Gaaffi Kolonii Unkessuu

Hanmma Oromoon sammuu kolonummaa keessaa guutummaatt bilisoman hin jirrett, hamma Finfinneen addabaabayiitt Afaan Oromoon nutti hin dubbannett, hamma lafti Oromiyaa qabeenyi Oromiyaa lafa jalaa fi irraa too’annoo Oromoo jala hin oollett, hanga qaammi halagaa ta’e yk halagaan iddoofate fedha keenya ala nuwi hin ajajnetti, hamma gaafiin afaan Oromoo afaan federaalawa ta’u utuu hin ta’in, waajjirri federaalaa Finfinnee ta’uu Oromiyaan hayyamtutt hanga federeeshiniin jiraachuu Oromoon fedha bilisaan mirkaneesanitt, hanga olhantummaan seeraa hojii irra oolutt, Oromiyaan kolonummaa jalaa baate jennee dubbachuu hin dandeenyu. Kanneen Oromiyaan bilisoomteett jedhan hirriba guddaa keessa jiruu yk jara bitamanii, kanneen hirriba keessa jiran dammaqanii haa ilaalanii. Oromoon bakka hallee funcaan takalamanii PP fi kanneen bitamaniin ajjeefamaa jiruu. Kanneen qaraa, sochi bilisummaa Oromoo hunda haammatu bu’uursan, kaayyoon qabsichaa akka itt haanutt ka’anii. “ dhugoomu mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachu ummata Oromoo fi samichaa fi cunqursaa bifa hunda irraa bilisoomuu dha”. Sanaanis republika Oromiyaa ummataa demokraatoftetu dhaabbata. Yos qofa Oromiyaan bilisomte jennaa. Kanaaf kolonoti emparichaa, erga bulcha Itophiyaa jalatt kufanii takkaa gaafii bilisummaa dhaabanii kan hin beeknee. Koloneeffataan dandeettii qabu hundaan danaa ofiitt uumuu yaaluun, gaafiin sun gonka hin ka’u jedhee abdata ture. Sammuu dhiqaa fi afaan kaa’aa fi uleett ciminaan dhima bahaa waan turef deggertootii fi kanneen harka irra qaban, sirriitt makamanii eenyumma saanii akka guutummaatt of keessaa haqanitt fudhatanii. Akkasitt kan deggeruu tokkummaa fi mo’ummaa biyoota biraa dabalatuf sababa kan dhiheeffatanii. Kan nama gadisiisuu biyyooti demokraasii ofiin jedhan ejjennoo garboomsaa akkasii deggruu saaniitii. Miseensa FT/UN ta’uun dirqama Chartara saa kabajuu waan qabu fakkaatu ture. Garuu dubbiin akkasi hin fakkaattuu. Al tokko miseensa taanaan, “Miseensa keenya sirrii haa ta’uu dogoggoraa” kan jedhan fakkaatu. Kolonummaan tokkummaa, bilisummaa fi moo’ummaa Oromiyaa uggee jiraa. Sana bakkatt deebisuuf kan qabsaawaa jiran. Qaama saba biraa, Itophiyaa ta’uu gonkumaa hin fudhatanii.

