Sababa seera uumaa fi seera namaa ala maaliif dabaan dhalata kan beeku jiraayii? Yeroon itt dammaqanii utuu farra guddinaa fi nagaa hin ta’in sirreessuuno ni danda’ama laata? Agadaa fi hoffaan wal fakkaataa; nammi hedduun ciniinee adda baafata. Gamni baalaan beekuu danda’aa. Dabaan Oromoo yeroo hunda tolaa yaaduun nu jala ba’an malee gamnooma dhabnee mitii. Eessayu hin geessuu haa taajabnu jechuun nu daguu danda’anii. Dur saba Amaarinyaa dubbatu, dhugeeffan tokko qabu, faajjii magariisa, keelloo fi diimaa ta’e qabatetu, kaabaa Oromiyaa weeraree, koloneeffate. Oromoo keessaa angafoota gosaa lammii sanii nuu naalchu jedhan muudanii balabbaata jedhaniin. Balabbatooti kun akkaata jireenyaa hundaaf isaan akkeessuutt ka’ani. Shakala Gadaan balaaleffamu tajaajiltuu fi garbicha qabaachuutt ka’anii. Wayyabi saanii ummata saaniif utuu hin ta’in sirna nafxanyaaf amanamuutt ka’an. Oromoon isaaniif looganii hogganoota fi loltuu isaanii ta’aniis turanii. Jarri kun Kirstinnaa ka’anii, Amaarinyaa baratanii, Nugusichaa fi faajjichaaf amanamoo ta’uuf irbu seenanii Oromoo ganuun Oromoo cabsuuf gumaachanii jiru, Kan ni taajjabna jennee obsineef nu taajjabuutt ka’anii. Haa ta’u malee, hedduun saanii utuu lubbuun jiranii salphinaan tufamanii, keessa keenya diinaa barsiisanii dhidhimanii. Sababa jajalloo kanaaf bilisummaa keenya dhabne. Booddas akaakuu saaniitiif harkfatee jira. Sirni nafxanyaa caasaa bulchaa walfakaataa biyya haadhoo fi kolonoota seeraan adda adda ta’an ijaaree ture.
Nugusichi Amaaraa biyya ofii fi kolonotaf bulchaa wiirtuu tokkoo diriiru, garu qabeen adda adda ta’e tolche. Oromo buqisee mooraa raayyaa saa fi Masaraa ofii Finfinnee irra dhaabbate. Bakka ga’e hundaati kanuma godhee. Kanaaf qacceen nafxanyaa magaalota keessa guuttii. Biyya ofii qorqee waan butucheef hanga humna qabutt asuma tura. Koloneeffataan Finfinnee irraa ka’eetu abbaa duulota saa, biyya hamma danda’an akka qabatan bobbaasee. Isaan biyya qabatan akka fedhan tolchu, loltuu saaniis ofii madaqfatu turan. Afaan Oromoo addaababayitt akka hin dubbatamne, barsiisiis akka ittiin hin kennamne muree. Gadaanii fi aadaa, dudhaa, dhugeeffannoo fi seerri inni utubu akka ifatt hin shakalamne tolche. Lafa, humna fi qabeenya Oromo dhuunfate. Dhirri okaa (marga beeladi nyaattu) haamuu, niitiin midhaan dakuu fi hojii humna tola hojjechuu dirqaman. Nafxanyichi yoo fedhes gurgurachuu kan isa dhowwu hin jiru. Oromoon waanti fedha ofiin hojjetan hin turre. Humna namaa waan barbaaduuf ijoollee horuu hin dhowwinee. Kana caalaa garbummaan jiraararee? Waliigalatt, jireenya Oromoo dhuunfachuun walabummaa bilisummaa fi qabeenya dhabsiise. Hardhas jireenya sana ol hin taane keessa jiruu. Funaansi afaan Oromoo dubbattu sirna halagaa gaggeessiteef barri bara Oromooti kan jedhu gaaffii Oromoo gara dabarsuufii. Sirnichi sirna ittiin nagaan aangoo walitt dabarsan hin qabu. Abbaa humnaaatu moo’aa. Hardhas marti saanii murna murnaan adda ba’anii olhantummaa mirkaneeffachuuf wal waraanaa jiru. Koloni saanii durii waan ilaalutt kan isaan keessaa moo’ef akka gabbaran mamiin hin hin jiru. Oromoon isaaniif halagaa dha. Gaaffiin qabsoo saaniis kan saaniitiin addaa. Biyyi Oromoo kan Oromoo, biyyi saanii kan saaniiti jedhanii amanuu. Sana jechuun, sirna amma jiru diiganii ummatooti Afriikaa empayericha jala turan hundi, dhiibbaa malee carraa hiree ofii ofiin murteeffachuu beekamuufii qaba. Sana jechuunis, akka itt fulduratt jiraatan fedha bilisan murteeffatu jechuu dha. Nagaa fi araarri bilisummaa malee hin argamu.
