WAL YAADACHIISUUMAAF

Qabsaawaa Oromoo yoo taate, kufaatii fi ka’a empayer Itophiyaa yaadda’uuf at kittillayyoo Amaara anatu bu’uurseen jedhee dhaadatu yk imperiyalistii uumuu saa gargaare mitii; farra saatii. Halle dandamachuu keetu adda si godhaa. Kanneen jalatt hidhaman hundaaf kufaatiin empayera ka’a saa irra wayya. Xiiqiin, hojiin lafa jalaa, waliigaltee ibantoota halagaa waliin qaban fi fedhi dhuunfaa, amanteen nama akka hiramu qoruu hin qabu; halle hanga bilisummaatt dabarsuun Oromummaaf karaa kennuutu hundaa anjaa qaba, Oromummaa keett amanii waan sabichaaf ta’u dhoofsisii.. Durfannoon kee karaa danda’ame hundaan Oromiyaa bilisomsitee deebistee ijaaruu dha; gonka diiguu see gargaaruu mitii. Jireenya nagaa fi atooma qabu godinichaaf ati saboota, sabaawotaa fi ummatoota biraa waliin yaadda’uuf yero sabi Oromoo fedha bilisaan waa gumaachuu danda’u miltoo taatee dhihaattaa. Oromoon mootummaa amma jiruu mootummaa Oromoott hedduun dabankufoota Oromo ganuu dha. Waa’ee egeree Itophiyaa, yeroo Itophiyaanoti Oromiyaa akka walabaa fi walqixxeett fudhachuu manna diiguu filatan isaan caalaa yaadda’uun daallummaa fi ayyaanlaallattummaa ija baasee ta’aa. Egaa, arreedi dura Oromiyaa bilisoomsii akka milla ofiin dhaabbattu tolchi.

Ummati Oromo yeroo hin beekamnee kaasee mootummaa ummataa, ummataan gaggeeffataa ture; haala bulchooti kennata yeroon daanga’ame, waggoota sadeetii, olhantummaa seeraa fi safuun bulaa ture jechuu dha. Kanaafi Oromoon dhugaa seera malee nama ajjeesuu fi guraaruu, ulfina ilmoo namaa ugguu hin danda’u. Akeekota, Gadaan qixxe, Odaan qixxe, karaan qixxe, gabaan qixxe, malkaan qixxee jedhan imaammata bu’uuraa turanii. Dhimma hawaasoma fi malbulchaa keessa hiriyaa hundi murna murnaan qooda fudhataa itt guddatu qabu turanii. Kanneenii fi shakaloota beekumsa irratt hundaawan biraaf, qarooma kush baddeef akka walitt fuftuutt hedamuu dandeessi ta’aa. Mirgooti ilmaan namaa fi ummatootaa tarreeffamanii gitaa fi sadarkaan malbulchaa kamuu adda nama utuu hin qoodin kan cabse itt adabamu ture. Walqixxummaa ilmaan namaa utuboota seera Gadaa keessaa tokko. Nammi booji’amuun, itt baqchuun yk kooluu galuun Oromiyaa keessatt argame akkaataan nambiyyaa itt ta’hu mijjeeffamee ture. Humnaan caalamanii qabamuu fi hoggansi saanii xabamuu saanii duuba haala haaraa akka itt qaban wallaaluun hamaa irra gahu yarsuuf wallaalaa fakkaatanii mullchuutt ka’anii turani. Waggoota dhibba booda hacuuccaa fi tuffiin daangaa dabarran dafqaa fi dhiiga saaniin kan bade qajeelchuuf Adda Bilisummaa Oromoott (ABO) of ijaaruun ka’anii. Dudhaa Gadaaf amanamoo ta’uun qabsoon saanii kan akeekkate qajeeltuu, nagaa fi walqixxummaa hundaaf argamsiisuu dha.

