Jigsuun Finfinnee PPn eegalame qaabannoo koo ijoollummaa natt kaasaa jiraa. Faana an Markaatoo Kaasaa Gabree (Sabattanya) kaasee hanga Kookaba Tsibah 1940 keessa millan fudhadhe hunda yaadachuun jalqabe. Kuukku carqii, kuukkuu teenisii quncifame, biyyii, dirree taphaa, pastee, sambuusa, mushabak, luqqwisee, moofoo, kookii dallaa amaa keessaa hannuu fi “zabanyaan ari’amu kkf akkasumaas kan wareegamaa fi ijoollee adamsa jedhamu Alaamirroo faan yaadadha. Kana waliin kan ka’an marsaa, golee fi suuqi hedduun jiru. Amma sun hunduu kutanii haalli haaraan dhaloota haaraaf qabannoo haaraa uumee jireenyi akkuma barame itt fufaa. Sanneen jalaan seenaa daa’imman Oromoo dhaga’aa guddatantu dhufaa. Dhumiisa, gubannaa manneetii, fi buqqa’inna dilormaa dimshaashaa fi Finfinnee Oromiyaa keessatt, faalamu bakka Oromoof ulfoo ta’anii jaarraa 19th keessaatu mataatt dhufa. Wanti qabanii fi jiraataniif hundi ni barbadaawee; laalaan barasii amma himamuun ulfaataa dha. Haa ta’u malee kan gaagaa’aman, dhaloototi itt haanan akka irranfatan hin barbaadan turani. Waggoota sana hunda booda yoo xinnaate haala tokko tokko irratt daa’immanii fi akaakoo saanii akka hin irraanfanneef geessanii bakkoota Odaan saanii waliigalaa, kaloo saanii, hora loon saanii oobasan, mooraa loonii, mana saanii itt agarsiisu turanii. Gadoon qaabannoo jala awwaalamte malee hin haqamne. Kan haqamtu, haaluu fi seenaa jajallisuun utuu hin ta’in, yoo horeen jara yakka hojetee gaabbuun aagii tufsiifatan qofaa.
Gaaga’amtooti waan dabarfatan hedduu qabu; sabi wallaaansoo badiisa irraa hafuu keessatt, dhaalmaa ofii dabarfachuu hin dandeenye akk badett lakaawamaa. Sabii, murna ummataa, biyya beekamaa, seenaa, aadaa, dudhaa afaan waloo qabu fi kan walii ta’uun itt dhagahamu. Qubachuu, keessa deebiin qubsiifamuu fi “mandar misrataan” (ganda uumuun) seenaa saa akamu gochuu hin danda’uu. Gidiraa namoomaa qofa dabalaa. Laalaan baraarumaa waan halle caalaa ulfaataa. Kana gurguddoo juujuu fi kan xurree tokko qofti itt mullatu danda’anii qayyabachuun rakkisaaa dha. Garaagarummaa hariiroo abba tokkee gidduu jirruu, haala soda fi nagaa fi bilisummaa ummataa, fuudhaa fi eeruma abba tokkee waliin bilisummaa sabaa fi walabumma giddduu jiru beekuu hanqatu. Finfinnee akka Addis Ababummaatt diiguun, tokko tokkoon jiraattotaaf waa’een diigamu hambaa durii dhiheenyaa waanti adda addaa itt dhagahamu danda’aa ta’aa. Hambaan durii dhagaa, dhoqqee, sibila haata’anii hambaa duriitii. Ta’uus akka waan waggoota dhiibbaa ol dhabanii isaan hin gadoochuu. Finfinneen, Oromoof bakka itt kufuu eegalanii. Booda, bakka raayyaan nafxanyaa golee Oromiyaa weeraruun halkan tokkott garboomsuu fi gabbaarii taasisuuf yabboo irra bobba’u ta’ee. Caasjaleen ergasii ijaaramanis, kan dur ta’e qaawwaa guddaa garaa tokko tokkoon Oromoo onnee qaban keessatt waan dhiiseef yoomuu hin irraanfatamu. Akka waan Finfinnee kirstinnaa kaasanii maqaa jijjiiruu isaan hanqatee, maqaa dabalataa bira hin beekamne kennaniifii, Finfinneen seenaan keenya jechuun madaa Oromoo irratt soogida firfirsaa jiru.
