Keessa Deebii Tooftaa

Akka sabaatt ijaaramnee humna eenyuu jala dhaabbachuu nu dandeessisu horachuu qabna. Akka Afrikaanotaatt tokkeessoo fedha tokko tokkoon keenya taliila irratt hundawe ummachuu dandeenya. Nu keesaa sabi yk abbaan akkamitt akka jiraannuu fi maal jedhamuu qabnu nu dirqisiisuu danda’u jiraachuu hin qabu. Kophaas ta’ee tokkeessoon seeraan bulmaataan masakamna. Qabsaawoti amma yeroo Kaayyoo ummataa wareegama hedduu itt baasan injifannoon xumuran kan ga’e fakaata. Waan hawwaa bahan hunda jabeessanii gad horduun lafa qabachiisuu dha. Sana irra gahamnaan gaaffiin kolonummaa fi qabsoon cunqursaa hammaa bahee raawwatee boqonnaa haaraan birmadummaan jalqabama.

Ummatooti addunyaa, Itophiyaa fi kolonoota see addaan baasanii akka hin laalle holola kalcha Itophiyaan hadoodfamanii jiru. Kanaaf, biyya takkaa koloneenfamtee hin beekne yoo jedhan Oromiyaas akka qaama seett fudhachuunii. Qabsoon jaalbiyyoota Oromiyaan tolfamaa jiruu akka kaneen Afrikaanota biraa farra kolonummaatt hin laalamne. Walitt bu’a keessaa akka ta’ett bira darbamaa dhufe. Hololli sanaaf taasifameen ilaalchi addunyaa dogoggorsiifamu caalaa, Oromo hedduu eenyummaa ofii mamsiisaa jira. Akka Itophiyaatt hedduun walqixummaa, qajeeltuu fi bilisummaaf qabsaawanii jiru. Haa ta’u malee hariiroo gabbaarii fi gabbarsiisaa, Itophiyaa fi Oromiyaa gidduu jiru hin jijjiirre. Jalqaba dogoggoraa irraa waan ka’aniif xumura barbaadan irra ga’uu hin dandeenye. Muuxannoo waggoota hedduun boodas ammayyuu sanuma irra kan deddeebi’an jiru. Hanga adda addummaa Oromiyaa fi Itophiyaa, kolonii fi koloneeffataa, cunqurfamaa fi cunqursaa ta’uu hubatanitt gaaffii saaniif deebii hin argatanii. Itophiyaanoti gabbarii fi hin gabbaruun erga mootummaa Aksumi wal morkaama dhufanii. Ammayyuu haaloon walgidduu jiru hin baane. Si’ana sun irra dhagala’ee gaaffii Oromo golgaa jira. Isaan keessaa kan midhamee fi hammeeny saa bucatu tumsinee kaasaa keenya fulduratt dhiibuun akkumaa.

Hamma yoonaa Kaayyoo sabaa ABOn lafa kaa’ee caalaa kan furmaata argamsiisu hin dhihaanne. Amma kan qabsaawoti ifaajja’uu qaban, Itophiyaa caccaba irraa oolchuu utuu hin ta’in, hamma danda’amett nagaa fi tasgabbiin naannaa utuu hin jeeqamin, hundu Kaayyoo qabsaaweef akka fiixaan baafachuu danda’u irratt. Emapayera Itophiyaa diiguun kan waggoota shantamaa oliif wareegammi guddaan itt baafame. Inni diigamu malee walqixxummaa, bilisummaa fi walabummaan hin jiraatuu. Waan halle caalaa, egereen kan dubbiin ilaaltu hunda kan misoomaa fi kan nagaa fi araaraa akka ta’u, ofittummaa keessaa bahanii sirna waaraa gad dhaabuuf carraa dhufaa jiru saammachuun bu’aa qaba. Sabooti, sabaawotii fi ummatooti, cunqursaa jalaa urgufatanii bahuun egeree haaraaf hiree ofii murteeffachuuf marrii gaggeeffachuun filmata wayyaa hin qabu. Mariin kanaaf godhamu wal sobuu, wal daguu fi wal haaluun booda yoo jiraate ragaaf qaammi sadaffaan bakka jirutt yoo ta’e misha. Buu’uurri (Agenda) marii kan dubbiin laaltu sagalee tokkoon irratt walii galan ta’aa.

Marii halagaa dura mariin keessaa Oromoon gaggeefamuun barbaachisaa dha. Itophiyummaa fi Oromummaa gidduutt kan daddaaqan waan jiraachuu danda’aniif qulqulleeffannu malee waan akka sabaatt barbaadnu nu wallaalchisa. Kanaaf ifatt Itophiyaa waliin ijaajjuu yk Oromummaan akka walqixxotaatti dhihachuu dha. Hamma yoonaa qabsoo bilisummaaf tolfamu keessatt Oromoon diinni hiriirsu lakkoofsi saanii yaaloo mitii. Kun dhaabbachuu qaba. Marii tolfamuun kan feedha walaba ummata ofii dura dhaabbate, nyapha’e jechuu waan ta’eef akkuma sanatt fudhachuu dha. Jarri akkasii garaa saanii guuttanaan diinichaaf lubbuu ofii hin qusatatanii. Kanaaf lola diinichii Oromoo qofa utuu hin ta’in, ummatoota biraa hacuucuuf tolchu irratt qondaalota waraanaa hanga lafoott isantu heddummaata. Kan keessa hin huubanneef Oromummaan kan itt duulan malee meeshaa diinaa ta’uutt hin fudhatanii. Waraana Kaabaa irratt isatu amanen malee halagichi waan isa hin amanneef duubaan rukutuun qawwee akka irraa buufatan gabaafamaa jira. Gajaraan duuluun Amaara isaan loluf utuu hin ta’in loltuu Oromoo duuban qolee rukutee qawwee irraa buufachuufii. Kanaaan lafoo fi qondaaloti Oromoo ta’an gooftolii saaniin duban rukutamani awwaala dhaban lakkoofsa hin qaban jedhamaa.

Oromiyaan Itophiyaa utuu hin ta’in, kolonii Itophiyaati. Hariiroo kana yaadanmal hundee seenaa hin qabneen bakka busuun yaalamaa jira. Kolonumma Oromoo fuggisiisanii akka waan Oromoon koloneeffateett himachuutt ka’anii jiru. Kun seenaa Kuushotaa Mediteranean hanga qixxeessoott jiranii fi eenyummaa ofiis wallwallaaluu keessaa madda. Kanaaf waan deebii barbaadu mitii. Koloniin waa’ee walabummaa ofii dhimmama malee, akki koloneeffataan itt deebisee of ijaaru fi waan inni machaawee xibaru hundaaf debii kennuun of xinneessuu dha. Dhoofsisa haa ta’u, mareen nagaa godinichaatt buusuuf godhamu akkasitt ilaalamu malee jeequmsa naannaaf furmaati hin argamu. Horeen nafxanyaa Amaaraa akka ummaooti hiree sabummaa ofii, ofiin hin muteeffanne sababi isaa hin uumne, seenaa isaan gara hin dhabsiifne hin jiru. Gurguddoon saanii Amaarummaa fi Nafxanyummaan akka itt uumame waan beekaniif warraaqsa cunqurfamootaa hankaaksuu barbaadu. Amaarri sirna malee ummata addatt lafaa fi aadaa himatu hin qabne. Yoo aangoo irraa fudhatan Tigraway, Agawu, Qimant, Argobbaa Gaafat, Oromo kkf ta’ee argama. Kanaaf waan qabatee federalummaaf dhihaatu hin qabu. Barabaraan Itophiyummaan olhantummaa qabaataa jiraattu malee leeyuu hin danda’u. Kanaaf federaalummaa “Zar, yk gosaa politikaa” kan jedhu. Sanyiis haa ta’uu gosaan nammi of danda’ee jiraachuu hin danda’u kan jedhe eenyuu? Fokkuu kan ta’u adda addummaa qabaniin ilmaan namaa yoo wal faanfanan qofa. Oromoon sababummaan malee sari fi gosaan hin ijaaramnee. Gosoota hedduun qaba. Amaarri gosa waan hin qabneef hin galuufii.