Nammi tokko yoo xinnaate biyya kiyya kan jedhu bakki itt dhalate jira. Tokko tokoon ummatootaa, biyya keenya jedhan ijaaranii kunuunsan jiraachuu qaba. Oromoon yeroo hin yaadatamnee ka’anii karaa adda ta’ee ofiin saba bu’ra cimaa lammummaa irratt ijaaranii jiru. Oromoof biyya yk biyya Oromoo, Oromiyaan baroota hacuucamaa keessallee qaabannoo saanii keessaa baddee hin beektu. Eenyummaa Oromummaa saanii waloo haquuf wanti diinni hin raawwanne hin turre. Biyya saanii tokkee hedduu “Xaqilay Gizat” jedhamutt ciruun maqoota adda addaan booqaa itt baasan. Takka turanii, o’a malbulchaa finiinaa ture qabanneessuuf sana “gizat” kolonummaa waan agarsiisuu danda’uuf “Astadaadar” jedhamutt jijjiiran. Dhiibbaa guddaa warraaqxoti Oromoo tolchaniin gara “Killil” yk naannaa jedhamutt foyyessuu yaalan. Biyya bilisa Oromoon gaafatu utuu hin ta’in naannaa /kutaa Itophiyaa jechuu dha. Mana saanii alatt aadaa, dhugeeffannoo, fi afaan ofii dubbachuu akka hin shakalles dhowwanii turanii. Hanga Itophiyaa irraa biyya addaa ta’uun beekame dantaa Oromiyaa keessa seenanii borcuu dhaabanitt qabsoon hin dhaabbatu. Yoos qofa tokko tokkoon nama Oromoo Oromiyaa keessa kiyya waan jedhu qabaatee abbaa biyyumaan itt dhagahamu. Wayyabi Oromo si’ana kiyya waan jedhu hin qabu. Jaarra 20faa keessa Itophiyaan walitt bahuun murna lammii Itophiyaa Oromo hin tolchuu, biyya nakkarii bilisummaan saanii kiyyoo keessa jirtu malee. Minilikillee Mootii Itophiyaa fi biyyoota Gaallaa (Oromo) ofiin jedha ture. Gaafa kolonummaan haqamee, walabummaan jiraachuu haa ta’u tokkeessoo wayiin hidhata ummachuun fedha Oromo bilisa irratt hundaawaa. Oromoon waan barbaadan ta’u malee waan kanneen bira akka ta’an fedhan hin ta’anii.

Daangaan empayera Itophiyaa haa ta’uu kan biyya biraa gubbaan uumame mitii, tolcha namaatii. Fedha eenyuu jedhameetu kan empayrri waan hoodaa ta’ee? Ummatooti Tigray, Agawu, Qimaant, Argobba, Northern Oromo fi kanneen biraa lafa amma godinaa Amaaraa jedhamu keessa jiraatan giti bittuu Amaara jedhamu Itophiyaa irraa fedha qabaatee utuu hin ta’in biyya keessaa dorgomaa tokko utuu hin qabaatin maqaa saanii Amaara/Itophiyaa jedhuun Oromiyaa fi kolonoota durii bolquu akka ta’ee ni qayyabatuu laata? Itophiyaan barnoota “Atsee” kaasee itt qabata ta’aa akka dhufte beekamaa dha. Daangoti namaan kan tolfaman waan ta’eef jireenya keenya keessattillee hamma biyyoota akka Itophiyaa, Somalia, Sudan, Yemen, Indonesia etc. irratt jijjiirama agarree jirra. Mootummaan Itophiyaa (Kush) durdurii maqaa see Grikii Habashaan booddana itt of moggaasee oolfate malee, amma hin jirtuu. Utuu seenaa see hatuu baatanii, sun waan badee hin qabu. Ummati seena ofii hin qabne hin jiru. Utuu kan biraa irraa hatuu hin barbaachisin, xurree ofii duuka bu’anii jabduu boonsaa ta’an hadduu hin dhaban turanii. Rakkinni amma mudataa jirus furmaata salphaa argata ture.

