QAJEELTUUN GAGA’AMTOOTA YAKKA WARANA FIXAQACCEEF

Barana, Irreecha kan ulfeeffannu too’anna cimaa diinaa jalatii fi yeroo ummati keenya jeejee fi waraanaan gidiraa argaa jiruttii. Yoomallee gadda guddaa keessa waan jirruuf akka duriitti bashannanan kabajuu baannus, jireenyi itt fufuun qabsaawuu qabna. Kanaaf galatii Uumaa akka hin hafne irreeffachaa hundaaf milkii, nagaa fi gammachuu hawwinaa. Barruun kun kan ofiis yaadachiifatullee, rakina Tigray irratt xiyyeeffata.

Empire Itophiyaa isee waggoota shantamaa duraa sana mitii. Ofbarri malbulchaa ummatootaa ol ka’ee dhiibbaan surrii dhiqaa jaarrolee alaawee jira. Itophiyaa dullattiin yoomuu caalaa borcamaa jirtii. Amaarrii fi Tigaaruun abidda fi cidii ta’aa jiru. Ummatooti biraa akka Agawuu fi Qimaanti mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu gaafataa jiru. Firooti qeeyee fi alaa empayera Itophiyaa, akka jara itt araarsan irratt xiyyeeffachuu malee gaaffii kanneen kolonii Habashaa turan Oromiyaa fi olloota see Kibbaaf giro hin qabaannee..Fedha saanii baraarama Itophiyaa kan yoo Kaaboti nagaan tokkooman qofa danda’amutt waan guduunfaniif, yoos qofa kan eegamuufii danda’amutt of amansiisanii jiru.. Fedhi Itophiyaan eegsiftuuf Kibba waan jiruuf,gaaffiin Kibbaa deebinaan Kaaboti waan wallolaniif hin qabanii. Sun taanaan waanti lolaaf baasanii fi maddi loltuu keessaa madaqfatan hin jiraatuu. Abdiin qabeenya bacaqii ta’e Kibbaa too’achuunis ni citaa. Kaasaan qabsoo Oromiyaa fi kolonoota biraa dhabsiifamuu bilisummaa, lafaa, qabeenyaa, fi salphinaa fi tuffii halagaan irra ga’ee. Cunqurfamooti kana dura kan dhaabbatan dhiiga, dafqa, beekumsa, horii gumachuunii. Gumaachota kana murannoo fi dudhamaan qindeessuun gara bilisummaatt geessaa. Loltuu bilisummaa qofti akka horii aarsaatt dhiifamuu hin qabanii. Hundi wareegamicha hirmachuu qabu. Saamichi halagaa diinagdee raawwatee, gamtaan diinagdee ollootaa jalqabuu qabaa.

Kaabi rakkina qabu hundaan jaarroleef jiraatee ture. Fromsatt qabbana fi waan tokkummaa fakkaatu kan argatan erga Kibba koloneeffatanii asii. Kibba irratt sirna kolonummaa nafxanyaa hamaa, cunqursaa fi namummaa baasaa, Kaaba irraa adda, bulchaa fi qabiyyee lafaan adda ta’e diriirsanii. Duuba durdurii biyyi Oromoo keenya ture, Oromoon weerartuu dha jedhu ummatanii. Amantee sana irraa ka’anii gonka kolonoota bilisummaan gad lakkisna jedhanii hin yaadne. Diddaan gabbaarotaa tasa ga’ee balaa itt ta’ee. ABUT/ADWUIn kan tarkaanfataa fakkaatullee Amaara gaddhiisisuu gargaarullee ofii Kibba gad lakkisuu hin feenee. Heera irraa fottoquun akka danda’amu kaa’aa, ABO fottoqxummaan hadheessaa turee. Sanaan meeqatu dhumee? Akkuma koloneeffachuun Kibba gidduutt tokkummaa uumeef qabsoon kolonummaa haquu burjaajessaanii jira. Federaalummaan, ofiin buluun fi walqixxummaan finnoota naannaa erbaala heerichaa irratt hafee. Utuu daandiin federaalummaa dhugaa fi seeraan bulmaataa hordofame ta’ee waldhabdeen si’anaa mancaasaa fi hin araaramnee ta’e irra hin ga’amu ture. Empire Itophiyaanis rakkoo malee qoncoorti turtee. Nuti hundi ummatoota Afriikaa eenyummaa ofii adda ta’e qabnuu dha. Wal tuttuqa gandaa hooda alaa fidanne irratt hundaawe utuu hin ta’in, akka Afrikaanota walqixxootaa fi bilisaatt nu tokkoomsu irratt haa aggammannu. Ummata dhalootaa dhalootatt jaarroleef waa’een saa sobi itt himamaa as gahe jijjiiruun cimaa akka ta’e nuu galaa. Garuu, yoo nuti of jijjiirree nu duukaa bu’uu malee filmaata hin qabaatanii.

