Inni fakkaattiin hafee, Taaboti inni jalqabaayyuu qoolloo gad roobe hin jedhamne, harka Moosisiin kennamee malee. Moorota Qulqulluu gara dhabsiisuun balaa beekaman hunda akka itt buusuu akeekkachiisa kenname utuu beekanii kan nama gowwomsuu barbaadan waa’ee mootummaa Waaqaa akka barsiisan itt dhiisuun cubbuu dha. Faalama irrraa qulqulleessanii akeeka isee isa sirriitt deebisuun kan ofii godhachuu malee Galmistanittii irraa baqachuun akka hin ta’uu. Qabeenya guddaatu itt ba’ee. Qabsoo keenyaan biyya keenyas, amantee keenyas walaboomsinee bilisummaa waqefachuu fi of ifsuu ni mirkaneessina.
Oromoon ummatoota addunyaa bara hin beekamnee kaasee Waaqa tokkichatt amanan keessa yoo angafallee ta’uu baate, isaan tokko. Kan fedhetu itt dhufa malee gadi ba’ee amantootaaf dorgomuun uumaa saa mitii. Dhugeeffannoo Oromo kanaan Waaqeffanna jennaanii. Isa malee Amanteen Oromoon si’ana hordofan hundi alaa dhufanii. Kanaaf Oromummaan amantee amma qaban duraan kan beekan, bu’ura jireenya waloon qabaataa turan jechuu dha. Oromummaan nameenyaa yaa’aa guddinaan, dhaggeeffachuu yk qooda fudhachuun waa’een warra ofii, seenaa, aadaa, afaan fi dudhaa malbulchaa, diinagdee fi hawaasomaa saba ofii qayyabachiifamanii. Jaalala biyya ofii qabanii yk jaalbiyyummaatii. Amanteen kan abba abbaa, biyyi kan waloo kan jedhamu kanaafii. Bilisummaa amantee, bilisummaa haasaa fi of ifsuu fi jireenyaaf bilisummaan kkf. kan qabaatan yoo biyya hundi walqixxummaan keessa jiraachuu danda’an jiraatee. Itophiyaa keessatt mootummaan lafaa hafee kan Afuuraa (Galmistanni) Oromoo Amaaraan walqixxeett fudhachuu didee jira. Qacceefixi tankiin, dilgoon, tarafbaalleen, fi droniinOromiyaa irratt raawwatama jira. Hordoftoota Tawaahido kan ta’an Oromoon hedduun dha; garuu Galmistanni saanii ni gateenii, yeroo isaan dararama keessa jiran sagalee hin taaneefii. Roorrisaa bira gorii itt muddi jedhaa jira.
Seenaa keessatt Oromoon sirna demokraatummaa yk Gadaa waan qabaniif Oromiyaa keessa garagarummaa ilaalchaan walitt bu’uii hin jiru ture. Demmmokraasiin bakka hin jirrett amanteen walii hiluun hin jiraatuu, Somaliyaa fi Afar, Siiriyaa fi Araboota biraa, Yamanii fi Sawudi Arabiyaa biyyoota Islama akka fakkeenyaatt ilaaluun ni ga’aa. Lolli Kiristaanota gidduus lakkaawwamee hin dhumuu. Biyyi Oromo nafxanyaa Amaaraan yeroo qabamte, kan nyaaphi dura tolche amantee fi aadaa saanii akka hin shaakalle, afaan saanii manaa alatt akka hariiroo kamiifuu dhimma hin bahanne tolche. Dhuma irratt saba ofiitt baqsuuf, hunda kan ofiin bakka buusuu yaalanii turanii. Sirni malbulchaa Amaaraa fi Oromoo, ofaangessaa fi demokratawaa waan tureef walitt hin taanee. Hiddi qarooma Oromoo gadi fagoo waan ta’eef haqamuu didee baraaramuun afaan saanii lalisu danda’ee jira.