Bulchooti Itophiyaa fi ummatooti kolonii saanii madda addaa irraa argamnii. Afrikaanota ta’uu saanii alatt dubbee seenaa, aadaa malbulchaa, afaan fi dudhaa waloo hin qabanii. Seenaan qarooma Itophiyaa/Habashaa malbulchaa, diingadee, haa ta’uu hawaasomaa kan bara kolonii, jaarraa tokkoof walakaa koloneefataa fi koloneeffamaa ta’uu malee Oromoo fi jara biraa kan bakka bu’u mitii. Akka qaama tokkoott isaan fudhatanii waa’ee jijjiirama dhufaa jiruu gadooduun rakkina gidduu saanii jiruu furmaata soquu dogoggorsuu fi gufachiisuu danda’aa. Amaarii gita waraanaa Kiristinaa Ortodoksii, kaabbaa kan Amaarinyaa dubbatan iraa asii fi achii walitt makuun bu’uurfame. Hangaa Oromiyaa koloneeffatanitt battala muummee kan hin qabne jawwisuun dannabaan jiraataa turanii. Murnumti kun namoota itt dhufe madaqfachuun Kiristinnaa Ortodoksiitt jijjiiree Amaaressuun sirna nafxanyaa jedhamu meeshaa abidda tufu hidhatett make. Amaarri gara caalu wiirtuu aangoo ta’uun jaarrota hedduuf biyya mootii Itophiyaa keessa turee jira. Jarraa tokko fi walakaa dura erga biyyoota Kibbaa saa koloneeffate asis wiirtummaan itt fufe. Amma wiirtuun sun jigaa, aangoon saboota, sabaawotaa fi ummatoota empayera jala turanitt darbaa jiraa. Murni Amaara jedhamu, Amaarinyaa dubbatu kun angoo saa turfachuuf ijibbaata isa dhumaa tolchaa jira. Biyya ormaan, “Itophiyaa” jedhee of waamaa waan jiraateef, moo’achuu baannaan Afaan saa malee inni ni dhumataafii. Hireen saa kan Abiyitt hidhataa dha. Ijibbaata isa dhumaa kana Isaayyaas Afwarqii kan federalism “alerjii” ta’ee fi jibbi Amaaraaf qabus sanaa gadi hin ta’in, hoggana godhatee baraaramuuf yaala jira.

Murnoota Amaarinyaa dubbatanii fi kanneen yaada hooda jara Lixaa qabanii fi kanneen sirnicha jalatt maqaa fi bu’aa argatan qofatu maqaa “Itophiyaa” jedhu ayaanessuu. Hundi empayera jala jiranis akka angoo kanneen Amaarinyaa dubbatanii gaaffii malee fudhatan barbaadu. Kana irratt, baayyee ofirroo ta’uu irraa kan ka’e kan saanii malee afaanota 80 empayericha keessa jiraachuu heduun dantaa sanii mitii. Hedduu saaniitt warri saanii “Sawu Lijiin” (ilmoon namaa) isin qofa, kan hafan garbootaa fi minamintee uumaa gadigaloo dha jedhanii akka itt himan beeknaa. Namooti qaroo ta’an ilaalcha akkasii barumsi ni jijjiiraa eeguu, garuu kan saanii caalaa barachuun samaa, burquqaatt ceesisee. Duubbee tuffii kanneen biraa qaban kanaani bulchooti saanii hundi qunnamtii saanii hundaan Amaarinyaa dharraa fi quwasammuu Oromoo fi kanneen biraa hin ifsinett dhimma bahu. Afanicha barachuun ummata ofiin afaan walwallaaluun ijoolleen Oromoo manii jarri ka’aniif rukutaniifii jiru. Barri Qubee as bahu saatiif sun seenaa ta’ee jira; Oromoon amma afaan fi sarara ofiin qunnamtii hunda kan xaddachaa fi waabarii dabalatutt dhimma bahuu. Sanaan hidhaa diinaa jaarraa olii keessaa futaafati guddaan ta’ee jiraa.

