Dhumiisii fi barbadeessi addunyaa keessatt gaggeeffamaa jiru kan empayera Itophiyaas dabalatu, sabi tokko of malee kan mirga dhalootaa saa irraa faccisuuf akka hin jirre agarsiisa. Gargaarsa kanneen biraa kan argatu, yoo rakkina keessaa of irratt hirkatee of baasee agarsiisuu danda’e qofa. Gargaarsa sabgidduu walitt qabachuuf sabi tokko nafii saa mullifachuu qaba; kana malee, kanneen qabeenyaa fi nafii tarsammaawaa saba tokkoo irraa fedha qaban, kaayyoo saa roga dhabsiisuu fi isa irratt yaada addunyaa afanfajjessuuf waanti isaan hin goone hin jiraatuu. Qabsoon Oromoo kan muuxataa jiru waan akkasiitii. Hubadhaa, addunyaan fedha malee seexaa hin qabu. Nammi tokko kan iyyachuun irra jiru seexaa hogganoota saatt utuun hin ta’in hubuu haata’uu quufsuuf fedha saba saaniitt ta’uu qaba.
Bulchoota Itophiyaa si’anaa, PP/DhDUOn kan booji’anii, du’a irraa hambisanii waan jireenya lammaffaa kennnaniif fedha diina ummata ofiif amanamoota ta’anii hafanii. Ramaddiin tolfamoota kanaa kenname, Oromoo fakkaatanii Itophiyaa deebisanii dagagaa gochuu gargaaruu dha. Kanaan sadoo subgidduu Afriikaa deebisanii qabachuuf qaama ta’an jechuu dha.
Beekumsi addunyaa si’ana sadarkaa Qaroon Tolfame (AI/QT), Qaroo Dhalootaa (QDh/NI) dimimmiseesu ga’ee jira. Addunyaa ammayyaa keenya keessatt, inna QT/AI qarooma uumaa gadiddu irra buufachuuf dorsisaa jiru kana, qabeenyi Afrikaa caalaa dharra’amuun, humni ummata isaa waa’ee hin baafnee gocha jira. Biyyoota QT uuman irrattis kan ga’ugadi hin ta’u. Qabsoo gitaa itt haanu ilmoo namaa fi machiinii AI/QTn oofamu gidduu ta’innaa? Maaliifuu of baraaruun tattaafannaa addaa barbaachisa jechuu dha. Oromoon akka sabaatt baraaramuuf hambaa nuu darabataniif nyaapha xinnoo duukaa qaanii malee hurrisuu irra, qormaata guddaa sadarkaa sabgidduutt beekamuuf of qopheessan wayyaa. Oromoon shaffisaan mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffatanii sadarkaa mulata tokkummaa Afriikaaf ta’utt biyya saanii walabummaan dhaabbachuu qabu. Isatt haanee sadarkaa sadarkaan gara tokkummaa Afriikaa olloota irraa jalqabanii dhiichuu dha. Gaaffiin Oromoo gaaffii dhiigaa utuu hin ta’in gaaffii mirga ilmoo namaatii; gaaffi kolonummaa haquu fi hiree ofii ofiin murteeffachuutii. Afaan Oromoo dubbateef keettoon diinaa kamuu fedha Oromoo bakka hin bu’uu. Gaaffiin Oromoo kan deebii argatu yoo sirni dullachi diigamee fi sirni haaraan kan walabummaa, bilisummaa, walqixummaa fi qajeeltuu irratt hundaaweef kan dubbiin ilaalu hundi waliin dhoofsisuu danda’anii.
Oromoo keessaa kan yaaduu, dubbachuu fi barreessuu danda’an, waa’ee gidiraa ummata saanii carraa argamu hundaan yoo gurra nama duucha jedhanii yaadanillee utuu hin ifsin darbuu hin qabanii. Kan ogumma qabnu tekinolojii ammayyaan sagale keenya olkaasne dhamsa jarjarsaa qabnu addunyaaf qooduu dha; Oromoon fuftuu qarooma Kush hunda caalaa dullacha ta’ee qabatee baduu saa dura akka birmataniif gaafachuu dha. Waamicha saaniin dammaqanii yeroon itt isaan dhaggeeffatan ni dhufa ta’aa.