Empayerichi lola bilisummaa fi lola Itophiyaanota gidduun jeeqamaa jira. Mootummaan Amaaraa Abiyiin hogganamu Marii Sabummaa” jedhee garee saa walitt qabee jira. Akeeki saa komee walgidduu saanii jiru walitt araarsee Humna Ittisa Tigray (HIT/TDF) fi kanneen biraatt ciminaan bobba’uufii. Empayerri kan jeeqama jirtu quurrama garee keessaan, kan Bilxiginnaa, ABIN fi EZEMA gidduutt fudhate jechuu dhaa. Kanaaf rakkina karraa rukutaa jiruu qayyabachaa hin jiru. Murtiin tolchu hundi, bolola aangoon kan jaamee fi iyyaatii sobaa irratt kan hundaawee ta’uun ni mullataa. Korri nagaa fi tasgabbiii Afrikaanota empayera Itophiyaa jala turanii, murna namooma irratt yakka hojette kanan waamamuun hafee koricha irrattuu qooda fudhachuu hin qabu. Korichi Itophyas, Itophiyaamitootas waan dabalatuuf qooqota keenya irratt eeggannoo gochuun dansaa. Waraanni gaggeefama jiru gar tokkoon Bilxiginnaa fi humnoota Amaarinyaa dubbatanii fi kittillayyoo saanii, gara biraan Addota Bilisummaa fi Humna Ittisaa Tigray kan roorroo ofirraa qolachuuf lolataa jiru. Addota Bilisummaaf Kaayyoo ofiitt dabalanii, haamaa kufaatii empayerattiin dhufu danda’u yarsuu yaaluu malee kan irraa eegamu hin jiru. HIT kan Tigraayitt hamaa hojjetan qajeeltuutt dhiheessuu fi hamaa walfakkaataan akka lamuu itt hin deebine mirkaneeffachuu dha.

Kanaaf nagaa fi tasggabbiin hundaaf kan argamu, Bilxiginnaa fi kittillayyoo saa karaa irraa maqsuunii. WBO waan halle dura Oromiyaa too’anoo saanii jala galchee Mootummaa Oromiyaa Yero dhaabuu dha. Sun kolonummaa irraa haquuf tarkaanfii jalqabaa ta’aa. Kanaaf harki halagaa hundi irraa dacha’uu barbaachisa. Korri kan empayericha jala turan hunda mari’achiisu yoo waamame bakka qaama sadaffaan jirutt ta’uutu filama. Walga’iin kun Afrikaanummaan waamamuun mamii walgidduu hanqisa. Kun diinaafis laallibata waliigalaafis hariiroo dhugaa isan gidduu ture agarsiisa. Mootummaan Bilxiginnaa jaarmota sirna nafxxanaa abdattuun walii tumsee waggoota sadan darban yakka ilmaan namaa fi fixiisaaqacee ummatoota irratt gaggeesseef kan gaafatamu malee, kan Kora waliin taa’an mitii. Badisii Tigray, Qimaanti, Agawu, Oromiyaa fi Gumusii fi ummatoota Kibbaa irratt gaggeesse hadhaadhiyuu addaa gaafata. Gamtaa dureeyyii addunyaa malee kan danda’amu hin fakkaatu. Sunimmoo maal jechuu akka tahe hubachuu dha.

Qabsoon Oromo, dhimma baasuuf jaarmaa cimaa namuusa qabuu fi ofiitt hirkatu gaafata. Jaarman diina ofirraa ittisuu qofa utuu in ta’in mana ofiis sansakkaa qabasiisuu kan danda’u ta’uu qaba. Oromoo yaa’anii diinatt galan yarsinaan walakkaa injifannootii. WA II duuba ummatoota hundaaf mirgi hiree sabumaa ofii ofiin murteeffachuu addunyaan beekamee ture. Oromoon kan qabaman haala “Addaan Ciracha Afrikaa” jedhamu jaarraa 19faa

keessatt. Itophiyaan biyya Afriikaa, Afriikaa koloneeffachuu keessa turte fi sadoo koloneeffatoo gidduutti gaggeefamaa turee fi tapha adda addaa kan taphattee. Anga’ooti Addunyaa, lafquyii fi bifa ilaaluun waa’ee bilisummaa kolonota see dhimmamuu irra akka keettoo saaniitt tursuu murteeffatanii. Kanaaf Minilikiin madaqfatanii isa duuba mootii dhufan hunda isaanitt hirkataa tolchanii. Fakkeenyaaf, rakkinni si’ana Mormor irratt Masrii fi Itophiyaa gidduu jiru kan inni Britishiif mallatteese irraa kan ka’e ta’uun hin dubbatamu. Kan hammasaa Itophiyaa gurgurtaaf dhiheesse hin jiru.

Oromoon erga qabamanii anga’oota addunyaatt iyyachuu fi qabsaawuu dhaabanii hin beekanii. Bara Walgahi Paris 1919 karaa Ameerikanotaa, Bara WAII karaa diplomaatota Britishii fi kanneen biraa, iyyannoon dhiheeffate waan galmee irra jiru. Ergamsi koloneeffattuu Itophiyaa gargaarsa qarummaa fi tekinikaa isaan gumaachaniin, ija saanii duratti, fixiisaaqaccee jalqabamuu saa beeku. 1991 ABO fi ABUT walii galchuuf bakka bu’oti Hawaasa Sabgidduu ramadamanii turani. Fakkeessaaf malee hedduun saanii akka ABUT kophaa moo’u jajjabessu turani. Walitt bu’a dhaabota lamanii oolchuuf qooda saanii sirinyaan hin taphanne. Sana baruun haalli sun deebi’ee yoo dhufe akka itt qabaniif qophaawuu dha. ABOn sona cehumsaa keessaa bahee biyya akka gadhiisuuf kelladarbii fi visa qopheessuuf sagantaa addaa baasuun shaffisiisani. Kun ABOn kan mootummaa Cehumsaa keessaa ari’ame dhiibbaa alaatiinii ta’uu saatii. Sun waan darbe yoo ta’u, sichoo ni sirreeffamaa laata? Moototooti jaarraa digdamaffaa keessa harka wal jijjiiran hundi wajjirbulchi mootummoota alaa keessaa fira horachuu fi akkaata sirni saanii itt hojjetu baruuf carraa argatanii turan. Oromiyaan reef addunyaatt waan gadi baateef hundi dhibantaa saa dullacha leellisaa. Akkasitt saaqaa dhabde anjadhabummaan miidhamtee

Dilormaan Oromiyaa walakkaa kan empayerittii ta’ee yartuun too’atamuu gargaarsa alaan malee hin danda’amu ture. Bulchooti Itophiyaa kamuu gargarsa alaa malee Oromiyaa hacuucuun hafee bajeta biyya ittiin gaggeeffatanu qabaatanii hin beekanii. Gaaffii dhalooti haaraan maaliif kun ta’a jedhuuf, abboolii saanii qofa utuu hin ta’in addunyaan deebisuu qaba? Oromoon isaan durii miti, kan ofbarantu itt heddummaataa. Qabeen Pandooraa futta’ee jira; kan keessaa yaa’an humni keessatt deebisu hin jiru. Kanaaf waan durumaanuu cuqaalsiseen keessa deebi’anii ilaaluu dha. Diinot Oromoo waan humnota alaa ittin sodachisan tokko dilormaan saanii walakkaan Moslim waan ta’aniif gabaa shororkeessoo sooruu danda’u jechuun toko. WBOn finxalessa waan ta’eef nagaa hin jaallatu faa jedhu. Oromoon nafxanoota irratt fixaqacee raawatas ni jedhu. Kanaaf ofumaa jeequmsa uumanii yeroo heddu Oromo itt haddheessanii jiru. Wajjirbulchi finnoota Lixaa fi korporeeshinoota keessaa wakkillota hedduu waan qabaniif Oromoo jibbisiisuuf ni mijjaaweefii. Lixi isaan hin dallansiisnuun Oromo irratt cobaa jiru. Oromoon halagaan waan fedhe haa jedhu, Shororkaa yk finxaless, mirga dhalootaaf qabsaawuu hin dhaabu. Akka mirga biraatt hin dabarre Adaa fi dudhaa Gadaatu dhowwaan malee eenyuu sossodaachiseef mitii.