Yoomallee Oromoon laamsha’eera jedhanii yaadan iyyuu, Waaqii karaa hin yaadamne hojjetaa. Jalqaba, abbaa duulota Minilik irratt Tafarii kaasee. Sanaan finnaa kolonii keessatt aangoo waaltessuun hudhaa abbaa lafootaa hedduu ukkaamsaa turee laaffisee. Itt haanee sochii qoteebulaa Oromoo “Warraaqsicha”, kan sirna nafxanyaa lafa irratt hundaawe, bu’uura saa hawaasoma fi malbulchaa labsoota lafa biyyaa fi magaalaan haleellaa butuchaan hurreessetu itt dhufee. Bu’aan isaa waatattaa caalaa kan sammuuquwaa turee. Lafti saanii harkaa abbaa lafaa keessaa ba’ee harka finnaa kolonii galee. Akkuma ta’ettuu Dargii fi hordooftoti saa warraaqsaa jala dhokatanii empayericha oolchanii. Wayyeeneett didhaa sirna koloneeffataa nafxanyaa fi fudalism bitintiraa jirutu itt dhufee. Yoo caasaan, jiruu fi ilaalchi saa jijjiirame malee baraaramuun saa gaaffii jala kan galu ta’ee. Fakkeessaaf sona cehumsaa tokkotu uumamee. ABUT kophaasaa gurmeessuu waan barbaadeef “Revolutionary demokrasii” fi “Demokratik developmental state” nama locuun hayyama hawaasaa sabgidduun mirgoota heeraa saboota, sabaawota fi ummatoota duubatt deebsuutt ka’e. Duubatt deebisuu yaaluun saa angoo waalta’e dhabsiisuu qofa utuu hin ta’in barbadaawuu biyya ofii kan miiddhaa jaraa kaaniin ijaaramett geese, yooma kaamessummaan Tigaaruu kan hin haalamne ta’eyyuu.
Gorsi malbeekoti (diplomatotii) alaa, baraaruunii hin dandeenye. Yaaliin saanii sirna gola tokkicha kan qoteebulaa irratt hundaawes fiixaan hin banee. Jijjiirammi jalqabe bo’oo ofii saa kan kaasaa qajeeltuu fi harka hin mullanne irratt hundaawee waan ta’eef eenyuu burjaajessuu hin danda’uu. Sunis qabsoo Oromoon walabummaaf tolchuu. Waggoota shantama erga sagantaan malbulchaa ABO ifaa ta’ee duuba, kanneen Oromoon maal barbaadaa jedhanii gaafatan jirruu. Keessa deebi’uuf, gaaffiin Oromoo “mirgi hiree murteeffanaa saanii akka hojiirra oolu” ala ta’ee hin beeku. Sunis kan danda’amu dirree qabsoo hidhannoott injifatanii yk mootummaa koloneeffataa seerawaa ta’ee kan Oromoon Oromiyaa irratt moo’aa akka ta’e beeku waliin dhoofsisuunii. Mootummaan akkasii akka Oromoon qabattee kana irratt sagalee saanii “referendum”n kennatan walii galuu. Bilisummaan malbulcha Oromoo,
bilisummaa jiraattota Oromiyaa hundaaf iggitii jabaa ta’aa. Si’ana, fulduratt kan mullatu, Oromiyaan finnaa of bulchu jedhanii nama sobuu dha. Dhugaan saa garuu addaa, inni ammayyuu bulchaa halagaa jala jiraa. Irra dibaaf keettoon afaan Oromoo dubbatan bakka bakka kaa’amanii jiru. Murnooti malbulchaa hedduun PP halagaan akka ijaare haaluun, akka Oromoon bulchaa jiru himuu. Wajjirbulchii keessatt lakkoofsa darbanii mullatanii tutaa halagaa irra ilaaluun akka Oromoon leelloo (Balagizee) ta’an afarsuu. Fakkeenyaaf, Biritaniyaan kolonoota see harka lafa jalaan karaa kolonicha keessaa kan isaanii tumsaniin bulchu turanii. Oromiyaanis bakka bakkatt akkasumaa. Kana Empayera Itophiyaa ijaaruu keessatt Oromoon miltoo ture jedhanii heduun, tumsitooti sun British Empayera bulchu keessatt miltoo turan akka jechuu tii. Askarii fi miiltoo gargar haa baafannu.
