Bara Dhagaa eegalee hanga Bara Iyyaatii kanaatt sabooti qabeenya diinagdee irratt walitt bu’aa jiraatanii. Bara imperialism sabooti Awuropaa Afrikaa, waldayyaa misa teknolojiin isaanii gad jiru, garuu qabeenya uumaan badhaadhaa ta’e hirmachuuf wal ta’an. Afriikaanota eeboo qofa mirmirsan qawwee ibidda tufuun dabsachuutt milkaawanii jiru. Biyyi Afrikaa miltoo saanii ta’uuf madaqfame biyya mootii Habashaa, duuba Itophiyaatt moggaafame qofa ture. Biyyi mootii sun akka Gaanfa Afrikaa waliin hirmatu hayyamameefii ture. Hibboo ta’ee kan hafe wanti raajii, biyyi Afriikaa gurraachi adoota Awuropaa waliin koloneeffataa ta’uu saatii. Adii ofiin jedhammoo, kirrii hidhachuu saaniituu?Tokko tokko baballina keessaa malee koloneeffachuu miti jedhan itt uwwisanii darbuu fedhu. Bobbaan akka Dilii Adwaa 1896 akka waraana gurraachaa fi adiitt kan fudhatan jiru. Awuropaanot fedha qaban kan qawwee haaraa akka itt garagaggalchan Itophiyaa gargaaranii Diirree Dili Adwaa turanii. Raayyaan Xaaliyaa wayyabi saanii gurraachota Eertraa turanii. Dilichi kan koloneeffatoota lamaan turuyyuu akkasitt himamee hin beeku. Habashaaf kan qawwee ammayyaa kennanif Xaaliyaa fi biyyoota Awurophaa miltoo ta’aniif turanii. Akka didhaa olloota hidhannoo ga’aa hin qabne irra haananiif hidhannoo ammayyaa, dirree hundaf ogeeyyii, leenjisoota lolaa fi gorsituu waraanaas isaantu kenneefii. Sun hariiroo godinicha dudhaan ture jijjiiree. Booda hidhannooti kun miltoo tokko, Xaaliyaanii injifatuuf dhimma baasee. Itophiyaaf maqaa fiduu fi xaaliyaanii salphisuuf ummatooti kolonii kumaan lakkaawamantu wareegamee. Minilik harkaa fi milla gurraachota boojuu meeqa cirsiise. Mootummooti abbaa hirree ergasii dhufan hundi Dilii Adwa hololaaf dhimma itt bahuutu beekama. Eenyuu ayyaana argannaan walmoo’uun halluu gogaa hin laalu. Jara sanyiin walcaala jedhan malee moo’amuun Xaaliyaanii eenyuunuu hin malalchiisu. Dilii argame abbaan dilii ayyaaneffachuun akka, garuu waan halluu gogaa itt dabaluun of tuffachuu ta’aa.