Waggootii sadii, weerarama Tigrayiin dura sarbama mirgoota ilmaan namaa Oromiyaa keessa ture dhaabota mirgaa adda addaan gabaasaa turanii. Garuu, ST (UN) haa ta’uu tokko tokoon miseensota Kora Nageenyaa callisuu filatanii. Hundi Nobel laawurett waliin firummaa itt fufuu leellisanii. Garuu waan jala dhokatan kennuufii dadhabuun ni salphiseenii. Yerooma sana utuu dhaabaniin ta’ee balaan Tigrayiin mudate hundi hin dhaqabu ture ta’aa. Roorrichi Oromiyaa keessatt ammallee raawwatamaa jira. Garuu gabaasa ifaa addunyaa keessatt ka’aa hin jiru. Qondaaloti tokko tokko keessa bahanii maqaa fokkuu mootummaan Oromoof baase “Shanee”tt yoo dhimma bahan dhaga’amu. Sanaan jajjabeeffamuun humni addaa Amaaraa fi kashalabbeen Faannoo jedhamtu abbaltii biya baballifachuun daarii Oromiyaa fi Gumusitt cehanii namoota Oromoo ta’an fixaa jiruu. Sun ta’ees, Angawoti Gurguddaan, Oromiyaa achumatt dhiisanii finnaa koloneeffataa burkutaawuu irraa oolchuuf tattaafataa jiru. Oromiyaan kan Itophiyaan qabamte gargaarsa anga’oo barasiitiin ture. Sana utuu beekanii, kolonooti akka bilisomaan mallatteessanii utuu Jirani, Oromomiyaa akka qaama Itophiyaatt dhiisuun qajeeltuu jallisuu mitii? Kana gochuuf Oromoo meeqa yoo ajjeesan quufuu? Imaammati Aanga’ooti Addunyaa waa’ee Itophiyaa irratt hordofan

dogoggoraa waan ta’eef sirreeffamu qaba. Kan bilisomuuf kutate fixiqaccee meeqa deebisuun hin danda’u. Kan isaan hin barbaadne dhiibbatee dhufaa waan jiruuf imaammata saanii keessa deebi’anii ilaaluun barbaachisaa dha. Obsi dhumatee gaafa dhoowe bakki qaban dhibuu ni danda’aa.

.Hoggansi empayeraa amma jiru dandeettii fi fedha haalicha huubatee, karaa barsiifate irraa maquu dandeessisu fedha, beekumsa fi ogummaa hin qabu. Injifannoo Qeerroo fi Qeerrantii Oromoon argame Amaaratt fudhatee galee, yakka namummaa bahe Oromoo irratt raawwataa jiratee Namoota ofiitt marse kan ejjennoo hin qabnee fi Oromoo jibbuun beekamanii. Oromoo ijoo laaftuu irratt argatanii. Kallachi qabsoo bilisummaa sabaa, ABOn shira diinaa jala dhaabbachuu dadhabuun tokkummaa ofii tiksuu hin dandeenyee. Daga OPDO irratt hundaawuun gurguddoon Oromoo tokko toko Oromoon qabsoo hidhannoo akka lagatu labsuutt ka’anii. Kaayyoon ganama Oromoo ni ganame. Sun addaan citiisa goblaa malbulchaa fi waraanaa ABO uumee. Dogoggorri itt fakkaatee yk dorgommee aangoon tolchan kun, ergamsa utuu hin raawwatin mirkaneeffachuu hin oolanii.

Loltuun bilisummaa gorsa OPDO fudhatanii qawwee hirkisan jedduun yoo itt roorrifamu, kan ajjeefamanis jiru. Murnooti ABO badii deebi’an, araara wal gidduutt buusu jedhamee eegamee turuyyuu, keettoo diinaa gaararraawaniin faalamanii caalaattuu adda fagatanii. Kaan saanii alaabaa Itophiyaa jireenya saanii guutuu ittiin lolaa bahaniif amanamummaa kakatanii Bilxiginnaatt (OPDO) baqanii. QCn kan Kaayyoo ganama tursuun boonu ni caccabee. Kan hafan ni laasha’anii. Utu Ilaa fi Ilaameen akka meeshaa Oromummaatt irra ilaalamuu baatee jeequmsi akkasii hin uumamu ture. Diina irraa, sobuu, ofittummaa fi oftulummaa waan barataniif taatoti malbulchaa Oromoo ta’an hangi tokko aadaa Oromummaa dhiisanii jiru. ABOn ayyaana sabichaatii; hogganoota hidhhuu, danqaraa dura kaa’uu fi akka ganan sossobuun, akka inni Kaayyoo sabaa fulduratt hin oofne dhowwuu hin danda’uu. Kanneen hafan faajii saa kaasanii balaliisuun diina abdii kutachiisuu. Galmee diinaa keessatt kanneen qabsoo Oromo irratt qooda fudhatan hundi “Yakkamtoota Barbaadaman”. Mooraa diinaatt dheessuun sanarraa hin oolchuu, salphina malee ulfina namaaf hin argamsiisuu. Imala ofiitt jijjiirama fiduuf kanneen bilisummaa Oromiyaaf qabsaawan dhiibbaa diinaa firrisanii akka ofiitt qajeelchuu qabu.

Ummati halagaan qabame eenyummaa, aadaa fi afaan saa, waligalatt bilisummaa ofii dhabee hacuucamee, salphatee, laalaan itt dhagahamaa jiraataa. Finciluu malee furmaata hin qabu. Furmata fiduuf qabsoo kan qabsiisan kan yeroo fi bakka mijjaawaatt argamanii. Yartuun haa jalqabamu malee hardha qabsoon kan ummataa ta’ee jira. Ummati qabsiifamuu saa ooffalchee malee kan qabsiisan haa ta’anii, eenyuyyuufuu dhaamsu hin hayyamnee. Yoo isaan kufan yk qabsoo mucucaatan ummati kan tuqatu biroo bakka buufata malee ibiddi qabsoo hin dhamu. Fokkuu haa ta’u dansi jarreen qaraa gumaachan qaama seenaa qabsoo Oromootii. Caba safuu fi sammuquwii sabicha fi jaallewwan saanii irraan ga’aniif yeroon saa yoo gahu murti argatu. Goototi qusii malee farfaman kanneen utuu Kaayyoo ganama hin ganin wareegama isa dhumaa baasan qofaa. Jannoota qooda lammummaa saanii bahachuuf bobba’an hedduu dirree keessaa qabna. Ni jaallanaan, ni kabajnaa, ni jajjabeessina, jabduu saaniifis beekamtii kennina. Yoo darban yk injifannoon nu ga’an goota sabaa barabaraa ta’uu. Abban doonii doonii saa oolchuuf ijibbaatee yoo dadhabe of oolchuu irra waliin cubluqutu ulfina ol haanaa qaba. Dheesitooti jabduu gootummaa saanii of duubatt utuu hin gubin jireenyi gabaabduu waan taateef akka sanatt yaaduutu misha ture.

Qabsoo ijaaramaan Oromiyaa qabaa alagaa jalaa baasuu wuxinamuu kan eegalee bara Mootii Moototaa isa dhumaatii. Yeroo sana empayerichi sirna ititaa feedha Amaaraa fiixaan baasuuf ijaaramee qaba ture. Kan isatt haanee dhufe Dargiinis fedhicha utuu hin tuqin fi nafxanyummaa saa utuu hin jijjiirin wajjirbulchii mootichi dhaabe rimsama soshaalism irra dibuun adda fakkeesse dhiheesse. Oromo tokkichi Hojii Raawwachiiftuu saa keessa ture Nugusee Nagaasa haala hin beekamneen qoomamee. Oromoo walabummaa leellisan, akeeki ABOni nuuf raawwata jedhanii ooffalchan, kan ujuu sabichaa isa tolche “Republika Oromiyaa Ummataa Demokraatofte”

gaddhaabee iggitii itt tolchuu ture. Haa ta’u malee bilisummaa, tokkummaa fi walqixummaa ummatoota Afrikaatt kan isa caalaa amanu hin jiru. Dhuma irratt murteessan ummata Oromootii. ABOn hamma fiixaan ba’utt fi sana boodas walabummaaf dhaadhessaa. Garuu, yaada addaa Oromoon qaban hundi murti ummataaf dhiheessuu mirga walqixxee qabu. Kanaaf ummati Oromoo dhiibbaa fi doorsisa malee waan murteeffatu hunda fudhachuun dirqii demokraatummaatii.