Gurguddoon kaabaa of gowwoomsuu haa dhiisanii, Oromoon, isaan koloneeffataa ta’anii akka kibba dhufan sirriitt beekuu. Kaaba koloneeffataa irra kanneen yaada kennan, qaaqa saanii muuxannoon argatan kibba kolonaawatt dabarsuu yaaluu. Dhugaan,, biyyi nugusaa Habashaa waan Itophiyaa, sabboonummaa, mallattoo sabaa fi seenaa ilaalutt mooxannoo kibbi kolonaawe qabuun adda addaa. Hundi humnaan itt fe’amee. Kanaaf jechi fi iyyati saanii hundi Habashaa fi tarii kanneen mootummaa gonfoo isaanii jala dur turaniifii. Seenaan waloon qaban kan cunqwursaa fi cunqurfamaa waggoota 150 qofaafii. Kanaaf, qaaqa hariiroo Kibba waliin qaban waggoota kanaan walqixxeessuu qabu. Bilisummaan Oromo, qabaa Habashaa jaarraa ol keessaa ba’uuf gafatee jira, qabsaaweerraafis. Golli guddichi Ethiopia, ABUT gaffii walabummaa Oromoof ejjennoo Ethiopia beekamaa dhiisee fudhachuu caalaa furmaata biraa hin qabu ture. Yoo ummatooti Empayera Itophiyaa jala jiran itt fufanii waliin jiraachuu barbaadu taanaan hundi akeeka heera Itophiyaa keessa jiru kana fudhachuu qabu. Sunis akka haaraatt tokkeessoo akka itt uummatan yk akka nagaan addaan deeman dhoofsisuu jechuu dha. Oromoof, waggooti dhibban darban kan garbummaa, kan gabbaarummaa fi kan gidiraa turanii. Xiinxalli hanga yoonaa ijaa malbulcheesitoota kaabbaan, Oromoo akka waan qaama finnaa Habashaa tureett fudhatu, waldhabdee kan furu ta’uu hin danda’uu. Godina Afrikaa kana akka inni naga qabeessaa fi badhaadhaa ta’u soqama taanaan misha haa ta’u fokkuu darbe irraanfatanii akkaataa sabooti, sabaawoti fi ummatooti fedhaa ofiin, atooman tokkeessoon yk akka ollaa dansaatt jiraatan irratt mari’achuu dhaa. Let not elites of the north fool themselves, the Oromo are wide awake that they came south as colonizers.
Haalli malbulchaa amma kan heera duraa keessa jira. Yeros humni beekaman kan barcuma Minilik to’ate qofa ture. Ammas jijiirami warraqsaa sun hundi ta’ee, empayerichi sirna tokkee irraa fakkeessaa federeeshnaatii fi heera sobaa labsamuuyuu, Itophiyaanoota hedduu fi martii malbeekotaa (diplomatic circle) kan wiirtuu to’ate qofatu bulchaa dha. Hedduuf jiraachuun finnaa federeshinaa maaljecha hin qabu. Akka biyya funcca kolonummaa keessaa ba’uuf qabsaawaa jiru sadarkaa keessa jiru hubachiisuuf Oromiyaan akka Oromoo qofti hiree ofii murteeffachuu akka danda’an agarsiisuuf humna ofii ijaarrataa jira. Harki hin mullanne Waaq itt dabalamee diina qilleensi fudhachuuf deemaa. Kan sanaaf feesisu tokkummaa jabaa, dhaaba cimaa fi seeraan bulmaata qofaa. Kana waliin murteeffannaa Oromoo, nagaaf dudhama qabaachuu fi walqixummaan, Oromiyaa qofa utuu hin ta’in, godinichis bilisaa fi wallaba ta’aa.
Jalqabaa kaasee Oromoon Gadaa malee sirna biraa hin beeku ture. Garuu, erga halagaan qabamanii sirna hedduun, kan Itophiyaa fi kan garbagamaan walbarsiifamanii. Sirni abbaa gonfoo kan hacuucaa jiru isa malee akka sirni biraa hin jire hedduun saanii surrii dhiqee isa malee kan hordofan biraa akka hin jirre amansiisee. Kanneen garbagamaa waabarii keessaan luuxanii galuun addunyaa keessa sirnooti filmaata ta’an bira akka jiran barsiisee. Gurra diinaa irra fagoo, qeeyeetti waa’ee Gadaa sirna ofii kan walqixxeessaa, qooda fudhachiisaa fi qajeeltuu ta’ee dhaga’uu. Bara qabama Oromoon booda jalqabaaf sochii malbulchaa Oromoo hunda haammatu ABO ijaarame haalota sanatt ba’ee. Sirna ofii leellisanuu waanti dhahatan qabatamaan hin turree. Kanaaf, fakmishoo beekaman keessaa tokko filachuun dirqii ture. Dhaaboti malbulchaa fi hawaasomaa egeree akka fakmishoo dudhaan qaban hordofan haa abdannuu. Erbaala irratt sirna guddifatame hanga danda’ame demokraatawaa taasisuun yaalamee jira. Yoo dhabi Oromoo kara kanaa, waan eeggannu irra cehe, hamma baasnee fudhachuu hin qabnu; Oromoon akka itt of ijaaraniif karaa isaanii jigaa sirna ofii weerartuun barbadeesse jalaa barbaadachaa jiru., Hunduu WBO ABOn akka itt dhaabaa saa keessaan gaggeeffatu fi gootota bobbaasu isumaaf haa dhiifnuu. Qabsoo cimaa keettoo diinaa alaa fi keessaa irra haanee ergamsa saa ba’achuuf tattaafataa jira. Dhaabi kun boona sabichaa fi kallacha qabsoo saa baraatiiti. Danboobummaan alaa harka keessa galfachuu yaaluun gurmeessaa keessaa fi nageenya bobbaa waraanaaf hamaa fiduu danda’aa. Sunis, utuu hin beekin abdiif guca bilisummaa dhaamsuu danda’aa. Gosaan, gandaan, amanteen, hin baabsinee ta’uu saa hundi eeguufii qaba.