Itophiyaan nafii FT/UN erga bu’uurfamee kaasee qabu hunda cacabsaa jiraattee; isaan keessa waan akka mirga ilmaan namaa fi ummatootaa faatu argama. Hundeen mirra fandalalummaan akkasi uumaa emayerichaa keessaa ka’aa. Kaasaa hundee utuu hin tuqini kan hunduu waldhabdee empayra kessa jiran furuu yaalanii. Rakkina Itophiyaanota gidduu jiruu furraan kan kolonota waliin jiru ofiin of fura jdhanii yaaduun sammuu kolonffataan yaaduu fakkaatu. Rakkinni kolonummaa qajeeellott hin laalamu taanaan godinicha kessatt jequmsa wal irraa hin citin eeguu dha. Tigaaruu, Agawu Qimantifaaf waldhabdee amma jiru qofa furuu utuu hin ta’in, gadoo jaarraa torbaas qabu. Oromoof gaaffiin jiru kolonummaan guutummaatt ifaan haqamuu dhaa. Dudhaan Gonfoo tokko jala turuu fi aangoon hammaa bahan utuu hin jaallatin sabootaa fi sabaawota Kaabaa waliin jiraachiseera. Erga kufa Zaaguwee fi ka’a Amaaraa Yekunomlakin durfamuu, gidduu saanii atommi jiraatee hin beeku. Karaa ilma raajamaa Minilik jedhamu kan Mooticha Solomoon irraa seeraa ala dhalate jedhamu qaccee dhahachuun Amaarri kannnen hafan irraa of halagomsee. Agaazoti/Tigraway kannneen mootummaaa Gonfoo Itophiyaa bu’uursuu himatan akka ganamanitt fudhatan jedhamaa. Si’ana dubbiin Tigray akka dubbii Itophiyaanota gidduutt yoo fudhatamu kan Oromo akka maxxannee Habashaatt ilaalamaa jira. Kana hubatanii ilaaluu dhaba kan gurguddoo Oromoo adda fagessaa jiru. Hedduun walabummaa leellisna haa jedhan malee Itophiyummaa sammuu keessaa of baasuu hin dandeenyee. Hamma wayyabi Oromummaan yaaduu danda’anitt walabummaa waaraan dhihoo hin ta’u.

Finnaan empayera Itophiyaa kan uumameef fedha kolonummaa Amaaraa tajaajiluufii. Hogganooti saanii kan mootummaa dullacha keessa fudhataman haa ta’uu kanneen kolonoota keessaa foo’aman fedha inni ijaarameef tajaajiluufii. Duraan maddi hogganoota kanaa dhoksaa turee. Amma garuu tooftaan ummata saanii waliin addaan baasuu jijjiiramee jira. ABUT saboota sabaawotaa fi ummatoota luuxee galuuf OPDO fi PDO biraa yoo ummatu ummatooti keessaa maddan ifatt himamaa dha. OPDOn hidhamtoota boojuu waraanaa (HBW) keessaa hawaasa Oromoo keessatt shira dhokataa kolonummaa qabuuf leello Oromoo moo’achuuf, ABO waliin caasaa federalummaa uumame keessatt dorgomuu akka danda’u ijaaramee. Oromoon yayaba caasichaa dhumaa keessaa qooda hin qabu ture. Ergasii dhiigi haaraan kolomsiisa angoo fi qabeenyaan itt dabalamanii jiru. Egaa, OPDOn qabeen Oromiyoo yoo ta’u akeekaan Itophiyoo ta’ee argama. Maqaa PPtt jijjiiruun akaakuu meesharkaa halagaa ta’uu saa hin jijjiirre. Kanaafi, kan Abiy Oromoo ta’uun kolonummaa Oromiyaa kan hin jijjiirree. Caalaattuu, surraa Miilik deebisee dhaabuuf kakuu seenuu uggee. Isaan addunyaa fuuloo Oromoo cabsee bulchummaa Amaaraatt kaa’uun addunyaa dagee. Oromoof jijjiirama baasaa bulchaa malee nugusummaa darbee fi isa ammaa gidduu garagarummaan hin jiru. Hunda jalatt Oromiyaan qabeenya saanii ta’uun waan gaaffii hin qabnett fudhatama. Si’ana garuu sun abjuu ta’ee hafa.