Koloneeffataan Itophiyaa/Amaaraa, akka koloneeffataa biraa garba cehee hin dhufne. Bifaan tokko, (teknolojiin kanneen kolonefateen gadi malee ol hin turre). Miniliki, Abbaa Jifaar irraa barcuma fi hoomisha ogummaa fudhate malee ofii homaa fiddee hin dhufne. Homishi muka soofuu, ijaarsaa, hojiin kililchoo, hojiin ilkaa fi gaanfaa, wayyaa faayaa fi suphee dhawuu, qonnaa kkf yerosii ragaa dha. Kan inni addan qabu meeshaalee abida tufanii fi ogeeyyii waranaa fi kochoncholoota adda addaa weerartuu akka isaa irraa argatee. Amaarrii, magaalota mummichoota saa akka Gondor, Maqalee, Dabra Taabor fi Ankobarfaa onsee biyya haaraa qabate keessatt magaalaa mummittii haaraa ijaarratee maqaa haaraa itt moggaasee. Biyya mootummaa gonfoo ala bahuu saa fi ni bubbulti malee waarraaf dhiisee akka bahu kan irra ilaale fakkaataa. Qabeenya fi aangoo kolonummaan argame kanneen miseensota duula nafxanyaa ta’an malee ummati bakka isaan keessaa maddanii bu’aa hin argannee. Garuu kanneen gara kolonootaatt jireenyaaf so’sso’an carraa qabeenyaa fi aangoo horachuu abbootii biyyaa irraa wayyaa qabu turan. Sammuquwaanis olhantummaan itt dhagahama ture.

Amaarinyaan erga Agawu, Tigray, Oromoo fi Kuushota Kaabbaa kkf. gidduu dhalatee, afaanota biraa gadi qabuun guddatee.Caalaatt kan kruphise erga Yekuno Amlaak aangoott dhufee kuruphisee. Amma jarri inni gad qabe hunduu eenyummaa gadi qabamee turee fi afaan ofii deebifanna jedhanii sochii bilisummaa eegalanii jiru. Hamma yoonaa dilormaa Amaaraa hanga baayyinaan lammaffaa ta’utt bokoksanii turanii. Amaarri adeemsa seenaa keessa gituma bittuu ummatota sana keessaa bahetu guddatee afaan addaa, Amaarinyaa dubbachuun, ummata addaa Amaara jedhee of dhiheessee. Kanaaf biyyi addatt kan Amaaraati jedhamu hin jiru. Abbaa humnaa waan ta’eef kan qabate hundi kiyya jedhee fudhate. Amma bari saa waan raawwateef akka saree maraatu hunda ciniinaa jira. Kanaafi, kan inni biyyoota Gumus, Oromoo, Tigray kkf kiyya jechuun kan weeraruu eegalee. Sababa sanaan, ummatooti nagaan kumootaan ajeefamuu fi buqqa’uutt kan jiranii. Burjaajiin bakka hallett mullataa jira. Hunda caalaa kan nama gubu, ilmaan hiyyeessaa leenjii hin qabne hiriirsee diina ogummaa fi meeshaa ijoolleen sun arganii hin beeknett beekaa haa dua’aniif erguu saatii. Bilisummaan ummatootaa sana keessaa argamu xuruurfama sirna nafxanyaa Amaaraa ta’aa. Lafti abbaa lafaatt deebiti.

Jireenyi biyyoota empayeriicha jala turanii waggoota dhibbaa oliif walitt foo’amee ture. Walqunnamtiin hundaa koloneeffataa keessaan ture. Karaanillee koloneeffataatt hirkachuu akka cimsuuf hundi Finfinneett geessa ture. Kanaaf dalga walii birmachuun rakkisaa dha. Wiirtuu akkasii yoo tasa diigamu, walabummaa mata mataa hunda bitintirsuu danda’aa. Kanaaf cuqurfamootii Kaabaa fi Kibbaa harka wal qabatanii akka itt fulduratt burjaajii jalaa oolan malachuu qabu. Xobbeeett kutame malee ABOn qabsaawota kolonootaa waliin kan “Qabsoo Warraaqa Cunqurfamoota Itophiyaaa (Icaat)” dhaabe kanaaf ture. Qimaantii fi Tigray keessaa dabballeen tokko tokko akka madaqfamanis himamaa ture. Amma rakkina waliin isaanitt dhufe kana, kan dubbiin ilaaltu hundaan harka walqabatanii hidhata wayii ummachuu qabu. Hidhati akkasitt uumamu empayera Itophiyaa demokratessuu yk haaromsuu utuu hin ta’in, kan mirga ilmaan namaa bakka hallee fi olhaantummaa seeraa kabajchiisuu kan dandeessisu ta’uutu eegama. Empayerri diigamu malee demookraasiin hin argamu. Kana mirkaneessuuf moo’ummaan tokko tokkoon saboota, sabaa’ota fi ummatootii, xinnaa fi guddaan biyya saanii irra qaban hundaan fudhatamuu qaba.

Itophiyaa/Amaarri hima sobaa irratt hundaawanii. Soban jalqaban, sobaan bulfaman, sobaa du’aa jiru. Waan waraan Tigray irratt jedhame walitt qabaa, xiinxalaa yoos waan jedhaa jirru qayyabattuu. Tigray qaama empire

Itophiyaa haaraa fi biyya mootii Abisiiniyaa/Itophiyaa dullatiitii. Yaadaanmaliin lachanuf biyyi sun qixxee dha. Lola kana irratt garuu akka mootummaan alaa Itophiyaa weeraruu dhufeett ummatooti kakaafamaa jiru. Kan biyya diigutu dhufee hidhaddhuu ka’i jedhame. Holola sobaa akkasiitiinis kan itt duulamee yakki farra namoomaa irratt raawatee. Dhugaan jiru sirna nafxanyaa akka hin baballifne ummati Tigray gufuu waan itt ta’eefii. Ummati Tigray heera Itophiyaa kan hundaaf carraa hiree sabummaa ofii ofiin muteessuu hayyamu deggera; uumuu saa keessattis gahee olhaanaa qaba. Heerichi empayera faca’uuf turte baraaree. Kanaan humnoota Amaaraa malee, saboota, sabaawota fi ummatoota empayerittii jala turan hunda waliin dhaabbata.

Waraanni Bilxiginnaa fi Amaaraa kun waraana daba ture. Akeeki saa sirna nugusootaa dullacha deebisuufii. Kanaaf kana hankaaksuuf dandeettii kan qaban Tigaaruu fi Oromoon dhumuu qabu. Tigaaruun yartuu waan ta’aniif boombi yaruu yoo itt darbanne ni dhumu jedhanii yaadanii. Oromoott suduudaan itt duuluu fi lola Tigrayitt leenjii yaraan dachaasuun fulduraan ibidii Tigaaruu, duubaan kan saaniin gubanii fixuu karoorfatanii. Kanaan Abiy Ahmadii fi gurguddoon Amaaraa dargaggoo eegumsa saan jalaa turte kumoota galaafatanii. Isaantu qaba malee loltuun isaan hiriirsan akeeka du’uuf hin qabu. Kanaaf waraanichi injifannoo kanneen akeeki saanii badiisa irraa bararamu ta’een xumuramuuf deema. Kanneen yakka kana hin jedhamne ilmaan namaa irratt raawwatanii fi fixaqaccee gaggeessan hundi hanga qajeeeltuutt dhihaatanitt duubatt deebi’uun hin jiru. Angoon 39 heerichaa caalaatt jabeeffama malee hin haqamu. Kanneen sana haquuf waraana kaasan burkutaawanii jiru. Lamuu faallaa wayyaba Godina sanaa deemna, seenaa duubatt deebifna yoo jedhan caalaatt rukutamu. Walqixxummaa ummatootaa fudhatanii ummata keessatt dhalatan waliin walqixxummaan jiraachuu fudhachuu gorfamuun dansaa. Hundu biyya ofii irratt moo’aa dha. Ijoolleen nafxanyaa ni moonaa yaaddee turtee, hin taane. Kanaaf dhugaa lafa jiru fudhatanii wayyabaan waligalanii jiraachuu urteeffachuun waan nama xiqqeessu utuu hin ta’in gamnuummaa ta’aa.