Michooti Habasha garbagama jiran “laaqii Kirstinnaa garba Waaqeffatootaa fi Muslima gidduu “ jedhan faranjooti Kiristanota alaa biraa mararfannoo argachiisaafii turanii. Kan dura fuulleett walitt ba’anii wal waraanan Moslimootaan turee. Barri Grany Mohammad kan Portugisooti Habashaa gargaaruuf dhufan dhahamuu danda’aa. Amaarri hordoftooti saanii Kiristinna kan hin kaane waliin akka nyaatallee hin sooranne abaraanii jiru. Jechi kan waliin nyaate wal hin nyaatu jiraa. Boodas erga biyya Oromo (Oromiyaa) qabatanii Oromoon Kirstinnaa ka’anis akka obbolaa saanii Kirstinnaan hintaaneen waliin hin nyaanne akeekkachiifamanii. Ergasii wanti hedduun jijjiiramee jira. Habashaanis “Laaqii” utuu hin ta’in biyya amantee hundaa taatee jirtii. Muslllllimotis cunqurfamoota durii sana mitii. Garuu hariiroon
hamaan dur gidduu saanii ture sammuu hedduu saanii keessaa haxaawamee hin qulqulloofne. Obbolaa saanii Islama ta’an yk Kirstana ta’an caala halagaa amanteen tokko ta’an wal amanuun finxaaleyyi amantee gidduutt ni mullataa. Kun hanqina ofbara malbulchaa irraa maddaa.
Efaajjee warraaqxota Oromoof malee, Moslima Oromoof, Oromo Kirstanaa fi Amaara addaan laaluun rakkisaa ture. Oromoon Kiristaan ta’anis amantii qofa utuu hin ta’in aadaa Amaaraa moggeessaa ta’e fudhachuun kan Islama ta’ett hiiquun laguutt ilaalama turee. Shaakalli akkasii Dheeraatt bar 60moota keessa Waldaa Maccaa Tuulamaan yoo Taddasa Birruu kan Tawahidummaa cimsuutt beekamuu fi Manguddoon Moslima Arsii akka Haj Robalee faan waliin qalanii sorratan cabe. Amma kan qalma obbolaa lagatan jiraannaan wan kolfaatii. Lachanuu amantee qofa utuu hin ta’in aadaa madda amantee ofii guddifachuun, aadaa Oromoo akka dhugeeffannoo halagaatt hedduun irraa qoollifataa turanii. Waggoota shantaman darban hundi biyya ofii bilisa baasuuf gatii guddaa baasanii. Harras utuu wal hin qoodiin lakkoofsa guddaan sanumatt tokkummaan bobba’aa jiru. Ilaalcha ofii ballisuun waan waloo fi dhuunfaa gargar baasanii ilaaluu danda’an malee rakkina Oromummaan itt dhufaa jiruuf furmaata hin argatanii.
Bilisummaan amantii mirga ergii jenne mirga keenya walliin tiksuu dirqii ta’aa. Kana malee roorrisaan addaan baasee nu rukutaa. Koloneeffataan Oromoo amantee, beekumsa, godinaa, gosaa fi gita kamiiyyuu diina riphett fudhataa. Oromoon jalqaba dirqiin haa Ortodoksooman malee dhalooti amma jiru jaallatee itt hafee. Sana jechuun Oromummaa lagatanii Amaara ta’ee jechuu mitii. Galmistanni kun hidda galmistanota baayyee dullacha kan mataan saa Gubbaa, akkuma Galmistaanota biraa ta’e keessa qaba. Yaadchicha ofii kan Abboolii Galmistanaa barsiin diriirfame fi booddana Moloksoota Koptii fi Habashaan itt ida’ame qaba. Hangi tokko garagarummaa isaan gidduu jiru waan itt hin mullanneef akka inni Oromiyaa itt dhufe utuu hin hedin isuma eegaloota kolonummaa irra afaalla’anii keessa turuu filatu. Adaa fudal Amaaraa irraa qulqulleessuuf barbaachisaa taanaan hanga Sinood Oromiyaa dhaabutt deemuu danda’uu. Sana gochuuf Amantee malee koshonsholli diina waliin dhufuu karra irratt hafuu qaba. Waani roorroo waliin hidhata qaban akka “baandiraa” fi gootota nafxanyaa gonkuma fudhatama hin qabaatanii. Amaarri abbaa biyyummaa Oromoo fi walqxxummaa saboota lamanii fudhatu malee waliin jiraachuun itt fufuunillee kan danda’amu hin fakkaatu. Kiristinaan Ortodoksiis fedha addaa Amaaraa fi aadaa saa irraa of qulqulleessu malee waliin waaqeffachuu diduu danda’uu.
