Gaaffii Oromo Keessa Deddeebi’anii Ilaaluu

Hayyooti Oromoo, gaaffii Oromoo waggoota dhibban darban keessaayyuu waggoota shantaman darban gad jabeessuun karaa adda addaa ifsaa ba’anii. Garuu Oromiyaan ammaaf firomsaan godinicha keessa dureettii ta’uu fi ummatichi damboobaa, arjaa fi homishaawaa ta’uutt hedamaa, Kanaaf, hundi Oromiyaa irraa qunxuraa ofii barbaaduun gaaffichi gurra duudaa irratt kufee dhagahamuu hin dandeenyee. Empayeri Itophiyaa amma gurmeessaa baduu fi bososuun addaan faca’aa jira. Ummatooti haadaa fi taatee haaraa irratt gamtaa hundaawe ummachuu yaala jiru. Uumaan hang tokkoon saanii dhortuu waan turaniif ofiin ijaajjuu hin danda’anii. Sadarka irra jiran dhabu irra addaan faca’icha leellisuu. Qoteebuloon Oromoo kana caalaa isaan baachuu dadhaban want halle mamanca’uutt ka’uun diddaan suuka’u eegalee. Naanna kurnan ja’aa dura, haala kana tottolchanii, mirga hiree sabummaa ofii hanga walabummaa fi walabummaa dabalatuf ejjenoo fi dharraa hin daddaqne qabaachuu saanii addunyaaf taliila gochuuf gad ba’uun irra ture.. Sana qofa, dhortuu kana irraa falachuu kan gargaaruu.

Gaaffiin Oromo rakkina nagaa, walabummaa fi bilisummaa feesisu irratt hundaawe. Qabsoo saanin diina madaala dhabsiisuun, timijiin moora laman gidduu wal laaqaa jira. Namoota mooraa sana keessa ta’uu qaban jedhaman isa kana keessatt, kan asii isa kaan keessatt arguun jalqabamee jira. Horeen nafxanyaa biyya itt dhalatte ciigaatee, waccaan abba biyyaa, biyya saanii kan dhabsiisuu dandeessu itt fakkaata. Maqaan Oromo, namoota gola sadaffaa kanneen sabboonota Oromoo fi galtuu Oromoo addaan baasuu hin dandeenye dogoggorsuu ni danda’a ta’aa. Fakkeenyaaf maqooti akka Juulaa, Leellisaa, fi Guddinaa nama dogoggorsuu danda’uu. Bitamtooti fi fakkeesoti kun dhaaba nafxanyaaf fuula sobaa kennuufiin Kaayyoo ummata saanii dimimmiseessuu. Jara akkasiiti dargaggoo Oromoo guuranii leenjii ga’aa malee diina rasaasa ficisiisuuf kan of fuldura ofanii. Daa’imman kana yeroo duulatt bobbaasan caalaan saanii akka qeyeett hin deebine dursanii beeku. Karoora diinni lakkoofsa Oromo gad cabsuuf qabu fiixaan baasuuf jechuu dha. Garuu gootota Oromoo taliilummaa yaadaa fi akeeka warraaqsaa waan hidhataniif waan fedhe ta’us joonjee hin qabanii. Oromoon si’ana yoo xinnaate karaa shan guguddaan dhumaa jiru.:

1. Bilisummaaf loluun

2. Kaasaa kanneen biraaf dirqamanii yk qaxaramanii loluun

3. Qotee bulootaa fi sabaawoti biraa hin hidhatinii fi nagaa qaccefixiisa irra ga’uun

4. Balaa uumaa kan silaa ittisamuu danda’an akka hongee, hawaannisa, lolaa fi dhukkubaa

5. Haala salphisaa fi qaanessa kan keessa bahuuf tattaafanna dhabu

Isa jalqabaa malee hundi maddi saanii diina. Sammuu wallaba kan qaban, ulfina ofii kan eegan, ofiitt kan amanan, haala duree tokko malee isa dura deggeruu malee filmaata ta’uu danda’u hin jiru. Oromiyaa qorquuf malee, Oromiyaa bilisoomsuuf kan ijaarame dhaabi biraa hin jiru. Karaan qabsoo hundi, hidhannoo yk nagaan diriirraa irraa hin buufamanii. Bu’uurri Kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromo biyya takkittii, saba tokkochaa fi hiree tokkicha ta’uun erga himamee turee jira. Akka Oromootti homtuu kana irraa nu maqsee dangaa nu ceesisuun kaayyoo keenya haaluutt nu geessuu hin qabu. Oromiyaa bilisa keessatt Oromoon akka fedhan ta’uu danda’uu. Jalqaba tokkummaan qabsoofinee waliin bilisa ba’uu qabna. Karaan qabsoo, hidhannoo haa ta’uu naga qabeessa sabicha addan baasuuf sababa ta’uu hindandau; lachanuu it gala tokko, walabummaaf ala tokkoo gageeffamuu ni danda’u. Kan barbaadamu godinaa naga qabeessaa fi ummatoota godinichaa mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu eenyuu harkatt akka hin qabne angessu fi kan filatan shaakaluu akka danda’an utuubuu dha. Kanaan ummati tokko irra, ummati biran jala ta’ee akka hin uumamne ragaasifnaa.

Waa’ee gaaffii Oromoo hubachuuf nammi tokko akka empayerri Itophiyaa itt uumame beekuu qaba. Itophiyaan/Amaarri imperiyaalistootatt riqachuun Afrikaa hirachuu irratt jaarraa 19faa keessa qooda fudhate ture. Bara sana kan biyyooti Oromoo qawwee Amaarinyaa dubbatanniin yk nafxanyaa jedhamaniin kan qabaman. Achii, empayera koloneeffataa sirna nafxanyaan gaggeeffamu uuman. Waraana Addunyaa II (WAII) booda yeroo biyyooti koloneeffaman bilisoomuuf yaadaman biyyooti Oromoo hin tarreefamne turanii. Kanaaf sochiin diddaa hanga jaarmaan Oromoo hunda haammatu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) bu’urfamutt golee Oromiyaa hunda keessaa mullachuutt ka’ee. Ergasii amma waggoota shantaa ol ta’ee jira.

Amma lolli diddaa, Waraana Bilisummaa Oromoon (WBO) itt fufee jira. Dilormaa (population) waan ilaalutt Oromoon lammii sadan guguguddaa Afrikaa keessaa tokko yoo ta’u, godinicha keessaa tokkoffaa dha. Bulcha hamaa, surrii dhiqaa fi namummaa baasaa waggoota dhibbaa keessaa reef gadi ba’uu yaala jiru. Sun arreeddii dandammachuu irratt dhiibbaa qaba ta’aa. Kanaaf malee humna laayyoott hin laalamne. Hanga meeshaan abida tufu dhufutt kan hin uggamne turanii. Erga jara qawwee baattuun moo’amanii boodaqaccee qarooma Mormor kana bara dhagaan meeshaa turett deebisuuf tarkaanffiin hin fudhatamin hin turree. Garagarummaan humnoota Kaabaa waliin mullatu kanaafii. Hata’u malee, ariitiin dhaqabachaa jiru.

Waggoota shantamman darban Itophiyaa dullatii keessa, addoti bilisummaa fi sochootii biraas yoo turan, kolonoota keessa addoti bilisummaa turanii. Addoti bilisummaa hundi saba irratt kan bu’uurfaman yoo ta’u, kanneen bira gita irratt hundaawanii. Addoti bilisummaa Itophiyaa dullatii keessatt hundeeffaman qaccee jara empayera koloneeffataa Itophiyaa bu’uursaniitii. Oromoon akka sabaatt empayera sanaan gonka araara buusee hin beeku. ABOn sana calaqisuuf dhalatee. Oromoon isaan irraa seenaa, diinagdee, hawaasomaa fi sirna malbulchaa adda ta’e qabu turanii. Halagaan Oromoo waliin hariiroo qabaachuu soqu, adda addummaa sana fudhachuu qaba. Oromoon ABUT/ADWUI irraa dubbii qaba, garuu kan OPDO/PPn irraa qabu caalaa mitii. Kan ABUT amma diriira irra hin jiru.