Si’ana biyya sanaa yaada tolaas, hamaas fudhatanii yabboott kan bahan isaan qofa waan ta’aniif fedha kanneen biraaf dhimma hin qabanii. Kanaaf hanga waliigalteen dhoofsisaan irra ga’amuutt, Oromoon ejjennoo

cimaa fudhachuutu irra jiraa. Akka sarmuutt waan fudhatamuuf Oromoon ifaan afaan kolonefataa eenyu waliinuu quunnamtii gaggsuu haa ta’u yabboo afaan sana qofaan gaggeessamu irrati qooda fudhachuu hin qabanii. Kanneen hundi imaammata ABOn 1991 dura hordofu turanii. Hammasitt kan afaan furu yk afaan hin baabsinett dhimma bahuu dhaa. Yabboo saaniitt dabalamuu hafuu Oromoon komatu jiraachuu hin qabuu. Itophiyaa waan hin taaneef moggeeffamaa akka jiran hubachuu dha. Isaanis yabboo dhuunfaa ta’e kan kaasaa saanii fulduratt ittiin oofan gaggeeffachuutu furmaataa. Danda’ummaan saanii erga hin galleefii, Oromoon isaan waliin dubbachuuf balleessa kanaan duraaf dhiifama gaafachuu akka qaban hala duree ta’uu qaba.

Jijjiirammi ta’uuf deemu warraaqaa ta’ee jireenya hedduu jeequu danda’aa. Kanneen nagaa fi eenyummaa saanii Afrikummaa jaallatanii fi walqixxummaa ummatoota Afriikaatt amanan jiraannaan godina tokko dhiisii Afrikaan shaffisaan waan hin tokkomneef hin jiru. Sochiin #Nomore (Ga’ee) joonjoo ta’e, kan rimsama kolonummaa, “Pan Afrikanism”, moo’ummaa fi “neo colonialism” waan qabu kan hin fakkanne jira. Kanneen jechuun walfakii toko hammatanii kan biraatt qubaa qabuu mitii. Namooti sun waa’ee kan biraa dubbachuu dura seenaa ofii barachuutu irra turee. Kan Abiy fi abdattuun siran nafxanyaa isa deggeran hojjetaa jiran kanaa. Ammaaaf, murni Amaarinyaa dubbatan sirna Solomanaawaa Yekunomlakii fi sirna Nafxanyaa Minilikiin ijaaramanii fi dhaadannoo saanii nutu Itophiyaa uumne jedhu, kan harkatt qabu hin jiru, Itophiyaa saanii ofiif dhuunfachuu danda’u, Oromiyaa qofa Oromoof haa dhiisanii.

Akka durii sabi tokko yk aadaa fi afaan tokko fedha saa kan biraa irratt fe’uu hin danda’uu. Addunyaan taatee kana 1960moota keessa raawwachiisee jira, garuu lafquwii fi halluu gogaa jala da’atee kolonummaan Itophiyaa, golee kana keesatt lalisaa jiraatee. Sun diigama Itophiyaa jedhama yoo ta’e waan hin olleef, kanneen “isee dura nutu jiga” jedhan jiguuf haa qophaawanii. Empayerichi bososee saboota jala turan kana caalaa walitt qabee tursuu hin danda’u. Ummatooti hang yoonaa hacuucamaa turan mirga hiree sabumaa ofii ofiin murteeffachuu gaafatanii hojii irra oolfachuuf dharraan eeggataa jiru. Kanneen biyyoota kan akaakilee saanii hin taanett dhalatan yk qubatan achitt deebi’uu yk bakka dhalatanii of arganitt hafuu yk akka seera sabichaatt bakka kooluu itt galan jiraachuu danda’uu. Akka duriitt deebi’uun harma jige.