Waggoota dhibbaa ol sodaa qawwee isaan duuba tureen gowwoomsaa fi dagachiisa saanii kan hin beekne fakkaatanii irra darbaa turanii. Kanaaf “Taabota”illee bakka hallett harcaasanii qaanii malee qoolloo roobe fi Taaboti deemuu dide jechuun qabeenya Oromoo saamuu fi mirga saanii ugguraa turanii. Ammas bara jijjiirame keessa sana irra deebi’uun tuffii akkamiitii? Namoota akkasitt qarooma Oromoo didhan waliin attamitt waaqefachuun hafee waliin jiraatamaa? Taaboti hundi fakkaatii “Aksum Tsiyooniin” beekaan muka irraa hojjetamee Ajaji Kurnan Kakuu Moofaa yaadannoof irratt barreeffame malee kan roobus, milla fuudhus yk dubbatus, Waaqas mitii. Soba akkasii Galmistanichis akkamiti fudhatee? Ulfina saaf jennee hin dubbannu malee sana isumatu barsiifate jedhamaa. Haasaan “warqee fi gagaa”, (ifaa fi dhokataa) jedhamu sirna barumsaa saa keessaa tokko. Taaboti achi bakka warshaa saatt roobee beekaa laata? Qoodi Galmistanaa Afrikaa koloneessuu irratt himamee, keessas deddeebi’amee himamee jira; kan Itophiyaas adda mitii. Oromoon kana hunda beekaa gowwoomaa turanii. Sich akka hin gowwomne mamii male agarsiisaa jiru. Amantee saaniis akka Koroota
Galmistaanaa Idleett (Ecumenical Councils) fi biyya saaniis bilisa ni baasuu. Korooti Idlee kun madda Galmistanota Baha kan Tawaahidoon qama itt ta’ee.
Amaarri maqaa “Zamachaa Minilik” jedhuun duula deebisanii qabachuu eegalaa jira. Akkuma jaarraa 19faa ummata dogoggorsuu fi jonjessuf Galmistaana Tawaahidoott dhima bahaa jiru. Ulfina Galmistanaan anjaa fudhachuun meeshaa lolaa akka Galmistana keessa Amaaraaf tuulan hamatamaa jiru. Iyya sobaa Oromoon akka isaan ajjeesaa, Galmistana gubaa jiru dabarsuu. Galmistaan Oromiyaa keessa jiran hundi dafqaa fi qabeenya Oromoo itt xuruurfamee ijaaramanii. Kanaaf kan horii ofii gubu maraatuu dha malee kan akka Oromoo safuu fi olhaantummaa seeraatt garaa amanan mitii. Jaruma iyyantu Oromoo hadhessuun mararfannoo addunyaa argannee qabsoo saanii roga dhabsiifna jedhantu ofirratt Galmistaanaa fi mana firoota saanii gubuu. Taabota bakka bakkatt harcaasanii qoolloo dhaa bu’ue, Maleekaa wayiitu Galmistanni akka achitt ijaaramuuf fedha jedhanii wajjirbulchii Itophiyaan wal ta’anii lafa Oromoo saamaa jiru. Amantoota silaa tiksituu saanii ta’an dhugaa barsiisuu irra soba itt afuufu.
Hogganooti Tawaahido waraan qacceefixaa ta’e Oromiyaa fi Tigray irratt gaggeeffamaa jiru sirrii dha jechuun eebbisanii bobbaasanii. Akkasitt Tawaahidoon Amaarinya kan dubbatan qofaaf akka dhaabbate ragaa bahee. Isaaniif hunda dura Ethiopia jechuun Amaaraa. Sammuun qacceen firummaa jaarrota hedduun dura Yakunoamlak waliin qaban, yoomallee jijjiirammi malbulchaa fi teknolojii ifaan jiraateyyuu kutuu hin dandeenye. Hongaatuu ta’uu dura akka dammaqan gorfamuu barbaachisaanii. Afaan dhimma itt ba’an, eenyuun akka farfatan fi ifumatt eenyuun akka jibban caqasaa, sananaan maalummaa saanii qayyabachuu dandeessuu. Isaan Itophiyoota, waa’ee Itophiyaa qofa dubbatu; waa’ee olhantummaa seefaa, jarri akka Oromoofaa masaka saanii dirqiin hordofuu qabaachuu dubbatuu. Hedduun utuu hin beeekin Itophiyummaan yaaduun sanaaf isaan komatu. Gabbaaroti saanii durii “Issuu Qarto, leelaa Zapan mattoo!” yoo jedhan hin dhaggeeffatanii; jechuun inni hafee sirbi biraa dhufee jechuu dha. Oromiyaa haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Amajjii 202