Malbulcha “zarii” gosaa jechuun, mirgoota dhalootaa ummatootaa gara dabarsuu dha. Ummatooti sii’ach sirna itt amanan, eenyummaa saanii kan kabajuuf diriirfachuuf mirga qabu. Barri abbaan humnaa ka’ee najalatt bultu jedhu darbaa jira. Nafxanyaa fi Amaarri sirna. Sirna kana jalatt ummatoota biyya ofii, Afaan ofii, aadaa ofii qaban hedduutu hidhamee ture. Ammaa ummatooti Godinaa Amaaraa jedhamu keessa jiran mata mataan beekamtii argatanii. akka egereef itt jiraatan murteeffatu. Murni Amaara jedhamu mirga dhuunfaa isaan irratt qabaachuun seenaa dullacha ta’aa. Sirni nafxanyaas deebi’ee waan hin dhufneef garaa kutachuu qabu. Itt gaafatama fudhatan jaarraa hedduuf qajeelaan hin bahannee. Barri saanii bara hacuuccaa, kolonummaa fi garbummaa ture. Hundi mirga ofii erga mirkaneeffatee booda isaaniif kan irraa hafuuf yoo jiraate hammuma sanatt of ijaaruu danda’uu. Ummatoota adda addaa ofiitt ida’anii lakkofsa ofii ol kaasuun hin jiraatu. Lamu olloota saaniif balaa akka hin taanett jiraachuu qabu. Akka isaan yaadan utuu ta’ee, Tigaaruu, Oromoo fi Beenishangul Gumus lafa irratt hin hafan turan. Jabina qabsaawota saanii, keessaayyuu jabina ijoollee Tigaaruutu hunda baraaree.

Heera darbe irratt “Nuti sabooti…. Itophiyaa- jedha. Wayyabi utuu hin gaafatamin maqaan koloneeffatoota saanii kennameefii. Kanaaf maqaan kunis irratt walii galamuu qaba. Akka hunduu hubatutt maqaa kanaaf kan waccan abdattuu sirna nafxanyaa Amaarinyaa dubbatu qofaa. Tibba eenyummaan Amaaraa gaaffii jala oole kana, Itophiyummaan bararaminnaa jedhanii yaadu. Ummatoota Afriikaa mediteraniyaanii kaasee hanga qixxeessootti jiranii seenaa qooddatan hedduu qabu. Qaroommi saanii kan hundi hirmatu qarooma Kush gurraachichaa yk kan Grikooti Itophiyaa jedhaniini. Kanaaf seenaan godinichaa keessa deebi’amee qoratamu qaba. Itophiyaan amma jirtu maqaa sanatt of moggaaftee, seenaa argaa dhageettiin Grikii fi Romaan jara sanaaf barreessan hundi tiyya jettee. Maqaa abbaatu baafataa,garuu seenaa maqaa sana waliin turen dhuunfadha jechuun akka hin ta’u. Hundu eenyummaa of danda’e qaba. Oromoo caalaa seenaa sanatt kan hiiqu hin jiru; garuu seenaa gurraacha hundaa waan ta’eef kophaatt himachuu hin fedhanii.

Oromoon saba qarooma of danda’e koloneeffataan adda ta’e ummata qabanii. Walabummaa gaafachuun ilaalcha bitaas, mirgaas mitii, ilaalcha sirrii qajeeltuu irratt hundaawe. Sanaan kanneen dudhaatissitoota baaragsuu fedhan jiru. Aanga’ootii fi dureeyyiin addunyaa, iyyaatii dogoggorsaa irratt hundaawanii abjuu Oromoon wallaba ta’uuf qabu dura akka hin dhaabbanne haa abdannu. Oromoon ilaalchaan finxaalessummaa hin qabani. Umaan waltessootaa. Amantee garba gamaan hariiroo qaban Islamaa fi Kirstinnaa dhugeeffatu. Takkaa walittis, daangaa cehanii ormattis bu’anii hin beekanii. Kan tuttuquu barbaadanis hin milkaawanii. Oromummaan sanaaf hin mijjaawuu. Islammi Oromo, waggoota dhibbaa shantamaa oliif cunqursaa fi roorroo akka Oromoott irra ga’aa turett dabalee amanteenis hacuucamaa ture. Qurrama ofii nagaan dhiheeffachuu malee yeroon humnaan furmaata argachuu barbaade hin jiru. Caalaattuu, hunda danda’ee obsaan darbuu saatu nama malelchuu qaba. “Du’aan dhuufaa jennaan, yoo dhiddhiiban maaf dhiisaa” jedhamaa. Kanaaf roorroon daanga akka hin darbare eeggachuu dha. Walabummaaf lolachuun, Amerikaanichi 1775 keessa “Bilisummaa naaf kenna yk du’a naakenna” jedhe finxaalessa taanaan, WBOnis finxaalessummaa ni fudhata. Abbaan fedhe “Shanee” haa jedhuunii, “Zaranyaa” haa jedhuunii, WBO jechuun Oromoo dhaa Oromoo jechuun WBO dha.

Oromoon tarsiimoo ofii utuu hin jijjiiriin tooftaan qabsoo gara manii saaniitt geessuu keessa deebi’anii ilaaluu qabu. Kanneen walabummaaf dhaabbatanii fi kan empayera demokratessina jedhan kurnan shaniif dhagaa walitt darbatanuu lachanuu lubbuu diinaa dheeresan malee fiixaan hin baane. Sababi saa lachanuu Oromummaan utuu humna dhagahamu hin ta’in, dina ijaaramett hamajaajii walii ta’anii gadi bahani; diina humnoota goobanootaan masakamu qabu. Walis moo’achuu diinaas eenyummaa saanii fudhachiisuu dadhabuu saanii irrayyuu, ijoo laafaa saanii saxilanii. Lachanuu karaa bakka yaadan itt ga’an keessa deebi’anii tasgabbiin ilaaluu qabu. Amma yeroon sana agarsiisaan waan jiru fakkaataa. Abbaltiin dhaabota Professor Maraaraa fi Obbo Daawudiin hogganaman agarsiisan mallattoo fayyaa qabeesa waan fakkaatuuf jajjabeeffamuu qaba. Dhimmuu mana ofii utuu hin duuffatin kan orma haaromsu dhaquun silaayyuu maal jedhamaa? Maaliifu, jarri lamaanuu Itophiyummaa baallamaan of duubatt dhiisanii ammaaf ariifachiisaan Oromummaa jabeessuu ta’uu kan fudhatan fakkaatu. Takka jedhanii baallamichayyuu ni haqu ta’a. Ayyaanni jara saanii ifsaa haa ta’uufii. Qabsoon Oromo dhawataa dha, yaa’aa fi dachaatuu qaba. Suduudaan yoo deemuun hin danda’amne boqotaa, karaa jijjiirrataa yaaluu qabu. Hamma yoonaa jecha Oromoo “Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis walga’ kooraa dhuma”kan jedhu dagatanii dhagaa walitt darbachaa ba’anii. Kooraa tokkichatt akka dhimma ba’an wal hin amannee. Hoggansa murteessaa dhabuunis ni malaa. Waan rakkisaa irraa maquun akkaataa dha malee, ofuma saatiin itt galatt fudhatamuu hin qabu.

Aadaa fi dudhaan Oromoo garalaafummaa fi arjoommi mallattoo saniitii. Maaltu ta’eetu kan Oromoon tokko ajjeechaa seeraa alaa Oromo biraa kan deggeruu? Goobanummaa karaan itt raawwachiisan jiraa laata? Oromoon tokkoo tokko of irratt hirkannaa saba off jibbuun orma irratt hirkachuu filatu. Bilxiginnaan Oromummaa xiqeessuun, Oromoon akka sutaa Amaaraa ta’ee dandamachuu “Itophiyaa Guddittii” gargaaru fedha. Maqaa fedhe ofiitt baasan halagaaf isaan Shanee Onag. Walabummaan Oromoo shorokaa jalaa baasee jireenya tasgabbaawee fi gammachuu argamsiisaafii. Malbulcha keessatt wanti dhaabbataatti lagatamu hin jiruu. Hanga Kaayyoo ofii hin dagannett, tooftaa fi tarsimoon nama jalaa wal hin dhoofnett, qabsoon saanii dhaawataa akka ta’e hamma beekanitt, baraaramaaf anja qaba taanan.tooftaaa hunda yaaluu dha. Egeree ifaa jiru kana yoo dhimma itt hin bane akka sabaatt Oromoon baduu saaniitii. Carraan bilisoomuu erga dhuma bara Xaaliyaanii amma reef dhiibbatee dhufaa jira.