ABUT kurnan sadiif hamtuu hedduu Oromoo irratt raawwachiisee. Sanaaf gara caalu OPDO kan amma PP ta’ett dhimma ba’ee. PP malee, inni amma haala Oromoo miidhuu danda’u irraa fagoo jira. Oromoon yoomuu caalaa miidhama jira. Ummati Tigraay si’ana akkuma Oromoo dabii irratt raawwatamaa jiraa. ABUT hamaa tolche ala, mirgoota kanneen isaa duraa haalan, kan inni irratt qabsaawota Oromoon walii galee heera saa keessa galche jira. Isaan keessaa, Oromoon saba of danda’e ta’uu; daangaa finnaa Oromiyaa amma jiru; sirna federala walqixxummaa ummatootaa irratt hundaawe; afaan ofiin hojjechuu fi barachuu dhahuun ni danda’ama. Kunneen miltolee saa durii irra jibbaa malee faarsa hin fidneefii. Diina sana waliin abaaruun kisaaraa malee bu’aa Oromoof hin qabu. Bolola angoo abba tokkooti hoggansaa keessa jiranii fi dubbee ofaangessummaaf qabuuf malee akeeka barruun jiruun ABUT ummataawummaa qaba. Diinni fi juujuun Oromo kana dhiifnee hamaa ABUT qofa akka afarsinuu fi tuffii nafxanyaan Amaaraa nuuf qabaataa ture nuwi irraanfachiisuu barbaadan jiru. Barreessan kun hidhaa fi roorroo ABUT dhandhamatuyyuu haaloon ofiif qabu bu’aa ummataa tuquu hin qabu jedhee amanaa. Kanaaf hariiroo qabsoo Oromoof anjaa qabu hundi deggeramuu qaba jedhee amanaa. Mootummummoota koloneeffatoo darban haa ta’uu, kan amma jiru keessaa, xinnaatus hamma ijoollee Tigaaruu kan fedha Oromoof xiyyeeffannoo kenne hin jiru. Ammaaf, Oromoo fi Tigaaruun lubbuu keessa jiruu; yoo baraaraman hamaas tolaas walitt tolchan wajjin kaasuu danda’uu.

Qabsoon Oromoo, dhaaba halagaa Oromiyaa keessa qubate waliinii. Kanaf Oromoon lolaa kan jiran kan biyya saanii weerareen malee daangaa eenyuuttuu hin ceenee. ABOn kurnan shan darbaniif bakka saanii bu’ee dhaaba halagaa cunqursaa,,finnaa empayera Itophiyaa kana diigee Oromiyaa jalaa baasuuf qabsaawaa jiraa. Gaanfa Afriikaatt nagaa fiduuf filmaati jiru sana qofaa. Empayera Itophiyaa jala afaan saddeettamaa olitt dubatamantu jira jedhaman keessaa hammamtu naannaa of qabaataa hamma yoon akka jiraatan hin beekamu. Kanneen badiisa irraa oolan hundi mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffacny beekamuufii qaba. Isaaniif murteessuuf eenyuu aaboo hin qabu. Finnaan empayera Itophiyaa bilisaan gad dhiisuuf dirqama qaba. Ofiin yk kanneen biraa waliin tokkeessoo umanii jiraachuuf isaanumti murteeffachuu qabu. Xinnaatanii akka biya of danda’aniitt bekamuun addunyaaf haaraa mitii (Vatican City — 800; Nauru — 10,876; Tuvalu — 11,931; Palau — 18,169; San Marino — 34,017; Liechtenstein — 38,250; Monaco — 39,511; Saint Kitts fi Nevis — 53,544). Finnaan empayera Itophiyaa mirga hiree murteeffanaa hayyamuufis haaluufis mirga hin qabu. Kan qarqara badiisaa jiran waliin kuunsuun dirqama namummaatii.