Hanga yoonaa ABOn dhaabaa bilisummaa Oromoo wallaba ta’e kan garaa ummata saa keessatt galmaawe fi dafqaa fi dhiiga ijoollee saan eegamu ta’uu haa fudhannu. Amma sun WBO ABOn iddoofamaa. Jaarmoti Oromoo beekamoon hundi Itophiyaa biratt galmaawanii isa bulchuuf tara saanii eeggataa jiru. Nammuu akkaataa itt qabsaawu fi akaakuu bulchaa itt amanu filachuu rakkoo hin qabu. Gaaffiin empayerrii demokrata’uu danda’aa, hin danda’uu jedhuu kanaan dura yaalamee kufee. Oromoon, “Maal haabaasuuf dhama raasuu” jedhu. Utuu danda’ame tuttuqaa halagaa irra bilisa kan ta’n humna, beekumsa fi giidoo saanii qindeessanii utuu adda tokkoon qabsawanii ba’eessa ta’aa ture. ABOn, WBO malee ABO isa ganama ta’uu hin danda’uu kan leeyuu danda’us tola gola moo’aatiin ta’aa. Addi bilisummaa Oromoo faalaa diinaa kamuu irra dhalootaan bilisaa fi wallaba. Kana kana burcuu barbaadan jara eenyummaa Oromoo ciicatan qofaa. Hangaa walabummaa fi bilisummaa saa deebisee gonfatutt duubatt deebiin hin jiru. Kanneen cehumsaa godinichaa nagaatt amanan hundi, humna itt dabalame malee Oromoo Itophiyaa irra saba addaa akka ta’e fudhachuu qabu. Mootummaan qabates badiis kanaa dura irratt ta’eefis gaabbuu fi aagii tufsiifachuu qaba; kan fedhaa qabanis fedhaa tokkeessoo uummachuu yk walaboomuu akka danda’amu fi ummati hundi walqixxee fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu akka qaban fudhachuu qabuu,
Erga Oromiyaa qabame kan bulchatt harka jijjiirratan hundi ajeesuuf tarkaanfii bilisa, qaama ciruu, beelatt akka adabaatt dhimma ba’uu, manaa fi oiru gubuu, saamicha fi beellada fixuu shakalaa turan. Hundi saanii imaammata walfakkaataa dhaabbataa qabu. Innis Oromoo hoggansa bayeessa dhabsiisuuf qaroo saanii adamsanii sirna malbulchaa fi hawaasomaa ofiitt dabaluu, kan dide balleessuu dha. Gamnaa fi janna fi hogganummaaf abdatamaa kan ture Battee Urgeessaa gaga’amaa imaammata kolonii dhiheenyaa keessaa tokko. Batteen kan qabsoo naga qabeessatt amanan keesaa tokko ture. Maqaa fedheenu, hidhannoon haa ta’uu nagaan akka PPn obsa hin qabneef Batteen beekaa. Garuu nama jannaa fi kaayyoo ture, kanaaf, gonka kaasaa itt amanee fi akkaataa qabsaawuu filaterraa takkaa hin mittiqnee. Batteen takkaa qabsoo Oromoof haa ta’uu walabummaa Oromoott ciigoo agarsiisee hin beekuu. Oromoo hundaaf hogganummaaf kan abdatamu turee, Kunuunsaan kanneen boona saanii fi garaa saanii PPf kennan hanga waan haaraa gurguratan yk nama ganan qabatanitt ittuma fufaa. Hanga halagichii Oromoo hunda callisiisu fi hin baabsinee yk Oromoo hunda qeeraatt oofutt sabboonota Oromoo haa ta’anii galtooti irra hafuuf hin deemanii. Gurgurtatooti waan hordoftoota nugusaa, Dargii fi Wayyaanee akka saanii irra ga’e qayyabachuuf hagas doofaa hin ta’anii. Yoo PPn sanaan dura buufamuu fi sirni nafxanyaa diigamuu baatee, makiinaa Oromoo haamu sooruun taraa saanii ta’aa. Gaafas, yeroon gaabbuu baannaan hiree PP fi kan saanii gargar baasuun hin danda’amu.