Bara xaaliyaanii gargaarsa qondaalota Inglizii qabaatanuu, hanqina jaarmaa fi malbeekii/diplomaasii qabaniin carraan walaboomuu isaan ba’ee. “Kan malli kuffise loltuun kokkee kuta” jedhamaa. Kun kan namatt agarsiisu jaarmaan tokko qabsoo hidhannoo fi malbeekii walfaaan hin gaggeessu taanaan hanqinni akka jiru. Baras Oromoon hundaaf hin qophoofnee. Amma yeroo qophii dhabuun sababa hin qabne yoo darbe, mudaa akka

sabaatt qabantu komatama. Nammi tokko Oromoo dha ofiin jedha Oromummaa caalaa ashkarummaa halagaan dhaadata yoo ta’e mudaa yaachisutu jira jechuu dha. Oromummaan, tokkummaan harka walqabatanii ka’uuf sana irra ooluu nama barbaachisaa. Qabsoon waggota shantamman darbanii sana yarsee wayyaba gar tokkott luuccessu hin ollee. Hoggansi malbulchaa walii galaa rakkina qabaatus WBOn sadarkaa diina dura dhaabbachuu irra kan ga’e fakkaata. Onnee, kutannoo fi dudhammi jiraannaan taankii fi dilgoon halagaa isa “Paper tiger” (Taayigar erbaalaa) jedhamu sana ta’uu danda’a.

Beekumsii fi ogummaan guyyuu waan itt bahaa deemuu. Kanaaf miseensota qabsoo hidhannoo haa ta’u malbeekiitt, akkasumas dame adda addatt bobba’an iyyaatii ofii haaromfataa yoo deeman male dubatt hafoo ta’uu. Fooyya’ina hardha agarutt gammadnuyyuu jija isa dhumaa se’uu hin qabnu. Amma caarra ifatt mullataa jiru kana simachuuf qabsaawot Oromoo haala gaarii irra jiru. Carraa kana irraa goobanootaan gargaaramu malee halagaan kamuu Oromoo gufachiisuuf dandeettii hin qabu. Mudaa guddaan sanaa. Goobanoota jechuun Oromoo of jibban, halagaatt hirkatan malee jiraachuu sodaatan juujuu jechuu dha. Jabaannaan irra ni haanama. Wanti goobanooti haaraan irraanfachuu hin qabnee, Goobana Guddicha, yeroo saatt abbaan duulaa kamu ittiin hin qixxanne akka Minilik haddhaa nyaachisee ajeese. Isaanis yeroon falatan malee hiree adda ta’e qabaachuu hin dana’anii. Goobana duuba meeqatu galaafamee. Waraana Kaabaatt bandaa Oromoo ta’an meeqatu loltuu Amaaraa duubaan itt dhukaafatamee karat hafanii. Abiyyi Minilikiin akka hordoofu dogoggora malee ifsatee jira. Kanaafi, kan ambatt bahee takkaa roorroo Oromoo irratt tolfama jiru balaaleffatee kan hin beeknee. Maddi roorroo isaa fi kittillayyoo saa ta’uu kan hin beekne ofuu hin beeku jechuu dha.

Wal hadha amma ummatoota gidduutt empayeritt keessa jiru irraa Oromoon waa barachuu qabu. Guddinni saanii, qabeenyi saanii, hundaa ol miidhamaa jiraachuun saanii, hamma Tigray xiyyeeffannoo addunyaa hin harkifne. Kun sababa seenaa dubbee, fakkaattii sabichaa goobanooti jajallisanii, sodaa walabummaan Oromoo naannaa fi fedha dureeyyii irratt jijjirama fiduu danda’uu kkf. Haala kana jijjiiruuf hojiin malbeekii/diplomasii hedduun hojjetamuu qaba. Walaba ta’uuf kaasaa seerawaa ta’e akka qabanii fi mirga kana beekuufiin haala duree akka hin barbaachiifne addunyaaf si’awinaa fi daddaaqina malee ifaa gochuun barbaachisaa dha. Sun ta’ees, caccabuu tasaan burjaajiin akka hin uumamne gochuuf danddeettiif, fedha akka qaban addunyaatt agarsiisuu dha. Haalli naannaa sanaa isaan qofa utuu hin ta’in wayyaba kan mufachiise waan ta’eef duubi saa fedha qaamoti sadaffaan gaggabaniifuu hamaa dha. Kanaaf hunda dura gaaffii sabummaa fi abbaa biyyummaa Oromo kumkuma shantamaa olii utuu beekanii jallisuu hin qabanii. Oromoo waliin jiraachuuf koloneeffataatu roorroo darbeef dhiifama gaafatee kadhachuu qaba malee, Oromoon bilisummaa fi walqixxummaa dheebotan mitii.

Oromoon akka sabaatt halagaan waggoota dhibbaa oliif saamamaa, tuffatamaa, salphisamaa fi eenyummaan saanii awwaalama jiraatan. Waggota shantamman darban sana ofirraa kaasuuf wareegama guddaa baasanii. Sana gatii dhabsiisuu yaaluun nagaa fi tasgabbii waaraa hin argamsisuu. Amma gaaffii hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachu kan qaban empayericha jala kan jiranii wayyaba. Barbadnaan addaan deemuu ta’ee, waliin jiraachuuf fedha saanii kabajuun barbaachisaa dha. Fedha wayyabaa kan hin kabajne gongomaan yoo jiraate addunyaan waan cinqamuufii qabaatuuf hin jiru. Caccabuun empayera waan hin olle ta’us, Oromoo caalaa hamaa oolchuuf dandeett kan qabu hin jiru. Ummati Tigray dhageettii kan argate heddummateef utuu hin ta’in ijaaramee, tokkummaa ofii cimsee, xiiqii fi wal dhageettii qabaachuun, kutannoo fi dudhama agarsiisuunii. Haleeellaa hammaa bahaan dabaa wal hin gitne, hummnoota hedduun Tigray xiqishuu irratt raawwatames kan mararfannoo nama dhugaa kamuu argatu. Kana jechuun seenaa malbeekii dheeraa Tigray Lixa waliin qabu wallaaluun mitii. Oromoon aadaan taasisoota caalaa wal duukaa hiriirsu qabu turanii. Safuun qaama sanaatii. Garuu halagaa akkeessuu kanneen qarooma se’antu harkaa gate. Furmaati akeeka Gadaatt deebi’uu fi goobanummaaa too’achu danda’u dha.

Kallattii qabsoo ofiin irra of buusan dhiisanii, kallattii dhiibbaan halagaa irra nama buuse qabachuun, hamaa akka ta’e duratt agarree jirraa. Kun akka hin taane tarkaanfi itt yaadame fudhatanii, mirga dhaloota itt haanuu baraaruu dha. Qabsoon Oromoo farra kolonummaatii. Oromiyaa lammi Itophiyaa tokko utuu hin ta’in saba, aadaa, afaanii fi biyya addatt qabuu. Kanaaf qabsoon farra kolonummaa ta’e finnaa Itophiyaa irratt walakkaa jaarraan dura jalqabe. Itophiyaan dhiibbaa qabsoo bilisummaan, unkaa, caasaa fi tooftaa jijjiirrataa jiraattee. Jijjiiramma amma maqaa itt tuulan malee addumaa hin qabu. Raayyaan gad caba jira, diinagdeen burkutaawee, dana Amaaraan qullaa ijaajee jira. Kanneen akeeka mirga hire sabaa ofiin murteeffachuutt amanan waliin dhaabbataniii akka isa liqimsuuf ibdda warraaqsaa itt shiduutt jiru. Kanaaf, yeroo silliqfamaa jiru kana ministerota muuduun waan jarri kaan irratt dubbatanuu mitii. Isaaf qaamaa lola fuula addaan loltoota bilisummaa irratt banuutii. Jecha Yilmaa Dheeerssaa tokko waa nu yaadachiisuu qaba, “Inkuwan Maammoo Maammitm bitmaxaa ya Itophiyaa ekoonomii aayishashaalim”.Bilxiginnaan tolcha bineensa sodaachisuuf ooyiruu keessa dhaaban, bineensi itt baree hin sodaanne.