Nyaaphi Oromoo cabsee itt roorrisuu kan danda’e meeshaa abidda tufu fi gargaarsa aanga’oota garba gamaatii argateenii. Yeroo hundi meeshaa walfakkaataa qabu fi Oromoon wal ta’ee ofirraa faccisu, halagaan Oromo hin uggu turee. Kanatu kolonummaatt geessee qabatticha sabgidduu (international) taasisee. Furmaati saas sadarkaa sabgidduutt ilaalamuu qaba. Lolichi Oromoo fi Oromoo sirna halagaa fi halagaatt waaqeffatan giddu dhaa. Akka kan Oromoo fi Oromoo gidduutt fudhachuun dogoggoraa. Akkasitt ilaaluun akka furmaati hin argamne gochuu danda’aa. Oromoon aadaa tokkoo fi safuun waan buluuf, gamtaa, atooma tokko qaba, waliis ni birmataa ture. Amma diinatt madaquun ilaalcha adda adda kan guddifatanii fi fedha ummata saanii kan dabarsanii kennan jiru. Aadaa fi dudhaa Oromo ulfoo ta’e fedha nyaaphaaf yoo dhimma itt bahuu yaalanis ni muldhatu. Yartuun Oromummaa fakeessitee fedha nyaaphaa fulduratt oofaa jirtii. Qabsoo “fiixaan hin baane” kan jedhaniin keessatt qooda fudhachuu irra halagaa jala of ruuqanii akka inni jedhett jiraachuu filatanii jiru. Qabsoo jija meeqan argame, tuffii fi salphina meeqa keessaa isaan baasee arguu dadhabu. Yaadi gadihantummaa bara qabsoon kana hedduun yoo irra haanan, yartuun qaamaanis yaadaanis achi keessatt hafanii. Oromoo fi ummatooti waliin kufan qabsoo waggoota dhibbaa oliif gaggeessaniin bifti bulmaata empayeraa jijjiiramee jira. Galtuun garu jijjiirama sana akka bilisummaa isa dhumaatti fudhattee. Bilisummaan argamuuf Oromoon mirga hiree ofii ofiin murteeffachuuf nagaan referendum gaggeeffachuutu irra jira. Sun ta’uu baannaan humnaan diina cabsanii bilisa ofii labsachuu dha. Murnoota subhedduu waliin dhoofsisuun sana boodaa.
