Imperiyaalistooti warshaa saanii ol guddataa jiruuf waatattaa dheedhii argachuuf Afrikaa koloneeffatanii. Biyyi mootii Habashaa, aanga’oota Awuropaa waliin hariiroo seenawaa qaba. Duulota saa keessatt yeroo hunda gargaaraanii turanii. Amma, “Hirmaata Afriikaa keessatt impeeriyaalistoota gargaaruun, afaan kaa’aa akka biyyoota kibba saa jiran qabatu hayyamaa, gorstootaa fi meeshaa abidda tufu argate. Kan isaan Oromoo fi Kibba irratt Habashaa gargaaran isa jalqabaa hin turree. Oromoon, kan Gaanfa Afrikaa keessatt dilormaan wayyaba ta’an, lafa taadhii, qabeenya guddaa, naannaa uumaa dureessa, fi humna namaa hoomishaawaa ta’e fi aadaa malbulchaa demokratawaa Gadaa kan qabu akka malbulchaan buccuu ta’anii gad darbatamanii, addaan baafamanii, deegfamanii, fi fafeeffamuun gargarsa saanii ture. Oromummaan namummaa baafamuu, faanfanamuu, Addaan foo’amu, fi ajjeefamuudhaaf, maalifaa ga’aa turee. Oromoo tokko tokko sammuun garbichaa waan gad hin dhiifneef ammayyuu harka gooftaa saanii arraabaa jiru. Dhaabi saanii Oromoo hunda haammataa ta’e amma waggaa shantama ta’ee jira. Gara manii saanii, walabummaatt tarkaanfii laalessaa fudhatameen wayyumaa fi jija guddaatu argame. Kun, ummata walakkaa dilormaa saa dhabee, kumaalee keessa waan ijaare hundi barbadaawee fi qabeenya fi birmadummaa dhabeef tarkaanfii guddaa dha. Sochii bilisummaaf akka qabsoota bilisummaa biraa sirnicha keessa maddan utuu hin ta’in gaara ummata saanii irratt kuffisan caccabsee ba’uun diina dura dhaabbachuutu irra ture. Sana booda sirni fuudal nafxanyaa cabee koloneeffatooti burjaaja’anii sadarkaa gara kolonummaa dura turett dacha’anii.
Murnooti Habashaa fedaan tokkoomanii hin beekanii. Kan isaan tokkomse ture, qabamuu Kibbaa kan Oromiyaa dabalatu, bu’aa bacaqa, bara baraan nutt hafa jedhanii amanan argamsiisiiseef ture. Sun tasa dura dhaabbatamnan, waan qabatanii fi gaddhiisan wallaalanii, itt hin qophoofne. Sana kan burjaajessee saree maraatuu isaan taasisee. Akka adurree gichillaa fakkaachuuf of bokoksuun, amma hin hojjetuu. Amma ummati qabaman firomsaan isa durii caalaa afaan saaniitt dhimma ba’uu, aadaa saanii shakaluu fi hamaa itt dhufu ofirraa faccisuu danda’u. Bilisummaan isaan irra fagoo hin jirtuu. Jaarmaa cimaa qilleensa hin galchine, naamusa sibiilaa, kaasaa ofiif kutannoo fi dudhama caalaan akka jirratu xinnoo dhiibuu qofaa. Keettoon empayericha gaggeessu, bararama kolonii Afrikaa isa dhumaa fi muudamuu ofiif dhidhittacha isa ijibbaataa gochaa jira. Raafammi naannaa malbulcha si’ana muuxataa jirruu, obonboleettii darbaa jiru kan yeroof miidhu garuu dhabbatummaa hin qabnee dha.
