Haala yeroo fi Xumura Saa

Burjaajii jaarraa fi walakkaa keessaa urgufannee, deebinee akka ummata birmaduu abbaa biyyaa, seeraan bulluu, humna ittisaa dhuunfaa, hariiroo sabgidduu, gamtaa walitt dhiheenyaa, nagaa fi buhaaraa fi fedha walii walii kabajuun olloota keenya fi addunyaa waliin akka hin jiraanne kan nu dhaabu danda’u hin jiraatuu.

Raayyaa koloneeffatuuf alaabaan halluu magariisa, keelloo fi diimaa ta’e mallottoo boona saanii yoo ta’u Oromoof mallattoo moo’amuu fi salphinaatii. Oromo kan ofiin jidhan isa jala hiriirru fi walga’i ambaa yakka leellisuu fi farra Oromoo, farra ummatootaa ta’e fedhaan jala hiriiruu arguu caalaa kan nama dhukkubsu hin jiruu. Kanneen sirna nafxanyaa yaadaniif tuqaan isaan yaaddessu gargar ba’uu Itophiyaatii. Garu takkaa fedhaan walitt ta’ee hin beeku. Kan walitt ta’ee hin beekne gargar baha hin jedhamu. Humnaan ofitbaqsuunis yaalamee hin milkaawin hafee. Sobaa fi dagi mallatoo biyya mootii Itophiyaattii. Abddatuun sirna nafxanyaa Amaarinyaa dubbatan, Qimaantii, Agawuu fi Tigaaruu dhiisanii nu qofatu Itophiyaa dha jechuun soba saanii keessaa tokko. Oromoo fi kolonoota biraa ofiitt dabaluun lakkoofsa ofii bokiksanii himachuunis dogoggorsa biraatii. Hariiroo dhugaa Oromiyaa fi empayerichaa dhossuu fi jirma guddaa kana empayera keessatt eessatt akka ta’u ukkamsuun dagaa fi soba addunyaatt tolfame. Akki itt waraanni amma jiru jalqabe, maltu akka t’ee fi maaltu deemaa jira jechuun itt dhihaate sobaan cululuqfameetuu. Yakka beekaa ilmoo namaa irratt raawwataniin, humnoota alaatii karaa dantaa Itophiyaatt seenan ofumaa kan banan waan ta’eef, balleessaa ofiin malee waanti akka daba Afrikummaa irratt raawwatee dubbatamu hin jiruu. Miseensi ST (UN) kamuu fixaqaccee dhaabuuf dirqama qaba; sana biyyooti isaan dhimma keessaatt seenuun himatan, sababa argataniii fedha saanii keessa gugachiisan yoo ta’ee waan sadarkaa gadiitt ilaalamu, lubbuu baraaruuf gaafatama qabu. Itophiyaan uumaa saanii waan taateef itt laafan jedhamaniiyyuu komatamuu.

Dogoggoratt akka hin fudhatamne, waraanni kun sirna guneessaa koloneeffataa murna nafxanyaa Amaarinyaa dubbatanii fi humnoota demokraasii fi bilisummaa gidduutt kan gaggeeffamu. Yoo gaaffiin tokkummaa Afriikaa kan ka’u ta’ee, jarri duubaa hunda caalaa tokkummaa Afrikaaf kan dhaabbatanii fi Afriikummaan kan boonanii. Abjuun guneesitootaa sadarkaa bara Hirmata Afrikaa qabaataa turan, kan tima kolonummaa irratt hirmachuun bu’aa biyyoota mootii fi republikoota saboota Afriika walaba qabachuu argamsiiseef amma du’ee jira. Tarii yeroo empayerri koloneefataa Amaarinyaa dubbatu bososee gargar faca’u kan ummatooti Gaanfaa carraa waa’ee walitt ta’uu kan yaaduu danda’an. Haa ta’u malee, Oromoon egeree dhiheenyaatt gooblaa waraanaa saanii, hariiroo sabgidduu fi biyya ofii irratt moo’ummaa dabarsanii hin kennanii. Ollaan walqunnamuun bakka barbaachisaatt wal gargaaruf konfedereeshinni kan toluuf fakkaata.

Si’a kana jijjiirammi tolfamu, akka roorroon ilmaan namaa Gaanfa Afrikaa kana keessa jiranitt ofirrummaa fi wallaalinaa koleneeffatoo nafxanyaan lamuu deebi’ee akka hin dhufne kan bu’uura jabaa ta’uu qaba. Sabooti, sabaawotii fi ummatooti hanga yoonaa irra darbame beekamuu fi ofiin dhaabbatanii lakkaawamuu qabu. Amma humnooti Kaabaa fi Kibbaa yakkamootaa fixaqaccee fi yakka fokkuu hedduu ummatoota irratt raawwatan faana bu’anii gara wiirtuutt hurrisaa jiru. Weerartuun Isaayyaas qabeenya saamanii fi yakka hojjetaniif qajeeltuutt dhiheessuu ergamsa saanii keessaa tokko.