Oromoon kan fixaqaccee Tigrayiin morman ilmaan namaa ta’uu fi obbolaa Afrikaa ta’uun gahaa ta’eetu. Haaloon wal irraa qaban sana hin haquu. Addi bilisummaa Itophiyaawaa ta’e ABUT fi kan Oromoo ABOn dhiibbaa hawaasa sabgidduun bulcha cehumsaa hin milkaawin hafe irratt walii galanii turanii (1991). Lachanuu saboota sabaawotaa fi ummatoota empayera jala jiraniif mirga hiree sabummaa ofii, ofiin murteeffachuu hanga walabummaatt fudhatanii jiru. Murna bulchaa Itophiyaa keessaa, garagarummaa eenyummaa ummatooti qaban kan beeke ABUT qofa. Akka akeekaatt murti egeree godinichaa keessatt, qooda akka fudhatan tolchuufis isa jalqabaatii. Haata’u malee bololli gola bulchaa turee, akka fiixaan hin baane hanaaksee.. Kan darbe darbee, Tigraaway yeroo ammaa akeekota sanaaf gidira argaa jiru. Kanneen akeekota sana qooddatan hundi wanti qayabachuu qaban akka isaan akeekota sanaaf du’aa kan jiran Tigray qofaaf utuu hin ta’in kanneen heera federalaa isaan buhaarsu hunda bakka bu’aniitu.

Ummatoota Kaabaan miltoo walqixxee ta’uuf, empayerri sirna nafxanyaan uumame diigamuu akka qabu warraaqxoti Oromoo ni amanuu. Kana malee abba tokkee yk murni isa irra ba’u yk ba’uuf dorgomuuf qophaawe kanneen bu’uursanii adda waan ta’e hojjechuu hin danda’uu. Kanaaf Abiyii fi PP fi jaleen saanii yeroo ammaa bakka bu’oota diinota Oromoo akka ta’an shakalaan agarsiisaa jiru. Dachee fi qolloon madda Oromummaa kan ta’e qotee bulaa Oromoo fixaa jiru. Abba tokkeen Oromo bulcha empayera keessatt qooda fudhatan bitamtuu Itophiyaa dullatii malee akkuma Gobana Daccee durii maaliinuu saba Oromoo bakka hin bu’anii. Kanaaf dhumiisii ummata Oromo waan isaan hin quuqneef kan ajjeesaa jiru waliin ta’anii gabataa tokko irraa nyaatu. Kanneen mootummaa PPn mootummaa Oromooti jedhan, roorroo Oromoo golguuf kan yaalan, diina ta’uuf jara aggaammatan qofaa. PP jedhaanii OPDO, lamaanuu surriin Oromummaa keessaa baafamuun, fuuloon Oromo itt kaa’amee, akka fedha diinaatt ta’aniif kan tolfamanii. Utuu haddhaan Oromummaa keessa jiraatee of diiganii faca’uun bulcha isa dhugaa, nafxanyicha qullaa hambisu malee golgaa ta’anii maqaa Oromoo hin xureessanii.

Oromoon ummatoota Afrikaa ollaa ta’an fi sanaa achis fromfachuu ni danda’uu. Dudhaan Oromo akka garaa laafan, amanamoo fi nama dhugaa ta’an gaafataa. Jara isaan gama jiran irraas kanumatu eegaamaa. Murna haa ta’uu abba tokkee banti mootummaa Itophiyaatt ol bahan saba Oromoo waliin fromanii hin beekanii. Oromummaan qaccee dhaloota (DNA) qofa utuu hin ta’in seeraan bulmaata, sirna aadaa, fi safeeffu akka abboolii Gadaa irraa dhaalamanii jechuu dha. Abiy farra Oromoo akka ta’uusaatt Goojjamee, Bulgee, Minjaaree kkf. daangaa cehanii weeraruu, lafa qabachuu, fi lubbuu fi qabeenya Oromo akka barbadeessan hayyame. Sanaafi kan nuti mootummaan Abiy mootummaa Oromoo miti kan jennuu. Utuu Oromoo ta’ee eegusa saa jalatt abbootiin Gadaa Karrayyuu hin dhuman turan, lafti saaniis hin weeraramu ture.