Kutannoo taatota sochi Tokkummaa Afrikaa (Pan-African) bilisummaa duran ture irraa ka’ee, Afrikaan bilisummaa booda xurii koloneeffatooni duubatt dhiiisanii deeman afaalla’uutu abditamee ture. Garuu bilisummaa booda Tokkumaa Afrikaa inni jalqabaa JTA (OAUn) kana gochuu ni hankaakee. Daangaa imperiyaalistootii saboota Afrikaaf sararan fudhate. Kanaaf, akka koloneeffatoon malbulchaa fi diingdee ofiif tolutt addaan baasanitt, lammooti,addaan baa’anii akka hafan fudhate. Biyyi mootii Habasha kan “Laaqii Kiristaanaa garba Moslimaa fi awaama keessattt argamtu” jedhamtee beekamtus, tabba Shawaa gamasii, ali al Shawaa kan dabalatu irra qubatee ture. Kibba saati biyyoota moototaa, republikootaa fi finnoota dudhaa hedduutu turanii. Afrikaa keessa biyya mootii Abssinia qofatu, yeroo” Hirmaata Afrikaa” miltummaa Afriikaa waliin koloneeffachuuf afeerame. Kanaan, Faransaa, Britaaniyaa, Xaaliyaa fi Abyssiniyaan Gaanfa Afriikaa qircatanii. Yoomallee finnooti Awuropaa jaarraa 18faa keessaa garbaan daldaluu dhaabaniyyuu akka mootiin Habashaa baruma sana daldalaa garbaa gudicha ta’uu saa utuu beekanii waliin miltomanii. Maddi garbaa kibba biyya sanaa kan Oromiyaa dabalatu ture. Mootummaan Habashaa hammeenyi kolonoota saaniitt agarsiisaa ture kanneen jara Awuropaa gad hin turree. Imaammata kolonummaa malbulchaa, diinagdee fi hawaasomaa kan biyya haadhaan adda ta’e baasanii. Hallu gogaa saanii, sadarkaa guddinaa teeknolojii fi kolonii ofiitt kalawina lafquwii qoftu kanneen Garbagamaan adda baasaa.
Afrikaanoti hawaasessa malbulchaa koloneeffatoota jala waggoota hedduuf waan turaniif, miira ofii garalaafummaa namummaa dhiisanii kan isaan barsiisan fudhatanii jiru. Bilisummaa booda akka obbolaatt gamtoomuun hafee, akka “Nuwii fi Isaaniitt” qubaa walitt qabuutt ka’anii. “Nuti Afriikaanoti” hin jedhnee. Oromiyaan biyyi Oromoo, kan Afrikaa keessa ummatoota lakkoofsaan baayyee, biyyoota Afriikaa kaan waliin garuu saba bucuun koloneeffamee ture. Koloneeffataan saa garbagamaa waan hin dhufneef, teknoloojiinis dubatt hafaa waan ta’eef, milluu addunyaa hin hawwannee. Akkuma kolonoota biraa waatattaa dheedhii kolonoota saanii irra saaman warsha tokkollee waan hin qabneef kanneen Awuropaaf dhiheessu turanii. Hidhannoo abidda tufu itt dabalameefiif malee kolonoota want itt caalan hin jiru ture. Oromiyaan baras qonnaa, ogummaa mukaa, kililchoo, jirbii dhawuu fi hojii gaafaa fi ilkaa kkf qabdi turtee. Erga biyyooti Afrikaa hundi bilisoomanii booda waa’ee kanneen Habashaa kan kaaseyyuu hin jiru. Giti bittuu Afriikaa bakka koloneeffatoo bu’uu saaniif buhaaraa turanii. Bilisa utuu hin ba’in hafuu kolonoota Itophiyaa kan kaase hin jiru.
Qilleensi bilisummaa addunyaa hundaaf qilleensawe karaa Empayera Abyssinia hin baanee. Kolonummaan Abyssinia keessaa, gurraachumaa jala, hoduu dur durii biyya mootummaa fi fedha hin labsabne aanga’oota guguddoo jala dhokatee darbe. Oromiyaan jaarraa tokkoo oliif bilisummaa fi walabummaa ulfooftee jirtii. Guyyaan da’aas dhihaatee jira. Dhaaboti, handhuurtuu ta’uu danda’u malee dhalaticha ta’uu hin danda’anii. Dhaabota hiraarsuu fi balleessuun gonka dhalachuu bilisummaa fi walabummaa hambisuu hin danda’anii. Sun, ajaja uumaa waan ta’eef waan hin oolee. Abdattuun sirna nafxanyaa fi kittilayyoon saanii, sobduu, hattuu, qomtuu, ayyaan laallattuu, gantuu, duubatt harkiftuu, daddaaqxuu fi hankaaksituun abdii haa kutattuu; Oromiyaa, mirga ofii butachuuf haxiixaa jirtii. Amma, yoo xinnaate, kaasaa hundee jibbaa fi walamanuu dhabuu obbolotaa Gaanfa Afriikaa, akka waliigaltee Kora Barlin irratt Gurandhala 26,1885 ta’e ta’uu saa barree jiraa. Namoota gaarii waan taaneef madda roorroo keenya ta’uu hin dandeenyu. Quba akka “isaanii fi nuwi” jedhuu walitt qabuu dhiifnee rakkina jiru hundee haa wallaannuu. Akka jaarraa tokko dura Empayera Habashaatt makamne fi nuti gosa Habashaa keessaa tokko utuu hin ta’in saboota seermalee koloneeffamne ta’uu keenya hundi haa beekanii. Gaaffiin jiru kolonummaan haqamuu dha.