Malbulcheessitooti Itophiyaa fi kanneen harka irra qaban kan isaan xiyyeeffatan mootummaa Itophiyaa gargar faca’uurraa oolchuu dhaa. Finnaa dullachii kan qaata faca’e, liillana qalloo federaalummaan walitt qabamee kan jiru yoo ta’u, innuu abdattuu sirna nafxanyaan gargar cituuf dorsifamaa jira. Michootii finnaa empayerichaa waldhabdee Itophiyaanota gidduu jiru furmaata

argannaan kanneen kolonota salphatt of fura jedhanii amanuu. Kun yaada tuffii fi sanyataa alatt hin laalamu. Yaada akkasii kan jijjiirsisuu danda’u jabina Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO qofaa. Kana malee, empayera oolchuun waan buufachuu akeekkatanuu dhabuu danda’uu. Dharraan Oromoo bilisummaaf qaban, giti bittuu Amaaraa isaan irratt gooftaa ta’uu malee bilisummaa fi feedha seerawaa eenyuuyyuu kan haalu mitii. Oromoon walqixxummaa,ilmaan namaa hundaa, nagaa fi fedha ollotaa walii kabajuutt amanu. Kun waan aadaan saanii malbulchaa fi hawaasomaa isaan dirquu. Eenyummaa ofiii sabaawotaa fi ummatootaa malee nammi tokkollee maaljechisiisuu akka hin dandeenyett amanuu. Kana fudhachuu qofaani, wadhabdeen godinichaa furmaata argachuu kan danda’uu. Oromoon humna riphaan Afrikaa keessatt kanneen guguddaa keessa tokko ta’uyyuu danuun seenaa dadhabaa taasisee tursee jiraa. Kun dhihoott ni jijjiiramaa. Duubbeen saanii demokraatawaa ta’ee fi miira qabbanaawaa qabaachuun godinichaaf jaarsa araaraa dansa isaan tolchaa.

ABOn kan Oromoo godinaa fi dhugeeffannoo hundaatii. Madaqsa aadaa saniin, Oromoon finxaaleyyii mitii. Habashooti akka dhugeeffanoo saanii Islamaa fi Waaqeffannan addunyaan ciiga’uun yaalanii jiru. Akkuma dur “Laaqii Christinna garba Islaamaa fi “Aramanee” keessaa” jedhanii bara durii of dhiheessan jechuu dha. Hundi jijjiiramee, si’ana “laaqiin” hin jiru, hundi dhugeeffannoo hedduun qooddatuu. Ciicannoon jiraannaan isaantu harka caalu hirmachuu qaba. Ibsoota saanii hedduun Tigaaruun akka mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuutt amanan mirkaneessuu. Sanaafi kan isaan gocha namummaa bahaa fi fixiqaccee irra ga’ee. Gurguddoon miltolee angafoota saanii durii karaa nafxanyummaa fi ofirrummaa isaanii durii irraa goruu didaa jiru. Sabooti, sabaawotii fi ummatooti finnaa dullacha eenyummaa saanii erga Qacceen Solomoon aangoott dhufee bade deebifachuuf gaaffii kaasaa jiru. Makaan saanii Amaarri as bahu dura hundi saanii hawaasa hndee qaban turanii. Kanaaf xiinxalamnaan Amaarri walitti qabaa Tigaaruu, Agawu, Qimaant, Argobba, Gaafat, Oromo, Beejjaa kkf. ta’uu. Amaarri akka murna waraana jaallatuutt erga as ba’ee duraa kanneen naannaa saa jiran, booda republikootaa fi biyyoota mootii fagoott argaman gabbarsiisuun jiraate. Kanaaf kan jiraachuu danda’u sirna tokkee jalatt olhantummaa ofii yoo mirkaneeffate qofaa. Kanaaf mirgi hiree murteeffannaa kan walabummaa yk federaalummaatt geessuu danda’u farra saatii. Kanaaf isaaf kanneen mirga kana utuban waliin araara buusuun rakkina itt ta’aa.

