Seenaan Itophiyaa barruun jiru ta’innaa fi kan baricha aangoorra jiru saaduu iraatt hundaawaa. Want qotamanii bahanii fi siidoti baraaranii jiran maljechi saanii akka fedha argadhageetitt fudhatamaa jira. Seenaan dhugaa ammayyuu walitt hin qabamnee. Seenaa dharaa fi roga dhabaa akkasii, nafxanyaan Amaaraa ijoollee ofii barsiisanii kan Oromo Madagaskaritt geesaa bahe. Kuushoti akka Oromoo dhaloota baqqaana Africaa kanaatii. Bara yoomummaan sii’achi mirkanaawutt, Arabiyaa irraa Garba Diimaa cehanii ummati afaan Semitik dubbatan ummatoota Kuushiitt makaman jedhama. Kun bishaan buddusseen hamma Garbatt naquutii. Afaan malee dhiigi Kushaayee jira. Ammaa afaanoti gurguddaan Kaabaa Amaarinyaa fi Tigrinyaa dha. Kan Amaarinyaa dubbatan Agawu, Qimaant, Gafaatii fi Oromoo Kaabaatii (Walloo). Namooti isaanii alaa, jara kanaan afaan isaan dubbatanii fi dhugeeffannoo saanii Kiristinnaa Ortodoksii irraa ka’uun Amaara jedhuunii. Jarri lamaan jalqabaa ammayyuu afaan saanii jira. Jarri kaan caalaan afaaniin Amaaratt baqanii jiru. Amaarri gita bittuu waan ta’eef maqaa saboota sabaawotaa fi ummattoota bituun mlee maqaa saan biyi hin jiru. Hanga qabsoo cunqurfamootaan cabutt hunda kan ofiitt fudhate. Akka Afrikaanota hedduun utuu aadaan koloneeffataatt hin baqin qabsoon nuu dhaqabee jira. Godinaan Amaaraa si’anaa uumaa ABUT/ADWUItii. Ummatooti hededa gaaraa irra jiraatan akka Laastaa, kanneen gadi ilaalan akka Ejjuu fi Qobboofaa biyya Oromoo jedhu. Kanaaf ummati Walloo durdurii sobaa fudhatanii Amaara qubachiisuuf kanneen biran walitt cafaqamuu hin qabanii. Yoo xinnaate referendum gaggeeffamuufii qaba.
Amaarinyaan akka maqii afaanii loltoota biyya mootii Habashaan iccitiif dhimma baasuun eegale jedhamaa. Booda afaan barruutt misee kan gita bittuu fi raayyaa saanii ta’un dhimma baasuu eegalee. Raayyichi ummatoota adda addaa, Tigraaway, Agawu, Qimaant, Argobba, Gaafat, Oromo fi kanneen biraa keessaa madaqfamee. Afaanichi caalaatt dagaaguu kan eegale mootiin Agawu loltuu Yekunomlak jedhamuun erga finqalchamee baada ta’unis ni himamaa. Loltuun sun qaccee mootota Solomoonaawoo keessaan bahe jedhe. Murna kana dhuma irratt gara sirna nafxanyaatt kan guddatee. Sirni nafxanyaa loltuu kan madaqfatu mootummaa Habashaa keessaa qofa utuu hin ta’in, biyyoota koloneeffate hunda keessaa Kiristtinnaa Ortodoksii kaasee, kirri itt hidhuun Amaaara taasiseetu. Achii Kiristtinnaa kan hin taane hundaan Amaara jedhamuutt ka’anii. Kanaafi nafxanyaan Amaaraa qaama asii fi achii walitt fudhaaname ilaalcha addunyaa ittiin masakamu tokko, gita qabu kan jennu. Weerara kan raawwate akka hoggana biyya mootiitt waan ta’eef, amma wan gaafatu achii, biyya haadhoo argata malee kolonoota biraa mitii. Horee sadaffaa yk sana cehees hedduun Amaara Itophiyaa ta’uu saanii malee dhugumatt madda ofii beekuu dhiisuun ni mala. Maqaa Itophiyaatt rarra’an malee akka murnaatt hundee hin qabanii. Garuu sana jechuun kolonummaan erga haqamee duuba abba abbaan filmaata hin qaban jechuu mitii, Biyyi keessatt dhalatan isaan hin tufuu. Heera saa fudhannaan mirga guutuu qabu.