Cicha saaniitiin, Oromoon aadaa saanii keessaa waan hedduu oolfatanuu hedduun ilaalcha halagaa, farra demookraasii fi fashitawaa ta’ee guddifatanii jiruu. Akeeka deemokraasii Gadaatt deebi’uun humnaa, beekumsaa fi ijaarsa cimaa barbaadaa. Addunyaan akeekota Gadaa tarii sirnoota hanga yoonaa jiraniif filmaata ta’u danda’uu saaf ni barbaadaa ta’aa. Oromoon, lammoota Afriikaa sadan wayyaba jedhaman keessaa tokko ta’us, danuun seenaa olhantummaa halagaa jala waan galcheef xiyyeeffannoo isaaniif gitu hin arganne. Kan xiyyeefannoo argatan, lafa taadhii, qabeenya uumaa badhaadhaa, fi dilormaa homishaawaa saaniitii malee, beekumtii isaan qarooma addunyaaf gummaachan mitii. Oromoon qabeenyota sana akka deebi’uuf gaafachuun, jara koloneessaa fi miltoo saa irraa bu’a argatanii fi galtuu Oromoon balaaleffatamaa jiru. Sanneen irratt mirga saanii gaafatan malee mirgaa fi biyya eenyuut hin dabarree.
Afaan saanii, afaan Oromoon toora Kushitik jedhamutt kan ramadan ta’ee afaanota gurguddaa sadan Afriikaa keessaa tokko yoo ta’u, biyyoota Afriikaa sadii ol keessatt dhalooteen dibbatamaa. Sirna malbulchaa, hawaasomaa fi demokraasii kan akaakuu walfakkaataa keessaa hin argamne, Gadaa jedhamu qabaataa turanii. Waliigalatt qaroommi Oromoo qarooma, qaroommi addunyaa hundi keessaa late yk eegalli qaroomoti ammayyaan kan qixa misee ta’uu danda malee kan kamirraayyuu warabame hin fakkaatuu. Erga qabamanii booda, gadaan hacuucamee akka yeroo eeggatee hin guddanne taasifamee. Gadaan bara baraan muuxataa kan deemu malee kantara akka hin taane himamaa.
Sana bakka saatt deebisuuf Addi Bilisumaa Oromo (ABOn) kallachi qabsoo Oromoo yoo bu’uurfamu (kan amma ABO WBOn iddoossamu) akka gooblaa waraanaatti WBO qaba ture. Abbatokkeen Oromoo bitaman tokko tokko mirkanii kana roga dhabsiisuuf, Oromoon kanneen empayera uuman keessaa tokko, mootummaan amma jiruus kan Oromooti jedha jiruu. Kun soba adii, mootummaan PP qaccee empayera Abisiinia duriitii.
Kurnan sadii darban keessatt maqaa Oromoon jaarmoti malbulcha hedduun empayera Itophiyaa keessatt bibbiqilanii jiruu. Jaarmoti kun alii alii akka dorgomaa ABO of godhu; yeroo kaanimmoo akka dabalataatt of dhiheessuu. Itophumaa fi Oromummaa gidduu rarraafamaa jiru. Kan fedhan haa jedhan malee caasaan mootummaa Itophiyaa ammayyuu koloneeffataa fi hacuucaa dhaa. Maddi empayera Itophiyaa kanaa “Hirmaata Afriikaa” keessaa ka’uun mirkanii seenaa hin haalamne. Funaansi amma gaggeessanis tolcha diinaa Oromoo daguuf uumamanii.
Duubbee kana irraa ka’eetu ABOn kan bu’uurfame. Eenyu irraayyuu ooffalcha hin gaafannee, ergama saa bakkaan ga’uu fi walabaa ta’ee jiraachuuf eenyu irraayyuu hin gaafatu. Dhaabi kamiyyuu keettoo empayera irraa oofkalcha kan gaafatu achii kaasee ABO dhugaa ta’uun saa ni dhaabbata. ABO dullachii humna waraana irraa of fageessee jira. Kanaaf WBOn, ABO WBOn walabummaan bobbaafamaa jira. WBO malee ABOn hanqoo dhaa. Seenaan, nammi seeraa yk dhugaan mudaa qabaannaan aangoo Oromoof hin dorgomuu. Kanaaf dhaabii Oromo mootummaa Itophiyaatt galmaawe maqaa saa sanaan wal gitchisiisuu qaba. Akka gola Itophiyaatt isaan qixxeeffachuutu irrraa eegama. Garlamummaan raawwachuutu irra jira. Oromoon Itophiyaa qabanna jedhan akka Oromiyaanotaa utuu hin ta’in akka Oromoo Itophiyatt arreedduu danda’uu. Nagatt jennaan. Yoo Oromo dura milkaawanis, Gaaffiin Oromoo achuma ta’ee isaan eega.