Bara Tafarii, bulchi godinootaa kan dhuunfaa abbaa duulotaa fi nafxanyoota saa ta’uun hafee, waltessame ture. Abba tokkeen nafxanyaa abbaa lafaa ta’uun garuu hamma taatee 1974 “Warraaqsa Itophiyaa” jedhamutt hin hafne. Ergasii lafti kan mootummaa nafxanyaa fi ummataa ta’uun labsame. Mootummootii itt haananii dhufan ummata buqisanii lafa abbaa qabeenyaa garba gaamaatii gurguruutt ka’anii. Dargaggoon “Lafa qoteebulaaf” jedhee dhiiga itt lolaase, kiisa qondaalota halagaa warqeen guutuutt ka’ee. “Baqa udaanii, albaatii irra baanee” kan jedhan kana. Bulchootii empayera Amaara ta’uu baatanuu Amaarinyaa kan dubbatanii fi ittiin hojetan, akka Amaaraa kan yaadan ta’uutt ka’anii. Kan hojiirra oolchanis imaammata Abbooliin Amaaraa empayericha bu’uursan ture. Kanaaf hamma caasaan empayera diigamutt kan bantii irra jiran afaan Oromoo dubbataniif mootummichi kan Oromoo yk ummatoota cunqurfaman walqixxummaan kan qooda fudhachiisu hin ta’u. Kolonootis bilisummaa dharra’aniif hin argatanii. Kun kan ta’uu danda’u naannaa diriiraatt marii kanneen dubbiin ilaaltuu yk qawween qofa. Dubbii xaxuun, akka daangaa cehanii walitt bu’an gochuun, federeeshinni tasgabbii dhabsiisuun, finnoota federaawan waliin waraana kaasuun, ummatoota, murnootaa fi abba abbaa walitt naquun fi qabattee waraana uumu kaasuun, sobaa fi dagi hundi, komee keessaa seera qabeesa ta’e irraa nama ceesisuufii. PPn dubbii xaxuu akkasiin jiraataa. Dubbii xaxuun kamiyyuu Oromoo fedha saba saanii, bilisummaa fi walabummaa irraa isaan hin mitiqsuu. Qabatteen sabgidduu gita bittuu biyyoota adda addaa fi PPn ka’an fedha saanii godicha qaban egeree ni huba ta’aa. Garuu, kamiyyuu ammaaf qabsoo bilisummaa Oromiyaaf godhamu caalaa durfannoo hin qabaaatu.
Heerri federaalaa tarii rakkina jiruuf nagaan furmaata kenninnaa jedhamee eegamee ture. Garuu kan fakkeessaa ta’ee, hamma yoonaa hojii irra hin ollee. Silaas kan empayera bu’uurse keessaa tokkoon kan labsame irraa tolaa eeguun gowwummaa ture. Ammayyuu aangoon wirtuu jiru akkuma bara Nugusichaa dhimma finnootaa keessa seenee qajeelfama kennaa. Bulchaan finnootaa federaawanii illee, wiirtuu dhaa muudama. Nugusicha duuba moototi dhufan hundi mirri koloneefatummaa akka jijjiiramu hin barbaadnee. Hundi saanii abbaa hirreetii. Akeekota demokraasii fi walqixummaa fudhachuun fakeesaaf malee uumaa saanii keessa hin jiru. Burruusa harkaa butanii hojii irra olchuu gaafata. Kana malee, aadaan malbulchaa empayerittii bososee, ligdaawaa fi seeradhabilee ta’ee jira. Sana sirreessuun warraaqsa hundeebuqqis fi warraaqxota of kennan barbaada. Dullooti gurguddoo Oromoo qaata yaadaa fi shakala halagaan faalamuun, aadan Gadaas keessumaa itt ta’uun hin oo’isamu. Abdiin kan jiru dhaloota Qubee kan aadaa Fidalaan hin faalamne. Dhaloota itt haanu akka duubatt hafummaa, ligidaawummaa, soba fi seeramalummaa halagaa hin waaqeffane irraa baraaruuf, sirni kolonii, Oromiyaa irraa haqamee Gadaan ammayyoome bakka buufamuu qaba.