Hariiroon kolonummaa1974 as jijjiiramaa dhufee jira. Sirni bulcha tokkee haqamee caasaan federalummaa uumamee. Yoomallee, tokko tokkoon finnoota federaawanii namoota afaan saanii dubbataniin hogganaman,.ammallee Habashooti makkalloota finnoota haaraa uumaman irraa madaqfatan waliin bantiima irra jiru. Sana jechuun ammayyuu horco’iin duri irraa hafan jiru jechuu dha. Sun kan dhaabbatu yoo finnan empayeraa diigame qofaa. Empayerri uumaan farra ummataa, farra demokraasii, farra seeran bulmaataa fi farra nagaa waliigalaa, farra bilisummaatii. Kanneen akka inni jirutt kaachisuu barbaadeef, hanga ilmaan namaaf garalaafina hin qabnett, qabeenyaa fi aangoo waan ilaalutt hedduu wareegaafii.. Federeeshiniin jalqabaa kan kufe bololaa fi hawaasa Oromoof ilaalcha dogoggoraa qabaachuu bulchoota haaraa turee. Namootuma warraaqxota jedhamanii hedduun irraa eegamutu farra ummataa ta’uutt ka’anii. Dogoggorri ganama tolfame galgala hedduu baasisee.

Finnaa empayera Itophiyaa keessa waldhabdooti jiru. Tokko fakkaatii keessa ta’uu kan qabu yoo ta’u, kan biraa kolonoota akka Oromiyaa, Gambeela, Benishangul Gumuzii. Ammaaf finnaa empayeraa fi hawaasa addunyaan irraa xiyeeffannoon kan kennamaa jiru waldhabdee keessaafii. Abba tokkootaa fi murnooti Oromoo kana hubachuu baachuun akka waan kan saanii ta’ee finnaa empayeraatt cichan jiru. Amaarri miltoo maaddhaa kan turaniif Tigaaruu jilbeefachiisanii akka kolonoota rakkin uumaniif deebi’an mamii hin qabanii. Jechii “Idaaw gabs naw” (Wayitt hin gallee) jedhu, erga ABUT moo’amee waan ta’uuf deemu himu sana qayabachuu irraa ka’aa. Tajaajiltoota finnaa empayeraaf, Itophiyaan mootummaa dullacha duulli weerara nafxanyaa irraa ka’ee. Haasaan saanii, hololli saanii, ajajii waraanaa saanii Amaarinyaa fi quwasammuu Amaaraa irratt hundaawee.

Garaa saaniitt waa’ee Itophiyaa yoo kaasan hangammeessi biyya Amaaraatii. Kan iseef gaarii ta’e kolonoota see duriifis gaarii ta’aa. Malbulchesoota empayeraa fi deggertoota saaniif Oromiyaan gulumaa ittiin jiraatan yoo ta’u Oromoon “ciisanya” saaniitii. Hammam dhama’anuu finnaan empayeraa sadarkaa kabeebsuun hin danda’amnett cabee jira. Oromoo fi kolonooti biraa eenyummaa kanneen Itophiyaa ofiin adda ta’e qabaachuu saanii of baranii jiruu. Itophiyaa ofiin jechuun fedha bilisa abbaa gaafataa. Si’achi kan barbaadne ni ta’a jedhanii fudhachun hin jiruu.

Dhalachuun bara haaraa, bilisummaa, walabummaa fi nagaa waan hin oolee. Saamichaa fi olhantummaan ummata tokko kan biraa irratt jiru ni raawwata. Amma, gaaffiin jiru akkamitt tokkummaa biyya fi moo’ummaa finnaa empayera bososee mirkaneessinaa utuu hin ta’in akkamitt nagaan referendum gaggeessinee gara boqonnaa ittaanu naga qabeessa, demokraatawaa, fi bilisummaatt cillaanfatetti ceenaa ta’uu qaba.Achitt, kan nafii qabu fedha ummataa ta’aa. Kanneen nagaa, bilisummaa fi qajeeltuu jaallatan hundi, gamtoomuun yaa’in kun dansa waloo fi gaarummaa ollaaf akka milkiin bahu gamtoomuu qabuu. Furtuun kanaa mirga hiree murteeffannaa tokko tokkoon ummatootaaf garaa dhaa beekamtii kennuu dhaa. Kana malee ummata bilisa ta’uuf kutate kan deebisuu danda’u hin jiru. Hardha qawwee gurguddaa fi waan ittiin tocho’an hin qaban ta’aa. Garuu hangasitt dudhamaa fi kutannoon, godinicha akka moo’uun hin danda’amne gochuun ni danda’ama. Waldhabdoota akka waan waldhabdee hedduun empayericha keessa hin jirreentt tokkicha qofa furuu yaaluun nagaa walii galaa naannichaaf fiduu hin danda’uu.