Kolonooti “ Hirmaata Afriikaan” tolfaman hundi waggoota shantama dura bilisa yoo ba’an Oromiyaan kolonummaan itt fufaa jiraa. Kolonummaa irra ilaalame kanaan kan ka’e godinichi burjaajii keessa jira. Bu’uurri nagaa waloon qophaawuu kan danda’u, tokko tokkoon ummata Afriikaa akka bilisa, moo’aa, ilaa fi ilaamee irratt miltoo walqwixxeett yoo fudhatame qofaa. Jiraattota hunda akka Itophiyiyoo heduun dogoggoraa. Ejjennoo sana jajjabeessuuf, gurguddoon Amaaraa tokko tokko biyyi Oromoo (Oromiyaan) seenaan utuu hin jalqabamin dura kan Amaaraa ture asoosama jedhu qabu. Isaaniif Oromoon dhiyoo dhufanii. Jarri maqaa kanatt isaan moggaasanuu bara sana Afriikaa keessayyuu hin turree. Jechi kun kan hundaawe asoosamma gita bittuu Amaaraa fi daftaroota saaniin qophaawe dhaaloota si’anaa afanfajjessaa jira. Oromoon Afrikaa malee madda himatan biraa hin qabanii.
Asoosama kana raggaasifnus, raggaasisuu bannuns rakkina amma keessa jirru furuuf nu hin gargaaruu. Amma koloneeffataa haa ta’uu koloneeffamaa, tokko tokkoon ummataa biyya maqaa saatiin waamamu qaba. Abba tokkeen seera biyyichaa kabajee biyya itt dhalate hafee addunyaa eessayyuu qubachuu danda’aa. Tokko yoo abbaltii koloneeffaachuu yk ofaanggessuu hin qabu ta’e ummata tokko buqqisanii kan biraan bakka buusuun barbaachisaa mitii. Nagaa fi araarri, dharraa bakkalleetii. Golooti sana barbaadan hundi gara sanatt hojjechuu qabu.
Namooti Amaarinyaa dubbatan biyya Oromoo keenya jechuun tuttuqaan jiru, saboota baayyee akka Oromoof tuffii agarsiisee miirri inni uumu balaa dhalchuu danda’aa. Mirga ofii kabajchiisuun tokkummaa fi ijaaramuu qofa gaafata. Barri tooftaa “addan facaasii bulchiin” qoncooraa, Oromoon dammaqee kan fira ta’uuf hin taane addaan baafatee jira. Kannen itt roorrisuu barbadan hundi dammaqina kana baruu qabu.
Qabsoo cunqurfamootaan dirqamanii, waggoota shantamman darban foyyessaa tokko tokko itt haa tolfamu malee, uumaa empayericha hin geeddarree. Murni empayera uuman hammam qaaqanuu, bu’aa wajjirbulchi malamaltuu irraa argata utuu jiranii, gaaga’amtoota yakka tolchanitt dabaluu barbaadu. Empayerich nagaan diigamee tokkeessoo finnaa walaboota ta’an kan fedha ummatootaa calaqisaniin bakka buufamuu qabu. Kana malee qabsoon saboota, sabaawotaa fi ummatootaan lafa saanii irratt moo’ummaa, bilisummaa fi walqixxummaaf jalqabe kan se’amu caalaa haleelaa fi barbadeessaa ta’uu danda’aa.
Sabooti sabaawoti fi ummatooti yoo ofirraa faccisuuf dirqaman malee takkaa fedha waan ormaatt darbuu agarsiisanii hin beekanii. Yoo caasaan empayeraa diigamee sirni haaraan fedha hundaa irratt hundaawe bakka bu’e malee, nagaa, tasgabbii, walqixxummaa fi qajeeltuun godinicha keessa gonka jiraachuu hin danda’u jedhanii amanuu. Karaa biraammoo, kanneen iddoosota Amaaraati ofiin jedhan utuu caasaatt hin bu’inmootummichi finqilfamee isaan bakka bu’uutu irra jira jedhanii muggutuu. Jarri akkasii harcaatuu nafxanyaa kanneen waaroo Itophiyaa jala asxaa Amaaraa dhoffatanii sirna empayeraatt deebi’uu barbaadanii. Eenyu haa dhufuu Oromoon hanga mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuun dhugoomutti kaayyoo qabsaawuuf qaba.