Amaarri olhaantummaan Itophiyaa dullatii akka itt fufu barbaaduu. Karaa biran immoo Tigaaruun qabso mirga hiree murteeffannaa sabumaa ofiif jara kaan waliin dhaabbachuu labsatee jira. Amma Amaarri finnaa empayeraa fuuloo Oromoo kee’atee of harkaa qaba. Utuu Eertiraa fi dronii fi bombii garbagamaa argate hin hedin Tigaaruun humna kan harka ja’a caaluu wajjin walitt bu’aa jira. Humnichi waan imaammata addunyaatt sobuuf qubqabsiiftuu empayera keessa jiru waan harkaa qabuuf, imaammata kan PP jala jiru hundi maalirrattiyyuu dhugaa akka hin dubbanne jedhu fakkaatuun addunyaatt sobaa ooluu. Wal caalmaa akkasii jiraatus Tigaaruu diina saanii dura dhaabbatanii jiruu. Ishoo bagaan keenya isaaniif ta’aa! PP fi miltoleen

waraana dabaatt, abbaltii hamaan waan bobba’aniif, si’achi waranichi haa hafuu, dilootallee dabsachuu hin danda’anii. Qawwee irratt ajajuu dandeenyaan hanga dhuma saaniitti ilmoon namaa hangam yoo qeera’amuu dantaa saanii mitii. Wal dorgommii fi barsiifatii jaarrolee darbanii du’uu didaa jiru. Dararama durbii saanii, ijoollee Tigaaruu du’aa jirtudubartoota itt roorrifamaa fi laalaa qabaniif garaa laafina kan hin qabanne Oromoo fi halagoota biraaf mararfannoo hanga xurii qeensaa qabaachuun irraa hin eegamu. PP fi murni Amaarri inni hoogganu akka Eertraan godinaa Itophiyaa tokko haleeluun dargaggoo Itophiyaa qalu afeeruuf homtuu itt hin dhagahamu. Joonjee sammuu qabaniin ammayyuu Eertraan qaama empayera Itophiyaa itt fakkaataa. Empayericha bilisummaan tumsa Isaayyaas qabaatanii akka fedhan gochuuf Tigrayiin barbadeessu qabu. Akkasitt mootummaan saanii tumsa humnoota Eertran Waggoota lamaan darban waraan addunyaa keessa jibbisiisaa gaggeessanii Tigraayiin marsanii jiru.

Ummata Tigray irratt yakkiwaraanaa sadarkaa qaceefixiisaa fi yakki namoomaa ummata Tigray irratt rawwatamanii jiru. Dhiheessii barbaachisoon Waggoota arfan darbaniif Tigrayiin dhaqabuu hin dandeenye. Waggooti lamaa darban kan sun caalaa maragame. Akka himamett nyaataa fi qoricha dhabuun hedduun du’aa jiru. Ban, internet,humni elektrikii, ooganni boba’u, tajaajillii sirreessaa Tigrayiin hudhanii balleessuuf jedhamanii hin jiranii. Dhaloota itt haanu dhaloota doofaa fi fafa gochuuf tajaajille barumsaa fi fayyaa ni barbadeeffamanii. Waraanni PPn godhaman hundii ilmaan namaa murna tokko irratt xiyyeeffataa. Keessaayyuu, qaroo, dubartii, fi dargaggoo Waggoota horuu danda’an keessa jiran, hidhuu, ajjeesuu, fi itt roorrisuu irratt xiyyeeffatu. Si’a ammaa kana sanatu Oromiyaa fi Tigray keessatt deemaa jira. Nammi tokko fixaqaccee haa jedhuunii, yakka waraa yk yakka namoomaa haa jedhunii gochii namummaa bahaa ilmaan namaa naannaa Tigray irratt raawwachaa jiraa.Kannee baayyee midhaman qofa dhahuufi, yakki jedhaman kun hundi Oromoo fi ummata Gumus irratt raawwataa jira. Kan Tigrayiin adda tolchuu, qaama mootummaa durii ta’uu fi diinaan marfamuu saatii. Tigaaruun marsaa kana cabsuuf ilmaanii fi qabeenya hedduun itt wareegaa jiru. Diinota adda hundaatt dabsachuun boojuu kumootaan oofaniyyuu, hamma yoonaa nyaatis hin dhufne, marsaanis hin cabnee. Qaawwaa kontrobandiillee kan argatan hin fakkaatu.