Waraana addunyaa lamaan booda qabaan seera haaraan waa’ee mirga ilmaan namaa bakka hallee fi hariiroo sabootaa tumamanii turanii. Aanga’ooti hundi bara abbaa waranotaa raawachiisu fi sirna addunyaa haaraa bakka itt sabi hundi seeraan bulmaataan masakamu qabaachuu irratt waliigalanii turanii. Sun ta’us aanga’ooti, bulchaa Habashaa seera hinqabne, kolonota saa irratt erga kolonootii Awuropaa “bilisa” bahanii duuba kan deggeran turanii. Kanneeni, kan as irratt qaama sadaafaa jennuu. Hariiroon empayera Itoppiyaa waliin qaban dorgommee addunyaa guutuu keessaa qabani isee xiqishuu tokko. Kan ofii, hariiroo qaban hundaa waliin walitt ilaaluun ni gargaaraa. Kolonummaa ammayyuu unkaa jijjiirratee akka kolonummaa haaraatt Afriikaatt cichee jira. Empayera Itophiyaaf ammayyuu unkaan utuu hin jijjiiramin kolonummaa ittuma cichee jira. Danuu seenaa kana irra kan ka’e bulchi empayera Itophiyaa fi murni Amaarinyaa dubbattu sobaan lafoota saboota, sabaawota fi ummatoota koloneeffatan, qaama biyya Habashaa kan assosama waggoota 3000tt dabalame jedhuu. Kanaaf, gaaffii hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu fi heera federaalaa hin fudhatanii.. Maaliif Amaarri qofti kana mormaa? Kolonummaan emapayeraa akka hin haqamneef ta’innaa? Oromoon kana caalaa eenyummaa sobaa jala jiraachuuf obsa hin qabanii. Oromoon akka gosa yk kutaa Itophiyaa tokkoott utuu hin ta’in, murtoo egeree ta’u hunda akka sabaatt, muruutu irra jiraa. Muuxannoo jiruun Itophiyaan dudhaa saa fi ilaalcha kolonoota saaf qabu hin jijjiiruu.
Aanga’ooti addunyaa fedha eegsifatan Itophiyaa fi Afriikaa guutuu keessaa qabu. Qabsoon bilisummaa Oromoo hamma yoonaa xiyyeeffanno qooda qaammi sadaffaan qabaniif hin kenninee. Garuu, hamajaajiin isaan malee hojjechuu waan hin dandeenyeef gidiraa kana keessaa shaffisaan ba’uuf hubannoo walqxxeen kennamuufiitu irra jira. Kanaaf, qooda fudhachuun saanii waan hin hafne kan ta’eef, qaama furmaataa isaan gochuuf yaaluu wayyaa. Nagaan dhibuun gabaa waan borcuuf qaama sadaffaan hin leellifamuu. Bilisummaan ofii akka fedha saanii seerawaa jalaa hin tuqne mirkaneesuufiin fanfana saanii hin baabsineett jijjiiruu danda’a ta’aa. Akka Oromoo, dhodhommoqa kan isaan dhowwu Safuu hin qabanii. Akkuma empayera Itophiyaa uuman diiguu saas gargaaranii sabooti bilisa akka bahan gochuu danda’uu. Hamma yoonaa, qaamoti sadaffaan falfala beekan gargaaru malee, gaga’amaa abbaa dhugaa ta’e, kan akka qabeenya taadhii michu saanii qofatt beekan hin gargaaranii. Oromoon, akka koloneeffaataa fi cunqursaa saaniifi michuu ta’anitt beeku malee, feccoo saa baruuf dhimma hin godhannee. Kanaaf qammi sadaffaan dubbii araaraa keessa jiraachuun hobbaatii saa irra dhimma waan qabuuf, dansa ta’inna jedhameetu. Yo inni waan isaan irratt waliigalan dide gargaarsa saanii irra kaasuu yk garee jijjiirratu. Lord Palmerston MM Britaaniyaa, jaarraa 19faa keessa, “Gartuu bara baraa, akkasumaas diina barabaraa hin qabnu. Fedhooti keenya kan barabaraa fi dhaabbatootaa. Fedhoota kanneen kan hordofuun dirqama nuuf ta’anii. Jarri Lixaa ammayyuu kana akka akeeka saanii bu’uuraatt hordofuu.