Empayerri Itophiyaa yeroon waan itt darbeef deebise ijaaramuun hin danda’uu. Maqaan saa akkuma empayeroota isa duraa moor seenaa qofa irratt hafaa. Kufaatii empayeraan sabooti, sabaawoti fi ummatootii jala jiran bilisa bahuu. Egereen malbulcha saanii isaan harkaa jira. Utuu wanti hallee addaan hin faca’in kanneen waldhabdee qaban hundi naannaa diriira tokko taa’anii akka godinaa rakkataa jiru kanatt nagaa buusan mari’achuu qabu. Godinichi jaarraa tokko oliif hacuuccaa fi waraana keessa turee. Namoot itt fufanii jiraachu fi of duubatt dhaloota badhaadhaa fi gammadaa dhiisanii darbuuf nagaa barbaaduu. Kun kan bira ga’uun danda’amuu garaagarummaa qabaatanis, yoo hundi akka waan nyaatamu utuu hin ta’in akka walqixxeett wal fudhate qofaa. Yoo hundi fedha walii walii kabajee fi seeraan bulmaata fudhatee. Yoos qofa kan waa’ee tokkeessuu malbulchaa hedduun akeeka fedhaa waldaa ummachuu irratt hundaawe danda’amu. Golee godinichaa keessa ummati cunqurfamaa fi hanqini walqixxummaa fi bilisummaa jiraate, bilisummaa fi nagaan kan hafanii iggitii argachuu hin danda’uu.

Hardha dhugaan lafa jiru empayerri Itophiyaa Amaraaan uumame barabadaawaa jiraachuu saatii. Abiy Empayericha surraasaa saa durii se’amutt deebisuuf kakatee jiraa. Kanaaf deggersa Amaaraa fi joonjee Oromaaraa hiriirsuun Gola Bilxiginnaa (PP) irraa ijaaree jiraa. Oromoof jireenya saanii malbulchaa keessatt qoodi saa qooda Goobanaa Daacceen fi Tafarii Mokoniniin jaarraa darbe keessaan adda mitii. Inni, Oromoo, Oromoo balleessee biyya saanii Amaaraaf jabeessuuf kakatee. Jeequmsi Wallagaa dhiheenya mullate fakkeenya gaarii dha. Erga Amaarri akka humnaatt as ba’ee kaasee, Amaaraa fi Tigraaway nakkaroota turanii. Amma akka mullatutt finnaan empayera Itophiyaanakkarummaa isaan gidduu jiru yeroo dhumaaf raawwachiisuu kan murate fakkaatu. Kan dhumiisa kana danda’ee ofirraa dabarsuu danda’e ni baraaramaa. Weerarri qaceefixaa ta’ee fi marsammi waggoota lamaan darban abdattuun sirna nafxanyaa Tigraay irraan geese, dadhabaaf eegumsa kennuuf tokkummaan addunyaa hangam dadhabaa akka ta’e agarsiisee. Jagnoti Tigray bucuun abdii kutatee fi kutataa ta’e raajii hojjechuu akka danda’u addunyaatt agarsiisanii jiru. Amaarri eegumsa Abiy, kan humna guddaa finnaa empayeraa ajaju jalan olloota hundatt humna qabu hundaan duulaa jira. Hawaasi sabgidduu kan yeroo hunda fedha ofii irraa ka’u, waldhabdichi garamitt akka ba’u