Hawaasi sabgidduu gadadaa ilmaan namaa caalaa harkifataa ta’uu saa irrayyuu fedha ofii fi mootummaa aangoo irra jiruuf ulfina caalaa kennaa. Isa ammaa qofa utuu hin ta’in kana muuxannoo irraas beeknaa. Bar ABUT balaan “Komand Postiin” dhaqabsiifame hedhaa fi guraarammi, gaaffii malee ajjeesuun, Dhumiisi Hora Harsadee, manoota hidhaa Oromoo haasa’anii gubuu, kkf. akka hin agarrett isaanii irra ilaalamanii. Balballi malbeekii ABOn qoffa’e hundi deebiin argate yeroo kennaafii ni wayyeeffatu nutis duukaa Buunaa kan jedhu ture. Garoo ABUT caalaatt badaa ta’aa deemee, utuu fooyya’enas hordoffii saaniis Oromoo tolaa ta’e hin argin waggoota 27 booda finqilfame. ABOnis ni butuchame. Amma looltuun bilisummaa Oromoo ABUTiif deggersa qeeqaa kennaa ABUT waliin ijaajju ta’a, kunis diina waloo qabaataniif qofa utuu hin ta’in, kan miidhaman waliin dhaabbachuun aadaa Oromoo waan ta’eefii. Kana jechuun ABUT uumaman dansa jedhanii ragaa ba’uu utuu hin ta’in Tigaaruu gaggaariin dararamaa waan jiraniif gargaaramuutu irra jira jechuunii. Yero hundi saanii bilisoman waldhabdee dur qaban xumura itt tolchanii, akka oloota Africkaawaa walqixxee ta’aniitt, ofiin jaallatanii miltolee fedha walii, walii kabajan ta’uu ni danda’uu.

Akka akeeka ABOtt, gaaga’amtooti marsaa cabsanii waan nyaatan argachuuf karaa argamutt yoo dhimma bahan komatamuu hin qabanii. Badhaadhotii fi anga’ooti waa’ee seeraan bulmaataa dubbachuuf eegumsaa saaf qubaa tokkollee hin diriirsin aboo safeeffuu hin qabanii. Ilmaan namaa akka maashii gara barbaadanitt dhandhoonamuu diddaa jiruu.. Itophiyaa keessa kan jiran hundii fi kanneen ala ta’anii malbulcha Itophiyaaf fedha qaban karaa PPn aangoott dhufu waan sirrii hin taane akka qabu beekuu. Waliin haasa’uuf kan seera qabu argachuuf sun dursee qulqullaawuu qabaa malee isaan waliin haasa’uun yakka isaan hojjetan hundaa

faloo baasuu ta’aa. Yakka hojjetameef gaafatamuun daangaa yeroo hin qabu. Kanaaf yakkamaan kamuu hanga lubbuun jirutt seefii qajeeltuu jalaan ba’a jedhee yaaduu hin qabu. ABOn walabummaa Oromiyyyaatt amana. Federeeshinatt kan makame akeeka heera federaalaa Ango 39.1n fudhatame jedheetuu. Furmaatii waldhabdee amma jiruu kamuu xumuramuuf akeekota sana irratt hundaawuu qabaa. Sana booda finnaan empayera dullachi diigamee finnooti walabii yk federalaa jigaa saa irratt ijaaramuu.

Empayere Itophiyaan gonka akka turtett hin deebituu. Koloneeffatummaan Amaaraa kufaatii Dargiin seenaa ta’ee jira. San waliin tokkeessoon federalaa kan miseensoti yoo itt tolu dide kan dhiisanii deeman uumamee ture. Gaaffii walabumaa Oromiyaa tursuuf kan gurguddoon toko tokko walii fudhatan malee walii galte Oromoon hin turree. Sirna federalaa keessatt mootummaan wiirtuu akka sirna tokkee Itophiyaa dullatii utuu hin ta’in, taahitaa murtaawe qaba. Garuu mootummaan PP si’anaa heera irraa cehuun hunda too’ataa ta’ee. Sun rimsama mootummaa “mangistii” jarri Amaarinyaa dubbatan qayabatanii. Sun waan garagarummaa PP fi federaawota dhugaa gidduu agarsiisu qaba. Mootummaan federalaa tokkeessoo fedhaan aaboon danga’amee waan tokko tokko akka hojetuuf hanga miseensoti fedhanitt galfati itt kenname. Garuu Kaabi kana qayyabachuun waan itt cimuuf walabummaan filmaata jiru qofa ta’uuf deemaa. Godinaa kana keessatt kanneen olhantummaa fedhantu rakkina uumaa jiruu. Tattaaffiin obbolaa Afrikaanota godinichaa gidduutt nagaa fi araara buusuuf tolfamu garagarummaa kana heda keessa galchuutu irraa eegama. Ummatoota kibbaa kanneen kolonii Habashaa turaniif finnaan empayera Itophiyaa seerawummaa hin qabu. Keessa deebi’anii yaaduu fi irra deebianii yayyabuu feesisaa. Akka ollootati barabaraan wal cinaa jiraatuu. Rakkina malee jiraachuu kan danda’an yoo fedha walii waliif kabajanii fi nagaan walqixxummaan akka ummatoota bilisaatt jiraachuu danda’anii. Ammaaf marsamaa Tigray irraa kaasaa, dura haa jiraatanii, isa booda waa’ee waraana dhaabu dubbattuu. Hanga mootummaan halagaa fi seera hin qabnee ta’ett, ummatooti bilisummaaf qabsaawaa jiran tokkollee hidhannoo saanii yoomuu hirkisuu hin qabanii. Injifannoo cunqurfamoota hundaaf! Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Onkololessa 2022