“Isaan”, kan jennun, dhaalota aango irra jiru, qaccee jara jaarraa kudha sagalaffaa gara dhumaa keessa Oromiyaa weeraranii sirna koloneefataa nafxanyaa gad dhaabanii; Amaarinyaa dubbatuu. “Nuwi” kan jedhan ijoollee Oromoo gaaga’amtoota weerara sanaa kan turanii. Hanga biyya ofii kan hin taane humnaan qabachuu saanii amananuun gaabbanii, gumaa baasanitt, isaanii fi Oromoo gidduu nagaan hin jiraatuu. Oromoonis, mirgoota haalaman hunda hamma deebifatanitt sochii bilisummaa jalqaban hin dhaabanii. Jarri kun lafa Oromiyaa, qabeenya Oromiyaa, humna nama Oromiyaa hunda dhuunfatanii turanii, ammas hedduun isaan jala jira. Aadaa, afaan, dhugeeffannoo fi dudha ofii Oromoon akka hin shakalle, kan saanii bakka buusuuf yaalanii. Kanaaf bulee, bulee kan saanii kan ta’an qaroo, kan Oromo kan ta’an doofaa ta’uu saanii, sammuu dhiqaa, seeraa fi uleen hojii irra olchuutt ka’anii. Hanga tokkos milkaawuu saanii, galtuu isaan duuka yaa’aa turtee fi hardhas yaatu irraa baruun ni danda’ama. Nammi tokko, tokko qananii ofii fi bolola bortaaf ulfinaa namummaa gurguratanii.
Haala kana jalatt, Kirstinnaa ka’eee “kirri” kan hidhatee fi Oromoon Amaarinyaa dubbatu, mooraa Amaaraatt dabalamee, Amaarawe jechuu dha. Dandeettii Oromo jara kana irra mirkaneefatuun, akka halagaatt, qaxaramufis, muudamuufis nammi Oromo carraa wayyaa qabu turanii. Kanaaf, bulchaa saanii keessatt sadarka olhaanaa ga’anii turanii. Loltummaafis, waraana hogganuufis isaantu caalaa foo’ama ture. Isaanitt dhimma ba’uun, ummaticha kufe birmaduu ture, garbaa fi gabbaarii taasisanii. Hardhaas abbaa duulaa warana diinaa ta’anii kan Oromo fanfana malee gad ciraanii fi waa’ee saba ofii iyyaatii sobaa kan kennaa jiran isaanii. Si’ana, jarri sun Oromoott lakaawamanii Oromoon akka waan Itophiyaa too’atanitt himamaa. Hedduun holola hamajaajii Oromoon dogoggrfamanii akka waan daldallii fi jireenyi Finfinnee Oromoodhaan gaggeeffamuutti hodeeeffama. Finfinnee keessatt qaxaramuu nammi tokko Amaarinyaa dubbisuu fi barreessuutu irra jiraa. Oromoon waan afaan Oromoon barataniif hojii federaalaafii Finfinnee keessatt dorgomuu hin danda’anii. Hojjettoonni mootummaa hark caaluu Oromoomitootaa. Qondaalota saanii malamaltoota golguu jedhanii Oromoo itt hamatuu. Utuu faanfanamuun hin jirree, fi nambiyyaa hundi ija tokkoon laalama ta’ee, Oromoon battala kamittuu wayyaba hunda caaluu ta’a ture. Garuu mirkaniin sana hin agarsiisuu. Namoota hedduun biyyaa buqa’anii baraarmamuuf ol dhufanii karaa Finfinnee irra afaan Oromoo dubbataa deemuun isaan rifachiisaa. Yero qajeeltuun argamu caalaa daafuuf deemuu.
