddachuuf utuu dandeenyuu, nagaa, araaraa fi lola nu harka jiran keessaa lola filachuun waan kolfaatii. Amma bara fiixee capitalism keessa jirraa. Akka fudaalitt yaaduun caalaa duubatt nu hambise nu salphisa malee kan ittiin boonnu mitii. Sirna wal nu lolchiisu keessaa baanee akka haaraatt yaaduu haa eegallu. Oromoon biyya taadhii, qabeenya uumaan badhaatuu, aadaa demokraatummaa qabaachuu fi dilormaan guddicha Afriikaa ta’uun liphii yeroof malee araaraaf ta’ee, lolaaf aanjaa qabu. Garuu, nagaa, araaraa, qajeeltuu fi bilisummaan kaayyoo saanii dhaabbataa dha. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Mudde 2024