Waraana hambisuuf sun fudhatamee heeratt galuun seeraa ta’ee jira. Baballattuu abdattuu sirna nafxanyaa qofatu sana fudhachuu diduun fuggisiisuuf waraan bananii jiru. Akka murnaatt itt fufanii jirachuun, dandeettii jarri saanii fedha ofii ummatoota empayericha jala jiran irratt diriirsanii jiraachuu irratt hundaawaa. Murni Amaaraa jedhamu akkuma yeroo hedduun himame Tigraaway, Agawu, Qimaant, Argobba, Oromo Kaabaa irraa tolfamee, jarrimmoo addatt hiree ofii ofiin murteeffachuu gaafataa jiru. Amaarri, olhantummaa argachuuf nakkaroota ciccimoo balleessuu qabu. Kanaafi kan isaan duula fuula hallee humnoota Oromoo fi Tigraaway WBO/OLA fi TDA irratt bananii. Dilii hanga tokko ni yaalu ta’aa, garuu waraanicha gonkka moo’uu hin danda’anii. Gurguddoon saanii, ummatoota keessatt dhalatanii guddatan waan tuffataniif yoo jarri saanii olhantummaa qabaatan malee walqixxee ta’anii jiraachuun itt hin mullatuu. Gaanfaa fi Afriikaa guutuutt haa ta’uu, hariiroo subgidduu waliin qabanitt nagaa fiduuf fedhi jara kanaa ittisamuu qaba.

Abiy ahmad Ali jalatt, guyyuu akaakileeen, aadaan, seenaa fi dudhaa kanneen biraa keeti jedhamaa, wanti hankee ta’e hundu booqaan Habashaa kennamaafii; hogganooti nyaaphaa kanneen Oromo bilisummaa, mirgoota ilmaan namaa qabeenyaa fi dafqa ofii dhabsiisan gootota keeti yoo jedhaman, akkuma jedhanii fudhachaa, masaka saa akka waan “ilmaa Abbaa Gadaa” irraa dhufeett sarmuun kan agarsiisu jeequmsa sammuu qabaachuu dha. Yeroo inni/iseen qofti dhaabbiitt hafu/haftu Oromoon bira jiran hundi kukkufan sammuun Oromoo dhugaa akkamitt fudhataa? Kanneen kittillayyoo Abiy jalatt gidiraa argaa jiraniif garalaafummaa utuu hin agarsiisin waa’ee Oromoo kamuu dubbachuu ofirrummaa hin ta’uu laata? Itt hin mullatuu, utuu ilma abbaa Gadaa ta’ee Abbooti saa Karrayyuu maaf ajjeesaa,? Kanaan jala kaattuu Amaaraa

akka ta’e ifatt isaan agarsiisee jira. Fakkeenyaaf, yeroo isaan maaf Jawaarii fi Abboy Sibaat hidha baafte jedhanii dheekkaman, ni romm’ee. Jalqabumaa kan haala hidhaatt isaan naquu fide qajeelfama saanii ture. Nagaa godinaaf jedhamee, angoott akka malee dhimma ba’uun isaafis, isaaniifis raawwachuu qaba. Amma kan sun ta’aa jiru fakkaataa; humni kan saanii fi kan Isaayyaas caalaa jabaa fi bu’a qabeessii, akka kallattiin jijjiiramu kan gaafate fakkaataa. Kun sadoo Araat Kiiloo, Baahir Dar, Asmara cabsuuf fana jalqabaa ta’uu danda’aa.