Warraaqsi Oromoo humnoota sadii kan wal lolan lamaan fi kanneen godinicha irra dhimma qaban qooda fudhachiisaa. Humni Oromoo mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu fi abba biyyummaa mirkaneeffachuu fi kolonummaa
isa dhumaaf haquuf warraqsa gaggeessa jira. Humni hamajaajii, Habashaan kana hankaaksee Oromiyaa too’achuuf tattaafata. Qaama sadaffaan fedha ofii eegsisuuf gara injifataa goraa. Qammi sadaffaan maal naan jedhu hin beekuu isaan kaan deeganis, dhibamanis dantaa hin qabuu, demokraasiis isaan hin barbachisu. Hoggansa hirkataa, kan ummata ofii dhiisee isaan irratt hirkatu barbaadu. Ummatichaaf dantaa hin qabanii. Gara Oromoo yoo ilaallu biyyi saanii qabama jala erga oolee waggoota dhibbaa fi shantama ol ta’ee jira. Isaan duras, Oromiyaan lafaan marfamtuu waan taa’teef qunnamtii alaa waajjiin qabdu hamma hin jirree ture. Habashaan fulaa alatt baasu waan qabuuf qunnamtii malbeekii fi daldalaa bara hedduuf qaba ture. Fakkeenyaaf, bara Gadaan Oromoo lammi duubatt dhiisanitt deebi’uuf jaarraa 16th socha’an, karaa saanii irratt humna weerartu Habashaa qofaa utuu hin ta’in yerositt humna addunyaa kan ture Porgugal waliin wal waraanutu irra ture. Habashaan anjaa Oromiyaatt karaa darbaa cufee akka hin beekamne fi bu’aa alaa argamu akka hin arganne gocha ture. Homishi fi daawwatooti Oromiyaa achi keessa darbuutu irra turee. Abyssiniyaan meeshaa ammayyaa fi hidhannoo abidda tufu garba gamaa argata. Oromoon eeboo, seefii, hofaa fi kkf. meeshaa ibidda tufuun lolee kufee. Kufus humnaan gadi qabame malee bulcha alagaaf sarmee hin beekuu.
Amma Oromoon erga qabsoo bilisummaa hunda haammatu, ABO bu’uursanii walakkaa jaarraa ta’ee jira. Sanaan jiji guddaan argamus bakka garaa saanii hin geenye. Oromiyaan qabeenya uumaa of irraa hafee gaabaatt kan baaftu qabdii. Ummati see homishaawaa, uumsataa hojii jaallatu. Qaammi sadaffaan kana beekus, Habashaa gargaaruu irra harka hin fudhannee. Ofbarri malbulchaa Oromoo isa durii mitii. Oromummaan caalaa jabaataa dhufee. Sii’achi namaa gadi ta’anii jiraachuu kan hin feene wayyabaa saaniitii. Kan hafanis hamajaajii waliin dhaabbachuun of arrabsuu akka ta’e yoo baran ni deebi’uutu abdatama. Kana malee Oromoof hanga gama dhabbatanitt hamaajaajichuma ta’uu. Oromoon, nyaapha nagaa irraa bu’aa hin abdanne waliin walqaba akka jiru baratee jira. Kanaaf Oromoon hidhannoo saanii jabeeffachuu malee filmaata hin qabanii. Daldalaaf haa ta’uu, tarsimoo adda addaaf nagaa fi tasgabbiin barbaachisaa dha. Nagaa, araaraa fi tasgabbiin akeeka Oromoo bu’uuraa fi kadhaa saaniitis. Qabsoon Oromoo, Oromoo nagaa dhabanii salphataniif, nagaa, araaraa fi ulfina fiduufii ta’aa. Hamma sun hin danda’amnett nagaan naannaa ni eegamaan gowwumma dha. Garri wallolan lamaan si’ana teknolojiitt dhimma ba’uuf carraa walqixxee qabu. Garuu nyaaphi qabeenya empayerichaa fi tumsa alaa dudhaan waan irra hin citneef, lolli sabaa riphee lolaa caalaa guddatee buqqisuuf ni suutumee. Sanaan kan ka’e gidiraan ummata nagaa fi mancaan qabeenya itt fufaa jira. Sun gatii bilisummaa ummataa fi walabummaa biyaaf baafamuu barbaachisuu.