wallaaluu fi qabatticha irratt ilaalcha waloo dhabuun tokkummaa finnaa empayera ofii uumani fi kaasaa qajeeltuu deggeruu gidduutt daddaaqaa jiru. Kaasaan lola amma godinicha barbadeessaa jiru kan Amaarri biyya Ormaa qabachuuf gurbaa saanii Abiyin ulee godhatee oofuu yoomalee suduudaan Amaaraa gaggeffama jiraateyyuu imaammata saanii masaka bade irraa ka’aa. Kanneen hafan biyya ofii utuu hin ba’in badiisa irraa ooluuf ofirraa faccisaa jiru. Nagaan isaaniif bu’aa yoo qabatu Amaaraa fi Abiyyiif kisaaraa fi jireenya saanii kan balleessu ta’uu danda’aa. Jaraaf sirna tokkee kan ofangessummaan saanii keessatt lalisu fi gargarsa alaa qofatu kan olhantummaa saanii eegu malee federaalli hin ta’uufii. Kanneen hafan mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu gaafatu. Gaaffin saanii qajeeltuu, demokraatawaa fi naga qabeessa. Kanaaf kanneen qawwee kaasanii bilisummaa biyya ofiif dhaabbatan hundi sochii saan qindeeffatanii abdattu sirna nafxanyaa hamtuu irra haanuuf tattaffachuu qabu. Tokkon saanii kufnaan roorrisaa carraa banee kan hafanitt bobba’uu dandeessisaa. Kanaaf walii tumsanii injifannoo ummatoota mirkaneessuun durfannoo ta’uu qabaa. Qabsoon cunqurfamoota, Oromoo fi saboota sabaawotaa fi ummatoota waliin kufanii, hanga waliin ka’anitt itt fufuu qabaataa. Akkasitti gaaffiin kolonummaa fi bilisummaa dhabaa unkkessamuu ka qabu. Bilisummaan ummatoota itt roorrifame hundaafi haa ta’u! Oromiyaan haa jiraattu!.

Today truth on the ground is that Amaaraa created empire is crumbling. Abiy has taken oath to restore the empire to its ancient assumed glory. For this he galvanized Amaaraa and misguide Oromaaraa support by building Prosperity Party (PP) out of them. For the common Oromo his role in their political life is not different from that of Goobana Daaccee and Tafarii Mokonin in past century. He is Oromo vowing to destroy Oromo and preserve their country for Amaaraa. The recent commotion created in Wallaggaa is a good example. Tigraaway and Amaaraa had been rivals since Amaaraa emerged as a force. Now it seems Amaaraa empire state is determined to make an end to that rivalry. Whoever is the fittest will survive the carnage. The genocidal invasion and siege on Tigray by nafxanyaa system hopefuls in the last two years has shown failure of world solidarity in protecting the weak. Galant Tigraaway have shown the world that disparate and determined minority can do miracles. Amaraa under protection of Abiy who commands huge forces of empire state is campaigning with all forces it can mobilize against all neighbors. International community that always start from own national interest, not sure of outcome of the conflict and not having consensus on the issue is wavering between integrity of empire state of their creation and supporting just causes. Cause of wars that are devastating the region are their misguided policy though directly conducted by Amaaraa with their boy Abiy as its stick. The others, without going out of own country are defending themselves for survival. For them peace has benefit while it could be loss and detriment for Amaaraa and Abiy’s existence. Unitary system in which their autocratic system could flourish and foreign alliance alone, by which their dominance is protected fits them, not federalism. The rest are asking for right of nations for national self-determination to be realized for them and equality of all peoples. They want trust to be built between people and will based opportunities for cooperation facilitated for them. Their question is just, democratic, and peaceful. Therefore, all those that raised arms and standing for their freedom must coordinate their efforts to overcome forces of evil of the nafxanyaa system hopefuls. If one of them falls it opens opportunity for abuser to easily tackle the others. Therefore, allying and assuring victory for the peoples is a priority. The struggle of all oppressed and those of the Oromo and all nations, nationalities, and peoples they have fallen together shall continue until they rise together. That is how question of colonial and lack of freedom needs to be formatted. Freedom to all oppressed peoples!

Oromiyaan haa jiraattu!