Lakkoofsii horeen nafxanyaa kolonoota keessa faca’anii jiraatan salphaa mitii. Fakkeenyaaf Oromiyaa keessa kan jiraatan gara kumkuma shaniiti hedamu. Kanneen olhaantummaan jiraachuu baraniif walabummaan walqixxummaan jiraachuun itt ulfaachuu danda’a. Kanaafi gurguddoon Amaaraa sirna federeeshinaa hankaaksuuf dhagaan gara hin galchine hin jiru. Kolonoota hunda ofiitt baqsanii sirna gunaawaa isaan bantii itt ta’an dhaabuu baraadu. Kolonoota saanii keessaa bilisa bahuuf mirga kan qabu jira jedhanii yaadanii hin beekanii. Isaaniif Itophiyaa fi gabbaaroti see aadaa tokko afaan tokko biyya tokoo fi alaabaa tokko malee kan hafan hundaa awwaaluu qabu. Yaadii kun finqilchama nugusa isa dhumaa jalqabee qoncooruutt kan ka’e 1991 booda ijaaramuu sirna federeeshinaan shakalaan raawwatee. Yaaliin seenaa waggoota shantama of duubatt deebisuu fashalee jira. Jarraalee bittaa Amaarri biyya Habashaa irratt qabuu fi jaarraa lama empayeraa raawwachuuf dhiheenyatt xumura argata jedhamee eegamaa jira. Ummatooti hundi yk hangi tokko waliin jireenya itt fufuu ni barbaadu
taanaan akka salphaatt walabummaatt ceesisutt federeeshina yk konfedereeshina dhaabbachuu danda’uu. Hundi fedha tokko tokkoon ummataa, kan mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu shaakalachuu danda’an irratt hundaawaa.
Dastaa Taklawald, Amaaraa yoo maaljechisiisuu, “ummata birmadu, bituu malee bitamuu hin fudhanne“ jedha. Sun bara si’anaa homaatt hin gallee ta’aa. Yeroo, waggoota hanga tokko dura Professor Masfin Waldemaariyam fi Kolonel Mangistuu Haile Maariyam ummati Amaara jedhamu hin jiru jedhan, dubbiin saa Itophistoota beekamoo irraa waan dhufeef hedduu rifachiisee. Qabeen Pandoraa (qabee wanti hamaa hundi itt qadaadame) jaarrotaaf sobaa fi wanneen biraa itt guutamuun cuqqaalame banamuun hamaa qabutu itt mullatee. Biyya mootii Habashaatii aangoon Tigree fi Agawu fi Amaara kan homisha lamaan saanii walakaa argame, gidduutt harka waljijjirrataa ture. Erga empayerri Itophiyaa dhaabbatee ABUT al tokko waggoota digdamii torbaaf gidduu lixe malee olhantummaa Amaaraan gaggeeffamaa ture. Waggoota sadan darban Amaarri fuuloo Oromoo kee’atee bakkatt deebi’ee ture. Bara TPLF/EPRDF Amaarinyaa qofti afaan hojii federalummaan fudhatamuun, mirgoota afaanii fi aadaa kanneen biraa reef mirkaneeffatan gatii dhabsiise. Ergasii walqixxummaa afaanota hundaaf qabsoon itt fufee jira. Gabaan hojii federaalaa kan afaan Amaaraa dubbatan qofaaf banaa tauu hin qabu ture. Guddinni afaanotaa dorgommee gabaa banaaf dhiifamuu qaba malee humna malbulchaan deggeramuu hin qabu. Haa ta’u malee afaan yaroo akka hin badne eegumsi waloo taasifamuun barbaachisaa dha. Federeeshiniin itt haa fufuu, tokkeessoon biraa haa uumamuu afaan kamuu kan biraa irratt seeraan akka anjaa qabatu taasifamuun akeeka walqixxummaa faallessaa.