Karaa biraammoo, akka qabsawoti qawwee lafa kaa’anii lola dhaaban kan wawwaatan jiru. Sana kan akka bilisummaan tolaan hin dhufne hin beeknetu xibaara. Dhiigi kun hundi kan dhangala’uuf namaa gadi taanee jeraachuu irraa du’uu wayya jedhameetu. Haalli ganama mormii kaase utuu hin sirraa’in gatanii, sabicha ibda caalaa keessatt dhiisanii kutuun kan onnee qabuuf waan hin yaadamnee dha. Abbooliin, “qeerransa eegee qabanii (hanga irra haananitt) gadi hin dhiisan” jedhu. Nyaaphi buddeenuma ofii qunxuree namatt darbateen quufuun, uumaa ilmoo namaa miti, kan Ilmaan Ormaas mitii. Qaammi sadaffaan gar diinaa goru malee, akka Habashaan giidoo of keessaa maddisiise qofaan madaalaa qabsoo jallisuu hin dandeenye beeknaa. Kanaaf, isaan irratt duula malbeekii baldhaa gaggeessuun barbaachisaa dha. Kan dhugaa qabu fi kutate yoomuu ni moo’aa. Kan roorroo jalaa bahuf wuxxifatu yoo hin baanellee, nagaan akka boora’u gochuu hin dadhabu. Bakka nagaan dhibett fedhaa ofii eegsifachuun hin danda’amu. Qaama sadaffaaf roorisaa waliin turuun gatii baafamu guddaa fidee dhufuu danda’aa. Isaanuu “fedha dhaabbataa malee, miltoo dhaabbatan hin jiru” jedhu. Kanaaf, yaada jijjiirrachuu danda’u. Kan bu’aaf fiigu honga’uu hin barbaadu. Dhuma irratt, kan meeshaa biyya balleessu qabu utuu hin ta’in, kan dhugaa qabuu fi kutatetu irra haanaa.
Oromoof nagaa fi araaraa fiduu jechuun of qofaaf utuu hin ta’in, naannaa sanaa fi Afriikaa guutuuf nagaa fi araaraa buusuu jechuu dha. Oromoon olloota irra nagaa, hariiroo dansa, fi gamtaa malee waan fedhan hin qabanii. Oromiyaa keessatt hojjetee jiraachuu kan barbaadu seeraan bulmaata malee ulaagaan biraa hin gaafatamu. Oromoon biyya ofii keessa akeeka demokratawaa durii haromsanii deebi’anii ittiin buluu barbaaduu. Demokraasiin akaakuu nageenyaa, walqixxummaa, bilisummaa fi qajeltuu waan ta’eef abbaa hirroota haa dhibu malee demokratoti waan yaadda’aniif hin qabanii. Garuu Demokraasii fi ofaangessaa walitt camaduun hobbaatii misha hin qabaatu. Fakkeenyaaf, OPDOn Oromoo gowwoomsuuf TPLFiin Tigrayitt, danta TPLF fi dhanoonamee hojjetame. Kan irra uumame namoota afaan Oromoo dubatan irra ta’u danda’a, OPDOn garuu jaarmaa Oromoo ta’uu hin danda’u. Funaansa bitamtee loltuu, basaasota, fi jalee mootummaa Habashaatii. Sabaawoti Oromoo, qabsoo dhawataaf onnee hin qabne, achitt baqatanii mooraa diinaa keessa mala Oromoo ittiin fixaniif yaada fi humna gumaachaa jiru. Waaq Oromoo akka hin dhumneef baayyisee waan uumef fixuu hin dandeenye. Kaayyoo hin daddaaqne qabaachuun, baayyinni fi homishaawummaan saanii waan jabeessuuf, Oromiyaa burjaajii keessa jirtu, naannaan nagaa argachuun waan hin yaadamne. PP qaccefixa tolcheef akka sadarkaa sabgidduutt qorqora jalqabame kiyyoo keessaa baasuutt qaammi sadaffaan harka keessaa hin
qabu jechuun rakkisaa ta’aa. Demokraasii fi badhaadhinni qeeyee saaniitt jaaldhatan ergamsa alaa saaniif anjaa hin qabuu. Wayyabi garba gamatti leellifamuu, Afriikaatt ceenaan ni dhaabbata.