Injifatoon kun kan wiirtuu ga’an wareegama guddaa baasaniitu. Nafxanyaan iijbaata isa dhumaa guchuuf lola riphee lolaa magaalaa yaalu taanaan dhiiga guddaa kan lolaasu ta’aa. Shororkeessituun Abiy-Isaayyaas kanneen jarri Lixaa dursanii arguun dubbatan ta’uu danda’aa. Kan walta’an isaan caalaa cimoo fi murattoota waan ta’aniif ni injifatu; garuu dhiiga namoota nagaa hedduutu wareegamuuf deema. Isaayyaasiif, isa “Kan qooxiin buusaa jettee is ukaa gattee “ jedhan akka hin taane sodaachisa. Gadoo bahannaan sana duuba dhufu salphaa ta’a jedhee eeguu hin qabu. Maaltu beekaa sanaan caasaan Afriikaa gara kanaa ni jijjiirama ta’aa. Ammaaf waldhabdee wiirtuu waliin jiruuf gaga’amtoota waraanaaf hadhaadhiyyuun waan eegamuu. Kan finnooti, abba tokkeen fi dhaaboti daldalaa beenyaa

baasuuf gaafataman si’anaa. Si’ana kan golooti faashistii fixaqaccee jajjeebeessanii fi qooda fudhatan barbaraaf haqaamanii. Gabaabaatt kanneen honga’an baasii waraanaa hunda baachuu qabu. Kan hafe kanneen injifannoon buufatan gidduutt ma’riatama. .

Kanneen injifatanii fi tumsitooti saanii sadarkaa wiirtuu fi finnaatt (Tigray kan mootummaa qabu malee) konki aangoo akka hin jiraanneef seeraa fi sansakkaa eeguuf mootummaa yeroo dhaabuun barbaachisaa dha. Mootummaan yeroo hangam akka turu kan murteessu shaffisa kanneen fixaqacee keessatt qooda fudhatan to’atamuu irratt hundaawaa. Godinicha waggoota dhibbaa fi shantama gidiraa ilmaan namaa booda deebisanii akka haaraatt ijaaruun qooda fudhannaa kan dubbiin ilaaltu hundaa gaafata. Kanaaf hundi yeroo jalqabaaf fedhanii miiltoo walii ta’uu akka dandeessisu mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu saanii shaakalachuu qabu. Kanaaf “eeyyee lakkii” (referendum), yeroo murtiin hojii irra oolu dursee murteeffamu gaggeessuun barbaachisaa dha. Jechuun yoo finnaa X walabummaa filate hojii irra kan ooluuf yeroo hanga tokko yaadu fi of qulqulleessuuf carraa kennuuf jechuu dha. Yaa’a kana keessaa golota malee saba, sabaawaa fi ummatii ciiga’amu jiraachu hin qabu. Keessaayyuu baraaramaa fi fedhii jara yaroo xiyyeeffannoo addaa gaafataa.

Yaa’a sirna waaraa dhaabuu keessatt gumaachi ogeeyyii fi hayyootaa ni leellifama. Garuu yoo jarri gocha tokkoomeen birmachuuf qophii hin taane imalli qabsoo hin dhaabbatu. Waan ilaalamu irraa rakkinni kan saaniiti malee kan ummata ijoollee ofii mirgaan galtu dharraan eeganii mitii; Kan WBO as gahuuf wareegama guddaa baasees hin ta’uu. Hirdhinni iyyaati dhabuu akka jirutt ta’ee, qabsichi dudhamaa fi murannoo ijoollee cunqurfamoon injifannoolee galmeessaa as gahee jira. Kan qabaniin gabaa ba’u jedhamaa. Murannoo sanaa fi muuxxannoo rakkina hedduu jala darbuu qabaniin darara hundaa irra haananii bilisummaa, demokraasii, nagaa fi gammachuu ummatoota saaniif wareegan ni argamsiisu. Gumaachi hayyootaa sila kana jabeessaa.

Oromoof, WBOn kalcha amanamaa dha. Inni hoggana malbulchaa fi lolataa akkasumas malbeekaa boona sabichaa olkaasaa jiru. WBOn amma qaama dhaba kamiiyyuu akka hin taane ummataa fi Abbootii Gadootaaf dabarfamee kennamee ture. Kanaaf goolooti qaama ummata Oromoo ta’an akka hirree waloott ilaaluu qabu. Golooti malbulchaa hundi WBO waliin bulcha Oromiyaa lafaa kaasanii ijaaruu irratt qooda fudhachuuf qophee ta’uu qabu. Si’ana mirgaa fi boona dhabsiifame bakkatt deebifachuuf tolaa gumaachuu qofatu eegama. Erga sirna abbaa gonfoo diignee as, akka waan irra marfamee hayyooti keenya wal qayyabachuu hin dandeenyee. Afaalla’achuu qabuu.

Erga Mootummaaan Yeroo ulaagaa nagaa fi tasgabbiif barbaachisu guuttatee booda, kan abdatamu bakka bu’ooti sabotaa, sabaawota fi ummatootaa waamee Yaa’a Idlee unkessanii isaan bakka bu’oota sona cehumsaa dhaabuu fi heera haaraa wixinutt akka bobba’an gochuu dha. Nut gara Gaanfa Afrikaa kana kan jirru muuxannoon nu qabnu sirna lolataa nafxanyaa qofaanii. Nammi tokko hanga fedhe tarkaanfataa haa taanuu dhiibbaa saa jalatt kufuun waan danda’amuu. Bara 1991 murni warraaqaan tokko hagam ofittummaa fi bolola aangoo jalatt akka kufe agarree jirraa. Qawwee dhuunfachuut sana fiddee. WBO fi TDF kiyyoo walfakkaata keessati kufuu laata? Humna dudhaa micciiramaa irra haananii kaasaa labsataniif amanamoo ta’u jennee haa abdannuu. Kana malee Oromoon lammafata garboomaaf obsa hin qabaatu, Gaanficha akka tokkoon hin bulle tolchaa. Xumuruuf, mootummaa yeroo, Yaa’ii idlee, sona cehumsaa fi referendum eerree jirraa. Kanneen yoo sirriitt qabaman egeeree hariiroo tolaa qabuuf fixeensa buusuu danda’uu. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Sadaasa 2021