Kanneenuma empayericha ijaaran keessaa tokkotu maqaa federaliitt jijjiiruu irratt waliigalee heera haaraa tumuu fi Amaaraa biyya kennuun dimshaashumatt caccaba amma sodaatamaa jiru irraa oolche. Garuu hojii irra oolchuuf yaadaan guddummaa hin agarsiifnee. Mootummaan empayerichaa si’ana jiru kan MM Abiyi, walakkaan koo Oromoo dha jedhuun hogganamu haalicha caalaa akka walxaxu tolcha. Rakkinni jiru waa’ee dhiigaa utuu hin ta’in waa’ee qajeeltuutii. Abiy sirna impeeriyaal durii, kan Oromoon akka garboomfaataatt fudhatu deebisuu akka barbaadu deddeebi’ee himatee jira. Bulchi saa “ Soba Adii” irratt waan hundaaweef, kanneen jalee sa ta’an malee deggerootaa fi cabsootii itt garagalanii jiru. Murnooti hundi dagaagina darbee dandamachiisuu fedhu malee dilormaa Nugusicha finqilche waliin hariiroo hin qabanii.
Itophiyaan, bantii aangoo fi duromaa irra kan geesse bara Haayila Sillaaseeti. Inni Oromoof gidirssaa, duubatt harkisaa, kan empayera saa akka irbuu seenett hin ceesisin hanqatee dha. Garuu innuu xinnoo tarkaanfataa waan itt ta’eef isa irra darbanii, Abiy fi nakkarooti saa bara caalaa dubatt hafaa ta’e kan Minilikiif farsaa jiru. Hundi saanii ummata Haayila gadi buuseef amantee hin qabanii. Ummatichi akka barbaadu utuu hin ta’in akka ofii barbaadanitt bulchuu soquu.
Kanaan dura ummata ofii ilaalcha addunyaa adda addaan hadoochanii hunda humna olhaanutt akka dhiisu tolchanii jiru. Kanaaf ilaalchi akkasii haala amma addunyaa keessa jiruuf dorgommee godinicha irraa eegamuuf danqaraa dha. Oromoon waliin dhaabbatanii danqaraa akkasii irra tarkaanfachuu akka danda’an ragaasisanii beeku. Oromiyaan rakkina biyyooti misa hanqatan hunda qabu. Garuu didhaa misoomaa hunda keessaa kan durfannoo keennaniif qabsoo bilisummaa malbulchaafii. Haa ta’u malee namooti tokko tokko lola xinnoo gidduu saanii dhalatuun bu’aa dhuunfaaf akeeka qaban wareeganii diina duraanii walii tumsanii. Filmaati akkasii akeeki qabsoo saanii bakka utuu hin tocha’in qaanii fi afanfaajjiitt geessee. Haa ta’u malee, ammayyuu kanneen surrii saanii sadarkaa gandaatt dhiphisanii, diinota kurnan hedduuf wallolaa turan amananii jallewwan qawwee waliin kaasan irraa isaanitt baqatanii. Jarri akkasii damboobina battala tokkoo agarsiisuu irra, waan isaan kaayyicha irraa guddaa ta’an itt fakkaatee kara qaanii fi salphina filatanii.
Jaallewan ODF, Lichoo Bukuraa fi Goollicha Dheengee amma isa jiruu? Jarri isaan of duubatt dhiisanii deeman ammayyuu rooba haa ta’uu caama kaayyoo saaniitt cichanii argamu. Jarri dheessituu, yeroo diina kaleessaa isaan silaa sochoosun irra turaniin sossoosifamuu hubatan, seexan saanii quuqaama hafaa. Qabsoo keessa gufuu hedduun jiraatuyyuu empayerri diigamuun fagoo hin ta’u. Kolonootiis walabummaa saanii ni argatu. Hamma kana wal mufachuu jaallewwanii gidduu utuu hin ta’in, kan qabsoo suutessuu fi duratt dhiibee itt fufsiisus danda’u gidiraa ummataatii.