Ummati Oromoo seenaa, afaan, dudha fi biyya badhaatuu takkittii qaba. Eenyummaa kana beekuu qofa kan gara diriira nagaan itt dubbatamutt geessuu kan danda’uu. Sirni nafxanyaa qama, sammu fi qabeenya saanii irra gidiraa namaa baasaa ta’e irraan ga’e. kana beekanii dhiifama gaafatu yoo jedhamu lola biraaf qophaawaa jiru. Gidiraa abbootii in Oromo irraan ga’an fudhacuun of yakku akka ta’ett kan fudhatan fakkaataa. Kanaaf gaaffii Oromoos, yakka irra ga’es haalaa jiru. Oromoon waan keessa darbanitt deebi’uurra akka du’anii badu filatan deeddeebi’anii himu. Hanga kana gargar jiraatani 1991 tokkichaan walitt riqachuun saanii kana agarsiisaa. Bara kana, isaan caalaa tokkummmaa kan agarsiise hin jiru. Si’ana afaan saaniin wal quunnamu, afaan saaniin wal farsuu yk abaaruu, afaan saaniin waan ceeraa haa ta’u kan danbooba, kkf ifsatu malee akka durii dirqiin afaan roorrisaa itt fe’uun hin danda’amu. Haa ta’u malee hojii federal argachuuf Amaarinyaatt belbellee ta’uun ulaagaa barbaachisaa akka ta’ett hafee jira. Sunis qabsoon irra haanamaa. Hololola diinaa kan Oromoon baddaa fi gammoojjiin afaan walii hin beeekan jedhu hojiin agarsiisuun soba buusifanii jiru.
Amma Oromoon Oromummaan hin boonne galtuu fi ruchabee qofaa. Hardhaa jedhee borii saa kan balleessu, ulfina ofii halagaatt dabarsee kennu jechuu dha. Oromummaa, hallekaas (engine) tokkummaa fi bilisummaa deebi’ee dhalannaa Oromoof hundi of keessaa qabu. Kun murnooti Oromoo tokko tokko kan maqaa adda addaa jalatt akka sochi bilisummaa guddichaan dorgomtootaatt ijaaraman wallaaluun mitii. Danbiilee nyaapha sabaan of ijaaranii. Utuu dura biyya saanii bilisa baasanii, sana booda akka ilaalchaatt ijaaramanii wayya ture. Kana malee, Oromiyaa fi dorgommee humna empayera Itophiyaa godhamu gidduu baabsuu dhiisuun rakkoo ta’aa. Safuu dhiisuu saanii mitii? Yakka akka ajjeechaa fi hidhaa Oromooo naga, tole jedhanii fudhachuu hin ta’uu laata? Akka dorgomtootaatt WBO akkamitt fudhatu? Sirna empayera ammayyuu hin jijjiiramne. Hariiroo waliin qaban attamitt ilaaluu?
Ummati Amaara jedhamu akki itt uumamee beekamaa dha. Amaarinyaan akka afaan maqii loltuutt tajaajilu eegalee (12faa century), loltuun sun Amaara ta’ee hamma mootummaa Zaguwee garagalchuutt ga’eetu himama. Sanumatu mootummaa Habashaa fi sirna nafxanyaatt guddatee. Gosa kam keessaa akka maddan kanneen beekanii fi hin beekne jiru ta’aa. Abba abbaan gosa keessa maddanii keessaa qooda qabu. Saboota qabatan hunda utuu hin ta’in hanga tokko akka tasaa ofitt baqsanii, Amaaressanii. Haa ta’u malee ummatooti itt baqan kun hundee saanii irranfachuu hin danda’an jechuun biyya saanii Itophiyaa, nama saanii Itophiyaawii moggaasanii. Afaan saanis Amaarinyaa ta’ee. Utuu nafxanyaaf ummata itt baqan walqixxeett ilaalan ta’ee saba tokkichummaa qabu uumuun ni danda’an ture. Garuu hacuuccan gita bittuu irra ture Gondar, Gojjam, Shawaa taasisee isaan hambise. Kunneen takkaa fedha ofiin tokko ta’anii hin beekanii. Kanaaf maaf akka jiranitt beekamanii, yeroo itt yaadan kennameefii, fedha ofiin yoo barbadan booda hin tokkoomanii? Tokko tokkoon saanii keessa ofii tokkomsuun salphaa hin ta’u.