Oromummaan waan Oromoo hundatt waloon dhagahama jedhamee fudhatamu. Madaqsa akka cuqiitt, daa’imaatt, gaammeett, qondaalaa fi sadarkaa biraa fi haala warra Oromoo biraa jala darbanii. Sun muuxannoo jireenya ofiitt keessa darban, dargaggummaa fi ga’eessummaa, jibbaa fi jaalala, gamnoomaa fi wallaalina, jagnummaa fi lugnummaa, gara laafinaa fi hammina, waa’ee saba saanii dubbatamaniin qaramee. Misha haa ta’uu badaa sana keessaa du’a qofatu nama baasaa. Wanti saa dhimmama nageenya Oromoo gita hundaaf qabanii. Jaalbiyyumaan, walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo, akkasumas danqaraa tokko malee afaanii fi Qubee ofiitt dhimma bahuu irraa hamaa ittisuutii. Garri Oromummaa biraa bakka jiran hundatt dhaalmaa Gadaaf amanamaa t’uu dha. Hundaa olimmoo Safuu akka akaakilee Oromoon kaa’amee fi warraaqxota dhaloota Oromoo adda addaan haaromfamaa deemuutt eeggachuu dha.

Nammi Oromoo tokko attamitt sana hunda moora diinaa keessa dhaabbatee balaaleffachuun waa’ee kodee ofii hamaa dubbata? Jechi akaakilee saaniillee “Halagaatt garagalii nyaadhu, firatt garagalii liqimsi” jedha mitiiree? .Akka Oromoott faloo bahuu qabu. Oromummaan yk sabboonummaan Oromoo ilaalcha addunyaa bilisummaatii malee olhaantummaa mitii. Dammaqina malbulchaa Oromoo fedha hedduutu ukkaamsuu soqaa. Oromo hundi yoo dhimmamu baatan marsicha cabsanii ba’uun salphaa hin ta’uu. Sabboonoti addunyaa durii kan milkaawaa turan hamaa haa ta’anii tolaa bu’aa ciicannoo hunda qabsaawota saaniif kennuunii. Si’a seenaa saanii kanatt, kan Oromoo dhugaa irraa gaafatamu sanaa. Abaluun nan jaalladha, hin jaalladhuu; nan ciicadhaa hin ciicadhuu mitii; kutatanii haala sabaaf qaanii ta’e jalaa tokkummaan ba’uu dha. Yeroo hamtuu kana keessa hulluuquuf, “Biyya tiyya dabdus, qajeeltus” jechuu gaafata.

Itophiyaan kan utubaniin nafxanyaa Amaara, aanga’oota leelloo fi fedha qaban, Oromo galtuu kkf. qabdi. Oromoon sabboonota ofii malee homaa hin qabanii. Kanaaf, kanneen garlachuu bargaanfattanii ijaajjuu feetan Oromiyaatt saabbadha dura isee of dandeessisaa. Hidhata demokraasawaa uumuuf tokko tokkoon hidhatichaa keessa jiran dura ofii demokratawuu qabu. Ilaalcha malbulcha tokko kan hin qabne tokkeessoo waliin uumuu hin danda’u. Dinni Oromoo kan afaan halagaan itt dubbatte dirqiin dhaggeeffadhu jedhu, Oromoon Oromiyaa irratt moo’ummaa akka qaban haalunii. Yeroo Ammaa diinni Bilxiginnaa fi deggertoota saa Amaarinyaa dubbatanii. Jibbaa fi tuffii saanii ifatt amba keessatt lallabuu. Sana gochaas, utuu namoota Oromoo, akeekaa fi boona saba saaniif suukii hin qabne hin hiriirfannee battala tokkoof Oromoo jala dhaabbachuu hin danda’an turanii. Jara akkasii waliin dhaabbachuuf Oromoon dhugaa sababa qabaachuu fi kora hundi Amaarinyaa dubbatu keessatt qooda fudhachuun irra hin eegamu. Heerri si’ana wal coqqolsiisaa ta’e, hobbaatii wareegama baayyee guddaatii. Ergasiis, wareegami caalaan itt baafamee waan jiruuf sanaa gadi utuu hin ta’in bu’aa caalaatu yero ammaa eegama. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Amajjii 2022