Gurguddoon Amaaraa/nafxanyaa Oromoo fi kanneen biraa biyyas eenyummaa addaas qabaachuu saanii haaluu. Sanas ta’ee isaan keessa fira Oromoo kan ta’an akeeka malbulchaa walfakkaataa kan qaban jirachuu danda’uu. Abiy kittillayyoo gurguddoo Amaaraa ta’uun faalla ergamsa saa addunyaatt labsate, abbaltii “empayera Oromo guddaa akka jaarraa 16faa” ijaaruu qaba haddheessa jedhu irraa isa oolchuu hin dandeenye; empayerri akkasii gonka jeraatee yoo hin beeknellee. Alagaan michoomuun itt of gatuu jechuu mitii; Abiy Teessoo Habashaa yaabbatee jira. Kan teesoo sana irra ba’e hundi akka Itophiyaanota dullachaatt yaadaa, gonka Oromoott miltumaa agarsiisee hin beeku. Fedha ofii irraa hamaa ittisuuf waraana yoo gaggeessan ta’a malee, Oromoon aadaa garboomfachuu fi cunqursuu hin qabanii.

Jeekkarri Abiy Itophiyaa dagaaginattiin deebisa jedhu ofumaa dhama’uu ta’ee; gurguddoon nafxanyaa Isaayyaas waan fedhe isee haa tolchuun jedhanii isa leellisuu. Kaan, Garba Diimaa deebifachuuf isa caalaa abshaala ta’uun daguu dandeenya yaada jedhu kan qaban fakkaataa. Walii tumsi jijjiiramuu saa hin hubatanii. Cunqurfamoota kan walitt fidu seenaa fi walcaalmaa gidiraan guutamee dheeraa utuu hin ta’in, fedha walfakkaataa hardha qaban ta’uun hin galleefii. Abdattuun sirna nafxanyaa Oromo fixaanii, “Oromoon nu fixan” jedhanii iyyuu barsiifata godhatanii jiru. ABO-WBOn qorqoraa hin baabsineen dubbichii akka ilaalamu waamicha irra deddeebi’uun tolchuyyuu addunyaan sana irra ilaaluun ajjeechaa fi iyya sobaa saaniif sagalee ta’aa jira. Sadoon sagalee Oromo ukkaamsuuf jaarraa darbe eegalee ammaas hin raawwanne jechuu dhaa.

Dhiheenya kana miseensi “Liigii Warraaqaa Dargaggoo Itophiyaa” durii (IHI’AWWALII) iyyaafannoo tolfame irratt sammu farra Oromoo ta’een gad ba’ee. Isaaayyaas yeroo Abiy itt taphatuu fi baballachuu Oromoo oofuu dagamuu saa komataa. Garaadhumaa jedhaa laata? Akeeka saa taliila tolchee jiraa; sochii ummatooti Kibbaa bilisummaaf tolchan dura dhaabbachuuf, Habashaa dullatii fi ummatoota Kaaba jiran deebisee tokkoomsuu waamicha tolche. Kana utubuuf seenaa, qaccee horee, fi amantee Kaabi qabaataa ture dhaha. Iyyaafannoon sun mootummaan Itophiyaa amma jiru mootummaaa Oromoo akka ta’e kan fudhatan iyya’icha qofa akka hin taanee agasiisa.