Ollooti Oromoo, Oromoott duuluu yoo yaadan dursanii Oromoo keessaa nama madaqfatu. Sun madaala aangoo gara saaniitt jallisa. Jaarraa tokkoo dura Oromiyaa qabachuuf sanumatu ta’ee. Michuu saanii akka Goobana Daaccii fi Oromoo boojuu fi galtuu keessaa foo’atanii Oromoo moo’uu danda’anii. Goobanni gosa keessa ba’e Tuulama cabseetu Oromoo biraatt darbuu kan danda’ee. Ergasiis Oromoo too’achuuf haa ta’u ummatoota biraatt duuluuf mootummaan koloneeffata Oromoo loltuu fi basaasatt qaxaruun dhimma itt bahaa jira. “Qottoon maal nu goddhe dabaa nu keessatu nu midhee jedhe mukii”? Kana hambisuuf dabaa of keessaa sirreessuu yk dhabamsiisuu dha. Kanaafis walabummaa saba ofiif kan ijaaraman wareegamaa jiru. Gar lachuu, bilisummaa fi farra bilisummaa ta’anii kan bobba’an dargaggoo Oromoo silaa saba ofiif homishoo ta’an jiru. Duula duubatt harkisaa koloneeffataan godhu hunda irra nammi Oromoon hin dhibu. Kanaaf, loloota bilisummaa Oromoo fi kanneen ummatoota naannaa jiranii, diinni galtuu Oromoo hiriirsu malee takkaa injifatee hin beekuu. Kanaaf, Oromoon akka aangoo duubatt harkifannaatt fudhatamaa jiru. Koloneeffamuu dura nammi Oromoo kan beekamu roorro safuutt fudhachuu fi akka walqixummaa, qajeltuu fi bilisummaa jaaldhatutt ture. Sirni sunii fi safuun baduun nammu akka wal hin amannee fi garaagarummaa bilisummaa fi bilisummaa dhabuu wallaalaa jira. Nammi Oromoo tokko gochaan haa ta’uu yaadaan bilisa waan tureef fedha ummataa saa eegsisuuf yoo bobba’u itt amanee fi ofitt amaneetu. Amma kanneen yaadaan walaba hin taane, ayyaan laallatooti ashkarummaa yoo filatan muldhatuu. Mooraa diinaa keessa dhaabatan lammii saaniitt arraba yoo lolloqsan hin qaanawanii. Kan tufan arraabsisaatu irra marfamee. Garuu, duuti gamanatt sodaatan, gamatis biraa hin hafuu, caalaattuu salphina gantuu jedhamuu dabalataa.
Oromoon, aangoo duubatt harkifannaatt akka hin gumaachine maal yoo goone wayyaa? Halagaaf jalee ta’ee tajaajiluun araada itt ta’e taanaan jijjiiruun hamaa dha. Kanaaf waamicha isa dhumaa godhaniifii didnaan diinichatt dabaluu dha. Kan hojii dhabuun rakkatee itt gale mala irra itt haanu dheeruu dha. Kan wallaalummaan gowwoomee itt galee barsiisanii ofitt deebisuu dha. Ummatis rakkina saa barraan furmaata itt barbaachuu danda’aa. Kana malee maqaan Oromoo, sabaawota humna duubatt harkistuu, galtuuu fi baandaa ta’aniin hanga yoomiitt badaa? Yoo jaala waliin walitt aaran, durumaa abbaltii saa hin qaban taanaan, kaayyoon saanii kan hundee hin qabne ta’u malee, maaltu moora diinatt nama baqachiisee? Yoo haala jijjiiruu dadhaban bakki itt baqachuu danda’an mooraa diinaa qofaa? Yoo durumaanuu habaqala nyaaphaa ta’an malee, ganuu irra of ajjeesuu hin wayyuuyii? Amaarri “Ishohin ba ishoh” jedha. Isaanii fi isaan kan hordofan, sanumatt dhimma ba’uu, Oromoo Oromoon cabsuu. Daallichi na jaallatan se’ee, xinnoo yoo gufatan “anaa cabsu” jedhaa jiraataa. “Akka saba koo cabsite siyaacabsu” jechuun abjuunuu itt hin dhufuu. Jecha “Sangaan harka isa qaluuf deemu arraabaa” nama yaadachiisa.