Hogganni yerro hamtuu, innaa baraaramuun kaayyoo gaaffii jala gale qorame garaa nama keessa lixe baasuun, amma sirrii haa ta’uu daba, hin danda’amuu. Qabsaawaan tokko yeroo dhaaba itt dhiige, itt naafate, itt agabaawe jireenyi malbulchaa fi hawaasomaa saa itt faca’e, dheessee deemee hamaa saa yoo dubbatu, seenaa ofii cabsaa akka jiru beekuu qaba. Yoo danda’e seera yk humnaan aangoo fudhachuu yk callisee gad dhiisuu dha. Iyyaatii muudamuun saa saaqeef nyaaphaaf saaxiluun safuu dha. Diinichi yeroof maccallaatoo diimaa afee simataanii. Garuu erga hiikachiise booda, nyaaphi waggootaaf dhiigsaanii turte ta’uu saa hin irraanfatu. Sana booda, eenyuufuu kan dhimma hin baafne rasaasa kashafe taataa.
Waggoota dhibbaan dura kolonii argachuun Habashaaf aangoo, badhaadhina fi tokkummaa keessaa argamsiiseefii. Mootummaa Habashaa kan jedhamu biyyoota sabaa fi sabaawota Amaarummaa jala dhoksaman, hedduu of keessaa qaba. Yartu dha’uuf, Agawu, Beejjaa, Qimant, Oromo, Waataa, Gaafat, Falasha fa’ii. Akkasitt itt fufuu danda’uun saa mamsiisaa dha. Miseensoti hoomaa nafxanyaa garri caalu qaccee ofii beeku. Kiristinnaa Ortodoksii, Amaarinyaa dubbatan waan ta’aniif Amaara jedhamu. Amaara ta’uun firummaa dhiigaa utuu hin ta’in Amaarinyaa dubbachuu fi ilaalcha addunyaa tokko qabaachuu dha.
Murni naannaa jaarra saddeetii dura eegalee, sirna nafxanyaan bantii ga’e kun baduuf adeema. Yeros, nagaa fi nageenya walitt qabaa Gaanfaaf yaaddoo akka hin taane godinichi mari’atee furmaata qopheesuutu irra jira.
Akki itt rakkinni taasisa namoomaa qabamuuf qorichi saa ilaa fi ilaamee ifaa ta’uu danda’aa. Sabooti Gaanfaa walabummaa ofii mirkaneeffachuu qofa utuu hin ta’in, nagaa fi tasgabbii naannaa saaniif abbaawuumaa waloo qabu. Kana malee inni waggaa dhibbaa dura deebi’ee akka hin mudanne iggitiin hin jiru. Hobbaatiin saa tokko hin ta’uu, garuu yoo gamnummaan qabame malee dhiiga lolaasaa fi mancaasaa ta’uu danda’aa. Jarri olhaantummaaf akka uumaman of amansiisanii jiru. Sanaa as kan dhaabbatan hin fakkaatanii. Garuu gumaan guutuu dabsachuu hin danda’uu.
Kanaan dura murnootii fi golooti, rakkina empayericha keessaa furuu yaaluuf walitt dhufanii beeku. Garuu irraa ka’a dogoggoraan waan eegalaniif hin milkoofne. Lola empayericha keessa jiru, akka Itophiyoota gidduutt qofa gaggeefamaa jirutt fudhatanii. Kanaafi yabboon marii hundi Amaarinyaan gageeffamaa kan ture. Garuu garri tokko aangoo Itophiyaa irratt yoo wal lolu, kan Itophiyaa ofiin hin jenne, Itophiyaa jalaa bilisa ba’uuf qabsaawaa. Utuu garagarummaa kana fudhatanii walta’uun salphaa ta’a ture. Waggoota hanga toko dura afaanii fi barruunqabi isaaniin biyyooti kibba saaniitt argaman kolonii (qiny gizat) saanii ta’uu ragaa ba’aa turanii. Sun soba saanii beekamaa utuu hin ta’in mirkanii seenaatii. Kan sana godhanis gargaarsa imperiyaalistootaanii. Amma dubbiin jijjiiramee jira. Koloneeffataa fi koloneeffamaan bakka eegalan hin jiranii. Ummatooti hundi qarqara walabummaa irra jiru. Empayerichi liillana qalloo tokko irratt rarraa’ee jira. Haadicha kutuun nagaa fi bilisummaa koloneeffamaa fi koloneeffataaf fiduu danda’aa. Haata’u malee hadoodchaan sirna nafxanyaa fi humni barsiifataa Amaaraa duubatt harkisuuf kan tuffatamu hin ta’uu.