Olhantummaan Amaaraa 1974 kaasee hanqataa haa dhufu maleee, bara walqixxummaan labsame jedhamamu kanayyuu ni mullataa. Mootummaan federaalaa Amaarinyaa malee namatt hin dubbatu; Oromoon Oromiyaa irratt moo’aa dha kan heerri jedhu isaan haalaa jiru. Gurguddoon Amaaraa baroota darban Empayera Itophiyaa keessa cunqursaan sabaa hin turre jedhu. Akka isaan qofti cunqursaa hin turre, Oromoo Amaarawan, kittillayyoo isaanii tumsaafii turan tarreessuun haaluu eegalaa jiru. Utuu “Zawudiin” hin kufin bulchaa qeentee ta’uun isaan bonsa ture. Amma seenaa haaluun, sirnaa fi abba tokkee waliin dhahuun nama afanfajjeessuu fedhuu. Sabi Oromoo takkaa fedhaan isaan jala bulee hin beeku. Sabicha waliin yeroo hunda koloneeffataa (Qiny Gazhii) fi kolonaawaa, cunqursaa fi cunqurfamaa, gooftaa fi gabbaarii turanii. Jaatamoota keessa Itophiyaan koloneeffattu miti jedhanii barattooti saanii nokkorroo jalqaban isaan baasuu didnaan, qabatticha qabsoo gitaa fi internashinaalummaatti jijjiiranii. Yaada kufisanii bira taran lamuu Oromoon nokkorroon itt hin deebi’anii; qabsoo kolonummaa haquuf jalqaban ittuma fufu.
Koloneeffatooti yeroo waa’ee Itophiyaa afaan Amaaraan dubbatanii Oromoo hin dabalatu jechuu dha. Waa’ee Oromiyaa kan koloneeffataa waliin dubbatnu araaraaf yoo teenyu yk dirree diliittii. Kan nama gaddisiisu, hayyooti Oromo utuu irraa ka’a walfakkaataa hin qabaatin isaan waliin Amaarinyaan mataa of cabsaa ooluu dha. Tarkaanfii itt haanu bilisummaa irratt fudhatan baruuf caqasuu malee akka itt eeboo saanii qaratan yaada kennuufiif ta’uu hin qabu. Empayerri koloneeffataan dimimmisa keessa jira, lip jechuun saa fagoo mitii. HIS, Dargii fi Wayyaaneen nammuu utuu hin yaadin raawwatanii. Inni si’anaas, akka saanii miilla suphee utuu hin ta’in kan kililchoon qaba jedhee akka nu hin goowwomsine haa eeggannu. Beekkadhaa, tasa kufuun isa kanaa akka kanneen isa duraa salphaa hin ta’uu. Dhugaa kan haalu, araaraa hin barbaaduu jechuu dha. Moototi si’anaa araaraa chaalaa burjaajii keessaa bu’aa argatu. Araara keessa yakka namummaa, qaccefixiisa, fi yakka waraanaa kan jedhaman isaan eeguu. Maaliifuu, nuwi Itophiyaa akka hin taanee, Itophiyummaan utuu hin ta’in, akka ummata isaaniin mirgi saanii cabee, bilisummaaf qabsawaa jirruu, ija laafina malee itt himuu barbaachisaa. Kaasaa fi kaayyoo Oromummaa irratt daddaaquu hin barbaachisu. Hanga isaan kadhatatanii diriira dhoofsisaatt dhufanitt itt mudduu dha.