Furmaati murna yakka ilmaan namaa irratt raawwate kana bakkaa malbulchaa Gaanfaa irraa kaasanii, sirna mirggota ilmaan namaa kabajutt cehuuf hojjechuu dha. Kana keessatt ragaaf qaama sadafaan jiraachuu waliigaltee irra ga’amu caalaa jabeessaa. Murtoon saanii akkka hariiroo naannaa Gaanfa Afrikaa kanaatt, egereef Kaayyoo Masakaa ta’uu danda’aa. Kun lolli amma deemaa jiru injifannoo loltoota bilisummaan xumuramaa heduunii. Ta’uu baannaan empayerri Itophiyaa eenyuu bulchuu akka hin dandeenye taatii. Jarmota caalaa fi ummata caalaatt hidhachiisuun waan hin oolle. Addattuu sirni dhufanii darban hundi ummatoota ofii hidhachiisaa Oromoo hiiksisaa turanii. Akka jecha bulee tokkoott, ummata ijaarame, hidhatee fi of bare qofatu injifannoon ba’aa. Harka duwwaa dhaabbannee diina hidhate bara baraan nakkaruu hin dandeenyu. Kanaafi, kan nu reeban ofirraa qolachuu dadhabne, si’a hundaa duunu yk baqannu. Utuu ijaaramnee, dudhama qabaannee kutattuu taane qawween kanneen nu reebanii keenya ta’uu ni danda’a ture.

Waligalatt akka keessa jirutt fudhatamuun erga hin oolee, garaa guutuun itt seenanii jijjiirama ofiifis kanneen biraafis tolu keessaan dirqisiisuu danda’uu dha. Karaa ofii firaan haa ta’uu diinaan dhoofsisan keessa kutuuf diriiratt sadakaa ciminaan dhihaachuun barbaachisaa dha. Sanaaf dursanii of ijaaruu gaafata. Oromoon kanaan dura dudhaa namoota bira hacuucuu waan hin qabneef, ollootaan waan hin fudhatamneef hin jiru. Oromoon hiree ofii yoo to’atan ollootaa fi isaanii achis carraa guddatu banamee saamtotaan utuu hin ta’in abbaa leccellootiin suduudan dubbachuu argamuu danda’aa. Ollooti saaqaa gabaa hojetaa Oromiyaatt koloneeffataa jalatt argataa turan ni dhowwaamna jedhanii yaaduun sababa hin qabu. Sabooti yk finnootti qabeenya Oromiyaa irratt mirga qabna jedhan yoo jiraatan fudhatama hin qabu. Namooti uumaa yk korporate Oromiyaa keessatt hojjetan seera saan buluu qabu. Oromiyaa bilisi humna hoomishaa hanga yoonaa ukkamamee ture yoo gad dhiisu hojjetaa fi abbaa qabeenyaa hedduun barbaachisaa. Rimsama dogoggoraa holola diinaan umaman diiguuf hojii malbeekii hedduu barbaachisa. Haala Oromoon dhiibamanii keessa galan irra, kan dhiibbatanii galantu kabaja isaanii argamsiisaa. Waan halleefuu hacuuccaa waggoota dhibbaa oli irraan kan ka’e egelee of irratt amanuu hedduun keenya dhabsiifamne nu barbaachisa.

Jarmaan Kaayyoo qabu fi ofiitt amanu keessa seenee gaga’ama fudhachuun nan dagamaa sodaachuun irra hin jiru. Yoo walqixxummaa, qajeeltuu fi seeran bulmaata qabatee itt seenne, seerota Abbaa hirree bososoota karaa irraa maqsuun salphaa dha. Sana duuba walabummaa bilisummaan ummatoota hundaa ni lalisaa. Kanneen jireenya daddaaqina qabaniif hamlata tokko jalqabanii takkaa xumuranii waan hin beekneef kana qayyabachuun isaan rakkisa. It galli keenya Oromiyaa bilisoomsuun mirgoota koloneeffataan nu dhabsiise hunda deebifachuu dha. Kanaaf, Oromoo hundi waliin dhaabbatee Oromiyaa bilisomsuun akka miilla ofiin dhaabbatu gochuu dha.

Oromoon hooggansa cimaa amanamaa baafatanii Kaayyoo ofii itt kennannatanii mamii malee gula haa dhiichanii. Maalu lagachuu manna hundatt qubaa dhahanii ilaaluu wayya

Shororkaan Bilxiginnaa fi abdattuu sirna nafxanyaan uumamee ture xumuramee boqonnaa haaraan jalqabamuuf kan ga’e fakkaataa. Kanneen yakka farra namummaa fi qaccefixiisa tolchan hundu yeroon itt gaafataman gahee jira. Haalli qabsoo ummatoota kan 1991 xumurameen walfakkaata. ABO fi ABUT ammayyu mootummaa Finfinnee qabatee jiruun wal mormaa jiru. Haalichi akaakuun adda addummaa qaba. ABOn ammas humai hidhate firoomsaan maaddhaa dha. Ammas riphee lolaa dha. Garuu dhaabi yeros ummata Oromoo wayyabaan hin beekamnee gara hundaan beekamee leellifamutt cehee jira. Bobbaanis Oromiyaa bakki inni hin geenye hin jiru. Duraan Bahaa fi Dhihatt daanga’amee ture. Amma Qeerroo fi Qeerrantii inni hiriirsuu danda’u lakkoofsa hin qabu jechuu dha. Dhalooti Oromoo si’anaa dhaloota Qubee kan akka qabsaawota duraanii holola halagaan sammuun dhiqamaa guddate mitii. Garu akkuma yerosii OPDOn gara halagaa goranii miidhaa iraan ga’an, Bilxiginnaa jedhamuun hardhas itt duula jiru. Jarri kun Oromummaa saanii gatuun saanii, Minilikiin faarsuu saanii irraa beekamuu danda’a. Garuu, galtuu of hin beeknee fi ofittoo walitt qabachuu danda’anuu garaa sabichaa hin seennee. Ofumaa dhama’u malee akkuma Jawar Mohammad jedhe nammi Oromo ganee darbeef hin jiru kan Oromoo ganee salphate malee jennee haa dhiifnu. Amaarri mootummichaan ala akka 1991 duraa dhaaba wallaba ta’e hin qabu. Amma kan jiran kan carraan saanii mootummaa waaltaan walitt hidhate. Haa tahu malee,harcaatuun sirna nafxanyaa Amaara ofiin jedhee, ajajaa ofi jalatt mootummaa waaltaa tumsee duulu waan haaraa dha. Kun hawwa mootummicha dhuunfatee sirna nafxanyaa fi nugusootaa deebisuuf qabuuf karaa saaqeefii jira. Federeeshina farratt fudhataa.

Teknolojiin addunyaa ergasii guddachuu fi saaqaa itt argachuun dargaggoo si’anaa carraa wayyaa qaba. ABUT dhaaba riphee lolaa utuu hin ta’in amma mootummaa dha. Yero ABOn diddaatt deebi’ee fi baqa irra ture, inni of gabbisaa ture. Loltuun saas Humna Itsa Tigray, qabsoon saas kan dhaaba tokko utuu hin ta’in, waraana ummataa ta’e jira. Humna mootummaan leenjifamee fi meeshaa gurguddaa hidhate. ABOn ammayyuu miseensotaa fi deggertootaan gargaaramaa qawwee abba abbaan baatuu hidhatee jira. Heerri empayeritt gara federaalummaatt ceesisuu yaale lamaaninuu akka leellott kan fudhatamuu dhaa. Lamaanuu eenyuu akka olhantummaa irratt qabaatu hin fudhatanii. Lamaanuu mirga sabootaa hiree ofii ofiin murteeffachuutt amanu. Lachanuu muuxannoon keessa darban jireenya egereef kan hedduu irraa barachuun danda’amuu. Badiisa darbe irraa barumsa isaan wal qoollifachiisu utuu hin ta’in kan isaan baraaru argachuu danda’u jedhamee abdatamaa.