Kanneen nafxanyummaan bobba’an yerro kolonummaan haqamu biyya itt deebi’an yoo hin qabaanne, biyya itt dhalatan biyya saaniitii. Akka murna Amaaraatti yk nafxanyaatt biyyis qabeenyis hundi keenya yoo jedhan kan harkaa fudhatu hin jiru. Naannichi nagaa argachuuf akka haaraatt caasamuu qaba. Biyyooti jaarraa darbe qaama Abyssinia tasifaman bulcha saanii jalaa bilisa bahuutu irra jira. Akka beekamutt, Oromiyaan haala duree tokko malee 60moota keessa bilisa ba’uutu irra ture. Afanfaajjii halluu gogaa fi lafquyiin walitt dhihoo ta’uu saaniif rakkina jiru, nagaan furuuf Oromoon yoomallee marii fi tumaa saa keessatt qooda hin fudhatin, kan heerri federalaa jedhu fudhatan fakkaatu. Sabooti sabaawotii fi ummatooti guddaa fi xinnaan olloota saaniif mirga sabummaa hiree ofi, ofiin murteeffachuu fi walqixxummaa ilmaan nama walii beekuutu irra jira. Hundi biyya ofii irratt moo’aa ta’uu qaba. Kana fudhannaan kan wal lolchiisu hin jiru. Obbolummaaf karaa ciran jechuu dha. Sanaan hariiroo qaama sadaffaa akka hunda isaaniif anja’utt mari’atanii waliin murteesuu danda’u. Kun Afriikaaf ulfina kennaa.
Olhaantummaan wanti namatt fe’amu hin jiraatuu. Sabooti, sabaawotii fi ummatooti tokkeessoo ummatanis, wallaba ta’uu filatanis hariiroo saanii si’achii, “Ilaa fi Ilaameen” murteeffama malee harka walitt kaasuun hin barbaachisu. Fakkeenyi hardha lafa keenyu tokkummaa Afriikaa isa abbootii warraaqxonni hawwaniif karaa bana. Muuxannoo addunyaa keessaa empayerri gurguddaan gamnaa, raaga, jannoota fi loltuu lakkoofsa hin qabne meeqa qaban yeroo waliin dhiichuu dadhabuun bantii irra konkolaatanii. Empayerri Itophiyaa kan imperialistootaan ijaarame bara korporeet kana dandeettii irraa itt hafu hin qabu. Qaammi sadaffaan aaddaan faallaa dhawa bishanii deemuun hin beekamanii, kanaaf wallolchiisuun utuu hin ta’in nagaa buusuun gamtaawuutu irraa eegama. Eenyummaan Oromoon, Habashaan adda ta’uu saanii beekuun nagaa qaama lammaffaa fi sadaffaa fi addunyaaf fiduu danda’a. Sadanuu fedha walii fi abbaa biyyummaa Oromo kabajnaan addunyaan hundaaf ga’aa dha. Yaaddoon, hoomisha keenyaaf karaan gabaa nutt cufamaa, baqataan nurra dhangalawaa, kkf. jedhu gamtaan deebii argata. Oromiyaan haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Adoolessa 2024