Biyyi mootii Habashaa erga dhalatee jalqabe ollaaf nagaa kennee hin akka beekne seenaan nu barsiisaa. Ummata ofiis,” hiyyeessaa fi garaacha utuma waccuu nyaatu” jedhaanii itt qoosuu. Isaan isa iyyisiisaa nyaataa inni agabuu bulaa.” Qarooma isaan balleessan, manooti isaan guban, qabeenyi isaan barbadeessan, lubbuu isaan gad ciran lakkaawamee hin dhumu. Hammeenyi saanii dhagna namaa kukutuu, jiraa ibidaan gubu, beelaan adabu, Teedrosii ka’ee hanga Abiyyitt kan waabarii dhaqe hundi kan dhaga’e yk kan dubbisee. Kana wal haaluun wal amanteen giiduu saaniitt akka hin uumamne gochu malee, bakka cite dhimmisuun saa hin hafu. Haayila Sillaaseen maqaa biyya saa Itophiyaatt ifaan jijjiirus, amala jijjiirrachuu hin dandeenye. Afriikaan mootummoota ofirra darbanii ilaalanii fi qabsaawoota guddinaa seef dudhama qaban kutatoo soqaa. Mootummaan Itophiyaa Afriikaaf hafee godinaa keessa jiruufuu faara, nagaa, misaa, bilisummaa fi tasgabbii agarsiisaa hin jiru. Hundumtuu, Habashaa dabalatee of gowwomsuu hin qabu. Kanaaf, sabooti, sabaawotii fi ummatooti godinichaa, mootummaa amalbadii kana, damboobsanii ilaalchaa fi gocha kolonummaa godinatt hafte haquu qabu. Sirnii empaayeraa ilaalcha fi fedha murna tokko irratt hundaawee ijaarame, diigamuutu irra jira. Bakka isaa, tokkeessoon malbulchaa fedha ummatoota godinichaa, kan walqixxummaa, kabaja fedhaa waloo, fi akeeka demokraasii irratt hundaawe bu’uutu irra jira. Godinaan Ganfaa fi Afriikaa guutuun ilaalcha addunyaa “Hirmaata Afriikaan” faalame irraa faloo ba’ee, godinaan Afriikaa kun akka haaraatt yoo ijaarame dagaagina Afrikaa fi nagaa addunyaafis kennaa guddaa ta’aa.
“Nuu fi Isaan”, hanga isaan ilaalcha saanii bososaa jijjiirratanii numa tura. Ummatoota Afriikaa isaan jala turanii eenyummaa fi biyya adda qabaachuu saanii baranii, walqixxummaa fi ulfina hanga agarsiisuu qabu. Hamma aadaan tokko, afaan tokko, fi murni tokko olhaantummaa agarsiisanitt addaanjiroo tokko yk sirna finnaa tokkoo Kumaalee Lammaffaa keessa waliin jiraachuu irraanfadhaa. Bakka duriitt deebi’uun abjuu dha. Sirni haaraan Godinaa gaaffii amma jiru. Bara iyyaatii kana, bakka duriitt deebi’uun hafee bakka amma ijaajjinettuu hafuun akka hin danda’amne argaa jira. Kan baasuu, Afrikaanoti walgargaarree guddinaa teknoologii fi gabaa addunyaan dorgomuu dha. “Biyyoolessa” jechuun saba jechuu yoo ta’e nuti isaan waliin ollummaa malee sabummaa hin qabnu. Kanaaf marii biyyoolessaa kan jedhan nuwi hin laaluu. Mooksa akka “Marri Biyyoolessaan” yeroo dabarsuu irra, miidhaa fi miidhama ta’uu keenya fudhatanii mirga sabummaa ofii ofiin murteeffachuu akka dandeenyu dhoofsisa nagaaf diriira irratt wal arguu dhaa. Sanaan, Empayera koloneeffataa nafxanyaan ijaarame haqnee, godinaa walqixxootaa, naga qabeessaa fi tasgabbawaa akka haaraatt waliin ijaaruu dandeenya. Qimaant, Agawu, Argobbaa, Gaafaat, Wayixoon, Oromoo Kaabaa, kkf. hanga yoonaa isanitt lakaawaman, biyya, afaanii fi eenyummaa addatt akka qaban irraanfatamu hin qabu. Sanneen hundi miseensota walqixxee tokkeessoo haaraa ta’uu. Akka ummatoota Afriikaa hundi nama madaala tokkoon dha’amee, walqixxummaa fi bilisummaan, yoo ija tokkoon ilaalamuu eegalamne rakkinni salphaatt furama. Afrikaan waldayyaa (Kontinent) nagaa fi misa ta’ee, qaroomaan hogganummaa fi dagaagina duriitt yoo ta’uu baate, addunyaa baqulaawaa (globalized) kan keessatt ummatoota biran dorgomuu sadarkaa danda’utt akka deebi’u haa tattaafannuu. Yeros “Isaanii fi Nuwiin hafee, hundi “Nuwi” taanaa. Oromiyaan haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Waxabajjii 2024