PPn makiinaa gardhabaa miira hin qabne boojuu waraanaa irra tolfamee surriin dhiqamee Tigrayitt akka DhDU (PDO) midhaafame. Lamaan guddichi isaan keessaa DhDUO fi SDSA turan. Akka bolola angoo fi ofittumaa TPLF fiixaan baasaniif ijaaramanii. Waliin namummaa kan qabu hunda barbadeessaa jiru. Tarii ogeessooti isaan uuman akkaata isaan fuggisiisu, yoo qabu ta’e fudhatanii du’an ta’aa. Kana malee sanyii saanii horuu hin dhaabanii, uumaa saaniittuu balaa guddaa fiduu hin dhaabanii. Waldhabdee godinichaa furuuf PPn gonka miltoo ta’uu hin danda’uu. Hedduun raatessaa PP fi faalama saa jala waan jiraniif dirree malbulchaa utuu guutummaatt hin faalin dhaabbachuu qaba, Yoo akka bara Nugusaa taliila ta’uu baateyyuu bu’uurri fi kolonummaa fi imaamati eempayeraa hin jijjiiramne. Kanaaf kanneen hoggan hundi murna sabaa kamiiyyuu haa dhufanii raatessaa kolonummaa qabu. ABUT gara mirgoota sabootaa, hiree ofii ofiin murteeffachuu itt dhihaatee ture garuu aangoon dudhaa duubatt harkiseenii. Kanaaf, fedhaan tokkeessoo ummachuu haa ta’uu walabummaa argachuuf furmaata tokkicha kan ta’e murannoo fi dhiibbaa wal irra hin citne cunqurfamootaa qofa.
Oromiyaan akka MM Abiy jedhett ammallee bilsa mitii, ADhDUO/PP takka bilisummaa Oromiyaaf gumaachee hin beeku. Oromiyaan bilisa ta’uu saa kan labsu keettoo halagaa yk galtuu Oromoo utuu hin ta’in Oromoo dhaa. Yoomalee Finfinnee jiguu saaf gidiraan jiraatota irra ga’aa jiru isaan gaddisiise, jigii Finfinnee Oromoof taatee isa jalqabaa mitii. Inni jalqabaa jara abbaa gonfoon yoo ta’u, inni amma ta’aa jiru kan demokraatii fi federalist ofiin jedhuunii. Waa’een Finfinnee deebisanii qabachuu waci finciltoota Amaaraa irra dhufu abjuu nafxanyaa kan gonka. hin dhugoomnee qofa. Waggaa shantaman darban jaalbiyyooti Oromoo mirga fi lafa ofii irraa qeensaa fi ilkaaniin yoo ta’ellee loluun akka irra ittisan agarsiisanii jiru. Finfinneen dhalootaan qaama Oromiyaatii. Kan Finfinneen kooti jedhu hanga Oromiyaan kooti jedhutt lakaawamaa. Ummatooti godinaa Amaaraa jedhamuu keessaa; Aawu; Oromiyaa fi Tigray; nagaa fi akka ollaa Afrikaanota walii o’an yk tokkeessoo ummatanii jiraachuuf sirinyaan irratt dubbachuu qabu. Kana malee eenyummaa saanii haalaa fi lafa fi qabeenya saanii irratt to’annoo akka hin qwabanne dadhabsiisuu fi mirga saanii hiree ofii ofiin murteeffachuu irratt daqaraa ta’uunii fi sirna nafxanyaa bosose yk waan fakkaatu idddoo turett deebisuu yaaluun gaaga’icha badii ofiitt geessuu ta’aa. Bilisummaa, walqixxummaa, nagaa fi qajeeltuu jalatt hundi ni lalisu. Kanneen sirna nafxanyaa bosoosaa deebisanii dhaabuu barbaadan ni hankaaku.
Kaneen akka Oromiyaa, gaaga’mtoota “Hirmannnaa Afriikaa” turan, waliin ka’anii nagaa, tasgabbi fi araaraa godinichaaf iggitii kennuu. Oromiyaan haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Caamsaa 2024