Dargaggoon Oromoo booree seenteettii; hanga nyaapha biyya ofii keessaa hundeen buqqistutt hin deebituu. Waggoota dhibbaa oliif dargaggoon Oromoo booree walitt dabarsaa baatee. Qerroo fi Qeerrantiin, bara baraan caalaa dammaqaa, caalaa ijaaramaa, caalaa hidhataa, caalaa qarooma dhufaa jiru. Garuu konkaa keessatt bobba’aa hin jiranii. Dirree miinoo diinaa keesa sosso’uu. Kanaaf, qaruuteen isaan yoo hin caalle, dinni luxxee galuun isaan mancaastii. Tooftaan hogganoota empayera dhaabbataan, “Gargar baasii rukuti” kan jedhu, Godinaa fi godinaa, gosaa fi gosa, murnaa fi murna, warraa fi warra, jaalaa fi jaala, ijoo laafaa saanii filanii haleeluun gagar facaasuu. Kana gochuuf, aarsaa fedhe fi qabeeya meeqa, ogummaa hin yaadamne itt baasuu. Qabeenyuma Oromiyaa irraa quncisanii fi sammuu fi dafqa Oromoo galtuun Oromoo cabsuu. Qabeenya ofii irra buufachuu hanga danda’anitt irraa hirmachuu yaaluun waan gorfamuu. Sana ga’uuf jaarmaa qilleensa hin galchine fi dooyyaa dammaqxe fi hoggansa of kenne barbaachisa. Kana jala dhaabbachuuf halkanii fi guyyaa hojjetanii diina saanii cabsuuf, of bara malbulchaa ummataa olkaasuu gaafataa. Sadarkaa dammaqinaa olkaasanii diinaaf akka gonka hin jilbeefannee fi gonka hin sarmne, garuu akka didhan gochuu dha.
Boona, ofitt hirkanaa fi walabummaa saanii duriitt akka deebi’an Oromoo dandeessisuun waan dharra’amu. Sadarkaa diinaaf hin jilbeenfanne, yeroo hunda sarmuu utuu hin ta’in akka nakkaran dandeessisuun barbaachisaa dha.. Egereen Oromoo, dargaggoo gaaraa fi sulula Oromiyaa mana godhattee, argatu nyaattee dhabdu agabuu buluun, nyaapha romisiisaa jirtu harka jira. Iseen kaan, afaan Oromoo dubbatteef Oromoo dhimmamti jechuu mitii, sirna diinaa kufaatii irraa oolchuuf halagaa jala kurkuraa jirtii. Garri caaluu beelaa fi gidiraa qabsoon qabdu dheesanii nyaphan fira jedhanii jala dhokachuu filatanii. Karaa biraammoo, ijoollee maqaa OLF WBOn bobbaatee. Oromoo boonsuun, salphina keessaa baastee kabaja gonfachiisaa jirtii. Cinoofte jedhanis, furroofte jedhanis, diraatuuu dha jedhanis, isee malee kan Oromoo ittiin boonnu si’ana jiraayii? Jarri kaan, biyya abbaa saaniif hafee jara luka fuudheefuu, rasaasa kashafe wayitt hin gallee.