Itophiyaanoti beekaa, PPn aangoo irra jiru ADWUI, ABUT keessaa hanqate ta’uu arguu diduu. Qooqi Oromo jedhu OPDO keessaallee obsamuufii dadhabamee PPti jijjiirame. Kan iyyaafataa tures kana irratt sammuu saa keessa mamii akka qabu agarsiisa. Yoo seenaan dhimma baasa ta’e, empayericha haa ta’uu, OPDO fi PPn Oromoon hin uumamnee. Bulguma Frankstayin (Frankstein Monster) saaniitii. Makiinichis kan oofanis dirqama tolfamaniif qofa bahatu. Tolaan Oromoof hojjetan hin jiru; Oromoo ukkaamsuu fi hacuucuuf tolfamanii. Akkuma jara halagaatt baqee Habashaa/Amaara ta’an, Goojjamii fi Walloo Oromoo deebisanii haleelaniitii. Empayera moo’uun darabee Oromoo mitii, Oromoon jara ijaare waliin darabee galanii hin beekanii. Namooti Oromoo tajaajilaniinii jiru; ammas tajaajilaanii jiru, PP fi miseensotii fi kittillayyoon saanii tajaajiltuu kolonii nafxanyaatii. Yeroon saanii yoo ga’u Oromoon empayera saanii bososaa utuu hin ta’in biyya walabaa fi ummata bilisa ni qabaatuu.

Walqayyabachuu dhabuun akkasii fi garagarummaa Oromoon Kaaba waliin akka qaban himatan, fudhachuu dhabuun hariiroo dansa fulduratt qabaachuu danda’an keessa ciicannoo facaasuu danda’aa. Deebisnee gad jabeessinee haa himnu, Oromoon saba walaba addatt jiru malee maxxannee Itophiyaa mitii. Kaasaan bu’uuraa miltolee Itophyaa dullatii gidduu jiru, saaqaa durooma Oromiyaa dhuunfachuu malee akka durii qabsoo aangoof keessatt tolfamu mitii. Waan kana irratt tokko tokkoon saanii karaa isa kaan itt firisu qaba. Garuu amma dubbiin jijjiiramaa jira; abbaan qabeenyichaa dorgomaa cimaa tokko ta’ee dhihaatee jira.

Seenaa, qaccee fi amanteen dharraa aangoo fi fedha diinagdee kan qaata bu’urfamee irra hin cehu. Bilisummaa Oromoof sabboonummaa Oromo qofa kan akka motoratt tajaajiluu danda’uu. Hawaasi Oromo kopheesssa tokko mitii. Namoota fedha adda addaa, ilaalcha addunyaa, amantee kkf. of keessaa qaba. Abbaan nagaa fi abbaan waranaas jiru. Jarri walabummaa fi tokkeessomas akka mirgaatt qaban jiru. Kanneen Oromummaa ofiittii fi ofiitt hirkanno Oromoott amanan mirgoota sanaaf utuu hawaasa ofii dhiisanii hin kutin, keessatt ilaa fi ilaameen fixachuu danda’uu turanii. Bu’aan yeroo fi yaadi yeroof namatt dhufu fi lundhummaan irra haanamuu qaba.

Warrumaan, gosti, fi amanteen yaada guddaa sabumaa irra nama fudhatee baduun waan uumaan hin jirre mitii. Garuu sinsinnii ta’uu waan danda’uuf irra ilaaluun ni danda’ama. Garuu diinatt galuun aagiin tufamuufiin rakkisaa ta’uu danda’aa. Amantee fi godinaan kana booda ijoo laaftuu bakka dinni tuttuquun walitt isaan naqu hin ta’anii. Akka sabaatt waan walii fi mata mataatt qabanii fi dhabuu danda’an beeku. Halagaan firomuu jechuunis akka of itt dagatan hin taanes beekuu. Oromoon kan barbaadan Oromiyaa bilisa fi Afriikaa tokkome qofa malee empayera Itophiyaa, empayera Oromoon bakka buusuu mitii. Waan fedhe ta’ullee, Oromoon demokraasii dullacha itt boonanii. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Sadaasa 2022