Angoon karaa sirrii irraa nama mucuceessee, kalafataa taasisuu danda’a. Of eeggata akka ejjetantu irraa eegama. Hundi akka malbulcheessoott wanti raawwatan tolaas hamaas qabachuu saa arganii jiru. Hamaa saatiin ummati hagam akka gidirame arganiiruu. Kan argan kun hamaan lamuu ummata akka hin mudanne bu’uura seeran bulmaataa fi demokraasii buusuutu irraa eegama. Sun kutannoo hin daddaaqne dudhama warraaqaa agarsiisuu gaafata. Kanaaf, seenaan of mara jedhanii baaraguu hin barbaachisu; “Yoo ofii jette, yaa sogiddaa minyaawii, kana malee dhagaa dha jedhanii si gatu” sana ta’aa. Gamtaa qulqullooma garaa qabu, saboota, sabaawotaa fi ummatoota malee kan naannaa Gaanfa Afrikaa kanaa kophaa tasgabbii waaraa argamsiisuu danda’u hin jiru. Amma Tigaaruun hamaa olla deddeebi’ee irra ga’e jiiilanii jiru. Soda fi doorsisa alaa malee, bilisummaa fi gammachuun jiraachuu ummata saaniif iggitii barbaadu. Oromoon biyya ofii irratt abbaa biyyaa ta’ani bilisummaa fi gammachuun jiraachuuf kolonummaan akka itt hin deebine mirkaneeffachuu barbaadu. Fedhi ummatoota hacuuccaa Amaaraa jala turan hundu sanumaa. Kanaaf furmaati rakkina hundaa, mirga hire sabummaa ofii ofiin murteeffachuu fi hacuucamtooti Kaabaa, Kibbaa wal gargaaranii rakkin baroota hin yaadatamnee kaasanii itt fe’aman ofirraa darbani akka lamuu ol hin kaane awwaaluu dha.

Oromoo fi Tigaaruun hariiroo Itophiyaa waliin qaban adda ta’uyyuu hacuuccaa madda tokko burqe jala turanii. Kanaaf kaasaa walfakkaataa qabu. Itophiyaa kan afarsan maal jechuu saanii akka ta’e shakalaan muuxatanii jiru. Amalli uumaa saba lamaanii adda adda ta’uu danda’aa. Sana walii beekanii waliin dhiichuu kan dhowwu hin jiru. Lamaaniifuu nagaa fi fedhi ummata saanii wiirtuu qabsoo saaniitii. Kanneen kana irraa isaan hankaaksuu barbaadan walii tomsanii dura ijaajjuun ummatoota lamaaniifuu anja qaba. Kanaaf, Oromoon humna riphaa dhimma itt hin bahamin guddaa utuu qabanii, haala uumamuu danda’u kamuu sodaachuun dorgommee keessaa qollifachuun waan kolfaa ta’aa. Of baranii ijaaramanii argamnaan dorgommee lixuunis ba’uuni waan dhibu hin qabu. Tigaaruu fi Oromoon imaammata Bilxiginnaa sirna nafxanyaa Amaaraa wareegama meeqaan ofirraa darbatan deebisee itt fe’uu barbadee waraana irra jirra. Oromoo fi Tigaaruu feedhi saanii ifatt jiru hanga yoonaa tokko; nagaa, bilisummaa, walqixxumaa fi qajeeltuu barbaaduu. Afrikaanoti madda tokkoo hacuucammi isaan irra ga’aa turre fi ejjennoo walfakkaataa qaban wayyabaa. Kanaaf barsiifata dudhaa irra haananii, garaa qulqulluun bobbaanaan Godina isaanitt nagaa buusanii, akka olla gaariitt eenyummaa fi fedha walii, walii kabajchiisuu sirna danda’u diriirsuu wanti hin dandeenyeef hin jiru. Hawaasi empayerittii jala jiru funaansa hundaaf harka rukutu ta’ee jira. Kanneen fedha ummataaf of kennan, haalli akkasii jijjiiramee ummatoota ofiitt amanan maddi aangoo isaan akka ta’e beekan gochuuf hedduutu irraa eegamaa. Isaanis itt darbanii kan harka rukuchiisan ta’uu hin qabanii. Sodaa sirni darbe itt bulche irraa akka qulqullaawan ummatoota gargaaruu qabu.

Beekoti Oromo akka waldaa adda addaa qaban himamaa. Haala jijjiiramuuf ariifachaa jiru kana keessatt, tibba nagaaf waan godhamu qabu mari’atanii ejjennoo qabswota gargaaru lafa kaa’uutu irraa eegama. Tokkummaan Oromoo baanamu asii jalqabuu qaba. Tokkoomaniiyyuu hanqina seenaa irraa dhaalan heduu qabu. Keessaammoo kan diinagdee waan dhokatu mitii. Kanaaf beekumsa, qabeenyaa fi mala qaban hunda walitt cuunfun ammaa. Utuu ta’ee waldaan adda addaa walitt baqauun yeroo hatattamaa kanaaf wayyaa ture. Yoo hin danda’amnes walitt dhufanii hojii hirmachuu dha. Dhoofsisootaa fi jiruun malbeeekii hedduun gaggeeffamuuf adeemu. Qabsaawota gorsuuf haa ta’uu karaa demokratawaa fi qajeeltuu ta’e akka qabatan dhiibbaa gochuuf qophaawuu qabu. Diinagdeen fi hawaasommi keenya maal fakkaachuuf adeema? Caasaan mootummaa fakmishoo/modela kam hordofu qaba? Sirni Gadaa akkamitt nu maskuu danda’a? Gaaffotii kun kanneen deebisamu qaban keessa hanga tokko. Kun haala dhalatu keessatt muudamuuf kan gaggaban utuu hin ta’in jaalbiyyummaan gumaacha tolchan ta’uu qaba. Qabsaawota saboota biraa hiree murteeffannaatt amananis quunnamanii yabboo irratt mari’atan uumuun amma. ABOn rakkoo nafxanyaa jalaa bahuuf bara Dargi qabsaawota Kibbaa waliin Qasoo Waraaqumaa Cunqurfamoota Itophiyaa (Icaat) dhaabee ture. Akeeki sanaa keessa deebi’amee yoo laalame dansa. Waldaan Maccaa fi Tuulama akeeka sana tajaajilee ture. Yaada beekumsa irratt hundaawe garaa qulqulluun dhihate hundaaf bu’aa qaba. Waan barbaadnu fi karaa itt argannu mamii malee lafa kaa’uu qabnaa. Firris hamajaajiinis, waan barbaadan beekuu yoo jedhu, afaan tokkoon eeyyee kana, kana jechuu yoo dandeenye amantee horannaa.

Seenaan, WBOtt abbaawummaa fi itgafatama guddaa kennaa jira. Mootummaa Bilxiginnaa kuffisanii kan injifannoon bahan keessaa tokko ta’uuf adeema. Kanaaf Oromiyaa magaalaa mummeen saa Finfinnee ta’e akka haaraatt ijaaruuf qaama Oromo wallaba, isa jalqabaa ta’a. Finfinneen moora loltuu Minilik kan turte amma magaalaa saboota, sabaawotaa fi ummatoota akkasumas nambiyyooti sabgidduu keessa jiraataniitii. Addunyaa keessa magaaloti akkasii hedduu dhaa, akka fakkeenyaatt New York yk magaalota tajaajila sabgidduu kennnan biraa fudhachuu dandeenya. Hariiroon finnaa keessa jiratuun qabaatu ifatt lafa taa’uu qaba. Magaalotii akkasii Chartera qabu. Humni isaan qabaatan kan finnichi tumeef ta’aa. Yoo Oromiyaan ummatoota biran federeeshinan itt fufti ta’ee, qunnamtiin saanii akkam ta’aa? Mirgaa fi dirqama Waajjiri Federeeshinicha Oromiyaa/ Finfinnee waliin qabaatu kontrata Oromiyaa waliin mallatteessaniin murtaawaa. Oromiyaan yeroo jalqabaaf caasaa kolonummaa keessaa qulqullawe qabaattii. Lafti Oromiyaa kan ummata Oromo ta’uun seeraan mirkaneeffamatu

eegama. Akki itt qabamu, qabaatamu fi dabarfamu akka ummatichi irratt walii galett ta’aatu abdatama. Kanaaf wanti amma diriirsuuf deemamu kan akeeka Gadaa calaqisu, mirgoota sabichaa fi qajeeltuutt iggiti tolchu ta’uu mirkaneessuu dha. Oromiyaan haa jiraattu!