Amma empayer Itophiyaan burjaajii seentee jirtii. Amaarri olhantummaa saa deebifachuuf ijibbaata isa dhumaa godhaa jiraa. Sana malee baduu saatii. Yaa’a kanaan Tigrayiin haleeluun yakka namooma irratt hojjetee jiraa. Haleellaan deebii jala garuu ijaajjuu hin dandeenye. Loltuu dhaabbataan dhumee ijooleen leenjii hin qabne bakka buufamtee akka tisiisaa urgufamaa jirtii. Tibba dhumate kanatt boqonnaa innaa tokko argachuuf daa’imman abiddatt dhiibaa jiraa. Haalli hobbaatiin lola itt fufuu fi nagaa buusuu adda addumaa hin qabne uumamee jiraa. Waan rakkisaa waraanaa fi nagaan bararama hin fidnetu dhufee. Gurguddoon Amaaraa soba kuufatan hunda gadi baasanuu akka durii hin hojjennee. Ofbarri malbulchaa gabbaarota saanii isa isaan se’anii ol guddatee jira. Harka kennatanii murti qajeeltuuf dhiisuu malee filmaati hin jiru. Kanneen isaan tuffatan hundi isaan irratt wal ta’anii nagaa, tasgabbii, walqixxummaa fi qajeeltuu hundaa fiduuf ka’anii jiru. Sii’achi fedhi, mirgi fi gammachuun eenyuuyyuu hin tuqamu.
Abdattuun sirna nafxanyaa Itophiyaa, maqaa seenaa Grikii keessaa butatteef iyyaa jirtii. Argaadhageettii Griikiifii halluu qarooma itti dhufaaniif ijaajjaa. Ummata Gurraacha jechuu dha. Maqaa hooda ta’e kana, ummatoota humnaan gabbarsiisan irraa adda ta’uuf jala da’ataniif iyyuu. Gurra ofiif malee ummata gidiraa jala jiruuf dantaa hin qaban. Waraanaa, jeejee, COVID 19 fi balaa adda addaa uumaaf nammi dhaqasiisee empayerich keessa faca’anii kumkumoota gad ciraa jiru. Gaabbaa fi qaanyiin itt hin dhagahamuu. Dhaaboti saanii dhugeeffannoollee waraanicha deggeruu malee namoota dhumaa jiraniif gara laafina hin agarsiisanii. Akkumaa qaalloti Xaaliyaanii yero Mussoliniin Itophiyaa weerare qawwee saa eebbisan, phaaphaasoti Itophiyaas qawwee Abiy akka waan Tigray Itophiyaa hin taanee, maqaa Itophiyaan akka weeraru sanuma godhanii. Abaabileen saanii Taklahaymaanot Agawu ficcisisee, isaanimmoo Tigaaruu ficcisiisu eegalanii. Hobbaatiin burjaajii si’anaa, angoo dhugaa dhossuuf kan hafu waan hin jirreef walqixxeessaa akka ta’utu abdatama. Kana booda dhiigi kun hundu dhangala’ee dafqi haganni xuruurfamee sabi olhaanaa fi gad haanaan jedhamu hin jiraattu. Amma muuxannoo of eegganoo qabna, yoo humni barsiifataa miltolee keenya ganaaf kolomsiise akka itt dura dhaabbannu beeknaa. Itt fufnee dafqa xuruurfachuu qofa kan murnooti akka Amaaraa aangoott deebi’anii dhiiga caalaa hin dhangalaafne, eenyummaa namoota biraa hin awwaalle kan tolchu. Ilmoo Namaa golee baaqulaa ana keessa jiru irratt nagaa fi qajeeltuun bu’uuf adeema. Sobaan bulmaati bulcha Amaaraa waliin raawwatee seeraan bulmaati akka dhufu haa abdannuu
Oromiaan haa jiraattu.
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Sadaasa 2021