Faranjiin, qawwee saanii qofa utuu hin ta’in barnoota saanii kan kolonoota saanii surrii dhiquuf dhimma itt ba’an waliin dhufanii. Barumsa amantee fi seenaa Habashaa malee barumsi hafan hundi garba gamaa fidamanii. Oxford Reader, Highway Arithmatic, Worldwide Geography, The Old World Past and present, Civlizasion française kkf.faa ni yaadanna. Barnoti kun waa’ee Afrikaa homaa hin dubbatanii. Kanaaf ijoolleen Oromoo aadaa fi dudhaa saba ofii irraa citanii akka halagooman taasifamaa turanii. Sirni Amaaraa hamma dandeettii saatt, waa’ee gonfoo, Itophiyaa fi “Abbootii keenyaa”, kan abbooti Oromoo dhugaa hin dabalanne nu waga’aa turee. Qabsoon Oromoo barumsa ofii irratt to’annoo qabaachuuf tolfamu fi sirna dhalootee saaniitt boona akka qabatan ittuma fufaa jira.
Si’ana gurguddoon Itophiyaa kolonummaa haalanii Oromoon akka empayera Itophiyaa ijaare dubbatuu. Sun dhugaa dhaa; garuu akka garbichaa dirqiin bobbaafamanii yk akka galtuu fi qaxaramtuuttii. “Itophiyaa”n arga dhageettii Awuropaan beekamu, gurracha itt dhufe hunda, kan qaroommi saanii Nubiyaa fi bakkoota bira wiirtuu godhate ture. Magaalaan Nubiyaa, Marooween Nugusa keenya kan jedhaniin Izaanatu barbadeessee. Abyssinia kan maqaa Itophiyaatt of moggaase seenaa isa durii, kan moorota (books) amantee fi seenaa addunyaa yerosii irra jiru hatuufii. Halagaa fi kitaabota saaniitu jedhaan malee, biyyi “Fuula Gubataa”n of waamu Afriikaa keessa hin turree. Waggooti 3000 kan himatanis kan isa sanaa gurrachi hundi qooddatuu. Maqaa abbaatu of moggaasaa, garuu utuu soba adii sobuu baatee olloota irraa amantee argata ture. Angoti walitt bu’an hundi jiraattota Gaanfa Afrikaatii. Kana jechuun, Afrikummaa waloon qabu jechuu dha.
Ummatooti Afriikaa hundi, ummatooti xiqaa guddaa gurracha magalli hund walqixxee akka ta’e fudhachuu qabu. Maqaan wal waamuu, akka obbolaa Afriikaatt rakkina gidduu saanii jiru furuu yaaluutu irra jira. Qabattichatt akka Itophiyaati fi Afrikaa itt dhihaachuun rimsamaanis adda addaa. Tokko gooftaa fi garbicha gidduu, kaanimmoo obbolaa gidduu ta’aa. Anga’oota nagaan dhibuu irraa buufatan malee, ummatooti nagaa jaallatu. Gurguddoon gita bittuuyyuu yeroo addabaabayitt ba’an afaanuma cunqurfamaa nagaa, qajeeltuu fi demokraasii dubbatu. Shakalaan garuu faalla sanaa bakka lallaafaa murnootaa tuttuquun yoo walitt buusan agarra. Kan Oromiyaan qabamte, hanqina meeshaa ammayyaa sabicha muudate fi diinni tuqoota dadhaboo saaniitt akka tooftaatt dhimma ba’eetu. ABO fi WBOtt kan gufuu ta’aa dhufe kanumaa. Qabama booda afaan Oromoo cuqaalamee, qabeenyi saanii saamamee, dafqii fi dhiigi saanii tola lola’aa jiraate. Qabsoo saaniin, beekumtii sabgidduu argachuun eenyummaa saanii dhokatee ture ifa baasuu danda’anii jiru; afaan saaniin hojjechuu fi barachuus danda’anii jiru. Akasumas olhaantummaa halaga ofirraa kaasuu fi dhimma ofii, mirga dhalootaa ta’e ofiin murteeffachuuf qabsoo saanii xumuraan ga’aa jiruu.