Dargaggoon kun kaayyoo ganama angafooti saanii diriirsan utuun hin gatin caalaa taliilessaa fi jabeessaa jiru. Akkuma ganama dhiibbaa halagaaf utuu hin sarmin, walabummaa ofii eeganii qabsoo ofitt irkataa gaggeessaa jiru. Kan garaaf miira ofiin sossobamu yaada dhiphoo of keessaa qulqulleessaa yoona ga’anii. Jaallummaa fi seeraan bulummaa jabeessaa, gandummaa fi duubatt harkifattumaa sirreeessa akka deeman haa abdannu. Sadarkaa hawaasi Oromoo irra jirutt “gandummaan” maa mullate hin jennu. Akka kaayyoof gumaachuu fi atooma fiduu danda’utt qabamu qabaa. Kunimmoo barumsa ofbara malbulchaa cimsuun irra haanamu dha. Hundi gara garummaa qabnu kabajaa ilaalcha irratt akka xiyyeeffatutt masakuun dansaa. Xurree kana gaafa gaddhiisaan walabummaa fi abba biyyummaan hawwineef kumaa fi kitila itt baafne, ni dooma jechuu dha. Dhaabi saanii dhaaboota addunyaa keessa jiraniin adda hin ta’u. Rakkina guddaa kan facaan ga’u isaan mudachuu ni danda’a ta’aa. Taatee akkasii kutataa, dudhamaa fi hin mamneetu irra haanaa. Sirrummaa kaayyoo qabatee ba’ee mamnaanii fi hojii irra oolchuu daddaaqnaan badii ofitt farrise jechuu dha.
Kan qabsoo irraa dacha’e, hamma kaasaan manaa ba’eef furmaata argatutt ofii bada malee kaayyichi achuma taa’ee kan hojiitt furu eeggata. Walabummaa, bilisummaa fi abbaa biyyummaan fagaataa deemuus ni dhaqabama. Kanaaf hoggansa beekaa, kutataa fi kan hin daddaaqnne barbaachisa. Qabamnee bilisoomuuf yoo qabsoofne jajalloo nu keessaa ba’antu diinaan sossobamanii danqara nutt ta’aa jiru. Lammiin Oromoo nyaaphaaf hiriire, kan walabummaa biyya ofiif hiriires walqixxee dhumaa. Nyaaphii jalbiyyoota Oromoo maqaa balleessuuf,isaan fakkaatee nama ajjeesuu, butuu, saamuu, mana gubuu fi yakkooti kkf.heddummaataa jiru. Nammi hojjechuu haa ta’u, nagaan mana taa’uu fi manaa ba’ee galuusaaf iggitin hin jiru. Duuti Oromoo heddumaataa jira. Kanaaf gaddi mana Oromoo ba’uu hin dandeenye. Oromoon erga bakka itt baqatan dhabanii shororkeessamuun jiraachuun guyyuu guyyuun itt caalaa dhufe. Gargalchii kan isaan shorokeessu hafee dhaabi isaaniif dhaabbate shororkeessaa jedhamee. Tokko tokko filmaata jedhanii kan dhiheessan, loltuun Oromoo ummata ofii garbummaatt dhiisee qawwee akka irkisuu. Kanneen biraammoo, Oromoon wal ta’ee bilisummaaf ijaajjuu fi diinaaf hojjechuu dhaabuun, akka diinich diriira dhoofsisatt dhufu dhiibbaa itt gochuu dha jedhu. Oromoo keessaa yoo diina bira goran malee diinichi yoomiyyuu Oromoo ta’anii ummatoota bira dabssachuu hin danda’uu. Ummata dhiisanii kutuun waan hin yaadamnee. Nyaaphi lakkoofsa Oromoo ofiin qixxeessuu muratee jira. Kunis akki itt dhaabbatu, qaama qabsoo ta’ee falli itt barbaadamuu qabaa. Du’a obbolaa kamiifuu garaan nu gubatus, biyya malee ulfinaan jiraachuun waan hin danda’amneef biyya durfanna. Dhalli Oromoo qaama humna weerartu ta’e dhufu nyaapha irraa addatt hin laalamu. Waliin mancaafamu. Kanaaf jalloon nu keessaa Oromoo fi Itophiyaa keessaa filachuu qabu. Hamma Oromoon hiree sabummaa ofii, ofiin murteeffatutt qabsoon isaaf tolfamu matumaa hin dhaabbatu. Oromiyaa haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Caamsaa 2024