Qabsoon Oromoo gaggeeffamaa jiru gaaffii seenaa walabummaa fi republika Oromiyaa demokraatoftuu gad dhaabuu qofaaf utuu hin ta’in empayera koloneeffataa irratt ijaarame diiguufisii. Hundi akka karoorfamett deemaa jira. Kanaafi duubatt harkiftuun tokko tokko “Itophiyaa diigamuufi” jedhanii gadoodaa oolan jiru. Sun hobbaatii qabsoo Oromoo dargaggoon kumkummi itt dhumtee dha. Qabsoon qabsiifame laboobaa waan jiruuf
walabummaa fi bilisummaa as dhaamaa hin jiru. Sun halagaan nama garboomsee, nagaa nama dhowwee jiraachuu xumura itt gochuuf gatii baasifamu. Qabsoo kun itt fufaa, abdiin nagaa fi bilisummaa wareegama dargaggoo Oromoon sossofamuun lubbuu horataa deemaa.
Kan Oromo mirga bilisummaatt ba’uu haaluu barbaadan, kanneen qabeenya saanii too’atanii barabaraan cunqursaa naannaa biraaf itt fe’uu barbaadanii. Nagaa buusuun itt dabamaa akka Oromoo irraa utuu hin ta’in cunqursaa koloneeffataa, Itophiyaa irraa eegamuu qaba. Nagaa fi araarri Waaqaa, gaaffii Oromoo bara baraatii. Kan dronii, taankii, dilgoo, raayyaa quufaa kkf. itt yaasaa jiru Itophiyaa dha.
Tokkummaa fi qajeeltuuf dudhaa daddaaqina hin qabneen Oromoon didhaa qaban ba’achuu danda’uu. Kan itt dabame, cunqurfamaan nagaa barbaacha dhiiga saa dhangalaasaa jiraa, sana argatu malee akka itt qabsoo dhaabu hin qabu. Barri abbaa duulotaa raawwachuu qabaa. Angoon ummatatt deebi’ee, seeraan bulmaati olhantumma argachuu qaba. Oromiyaatt, akeeki gadaa deebi’ee hojii irra ooluutu irra jira. Ummatooti Habashaa bara doonichotaatii (princes) ba’anii, bulcha doonichoo tokko jalatt kufanii. Hamma hardhaatt, jijjiirama maqaa malee ammayyuu bulcha doonichoo tokkoo/abbaa duulaa jala jiruu. Nugusoota haa ta’anii presidantoota, mootii gonfoo haa ta’uu ofaangessaa, ilaalchi ummataf qaban tokkumaa. Bulcha doonicho/abbaa duulotaa jalaa ba’anii, bolola kolonummaaf qaban adaba itt gochuun, ummata aanggessuun kan yeroo qaari’aa jiru fakkaataa. Sun taanaan akka obbolaa Afrikaanotaatt, tokkummaa, walqaxxummaa, bilisummaa, qajeeltuu fi demokraasiin, nagaa fi gammachuun waanti hin jiraanneef hin mullatuu.
Oromoon qabsoo akka dhaabu kan barbaadan, cunqursoo gabbaariin keenya nu harkaa baanaan qananiin nutt hanqata jedhanii fi kanneen qabeenya Afriikaa bolquuf akka keettoott dhimma itt ba’anii fi jara garbummaan itt tolee ulfina ofiif dantaa hin qabnee dha. Nagaa buusuuf ilaa fi ilaameen barbaachisaa dha. Garuu mirga saba tokkoo kan ofiin hiree ofii murteeffachuu dhabsiisu ta’uu hin qabu. Hanga walabummaan, walqixxummaa, qajeeltuu fi fedha walii walii kabajuun argamutt cunqursaa fi cunqurfamaa, koloneeffataa fi koloneeffamaa gidduu nagaan hin jiraatuu. Gadaa jalatt abbaan duulaa bobbaa tokkoof mudama, dhaaba dhaabbataa mitii.
Kana sammuutt qabannee, heerri federaalaa amma jiru gara hundaaf hanqina teeknikii tokko tokko qabatus, nagaa godinichaaf jedhamee hanga tasgabbaanee murteesinutt waliin nu tursuuf bakka irraa kaanu ta’uu danda’aa. Abjuun olhantummaa ummati tokko kanneen biraa godinicha keessa jiraatan irratt argachuu waan gonka hin dhugoomneef, godinicha, butuchuu qofa ta’aa. Kanaaf garagarummaa qabnu nagaan furannee, akka miltoo yk ollaa dansatt turuu wayyaa. Danboobinni, wal amanuunii fi seeraan bulmaatii haa moo’uu. Hangasitt qabsoo Oromoof sagalee keenya ol haa kaafnu! Oromiyaan haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Onkololessa 2024